MMWF Dhaddachi ijibbaataa Murtii gaafa guyyaa 05/02/2017 Lakk. Galmee 247605 irratti kenneen " Seerri Maatii gaa'ela keessatti Waliigalteen fedhii gama tokkoon ala raawwatame akka diigamu seerummaan gaafatamu guyyaa waliigalteen raawwatame irraa hanga ji'a 6(Jahaa) haala kam keessattuu ammoo hanga waggaa 2(Lama) qofa keessattu dhiyaachuu akka qabu tume. Haa ta'u malee Dhaddachi Ijibbaataa Murtii kenneen  Kennaan fedhii Niitii ykn dhirsaan ala waliigalame akka diigamu seerummaan dhiyaatu haala addaa Waliigalteen Kennaa itti raawwatamu bu'ura kan godhate ta'uu qaba. Seerri dhimmichaaf Rogummaa qabus Seera Maatii Osoo hin taane Seera Hariiroo Hawaasaa kwt 1845 irratti kan ibsame Darbijnsa yeroo waggaa 10 ta'uu qaba" jechuun murtii barsiisaa kennee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Beeksisa Ramaddii
---------------
(Onkoloolessa 19,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Gargaartota Abbaa Seeraa ILQSO irraa eebbifamtanii ramaddii eeggataa jirtan hundi  ramaddii kan isiniif ifoomsine ta'uu beeksisaa, hanga gaafa 24/2/2018 tti Godina itti ramadamtanitti argamuun gabaasa akka gootan ni beeksifna.
Forwarded from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Cinaaksan! (Maftu Ebrahim)
269430.pdf
1.1 MB
#Murtii haaraa (MMWFDH L.G 269430 gaafa 29/2/2017(hin maxxa.)- Haala Raawwii dhoorkaa mirga wabii SdFY kwt 67(a)
👉Manneen Murtii bu'uura SDFY kwt 67(a) tiin himatamaan mirga wabiidhaan yoo bahan dirqama wabummaa isaanii eeganii hin dhiyaatan jechuuf sababoota seera qabeessaa fi gahaa ta'e haaloota naannoo sana jiruun hubachisuun dirqama. Haa ta'u malee manneen murtii haala raawwii yakkicha itti raawwatanii fi ulfaatina isaa caqasuuun bu'uura SdFY kwt 67(a) mirga wabii dhoorkuun sirrii miti.
👉Sababni isaas murtiin balleessummaa osoo isaan irratti hin kennamin dura akka nama qulqulluutti tilmaamamuu isaanii kan tuqu waan ta'eef tilmaamni mana murtichaa sababa seera qabeessa ta'e irratti kan hundaa'e miti jechuun mirga wabii heyyameera.
T.me/waaac2016
👍1
Giddulixummaa Falmii Hariiroo Hawaasaa; eenyutu bu’ura seeraa kamiin sadarkaa falmii kamirratti gidduulixuu danda’a?
==================================
Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH) kwt 41, 42, 358, 418 fi 450 fi  Murtii Dh Ijbta MMWF glme Lkk 210420 irratti kenname
==================================
Waldiddaan mana murtiitti falmii ta’ee dhiyaatu tokko jalaqaba garee lama giddutti kan eegalu yoo ta’u isaanis himataa fi himatamaa giddutti akka ta’e beekamaadha. Kana jechuun dhimmi falmii kaase yeroo hunda jara lamaan qofa ilaaluu dhiisuu kan malu ta’uu caalaayyuu inumaa dhimma gonkumaa isaan hin ilaallannee fi dantaa garee biroo falmiin jara giddutti ka’uu fi gaggeeffamaa jiraachuu isaayyuu qaba hinqabne haalli itti ta’u qabatamaan hedduudha.
Yeroo haalli akkasii uumamu namni falmii dhimma inni dantaa irraa qabu irratti himataa fi himatamaa giddutti mana murtiitti gaggeeffamaa jiru tokko sadarkaa falmichi irra gahee fi dhimmichi yeroo beekuu danda’e irratti hundaa’uun Adeemsa falmiitti makamee mirga isaa kabajchiifatu seeraan diriirfamee jira. Innis giddulixummaa SDFHH kwt 41 fi 42, mormii murtii SDFHH kwt 358, iyyata mormii raawwii murtii SDFHH kwt 418 fi himannaa haaraa murtii boodaa SDFHH kwt 450 fi kkf jedhamee beekama.
Haaluma kanaan namni dhimma inni dantaa irraa qabu irratti falmiin Mana Murtiitti eegaluu isaa otuu murtiin hinkennamin dura beeke ykn dhagahe nama dhuunfaa yoo ta’e akkaataa SDFHH kwt 41n, qaama bulchiinsa mootummaa dantaan mootummaa falmichaan xuqamuu beeke yoo ta’e kwt 42n iyyata giddulixummaa dhiyeeffachuun falmii gidduu seenuu nidanda’a.
Akkaataan ittiin seenamus sababa gidduu isa seensisu akkuma nama himannaa dhiyeeffatuutti dantaa dhimmicha irraa qabaachuu isaa fi yeroo biraa haalli itti mirga isaa kabachifatu kan hinjirre ta’uu agarsiisuun kan dhiyeeffatu yoo ta’u iyyata eeyyamsiisaa kan biroo dhiyeeffachuun isa hinbarbaachisu.
Iyyanni dhiyaatu akkaataa dambii kanfaltii abbaa seerummaa Lkk 08/2016tiin kanfaltiin abbaa seerummaa itti kanfalamee kan dhiyaatu (akkaataa dambii fi tumaa SDFHH dura hojii irra tureetti kanfaltiin abbaa seerummaa iyyannoo giddulixummaatti hinkanfalamu ture) yemmuu ta’u Manni Murtiis iyyataan gidduu lixuu qaba moo hinqabuu isaa irratti bitaa fi mirga yaada kennisiisuu otuu hinbarbaachisin ofumaa isaatis murteessuu qaba.
Gama biraa namni ykn qaamni mootummaa silaa akkaataa olitti ibsameen bu’ura SDFHH kwt 41 ykn 42 gidduu lixuu qabu otuu inni hinbeekin ykn quba hinqabaatin himataa fi himatamaa giddutti murtii kan kenname yoo ta’ee fi otuu immoo murtichi raawwatamee hinxumuramin dhimma kan beekan yoo ta’e akkaataa SDFHH kwt 358n iyyannoo mormii murtii dhiyeeffachuun falmii keessa lixuu danda’u.
Iyyannichis galmee dhimma xumura argatee galmeen cufame deebisee lan sochoosu waan ta’eef kanfaltiin abbaa seerummaa itti kanfalamee dhiyaata. Iyyannoo dhiyaate gareewwan falmii kaan dhimmicha duraayyuu otuu beeku bu’aa murtii eegee dhiyaate jechuun mormanii deebii kennuu kan danda’an ta’us Manni Murtiis ragaa dhagahuun dhimmicha iyyataan dursee kan beeku ta’uu yoo mirkanaa’e falmii ijoo keessa galuun otuu hinbarbaachifne iyyannoo dhiyaate kufaa gochuu danda’a.
               Itti fufa
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
Forwarded from Maftuu lawyer @Gola seeraa🙏️ (Maftu Ebrahim)
225796_የከተማ_ቦታ_የሊዝ_መብት_በሽያጭ_የሚተላለፍበት_አግባብ.pdf
934.8 KB
𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 𝟐𝟐𝟓𝟕𝟗𝟔 ta'e irratti "waliigalteen liizii ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa qabeenya hin sochooneef taa'an guutuu qaba fi adeemsa kana hordofamuu qaba(...shall be required to follow transparent procedures of sale...).Kanaaf,waliigalteen liizii Mana Magaalaa qaama aangoo qabu biratti taasifamee galmaa'uu qaba.Kanaan alatti ragaa biraatiin waliigaltee akkanaa mirkaneessuun hin danda'amu" jechuun hiikoo kenneera.
T.me/maftulawyer
Waamicha Eeggattoota Gargaaraa Abbaa Seeraa MMA
------------------------------
(Onkoloolessa 24,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Gargaartota Abbaa Seeraa dorgomsiisee kanneen leenjii hojii duraaf ILQSO seenan adda baasuun isaa ni yaadatama.
Bu'uuruma kanaan Gargaartota Abbaa Seeraa ILQSO akka seenaniif murtaa'e keessaa dorgontoonni dhiiraa lama:-1-Yuunivarsiitii Dambidoolloo irraa ragaa barnootaa sobaa /foorjidii/ CGPA 2.55n xumuree otoo jiruu akka waan 3.2n xumureetti dhiyeessuun isaa qorannoo gaggeeffameen waan mirkanaa'eef 2-MM keessatti muudamee waggaa lama akka waan him guunneetti ragaa dogoggorsu dhiyeessuun isaa waan mirkanaa'eef lamaan isaaniituu akka haqaman murtaa'eera. Waan ta'eefis eggattoota keessaa Eeggataa 1ffaa kan ta'e Sisaay Takkuu Birruu fi Eeggataa 3ffaa kan ta'e Liiban Ashannaafii Isaatuu leenjii akka galtan waan murtaa'eef waajjiraalee Abbaa Alangaa dhiyeenya keessanitti argamutti wabummaa guuttanii akka qophooftan hubachiisaa eeggataa 2ffaan kan bira darbameef eeggattoonni 2ffaa hanga 4ffaa 100 keessaa qabxii wal qixa fidanii waan turaniif CGPA dhaan adda baasun eeggataa 3ffaan 3.74 waan qabuuf dursa kan argate ta'uu ni hubachiifna.
Itti fufiinsaan dorgomtoonni ragaawwan sobaa dhiyeessuun darban yoo jiraatan qorachuun tarkaanfiin kan fudhatamu ta'uu ni beeksifna.
1
Forwarded from Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa (Getachew Tasew)
Beeksia Waamicha Leenjii leenjifamtoota hojii duraa marsaa 19ffaaf;
Beeksisa Waamicha Gargaartota Abbaa Seeraa
--------------
(Onkoloolessa 26,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)Gargaartonni Abbaa Seeraa leenjii hojiin duraaf ILQSO akka seentaniif murtaa'e hundi Sadaasa 1 fi 2 Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa,magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaa cinaatti argamutti argamuun leenjii akka jalqabdan ni hubachiifna.
Hub- Leenjifamtoonni 1) waliigaltee wabii itti waamtan 2)xalayaa wabiin keessan wabii ta'uuf barreessifate 3)ragaalee barnootaa keessan 4)maallaqa hanga mindaan ji'a Sadaasa isiniif kaffalamutti baasii nyaataaf itti fayyadamtan qabattanii akka argamtan ni hubachiifna.
𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐡𝐚𝐫𝐢𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐡𝐚𝐰𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚 2472 𝐣𝐚𝐥𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐭𝐮𝐦𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐣𝐢𝐫𝐮𝐭𝐢 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐠𝐚𝐥𝐭𝐞𝐞𝐧 𝐥𝐢𝐪𝐢𝐢 𝐦𝐚𝐚𝐥𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐫𝐬𝐡𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐛𝐚 𝐬𝐡𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐨𝐥𝐢𝐢 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐦𝐢𝐫𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚'𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐮, 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢?

❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 2472 jalatti jiraachuun waliigaltee liqii maalaqaa qarshii dhibba shanii olii kan mirkanaa’u ragaa barreefamaa. gaafa dhagaha duraa himatamaan yoo amanee fi jecha kakuu himatamaan kennu qofan kan mirkanaa’u tahuu isaa tumamee jira.

❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 2472 jalatti waliigalteen liqii maalaqa qarshii dhibba shanii olii ragaa barreefamaatiin mirkanaa’a jechuun tumamee malee waliigaltichi mataan isaa barreemaan tahu akka qabu kan tumamee jiru waan hin tahiniif ragaa barreefamaatin mirkanaa’a kan jedhu kun ragaa barreefamaa formaalitin isaa waliigaltee barreefaman tahu qabuf seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727 hanga 1730 jalatti tumamee kan gareewwaan waliigaltee fi ragoonnis irratti mallatessaaniin mirkanaa’a jechuudha moo ragaa barreefamaa isa kami kan jedhu adda baasuun barbaachisaadha.

❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 1719 jalatti seeraan yoo haala addaatiin formiin addaa waliigalteen itti raawwatamuu qabu tumamee jiraate malee gareewwaan waliigaltee akkaataa barbaadaniin waliigaltee isaanii raawwachuu akka danda’an tumamee jira.

❇️Waliigaltee liqii maalaqaa ilaalchisee seeraan kan tumamee jiru waliigalteen liqii maalaqa qarshii dhibba shanii ol ragaa barreefamaatin mirkanaa’a kan jedhu malee foormiin addatti waliigaltee liqii maalaqaa raawwachuuf yokiin waliigaltichi barreefamaan akka ta’uuf seeraan dirqisiisaa ta’e tumame kan hin jirree fi ragaa barreefamaatiin mirkanaa’a jechuun ragaa barreefamaa formaalitin isaa waliigaltee barreefaman tahu qabuf seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727 hanga 1730 jalatti tumamee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Temesgen A.Lawyer:
®Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa,Seera vs Hafiinsa Falmitootaa(Dhimma HH):
1.Guyyaa dhagahaaf beellamame bitaa mirgi yoo hin dhihaanne,galmeen ni cufama.Ol'iyyannoon immoo ni haqama(sdfhh keewwata 69(2)).
#Dh.Ij.MMWF Jildii 9ffaa lakk.galmee 43410 ta'e dhaddacha Sadaasa 30,bara 2002 ooleen''Guyyaa falmii afaaniitiif beellamame bitaa mirgi(himataa fi himatamaan) yoo hin dhihaanne galmeen cufamuu akka qabu''murtii dirqisiisaa kennee ture.
2.Bu'uura seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 69(2) tiin galmeen cufamee;himatamaan bu'uura sdfhh keewwata 71 tiin kanfaltii abbaa seerummaa irra deebi'ee kanfalee fi kisaaraa kanfalee galmee banachuu ni danda'a.Himatamaan kan beellamarraa hafe sababa gahaatiin yoo ta'e kana mana murtiitti dhiheessuun kanfaltii abbaa seerummaa fi kisaaraa osoo hin kanfalin galmee cufame sochoosuu ni danda'a.Sdhhh keewwata 71 jalatti seerichi abbaan dhimmaa akka deebii itti kennu hin tumu.Abbaa seeraatu murteessa.Kanfaltiin kisaaraa waraabbii Afaan Amaaraatiin jiru dhama qabeessaa miti,sababni isaa kaayyoo sdfhh faalleessa.
3.Guyyaa dhagaha duraa himataan dhihaatee himatamaan yoo hin dhihaanne,bu'uura sdfhh keewwata 70 tiin akka haala isaatti dhimmi bakka himatamaan hin jirretti akka itti fufu ykn waraqaa waamichaa 2ffaa akka ergamu ajajuu ykn falmii beellama biraatiif dabarsuu ni danda'a.Himatamaaf waamichi sirnaan qaqqabee guyyaa dhagaha duraa yoo hafe garuu bakka inni hin jirretti dhimmichi ilaalama(sdfhh kwt.70(a) fi 246(2)).Dh.Ij.M.M.W.F.Jildii 1ffaa L.G.14184 FI 15835 ilaaluun ni danda'ama.
Guyyaa deebiif beellamame sdfhh kwt.233(default proceeding) fi falmiif beellamame(exparte) gara gara.Himatamaan yeroo beellamame keessatti deebii yoo hin dhiheeffanne mirga deebii barreeffamaan kennachuu bira darbama malee falmii keessaa hin bahu(sdfhh keewwata 233 fi 199/1).
#Dh.Ij.MMWF Jidlii 6ffaa Lakk.Galmee 24111 ta'e dhaddacha Gurraandhala 11,bara 2000 ooleen''guyyaa deebiif beellamame himatamaan beellamarraa yoo hafe mirga deebii barreeffamaan dhiheeffachuu qofa dhaba'' jechuun murtii laatee ture(sdfhh kwt.70(a),195).
#Dh.Ij.MMWF Jildii 6ffaa L.G 24775 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 21,bara 2000 ooleen'himatamaan deebii akka dhiheeffatuuf beellamame irratti himatamaan yoo hin dhihaanne qofaaf dhimmichi bakka inni hin jirretti akka ilaalamuuf ajajni kennamu rogummaa kan hin qabne ta'uu''sdfhh kwt.241(1) fi 233 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
4.Bu'uura sdfhh keewwata 70(a) tiin dhimmi bakka himatamaan hin jirretti akka ilaalamu erga ajajameen booda beellama itti aanutti dhihaatee sababa gahaa yoo dhiheeffate osoo inni jiru akka dhagahametti fudhatamee fi himatamaan raga dhageessifachuu danda'a.Dhimmi duubatti osoo hin deebi'in bakkuma jiruu kan itti fufuudha.
#Dh.Ij.MMWF Jildii 12ffaa Lakk.Galmee 61846 ta'e dhaddacha Caamsaa 29,bara 2003 ooleen''falmiin bakka hin jirretti akka itti fufu jedhame himatamaan beellama itti aanutti sababa gahaa yoo dhiheeffatee fi mana murtii hubachiise mirga raga ittisaa dhiheeffachuu kan danda'u ta'uu''sdfhh kwt.72,78(1) hiikoo dirqisiisaa laatee ture.Himatamaan sababa gahaan beellamarraa hafe jechuuf mana murtii himatamaan ilaalcha gaarii(good faith) qabaachuu fi dhiisuu,haala naannoo qabatama jiru ilaalacha keessa galchuun murteessuu akka qabnu hiikoo dirqisiisaa kanarraa hubachuun ni danda'ama.Dh.Ij.MMWF Jildii 9ffaa L.G.43731-------
5.Balleessaa ykn dagannoo himataatiin waraqaa waamichaa himatamaaf(mtootaaf) hin geenye yoo ta'e,himatamaa(mtoota) hin geenye irratti galmeen ni cufama(sdfhh kwt.70(d)).Ol'Iyyannoon ni haqama.Garuu,himatamtoonni waraqaan waamichaa osoo isaan hin gahin guyyaa dhagahaa yoo dhihaatan galmeen hin cufamu ykn hin haqamu.
6.Himata kallattii bu'uura sdfhh kwt.70(D) tiin galmeen yoo cufame himatamaan haallan bu'uura sdfhh kwt.71 guutuun galmeen akka banamuuf gaafachuu ni danda'a.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
 
DhIMMWF 𝑳𝒂𝒌𝒌 𝒈𝒂𝒍𝒎𝒆𝒆 218470 irratti gaafa guyyaa 28/11/2014 ooleen iyyata keessa deebii murtii(review  of judgment) ilaalchisee murtii kennamee!
Ragaan haraa argamuu qofti bu'uura S.d.f.h.h. keewwata 6 tiin iyyata keessa deebii murtii(review  of judgment) dhiyeeffachuuf gahaa miti.
Bu'uura S.d.f.h.h. keewwata 6(1) jalatti tumamee jirun  iyyata keessa deebii murtii ilaalamu kan dandahu murtiin dura kennamee jiru  ragaa barreeffamaa sobaan qophaa’e ykn jecha ragaa sobaan mana murtiitti namaan kenname ykn ragaan dhihaatee dhagaahame sun mattaa’aa fudhateera yoo ta’e  ykn dhiibbaan seeraan alaa karaa kamiin iyyuu irraan geessifamee jiru bu'uura  godhachuun kan kennamee jiru yoo ta'e dha.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1