📎Murtii Mana murtii waliigala Federaalaa dhaaddacha ijibaataa gaafa guyyaa 27/09/2012 galmee lakk 174623 ta'een murtii kenne.

📎 Foormii Waliigalteen gaa'ilaa ( contract of marriage) ilaalchisee waliigaltee gaa'ilaa barreeffamaan yoo hin taanee fi ragoota afur (4) lama (2) gara maatii Abbaa warraatiin, Lama (2) gara maatii haadha warraatiin kan irratti hin mallatteessan yoo ta'ee fi  hiriyaa ofii naamoota afur ykn kan garee tokkoo namoota afur waliigaltee gaa'ilaa irratti waan mallatteessaniif qofa waliigaltee seera duratti fudhatama qaba jechuu miti jechuun hikkoo seeraa kenneera.

📎Murtiin kun gabaabumatti wanni dabarsuu barbaade, waliigalteen gaa'ilaa seera duratti fudhatama kan qabaatu yoo waliigaltee gaa'ilaa barreeffamaan ta'ee fi ragoota afur (4) akka dirqamaatti lama (2) gara maatii Abbaa warraatiin, Lama (2) gara maatii haadha warraatiin irratti mallatteessan qofa akka ta'e hikkoo seeraa kenneera.


📎 https://t.me/Ijooseera
Murtii DhIMMWF Lakk.Galmee 220008 ta’e irratti gaafa 26/11/2014 kennamee (Murtii Hin Maxxanfamne).
Adeemsa falmii dhimma yakkaa keessatti namni yakkaan himatamee jiru tokko ragaan Abbaa Alangaa dhagahamee jalli murtii/ajajni akka ofirraa ittisu erga kennameen booda jalli murtii/ajajni akka ofirraa ittisu kennamee jiru sun dogoggora illee kan qabu yoo ta’e manni murtii dhimmicha ilaalaa jiru sun ragaa abbaa alaangaa irra deebidhaan madaaluun eejjennoo haarawaa qabachu kan hin dandeenye ta’u isaa ykn himatamaan ragaa ittisaa otoo hin dhiyeeffatiin murtii bilisaan gadi lakkisu kan hin dandenye ta’u isaa.

አንድ በወንጀል የተከሰሰ ሰው የዐቃቤ ህግ ማስረጃ ተሰምቶ የመከላከያ ማስረጃዉን እንዲያቀርብ ብይን/ትዕዛዝ ከተሰጠ በኋላ እንዲከላከል የተሰጠው ትዕዛዝ ስህተት ቢኖረዉም እንኳን ተከሳሹ ማስተባበያ ማስረጃ ባልቀረበበት ሁኔታ ከሱን በሚሰማው ፍርድ ቤት የዐቃቤ ህግ ማስረጃ በድጋሚ መዝኖ ቀደሞ ከተሰጠዉ ብይን/ትዕዛዝ የተለየ አቋም በመያዝ ተከሳሽን በነፃ እንዲሰናበት ሊወሰን የማይችል ስለመሆኑ፡፡
የሰ.መ.ቁ.220008 ሐምሌ 26/2014 ዓ.ም (ያልታተመ)
https://t.me/Ijooseera
Himannaa fedhiin addaan kutuu fi  bu'aa isaa ilaalchisee DhIMMWF Lakk.Galmee 220782 dhaddacha gaafa 26/03/2015 ooleen murtii kenneen "....himataan himannaa dhiheeffate jiru hordofuuf ykn addaan kutuuf mirga guutuu ni qaba, himannaa isaa akka addaan hin kutne(hin kaafanne) dirqisiisuun hin dandahamu.Bu'aan himannaa addaan kutuus:-qaamni himannaa isaa gartokko ykn guutumaan guutuutti addaan kute dhimma sana irratti himannaa haaraa hundeessuu hin danda'u(mirga himannaa haaraa hundeessuu isaa ni dhaba).
Dhimma gartokkeen ykn guutumaan guutuutti adda cite sana irratti himannaa haaraa hundeessuuf,himatni sun hayyama Mana Murtiitiin kan addaan cite ta'uu qaba.Kanaaf,himannaa hayyama Mana Murtii malee kan adda citu yoo ta'ee mirga himannaa haaraa dhiyeeffachuu nama ni dhabsiisa" jechuun SDFHH Kwt. 278(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee jira.
https://t.me/Ijooseera
👍2
Murtii DhIMMWF galmee lakk.isaa 220108 ta'ee irratti gaafa guyyaa 28/11/2014 "....Itti gaafatamummaa yakkaa iyyata sobaa himatni ykn iyyatni dambii hiyyumaatin akka banamuuf dhiyaatu irratti kennamee..
Kanaafu himannaa yakkaa dhiyeessuu  osoo hin barbachisin battalatti(summarily) S/y kwt 452 jalatti adabbii kennuun ni danda'aama jedheera.

Murtii DhIMMWF galmee lakk.isaa 220108 ta'ee irratti gaafa guyyaa 28/11/2014 "....Itti gaafatamummaa yakkaa iyyata sobaa himatni ykn iyyatni dambii hiyyumaatin akka banamuuf dhiyaatu irratti kennamee..
Kanaafu himannaa yakkaa dhiyeessuu  osoo hin barbachisin battalatti(summarily) S/y kwt 452 jalatti adabbii kennuun ni danda'aama jedheera.

https://t.me/Ijooseera
Dhaalaan tokko qabeeya waliinii dhaaltotaa tokko haayyama dhaaltotaa malee dhoksaan yoo gurgurate dhaaltotni maali gochuu qabu?
Dhaalaa tokko qabeenya dhaaltotaa kan ta'e mana jireenyaa qabeenya waliinii dhaaltotaa kan ta'e karaa dhoksaa ta'een kaartaa gara maqaa ofii isaa nanneessuun manicha kana nama biraatti ykn qaama 3ffaa dabarsee yoo gurgurate dhaaltonni kan gochuun isaanirra jiraatu nama manicha bitate kana qabeenya dhaalaa haayyama dhaaltota hundaa osoo hin argatin dhoksaan bite waan ta'eef waliin galteen bittaa fi gurgurtaa manaa dhaalaa fi nama mana bitate giddutti taasifame nuuf diigamee manicha harkaan akka nu gahu jedhamanii himachuu hin danda'an. Namni mana bite kun ''good faith'' kan bitate yoo ta'e  isa himachuun hin danda'an. Isaan himachuu  kan qaban dhaalaa haayyama isaanii malee dhoksaan manicha gurgurate. Seerummaan isaan yeroo himata dhiyeessan mana murtii  gaafachuu qabanis dhaalaan dhoksaadhaan mana gurgure kun qarshii mana itti gurgure keessaa gahee keenna akka nuuf qoodu ykn kennuu jechuun gaafachuu qabu!
👉SHH 1960 bahe keewwata1266, 1060(1)
👉MMWF, Dh, Ij l, Jildii 10ffaa Lak,Gal. 41857
https://t.me/Ijooseera
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Hiikkoo Seeraa Dirqisiisaa Dhaddacha Gaafa 28/07/2012 ooleen Lakk.Ga.173967 (Jildii 24ffaa) ta'e irratti Kenneen:
"Himatamaan tokko gaazexaadhaan waamichi godhameefii himannaan akka irratti dhiyaate bareera jedhamee kan tilmaamamu yoo gaazexaa sadarkaa biyyoolessaatti raabsamu irratti baheedha malee gaazexaa naannoo tokko keessatti qofa maxxanfamee raabsamu irratti bahuu isaa akka waan waamichi isa dhaqqabeetti akka mirkaneeffannootti fudhachuun waraqaan waamichaa gaheera tilmaama jedhu fudhachuun dhimmicha bakka himatamaan hin jirretti ilaalee murtii kennuun isaa heera mootummaa irratti mirgoota bu’uuraa namoota himatamaniif eegaman kan tuqu ta’uu isaa: S/D/F/Y keewwata 161,199 (a)
    (Murtiiwwan Dhaddacha Ijibbaataa MMWF, Leenjifamtoonni ILQSO marsaa 17ffaa G/A/Seeraa Dirribaa Baqqalaa fi A/Alangaa Firaa’ol Tasfaa hiikan keessaa kan fudhatame)

👉Hiikkoon seeraa kun kan ilaallatu dhimma Yakkaa yemmuu ta'u, dhimmicha keessatti himatamaan sababa dhukkubaatiin Naannoo Tigraayi irraa magaalaa Finfinnee dhufee, boodarra immoo hojiidhaaf biyya Ambaa kan deemee ture ta'uun isaa galmee keessaa ni hubatama.

          
https://t.me/Ijooseera

.
DHIMMOOTA YAKKATIIN RAGAAN DABALATAA AKKA DHAGAHAMUUF SIRNI ITTI MANA MURTII JALAATTI DEEBIFNU (REMAND) JIRAA?

@@@@@€€€€€@@@@€€€€€€€@@@@@@

....itti fufuun....

MMWF Dh. Ij. Lakk galmee 127484 taéen Jildii 22ffaa irratti hiikkoo kenneen MM ol-iyyata dhaggeeffatu ragaa dhagahameen murtii balleessummaa kennuunis taé bilisa gaggeessuun kan hin dandaámne yoo taé MM gahee isaa dhugaa barbaachuu akka bahachuu dandaúuf qulqulleessa ragaa dabalataan MM jalaa akka taasisee murteessuuf murtii diigee erguu akka dandaú murteesseera"

......itti fufuun.....

.....Haataú malee, ragaan dabalataa sadarkaa mana murtii ol-iyyata dhagahutti buúura SDFY kwt 194 tiin manuma murtii ragaa dabalataa ajaje sanaan dhagahamee madaalamee yoo murtaaé caalatti kaayyoon  SDFY galma gaha jedheen amana. Barbaachi dhugaas sadarkaadhuma sanattis qulqulleessuun milkaahuu dandaá. Hojimaanni akkasii dhimma HH tiinis akka hafee gara seeraatti akka deebiámu taée yeroo jirutti dhimma yakkaa immoo haala kanaan akka deebiée ragaan dabalaataa qulqullaaée murtaaúuf deebisuun kaayyoo olitti ibsame faana hin deemu. Murtii siátaa kan eegu garee falmuu fi hawaasa waan taéef ragaan dabalataa manuma murtii ragicha ajajeen osoo dhagahame kaayyoon kun milkaaá" pdf olii (👆👆👆👆) keessaa kan fudhatame.

👉Kan barreesse:- Miliyon T.Sarbeessaa (Leenjisaa IlQSO duraaniifi Gaggeessaa Dhimma Yakkaa Dhaddacha Dhaabbii Bahaa (MMWO)ti. Ogeessa jabaadha!! Ogeessota waan sammuutti yaadan haala ifa ta'een barreeffamaan kaa'an akkasii ni jajjabeessina. Ammas telegram channel kanaaf hojiiwwan haarayaa (original work) akkasii gumaachuu irraa of hin qusatinaa. Galatoomaa jennaan!!

       
https://t.me/Ijooseera
👍1
𝐃𝐡𝐨𝐫𝐤𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐁𝐮'𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚:
                      //
Ajajoota yeroof kennaman keessaa tokko dhorka Mana murtii qabeenyaan akka hin badne, hin mancaane, waliigalteen akka hin diigamne, Taateen addaa tokko akka dhimma Falmiif sababa ta'an irratti bu'aa jijjiirramaa hordofsiisu akka hin raawwatamne b'uura SDFHH kwt.154,155tiin kennamaniidha. Ajajni dhorkaa Qabeenyaa, Mirga, Waliigaltee ykn Taatee wayii irratti kennaman immoo Mana murtiitii qaama Ajajicha raawwachiisu qaqqabnaan Gareen falmii dhorkicha irraa fayyadamuu qabu fayyadamuuf mirga qaba. Kana jechuun Ajajni kenname tokko Galmee MM keessa kan hin jirre illee ta'u Ajaja dhorkaa Mana murtii irraa kennamee Qaama bulchiinsaa qaqqabnaan Gareen Iyyata dhorkaa iyyate qabeenyaa ykn Mirga dhorksiise irraa fayyadamaa ta'uuf mirga qaba. Qabeenyicha ykn Mirgicha ilaalchisee Waliigalteen Garee 3ffaan Abbaa qabeenyaa ykn abbaa mirga ykn Nama na ilaallata jedhe wajjiin raawwatu mirga dhorksisiisaa qabeenyichaa ykn Mirgichaa  sana hin tuqu (hin mulqu) jechuudha.
Fakkeenyaaf: Waliigalteen akka gurgurtaa, kennaa fi kkf qabeenyaa dhorkan MM irratti kennaman irratti taasifame Fayyadamaan dhorkaa waliigalteewwan kanneen diigsisuu fa'a ni danda'a. Mirga qabeenyaa dhorkame irraa bifa Gosaan ykn Raawwiin argachuu qabaatu ni gonfachiisa jechuudha.
              🅢🅞🅤🅡🅒🅔-👇
Murtii MMWF Dhaddacha Ijibbaataa (hin Maxxanfamne) Lakk.Galmee 251772 ta'erratti dhaddacha gaafa guyyaa 07/02/2017 ooleen kenneen kan murteesseedha.
https://t.me/Ijooseera
Falmiin qooda qabeenya abbaa warraa fi haadha warraatidha
Qabeenyi falmii kaase kanaan dura mana qabeenya dhaalaa ture walfuutonni yeroo gaa’ilaan jiran diiguudhaan mana haaraa (gamoo Daldalaa) itti ijaaranii jiru. Falmiin qooda qabeenyaa kanaan qabeenyichi kan dhuunfaati malee kan waliinii miti jechuun AW haalun dhimmichi Dha.Ijbaataa MMWF gahee gaafa 08/02/2017 galmee Lkk 246525 ta’erratti murtaa’ee jira.
Murtii kennameenis lafti manni irraa diigame kan dhaalaa ta’us gaa’ila keessatti diigamee kan falmii kaase haaraa yemmuu ijaaramu akkaataa SMO kwt 74(2)tti kan dhuunfaa jedhamee waan hingalmoofneef kan dhuunfaa jedhamuu akka hindandeenye hiikkoo dirqisiisaa ta’ee murtaa’eera
https://t.me/Ijooseera
1
Himatamaan labsii lakk.1185/2012  hasawa jiibinsaa fi odefannoo sobaa tamsaasuu,ittisuu fi too'achuuf bahee bira darbuun yakka hasawa jiibinsaa karaa miidiyaa hawaasaatiin tamsaasuu raawwateen himatamee adabamee
****
Him
atamaan maqaan isaa Kabbee Nugusee jedhamu gaafa 11/5/2017 guyyaa keessaa sa'aatii 9:00 yoo ta'uu Godina Arsii Aanaa Heexosaa Magaalaa Itayyaa Ganda 01 iddoo addaa Duubaay Safar jedhamu keessatti muka xaawulaa bocee taaboota fakkeessuun uffata uffisee mataa daa'immaa irratti baachisuun sirna waaqeffannaa Amantaa Ortoodooksii irratti qoosuu fi salphisuun haala sirna amantichaatti akkeessee  vidiyoodhaan waraabee fuula tiiktookii isaarratti gadlakkisuu raawwateen himatamee adabamee jira.
Galmee Waajjira Poolisii Aanaa Heexosaa irraa dhiyaateef bu'uura godhatee Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Heexosaa galmee himannaa Mana Murtii Aanaa Heexosaatti dhiyyeessee Manni Murtiis adeemsoota seeraa hunda dhagahee erga xummureen booda yaada adabbii bitaa fi mirgaa erga dhagahee murtii balleessummaa himatamaa kana kan barsiisuu fi fakkaatoota isaa akkekachisuu danda'uu adabbii hidhaa salphaa baatii afur(4) fi adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii(3000) tiin dhaddacha gaafa 25/6/2017 ooleen adabee jira.

Hasawa jiibinsaa gosa kammiyyuu raawwachuu irra of haa qusannuun dhaamsa

https://t.me/Ijooseera
Dhimma yakkaa ilaalchisee Sy kwt 543(2) fi 543(3) garaagarummaa akkamii qaba?
Fkn dambii tiraafiikaa ifa ta’e darbuun dagannoon lubbuu namaa dabarsuun walqabatee dambii ifaa lafoo dursa kennuu dhabuu raawwate jedhamee Sy kwt 543(3) jalatti gaafatamuu kan danda’u mallattoon lafoo deemaa ifa ta’e yoo jiraate qofa ta’uu fi kun yoo hinjirre uakkichi Sy kwt 543(2) jalatti ilaalamuu kan qabu akka ta’e sabbariin Federaalaa lkk home 230508 irratti murteesse jedhu.
https://t.me/Ijooseera
Dhagaha Dhimma Yakkaa Keessatti Sadarkaan Mirkaneessa Ragaa (Standard of Proof) Abbaa Alangaa Irraa Eegamuufi Himatamaa Irraa Eegamu Tokko Moo Addaa Addadha?
¢¢¢¢¢¢¢✓✓✓✓¢¢¢¢¢✓✓✓✓✓¢¢¢¢¢¢¢

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 30/03/2014 ooleen Lakk.Ga.212950 ta'e (Kan hin maxxanfamne) irratti kenneen:

Abbaan alangaa himannaa dhimma yakkaa dhiyeesse hubachiiseera kan jedhamu ragoolee dhiyeeffateen bifa gahaafi amansiisaa ta'een yoo hubachiise akka ta'e seerri deemsa falmii yakkaa kwtni 141 ni tuma. Namni yakkaan himatames himannaa isa irratti dhiyaate ilaalchisee ragaa fashaleessu akka dhiyeeffatu kan ajajamu kunumti yemmuu mirkanaa'u ta'uu isaa tumaalee sdfy kwt 141fi 142 irraa hubachuun ni danda'ama. Kanaan walqabatee qabxiin ka'uufi deebiin irratti kennamuu qabu "namni yakkaan himatame ragaa ittisaa isaatiin sadarkaa mirkaneessa ragaa hagamiitiin hubachiisuu qaba?" Kan jedhudha. Ibsa biraatiin himatamaa yakkaan himatamee ofirraa ittisi jedhame irraa sadarkaan mirkaneessa ragaa eegamu akkaatuma abbaan alangaa mirkaneesseen haala gahaafi amansiisaa ta'een mirkaneessuudhamoo ragaa abbaa alangaa irratti shakkiin akka uumamu taasisuudha? akka jechuuti.

Akkuma olitti ibsame, namni yakkaan himatame ragaa ittisaa akka dhiyeeffatuuf kan ajajamu ragaafi himannaa ragaa abbaa alangaatiin irratti mirkanaa'e akka fashaleessuuf (soba ta'uu akka agarsiisuufi)dha.

"Fashaleessuu" (ማስተባበል) jechuun immoo ragaalee gocha yakkaafi balleessummaa himatamichaa irratti kallattiinis haa ta'u al-kallattiin shakkiin akka uumamu taasisuun humna mirkaneessuu ragichaa irratti amantaan akka hin jiraanne taasisuu akka ta'e yaaddidama seera ragaafi barreeffamoota qorannoo naannoo kanatti barreeffaman irraa kan hubannudha. Kun immoo nama himatame irraa haala gahaafi amansiisaa ta'een akka mirkanaa'u taasisuu osoo hin taane ragaa abbaa alangaa ilaalchisee ejjennoo dursee qabame irratti shakkii uumuu qofa akka ta'e hubachiisa.

Gara dhimma harkaa qabnuutti wayita deebinu, abbaan alangaa himannaa isaa mirkaneessuuf ragoolee namaa qofa dhiyeeffate. Ragooleen abbaa alangaa dhiyaatanii dhagahamanis akkaatuma himannichaatiin iyyataan miidhamaa dhuunfaa irratti yakka wanbadummaa yemmuu raawwatu arguu isaanii mirkaneessaniiru. Ta'us gocha yakkaa iyyataan ittiin himatameen wal qabatee iyyataafi miidhamaa dhuunfaa gidduutti jaarsummaa taa'anii kan turan ragooleen ittisaa, iyyataafi walitti qabaan jaarsolee ajaja mana murtiitiin ragaa qulqulleessaa ta'ee dhiyaate miidhamaan dhuunfaa jaarsummicha irratti iyyataa yakkaan kan himatan yeroo hunda machaa'ee deemuudhaan waan jeequuf malee gochi yakka wanbadummaa akka hin jirre kan itti hime ta'uu dubbataniiru. Jaarsolee araaraa kanaan haalli kun mirkanaa'uun jecha ragummaa ragoolee Abbaa Alangaa dursee dhagahame irratti shakkiin akka uumamu kan taasisudha" jedheera.



        
https://t.me/Ijooseera
Hubannoof
𝐁𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐝𝐮𝐫𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐧𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐮𝐮 (𝐑𝐞𝐢𝐧𝐬𝐭𝐚𝐭𝐞𝐦𝐞𝐧𝐭)
𝐕𝐒
𝐒𝐞𝐞𝐫𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐚𝐦𝐞 (𝐂𝐕𝐏𝐂-𝟏𝟖𝟐)
                      
DhIjMMWF LGMM 248670 (Jildiin hin Maxxanfamne) ta'erratti murtii kenneen ''...Waliigaltee  yeroo akka diigamu murtaa'etti Wal falmitoota keessaa gareen Waliigalteen akka hin diigamne mormu akka filannootti yoo kan waliigalteen diigamu ta'e bakka dura jirutti deebi'uuf (Reinstate) bu'uura qajeeltoo SDFHH kwt.182 tiin osoo Seerummaa gaafachuu baatee illee garee wal falmitootaa seerummaa hin gaafanne sababa jedhuun bakka dura turanitti (Reinstate) gochuu dhiisuu akka hin qabneefi  Manni Murtii bu'aa diigamuu waliigaltee keessaa tokko bakka dura jiranitti deebi'uu ta'uu hubatee kaka'umsa mataa isaatiin bakka dura jiranitti akka deebi'an murteessuu akka qabu...''
jechuun murtii dirqisiisaa kenneera.
https://t.me/Ijooseera
👍1
𝐃𝐡𝐨𝐫𝐤𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐁𝐮'𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚:
                      //
Ajajoota yeroof kennaman keessaa tokko dhorka Mana murtii qabeenyaan akka hin badne, hin mancaane, waliigalteen akka hin diigamne, Taateen addaa tokko akka dhimma Falmiif sababa ta'an irratti bu'aa jijjiirramaa hordofsiisu akka hin raawwatamne b'uura SDFHH kwt.154,155tiin kennamaniidha. Ajajni dhorkaa Qabeenyaa, Mirga, Waliigaltee ykn Taatee wayii irratti kennaman immoo Mana murtiitii qaama Ajajicha raawwachiisu qaqqabnaan Gareen falmii dhorkicha irraa fayyadamuu qabu fayyadamuuf mirga qaba. Kana jechuun Ajajni kenname tokko Galmee MM keessa kan hin jirre illee ta'u Ajaja dhorkaa Mana murtii irraa kennamee Qaama bulchiinsaa qaqqabnaan Gareen Iyyata dhorkaa iyyate qabeenyaa ykn Mirga dhorksiise irraa fayyadamaa ta'uuf mirga qaba. Qabeenyicha ykn Mirgicha ilaalchisee Waliigalteen Garee 3ffaan Abbaa qabeenyaa ykn abbaa mirga ykn Nama na ilaallata jedhe wajjiin raawwatu mirga dhorksisiisaa qabeenyichaa ykn Mirgichaa  sana hin tuqu (hin mulqu) jechuudha.
Fakkeenyaaf: Waliigalteen akka gurgurtaa, kennaa fi kkf qabeenyaa dhorkan MM irratti kennaman irratti taasifame Fayyadamaan dhorkaa waliigalteewwan kanneen diigsisuu fa'a ni danda'a. Mirga qabeenyaa dhorkame irraa bifa Gosaan ykn Raawwiin argachuu qabaatu ni gonfachiisa jechuudha.
              🅢🅞🅤🅡🅒🅔-👇
Murtii MMWF Dhaddacha Ijibbaataa (hin Maxxanfamne) Lakk.Galmee 251772 ta'erratti dhaddacha gaafa guyyaa 07/02/2017 ooleen kenneen kan murteesseedha.
https://t.me/Ijooseera
👉🏻3.rakkoo diinagdee hordofsiisuu(keessattuu maatiin godaantootaa ilmaan isaanii baasuuf manaa fi lafa qaban gurguranii yeroo dallaalaan sodaachifaman maallaqa erganii yeroo ijoollee baafatan.
👉🏻4.humnaan gabroomuu hojii humnaa olii fedhii keetiin ala hojjachiifamuu fi kkfn akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda'ama.

✍🏻Hawaasni keenya irra hedduun godaansa seeraan alaa kana akka yakkaatti kan hubate osoo hin taane yokiin immoo oso hubateyyuu dallaaloota godaansa seeraanalaa irrattii hirmaataniin haawwii hintaane kessa seenee doggoggorsiifamaa waan jiraniif yakka tahuu isaarra  akka waan carraa gaariitti kan ilaalaniis waan jiraniif namoota yakka kana irratti hirmaatan saaxiluu irratti hanqinni hagana hin jedhamne hawaasa keessatti mullataa jira.

✍🏻Kanaafuu maalummaa godaansa seeraan alaa yakkummaa isaafi adabbi inni qabuu hawasa hubachisuun barbaachisaa ta’e waan argameef Waan argameef seerri dhimma godaansa seeraan alaa maal jedha? Akka itti aanutti dubbisaa

Iv.#Hirmaattota_Yakkoota_godaansa_seeraan_Alaa_Raawwachu_irratti_Qooda_Qaban_fi_Adabbiilee_jiran.
✍🏻Akka seera godaansa seeraan alaa fi namoota seeran ala daddabarsuu too'achuuf Mootumoota gamtoomaniitiin bahe resolution No.55/25of15 kewt 3 jalatti akka ibsetti godaansa seeraan alaa jechuun godaansa ummataa biyya tokkorraa gara biyya biraatti godhamu ta’ee kan seera biyyattii godaanaatiin ykn itti godaanamuun dhorkamee fi Namni yakka goodaansa seeraan alaa irratti hirmaate immoo seera biyyootaatin kan murtaa’u ta’a jechun ibsa. Biyyi teenya Ehitopiyaaniis kanuma bu'uura godhachuun seera  mataa isii kan hirmaattota yakkichaa adda baasuu fi Adabbiilee raawwataa gochichaas tumtee lafa keessee jirti.

✍🏻Karaa seerri hin hayyamneen Lammiileen akka daangaa qaxxamuran warreen taasisan too'achuuf Biyyi teenya hirmaattota Yakkichaas adda baasuun Seera tumtee lafa keessee jirti .Akkaataa  Labsii Federaala  lakkoofsa 1178/2020 tiin Namni kamiyyuu   ofiifis haatahu nama biraatiif bu'aa  argamsiisuuf ja'ee Namni biraa akka daangaa Ethiopia  seenu , daangaa Ethiopia qaxxaamuree akka gara  Alaa bahu, Daangaa qaxxaamursuuf  kan qophii taasisuu, kan kana raawwachuuf adeemsa adda addaa godhu, mana ofii bulchuus haatahu,qarshiin gargaaruus hatahu nama kana akka gowwoomee deemu sossobuus haatahu Nama kana geejjibsiisuu fi kan namni biraa iddoo biraa irraa itti fidees Daangaa dabarsuuf ofitti fuudhun hirmaataa yakkichaa nama taasisa.

✍🏻Namni hirmaataa yakkichaa tahee argame bu'uura labsii 1178/ 2020   keewwata (8) tin Adabbiileen isarrattu raawwatoo ta'an tumamaniii jiru Adabbiileen kunniin Hidhaa cimaa waggaa 5 hanga waggaa 10  fi Adabbii Maallaqaa Qarshii Kuma 10 Hanga Kuma 100 gahu hirmaataan yakkichaa akka  Adabamu ifatti tumee lafa kaa'eera.Kun kanumaan osoo jiruu Haalli hirmaataan yakkichaa irratti Adabbii kan olitti ibsame kana  caalaa cimsuu danda'an tumamanii jiru fakkeenyaaf gochoonni hirmaataan yakkichaa raawwate  kun Kan raawwataman  Daa'imman iirratti, nama sammuun dhukkubsatu fi Qaama miidhamaa irratti yoo ta'e, Adabbiin isaa hidhaa waggaa 7 hanga waggaa 15 fi Adabbii maallaqaa Qarshii Kuma 20 hanga Qarshii Kuma 100 akka  Adabsiisu labsuma kana keewwata 8/ 2 Jalatti ifaan tumee jira. kanaaf gocha kana balaafamummaa inni Lammii biyyaa irratti qabuu fi  Miidhaa inni haawaas dinagdee biyyaa irratti qabu hubannee  qaama hirmaataa yakkichaa tahe saaxiluun Godaansa seeraan Alaa Waliin haa ittifnu.
https://t.me/Ijooseera
👍1
Seerri Yakkaa kwt 556(2)(A) jalatti:

"The crime is punishable, upon accusation, with simple imprisonment from six months to three years where; the criminal has used poison, a lethal weapon or any other instrument capable of inflicting injuries" jedha. Haala kanaan, yakkamaan miidhaa kan dhaqqabsiise summiidhaan ykn meeshaa ajjeesuun ykn meeshaa biroo miidhaa qaamaa dhaqqabsiisuu danda’u kamiiniyyuu fayyadamuun miidhaa qaamaa salphaa kan dhaqqabsiise yoo ta'e, adabbiin ka'umsaa hidhaa salphaa ji'a ja'aa ta'uun seericha kutaa addaa jalatti ifatti tumameera.

Seerumti kun kwt 179 jalatti immoo ulaagaan keewwaticha jalatti ibsaman yoo guutan, haala itti manni murtii adabbii kutaa addaa seerichaa jalatti ibsamee gaditti bu'ee adabuu danda'u tumeera. Haala kanaan, kwtichi kwt xiqqaa (E) jalatti:

"Kutaa addaa seerichaa keessatti ka’umsi adabbii hidhaa salphaa ol ka’ee tumamee kan jiru yoo ta’e, bakka adabbii kanaa adabbii hidhaa salphaa guyyaa kudhanii gadi hin taane adabuun kan danda'amu ta'uu tumeera.

Fakkeenyaaf, namni 'X' jedhamu meeshaa fayyadamee miidhaa qaamaa salphaa dhaqqabsiisuudhaan SY Kwt 556(2)(a) jalatti balleessaadha erga jedhamee booda, gochi isaa akkaataa qajeelfama adabbii lakk.2/2006tiin sadarkaa 1, gulantaa ka'umsa adabbii 5 jalatti yoo kufeefi sababni adabbii cimsu (1) fi salphisu (4) yoo irratti dhiyaate, gulantaa tokkoon ol kaasnee, afuriin waan gadi deebisnuuf, adabbichi gulantaa 2ffaa keessatti kufa. Gulantaa 2ffaan immoo filannoodhaan hidhaa guyyaa 10 hanga ji'a ja'aa ykn hojii dirqii guyyaa 10 hanga ji'a ja'aa jechuun kaa'eera. Kana malees, duuka deemtuun qajeelfamichaa gulantaa 2ffaan adabbii maallaqaa hanga qarshii 1000tti kan adabsiisu ta'uu kaa'eera. Fakkeenya olitti fudhanne keessatti (SY Kwt 556(2)(a) jalatti adabbiin maallaqaa filannoodhaan waan hin teenyeef, adabbii haarayaan qajeelfamichaan uumamus waan hin jirreef, gabatee san ilaaluun adabbii maallaqaa murteessuu hin dandeenyu. Ulaagaan olitti ibsine kan guute taanaan garuu akkaataa SY kwt 179fi qajeelfama adabbiitiin hanga gulantaa 2ffaatti gadi dhufnee, gulantaa 2ffaa keessatti adabbii hidhaa salphaa guyyaa 10 hanga ji'a 6 gidduutti adabbii ni barsiisa jennee tilmaamnuun adabuu dandeenya jechuudha. (Dhimmi waa'ee adabbii "Hojii Dirqii" sirna mataa isaa waan qabuuf asitti kaasuun barbaachisaa ta'ee natti hin mul'anne)

Kanaan walqabatee, Dhaddachi Ijibbaataa MMWFs, hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa l4/09/2011 ooleen Lakk.Ga.164894 (kan hin maxxanfamne) ta'e irratti kenne keessatti; Manni Murtii ulaagaan SY kwt 179 jalatti ibsame yoo guute, bu'uura keewwatichaatiin (179(e)) hanga adabbii hidhaa salphaa guyyaa kudhaniitti gadi bu'ee adabuu kan danda'u ta'ullee, osoo adabbiin maallaqaa akka filannootti SY kwt 556(2)(a) jalatti hin tumamin kallattiidhaan gara adabbii maallaqaatti jijjiiree adabuu kan hin dandeenye ta'uu ibsuudhaan murteesseera. Isin Yaadaafi murtii kana akkamitti ilaaltu?

     
https://t.me/Ijooseera
Murtii Barsiisoo
==========+++=====
Oolmaa dhaddachaa
      WAAA/Collee.                                              Guyyaa 28/06/2017
Himatamaan Yakka  yaalii Gudeeddii dubartii irratti raawwate adabbii hidhaa cimaa Waggaa jahaatiin(6) adabame.

Godina Arsii Aanaa Collee Ganda Qorroo Guuguu iddoo addaa naannoo  Mana amantaa Qorroo maariyami jedhamuun beekamuutti gaafa guyyaa 16/06/2017 guyyaa keessaa tilmaamaan saa’atii 3:00----4:00tti  Himatamaan Aabbuu Gameessaa Jedhamu Dubartii dirqamaan gudeeduf itti yaadee Miidhamtuu Maqaan ishee "__" jedhamtu Humna fayyadamuun Cuubee dhaan doorsisaa  harka isaa tokkon immoo morma miidhamtuu hudhee qabee miidhamtuu gara duubatti kuffisee osoo dirqamaan gudeeduf yaaluu iyya miidhamtuuf hawaasni ykn ummanni waan irraa hambiseef Waj Poolisii A/Collee waliin ta'uun galmee Qorannoo erga qullqulleessanii booda Abbaan Alangaa Aanaa Collee Seera yakkaa bara 1996 bahe kewt 620(1) fi Kewt 639(1) jalatti
himannaa mana murtii Aanaa Colleetti kan dhiyeesse yoo ta'u Himatamaan himannaa isarratti dhiyaate Waan waakkateef manni murtiis falmii bitaa fi erga gaggeesseen booda himatamaan yakka ittiin himatame ofirraa Akka ittisuu ajaja kennus ragaa ittisaa hin qabu waan jedheef himatamaa keewwata (27)fi (620(1) jalatti balleessaa qaba jechuun yaada bitaa fi mirgaa erga dhagahe booda dhaddacha gaafa guyyaa 28/06/2017 ooleen adabbii himatamaa ni barsiisa akkasumaas fakkaatoota isaa ni akeekkachiisa jedhe adabbii hidhaa cimaa waggaa jahaatiin (6) tiin akka adabamu jechuun murteesseera.

Dhaamsa WAAA/Collee
Hirmaannaa hawaasaa fi qaamoolee dhimmi ilaallatu hunda waliin taanee yakka daa'immanii fi dubartootaa irratti raawwatamu haa ittifnuu jechaa iddoo yakki raawwatetti immoo eeruu kennuu fi saaxiluun waliin haa ittifnuun dhaamsa waajjira Abbaa Alangaa Aana Coolleeti.
Horaa Bulaa !!!!
https://t.me/Ijooseera
Falmiin qooda qabeenya abbaa warraa fi haadha warraatidha
Qabeenyi falmii kaase kanaan dura mana qabeenya dhaalaa ture walfuutonni yeroo gaa’ilaan jiran diiguudhaan mana haaraa (gamoo Daldalaa) itti ijaaranii jiru. Falmiin qooda qabeenyaa kanaan qabeenyichi kan dhuunfaati malee kan waliinii miti jechuun AW haalun dhimmichi Dha.Ijbaataa MMWF gahee gaafa 08/02/2017 galmee Lkk 246525 ta’erratti murtaa’ee jira.
Murtii kennameenis lafti manni irraa diigame kan dhaalaa ta’us gaa’ila keessatti diigamee kan falmii kaase haaraa yemmuu ijaaramu akkaataa SMO kwt 74(2)tti kan dhuunfaa jedhamee waan hingalmoofneef kan dhuunfaa jedhamuu akka hindandeenye hiikkoo dirqisiisaa ta’ee murtaa’eera
https://t.me/Ijooseera
👍1
𝐃𝐡𝐨𝐫𝐤𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐁𝐮'𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚:
                      //
Ajajoota yeroof kennaman keessaa tokko dhorka Mana murtii qabeenyaan akka hin badne, hin mancaane, waliigalteen akka hin diigamne, Taateen addaa tokko akka dhimma Falmiif sababa ta'an irratti bu'aa jijjiirramaa hordofsiisu akka hin raawwatamne b'uura SDFHH kwt.154,155tiin kennamaniidha. Ajajni dhorkaa Qabeenyaa, Mirga, Waliigaltee ykn Taatee wayii irratti kennaman immoo Mana murtiitii qaama Ajajicha raawwachiisu qaqqabnaan Gareen falmii dhorkicha irraa fayyadamuu qabu fayyadamuuf mirga qaba. Kana jechuun Ajajni kenname tokko Galmee MM keessa kan hin jirre illee ta'u Ajaja dhorkaa Mana murtii irraa kennamee Qaama bulchiinsaa qaqqabnaan Gareen Iyyata dhorkaa iyyate qabeenyaa ykn Mirga dhorksiise irraa fayyadamaa ta'uuf mirga qaba. Qabeenyicha ykn Mirgicha ilaalchisee Waliigalteen Garee 3ffaan Abbaa qabeenyaa ykn abbaa mirga ykn Nama na ilaallata jedhe wajjiin raawwatu mirga dhorksisiisaa qabeenyichaa ykn Mirgichaa  sana hin tuqu (hin mulqu) jechuudha.
Fakkeenyaaf: Waliigalteen akka gurgurtaa, kennaa fi kkf qabeenyaa dhorkan MM irratti kennaman irratti taasifame Fayyadamaan dhorkaa waliigalteewwan kanneen diigsisuu fa'a ni danda'a. Mirga qabeenyaa dhorkame irraa bifa Gosaan ykn Raawwiin argachuu qabaatu ni gonfachiisa jechuudha.
              🅢🅞🅤🅡🅒🅔-👇
Murtii MMWF Dhaddacha Ijibbaataa (hin Maxxanfamne) Lakk.Galmee 251772 ta'erratti dhaddacha gaafa guyyaa 07/02/2017 ooleen kenneen kan murteesseedha.
https://t.me/Ijooseera
👍2