Forwarded from Desalegn B. (Desalegn B.)
Beeksisa MMWOtiin Bahe

=========

Beeksisa Dorgommii Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa
(Leenjii Kan galuu barbaaduuf)

Desalegn B.
#Murtiile_DHIMMWF_fi_Waliigaltee_Qabeenya_hin_sochoone_irratti_taasifamu
✍️dhaddachi ijibbaata MMWF jildii 23 ffaa Lakk Galmee 153664 irratti namni tokko qabeenya hin sochoone dhaaltota keessa isa tokko qofa waliin Waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa raawwate qaama Angoo qabu biratti yoo hin galmoofnee Raawwatiinsa hin qabu.

✍️waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa yeroo diigamu immoo himata biraa dhiyeesuun osoo hin barbaachifne namni maallaqa  sababa waliigalteetiin  fudhate maallaqa kana nama kafaleef deebisuuf dirqama qaba.jechuun mirtii dirqisiisaa kennee jira.

✍️dhaddachi ijibbaataa MMWF jildii 22ffaa Lakk Galmee 123761 irratti Namni tokko qabeenya mana waliigalteedhan bitee manicha kana Aangoo Qaama sadaffaatti dabarsuuf bakka bu’iinsa fi sanadoota Manicha ilaallatan gurguraa irraa fudhatuus waliigatichi qaama Aangoo qabu birati yoo hin galmoofnee (hin mirkanoofne) ta’ee fi manichii qaama sadaffaatii (bitaa 2ffaa ttii ) yoo darbee waliigaltee bittaa fi gurgurtaa fi Aangoo bakka bu’iinsa isaa waliigaltee qaama 3ffaa waliin raawatamee mormuuf  akka ragaatti dhiyeesu hin danda’u jechuu murtii dirqisiisaa kennee  jira.

✍️dhaddacha ijibbaataa MMWF jildii 8ffaa Lakk Galmee 39803 irratti S/H/H keewata 1723 (1) jalatti waliigalteen qabeenyaa hin sochoone ilaallatan Qaama waliigaltee galmeessuuf(mirkaneessuuf) Aangoo qabu fuula duratti yoo hin taasifamne fudhatama akka hin qabne ibsa. Karaa biraan immoo kennaan (donation) qabeenya hin sochoone immoo bu’uura keewata 1723 (1) ta’uu akka qabuu keewata 2443 ta’e 881 jalati hin ibsamne.

✍️keewatni 1723 (1) waliigaltee akka waliigalaatti kan ilaallatu yoo ta’uu keewatni 2443 fi 881 immoo seera addaa (special laws) kennaa (donation) ilaallatanidha. Kanaaf waliigaltee kennaa (donation) qabeenya hin sochoone bu’uura keewatni 1723(1) ajajun qaama waliigaltee Raawachiisuuf Angoo qabu fuuldurati raawatamu baatus waliigaltichi kan raga’eedha jechuun murtii dirqisiisaa kennee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Akkaataa Seera Maatii Oromiyaa Labsii Lkk 69/95 kwt 74(2)tiin Qabeenyi Bittaa Gurgurtaa Qabeenya Dhuunfaa Irraa Argameedha Jedhamee Mana Murtiitti Galmaa’uu Qabu Mallaqa Dheedhii ykn Qarshii Nidabalataa?
==================================
Seera Maatii Oromiyaa (SMO) kwt 73 fi 74, Hiikkoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWF glm Lkk 221394 ta’erratti kenname (kan hinmaxxanfamne)
=================
Raawwii gaa’elaan dura qabeenyi abbaan warraa ykn haati warraa dhuunfatti qaban ykn gaa’ela keessatti dhaalaan ykn kennaan dhuunfatti argatan ulaagaa biroo ykn haalduree biroo otuu hinbarbaachisin turtii gaa’ilaa keessattis kanuma dhuunfaa ta’ee kan ittifufu akka ta’e SMO kwt 73 jalatti tumamee jira.
Bu’ura kanaan yeroo diiggaa gaa’elaa hordofee falmii qooda qabeenyaa ka’etti gareen qabeenyichi kan dhuunfaa kooti jedhu haaluma olitti ibsaman kana hubachiisuun qooda qabeenya waliinii keessaa baasifachuu akka danda’u tumaalee seerichaa kwt 72, 73 fi 112 fi 113 walitti dubbisuun hubachuun nidanda’ama.
Gama biraan qabeenyi haala olitti ibsameen gaa’elaan dura kan dhuunfaa ture gaa’ela keessatti gurguramuun qabeenyi biroo kan ittiin horatame ykn bitame yoo ta’e qabeenyi haaraa bitame falmiin diiggaa gaa’elaa otuu hinka’in dura bittaa fi gurgurtaa qabeenya dhuunfaatiin kan argamee fi qabeenya dhuunfaati akka jedhamuuf mana murtiitti akkaataa seericha kwt 74(2)tiin yoo galmaa’uu malee qabeenya waliinii akka ta’us kwt 74 (2) jalatti ifaan tumamee argama.
Kana jechuun qabeenyichi kan dhuunfaa ta’uu hubachiisuun kan danda’amu mana murtiitti galmaa’uu isaa murtii galmee mana Murtii dhiyeessuu qofaan ta’a jechuudha.
Kanaan walqabatee qabeenya dhuunfaa gaa’ela keessatti bittaa fi gurgurtaan jijjiirameedha jedhamee akkaataa SMO kwt 74(2)tiin galmaa’uu kan qabu qabeenya bifaan bitame ykn jijjiirame qofa moo mallaqa dheedhii gurgurtaa qabeenya dhuunfaa irraa gaa’ela keessatti argames nidabalata, kan jedhu hiikkoo waan barbaaduuf Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee Lkk olitti caqafame irratti hiikkoo haaraa sagalee caalmaan kennee jira.
Haaluma kanaan qarshiin 6,915,555.84 dhimmicha keessatti falmiif sababa ta’e kan iyyataan dhuunfaan mana waliin haadha warraa duraa yeroo walhiikan gahee isaa irraa qoodamuun gaa’ela waamamtuu ammaa keessatti gurgurtaa caalbaasii raawwatame irraa argate waan ta’e akkaataa seericha kwt 74(2) jalatti bittaa fi gurgurtaa qabeenya dhuunfaa irraa kan argame jedhamee galmaa’uu kan dirqamuu miti jechuun murtii Dhaddacha Ijbta naannichaa dabalatee manneen Murtii naannoo Oromiyaa sadarkaan jiran mallaqichi akkaataa kwt 74(2) waan hingalmoofneef kan waliiniiti jechuun kennan diiguun murteessee jira.
Sagaleen addaa namni tokko garuu kwt 74(2) SMO jalatti akka galmaa’u kan gaafatame qabeenya dhuunfaa gaa’ela dura ture ta’ee gaa’ela keessatti bittaa fi gurgurtaan jijjiirame hunda kan hammatu ta’uu fi mallaqni falmii kaases qabeenya gurgurtaa mana gaa’ela dura iyyataan qabu irraa argame ta’uun mirkanaa’ee bakka jirutti akkaataa kwt 74(2) galmaa’uu qaba jechuun murtiin Manneen Murtii Naannichaa kennan dogongora kan qabuu miti jedheera.
Tumaa seerichaa kwt 73 fi 74 waliin yemmuu ilaalamus qabeenyi gaa’ela dura ture mana jireenyaa ta’uu fi Innis gaa’ela waamamtuu keessatti gurguramee mallaqni ittiin gurgurame Lkk herreega iyyataatiin baankii olkaa’amee kan argame ta’uun mirkanaa’ee bakka jirutti tumaan seericha kwt 74(2) hinilaallatu jedhamuun hiikkoon sagalee caalmaan kenname ammas dhama qabeessummaan isaa falmii cimaa kan affeerudha.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Darbiinsa Yeroo Raawwii Murtii; Murtii Tokko Mana Guyyaa Kennamee Kaasee Yeroo Hangamii Keessatti Raawwiif Dhiyaachuu Qaba?
==================================
Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH) kwt 384 fi Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa glm Lkk 35018 ta’erratti gaafa 18/02/2001 kennamuun Jld 8ffaa keessatti maxxanfame
=================
Namni beela bahuuf haalli addaa fi amalli addaa yoo jiraate malee miidhaan nyaachuu akka isa barbaachisu Saayinsiin fayyaa kan ibsu yoo ta’u irraa caalaa fi baratamaanis bilcheeffatanii nyaachutu gorfama. Otuu hinbolchiissin fayyaa namaafis ta’ee pyscho namaafis hintolu.
Haaluma kanaan midhaan bilcheeffachuu qofa otuu hintaane kan bilchaate yeroodhaan myaatamuu baannaan ammas summi’aayuu ykn faayidaan ta’uun isaa beekamaadha.
Namni haqni ykn mirgi ykn dantaan isaa jalaa tuqame iyyannoo ykn hamannaa isaa qaama abbaa seerummaa , yeroo hedduu Mana Murtiitti , qabutti dhiyeeffatee kabachiifachuu kan qabu yoo ta’u kanas daangaa yeroo seeraan ibsame ykn hiikkoo seeraan kennameen ibsame keessatti fayyadamuu yoo hafe mirgi isaa kan daangeffamu akka ta’e beekamaadha.
Akkasumas murteessifachuu qofa otuu hintaane waan murtaa’eef yeroodhaan hordofatee raawwachiifachuunis barbaachisaa akka ta’e duraanii hubachuun miidhaa irraa nama oolchaa.
Jecha biraatiin akkuma nyaanni bilchaate yeroodhaan nyaatamuu yoo baate faayidaan ala ta’uu danda’u murtiin tokkos yeroodhaan raawwiif yoo dhiyaachuu baate daangaa yeroon daangeffama. Kunis SDFHH kwt 384 jalatti galmeen raawwii murtii altokko baname sababa adda addaan giddutti yoo cufames hanga waggaa 10 giddutti deebi’ee socho’uu akka danda’u tumamee kan jiru yoo ta’u abbaan mirgi murtaa’eef yeroo waggaa 10 keessatti akka fedhe galmee raawwii sochoofachuun raawwachiifachuu akka danda’u kan agarsiisudha.
Haata’u malee guyyaa murtiin kenname ykn nyaatichi bilchaatee irraa kaasee waggaa 10 keessatti murtiin raawwiif yoo dhiyaachuu baate darbiinsa yeroo waggaa 10n kan daangeffamu akka ta’u Dhaddachi Ijbta MMWF SDFHH kwt 384 caqasuun galmee Lkk 35018 ta’erratti murtii gaafa 18/02/2001 kennaan hiikkoo dirqisiisaa kennuun Jld 8ffaa keessatti maxxanfamee argama.
Kanaaf, namoonni mana murtiitti waa isiniif murtaa’e ykn fira ykn hiriyaa murtaa’eef qabdan yeroo barbaanne raawwachiifanna jettanii  nyaata bilchaate ol hinkaahinaa dafaa raawwachiifadhaa, akka yeroodhaan raawwachiifatan hubachiisaa.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
BAKKA BU’UMMAAN MIRGA KABACHIISUU SEEROTA ILAALLATAN MURAASA
1ffaa SDFHH kwt. 38(1)  tiin bakka kan bu’uu danda’u nama faayidaa wal fakkaatu qabuu ( similar interest) dha. Bakka bu’ummaadhaan falmuuf haayyama mana murtii akka barbaadu dha seerichi kan tumee jiru. Bakka bu’ummaan asitti waajjira rogummaa qabu bira deemuun waliif kennan hin jiru jechuu dhaa? Moo fedhii miseensootaa bakka bu’anii haa falman jedhu mallatteessisuu qofaan ta’a? waanti hubatamuu qabu garuu namni bakka bu’u sunis dhimmicha keessaa dantaa kan qabu ta’uu qaba. Imaammanni tumaa kana duuba jiru dhamaatii fi baasii qusachuuf ta’uutu hubatama. Dantaa waloo kabachiisuuf himachuu fi himatamuu ittiin danda’u jechuu dha. Namni fedhii isaa haala kanaan kenne falmicha keessa seenee falmuuf akka haayyamamuufis gaafachuu danda’a. (SDFHH kwt 38(2) ilaallata. Heerri Mootummaa Kwt 37(2)(B) jalatti namni kamuu dantaa waliinii ykn wal fakkaataa garee inni keessaa qabu kabachiisuuf bakka bu’ee himannaa hundeessuu ykn falmuu akka danda’u tumameera.
FKN'f Qabiiyyee Lafa baadiyyaa waloodhaan dheedichaaf namoonni qaban irratti mirga itti fayyadamuu isaanii kabachiisuuf haala kanaan wal bakka buusuu danda’uu? Beenyaa gaafachuufoo haaluma kanaan wal bakka buusu moo waajjjira AA ykn dhaabbata rogummaa qabu kan biraa bira deemuun waliif kennuu qabu jettu? Bakka bu’ummaan akkasii bu’uura labsii lakk 922/2008 tiin dirqama galmaahuu hin qabuu?

HARKA QALLEEYYII BAKKA BU’UU

Labsiin Bulchiinsaa fi Itti fayyadamni Lafa baadiyyaa Federaalaa lakk 1324/2016 kw 41 jalatti dhaabbileen dhimmoota dubartii fi daaímmanii mirga lafa qabiiyyee dubartiin hiyyeessa taate qabdu fi kanneen biroo deeggarsi isaan barbaachisu kabachiisuuf bakka buutee himannaa mana murtiitti dhiyeessuufii akka dandeessuuf tumameera. Labsii naannoo lakk 214/2011 kwt 40 dabalataan deeggarsi gama Waajjira AA tiin taasifamu fi bakka bu'anii falmuu dandeessisu diriiree ittis hojjatamaa jira.

MIRGA NAMOOMAATIIN WAL QABATEE BAKKA BU’UMMAAN FALMUU
Labsii Mana Murtii Federaalaa hundeessuuf bahe lakk 1234/2013 keessattis Kwt 11(3, 4, 5)
Nama dantaa ykn mirga qabu qofa osoo hin taane nama dhimmicha dhiyeessuuf sababa qabu fkn, dhaabbilee rogummaa qaban kaayyoo hundeeffamaniin wal qabatu yoo ta’e mirga bu’uuraa heera mootummaatiin eegumsi taasifameef akka kabajamu bakka bu’anii himannaa dhiyeessuu danda’u. keessattuu kwt xiqqaa 4 jalatti (Any person who has vested interest or sufficient reason may institute a suit before the Federal High Court to protect the rights of his own or others) jechuun tumameera.
Labsii eegumsa naannootiin wal qabatees mirga namni kamiyyuu mirga himannaa dhiyeessuu danda’u tumameera. (any one can bring a law suit ( Proc. No.300/2002 art. 11) ilaallata.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Baayyina:100
Muuxannoo:0 year
Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

👉 Sadarkaa barnootaa Digirii
👉Gosa barnootaa: Seera
👉 Eebbifamtoota bara 2016 as xumurani + Exit Exam pass
Galmeen:19-30/12/2017
Bakki Galmee: Waajjiraalee Abbaa Alangaa Godinaa fii Bulchiinsa Magaalotaatti galmaa'uu dandeessu.
𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗠𝗮𝗿𝗲𝗲 F𝗲𝗱𝗲𝗿𝗲𝗲𝘀𝗵𝗶𝗻𝗶𝗶
✍️ Daldalaan tokko Hayyama daldalaa Naannoo biroo qabatee Naannoo biroo keessatti Bittaa raawwachuu danda'aa?
=============================
Murtii Mana Maree federeeshinii Gal.Lakk. 66/11 ta'e irratti kenname.
Daldaalaan tokko Hayyama daldalaa Naannoo tokko irraa fudhate qabatee Naannoo biroo keessatti osoo hayyama Naannichaa hin qabaatiin bittaa raawwate jedhamee yakkan kan hin gaafatamne ta'uu; Heera Mootummaa Federaalaa Ripaablikaa Itoophiyaa kew.22 fi 32 waliin wal qabsiisuun murtii kennee ture.
Murtii isaa kana keessatti Daldalaan tokko Naannoo hojii daldala itti hojjechuuf jedhu keessaa Damee baanuuf yoo ta'e qofa waajjira dhimmi ilaalu biraatti hayyama daldalaa fi TIN qabatee argamuun beeksisuu qabu jechuun murtii kenneera.
Join ➤ https://t.me/binimoslawyer
𝐇𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐀𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐚𝐚𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐇𝐚𝐲𝐲𝐚𝐦𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐚𝐭𝐮

🔰Adeemsa gabaabaan yeroo himanni dhiyaatu himatamaan ittisa yoo qabaate deebii dhiyeefatee falmachuuf akka manni murtii isaaf hayyamuuf iyyata isaa kakuun deeggaruun mana murtiiti dhiyeeffachuu qaba.

Himatamaan dhimmicha mormuuf ittisa gahaa akka qabu ibsuu bira darbee himannaa dhiyaateef itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi dhimmichi fudhatama akka hin qabne ragaa sanadaa fi kan birootis qabaachuu isaa akkaasumaas sababoota dhimmichi fudhatama hin qabneef iyyata isaa keessatti ifatti ibsuu qaba.

Kunis manni murtichaa ittisaa fi ragaan dhiyaatu gara falmii dhimmaati seenuuf gahaa ta’uu fi dhiisuu isaa salphaatti akka madaaluuf ni gargaara.

Adeemsa gabaaban himanni yeroo dhiyaatu himatamaan deebii akka dhiyeefatu manni murtii yoo hayyameef himatamaan himanna dhiyaateef itti gaafatamummaa qabaachuu fi dhabuun kan beekkamu manni murtii gara falmii idileeti seenun bitaa fi mirga falmisiisuun ragaa bitaa fi mirgaa erga madaalee booda.

Sadarkaa iyyata hayyamsiisaa dhiyaate irratti manni murtii kan ilaalu ittisni himatamaan dhiyeefatee fi ragaan ibsame gara falmii haadhooti seenuuf gahaa tahuu fi dhabuu isaa qofa.
https://t.me/http_Ijooseeraa