#YAKKA_HAASAWA_JIBBINSAA_FI_DADDABARSA_ODEEFFANNOO_SOBAA ⚖️
✔️ Haasawa jibbinsaa fi daddabarsa odeeffannoo sobaa too’achuu fi to'achuuf labsiin lakk.1185/2012 ifatti bahee hojii irra jira.
➤ Akkuma beekkamu sadarkaa addunyaattis ta’ee haala qabatama biyya keenyaatiin guddina teeknoolojiin wal-qabatee haasawaan jibbinsaa fi daddabarsi odeeffannoo sobaa haalaan dabaluu isaatiin waliin jireenya ummattootaa jeequu bira darbee soodaa nageenya biyyoolessaa ta'ee waan argameef balaa inni fidu kana qolachuuf labsiin lakk.1185/2012 bahuu danda’ee jira.
✔️ Labsii kana keewwata 2(1) jalatti hiikni yeroo itti kennamu haasawa jechuun “jechaan,barreeffamaan,fakkii,bobbocaalee garagaraa fi karaalee kana fakkaatan kan birootiin ergaa dabarsuu jechuudha “jechuun kaa'ee jira. Haasawa jibbinsaa jechuun immoo eenyummaa nama dhuunfaa ykn garee murtaa’ e tokko miidhuuf sabaa,amantii, qomoo,saala yookiin qaama miidhamumma bu’uura godhachuun itti yaadamee miidhaa geessisuuf haasawa godhamu jechuu akka ta'e keewwata 2(2) jalatti taa’ee arganna.
✔️ Odeeffannoo sobaa jechuun immoo odeeffannoo tokko abbaan odeeffannoo sana dabarsu carraa dhugummaa odeffannoo sanaa qulqulleeffachuu osoo qabuu osoo hin qulqulleeffatin odeeffannoo carraan jeequmsa ykn walitti bu’insa kaasuu isaa ol aanaa ta’e daddabarsuu jechuu akka tahe labsii kana keewwata 2(3) irraa hubachuun ni danda’ama.
✔️ Labsii kana keewwata 4 fi 5 irraa akka hubatamutti namni kamuu miidiyaalee ykn maxxansa hawaasummaatiin haasawa jibbinsaa fi odeeffannoo sobaa maxxansuun dhorkaa akka ta'e tumamee .
#ADABBII
✔️ Nama dhoorkaawwan kana darbuun haasawa jibbinsaa kana facaase ykn dabarse adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa 2 ykn adabbii maallaqaa qarshii 100,000 hin caalleen akka adabamu keewwata 7(1) irraa hubachuun ni danda’ama. Sababbii haasawaa jibbinsaa dabarfame kanaan nama dhuunfaa ykn garee irratti miidhaan qaqqabe yoo jiraate adabbiin isaa hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga shanii ta'uu akka danda’u keewwata 7(2) jalatti tumameera.
✔️ Yakka odeeffannoo sobaa dabarsuu namni raawwate immoo adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa tokko ykn adabbii maallaqaa qarshii 50,000 hin caalleen kan adabbamu yemmuu ta’u yakka odeeffannoo sobaa kana kan dabarse fuula miidiyaa hawaasaa hordoftoota 5000 ol qabu ykn broadcastiin ykn maxxansa yeroo yeroon bahuun yoo ta’e adabbiin isaa hidhaa salphaa hanga waggaa 3 ykn adabbii maallaqaa hanga qarshii 50,000 ta'uu akka danda’u keewwata 7(3) fi 7(4) irraa hubachuun ni danda’ama.
#DHAAMSA
✔️ Namoonni dhuunfaa fi Miidiyaaleen broadcastiis haasawa jibbinsaa daddabarsuu fi odeeffannoo tokko dhugummaa isaa osoo hin mirkaneeffatin dabarsuun nageenya ummataa jeequu irraa of qusachuu qabu.
https://t.me/Ijooseera

Waa'ee Yakka 'ወስላታነት'
======={{{========}}}}=====
Gosti Yakkaa 'ወስላታነት' jedhamu kun Afaan Oromootiin "Saragummaa" jedhamee kan hiikame yemmuu ta'u, Afaan Ingilishiitiin 'Filching' jedhama. Yakkichi Seera yakkaa kwt 859 jalatti tumame.
Saragummaa
Namni kamiyyuu kaffaluu akka hin dandeenye osoo beekuu manneen nyaataa, manneen bunaa, hoteelota yookiin manneen ciisichaafi
dhaabbilee daldalaa kana fakkaatan ummataaf tajaajila kennan keessa seenee nyaata, dhugaatiiwwan, ciisicha yookiin faayidaalee akaakuu kamiyyuu kan ajaje yookiin kan argate yoo ta’e; adabbii maallaqaatiin yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hin caalleen ni adabama.
(Seera Yakkaa kwt 859)
ወስላታነት
ማንም ሰው መክፈል እንደማይችል እያወቀ ለሕዝብ አገልግሎት በሚሰጡ ምግብ ቤቶች፤ ቡና ቤቶች፤ ሆቴሎች ወይም መኝታ ቤቶችና በመሳሰሉት የንግድ ተቋማት ገብቶ ምግቦችን፤ መጠጦችን፤ መኝታን ወይም ማናቸውም ዓይነት ጥቅሞችን ያዘዘ ወይም ያገኘ እንደሆነ፤ በመቀጮ ወይም ከአንድ ወር በማይበልጥ የማረፊያ ቤት እስራት ይቀጣል:
(የወንጀል ሕግ አንቀጽ 859)

👍2
Murtii darbiinsa Yeroo qabiyyee lafa baadiyyaa
MMWFDHIJ darbiinsa yeroo qabiyyee lafa baadiyyaa kan Naannoo Amaaraa ilaalchisee galmee lakk.17982 ta’e irratti kennee jildii 24ffaa irratti maxxanfamee baheen haalli qabannaa qabiyyee lafa baadiyyaa seera qabeessa ta’uu isaa hanga hin mirkanoofnetti qabannaa seeraan alaati jedhamee waan tilmaamamuuf darbiinsi yeroo hin jiru kan jedhe yoo ta’u, murtii hin maxxanfamne galmee lakk.244435 ta’e irratti dhaddacha gaafa 06/02/2017 ooleen kenneen ammoo qabannaan seeraan ala ta’uun hanga hin mirknoofnetti darbiinsi yeroo waggaa 10 raawwatiinsa ni qabaata jedheera.(Of course )murtii booda irra kenname kanaan namni qabatee waggaa dheeraa fayyadame haala qabannaa,kan hin hubachiisne ta’us, ragaa abbaa qabiyyummaa irratti qabaachuun,seera qabeessaan akka qabatameetti fudhateera.#Garaagarummaa kan uume ragaa abbaa qabiyyummaati.

👍1
Dhimmi falmii hojii hojjetaa dhaabbilee idil-adunyaa keessa hojjetu dhaabbaticha waliin qabu dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa akkaataa seera hojjetaa fi hojjechiisaan ilaalamu malee dhimma uwwisa waliigaltee himatamuu dhabuu dhaabbilee mootummaalee giddutti raawwatamuun bitamuu miti. Akkasumas mirgi himatamuu dhabuu dhimma yakkaan qabamuu, qoratamuu, hidhamuu fi dhamaatii sanaan walqabatee dhaqqabu irraa bilisa ta’uuti malee dhimma hariiroon (civil liability) himatamuu dhabuu kan ilaalu ykn hammatuu miti jedheera Manni Maree Federeeshiinii Itiyoophiyaa murtii glm lkk 720/15 ta’erratti gaafa 29/01/2016 kennamee.
https://t.me/Ijooseera
Murtii MMF Lakk.galmee 41/2010 ta’e irratti kenname.
Haati Warraa fi Abbaan Warraa yeroo gaa’elaan waliin turan keessatti maqaa daa’ima isaaniitiin qabeenyaan bitan , yeroo falmiin qoodiinsa qabeenyaa taasifamutti falmiin irratti yoo ka’e, Murtii Manneen Murtii “daa’imni sun waliigaltee taasisuuf gahumsa hin qabu,qarshii qabaatee qabeenyaa horachuu hin mirkaneessine waan ta’eef qabeenya waliinii haadha warraa fi abbaa warraati” jechuun Murtiin kennan-
-dantaa fi mirga dursaa daa’immanii Heera Mootummaan kabajame kan tuqudha.
-Walfuutonni gochaa gocha faallaa seeraa raawwatan irraa fayyadamoo ta’uu hin qaban.
Diiguun murtii kan itti kennedha.

Dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa =================Mana Maree Federeesjiinii Glm Lkk 78/12 ============
Waliigalteen eegumsaa fi himatamuu dhabuu dhaabbilee dippilomaasii idil-Adunyaa waliin mootummaan Itiyoophiyaa karaa Ministeera Haajaa Alaa raawwatu dhimmoota hariiroo dippilomaasii qaamolee mootummaa fi Dhaabatta Idil-Adunyaa Itiyoophiyaa keessatti socho’u gidduu jiru kan ilaalu malee hariiroo hojjettaan dhaabbatichaa tokko dhimma hojii irratti dhaabbaticha waliin qabu kan ilaalaa miti.
Waldiddaan dhimma hojii ilaalchisee hojjetaa Dhaabbata akkasii fi Dhaabbaticha giddutti ka’u dhimma dippilomaasii waliigaltee addaa dhaabbatichaa fi Ministeera Haajaa Alaa giddutti raawwatameen bitamu otuu hintaane dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa labor proclamation bitamudha.
Ministeerri Haajaa Alaatis waliigalteen dippilomaasii Dhaabbilee Idil-Adunyaa waliin seenamu mirga namoomaa fi lammiilee heeraan tumaman kan kabaje ta’uu mirkaneessuun eegumsa gochuuf dirqama heera mootummaa irraa madde qaba jechuun murtii hiikkoo heeraa glm Lkk 78/12 ta’e irratti gaafa Waxabajjii 03/2012 kennee jira.
Kanaaf dhimmi falmii Waldiddaa hariiroo hojii ilaalchisee hojjettoota dhaabbilee Idil-Addunyaa kanneen akka Eejansiilee UN keessa hojjetaniin dhaabbilee kan irratti ka’u waliigaltee dippilomaasii. Addatti kan bulu waan ta’eef MM aangoo hinqabu ykn seera hojjetaa fi hoojechiisaan kan murtaa’uu miti jechuun bu’ura heeraa akka hinqabne murtiin MMF olitti ilaalame nihubachiisa. Bal’inaan garagalcha murtichaa ilaalaa.

Forwarded from ⚖️Shields Law🇪🇹 የህግ አገልግሎት / Legal service ⚖️
➽አንድ ሰው በአሳዳጊው ስም እንዲጠራ ተብሎ እንዲወሰንለት ለፍርድ ቤት የስም ለውጥ ዳኝነት ሲጠይቅ ህጉ ምን ይላል?
ከጅምሩ አንድ ሰው በአሳዳጊው ስም እንዲጠራ በፍርድ ቤት ዳኝነት የሚያገኝበት የሕግ መሰረት የለም፡፡
በመሆኑም ይህንን አይነት አቤቱታ አቅራቢው ሰው ወላጅ አባቴ ናቸው በማይላቸው ሰው የቤተዘመድ ስም ልጠራ ይገባል በማለት የሚያቀርበው ጥያቄ በሕጉ ስለስም ለውጥ ጥያቄ ማቅረብ ስለሚቻልባቸውና እንዲሁም የዳኝነት አካሉም ለመቀበል መሟላት ከሚገባቸው ሕጋዊ መስፈርቶች ይዘትና ሕጋዊ ውጤት ጋር አብሮ የማይሄድ በመሆኑ ተቀባይነት የሚያገኝበት አግባብ የለም።
በጠቅላላው አንድ ሰው #በወላጅ አባቴ ስም መጠራቴ ቀርቶ #በአሳዳጊዬ ስም እንድጠራ ብሎ የሚያቀርበው የዳኝነት ጥያቄ በሕጉ #ስለስም ለውጥ የተጠቀሱትን ድንጋጌዎች የማያሟላ በመሆኑ ተቀባይነት የሌለው ጉዳይ ስለመሆኑ የፍ/ሕ ቁ.32(1)፣36(1)መሠረት በማድረግ የፌደራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በሰ/መ/ቁ. 116977 በቀን የካቲት 25 ቀን 2008 ዓ/ም በዋለው ችሎት አስገዳጅ የህግ ውሳኔ ሰጥቷል።
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 ቅፅ 19

#Waraqaa Darbinsa Daandii
#Daldala seera qabeessa ta'e geggessuuf ulaagaan inni biraan yeroo seerri barbaadu yeroo hunda dhiyaachuu kan qabu waraqaa darbinsa daandiiti. Labsiiwwaan Sadarkaa fedaraalaa fi naannootti ba'an waraqaa darbiinsaa kanaaf hiikkoo kennuuf yaalanii jiru. Fakkeenyaaf waraqaa darbinsa daandii(pass perit) jechuun waraqaa darbinsa qaama aangoo qabuun gogaa fi kalloo qeeraa irraa yookiin, gabaa sadarkaa 1ffaa irraa gara qopheessaa fi man-kuusaatti yookiin gara warshaa goggaatti akka geejibamuuf hayyama barreeffamaan kennamu dha. Akkasumas labsiin lakk. 819/2006 keewwata 2(16), fi labsii 1051/2009 keewwata 11(5). Dabalataanis seerotni naannoo keenyatti ba'anis, Waraqaa darbinsa daandiidhaaf yeroo hiikkoo kennan, #Waraqaa_darbinsa_daandii jechuun waraqaa oomishaalee qonnaa iddoo seeraan hayyamame irraa qaama hayyama qabuun bitamee yookiin oomishamee gara iddoo hayyamameefitti geessuuf seera qabeessa ta'uu isaa mirkaneessu ta'ee, oomishtootaa fi daldaltootaaf qaama aangoo qabuun kan kennamu jechuudha. Akkasumas qajeelfamni waraqaa darbinsa daandii lakk.13/2015 keewwata 2(6) jalatti bifa wal fakkaatuun hikkoon isaa kennameefi jira.
#Kaayyoon_seerichaa_waraqaa_darbiinsa_daandii akka ulaagaa dabalataatti yeroo tokko tokko seeraan kan dirqisifamuuf, meeshaaleen daldalaa faayidaa uummataa guyyaa guyyaatiif oolan muraasa ta'an daldaluu keessatti ka'umsaa fi gahumsa meeshaa daldalaa ittiin to'achuun meeshaa gabaa irratti hanqinni uumame yookiin sababa biroo amansiisaatiin hordoffii gochuuf yaadamee ta'uu seeroota waa'ee hayama darbinsa daandii tuman waliigalaan tumaman irraa hubachuun ni danda'ama.
Waraqaan darbinsa daandii kunis wantoota hammachuu qabu:
a. gosaa fi hanga meeshaa daldalaa fe'ame,
b. bakka ka'umsaa fi ga'umsa meeshaa daldalaa,
c. Guyyaa ka'umsaa fi gahumsa meeshaan daldalaa itti dhaqqabuu fi xumura yeroo hayyama darbinsichaa,
d. Konkolaataa ittiin geejibame,
e. Konkolaachisaa konkolaaticha konkolaachisu,
f. maqaa fi mallattoo ogeessa hayyama kenneefi
g. marsaa meeqaaf akka waraqaan darbinsa daandii kun tajajjilu of irratti kan qabatu tahuu sanadaa darbinsaa daandii kana irra hubachuu ni danda'ama
#Seerootni biyya keenyaa waraqaa darbinsa daandii malee oomishaalee qonnaa daldalaa geejibuun dhorkaa itti tahee keessa muraasa:
a. labsiin to'annoo fi bittaa bunaa lakk.1051/09 keewwata 17(4), Dambii lakk.433/2011 keewwata 38(8)
b. Dambii saliixaa fi boloqqee adii lakk.178/2002 keewwata 13(6) Qajeelfama lakk.02/2012 lakk.14.1(18).
c. labsii Oomishaalee qonnaa Oromiyaa lakk.234/2013 keewwata 11(3)
d. Dambii Jimaa lakk.224/2013 keewwata 24(6) fi Qajeelfama jimaa lakk.10/2014 keewwata 13(1a),
e. Dambii midhaan dheedhii lakk.230/2014 keewwata 30(1f)
f. Qajeelfama sirna sassaabbii galii bu'aa bosonaa fi bineensota bosonaa oromiyaa lakk.09/2015 keewwata 5
g. labsiileen bittaa-gurgurtaa kallee fi gogaa lakk 814/2006 kwt 9(1)
h. Labsii horii dhaabbii lakk.819/2006 keewwata 10 hanga 14tti jiraniin fi
j. Qajeelfama sirna raabsaa meeshaalee bu'uuraa zayita nyaataa lakk.06/2012 keewwata 14 fi kkf fudhannee ilaaluu ni dandeenya.
Itti fufa...........

የፍ/ሕ/ቁጥር 1809 ተፈፃሚነትን አስመልክቶ ሰበር ምን አለ??
======✓✓✓=======✓✓✓✓=====
በፍ/ሕ/ቁጥር 1808(1) ከተዋዋዮቹ አንዱ ፍቃዱን በመሳሳት፣ በተፈፀመበት የተንኮል ወይም የማስገደድ ተግባር ወይም ችሎታ ሳይኖረው የሰጠ እንደሆነ ይህን ምክንያት በመጥቀስ አና በማስረጃ በማረጋገጥ ውሉ ፈራሽ እንዲደረግለት ዳኝነት የሚጠይቅበትን አግባብ የሚያመላክት ነው:: በአንፃሩ በንዑስ አንቀፅ 2 ስር የተገለፀው የውል ጉዳዩ ህገ ወጥ ወይም ኢሞራላዊ የሆነ ወይም በሕጉ የተገለፀውን የአቀራረዕ ስርዓት ባለመከተሉ ከመጀመረያውም ሕግ እውቅና የማይሰጠው እንዳልነበረ የሚቆጠር ቢሆንም ይመለከተኛል ባይ 3ኛ ወገን ወይም ተዋዋዮች ውሉ ዋጋ አልባ አንዲባል ዳኝነት የሚጠይቁበትን ሁኔታ የሚያመላክት ነው፡፡
ነገር ግን በዚህ አግባብ ውሉ ፈራሽ ወይም ዋጋ አልባ ነው በማለት እንዲወሰን ቀድሞ ዳኝነት ያልጠየቀበት ተዋዋይ በሌላኛው ተዋዋይ እንደ ውሉ እንዲፈፀምለት የጠየቀው አንደሆነ በዓሃሕ/ቁጥር 1809 መሰረት ውሉ የማይረጋበትን ምክንያት በመጥቀስ በማንኛውም ጊዜ መቃወሚያ ሊያደረገው ይችላል። ይህ ደንጋጌ ዋጋ አልባ ወይም ፈራሽ ውሎችን በማለት ለይቶ መመዘኛ የማያስቀምጥ በመሆኑ ለሁለቱም ሁኔታዎች ተግባራዊ የሚሆን ድንጋጌ ነው፡፡ ከዚህ ጋር ተያይዞ ውሉ የማይረጋበትን ምክንያት በመጥቀስ መቃወሚያ አድረጎ ማንሳት የሚችለው በውሉ መሰረት መፈጸም ያልተጀመረ ከሆነ ብቻ ነው? ወይስ በሙሉ ወይም በክፊል ውሉ ከተፈጸመ ውሉ የማይረጋበትን ምክንያት መቃወሚያ አድረጎ ማንሳት ይችላል ወይስ አይችልም? የሚሉት ነጥቦች በትኩረት ሊመረመሩ ይገባል፡፡
በፍ/ህ ቁጥር 1808 አገላለጽ ውሉ የማይረጋበት ምክንያት እያለ በውሉ መሰረት በሙሉ ወይም በከፊል ከተፈጸመ በተግባር ውሉ ተቀባይነት አንዳገኝ አመላካች ነው፡፡ አንድ ተዋዋይ በተግባር ተቀብሉ በውሉ መሰረት ተፈጽሞ እያለ ክስ ስለቀረበበት ብቻ ውሉ የማይረጋበትን ምክንያት በመጥቀስ የሚያቀርበው መቃወሚያ በተግባር የተቀበለውን የውል ውጤት የሚቃረን በመሆኑ መቃወሚያው ተቀባይነት ሊያገኝ አይገባም:: ይህ ማለት ግን ውሉ አይረጋም የሚል ወገን ክስ አቅርቦ ውሉን ማስፈረስ አይችልም ማለት ባለመሆኑ በውሉ መሰረት በከፊል ወይም በሙሉ እንደውሉ ከተፈጸመ በህጉ በተቀመጠው የጊዜ ገደብ ውስጥ ክስ አቅርቦ ውሉን አስካላስፈረሰ ድረስ በውሉ መሰረት ሊፈጸም አይገባም በማለት የሚያነሳው መቃወሚያ ተቀባይነት የለውም፡። በመሆኑም የፍትሐብሔር ህግ ቁጥር 1809 ተፈጻሚ ሊሆን የሚችለው አንደውሉ ከመፈጸሙ በፊት ነው፡፡ በከፊል ወይም በሙሉ በውሉ መሰረት ከተፈጸመ በኋላ ውሉ የማይረጋበትን ምክንያት በመጥቀስ መቃወሚያ አድረጎ ማቅረብ ተቀባይነት ሊያገኝ አይገባም። ከዚህ ጋር በተያያዘ ቀደም ሲል በሰበር መዝገብ ቁጥር 212820 እና ሌሎች መዝገቦች የህግ ትርጉም የተሰጠበት ጉዳይ
ነው፡፡
(በሰበር ሰሚው ችሎት በቀን 30/09/2014 መ/ቁ 206083 (ያልታተመ) ላይ የተሰጠ ውሳኔ (አብረሀም ዮሃንስ ካሰባሰበው የተወሰደ)
https://t.me/Ijooseera
Tumaan SHH kwt 1809, Mata Duree "ውልን ለመፈጸም እንቢ ማለት" Jedhu Jalatti:
"ውሉን ለመፈጸም እንቢ ለማለት የሚፈልገው ወገን ውሉ የማይረጋ መሆኑን በማናቸውም ጊዜ መቃወሚያ ሊያደርገው ይችላል" Jedhamee Tumame Haala Kam Keessatti Hojiirra Oola??
✓✓✓✓¥¥¥¥✓✓✓✓¥¥¥¥✓✓✓✓
Gaaffii kana ilaalchisee, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 30/09/2014 ooleen lakk.Ga.206083 (kan hin maxxanfamne) ta'e irratti kenneen:
Bu'uura SHH kwt 1808(1)tiin gareewwan waliigaltee keessaa inni tokko hayyama isaa dogoggoraan, dabaan, gocha dirqisiisuutiin kan kenne ykn dandeettii osoo hin qabaatin kan yoo ta'e, sababa kana ibsee ragaadhaan mirkaneessuun waliigaltichi naaf haa diigamu jedhee seerummaa gaafachuu kan danda'u ta'uun tumameera. Keewwata Xiqqaa (2) jalatti immoo kan ibsame, dirqamni (dhimmi) waliigaltichaa seeraan ala ykn faallaa safuu ykn foormii seeraan tumame hordofuu dhabuu isaatiin jalqabunarraayyuu akka waan beekamtiin seeraa hin kennamneefitti kan tilmaamamu ta'ullee garee 3ffaan na ilaallata jedhu ykn gareewwan waliigaltee, waliigaltichi gatii hin qabu jedhamee akka murtaa'uuf seerummaan gaafatamuu akka danda'u kan agarsiisudha.
Haa ta'u malee, haala kanaan waliigaltichi diigamaadha ykn gatii kan hin qabnedha jedhamee akka murtaa'uuf gareen waliigaltee seerummaa hin gaafanne, garee isa biroo akkaataa waliigalteetti naaf haa raawwatamu jedhee gaafate irratti sababa itti waliigaltichi hin raggaaneef ibsee yeroo kamittuu akka mormiitti kaasuu (ittisa taasifachuu) danda'a. Tumaan kun waliigaltee diigamaa ykn gatii hin qabne jedhee adda baasee kamiin akka ilaallatu kan hin keenye waan ta'eef, haalota lamaan irrattiyyuu hojiirra oolmaa ni qabaata. Kanaan walqabatee, gareen waliigaltee sababa itti waliigaltichi hin raggaaneef ibsee akka ittisaatti kaafachuu kan danda'u yoo akkaataa waliigaltichaatti raawwiin isaa hin eegalle qofadhamoo? yoo gamiisaan ykn guutummatti raawwatameera ta'es ni danda'ama kan jedhu xiyyeeffannoodhaan qoratamuu qabu.
Akkaataa SHH kwt 1808 jalatti ibsameen, sababni waliigaltichi akka hin raggaane taasisu osoo jiruu bu'uuruma waliigaltichaatiin guutummatti ykn hangi tokko (gamiisaan) yoo raawwatame, gochaan (qabatamaan) waliigaltichi fudhatama argachuu isaa kan agarsiisudha. Gareen waliigaltee tokko gochaan fudhatee akkaataa waliigaltichaatti raawwatamee osoo jiruu sababa himannaan irratti dhiyaateef qofa sababa itti waliigaltichi hin raggaaneef ibsee mormii inni dhiyeessu bu'aa waliigaltee inni gochaan fudhate kan faallessu waan ta'eef, mormichi fudhatama argachuu hin qabu. Kana jechuun garuu gareen waliigaltichi ragga'uu hin qabu jedhu himannaa dhiyeessee waliigalticha diigsisuu hin danda'u jechuu waan hin taaneef akkaataa waliigalteetti gamiisaan ykn guutummatti yoo raawwatame daangaa yeroo seerichaan taa'e keessatti himannaa dhiyeessee waliigalticha hanga hin diigsisnetti bu'uura waliigalteetiin raawwatamuu hin qabu jedhee mormii inni kaasu fudhatama hin qabu. Waan ta'eefis, SHH kwtni 1809 raawwatiinsa kan qabaatu akkaataa waliigalteetti raawwatamuun duradha. Erga gamiisaan ykn guutummatti raawwatamee booda sababa waliigaltichi hin raggaaneef caqasuun mormii taasisanii dhiyeessuun fudhatama qabaachuu hin qabu. Kanaan wal qabatee, hiikkoon seeraa kanaan dura galmeewwan dhaddacha Ijibbaataa Lakk.212820 ta'eefi kanneen biroo irratti kennameera.
👁️Rene Davidis, yaada SHH kwt 1809 irratti kenneen: gaaleen keewwaticha keessatti "yeroo kamittuu" jedhamee ibsame raawwatiinsa kan qabaatu, "Haalli kan hin jijjiiramne yoo ta'eefi waliigaltichi hin raawwatamne yoo ta'edha" jechuudhaan bifuma murtii kennameen walfakkaatuun ibseera.
https://t.me/Ijooseera
Waraqaa Ragaa Dhaaltummaa Qabaachuun Qofaan Mirga Daangaa hinqabne Hingonfachiisu jedheera ሰበርን Federaalaa (glm Lkk 243973 ta’erratti gaafa 06/02/2017 hiikkoo haaraa kenname)==========
Murtii haaraa abbootii seeraa N-7 gaafa 06/02/2017 kennameen namni otuu qabeenya harkaa hinqabaatiin ykn ittihinfayyamin waraqaa ragaa dhaaltummaa qofa baafate dhaaltu qabeenya harkaa qabu ykn ittifayyamaa jiru irratti himannaan dhaaltummaa dhiyeessuun akkaataa SHH kwt 1000(1)tin darbiinsa yeroo waggaa sadiin daangeffama jechuun hiikkoo kanaan dure glm Lkk 205248, 44237 fi 38533 (Jld 10ffaa) irratti kennee ture jijjiiree jira.
Kanaaf kanaan dura dhaaltuun waraqaa ragaa baafate yeroo kamiiyyuu himannaa isaa dhiyeessuu akka danda’u fi himannaan isaatis falmii qooda qabeenyaati malee dhaaltummaa miti jedhamee hiikkoon kennamee ittiin hojjetamaa ture hafee jira.
Kana booda ragaa dhaaltummaa qabachuu qofa otuu hintaane yeroo waggaa sadiii keessatti mirga waraqichi ibsu gaafachuu dirqama yoo ta’u kana irra darbuu kan danda’u qabeenyicha harkaa qabaachuu ykn ittifayadamuun dirqama dha, kun immoo ijoo seeraa ta’uun hafee firii ijoo dubbii ragaadhaan mirkanaa’u ta’a.