Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Olka M Law office
#Murtiilee Dh.Ij.MMWO:
1️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa MMWO Lakk.Galmee 375917 ta'e irratti "Meeshaa Waraanaa Bireenii walfakkaataa lamaa fi isaa ol namni harkatti qabame Meeshaalee Waraanaa heddummina qabu qabatee argamuun kan gaafatamu ta'uu" Labsii Meeshaa Waraanaa Bulchuu Fi To'achuuf Bahe Lakk.1178/2012 keewwata 2(10) Fi 22(3) wal qabsiisuun Jildii 10ffaa irratti hiikoo seeraa kennee ture.
2️⃣.#Dhaddachi Ijibbaataa MMWO Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 376946 ta'e irratti" Rasaasni akka Meeshaa waraanaatti kan lakkaa'amu ta'ullee Rasaasni walfakkaataan lamaa fi isaa ol harka himatamaatti qabamu illee Sababa walfakkaataa ta'eef,akka Meeshaa Waraanaa heddummina qabutti kan hin lakkaa'amee ta'uu" Labsii Bulchiinsaa fi To'annoo Meeshaa Waraanaa Lakk.1177/2012 keewwata 4(1) fi 22(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo seeraa dirqisiisaa kennee ture.
#Murtiilee dhama qabeessa.
👉credit to mahammad nuuree

#URGENT
📌Dhimma yakkaa ilaalchisee akkaataa dhihaatinsaa fi madaallii ragaa irratti murtiilee dhaddacha ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa fi naannoo oromiyaatin kennamme hunda isaa hammatee ibsa bal'aa waliin bifa pdf ttiin barreefamaa gabaaba qophaa’e fi akkaan barsiisaa ta'e dha
📌Barreefamni kun dhimma yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti dhiyaatuu fi madaalamu irratti murtiilee dhaddacha ijibaataa MMWFDI hunda isaa fi kan MMWODH dabalatee ibsa bal'aa waliin waan qophaa’e jiruuf dhimma yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti madaalamu irratti hubannoo gaha uumun rakkoolee sirna haqa yakkaa gama kanaan mul’atan furuuf kan qophaa’e waan taheef itti goraa dubbisaa hubannoo gaha irraa argadha kanneen birootifis share godha
📌Dabalataan Ogeeyyiin seeraa keenya fuula hubannoo seeraa MH qabdan kamiyyuu share akka gotan kabajaan isin gaafanna
📌Qopheessaan Muussaa Haashim Muussaa
https://t.me/musalawyer

#Dhimma_yakkaa ilaalchisee akkaataa dhihaatinsaa fi madaallii ragaa irratti murtiilee dhaddacha ijibaataa mana murtii waliigala Federaalaa fi Oromiyaatin kennaman.
👉Ragaa sirnaan qorachuuf madaaluu dhabuudhaan nama balleessaa ta’uu malu gadhiisuu ykn nama qulqulluu ta’e immoo adabuun amantaa hawaasni bulchiinsa sirna haqa yakkaa irraa qabu kan miidhuu fi akkasumaas mirga haqa argachuu ummata keenya kan sarbu waan taheef barreefama kana gadi fageenyaan itti yaade mata dure kanaratti murtiilee dhaddacha ijibaataa irratti dabalataan ibsa bal’aa waliin qopheesinee jira.
👉Barreefamni kun dhimma yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti dhihaatuu fi madaalamu irratti murtiilee dhaddacha ijibaataa mana murtii waliigala fedeeralaa hunda isaa fi kan mana murtii waliigalaa naannoo oromiyaa dhaddacha ijibaataatis dabalatee ibsa bal’aa waliin waan qopha’ee jiruuf dhimmaa yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti madaalamu irratti hubannoo gahaa uumuun rakkoolee sirna haqa yakkaa gama ragaa dhimma yakkaa madaaluu irratti mul’ataan furuuf kan qophaa’e waan taheef itti goraa dubbisaa hubannoo gahaa irraa argadhaa.
💟Ulaagaalee raawwii yakkaa (Elements of criminal liability) yokiin haldureewwan yakka hundeessan kan seera yakkaa keewwata 23 jalatti tumame keessaa kutaan yaadaa kan mirkanaa’u haala raawwii gocha yakka bu’ura godhachuun tahuu isaa (#Jildii 7ffaa lakk G.22069)
Haldureewwan yakka hundeessan keessaa kutaan yaada ulaagaa jabaa dha kunis namni tokko yakka raawwate jechuun kan gaafatamu kutaan yaada isaa jechuunis yakkicha itti yaaduun yokiin dagannoodhan raawwachuun isaa yoo mirkanaa’e qofa
Wanta ilmi nama sammuu isaa keessatti yaadu rabbi tokkicha qofaatu beeka waan taheef himatamaan yakka ittin himatame itti yaade raawwachuu fi dhabuun isaa kan mirkanaa’u haala raawwii gocha yakkaa himatamaan ittin himatame, akkaataa himatamaan yakkicha itti raawwatee fi akkasumaas dhimmoota raawwii yakkaa waliin walqabatan hunda isaa ilaaluu fi xinxaaluudhani
Forwarded from Jemal Kumbi
አካለ መጠን ላልደረሰ ልጅ ሐላፊነ=======

በቅድሚያ አንድ ነጥብ ግለፅ አናድርግ በፍትሐብሔር ህግ ቁጥር 2124 መሠረት አካለመጠን ያልደረሰ ልጅ ሀላፈነትን የሚያስከትል ሥራ የሰራ እንደሆነ በፍትሐብሔር በኩል ለተሠራው ሥራ አላፊ የሚሆነው አባት ነው በማለት ቅድሚያ አባትን ያስቀምጠዋል፡፡ ለዚህ የሚሰጠው ምክንያት አባት የቤተሰብ አስተዳዳሪ መሆኑ ነው፡፡ ይህ ግን የኢፌዳሪ ህግ መንግስትንም ሆነ አዲሱን የተሻሻሉ የቤተሰብ ህጐችን የሚፃረር ነው፡፡ ለምሳሌ በኢፌዳሪ ህግ መንግስት አንቀፅ 34 /1/ መሠረት ባል አና ሚስት በጋብቻ ዘመን እኩል መብት ሲኖራቸው በተሻሻለው የቤተሰብ ህግ አንቀፅ 5ዐ መሠረት በቤተሰብ አመራር ረገድ ባልና ሚስት እኩል መብት አላቸው፡፡ ይህም በመሆኑ ባልና ሚስት ልጆቻቸው በመልካም ስነምግባር እንዲታነፁ ተገቢ ትምህርት እንዲቀስሙና ኃላፊነት የሚሰማቸው ዜጐች ሆነው እንዲያድጐ ለማድረግ መጣር አለባቸው፡፡

ስለሆነም አካለመጠን ያልደረሰ ልጅ ሀላፊ በሚሆንበት ጊዜ አባትና እናት እኩል ሀላፊ መሆን አለባቸው እንጂ በመጀመሪያ ደረጃ አባት በሁለተኛ ደረጃ እናት መሆን የለባቸውም፡፡ ስለዚህ ይህ የፍትሐብሔር ህግ ቁጥር ከኢፌዲሪ ሕገ መንግስትና ከተሻሻሉት የቤተሰብ ሕጐች አንፃር መቃኘት አለበት፡፡

ለአካለመጠን ያልደረሰ ልጅ ሀላፊ መሆንን በሚመለከት የኮመን ሎው አገሮችና የሲቪል ሎው አገሮች የተለያዩ አቋም አላቸው፡፡ በኮመን ሎው አገሮች ለአካለመጠን ላልደረሰ ልጅ አባትን ወይም እናትን ሀላፊ ለማድረግ በአባት ወይም በእናት በኩል ጥፋት መኖሩን ማረጋገጥን ይጠይቃል፡፡ በሲቪል ሎው አገሮች ግን አካለመጠን ያልደረሰ ልጅ ድርጊት ጉዳት ካደረሰ በወላጆች ዘንድ ጥፋቱ እንዳለ ይገመታል፡፡ ይህ ግምት ግን በተቃራኒ ማስረጃ ሊፈርስ የሚችል ግምት /ribufuble/ ነው፡፡

በእኛ ህግ ግን ሁለቱም አቋም ያለ ይመስላል፡፡ በቁጥር 2124 ስር አባት ወይም በ2125 /1/ ስር እናትን ሀላፊ ለማድረግ ጥፋትን ማረጋገጥ አያሰፈልግም፡፡ በቁጥር 2ዐ52 መሠረት ግን ወላጅን ወይም ሌላ አካለመጠን ያልደረሰ ልጅ አሳዳሪነት ወይም ጠባቂነት የተሰጠውን ሰው ሀላፊ ለማድረግ ጥፋትን ማረጋገጥ ያስፈልጋል፡፡

ሌላው ግልፅ መሆን ያለበት ነጥብ ደግሞ ወላጆች ወይም ሌሎች በቁጥር 2125 የተጠቀሱት ሰዎችና አካላት ሀላፊነት የፍትሐብሔር ሀላፊነት ብቻ ነው፡፡ አካለመጠን ያልደረሰው ልጅ የወንጀል ድርጊት ቢፈፅምና ቢረጋገጥበት ከ9 ዓመት በላይ ከሆነ በወንጀል ድርጊት ተጠያቂነቱ ወደ ሌሎች ሰዎች አይተላለፍም፡፡ በመጨረሻም ቁጥር 2124 አስመልክቶ በፍትሐብሔር ህግ አማርኛውና እንግሊዝኛ መሃል ልዩነት አለ፡፡

አማርኛው ልጁ ሀላፊነትን የሚያስከትል ሥራ የሰራ እንደሆነ በማለት የልጁ ሀላፊነት ከሥራ የሚመነጭ መሆኑን ሲደነግግ እንግሊዝኛው ግን /Where his minor child incurs a liability/ ስለሚል የልጁ ሀላፊነት ወይ ልጁ ጥፋተኛ በመሆኑ ሊመነጭ ይችላል ወይም ጥፋት ሳይኖርበት ጉዳት የሚያደርሱ ነገሮች ባለቤት በመሆኑ ሊመነጭ ይችላል፡፡ ሌሎች ለልጁ ሀላፊ ተብለው በህግ ይገለፁ እንጂ ልጁም ከሀላፊነት አያድንም፡፡
#ጠበቃ_አደም_ሰይድ_ከማል
Forwarded from Jemal Kumbi
Waraqaa ragaa dhaaltummaa baafachuun qofaan darbiinsa yeroo mirga dhaalaa gaafachuu jalaa nama hinbaasu ========================
Dh, Ijbta MMWF glme Lkk, 243973 ( gaafa 06/02/2017)=========================
Kanaan dura Dh Ijbt MMWF hiikkoo dirqisiisaa galmeewwan adda addaa (205248, 44237, 38533 fi kkf) irratti kennee tureen dhaaltuun waraqaa ragaa dhaaltummaa fudhate yeroo barbaadetti dhaaltuu qabeenya dhaalaa harkaa qabu irratti himannaa dhiyeessuu kan danda’u ta’uu fi falmiin dhaaltota ragaa dhaaltummaa qaban giddutti ka’us falmii qooda qabeenyaa waan ta’eef darbiinsa yeroon kan hindaangofne akka ta’e murteessuun isaa nibeekama.
Amma garuu ejjannoo isaa jijjiiruun waraqaa ragaa dhaaltummaa qabachuun qofaa isaatti darbiinsa yeroo jalaa kan baasu akka hintaanee fi dhaaltuun waraqaa ragaa dhaaltummaa qofa baafatee otuu qabeenyatti hinfayyadamne dhaaltuu qabeenya dhaalaa harka qabu irratti himannaan waggaa sadii booda dhiyeessu akkaataa SHH kwt 1000(1) tiin waggaa aadiin akka daangeffamu murteessuun hiikkoo dirqisiisaa haaraa glme Lkk 243973 ta’erratti gaafa 06/02/2017 kennee jira. Hiikkoon dirqisiisaan kanaan dura galmeewwan adda addaa irratti ragaa dhaaltummaa qabaannaan darbiinsi yeroo akka hinjirretti kennee ture isa ammaa kanaan jijjiiruu isaatis ibsee jira.
Forwarded from Jemal Kumbi
Ragaa gareewwan falmii dhageessifatan hundumaa fi guutuu murtii keessatti caqasuun madaaluu dhiisuun dogongorri raawwatamu dogongora ijoo seeraa waan ta’eef Dh Ijbtn Ilaalamee kan sirraa’udha. ==================================
Hiikkoo duraan galmeewwan adda addaa irratti kenneen dabalata murtii haaraa Dh Ijbta MMWF glme lkk 247682 ta’erratti gaafa 05/02/1017 kenname ==================
Forwarded from Temesgen A.Lawyer
Murtiile DHIMMWF Waliigaltee Qabeenya hin sochoone ilaalchise kenne

👉dhaddachi ijibbaata MMWF jildii 23 ffaa Lakk Galmee 153664 irratti namni tokko qabeenya hin sochoone dhaaltota keessa isa tokko qofa waliin Waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa raawwate qaama Angoo qabu biratti yoo hin galmoofnee Raawwatiinsa hin qabu.waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa yeroo diigamu immoo himata biraa dhiyeesuun osoo hin barbaachifne namni maallaqa sababa waliigalteetiin fudhate maallaqa kana nama kafaleef deebisuuf dirqama qaba.jechuun mirtii dirqisiisaa kennee jira.

👉dhaddachi ijibbaataa MMWF jildii 22ffaa Lakk Galmee 123761 irratti Namni tokko qabeenya mana waliigalteedhan bitee manicha kana Aangoo Qaama sadaffaatti dabarsuuf bakka bu’iinsa fi sanadoota Manicha ilaallatan gurguraa irraa fudhatuus waliigatichi qaama Aangoo qabu birati yoo hin galmoofnee (hin mirkanoofne) ta’ee fi manichii qaama sadaffaatii (bitaa 2ffaa ttii ) yoo darbee waliigaltee bittaa fi gurgurtaa fi Aangoo bakka bu’iinsa isaa waliigaltee qaama 3ffaa waliin raawatamee mormuuf akka ragaatti dhiyeesu hin danda’u jechuu murtii dirqisiisaa kennee jira.

👉dhaddacha ijibbaataa MMWF jildii 8ffaa Lakk,Galmee 39803 irratti S/H/H keewata
1723 (1) jalatti waliigalteen qabeenyaa hin sochoone ilaallatan Qaama waliigaltee galmeessuuf(mirkaneessuuf) Aangoo qabu fuula duratti yoo hin taasifamne fudhatama akka hin qabne ibsa. Karaa biraan immoo kennaan (donation) qabeenya hin sochoone immoo bu’uura keewata 1723 (1) ta’uu akka qabuu keewata 2443 ta’e 881 jalati hin ibsamne. keewatni 1723 (1) waliigaltee akka waliigalaatti(general) kan ilaallatu yoo ta’uu keewatni 2443 fi 881 immoo seera addaa (special laws) kennaa (donation) ilaallatanidha. Kanaaf waliigaltee kennaa (donation) qabeenya hin sochoone bu’uura keewatni 1723(1) ajajun qaama waliigaltee Raawachiisuuf Angoo qabu fuuldurati raawatamu baatus waliigaltichi kan
raga’edha jechuun murtii dirqisiisaa kennee jira.
  BAGA ITTIIN ISIN GAHE 🕌
             ☆EID MUBAREK
Obboleeyyan Koo Hordoftootni amantii Islaamaa Addunyaa mara irra jirtan hundi baga Iid Al-Adha(Arafaa) bara 1446ffaa (AH) nagaan geessan. Ayyaanni kun kan milkii,kan jaalalaa fi gammaachu bakka jirtanitti isiinif ha ta'uu.
        IID MUBAARAK

ለመላው የእስልምና እምነት ተከታዮች እንኳን ለ1446ኛው ዓመተ-ሒጂራ የዒድ አል-አደሃ በዓል በሰላም አደረሳችሁ/አደረሰን።
       ዒድ ሙባረክ

🕋 🕌 I wish you all a very happy and peaceful Eid. May Allah S.W.T accept your good deeds, forgive your mistakes and ease the suffering of all people around the globe
         Eid al Adha Mubarak
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
#Himannaa_Fedhiin_Addaan_kutuu..
Himannaa fedhiin addaan kutuu fi  bu'aa isaa
DhIjMMWF LGMM 220782 ta'e irratti dhaddacha gaafa guyyaa 26/03/2015 ooleen murtii kenneen
"....Himataan himannaa dhiyeeffatee jiru hordofuuf ykn addaan kutuuf mirga guutuu ni qaba, himannaa isaa akka addaan hin kutne (hin kaafanne) dirqisiisuun hin danda'amu. Bu'aan himannaa addaan kutuus:- qaamni himannaa isaa gar tokko ykn guutumaan guutuutti addaan kute dhimma sana irratti himannaa haaraa hundeessuu hin danda'u (mirga himannaa haaraa hundeessuu isaa ni dhaba).
Dhimma gar tokkeen ykn guutumaan guutuutti adda cite sana irratti himannaa haaraa hundeessuuf, himatni sun hayyama Mana Murtiitiin kan addaan cite ta'uu qaba.
Kanaaf, himannaa hayyama Mana Murtii malee kan adda citu yoo ta'ee mirga himannaa haaraa dhiyeeffachuu nama ni dhabsiisa" jechuun SDFHH Kwt. 278(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee jira.
##Himannaa_Fedhiin_Addaan_kutuu..
Himannaa fedhiin addaan kutuu fi  bu'aa isaa
DhIjMMWF LGMM 220782 ta'e irratti dhaddacha gaafa guyyaa 26/03/2015 ooleen murtii kenneen
"....Himataan himannaa dhiyeeffatee jiru hordofuuf ykn addaan kutuuf mirga guutuu ni qaba, himannaa isaa akka addaan hin kutne (hin kaafanne) dirqisiisuun hin danda'amu. Bu'aan himannaa addaan kutuus:- qaamni himannaa isaa gar tokko ykn guutumaan guutuutti addaan kute dhimma sana irratti himannaa haaraa hundeessuu hin danda'u (mirga himannaa haaraa hundeessuu isaa ni dhaba).
Dhimma gar tokkeen ykn guutumaan guutuutti adda cite sana irratti himannaa haaraa hundeessuuf, himatni sun hayyama Mana Murtiitiin kan addaan cite ta'uu qaba.
Kanaaf, himannaa hayyama Mana Murtii malee kan adda citu yoo ta'ee mirga himannaa haaraa dhiyeeffachuu nama ni dhabsiisa" jechuun SDFHH Kwt. 278(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee jira.
#Galatoomaa Saadee Hero  follow godhaa hubannoo seeraa argadhaa.
https://t.me/http_Ijooseeraa
#Dhala_Seeraan_hin Hayyamamne (Araaxaa)
vs
Seeraa fi DhIjMMWF

Dhaabbileen xixiqqaan liqaa maallaqaa irratti hojjatanfi namni dhuunfaan himannaa yeroo dhiyeessan tokko tokko dhibbeentaa kudha sadi (13%) yoo gaafatan, kaan immoo 16%, kaan immoo 18%, kaan immoo 24% yommuu gaafatan ni mul'ata.
  Namni dhuunfaan tokko (Liqeessaan) qarshii 200 liqeeffataatti liqeessee liqeeffataan rakkina mataa isaatiif jedhee liqeeffachuu hubatee akka qarshii 3000 liqeessetti qarshii 3000 waliigaltee liqii qarshii waliif mallatteessuunis ni mul'ata.  Dhalli seeraan hayyamame dhibbeentaa sagal (9%) akka ta'e seera hariiroo hawaasaa irraa ni hubatama. Kunis kan kaffalamu waggaatti akka ta'e seera siivilii keewwatni 1751 jalatti ifatti tumameera.
Dhaabbatoota xixiqqaa liqaa qarshii irratti hojjatan wal qabatee hanga dhala isaanii Baankii Biyyoolessaa yeroo yeroon kan murteessu waan ta'eef, himannaan dhaabbileen kunneen dhiyeessan qajeelfama Baankiin Biyyoolessaa yeroo yeroon baasuu fi hanga dhalaa ittiin murteessu waliin akka ragaa barreeffamaatti wal qabachuu baannaan dhala seeraa (Legal interest rate) dhibbeentaa sagal (9%) seera siivilii irratti tumame murtaa'uu akka qabuudha.
#Dhalli seeraan hin hayyamamne araaxaadha, yakkaan nama gaafachiisa.
#Araaxaa:
seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 712(1) jalatti "Namni (nama dhuunfaas ta'e dhaabbanni) kamiyyuu rakkoo gadi aantummaa ykn rakkina maallaqaa ykn dadhabina yaadaa ykn muuxannoo ykn dandeettii dhabuu miidhamaa (Liqeeffataa) bu'uura godhachuun:
A) Dhala seeraan hayyamameen ol ta'een maallaqa kan liqeesseef yoo ta'e; ykn
B) Maallaqa liqeesseef waliin qabeenya ifatti wal madaalaa hin taane bakka isaa akka kennuuf kan taasise ykn waadaa Kan seensise yoo ta'e hidhaa salphaan ykn haala dubbichaatti hidhaa cimaa waggaa 5 (Shan) hin caallee fi adabbii maallaqaatiin adabama jechuun tumeera.
#DhIjMMWF Jildii 15ffaa LGMM 80119 ta'een "Namni tokko gocha yakka araaxaa raawwateera jechuun yakkaan itti gaafatamaa ta'uuf ulaagaa guutuu qabu, ji'aan dhibbeentaa kudhan(10%) dhalli shallagamaa akka kanfaluuf waliigaluun qarshii liqeessuun gocha yakka araaxaa raawwachuutiin kan gaafachiisu ta'uu" murtii kennee ture.
Seera adaba yakkaa bara 1949 bahe keewwatni 667(1) fooyya'ee seera yakkaa bara 1996 bahe kwt 712 tiin bakka bu'eera. Keewwattoonni lameenuu walfakkaatu.
#Himannaa keessatti seerummaa dhallii fi adabbiin yeroo tokko yoo gaafatame, dhallii fi adabbiin yeroo tokko hin murtaa'u. Adabbiin biraa dhiisuun dhala murteessuutu bu'uura seeraa qaba.
#DhIjMMWF Jildii 12ffaa LGMM 59882 ta'een "Seera hariiroo hawaasaa keewwata 2489 waliin xinxaluudhaan dhalaa fi adabbiin erga tokko gaafatameera yoo ta'e erga tokko murteessuu osoo hin taane, adabbii biraa dhiisuun dhala qofatti murtii kennuun deeggarsa seeraa qaba" jechuun murteessee ture.
#Dhalli seeraan alaafi dhala seerawaa dabalataan waliigalteen akka adabbiitti kanfalamuuf waliigalame diigamaa akka ta'e shh keewwattoota 2006(2), 2005(1), 2489 fi 1889 irraa ni hubatama. Dhalli seeraan alaa (Araaxaan) yakkaan nama gaafachiisa.
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
#DARBIINSA_YEROO DHAAMOO IRRATTI MORMII DHIYAATU
Darbiinsa yeroo dhaamoo irratti mormii dhiyeessuuf daangaa yeroo taa'e SHH kwt. 973 fi 974 jalatti tumameera. Fkn, namni tokko dhaamoo bu’uura gochuun kallattiidhaan Waraqaa Ragaa Dhaaltummaa (WRDH) fudhachuun qabeenya dhaalaa harka galfatee yoo jiraate, dhaaltuun dhugaa booda WRDh kun akka haqamuuf fi dhaaltummaan isaa akka mirkanaa’uuf gaafatu himannaa dhaaltummaati. Darbinsi yeroo raawwii qabus eenyummaa garee wal-falmu irratti hundaa’ee kwt 1000 fi kwt 1845 akka ta’edha.
Gama biraatiin, sirna qulqulleessuu keessa yeroo darbamutti dhaaltoonni ykn namoonni dhaaltoonni sirnaan bakka bu’an dhaamoon yeroo dubbifamuufitti dhaamoo waliigala isaa irratti, qabiiyyee dhaamoo keessaa tokkoo isaarratti mormi yoo qabaatan dhaamichi kufaa akka ta'uuf himannaa daangaa yeroo seerichaan kwt 973 fi 974 jalatti haala tumamee jiruun dhiyeessuu qabu. Kanaaf, dhaamoo bu’uura gochuun himannaan dhiyaatu himannaa dhaaltummas ta’uu danda’aa, himannaa mormii dhaamo irratti dhiyaatus ta’uu danda’a waan ta’eef dhimmoota adda baasuu danda’uun dirqama ta’a.
Akka seerichaatti dhaaltootni himannaa kana dhiyeessuuf duraan dursanii yammuu dhaamichi dubbifamu himannaa dhiyeessuuf yaada akka qaban guyyaa dhaamichi dubbifamee kaasee guyyaa 15 keessatti qulqulleessituu dhaalaatiif ykn MMtiif  barreeffamaan ibsuu qabu. Darbinsi yeroo guyyaa 15 jedhamee taa’e himannaa kan dhiyeessan ta’uu qulqulleessituu dhaalaatti beeksisuu dha malee himannaa dhiyeessuuf darbiinsa yeroo taa’e miti.
Ibsa dhiyeessuun qofti garuu dhaamicha kufaa hin godhu. Dhaamichi kufaa ta'u kan danda’u, dhaaltootni Mana Murtiitti himata dhiheeffatanii himannaan isaanii yoo fudhatama argate qofa dha. Darbiinsi yeroo himannaan kun itti dhiyaatu immoo guyyaa ibsi barreeffamaan dhiyaatee kaasee hanga ji’a sadiitti mana murtiiti dhiyaachuu qaba. 👇👇
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
219862 miidhaa qaamaa(seera yakkaa keewwta 555B fi 556).pdf
825.6 KB
Murtii DhIMMWF galmee lakk.isaa 219862  ta’e irraati gaafa 26/9/2014 kennameen “gocha reebichaa namni tokko nama biro irratti raawwateen midhaan qaamaa cabinsa lafee gahuun isaa mirkanaahee garu immoo lafeen cabee jiru sun kan fayyee jiru ta'un isaa yoo mirkanaahee murtiin balleessumaa kan kennamu qabu yakka midhaa qaamaa cimaan sykwt.555 jalati otoo hin taane yakka midhaa qaamaa salphaa sykwt.556(2) jalati dha.Yakka midhaa qaamaa cimaa raawwatamu irratti murtii balleessumaa kennuuf  xiyyeefannoon kan ilaalamu qabu hanga midhaa qaamaa yeroo gochi sun raawwatamu gahee jiru otoo hin taane sababa reebicha sanaan bu’aa midhaa qaamaa dhuma irratti gahu irratti hundaahun ta'u akka qabu.
ከባድ vs ቀላል የአካል ጉዳት
የሰ.መ.ቁ 219862 ግንቦት 26 ቀን 2014 ዓ/

አንድ ሰው በሌላ ሰው ላይ በፈፀመው የድብደባ ድርጊት የአጥንት ስብራት መድረሱ ቢረጋገጥና ቆይቶ ስብራቱ መዳኑ ቢረጋገጥ ጉዳት ያደረሰው ሰው ጥፋተኛ ሊባል የሚገባው በከባድ የአካል ጉዳት ማድረስ ወንጀል ሳይሆን በቀላል የአካል ጉዳት ማድረስ ወንጀል ነው።
በከባድ
የአካል ጉዳት ማድረስ ወንጀል ጥፋተኛ ለማለት ታሳቢ ሊደረግ የሚገባው ወንጀሉ ሲፈፀም የደረሰውን የጉዳት መጠን ሳይሆን በድብደባው ምክንያት የደረሰውን የመጨረሻ የጉዳት ውጤት ነው
👉DHIMMWF Lakk.Galmee 185700 irratti murtii gaafa 30/6/2013 ooleen ''Himatamaan miidhamaa wajjiin araaramuun ykn beenyaa kaffalluun akkasumaas himata irrattii dhiyaate waakkate falmachuun isaa adabbii irraattii kennaame akka irraa hin daangooyneef ykn daanga dhoorkisiisuuf sababa tahuu hin danda'u.
👉Adabbii himatamaa irraatti kenname akkaa irraa hin daangoofnee sababaa tahuu kan danda'u ulaagaalee Sy kew.194 jalaatti kennaman qofaadha'' kanaafuu hanga ulaagaan kew.194  jalaatti ibsamee guutame hin argamneetti manni murtii adabbii daangeessuu ni danda'a jechuun murtii mana murti jalaa cimsuun murtii kennee jira.
👉 Himatamaan miidhamaa waliin Araaramuun akkasumaas himata irrattii dhiiyatee amanuun madaalli adabbii daangeessuuf akka haaldureetti ta'an osoo hin ta'in amala himatamaan yakkicha irraa barachuu isaaf akka wabiitti itti fayyadamuuf malee adabbii daangeessuuf kan seerri ifaatti kaa'e miti  jechuun hikkoo dirqiisisa kennee.
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa

https://youtube.com/@getas_n?si=k9n4P6zo7bleGpDr
Mirga wabii akkaataa SDFY kwt 67n Dhoorkuun Ilaalchisee Murtii Haaraa Dh Ijbt MMWF kenne
========================================================
Glme Ijb Lkk 273594 ta’erratti murtii gaafa 29/02/2017 kennameen hiikkoo kanaan dura glme Lkk 269430 fi kanneen biroo irratti kenname waliin kan xiinxalamedha murtichi.
===========================
Akka qajeeltoo bu’uraatti namni kamiiyyuu akkaataa seera rogummaa qabuun ala qabamuu akka hindandeenyee fi himannaan otuu itti hindhiyaatin hidhamuu akka hinqabne heerri mootummaa Federaalaa fi kan Naannoo Oromiyaatis kwt 17(2) jalatti tumuudhan bilisummaa qaamaa dhala namaaf eegumsa godhee jira. Haaluma walfakkaatuun mirgi kun qaama seera biyya Itiyoophiyaa kan ta’e Waadaa Waliigaltee Idil-Adunyaa Siyaasaa fi Lammummaa kwt 9(1) jalattis Ifaa tumamee argama.
Kana malees namoonni yakkaan shakkaman ykn himataman haala addaa seeraan ifatti yoo shoorkame irraan kan hafe wabiin bahuuf mirga kan qaban ta’uunis akka qajeeltoo ijoo isa kan biraatti heerota olitti caqafaman kwt 19(6) jalatti ibsameera.
Gama biraan dhimma kana keessatti iyyataan yakka nama ukkaamsuutiin SY kwt 32(1(a)), 590(1(a) fi 2(c)) jalatti kan himatame yoo ta’u Manneen Murtii jalaa yakkicha raawwate kan jedhame uffata raayyaa ittisa biyyaa uffachuuni fi meeshaa waraanaa fayyadamuun haala raawwii yakkichaa ulfaataa kan taasisuu fi gara fuula duraa yoo itti ragamee fi balleessaa kan jedhamu ta’e adabbiin itti murtaa’uu danda’u ulfaataa ta’uu isaa waliin yemmuu ilaalamu iyyataan mirga wabiin yoo bahe nideebi’a jechuuf amansiisaa miti jedhanii mirga wabiii iyyataa kufaa godhanii jiru.
Dh, Ijbt gama isaan yakki iyyataan ittiin himatame hanga hidhaa waggaa 15tti kan adabsiisuu danda’u waan ta’eef mirga wabii kan hindhiorkisiifne ta’uun isaa ifadha. Kun eega ta’e immoo mirgi wabii iyyataa haalonni addaa mirga wabii SDFY kwt 67 jalatti tarreeffaman jiraachuu yoo mirkanaa’e qofa kan shoorkamuu danda’u ta’a.  Haaloonni addaa kunis haalli raawwii yakkichaa fi yakkichi ulfaataa ta’uu qofa otuu hintaane kallattii adda addaan sirritti ilaalamuun MMn madaalamuu akka qaban kanaan dura glm Lkk 134328 fi 269430 ta’an irratti hiikkoon dirqisiisaan kennamuu isaa ibsuun yaadachiisee jira.
Bu’ura kanaan yoo ilaalamu MM jalaa haala raawwii fi ulfina yakkichaatiin adabbii itti murtaa’uu danda’u gamanumaan sodaatee iyyataan mirga wabiin yoo bahe baduu danda’a sababii jedhuun mirga wabii kan doorman yoo ta’u kunis SDFY kwt 67(a)) jalatti kan tumamedha.
Haata’u malee iyyataan himannaan irratti dhiyaachuun duras mirga wabiin bahee dhimma isaa beellama kabajee dhiyaachaa kan ture fi eeguma himannaan banana boodaas yakka ittiin himatamee fi adabbii hordofsiisuu danda’u otuu beeku kan dhiyaate ta’uu garagachi murtii MM jalaa kan agarsiisu yemmuu ta’u kun immoo iyyataan mirga wabiin yoo bahe sababa ulfina haala raawwii do ulfina yakkichaa ykn ulfina adabbii itti murtaa’uu maluu sodaatee baduu danda’a tilmaama jedhu kan faallessu malee kan mirkaneessuu akka hintaane ifaan hubatama.
Kanaaf, haala olitti ibsameen MM jalaa Murtiin kennan sababa gahaa seeraa malee mirga wabii  iyyataa heeraan eegumsi godhameef kan sarbe waan ta’eef dogongora bu’uraa ijoo seeraa qaba jechuun diigee iyyataan wabii Qr 50,000 (kuma shantama)n akka bahu Dh Ijbt murteessee jira.
Hiikkoon dirqisiisaan murtii kanaan kenname; 1) haalonni ykn sababoonni SDFY kwt 67 jalatti tarreeffaman dhiphatanii ilaalamuu ykn hiikamuu akka qaban fi;
2)haalli raawwii yakkichaa fi/ykn adabbiin hordofsiisuu maluu ulfaataa ta’uun qofatti akkaataa SDFY kwt 67(a))tin mirga wabii kan hindhoorkisiifne ta’uu isaati.
Jamaal Q Qawweettii
3
Falmii Waliigaltee Ijaarsaan Walqabatee   Akkaataa Waliigalteetti Koontiraaktarichi Raawwachuu Yoo Hafe Hangi Hojii Hojjetee Tilmaamamee Kanfaltii Wabummaa Haalduree Malee kanfaltii dursaaf Qabame (unconditional Bank Guarantee) Hir’ifamuun Nidanda’amaa?
==================================
Hiikkoo Dhaddacha Ijbt MMWF Glme Lkk 242024 ta’erratti Gaafa 30/04/2017 Kenname murtii haaraa hinmaxxanfamne
==================================
Waliigaltee ijaarsa dandii iyyataa fi waamamaa giddittu taasifameen waamamaan ijaarsa fudhate akkaataa waliigalteetti fi yeroo waliigaltee keessatti ibsametti xumuree simachiisuuf waliigalee jira.
Iyyataanis kanfaltii dursaa marsaa lamaa , marsaa jalqabaaf Qr, 96,000.00 fi marsaa lammataa immoo Qr, 43,600173.00 waamamaaf kan kanfale yoo ta’u kanaafis waamamaan wabummaa haala irratti hinjindoofne (unconditional Bank Guarantee) Qr, 89,609,174.04 dursee qabsiisuun kanfaltii dursaa fudhatee hojiitti eega gale booda balleessaa waamamaan hojiin akkaataa waliigalteen xumuramuu dhabuun waliigalteen akka citee jira.
Iyyataan waamamaan akkaataa waliigalteetti raawwachuu waan hafee fi sababa badii isaan waliigalteen kan adda cite ta’uu ibsuun mallaqa wabummaa Baankii haala irratti hinjunduufne qabsiise dhala waliin akka kanfaluuf himannaa dhiyeesse.
Waamamaan waliigalteen jiraachuu fi adda cituunis dhugaa ta’uu amanee garuu hojiin lafarratti hojjetee fi qabeenyi saayitii irraa qabu tilmaamamee akka irraa hir’atuuf gaafachuun falmee jira.
Haaluma kanaan MM sadarkaa jalqabaan dhimmichi ilaale hojii waamamaan lafarratti hojjetee fi qabeenya saayitii irraa qabu tilmaamsisee hanga wobummaa baankii qabsiifame irraa hir’isuun kan murteesse yoo ta’u MM Ol’iyyannoo iyyataan komii itti dhiyeeffates dhala qofa dabalataan murtessuun kanfaltii wabummaa iyyataan komate ilaalchisee murtii jalaa cimsee jira.
Iyyataan ammas komatee dhaddacha Ijbt kan geeffate yoo ta’u ijoon komii isaatis wabumaan baankii waamamaan seene kan haala irratti hinhundoofnee fi akkuma gaafatameen sababa tokko malee kanfalamuufii otuu qabu tilmaama hojii fi qabeenyaa jedhamee hir’ifamuun faallaa waliigaltee bitaa fi mirgaa fi kaayyoo wabummaa wabameeti kan jedhudha.
Dhaddachi Ijbtas wabummaan baankii waamamaan qabsiise haala irratti kan hindoofne ta’uu, dirqama kanas waamamaan jaalatee iyyataa waliin fedhii isaan waliigaltee kan godhe ta’uu fi waliigalteen immoo gareewwan giddutti seera ta’uu bal’inaan xiinxaluun tilmaamni hojii hojjetamees ta’ee qabeenya biroo akka irraa hir’ifamuuf gaafachuu waamamaan mirga akka hinqabnee fi MMtis tilmaama hojii fi qabeenya saayitii irraa waamamaan qabu hir’isee murteessuun dogongora bu’uraa ijoo seeraa to jechuun murtii jalaa diigee jira.
#####################👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Binding interpretation given is 1) the type of the guarantee provided by the respondent is unconditional bank guarantee for advance payment the applicant has paid to the respondent.
2) Such kind of guarantee can never be subjected to any claim of set off or any other substraction. The bank guarantee shall be paid unconditional provided the terms agreed in the contracts are met .i.e failure of the project completion du’e to contractor’s default.