Adeemsa Dhagaya Dhimma Yakkaa Keessatti Hafiinsa Himatamaafi Tarkaanfiiwwan Fudhatamuu Danda’an Ilaalchisee Murtiilee Dirqisiisoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin Kennaman
=======//=======//=======//==
1👉Adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti tarkaanfilee manneen murtii fudhachuu danada’an ilaalchisee Dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtiilee garaagaraa kan kenne yammuu ta’u, isaan keessaa kan jalqabaa murtii dhaddachichi dhaddacha gaafa 10/09/2004 ooleen #Lakk_Ga_76909_ta'e (Jildii #13ffaa) irratti kennedha. Bu’uura murtii kanaatiin, adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti ragaan namaa abbaa alangaafi himatamaa erga dhagahamee xumuramee booda guyyaa galmeen murtii kennuuf bule irratti himatamaan beellama isaa kabajee dhiyaachuu dhiisee yoo hafe manni murtii #bakka_himatamaan_hin_jirretti ilaalee murtii balleessummaafi adabbii kennuu qaba malee eeguu hin qabu, guyyaa yaadni adabbii dhiyaachuu qabutti himatamaan beellama irraa hafee murtiin adabbii waan kennameef qofa dhimmichi bakka hin jirretti ilaalame hin jechisiisu jechuun Heera Mootummaa FDRI kwt 20(4) fi tumaalee seera deemsa falmii yakkaa adda addaa bu’uura godhachuun xiinxaleera.

2👉Dhimmi kan biroon murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 22/01/2010 ooleen #Lakk.Ga.127313 (Jildii
#22ffaa) ta’e irratti kenname yammuu ta’u, dhimma kana keessatti immoo dhaddachichi; himatamaan guyyaa ragaan abbaa alangaa dhagahamu dhiyaatee, dhaggeeffatee, gaaffii qaxxaamuraa gaafatee, ragaa ittisaa dhiyeeffadhu jedhamee guyyaa beellamame irratti beellama irraa yoo bade manni murtii bakka inni hin jirretti itti fufee ragaa madaalee murtii kennuu qaba jedheera. Dhimma kana keessatti ragaa ittisaa eeguuf beellamni irra deddeebiidhaan kennamaa turuus ibseera.

3👉Kana malees, dhaddachichi murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 30/05/2014 ooleen Galmee Lakk. 211518 ta'e irratti ( kan hin maxxanfamne) kenneen; Ragaan abbaa alangaa dhagahamee, guyyaa dhimmichi qoratamee jal-murtiin kennamuuf beellamametti himata
maan beellamarra hafees taanan.
https://t.me/http_Ijooseeraa