Giddulixummaa Falmii Hariiroo Hawaasaa; eenyutu bu’ura seeraa kamiin sadarkaa falmii kamirratti gidduulixuu danda’a?
==================================
Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH) kwt 41, 42, 358, 418 fi 450 fi Murtii Dh Ijbta MMWF glme Lkk 210420 irratti kenname
==================================
Waldiddaan mana murtiitti falmii ta’ee dhiyaatu tokko jalaqaba garee lama giddutti kan eegalu yoo ta’u isaanis himataa fi himatamaa giddutti akka ta’e beekamaadha. Kana jechuun dhimmi falmii kaase yeroo hunda jara lamaan qofa ilaaluu dhiisuu kan malu ta’uu caalaayyuu inumaa dhimma gonkumaa isaan hin ilaallannee fi dantaa garee biroo falmiin jara giddutti ka’uu fi gaggeeffamaa jiraachuu isaayyuu qaba hinqabne haalli itti ta’u qabatamaan hedduudha.
Yeroo haalli akkasii uumamu namni falmii dhimma inni dantaa irraa qabu irratti himataa fi himatamaa giddutti mana murtiitti gaggeeffamaa jiru tokko sadarkaa falmichi irra gahee fi dhimmichi yeroo beekuu danda’e irratti hundaa’uun Adeemsa falmiitti makamee mirga isaa kabajchiifatu seeraan diriirfamee jira. Innis giddulixummaa SDFHH kwt 41 fi 42, mormii murtii SDFHH kwt 358, iyyata mormii raawwii murtii SDFHH kwt 418 fi himannaa haaraa murtii boodaa SDFHH kwt 450 fi kkf jedhamee beekama.
Haaluma kanaan namni dhimma inni dantaa irraa qabu irratti falmiin Mana Murtiitti eegaluu isaa otuu murtiin hinkennamin dura beeke ykn dhagahe nama dhuunfaa yoo ta’e akkaataa SDFHH kwt 41n, qaama bulchiinsa mootummaa dantaan mootummaa falmichaan xuqamuu beeke yoo ta’e kwt 42n iyyata giddulixummaa dhiyeeffachuun falmii gidduu seenuu nidanda’a.
Akkaataan ittiin seenamus sababa gidduu isa seensisu akkuma nama himannaa dhiyeeffatuutti dantaa dhimmicha irraa qabaachuu isaa fi yeroo biraa haalli itti mirga isaa kabachifatu kan hinjirre ta’uu agarsiisuun kan dhiyeeffatu yoo ta’u iyyata eeyyamsiisaa kan biroo dhiyeeffachuun isa hinbarbaachisu.
Iyyanni dhiyaatu akkaataa dambii kanfaltii abbaa seerummaa Lkk 08/2016tiin kanfaltiin abbaa seerummaa itti kanfalamee kan dhiyaatu (akkaataa dambii fi tumaa SDFHH dura hojii irra tureetti kanfaltiin abbaa seerummaa iyyannoo giddulixummaatti hinkanfalamu ture) yemmuu ta’u Manni Murtiis iyyataan gidduu lixuu qaba moo hinqabuu isaa irratti bitaa fi mirga yaada kennisiisuu otuu hinbarbaachisin ofumaa isaatis murteessuu qaba.
Gama biraa namni ykn qaamni mootummaa silaa akkaataa olitti ibsameen bu’ura SDFHH kwt 41 ykn 42 gidduu lixuu qabu otuu inni hinbeekin ykn quba hinqabaatin himataa fi himatamaa giddutti murtii kan kenname yoo ta’ee fi otuu immoo murtichi raawwatamee hinxumuramin dhimma kan beekan yoo ta’e akkaataa SDFHH kwt 358n iyyannoo mormii murtii dhiyeeffachuun falmii keessa lixuu danda’u.
Iyyannichis galmee dhimma xumura argatee galmeen cufame deebisee lan sochoosu waan ta’eef kanfaltiin abbaa seerummaa itti kanfalamee dhiyaata. Iyyannoo dhiyaate gareewwan falmii kaan dhimmicha duraayyuu otuu beeku bu’aa murtii eegee dhiyaate jechuun mormanii deebii kennuu kan danda’an ta’us Manni Murtiis ragaa dhagahuun dhimmicha iyyataan dursee kan beeku ta’uu yoo mirkanaa’e falmii ijoo keessa galuun otuu hinbarbaachifne iyyannoo dhiyaate kufaa gochuu danda’a.
Itti fufa
https://t.me/http_Ijooseeraa

Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
❤2
Forwarded from Maftuu lawyer @Gola seeraa🙏️ (Maftu Ebrahim)
225796_የከተማ_ቦታ_የሊዝ_መብት_በሽያጭ_የሚተላለፍበት_አግባብ.pdf
934.8 KB
𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 𝟐𝟐𝟓𝟕𝟗𝟔 ta'e irratti "waliigalteen liizii ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa qabeenya hin sochooneef taa'an guutuu qaba fi adeemsa kana hordofamuu qaba(...shall be required to follow transparent procedures of sale...).Kanaaf,waliigalteen liizii Mana Magaalaa qaama aangoo qabu biratti taasifamee galmaa'uu qaba.Kanaan alatti ragaa biraatiin waliigaltee akkanaa mirkaneessuun hin danda'amu" jechuun hiikoo kenneera.
T.me/maftulawyer
T.me/maftulawyer
Forwarded from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
Waamicha Eeggattoota Gargaaraa Abbaa Seeraa MMA
------------------------------
(Onkoloolessa 24,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Gargaartota Abbaa Seeraa dorgomsiisee kanneen leenjii hojii duraaf ILQSO seenan adda baasuun isaa ni yaadatama.
Bu'uuruma kanaan Gargaartota Abbaa Seeraa ILQSO akka seenaniif murtaa'e keessaa dorgontoonni dhiiraa lama:-1-Yuunivarsiitii Dambidoolloo irraa ragaa barnootaa sobaa /foorjidii/ CGPA 2.55n xumuree otoo jiruu akka waan 3.2n xumureetti dhiyeessuun isaa qorannoo gaggeeffameen waan mirkanaa'eef 2-MM keessatti muudamee waggaa lama akka waan him guunneetti ragaa dogoggorsu dhiyeessuun isaa waan mirkanaa'eef lamaan isaaniituu akka haqaman murtaa'eera. Waan ta'eefis eggattoota keessaa Eeggataa 1ffaa kan ta'e Sisaay Takkuu Birruu fi Eeggataa 3ffaa kan ta'e Liiban Ashannaafii Isaatuu leenjii akka galtan waan murtaa'eef waajjiraalee Abbaa Alangaa dhiyeenya keessanitti argamutti wabummaa guuttanii akka qophooftan hubachiisaa eeggataa 2ffaan kan bira darbameef eeggattoonni 2ffaa hanga 4ffaa 100 keessaa qabxii wal qixa fidanii waan turaniif CGPA dhaan adda baasun eeggataa 3ffaan 3.74 waan qabuuf dursa kan argate ta'uu ni hubachiifna.
Itti fufiinsaan dorgomtoonni ragaawwan sobaa dhiyeessuun darban yoo jiraatan qorachuun tarkaanfiin kan fudhatamu ta'uu ni beeksifna.

❤1
Forwarded from Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa (Getachew Tasew)
Beeksia Waamicha Leenjii leenjifamtoota hojii duraa marsaa 19ffaaf;
Forwarded from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
Beeksisa Waamicha Gargaartota Abbaa Seeraa
--------------
(Onkoloolessa 26,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)Gargaartonni Abbaa Seeraa leenjii hojiin duraaf ILQSO akka seentaniif murtaa'e hundi Sadaasa 1 fi 2 Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa,magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaa cinaatti argamutti argamuun leenjii akka jalqabdan ni hubachiifna.
Hub- Leenjifamtoonni 1) waliigaltee wabii itti waamtan 2)xalayaa wabiin keessan wabii ta'uuf barreessifate 3)ragaalee barnootaa keessan 4)maallaqa hanga mindaan ji'a Sadaasa isiniif kaffalamutti baasii nyaataaf itti fayyadamtan qabattanii akka argamtan ni hubachiifna.

𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐡𝐚𝐫𝐢𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐡𝐚𝐰𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚 2472 𝐣𝐚𝐥𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐭𝐮𝐦𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐣𝐢𝐫𝐮𝐭𝐢 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐠𝐚𝐥𝐭𝐞𝐞𝐧 𝐥𝐢𝐪𝐢𝐢 𝐦𝐚𝐚𝐥𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐫𝐬𝐡𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐛𝐚 𝐬𝐡𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐨𝐥𝐢𝐢 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐦𝐢𝐫𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚'𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐮, 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢?
❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 2472 jalatti jiraachuun waliigaltee liqii maalaqaa qarshii dhibba shanii olii kan mirkanaa’u ragaa barreefamaa. gaafa dhagaha duraa himatamaan yoo amanee fi jecha kakuu himatamaan kennu qofan kan mirkanaa’u tahuu isaa tumamee jira.
❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 2472 jalatti waliigalteen liqii maalaqa qarshii dhibba shanii olii ragaa barreefamaatiin mirkanaa’a jechuun tumamee malee waliigaltichi mataan isaa barreemaan tahu akka qabu kan tumamee jiru waan hin tahiniif ragaa barreefamaatin mirkanaa’a kan jedhu kun ragaa barreefamaa formaalitin isaa waliigaltee barreefaman tahu qabuf seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727 hanga 1730 jalatti tumamee kan gareewwaan waliigaltee fi ragoonnis irratti mallatessaaniin mirkanaa’a jechuudha moo ragaa barreefamaa isa kami kan jedhu adda baasuun barbaachisaadha.
❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 1719 jalatti seeraan yoo haala addaatiin formiin addaa waliigalteen itti raawwatamuu qabu tumamee jiraate malee gareewwaan waliigaltee akkaataa barbaadaniin waliigaltee isaanii raawwachuu akka danda’an tumamee jira.
❇️Waliigaltee liqii maalaqaa ilaalchisee seeraan kan tumamee jiru waliigalteen liqii maalaqa qarshii dhibba shanii ol ragaa barreefamaatin mirkanaa’a kan jedhu malee foormiin addatti waliigaltee liqii maalaqaa raawwachuuf yokiin waliigaltichi barreefamaan akka ta’uuf seeraan dirqisiisaa ta’e tumame kan hin jirree fi ragaa barreefamaatiin mirkanaa’a jechuun ragaa barreefamaa formaalitin isaa waliigaltee barreefaman tahu qabuf seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727 hanga 1730 jalatti tumamee jira.

Temesgen A.Lawyer:
®Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa,Seera vs Hafiinsa Falmitootaa(Dhimma HH):
1.Guyyaa dhagahaaf beellamame bitaa mirgi yoo hin dhihaanne,galmeen ni cufama.Ol'iyyannoon immoo ni haqama(sdfhh keewwata 69(2)).
#Dh.Ij.MMWF Jildii 9ffaa lakk.galmee 43410 ta'e dhaddacha Sadaasa 30,bara 2002 ooleen''Guyyaa falmii afaaniitiif beellamame bitaa mirgi(himataa fi himatamaan) yoo hin dhihaanne galmeen cufamuu akka qabu''murtii dirqisiisaa kennee ture.
2.Bu'uura seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 69(2) tiin galmeen cufamee;himatamaan bu'uura sdfhh keewwata 71 tiin kanfaltii abbaa seerummaa irra deebi'ee kanfalee fi kisaaraa kanfalee galmee banachuu ni danda'a.Himatamaan kan beellamarraa hafe sababa gahaatiin yoo ta'e kana mana murtiitti dhiheessuun kanfaltii abbaa seerummaa fi kisaaraa osoo hin kanfalin galmee cufame sochoosuu ni danda'a.Sdhhh keewwata 71 jalatti seerichi abbaan dhimmaa akka deebii itti kennu hin tumu.Abbaa seeraatu murteessa.Kanfaltiin kisaaraa waraabbii Afaan Amaaraatiin jiru dhama qabeessaa miti,sababni isaa kaayyoo sdfhh faalleessa.
3.Guyyaa dhagaha duraa himataan dhihaatee himatamaan yoo hin dhihaanne,bu'uura sdfhh keewwata 70 tiin akka haala isaatti dhimmi bakka himatamaan hin jirretti akka itti fufu ykn waraqaa waamichaa 2ffaa akka ergamu ajajuu ykn falmii beellama biraatiif dabarsuu ni danda'a.Himatamaaf waamichi sirnaan qaqqabee guyyaa dhagaha duraa yoo hafe garuu bakka inni hin jirretti dhimmichi ilaalama(sdfhh kwt.70(a) fi 246(2)).Dh.Ij.M.M.W.F.Jildii 1ffaa L.G.14184 FI 15835 ilaaluun ni danda'ama.
Guyyaa deebiif beellamame sdfhh kwt.233(default proceeding) fi falmiif beellamame(exparte) gara gara.Himatamaan yeroo beellamame keessatti deebii yoo hin dhiheeffanne mirga deebii barreeffamaan kennachuu bira darbama malee falmii keessaa hin bahu(sdfhh keewwata 233 fi 199/1).
#Dh.Ij.MMWF Jidlii 6ffaa Lakk.Galmee 24111 ta'e dhaddacha Gurraandhala 11,bara 2000 ooleen''guyyaa deebiif beellamame himatamaan beellamarraa yoo hafe mirga deebii barreeffamaan dhiheeffachuu qofa dhaba'' jechuun murtii laatee ture(sdfhh kwt.70(a),195).
#Dh.Ij.MMWF Jildii 6ffaa L.G 24775 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 21,bara 2000 ooleen'himatamaan deebii akka dhiheeffatuuf beellamame irratti himatamaan yoo hin dhihaanne qofaaf dhimmichi bakka inni hin jirretti akka ilaalamuuf ajajni kennamu rogummaa kan hin qabne ta'uu''sdfhh kwt.241(1) fi 233 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
4.Bu'uura sdfhh keewwata 70(a) tiin dhimmi bakka himatamaan hin jirretti akka ilaalamu erga ajajameen booda beellama itti aanutti dhihaatee sababa gahaa yoo dhiheeffate osoo inni jiru akka dhagahametti fudhatamee fi himatamaan raga dhageessifachuu danda'a.Dhimmi duubatti osoo hin deebi'in bakkuma jiruu kan itti fufuudha.
#Dh.Ij.MMWF Jildii 12ffaa Lakk.Galmee 61846 ta'e dhaddacha Caamsaa 29,bara 2003 ooleen''falmiin bakka hin jirretti akka itti fufu jedhame himatamaan beellama itti aanutti sababa gahaa yoo dhiheeffatee fi mana murtii hubachiise mirga raga ittisaa dhiheeffachuu kan danda'u ta'uu''sdfhh kwt.72,78(1) hiikoo dirqisiisaa laatee ture.Himatamaan sababa gahaan beellamarraa hafe jechuuf mana murtii himatamaan ilaalcha gaarii(good faith) qabaachuu fi dhiisuu,haala naannoo qabatama jiru ilaalacha keessa galchuun murteessuu akka qabnu hiikoo dirqisiisaa kanarraa hubachuun ni danda'ama.Dh.Ij.MMWF Jildii 9ffaa L.G.43731-------
5.Balleessaa ykn dagannoo himataatiin waraqaa waamichaa himatamaaf(mtootaaf) hin geenye yoo ta'e,himatamaa(mtoota) hin geenye irratti galmeen ni cufama(sdfhh kwt.70(d)).Ol'Iyyannoon ni haqama.Garuu,himatamtoonni waraqaan waamichaa osoo isaan hin gahin guyyaa dhagahaa yoo dhihaatan galmeen hin cufamu ykn hin haqamu.
6.Himata kallattii bu'uura sdfhh kwt.70(D) tiin galmeen yoo cufame himatamaan haallan bu'uura sdfhh kwt.71 guutuun galmeen akka banamuuf gaafachuu ni danda'a.

DhIMMWF 𝑳𝒂𝒌𝒌 𝒈𝒂𝒍𝒎𝒆𝒆 218470 irratti gaafa guyyaa 28/11/2014 ooleen iyyata keessa deebii murtii(review of judgment) ilaalchisee murtii kennamee!
Ragaan haraa argamuu qofti bu'uura S.d.f.h.h. keewwata 6 tiin iyyata keessa deebii murtii(review of judgment) dhiyeeffachuuf gahaa miti.
Bu'uura S.d.f.h.h. keewwata 6(1) jalatti tumamee jirun iyyata keessa deebii murtii ilaalamu kan dandahu murtiin dura kennamee jiru ragaa barreeffamaa sobaan qophaa’e ykn jecha ragaa sobaan mana murtiitti namaan kenname ykn ragaan dhihaatee dhagaahame sun mattaa’aa fudhateera yoo ta’e ykn dhiibbaan seeraan alaa karaa kamiin iyyuu irraan geessifamee jiru bu'uura godhachuun kan kennamee jiru yoo ta'e dha.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
❤1
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Beeksisa doorgoomii Jijjirraa Addaa Abbootii Alangaa Godinaa fi Aanaa Magaalaa Shaggar.
Waldiddaan Qabiyyee Lafa Baadiyaa Irratti Ka’u Dursa B/Gandaa Irratti Jaarsaan Ilaalamuu Kan Qabu Eenyuun Ilaallata?
================================
Labsii Bulchiinsaa fi Ittifayyadama Lafa Baadiyaa Lkk 130/1999 Kwt 16; Labsii Lkk 248/2015 kwt 33 fi; Murtii Dh Ijb MMWF glm Lkk 102406 (Jld 21) .
================================
Waldiddaan Qabiyyee Lafa Baadiyaa irratti ka’u kamiiyyuu kallattiin gara Manneen Murtii Idilee dhufuu akka hinqabnee fi jalqaba karaa B/Gandaa Jaarsota bitaa fi mirgi filataniin ilaalamuu akka qabu Labsii Lafa Baadiyaa Oromiyaa duraanii Lkk 130/1999 kwt 16 jalatti tumamee ture.
Haaluma walfakkaatuun labsiin Lkk 248/2015 Labsii Lkk 130/99 fooyyesses kwt 33 (1) jalatti gosa Dhimmoota waldiddaawwan sadarkaa Bulchiinsa gandaatti jaarsaan ilaalamuu qabanii tarreessuun ibsee jira.
Isaanis; falmii daangaan walqabatu, falmii mirga abbaa qabiyyummaa Lafa mana jireenyaa, dheedichaa, bishaanii , ooyruu ykn jallisiin fi akkasumas dhaaltotaa fi Nama dhaalaa hintaane giddutti ka’uun walqabatee ka’u jalqaba Bulchiinsa Gandaa qabiyyichi itti argamutti dhiyaachuun jaarsota filayamaniin ilaalamuu akka qabu labsicha kwt 33(1(a-c)) jalatti tarreeffamuun ibsamee.
Akkasumas adeemsi ittiin ilaalamus labsicha kwt 33(2) jalatti bal’inaan diriirfamee argama.
Egaa kanaan walqabatee gaaffiin ka’u tumaan seerichaa kun qaama/garee falmii akkamii ykn eenyuun ilaala kan jedhu yemmuu ta’u jecha biraatiin namoota dhuunfaa qofa moo dhaabbilee/jaarmiyaslees niilaala kan jedhudha.
Kanaan walqabatee labsiin duraanii Lkk 130/1999 s ta’ee labsiin Lkk 248/2015 eenyummaa gareewwaniin wanti adda kan hinjirre ta’us Dha Ijbta MMWF garuu Murtii glm Lkk 102406(Jld 21) irratti gaafa 09/03/2009 kenneen akkaataa Labsii Lkk 130/99 kwt 16n waldiddaawwan qabiyyee Lafa Baadiyaa ilaalchisee B/Gandaatti dhiyaachuun Jaarsa araaraa filatamaniin ilaalamuu qaba jedhame falmii qotee bultoota namoota uumamaa ta’an giddutti kan ka’an malee falmii Nama uumamaa fi jaarmiyaa ykn dhaabbata seeraan namoomee giddutti ka’u kan ilaalu/dabalatu akka hintaane hiikkoo laatee jira.
Akka hiikkoo kenneettis Labsii Lkk 130/99 kwt 16 Labsii Lafa Baadiyaa Mootummaa Federaalaa waliin haala walsimuun hiikamuu kan qabu ta’uun alattis kaayyoo Caffeen tumaa kwt 16 labsicha keessatti hammachiiseef waliin hubatamuu qaba jedhee jira.
Haaluma kanaan Caffeen keewwaticha kan labseef qotee bultii dhuunfaa Waldiddaa qabiyyee lafaa irratti godhatan otuu fagoo deemuun yeroo fi qabeenya isaanii hinqisaasin dhiyeenyatti dhimmicha karaa araaraa fi jaarsummaan akka furatqn yaadeeti malee jaarmiyaalee qaama seerummaa Federaalatti ykn Naannotti galmaa’an akka hammatuuf yaadanii miti waan ta’eef qotee bultoota malee jaarmiyaalee seeraan uumaman hinilaallatu jedheera Dh Ijbta MMWF.
Labsiin Lkk 248/2015 kwt 33 tumaa Labsii Lkk 130/99 kwt 16 kan hinjijjiirre waan ta’eef hiikkoon Dhaddacha Ijbt olitti ilaalame kwt 33 Labsii Lkk 248/2015 irratti raawwatiinsa akka qabu ifadha.
NB: akkaataa tumaa kwt 16 Labsii Lkk 130/99tis ta’ee Labsii Lkk 248/2015 kwt 33tti namni kamiiyyuu jalqaba falmii isaa B/Gandaatti dhiyeeffachuun/jaarsota araaraatti ilaalcjifachuun fedhii malee dirqama akka hintaanee fi namni barbaade kallattiin Mana Murtii idilee aangoo qabutti himachuu akka danda’u glm biroo irratti Dh Ijbta MMWF hiikkoon kennes niyaadatama.

Hiikoo fi Gosa Jeequmsaa SHH kewt.1149 (1)f Murtii DH.IJ.MMWF Lakk.Galmee 219736ttin Kennamee.
-----------#######-----------
☑️Namaa abbaa qabiyyee ta’e tokko karaan mirgaa abbaa qabiyyummaa isaa itti kabajachiiftuu kan seeran kennamee keessaa tokko himanna jeequmsi narraa haa dhaabattuu jedhuu akka tahe SHH kewt.1149(1) jalatti kan tumamee yoo tahu.
☑️Haala kanan namni himanna dhiheessu firiin dubbii ijoon inni mirkanneessu qabu qabiyyee jeequmsi irratti uumammee karaa seeraa qabeessan ykn haala waliin dhahiinsa (fraud) irraa bilisa ta’e argate ykn qabatee kan harkaa qabu fi dhugumman irratti ajaja jiru tahu fi qabiyyee kana irratti namni ykn qaamni biroo qabiyyicha irraa mirgaa tokko illee hin qabne karaa seeraan alattin jeequmsa kan irratti uumaan ykn kaasan tahu akka qabu kewt.1140.1148 fi kewt.1149 walitti qabun yoo ilaalaan kan hubatamuudha. Haa tahuu malee seericha kewt.1149(1) jalattis firiwwan dubbii jeequmsi jiraachuu agarsiisan ibsuu jecha “Jeequmsa” jedhuuf hiikaa ifaa tahe kan kennee hin qabu.
☑️Firriwwan dubbii gocha jeequmsa hundeessan lama yoo ta’an, 1ffaa abbaan qabiyyee nagayaan mirgaa isaa akka itti hin fayyadamne dhoorkuu ykn gufuu tahu ykn jidduu seentumma( interference) jiraachuu yoo tahu, 2ffaan immoo qabiyyee harkaa isaa turee gocha humnaan ykn karaa birootin qabiyyee abbaa qabiyyee harka ture guutuman ykn gartokken harka fudhachuun qabiyyumma dhabsiisuu (dispossession) kan ilaaltuudhaa.
☑️Gama birattin gochi jeequmsa karaa lama raawwachuu akka danda’u qorannowwan naannawwa kanatti godhaman kan agarsiisan akka tahee ibsameera. Kunis 1ffaa gocha jeequmsa qabatama raawwatamu( Disturbance in fact) kunis qabxiilee firiwwan dubbii 2ffaa irratti ibsaman kanneen akka abbaan qabiyyee nagayaa akka qabiyyee isatti hin fayyadamne dhoorkuu fi jidduu seentumma ykn qabiyyee harka fudhachuu ykn jala qabachuu kan qaama ykn namaa mirgaa hin qabneen raawwatamuu yoo taha, gosti jeequmsa 2ffaan immoo jeequmsa karaa seerattin mirgaa abbaa qabiyyummaa isaa beekkamtii dhoorkuu (Disturbance in law) kanneen akka waraqaa ragaa abbaa qabiyyumma jala haquu ykn balleessuu ta’uu danda’a.
☑️Gosatti jeequmsa 2ffaan kun yeroo baay’ee gocha qaamni bulchiinsa kakka’umsa mataa isattinis ta’e gaaffii qaamni biroottin karaa adda addattiin haala mirgaa abbaa qabiyyummaa abbaa qabiyyee tuqun ykn miidhuun taarkaanfii bulchiinsaa yeroo fudhatuu kan uumamuudhaa. Taarkaanfii bulchiinsa fudhatamus akkummaa haala isaatti abbaan qabiyyee waan tokko akka raawwatuu ykn akka hin raawwannee kan taasiisuu ykn immoo mirgaa abbaa qabiyyummaa illee kan dhabsiisuu ta’uu danda’a jechuudhaa.
☑️Haala olitti ibsameen namni qabiyyee isaa irratti jeequmsi uumamee waantii jala fudhatame akka deebi’uuf ykn gochi jeequmsi ummamee akka irraa dhabbatuufi kisaara sababa gocha jeequmsatti isaa irraa gahee yoo jiraatees daangaa yeroo seeraan taa’e keessatti gaafachuu kan danda’uu fi manni murtiis gochonni kunneen raawwatamu isaa yoo mirkanneeffate jeequmsi akka dhaabbatuu fi kisaaran akka kaffalamu murteessuu kan danda’an akka tahe SHH kewt.1149 (1) irraa ni hubatama.
☑️Gama birattin qabeenyaa hin sochoone irratti waraqaa ragaa mirkanneessa abbaa qabiyyummaa kennuus ta’e adeemsi ragaan sun itti kenname seeraa fi sirnaa kan hin hordofne tahu yoo mirkanneeffate ragaan duraan kenname haquun aangoo qaama bulchiinsatiif seeraan kennameedhaa. Ta’us qaamni bulchiinsa aangoo seeraan isaaf kenname yeroo hojitti hiikuu seeraa fi sirnaa hordofe hojii irraa kan oolchee tahuu isaa manni murtii qorachuu ni danda’a.
☑️Haala kanan qaamni bulchiinsa taarkaanfii yeroo fudhatu seeraa fi sirnaa kan hin hordofnee maal na dhibdeen taarkaanfii kan fudhatee ta’u isaa manni murtii kan mirkanneeffate yoo tahe taarkaanfii bulchiinsa fudhatame kufa gochuu ni danda’a.
☑️Kanaaf dhimmaa lakk.galmee gubbatti caaqafame irratti dhihaateen walqabate deebii kennan(waajjirri bulchiinsa fi itti fayyadama lafa magaalaa kutaa magaalaa Nifa silkii Laaftoo) sababa kaartaa oliyyaata haqeef yoo dhiheessu qabiyyicha irratti kaartaan qaama birootiif waan kennameef kan jedhu yoo tahu, gargalchaa murtii mana

murtii jala irraa immoo qabiyyichaa irratti kaartaa dursee oliyyaataf kan kennamee turee ta’utu mirkanna’ee jedhee.
☑️Kanaaf taarkaanfiin kaartaa oliyyaata kana haquu sababan kan hin deeggarame fi aangoo garmalee fayyadamuun waan taheef taarkaanfiin kun gocha jeequmsatti.
☑️Kanaaf gochichi jeequmsa erga jedhame jeequmsi akka dhaabbatuu fi sababa kanan kaartaa haqame ture bakka duraan turtetti akka deebi’uu jechuun murtii kenname amaala dhimmicha fi SHH kewt.1149(1) bu’uureffate kan kennamee waan taheef dogongoraa kan qabu miti jechuun murteesseera.
☑️Kanaaf dhaddachi ijjibaata murtii kana keessatti haala adda ta’en gosa fi hiikoo gocha jeequmsa bal’isee kan xiinxalee ta’un isaa ni hubatama.
Kan dogongore sirreessa kan hafe itti guuta!!

Forwarded from Law School Media (Tilahun Silesh)
#ክፍት የስራ ቦታ ማስታወቂያ
Qualification: LLB in Law
Job: Junior legal officer and contract Adminstration service officer
ተጨማሪ መረጃዎችን ከላይ ከተያያዘው ምስል ይመልከቱ።
Join Us Your Trusted Legal Info Centre
@Law_school_media

DhIMMWF lakk.galmee 201427 ta'e irratti gaafa 23/07/2014 kennee jirun:-falmii qabiyyee lafa baadiyaa irratti namni himatamaa ta’e jiru tokko darbiinsa yeroo akka mormii SD dhiyeessuuf qabiyyee lafichaa karaa seera qabeessaan kan argatee ta’u isaa ykn immoo eeyyama himataatiin kan qabatee ta’u isaa dursa hubachiisu akka qabu murtii sagalee caalmaan 4 fi 3 murtii kanaan dura jildii 24ffaa lakk.galmee 178927 ta'e irratti kennamee jiru foyyeessun kennamee
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
Waamicha Eeeggataa Gargaaraa Abbaa Seeraa
-------------------------------
(Sadaasa 11,2018 MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)- Gargaartota Abbaa Seeraa leenjii akka galan murtaa'e keessaa dhiironni dabalataa 3 leenjii otoo hin galiin kan hafan ta'uu Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa nu beeksisee jira. Waan ta'eefis eeggattoota dorgomtoota dhiiraa kan turtan 1ffaa-Abduuba Gaayoo Huqqaa 2ffaa-Didhaa Naggasaa Xaafaa fi 3ffaa-Umar Abdallaa Jamaa leenjii akka eegaltan waan murtaa'eef waajjiraalee AA dhiyeenya keessanitti argamtti argamuun wabii erga guuttanii booda unkaa wabummaa itti guuttan waraabbii 1 fi xalayaa nama wabii isniif ta'ee waraabbii 1 qabattanii hanga gaafa 15/3/2018tti Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti argamuun leenjii akka jalqabdan ni beeksifna.

Ragaa jijjiirachuun mirga. MM gareen kaan akka beeku gochuu irraan kan hafe dhoorkuu hinqabu.
Dh Ijb MMWF glme Lkk 45984 (Jld 9ffaa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Dh Ijb MMWF glme Lkk 45984 (Jld 9ffaa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
❤1
DhIMMWF lakk.galmee 201427 ta'e irratti gaafa 23/07/2014 kennee jirun:-falmii qabiyyee lafa baadiyaa irratti namni himatamaa ta’e jiru tokko darbiinsa yeroo akka mormii SD dhiyeessuuf qabiyyee lafichaa karaa seera qabeessaan kan argatee ta’u isaa ykn immoo eeyyama himataatiin kan qabatee ta’u isaa dursa hubachiisu akka qabu murtii sagalee caalmaan 4 fi 3 murtii kanaan dura jildii 24ffaa lakk.galmee 178927 ta'e irratti kennamee jiru foyyeessun kennamee
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
❤1
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Labsii fi Dambiii.pdf
8.2 MB
👉Labsii Liizii Fedaraalaa Lakk. 721/2004
👉 Dambii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lafa Magaalaa Liiziin Bulchuuf Bahe Lakk. 155/2005
👉Qajeelfama Lafa Magaalaa Naannoo Oromiyaa Liiziin bulchuuf Bahe lakk 9/2005
(Iddoo tokkootti)

#Qabiyyee_Lafa_Dhaalaa_Irratti_Dhaalaan_Mana_Ijaare_Mirga_Akkamii_Qabaata❓
==========================
⚖️ Heera Mootummaa kwt 40(3,7), SHH kwt 1179(2), 1180, Murtii Mana Maree Federeeshiinii glme Lkk 106/15 ta’erratti gaafa 28/10/2015 kennamee fi Murtii Haaraa Dha Ijb Mana Murtii Waliigala Federaalaan galmee Lkk 242314 ta’erratti gaafa 30/11/2017 kenname
==================================
⚖️ Namni qabiyyee lafaa nama biroo irratti eeyyama abbaa qabiyyeetiin ykn abbaan qabiyyee otuu hinmormin ijaarsa raawwate/ mana ijaare qabiyyicha irratti mirga akka argatu SHH kwt 1179 jalatti tumamee kan jiru yoo ta’u Dhaddachi Ijb MMWFtis yeroo adda addaatti murtiilee adda addaa kennaa turee jira.
Fkn, glme Lkk 22563 ta’erratti dhaaltuu Lafa Dhaalaa irratti mana ijaaree ykn falmii dhaaltota giddutti ka’uuf tumaan SHH kwt 1179 raawwatiinsa akka hinqabne kan murtaa’e yoo ta’u glmee Lkk 96628 ta’erratti murtii kenneen immoo bakka Manni mormii dhaalchisaa malee ykn eeyyama dhaalchisaan ijaarame irra qubate qofa ilaalchisee SHH kwt 1179 raawwatiinsa akka qabu hiikkoo kennee ture.
⚖️ Glme Lkk 30101 ta’erratti immoo mormii malee ykn eeyyama dhaalchisaatiin ykn abbaa qabiyyeetiin mana ijaarame irratti mirga akka argatu kan murteesse yoo ta’u Manni Maree Federeeshiinii gama isaan glmee Lkk 106/15 ta’erratti hiikkoo kenneen lafti qabeenya mootummaa fi ummataa ta’uu fi namni dhuunfaa mootummaa irraa karaa seeraan yoo argate malee lafa Nama biroo irratti ijaarsa raawwateef baasii baase gaafachuu irraan kan hafe laficha irratti mirga argatu hinqabu jechuun Heera Mootummaa kwt 40(3) waliin tumaan SHH kwt 1179 walsimee hiikamuu akka qabu hiikkoo heerawaa kennee jira.
⚖️ Murtii Mana Maree Federeeshiinii kana bu’ura gochuuni fi hiikkoowwan walhinsimnee fi ifa hintaane garaagaraa galmeewwan olitti caqafaman irratti kennee ture akka walsimuu fi ifa ta’u gochuuf jecha Dh Ijb MMWF galmee Lkk 242314 ta’erratti murtii haaraa gaafa 30/11/2017 kenneen dhaalaan Lafa Dhaalaa irratti eeyyama dhaalchisaatiin ykn mormii dhaalchisaa malee mana ijaara ijaarsa raawwate qofa ilaalchisee SHH kwt 1179n kan ilaalamu ta’uu fi sanaan alatti Lafa irratti mirgi akka hinjirree fi tumaan SHH kwt 1179-1180 jiru mirga abbaa qabiyyummaa lafaa dabarsuu ilaalchisee raawwatiinsa akka hinqabne abbootii seeraa Nama torbaan hiikkoo dirqisiisaa haarawa kennee jira.
Credit to:: Jemal K Keweti