#The_Scope_of_Special_Power_of_Attorney _ #Daangaa_aangoo_Bakka_ bu'ummaa addaa
✍️ Firiin dubbii asiin gadii dhimma qabatamaan Ijibbaataan ilaalamee murtii argatedha
👉 Abbaa Warraa fi haadha warraattu warraatu Bakka bu'aan isaanii mana isaanii bulchuu, gurguruu, jijjiiruu akka danda'uuf bu'uura SHH kewt. 2205tiin aangoo bakka bu'ummaa addaa kennaniif
👉 Haa ta'u malee qabiyyee sanada aangoo Bakka bu'ummaa sana irratti bakka bu'aan manicha qabsiisee liqeeffachuu akka danda'u himni jedhu hin hammatamne/hin barreeffamne
👉 Bakka bu'aan manicha qabsiisuudhaan Baankii daldalaa irraa qarshii 200,000 liqeeffate
👉 Bakka buufattoonni himannaa bakka bu'aa isaanii fi baankicha irratti dhiyeessaniin bakka bu'aan osoo aangoo qabsiisanii liqeeffachuu hin qabaatiin aangoo isaatii ol waan fayyadameef akkasumas baankichi aangoo Bakka bu'aan hin qabne bu'uura godhachuun manicha waan qabateef sanadoonni manicha ilaallatan akka deebi'uuf gaafatan
👇
✍️ #Dhaddachi_Ijibbaataa_Lakk_galmee_17320 ta'e irratti Hiikoo kenneen Bakka bu'ummaan kenname bakka bu'ummaa addaa ta'ee qabiyyee isaa keessatti qabsiisee liqeeffachuu himni jedhu barreeffamuu baatus bakka bu'aan qabsiisee liqeeffachuu ni danda'a jedheera.
https://t.me/Ijooseera
Lafa Nama biraa qabatee dallaa itti ijaaree mana osoo hin ijaarin abbaa manaa osoo nan mormin ijaaree jechuun Seera hariiroo hawaasaa kewt 1179 caqasuudhan falmuu hin danda'u jechuun DHIJMMF Lakk galmee 249348 irratti dhaddacha mudde 28/2017 oolen murtee dirqisiisa kennee jira.
https://t.me/Ijooseera
#Murtiilee_Dhaddacha_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Seeraa_fi_Waliigaltee_Araaraara_Dhimma_H/Hawaasaa_irratti
=====================
✍️-Araara jechuun waliigaltee wal falmitootaa jidduu waldhabdee uumame hambisuu fi waldiddaan gara fuulduraa isaan gidduu akka hin uumamne ittisuuf garee wal falmitootaa jidduu taasifamuudha (shh keewwata 3307 fi sdfhh keewwata 274).

✍️Waliigalteen araaraa garee wal falmitootaa jidduutti
taasifamee bu'aan araaraa mana murtiitiin yoo
mirkanaa'e dhimmi isaan araaraan waliigalan irra deebi'amee hin ilaalamu res judicata with out appeal ta'a(shh keewwata 3312(1),sdfhh keewwata 5 fi 244(g).

✍️=Faayidaa dhimma ofii jaarsummaadhaan xumurachuu 1ffaa baasii fi xaarii abbootii dhimmaa hir'isa,2ffaa Hariiroo garee lameenii cimsa,3ffaa ba'aa hojii mana murtii hir'isa,4ffaa yeroo qusata fi k.k.f dha.

#Dhaddachi_ijibbaataa mana murtii waliigala federaalaa waliigaltee araaraa ilaalchisee galmeelee baay'ee irratti murtii dirqisiisaa kenneera.Isaan keessaa galmeelee muraasa haa ilaallu:-
👉1.Dh.Ij.MMWF Jildii 20ffaa Lakk.Galmee 114623 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 22/06/2009 ooleen  walfalmitoonni dhimma wal falman araaraan kan xumuratan yoo ta'ee fi bu'aan araaraa mana murtiitiin bu'uura sdfhh keewwata 277(1) tiin yoo mirkanaa'e waliigalteen araaraa sun akka murtii manni murtii kennetti dirqisiisummaa kan qabuu fi raawwatiinsa kan qabu ta'uu'' murtii dirqisiisaa kennee ture;

👉2.Dh.Ij.MMWF jildii 9ffaa Lakk.Galmee 52752 ta'e dhaddacha Waxabajjii 16 bara 2002 ooleen''Gareen wal falmitootaa dhimma isaanii jaarsummaadhaan xumurachuuf yoo waliigalanii fi waliigaltee araaraa kana mana murtii dhiheessanii manni murtii kan mirkaneesse yoo ta'e,waliigalteen araaraa sun akka murtii manni murtii kennetti lakkaa'amee raawwatamuu akka qabu''murteessee ture.

👉3.Dh.Ij.M.M.W.F Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 25912 ta'e
dhaddacha Caamsaa 2,bara 2000 ooleen'waliigalteen araaraa garee wal falmitootaa gidduutti taasifame karaa mana murtiitiin mirkanaa'e akka murtii dhumaa manni murtii kennetti ilaalamuu akka qabu''murtii kennee ture.

👉4.Dh.Ij.MMWF Jildii 19ffaa Lakk.Galmee 109497 ta'e dhaddacha Gurraandhala 3 bara 2008 ooleen''Manni murtii waliigaltee araaraa falmitoota jidduutti taasifame;bu'aan araaraa sun ulaagaa seeraa guutuu mirkaneeffachuun mirkaneessuu akka qabu'' murteessee ture(shh keewwata 1731 fi sdfhh keewwata 277).

👉5.Dh.Ij.MMWF Jildii 15ffaa Lakk.Galmee 85873 ta'e dhaddacha Bitootessa 13 bara 2005 ooleen''manni murtii bu'aan araaraa ulaagaa seeraa kan guute ta'uu fi safuu hawaasaa kan hin faalleessine ta'uu erga mirkaneeffateen booda bu'aa araaraa mirkaneessuu akka qabu murtii dirqisiisaa kennee ture;

👉6.Dh.Ij.MMWF Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 22857 ta'e dhaddacha Muddee 15,bara 2000 ooleen'Waliigalteen araaraa barreeffamaan taasifamee mana murtii yeroo dhihaatu;manni murtii waliigaltichi(bu'aan araaraa) faallaa seeraa fi safuu hawaasaa kan hin taane ta'uu qulqulleeffatee mirkaneessee dhimmicha ilaalaa jiru addaan kutuu akka qabu''murtii dirqisiisaa laatee ture.SDFHH keewwata 277(1),274(1) fi 275(1).

👉7.Dh.Ij.M.M.W.Federaalaa Jildii 23ffaa Lakk Galmee 146955 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 30/09/2010 ooleen''Waliigalteen araaraa akka murtii manni murtii kennetti lakkaa'amee mana murtiitti raawwiif yoo dhihaatu bu'aan araaraa sun ifa ta'uu kan qabu yoo ta'u;bu'aan araaraa ifa yoo hin taane,manni murtii himata raawwii kufaa gochuu danda'a'' jechuun murtii dirqisiisaa kennee ture.

✍️Murtiin dhaddacha ijibbaataa kun maal nutti agarsiisa bu'aan araaraa mana murtiitiin osoo hin mirkanaa'in ifa ta'uu akka qabuudha.Bu'aan araaraa ifa yoo hin taane,waliigalteen araaraa mana murtiitiin mirkanaa'us hin raawwatamu jechuudha.

✍️FKN:-Waliigalteen araaraa qabeenya gosa akkamii irratti akka taasifame ykn qabiyyee lafaa kamirratti akka taasifame daangaa fi bal'ina lafichaa fi mana yoo ta'e daangaa,kaaree meetira manichi qubate fi kaartaa manichaa kan ibsu ta'uu qaba fi kkf.
https://t.me/Ijooseera
1👍1
#Labsii_Pabliik_Sarviisii
#Labsii_1353_2017
Hojjataan Mootummaa sababa Yakkaan shakkamee baatii sadii ol to'annaa jala turee yakkarraa bilisa ta'uu ragaa yoo dhiyeeffate waajjira dura hojjataa turetti iddoo duwwaa jiru irratti mindaa dura kaffalamaafii ture kaffalameefii ramadamee hojjachuuf mirga qaba.
(Labii Ho/Mo/Feed
1353/2017 kwt.138)
                  //
https://t.me/Ijooseera
Murtee Barsiisaa!
Himatamtoonni maqaan isaanii
             1ffaa.Guutamaa Garbii Waaqoo
              2ffaa.Jibriil Amboo Boruu
Teessoon.isaanii Aanaa Gololchaa Ganda Minnee Goraa
Yakkichii:Seera Yakkaa Bara 1996 Bahe kwt.32(1(a)) fi kwt.587(1) bira darbuun Yakka raawwatame Yoo ta'u
Himatamtoonni kun ta'ee jedhanii itti yaaduun Gaa'ila fedhii malee raawwachuuf jedhanii gaafa guyyaa 4/6/2017 halkan keessaa Sa'ati 9:00 Yoo ta'u Aanaa Gololchaa Ganda Minnee Goraa iddoo addaa Dhaddoo jedhamee waamamutti miidhamtuu dhuunfaa maqaan ishii Saadaa Amaan jedhamtu Him.1ffaan kun haadha mana godhachuuf Him.2ffaa.kun immoo isa gargaruun fedhii ishiitin alatti Osoo ishii na gadhiisaa jettee iyyituu humnaan harka bitaa fi Mirgan ishii qabanii lafarra harkisaanii dirqiin fudhani manatti galanii booda qabamaniif Yakka dubartii butuutiin seeraan himatamaniiru Kan jedhu
Himannaan Mana Murtii Aanaa Gololchaatti gaafa guyyaa 19/6/2017 banamee Dhaddachaa gaafa guyyaa 20/6/2017 ooleen himatamtoonni himannaa isaan irraatti dhiyaate guutumman hambifannoo tokko malee amanani Manni murtis ragaa dhaga'uun osoo hin barbaachisin bu'uuruma Amantii isaanitiin balleessadha erga jedhee booda isaanii fi fakkatota isaanii barsiisuu Kan danda'u tokkoon tokkoo isaanii adabbii hidhaa Cimaa waggaa Afur afuriitiin adabeera. Hawwasni keenya Murtii akkanaa kana Irraa barachuun fi yakkoota Dubartoota irraatti raawwataman waliin taanee haa ittisnuun  yaada keenya.

https://t.me/Ijooseera
👍2
Haala Kafaltii Ittii Fayyadama Lafa Baaddiyaa Fi Gibiira Galii Qonnaa Labsii  lakk. 255/2016 baheen.
Kaffaaltii itti Fayyadama Lafa Baaddiyaa Fi Gibiira Galii hojii qonnaa baal'ina lafa,oomishaa fi gosa oomishaa yookiin beeylaadaa fi gosa beeylaadaa irratii kan hundaa'ee dha.

Hangaa kaffaaltii  Roobaa qofaan oomishamuu

👉Hanga kaffaaltii lafa qonnan Bula Rooba qofaan omishaamuu kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshii  150 waligaalatii qarshii 400  kafaluu qaba .

👉kaffaaltii lafa baddiiyyaa   oomishaa baargamoof oluu kafaltii itti fayyadama lafa Hektaara tokkotii Qarshii 300 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  1000 waligaalatii qarshii 1300 kan kafaluu qaba .

Hangaa kaffaaltii Rooba fi Jallisii yookin Jallisii qofaan oomishamuu

👉kaffaaltii lafa baddiiyyaa kan  Rooba fi jallisi  ykn Jallisii qofan omishaamuu qonna aaddaf kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarri tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  400 waligaalatii qarshii 650   kan kafaluu  qaba.

👉kaffaaltii lafa baddiiyyaa kan  Rooba fi jallisi  ykn Jallisii qofan omishaamuu qonna ammayyaatiif kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarri tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  800 waligaalatii qarshii 1050 kan kafaluu ta'a.

Hangaa kaffaaltii lafa baadiyyaa kan Oomishaalee Gabaaf oolanii

👉 kaffaaltii lafa baadiyyaa kan oomisha Mashoo , bunna fi jimma kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  1000 waligaalatii qarshii 1250  kan kafaluu qaba.

👉kaffaaltii lafa baadiyyaa kan oomisha baala shaayii,  mi'eessituu urgeessituu ,Paappaayaa  Muuzii  Fi oomishaalee kan fakkatana  kafaltii itti fayyadama lafa Hektaara  tokkoti Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  850 waligaalatii qarshii 1100  kan kafaluu qaba .

👉 kaffaaltii lafa baadiyyaa  oomisha dibataaf  kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  1200  waligaalatii qarshii 1450  kan kafaluu qaba .

👉 kaffaaltii lafa baadiyyaa kan oomisha agada shaankoraa kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  800 waligaalatii qarshii 1050 kan kafaluu .

Hangaa kagafaltii horsiisaa beeyladaa

✍️Qonnaan bulaan, horsiisee bulan yookiin gamisaa horsiisee bulan akkata baayi'inaa fi gosa beeylaadaa irratii hundaa'ee Hanga Gibiira Galii kan kafaluu  horii gaafa  baayi'inaa 10 ol qabu loon tokkotti Qarshii 50 kaffala, Hoolaa yookin re'ee baayi'inaa isaan 15 ol qabu tokkotti Qarshii 10 kaffala, Harree,Gaangee fi Farda baayi'inaa isaan 5 ol qabu tokkotti Qarshii 30 kaffala, Gaala baayi'inaa 5 ol qabu tokkotti Qarshii 100 kaffala.

✍️Dubartootni Mana bulchaniifi Qaama miidhamtootni Loon baayina 12 olitti kaffalu, Hoolaa fi re'ee walumatti 17 olitti  kaffalu ,Harree ,Gaangee fi farda 7 olitti kaffalu akkuma olitii ibsame kanatii kafaluu.

MIRGA KAFFALAA GIBIRAA

👉Kaffalaan Gibiraa,haala Raawwii kaffaltii raawwatuu irratti hubannoo ga'aa argachuu,

👉Hanga kaffaltii akka kaffaluuf itti murtaa'ee fi haala Ragaan itti sassabame irratti komii yoo qabate koree komiitti ragaa qabatamaa dhiyeessee komachuu ni danda'a.

👉Kaffaltii raawwateef naga'ee seera qabeessa fudhachuuf mirga qaba.

      Adabbii Bulchiinsaa

👉Qonnaan bulaan, horsiisee bulan yookiin gamisaa horsiisee bulan kaffaltii  itti fayyadama lafaa yookiin Gibiira Galii qonna   kaffaluuf dirqama qabu kamiiyyuu akkataa seeran daangaa yeroo kaa'ame dabarsee yoo argame Qarshii kaffaluu qabu irratti ji'a ji'aan qarshii paraasantii % 5 Hanga 25% Kan Adabbii ni kafalaa. Haa ta'uu malee adabbin 25% caalu hin qabuu.

👉 Kaffaaltii itti Fayyadama Lafa Baaddiyaa Fi Gibiira Galii hojii qonna akka sassabuuf bakka bu'ee  daangaa yeroo  Galii gochuu qabuu dabarsee argame  yeroo itti dabarse irraa egaale  ji'a ji'aan  5% Hanga 50% Kan Adabamu . Komishinii kaffaalamuufi qabus hin argatu
https://t.me/Ijooseera
👍1
Galmessa Waldaalee Daldalaa
==========//==========
Waldaleen Daldalaa buuura Seeraa Daldalaa Lakk-1243, bara 2013 baheetiin baayyinni isaanii torba (7) yoo ta'an, isaan keessaa Waldaalee Daldalaa lama (2) irratti hubannoof akka tolu ulaagaawwan barbaachisaniifi waa'een waldaalee kanneenii  akka armaan gaditti kaamaniiru.Isaanis;-
👉Waldaa  Dhuunfaa Itti gaafatamuummaan isaa murtaa'e ( Seera Daldalaa  Kewt- 495-533)
Baayyinni miseensa Waldichaa lamaa (2) gadii shantamaa (50) olii ta'uu hin qabu.
👉Kaappitaalli waldichaa qarshii kuma kudha shanii (15) gadi ta'uu hin qabu.
Kaappitallii waldichaa guutumaan guututti kanfalamuu qaba.
Gatiin sheerii tokkoo qarshii dhibba tokkoo (100) gadi ta'uu hin qabu.
Sheeriin hunduu gatii  aksiyonaa qixa qaba.
👉Itti gaafatamummaan miseensotaa hanga sheerii qabaniin ta'a. Waldichi bordiin kan hogganamu yoo ta'e  miseensi bordii nama 3-7 ta'uu qaba.
Waldichi miseensa kudhanii fi kaappitalli isaa qarshii 10,000,000( miliyoona  kudhanii) ol yoo ta'e oditara alaa ni qabaata.
👉Maallaqa of-eeggannoo seeraa ni barbaachisa,buaa waggaa waggaan argamu irraa kan %5 gadi hin taane kaa'amuu qaba. Kunis hanga kaappitallii waldichaa %10 gahutti murama.
👉Waldaa  Dhuunfaa Abbbaa Miseensa Tokkoo Itti-gaafatamuummaan isaa murtaaee (Seeraa Daldalaa kewt. 534-445)  Miseensi nama tokkoodha.
👉Kaappitaalli waldichaa qarshii kuma kudha shani (15) gadi ta'uu hin qabu.
Waldaa  dhuunfaan abbaa miseensa tokkoo itti gaafatamuummaan isaa murtaa'ee waldaa biroo walfakkaatu hundeessuu hin danda'u.
👉Miseensi waldichaa dhuunfaan ittigaafatammummaa hin qabu, hanga kaappitaala waldichaatiin ittigaafatamummaa  qaba (limited liablity).
Yaa'iin ni gaggeeffama, qaboon yaa'ii qabamee torbee sadi keessatti mirkanaa'uu qaba, murtiin kennamee jia'a tokko keessatti galmee daldalaa keessatti galmaa'uu qaba.  
👉Ulaagaa waliigalaa waldaalee daldalaa galmeessuuf guutamuu qaban;-
.Moggaasni maqaa waldaa daldalaa kan Waajjiraalee ykn Biiroo Daldalaa irraa kenname dhiyaachuu qaba.
.Warqaa enyummaa miseensa waldichaa.
.Namootni mallatteessan miseensa waldichaa ta'uu ykn aangoo qabaachuu qabu.
.Miseensi waldaa nama  umuriin isaa waggaa 18 fi isaa olii  ta'uu qaba.
.Barreeffamni hundeeffamaa yoo xiqqaate koppii sadiin qophaa'ee dhiyaachuu qaba.

👉Barreeffamni Hundeeffamaa Waldaalee Daldalaa qabiyyee kanaa gadii qabaachuu qaba.Kunis;-
.Maqaa guutuu, lammummaa fi teessoo miseensa waldichaa.
.Maqaa waldichaa ,teessoo muummee yoo qabaate damee isaa
Kaayyoo waldichaa, Buusiin gosaan (contribution in kind)  galii ta'ee yoo jiraate akaakuu buusii godhamee, teessoo qabeenyichi itti argamu,  ragaa idaa fi dhorka irraa bilisa ta'uu agarsiisu, ragaa abbaa qabeenyummaa, gaa'ila kan qabu yoo ta'e ragaa fuudhaafi heerumaa, haati manaa/abbaan manaa waligaltee kanaaf fedhii qabaachuu ishii/isaa ibsuu ykn aangoo bakka bu'ummaa dhimma kana irratti kenname yoo jiraate ykn gaaila kan hin qabne yoo tae ragaa gaa'ila irraa bilisa ta'uu ibsu kan qaama aangoo qabu irraa kennamee dhihaate.
👉Yeeroo turmataa waaldichaa .Akkaataa fi yeroo raawwiin hojii itti gaabaafamu.
.Walitti dhuufeenya hojii Gaggessaa waldichaa, Waldichaa fi Miseensa ykn Abbootii aksiyoonaa . Wanta seeraan ifatti kaa'mee fi waligalteewwan biroo miseensota jiddutti raawwatame yoo jiraate.   
👉Ulaagaalee addaa barreeffamni hundeeffamaa waldaalee daldalaa tokkoo tokkoon isaanii  qabiyyee guttachuu qabanii;-
.Waldaa  Dhuunfaa Itti Gaffatamuummaan Isaa Murtaa'ee (Private Limited Campany)
Kaappitaala waldichaa (baayina aksiyoonaa, gatiin aksiyoona tokkoo fi  kaapitaalli waliigala) fi ibsaa kaappitallii waldichaa guutummaan guutuutti kanfalamuu isaa agarsiisuu.
👉Hanga aksiyoonaa miseensoonni waldaa tokkoo tokkoon isaanii kanfalanii.
Waldichi Daareektaroota yoo qabaate baayinaa fi aangoo isaanii.
https://t.me/Ijooseera
Muudama Gargaartota Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa
-------------------
(Guraandhala 22,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa yaa'ii idilee 222ffaa Guraandhala 21,2017 gaggeesseen muudama Gargaartota Abbootii Seeraa Mana Murtii Aanaa  mirkaneessee jira.
Bu'uuruma kanaan dorgomtoota calallii dhumaa irra gahanii qabxii caalmaa argatanii fi naamusa barbaadamu qabaachuun isaanii amaname dhiira 100 fi dubartii 14 Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa  taasisuun muudee jira.
Waan ta'eefis dorgomtoonni muudamni keessan mirkanaa'e,  kan maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame baga milkooftan jechaa ramaddii fi  adeemsa itti aanu torban itti aanu kan isin beeksifnu ta'uu ni hubachiifna.
Himatamaan Aanaa Sirkaatti Namoota 5 irratti yakka Ajjeechaa raawwate adabbii hidhaa Cimaa Waggaa 23 tiin adabame
=========================
Ka'uumsi himannaa Himata Abbaan Alangaa  Godina Arsii gaafa guyyaa  09-04-2017 Mana Murtii Ol'aanaa Godina Arsiitti dhiyeeseen yoo ta'u Himatamaan maqaan isaa Muussaa Kadiiroo Booruu jedhamu shakkamtoota yeroof harki isaanii hin qabamne 1ffaa Huseen Kadiiroo 2ffaa Jibriil Qaasoo 3ffaa Abdulwahaab Umaroo jedhaman waliin ta'uun nama ajjeesuuf dursanii qophaa'anii yaadan waliigaluun gaafa 02-01-2016 tilmaaman halkan keessaa sa’aatii 3:00 - 3:30 tti Godina Arsii Aanaa Sirkaa Ganda Soolee Nageellee keessatti  1ffaa mana du'aa Booggaalaa W/Giyoorgis jedhamu dhaquun mana isaa keessaa baasanii fudhanii deemuun himatamaan kun kilaashii itti dhukaasuun cinnaacha bitaarra dhayee yoo kuffisu shakkamaan harki isaa hin qabamne bakka inni kufeeti itti deddeebisee itti dhukkasee kan ajjeessan yoo ta'u 2ffaa sa'aatima wal fakkaataa kanati mana du'aa M/re Abbabaa Wandimaaganyaw erga dhaqanii booda qarshii mana keessa jiru 25,000 fudhatanii du'aa mana isaatii baasanii himatamaan kun kilaashii mataatti dhukkaasee bakka inni kufeetti deddeebisee itti dhukaasee kan ajjeesse yoo ta'u 3ffaa ammas gocha 2ffaa kana erga raawwataniin booda sa'aatima wal fakkaataa kanati mana du'aa Amaaraa Wandimuu erga dhaqanii booda haluma wal fakkaatuun himatamaan kun shakkamtoota harki isaanii hin qabamne kaniin waliin ta'uun du'aa kana kilaashii itti dhukkaasee  kan ajjeesse yoo ta'u gaafa guyyaa 26-02-2016 tilmaaman halkan keessaa sa'aatii 3:00 hanga 3:30 yoo ta'u ammas himatamtoota yeroof harki isaanii hin qabamne waliin ta'uun Godina Arsii Aanaa Sirkaa Ganda Heellaa Waajjii keessatti 1ffaa.Mana Bulchaa Ganda Heelaa Waajjii kan ta'e Du'aa Kadiir Huseen dhaquun manaa baasanii bakka sulula Baargamoi jedhamutti haluma wal fakkaatuun kikaashii itti dhukkasuun battalumattu kan ajjeessanii fi 2ffaa yerooma wal fakkaataa ganduma kana keessa mana du'aa Umar Abduroo jedhamu dhaqanii haluma wal fakkaataadhaan kan ajjeessan waan ta'eef  galmeen garee qorannaa Waajjira Poolisii fi Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Sirkaatiin qoratamee Abbaa Alangaa Godina Arsiif erga dhiyaateen booda Abbaan Alangaa Godina Arsii Seera Yakkaa Riipaabilika Dimoookiraata Federaalaawa Itoophiyaa keewwata 35,32/1/A/B fi  539/1/A/ jalatti himannaa 5/Shan/ Himatamaa irratti dhiyeessee, kanumaan Himatamaan mana murtiitti dhaddacharratti dhiyaatee kan waakkate ta'uus Ragaan Abbaa Alangaa kan namaa fi bu'aan qorannoo yaalaa dhiyaate  himatamaan yakkicha raawwachuu kan irratti  mirkaneesse waan ta'eef keewwata ittin himatame himannaa hunda jalatti ofirraa yaa ittisu jedhamee  himatamaanis ragaa ittisaa dhiyyeeffatee Manni Murtiis ragaa bitaaf mirgaa yoo madaalu ragaan ittisaa himatamaan dhiyyeeffate irraa kan hin ittisin waan ta'eef  Manni murtii Ol'aanaa Godina Arsii  murtii balleessummaa kennuudhaan   yaada adabbii bitaa fi mirgaa erga fudhateen booda adabbii himannaa hundaa walitti dabaluun  dhaddacha gaafa guyyaa 19-06-2017 Ooleen himatamaa fi fakkaatota isaa ni barsiisa jedhee kan itti amane hidhaa Cimaa Waggaa 23 tiin adabee jira.

Hawaasni keenya namoota yakka raawwatanii baqatan  seeraatti  dhiyyaatanii akka gaafataman qaamolee Haqaa fi nageenyaa cinaa dhaabbadhaan dhaamsa keenya
=======/======//===========

Gurraandhala 20,2017
==================
Koominikeeshinii WAA Godina Arsii
============================
Asallaa
========
https://t.me/Ijooseera
Darbiinsa yeroo falmii qabiyyee lafa dhaalaa ilaalchisee.
Sabbariin Federaalaa akkas jedha: falmiin falmii dhaala qabiyyee lafaa yoo ta’ee fi seerota bulchiinsa lafaa (Labsii fi dambii) rogummaa qabu keessatti tumaan darbiinsa yeroo yoo jiraachuu baate , falmichi immoo dhaaltota gidduu yoo ta’e SHH kwt 1000 raawwatiinsa qaba.
Dhaalaa fi nama dhaalaa hintaane giddutti yoo ta’e immoo SHH kwt 1677(1) fi 1845 niraawwata.
https://t.me/Ijooseera
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
Murtiilee MMWFDHI Jildii 24ffaa Afaan Oromoo updated.pdf
1 MB
👏Murtiilee mana murti waliigala federaalaa dhaddacha ijibbaataatiin murteeffamanii jildii 24ffaa
jalatti mudde bara 2013 maxxanfaman kun baay’inni isaanii 80 (saddeettama) yeroo ta’an, murtiileen 1-40 jiran G/A/S Dirribaa Baqqalaatiin; murtiileen 40-80 jiran immoo A/A Firaa’ol Tasfaatiin kan hiikamaniidha.
👉Akkuma beekamu kana dura Hiikoo murtiilee dirqisiisoo jildii 25ffaa amajjii 15/2015 maxxanfaman baafatni isaanii gara afaan oromootti Abbaa Alangaa Firaa'ol Tasfaatiin hiikamee dhiyaatee ture.
🙏🙏Abbaa alangaa fi Abbaa Seeraa keenya guddaa galatoomaa. Bundle respect for both of you🙏🙏🙏
👏G/A/Seeraa Dirribaa Baqqalaa fi A/Alangaa Firaa’ol Tasfaa Leenjitoota ILQSO marsaa 17ffaa turan 👏👏👏

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasaa mariisisaa.
👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ ኤልያስ ካሳ
ጠበቃ እና የሕግ አማካሪን ያማክሩ።
📞 0929399368
https://t.me/eluLaw
👍1