Forwarded from Jemal Kumbi
Waldiddaan Qabiyyee Lafa Baadiyaa Irratti Ka’u Dursa B/Gandaa Irratti Jaarsaan Ilaalamuu Kan Qabu Eenyuun Ilaallata?
================================
Labsii Bulchiinsaa fi Ittifayyadama Lafa Baadiyaa Lkk 130/1999 Kwt 16; Labsii Lkk 248/2015 kwt 33 fi; Murtii Dh Ijb MMWF glm Lkk 102406 (Jld 21) .
================================
Waldiddaan Qabiyyee Lafa Baadiyaa irratti ka’u kamiiyyuu kallattiin gara Manneen Murtii Idilee dhufuu akka hinqabnee fi jalqaba karaa B/Gandaa Jaarsota bitaa fi mirgi filataniin ilaalamuu akka qabu Labsii Lafa Baadiyaa Oromiyaa duraanii Lkk 130/1999 kwt 16 jalatti tumamee ture.
Haaluma walfakkaatuun labsiin Lkk 248/2015 Labsii Lkk 130/99 fooyyesses kwt 33 (1) jalatti gosa Dhimmoota waldiddaawwan sadarkaa Bulchiinsa gandaatti jaarsaan ilaalamuu qabanii tarreessuun ibsee jira.
Isaanis; falmii daangaan walqabatu, falmii mirga abbaa qabiyyummaa Lafa mana jireenyaa, dheedichaa, bishaanii , ooyruu ykn jallisiin fi akkasumas dhaaltotaa fi Nama dhaalaa hintaane giddutti ka’uun walqabatee ka’u jalqaba Bulchiinsa Gandaa qabiyyichi itti argamutti dhiyaachuun jaarsota filayamaniin ilaalamuu akka qabu labsicha kwt 33(1(a-c)) jalatti tarreeffamuun ibsamee.
Akkasumas adeemsi ittiin ilaalamus labsicha kwt 33(2) jalatti bal’inaan diriirfamee argama.
Egaa kanaan walqabatee gaaffiin ka’u tumaan seerichaa kun qaama/garee falmii akkamii ykn eenyuun ilaala kan jedhu yemmuu ta’u jecha biraatiin namoota dhuunfaa qofa moo dhaabbilee/jaarmiyaslees niilaala kan jedhudha.
Kanaan walqabatee labsiin duraanii Lkk 130/1999 s ta’ee labsiin Lkk 248/2015 eenyummaa gareewwaniin wanti adda kan hinjirre ta’us Dha Ijbta MMWF garuu Murtii glm Lkk 102406(Jld 21) irratti gaafa 09/03/2009 kenneen akkaataa Labsii Lkk 130/99 kwt 16n waldiddaawwan qabiyyee Lafa Baadiyaa ilaalchisee B/Gandaatti dhiyaachuun Jaarsa araaraa filatamaniin ilaalamuu qaba jedhame falmii qotee bultoota namoota uumamaa ta’an giddutti kan ka’an malee falmii Nama uumamaa fi jaarmiyaa ykn dhaabbata seeraan namoomee giddutti ka’u kan ilaalu/dabalatu akka hintaane hiikkoo laatee jira.
Akka hiikkoo kenneettis Labsii Lkk 130/99 kwt 16 Labsii Lafa Baadiyaa Mootummaa Federaalaa waliin haala walsimuun hiikamuu kan qabu ta’uun alattis kaayyoo Caffeen tumaa kwt 16 labsicha keessatti hammachiiseef waliin hubatamuu qaba jedhee jira.
Haaluma kanaan Caffeen keewwaticha kan labseef qotee bultii dhuunfaa Waldiddaa qabiyyee lafaa irratti godhatan otuu fagoo deemuun yeroo fi qabeenya isaanii hinqisaasin dhiyeenyatti dhimmicha karaa araaraa fi jaarsummaan akka furatqn yaadeeti malee jaarmiyaalee qaama seerummaa Federaalatti ykn Naannotti galmaa’an akka hammatuuf yaadanii miti waan ta’eef qotee bultoota malee jaarmiyaalee seeraan uumaman hinilaallatu jedheera Dh Ijbta MMWF.
Labsiin Lkk 248/2015 kwt 33 tumaa Labsii Lkk 130/99 kwt 16 kan hinjijjiirre waan ta’eef hiikkoon Dhaddacha Ijbt olitti ilaalame kwt 33 Labsii Lkk 248/2015 irratti raawwatiinsa akka qabu ifadha.
NB: akkaataa tumaa kwt 16 Labsii Lkk 130/99tis ta’ee Labsii Lkk 248/2015 kwt 33tti namni kamiiyyuu jalqaba falmii isaa B/Gandaatti dhiyeeffachuun/jaarsota araaraatti ilaalcjifachuun fedhii malee dirqama akka hintaanee fi namni barbaade kallattiin Mana Murtii idilee aangoo qabutti himachuu akka danda’u glm biroo irratti Dh Ijbta MMWF hiikkoon kennes niyaadatama.
1
Forwarded from Dereje Tariku Law Office (Dereje Tariku)
የፍርድ_አፈፃፀም_ፅ_ቤት_የአሰራር_ስርዓት_መመሪያ_ቁጥር_26_201709122025.pdf
8.8 MB
Qajeelfama Sirna Raawwii Murtii Manneen Murtii Federaalaa Lakk.26/2017

የፌዴራል ፍርድ ቤቶች የፍርድ አፈፃፀም ፅ/ቤት የአሰራር ስርዓት መመሪያ ቁጥር 26/2017
Forwarded from Dereje Tariku Law Office (Dereje Tariku)
ከጥቅምት_2017_እስከ_የካቲት_2017_የተወሰኑ_የሰበር_ውሳኔዎች_by_AbduRahman_Seid.pdf
10 MB
FSCD! 2017!

ከጥቅምት 2017 እስከ የካቲት 2017 የተወሰኑ 239 የፌደራል ጠቅላይ ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት ውሳኔዎች


Fuula 'Telegram' Elias Kasa Ta irraa kan fudhatame
Forwarded from Maftuu lawyer @Gola seeraa🙏️ (Maftu Ebrahim)
የፌዴሬሽን_ምቤት_ውሳኔ_11_01_2023_19_39_59_1.pdf
6.6 MB
𝙈𝙪𝙧𝙩𝙞𝙞 𝙢𝙖𝙣𝙖 𝙢𝙖𝙧𝙚𝙚 𝙛𝙚𝙙𝙚𝙧𝙚𝙨𝙝𝙞𝙣𝙞𝙞 𝙢𝙖𝙣𝙖 𝙦𝙖𝙗𝙖𝙡𝙚𝙚 𝙞𝙡𝙖𝙖𝙡𝙘𝙝𝙞𝙨𝙚𝙚 𝙢𝙪𝙧𝙩𝙞𝙞 𝙙𝙝𝙖𝙙𝙙𝙖𝙘𝙝𝙖 𝙄𝙟𝙞𝙗𝙖𝙖𝙩𝙖𝙖 𝙙𝙞𝙞𝙜𝙪𝙪𝙣 𝙢𝙪𝙧𝙩𝙚𝙚𝙨𝙚 𝙜𝙪𝙪𝙩𝙪𝙪 𝙞𝙨𝙖𝙖
𝘫𝘰𝘪𝘯 𝘰𝘶𝘳 𝘵𝘦𝘭𝘦𝘨𝘪𝘳𝘢𝘮
T.me/maftulawyer
𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗛𝗮𝗮𝗿𝗮𝘄𝗮𝗮
•••
Dhaddachi ijibbaataa MMWF dhaddacha Abbootiin Seeraa 7 irratti moggaafamuun guyyaa kaleessaa jechuunis, Amajjii 25 bara 2018 oole kenneen murtiiwwan kana dura galmeewwan lakk. 50835 fi 67127 ta’an irratti kennee ture jijjiiree jira.

Haaluma kanaan namni murtiin Mana Murtiin kenname mirga koo tuqa jedhu himata haaraa hundeessuun mirga isaa kabachiifachuu kan danda’u sababa humnaa ol ta’e ykn gahaadhaan murtiin mirga isaa tuqu kennamuu haalli itti beeku yoo hin jiraanne ykn sababa kanaan mormii dhiyeeffachuu kan hin dandeenye ta’uun yoo mirkanaa’e akka ta’e hiikoo haaraan kennameera.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Amajji 29,2018
BAAWO, Finfinnee
--------------------
Beeksisa Ramaddii Guddina Sadarkaa Olee Abbootii Alangaa Aanaa irraa gara Godinaa Guddatan
Maddi:: Fuula FB BAAWO ti
Forwarded from Jemal Kumbi
#Dhaddachi Ijibaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa lakk.galmee 466000 irratti dhaddacha gaafa guyyaa 16/072017 ooleen falmiin diiggaa gaa‟ilaa fi qoodinsa qabeenya waliinii abbaa warraa fi haadha
warraa falmii hariiroo hawaasaa biraa irraa amala of-danda‟e qabuu fi dhimma maallaqaan shallagamuu hin dandeenye ta‟uu isaatiin qabeenyi qoodinsaaf dhiyaates ta‟ee, qoodinsaaf yeroo
qulqullaa‟utti tilmaamni isaa qarshii 300,000 ol ta‟uu danda‟u dhiyaatus, dhimma Abbaan Seeraa tokko itti moggaafamee hojjetamuu danda‟u dha jechuun murteesseerra.
#Qaroo Haqaatiin
3
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
By Elias K. (Leenjii SDFHH Kutaa 2ffaa LHD M-17ffaa.pdf
14.5 MB
👉Leenjii SDFHH kutaa 2ffaa(Update) 👉👉Leenjii: Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa(Kutaa 2ffaa )-LEENJII HD MARSAA 17FFAATIIF
👉By Elias kasa.(LLB,LLM)-Bara 2016(ILQSO)
👉👉👉https://t.me/eluLaw