Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
File Number 106 (HF) Ato Alebel.pdf
4.4 MB
Namni Tokko Qabiyyee Lafaa Karaa Seeraan Alaatiin Argame Irratti Humna, Kaappitaalafi Dandeettii Waa Uumuu Isaatiin Qabeenya (Mana) Yoo Horate Abbaa Qabeenyaa Manichaa Ta'uu Ni Danda'aa? Manni Maree Federeeshinii FDRI Gama Kanaan Maal Murteesse?
Dubbisaa

Credit to Maftu Lawyer page
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
LABSIIWWAN MMO
Labsii Lakk 254-258/2016
Asiin gaditti siniif maxxanfameera.
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Labsii Lak 254 bara 2016.pdf
17.5 MB
Labsii Dhaabbilee Hawaasa Siiviilii Naannoo Oromiyaa
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Labsii Lakk 255 Bara 2016.pdf
20.5 MB
Labsii Kaffaltii Ittifayyadama Lafa Baadiyyaafi Gibira Galii Hojii Qonnaa Naannoo Oromiyaa, Lakkoofsa 255/2016
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Labsii lak 256 Bara 2016.pdf
9.8 MB
Labsii Bulchiinsaafi Ittifayyadama Qabeenya Bishaanii Naannoo Oromiyaa
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Labsii Lak 257 Bara 2016.pdf
9.3 MB
Labsii Misooma, Bulchiinsa fi Ittifayyadama Bosonaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Labsii lak 258 Bara 2016.pdf
12.7 MB
Labsii Pilaanii Magaalota Naannoo Oromiyaa
Forwarded from Law students Union ️️️ (𝐄𝐩𝐡𝐫𝐞𝐦 𝐇.)
Legal vacancy.
Yakkaa Daa'immanii fi Dargaggoota Gaa'ela Hin Geenyee:-


⚖️ Akka Seera Yakkaa biyya keenyatti daa'imman umriin isaanii waggaa 9 hin guunne seera yakkaatiin itti hin gaafataman, kanas seera yakkaa keewwata 52 jalatti ifaan tumeera.

🧙Daa'imman yommuu yakka raawwatanitti maatiin,barsiisonni,bulchitoonni isaanii ykn qaamoleen biroo eeggannoowwan barbaachisaa gochuufi qabu.

Raawwattoota yakkaa ijoollee umriin isaanii waggaa 9 hanga15 jiran:-
Ga'eessota waliin hin himataman,hin hidhamanis, (SDFY kew.5 fi SY kew. 53(1).
Ijoolleen umriin isaanii waggaa 9-15 guute yakka yommuu raawwatan adabbii fi tarkaanfileen eeggannoo isaan irratti murtaa'an,SY kew. 157 hanga 168 jalatti tumaman qofaan.

Tumaaleen adabbiilee idilee balleessitoota ga'eessotaaf tumaman raawwattoota yakkaa dargaggootaaf raawwatiinsa hin qaban.
Himanni ijoollee umrii waggaa 9-15 ta'an irratti dhihaatu,dhimmichi bakka isaan hin jirretti hin ilaalamu,SDFY kew.160 (1).
Adeemsi isaa bu'uura tumaalee SDFY kew.171 hanga 177 jiraniin ta'uu qaba.
Ijoolleen ykn mucaan yakka raawwataniiru yoo jedhame poolisiin,Abbaan Alangaa,abbaan ykn guddisaan Mana Murtii dhihoo jirutti battalumatti qabee dhiheessuu akka qabu,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 172(1) irraa ni hubatama.

Dhimmichi iyyannoo dhuunfaan kan dhihaatu yoo ta'e,iyyataan akka dhiheessu ajaja (SDFY Kew.172(2))

Abbaan Alangaa himannaa akka qopheessu kan ajajamu,himanni dhihaate waggaa 10 (kudhan) ol kan adabsiisu yoo ta'e hidhaa cimaa ykn du'aan kan adabsiisu yoo ta'e qofaadha. (SDFY Kew.172(3))

Akkaataa kew.174 tiin Manni Murtii mucichaaf abukaatoo dhaabuu qaba.

Manni Murtii himannaa yeroo dhagahu,adeemsa himata idilee dhagahamu haala adda ta'eeniidha (SDFY kew.176(2))
Wanti ijoolleen dhagahuu hin qabne yoo ta'e,yeroo dhagahaa mucaan kutaa dhaddachaa keessaa akka bahu gochuu qaba,(SDFY kew.175) kana jechuun falmiin kan dhagahamu dhaddacha cufaadhaan. Ragoota,maatii ykn guddisaa fi miseensota dhaabbata tola ooltota yoo ta'e malee namni kamiyyuu dhaddacha irratti argamuu hin qabu, (SDFY kew.176(1))

Abbaan Alangaa argamuu Kan danda'u himanni Mana Murtii Ol'aanaa kan dhagahamu yoo ta'e qofaadha. Ragoolee garee lachuu kan qoratu Mana Murtii mataa isaati.SDFY kew. 176(5) fi (6).
Himata dhuunfaa ykn iyyannoo himannaa ijoollee (mucaa) yakka raawwate jedhameef erga dubbifameen booda deebii kennuu akka qabu ni gaafatama SDFY kew.176(3).
Himatamaan himata hubatee amanuun isaa ifa ta'ee yoo mul'ate,Manni Murtii battalatti murtii balleessummaa kennuu ni danda'a SDFY kew.176(4).

Himatamaan yoo hin amanne ragooleen himata mirkaneessu akka dhihaatan Manni Murtii ni ajaja.Mucaan ykn bakka bu'aan isaa abukaatoon ragaa ittisaa akka waamsifatu gochuu ni danda'a SDFY kew. 176(5).
Ragoolee garee lameenuu jalqaba Manni Murtii ni qorata.Itti aansuun gareen himatamaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu ni danda'a,SDFY kew. 176(6).
Ragaan dhagahamee erga xumuramee fi gareen himatamaa yaada xumuraa taasiseen booda Manni Murtii murtii ni kenna (SDFY Kew.176(7))

Himatamaan balleessaa ta'ee yoo hin argamne bilisaan gadi lakkifama.
Balleessaa yoo ta'e immoo adabbii barsiisu ykn eeggannoon ni murteessa, SDFY kew. 177(1).
Adabbii ilaalchisee:
⚛️Tarkaanfiiwwan daa'imman irratti yeroo fudhatamu,nageenyi daa'immanii dursa ilaalamuu qaba,heera mootummaa keewwata 36(2).
⚛️Murtii daa'imman(ijoollee) fayyadu kennuuf,Manni Murtii amalaa fi balleessaa duraanii gaafachuuf dhaabbata kamiyyurraa nama kamiiyyuu ykn bakka bu'aa waamuu ni danda'a,sdfy keewwata 177(2).
⚛️Namoonni armaan olitti ibsaman jecha erga kennaniin booda,himatamaa waa'ee adabbii jechaan gaafachuu ni danda'a,sdfy keewwata 177(3).

⚛️Manni Murtii adabbii erga kenneen booda akkasumas himatamaan ibseen booda amala fuulduraa akka sirreeffatu akeekkachiisuu qaba,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 177(4).
👏1
⚛️Bu'uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 173 jalatti caqafameen yakka cimaa(ol'aanaa) yoo hin raawwanne mucaa balleesse irratti mirga namaa fuulduraaf akka dhabu Manni Murtii murteessuu hin danda'u,sdfy keewwata 177.
⚛️Manni Murtii,murtii ijoollee gaa'ila hin geenye umrii waggaa 9-15 irratti murteessan ilaalchisee beeksisa baasuun ibsuu hin qabu,sdfy keewwata 179.
⚛️Mucaan gaa'ela hin geenye balleessaa raawwateef Mana yaalaa fi amala fooyyeessuu(sirreessuu) adabbii guddisaa yoo irratti murtaa'e akka adabbii yakkaa adabamanitti hin lakkaawaman,sdfy keewwata 169.
Balleessaan yoo mirkanaa'e kan irratti murteessan bu'uura keewwattoota 161_173 tiin murtii adabbiilee fi akeekkachiisaawwan jiran qofaadha,Seera yakkaa keewwata 53.
Ijoolleen kunniin adabbii ga'eessotaaf(beekaaf) tumamaniin hin adabaman.

Manni Murtii yeroo hunda murtii akeekkachiisaa yeroo filatu umrii mucaa balleessaa raawwate,amala,fi haala guddina sammuu fi hamilee isaa bu'uura godhachuudhaan,akkasumas amala gaarii guddisuuf akka ta'u yaaduun qajeelfamuu qaba,seera yakkaa keewwata 54 fi 55

🧑‍⚖️Daa'immaniif eegumsaaf kunuunsa haa goonuu 🫵
1