Forwarded from Kumela Firisa Lawyer
#Kenniinsa_Tajaajila_Barreessaa_Dhimma_Seeraa
Labsii Lakk. 182/2006 fi Labsii lakk. 189/2007 Kewt. 58, 59 fi 76(2)
✍🏿Barreessaan Dhimma Seeraa kamiyyuu gaaffii maamila isaa irratti hundaa’uudhaan bu’uura seeraatiin tajaajila iyyannoo seeraa barreessuu yookiin waliigaltee adda addaa qopheessuu qaba.
✍🏿Iyyannoo seeraa barreesse irratti mallattoofi tiitarii maqaafi gahee hojii isaa ibsu kaa’uu qaba
✍🏿Tajaajilawwan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti tumamaniin alatti tajaajila biroo kamiyyuu kennuu hin danda’u ✍🏿Taajaajilli kennamu abbaa hayyama fudhate qofaan ta’uu qaba. ✍🏿Barreessaan dhimma Seeraa Godina keessatti hojjechuu barbaadu keessatti Waajjira Haqaa Godinaatti galmaa’ee hayyama argachuu qaba ✍🏿Barreessaan Dhimma Seeraa kamiyyuu osoo hin galmaa’inii fi hayyama hin argatin tajajila Labsii kana Keewwata 58 jalatti tumaman kennuu hin danda’u. ✍🏿Akkaataa Labsii kanaatiin hayyama barreessaa dhimma seeraa osoo hin baasin yookiin osoo hin haaromsin tajaajila yoo kenne yookiin kennuuf yoo yaale adabbii maallaqaa qarshii 2,000 gadi hin taaneefi 10,000 hin caalleen yookiin hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneefi waggaa tokkoo hin caalleen ni adabama.
https://t.me/Kumaalaal
👍1
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
update
Sirreeffama muraasa Qajeelfama Adabbii haaraa lakk. 3/2017 irratti taasifame. kunoo👇👇👇
Dhimma armaan olitti (☝️☝️☝️) dhoobame) kana gabaabinaan yoo ilaallu:

Himannaa jalqabaa keessatti iyyataan ammaa himannaa Qaama Kabbachiisaa Dambii Waajjira Waamamaa ammaa irratti dhiyeessee tureen qabiyyee lafaa kiyya irratti jeequmsa uume akka narraa dhaabu kan jedhe yemmuu ta'u, waajjirri (qaamni) duraan himatamee ture kun: iyyataan ammaa qabiyyee jedhame irraa mirga hin qabu; seeraan ala weeraree qabate; kaartaa sararaa kaafamee turenis ijaarsi irra hin turre; qabiyyee mootummaati jechuun falmee ture. Kana booda manni murtii duraan dhimmicha ilaalee ture waa'ee qabiyyichaa qaama ilaallatu irraa qulqulleeffatee qaamni ilaallatu lafichi amma duwwaa ta'ullee duraan kaartaa qilleensaatiin wayita ilaalamu ijaarsa kan ofirraa qabu ta'uu isaa hubatee qaamni himatame jeequmsa akka dhaabu jedhee murteessee ture.

Himannaa isa haarayaa kanaan immoo himataa ta'ee kan dhiyaate Waajjira Bulchiinsa Misooma Lafaa Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo (Bulchiinsa Mag.Finfinnee) yemmuu ta'u namni galmee duraanii irratti himataa ture (Malkaamuu Biraanuu) immoo himatamaa ta'eera.

Himannaa haarayaan kun immoo: Himatamaan (iyyataan ammaa) qabiyyee mootummaa seeraan ala waan qabateef, bara 1997 irraa eegalee hanga 2013tti kaartaa qilleensaafi sararaa kaafamee ture irrattis qabiyyichi kan iyyataa ammaa ta'uunis ta'e ijaarsa ofirraa qabaachuun kan mirkanaa'e waan hin taaneef, qabiyyeen kun qabiyyee mootummaati jedhamee akka naaf murtaa'u, akkasumas ijaaarsa karaa seeraan alaatiin irratti ijaares diigee qabiyyicha akka nu harkaan gahu kan jedhudha.

Manni Murtii Sadarkaa Duraatiin Dhimmicha ilaaleefi Manni Murtii Oliyyannoo himannaan duraa himannaa jeequmsaa, himannaa haarayaan ammaa immoo himannaa mirga abbaa qabiyyummaa waan ta'eef himannaa haarayaan bu'uura sdfs kwt 5tiin kufaa ta'uu hin qabu jedhaniiru.

Haa ta'u malee falmichi dhaddacha Ijibbaataa gahee, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF kun immoo murtii dhaddacha gaafa 03/02/2018 (Ji'uma kana keessa) Lakk.Ga.263422 irratti kenneen (kan hin maxxanfamne): Mata dureen himannaa duraaniifi ammaa garaagar ta'ullee, qabiyyeen himannaawwan lamaaniifi ijoon dubbii wal fakkaataa waan ta'eef himannaan ammaa bu'uura sdfs kwt 5tiin dhimma dursee murtii argatee turedha (Resjudicata) jedhamee cufamuutu irra ture jechuun gudunfeera.

👉Kunis kan agarsiisu seerummaan gaafatame garaagar ta'ullee firiiwwan dubbii amma falmii keessatti ka'aniifi kan duraanii tokko taanaan 'Resjudicata' jedhamuu kan danda'u ta'uudha.

Mee Isin Murtii kana akkamitti ilaaltu? Resjudicata jedhamuuf dhimma duraanii keessatti dhimmi mirga abbaa qabiyyummaa ifatti ijoo dubbii ta'ee qabamee murtii argachuu hin qabuu? Gareewwan falmiihoo? (Waajjirriifi qaamni (dhaabbanni))

      Join:-
@desberofMM

            Desalegn B.

https://t.me/http_Ijooseeraa
Ragaan Dhaaltummaa Kennamuun, Namni Biroon Bifa Birootiin 'Namoonni Ragaa Dhaaltummaa Fudhatan Kun Ijoollee Du'aa Irraa Dhugumatti Dhalatan Miti' Jechuun Namoota Ragaa Fudhatan Kana Irratti Falmii Akka Hin Kaasne Ni Taasisaa (Dhorkaa)?
¢¢¢¢¢✓✓✓¢¢¢¢¢¢✓✓✓✓¢¢¢¢

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 29/03/2015 ooleen Lakk.Ga.228124 ta'e (kan hin maxxanfamne) irratti kenneen:

"Akka qorannettis, gaaffii murtiin keessa deebiin akka ilaalamuuf iyyattoonni bu'uura sdfs kwt 6tiin dhiyeessan kan bu'uureffate, ragaa dhaaltummaa waamamtoonni ijoollee Awugichoo Abbabaa osoo hin ta'in mucaa isaati jechuudhaan mana murtii irraa fudhatan irratti ijoollee du'aa ta'uu dhabuun isaanii galmee mana murtii birootiin mirkanaa'eera waan ta'eef bu'uura kwt 6tiin nuuf haa ilaalamu jechuun dhiyeessanidha. Akkuma beekamu, ragaan dhaaltummaa ragaa namni tokko dhaaltuu du'aa ta'uu isaa mirkaneessuun mana murtiitiin kennamu ta'ullee, manni murtii ragicha kan kennu namni ragaan sun kennameef dhugumatti dhaaltuu ta'uufi dhabuu isaa ilaalchisee falmii gareewwan falmii dhiyeessan irratti hundaa'ee, ijoo dubbii qabateefi qorate akka hin taane ni beekama. Ragaan dhaaltummaa namni tokko dhaaltuu du'aa ta'uu isaa mirkaneessuuf malee akkaataa sdfs kwt 3tti akka murtiitti kan hin lakkaawamneefi dhaaltummaadhaan walqabatee falmii mana murtiitti taasifamuun ragaa faallaa dhiyaatuun fashalaa'uu kan danda'udha. Dhaddachi Ijibbaataa MMWFs galmee lakk.18576fi galmeewwan biroo irratti hiikkoo seeraa kenneera.

Gama birootiin, gaaffiin bu'uura sdfs kwt 6tiin murtiin keessa deebiin naaf haa ilaalamu jedhu kan dhiyaatu murtii dursee kenname jijjiirsisuuf yemmuu ta'u, caaseffamni tumaa seerichaas falmii bittaafi mirgan dhiyaate irratti hundaa'uun ijoon dubbii qabamee, falmiin taasifamee, ijoo dubbii murtiin irratti kenname jiraachuu kan hubannoo keessa galche ta'uu isaa qabiyyee tumaa seerichaa irraa hubachuun ni danda'ama. Gaaffiin akkasii fudhatama argachuuf ulaagaa seerichaan taa'e guutuu qaba....jedhee....ulaagawwan kwt 6 jalatti tarreeffaman erga tarreessee booda.....dhimma amma harkaa qabnu keessatti, waamamtoonni dhaaltuu du'aa ta'uu isaaniitiif ragaan kan kennameef ta'ullee dhugumatti du'aa irraa dhalachuu ykn dhalachuu dhabuu isaanii ilaalchisee falmiin gaggeeffamee, ijoon dubbii qabamee, qoratamee murtiin dhumaa kan irratti hin kennamne waan ta'eef, iyyattoonni haala biraadhaan falmii isaanii dhiyeeffatanii carraan mirga isaanii kabachiifachuu ni qabu. Kanaaf iyyannoo iyyattoonni bu'uura sdfs kwt 6tiin dhiyeessan qabiyyeefi kaayyoo tumaa seerichaa waliin hin deemu jechuun kufaa taasiseera.

            Desalegn B


.https://t.me/http_Ijooseeraa
#Murtiile_DHIMMWF_fi_Waliigaltee_Qabeenya_hin_sochoone_irratti_taasifamu
✍️dhaddachi ijibbaata MMWF jildii 23 ffaa Lakk Galmee 153664 irratti namni tokko qabeenya hin sochoone dhaaltota keessaa isa tokko qofa waliin Waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa raawwate #galmee_qabeenya_hin_sochoonee irratti akkaataa keewwanni 2878 ajajuun yoo hin galmoofne garee sadaffaa(dhaaltota hafan) irratti taatee seeraa kan hin hordofsiisnee fi Waliigaltee diigamu ta'uu isaa
✍️waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa yeroo diigamu immoo himata biraa dhiyeesuun osoo hin barbaachifne galmuma sana irratti namni maallaqa  sababa waliigalteetiin  fudhate maallaqa kana nama kafaleef deebisuuf dirqama qaba jechuun mirtii dirqisiisaa kennee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Himatamaan Akka Beeku Osoo Hin Taasifamin (Ex-Parte) Ajajni Dhorka Yeroo (Temporary Injunction) Kennamuu Ni Danda'aa? Haala Kamiin?

=====°°°°°=======°°°°°°°°====

Beeksisa Garee Walfalmitootaa Isa Tokkoof Kennamu
 
Ajaja dhorkaa osoo hin kennin turuun miidhaa kan qaqqabsiisu fakkaatee yoo isatti mul’ate malee, Manni Murtii ajajicha osoo hin kennin dura garagalcha iyyannoo dhimma kanaaf dhiyaate garee faallaa iyyannichi akka qaqqabsiifamu ni taasisa.
  (Sdfs kwt 157)

ላንደኛው ተከራካሪው ወገን ስለሚሰጥ ማስታወቂያ

የማገጃው ትእዛዝ ሳይሰጥ መዘገየቱ ጉዳትን የሚያስከትል መስሎ ካልታየው በቀር ፍርድ ቤቱ ትእዛዙን ከመስጠቱ በፊት ስለዚሁ ጉዳይ  የቀረበው ማመልከቻ ግልባጭ ለአመልካቹ ባላጋራ እንዲደርሰው ያደርጋል ።
  (የፍ/ብ/ሥ/ሥ/ሕግ አንቀጽ 157)

Tumaan kun kan agarsiisu:
👉Akka qajeeltootti, osoo himatamaa hin beeksisinifi yaada gama isaatiin jiru hin dhagahin dhorka kennuun sirrii akka hin taane;
👉Haala addaatiin garuu dhimmichi kan yeroo hin kennisiisnefi beeksisuun kaayyoo dhorkichi kennamuuf kan gatii dhabsiisu yoo ta'e, manni murtii battalatti yaada himatamaa osoo hin dhagahin (ex-parte) ajaja dhorka yeroo kennuu danda'a. Haalli kun yoo jiraate manni murtii 'Emergency Procedure' hordofa jechuudha.

🧐Kanaan walqabatee seerichi gaalee "...turuun miidhaa kan qaqqabsiisu fakkaatee yoo isatti mul’ate malee.." jedhuuf ibsa kenne hin qabu. Kanaaf, tursiisuun yoom miidhaa dhaqqabsiisa? (Qabeenyichi akka badu taasisuu) Yoom immoo hin dhaqqabsiisu? kan jedhus dhimma sochii himatamaan taasisaa jiru ilaalchisee firiiwwan dubbii himataan dhiyeessu irraa ka'amee mana murtiitiin madaalamuu qabudha. Ajajni akkasii mirga qabeenyaa himatamaa waan daangessuuf, haalli addaa olitti ibsame jiraachuun yoo mirkanaa'een ala, yaada himatamaas dhagahuun barbaachisaadha.

👁️ Fakkeenyaaf, himatamaan qabeenya (addaa) falmiif sababa ta'e battalatti gurguruuf qophaa'eera yoo ta'e; ykn qabeenya manaa falmiif sababa ta'e battalatti diiguuf karoorfateera yoo ta'e, ajajni dhorka yeroo osoo himatamaan hin beeksifamin kennamuu danda'a.

Muuxannoowwan biyyoota biroo akka agarsiisanitti, sababa kennamuu dhabuu dhorkaatiin miidhaan himataarra gahu sababa kennamuu dhorkaatiin danqaa himatamaarra gahu kan caalu yoo ta'e, dhorki yeroo ni kennama. (Furmaatni kwt kanaan taa'e furmaata addaa (Extraordinary remedy) waan ta'eef, gocha himatamaan raawwate ykn raawwachuuf jedhamee iyyannoo keessatti ibsame of eeggannoofi madaallii cimaadhaan kan ilaalamuu qabudha)

Gaaleen seericha kwt 154 jalatti "ተከሣሹ ለሌላ ሰው አሳልፎ ለመስጠት ለመሸጥ ወይም በሌላ ዘንድ በተሰጠ ውሳኔ ንብረቱን ያለገባብ አዛውሮ ለመስጠት ወይም ለመሸጥ ያቀደ መሆኑ የታወቀ እንደሆነ" jedhus dhorki yeroo kennamuuf karoorri himatamaa jecha kakuu ykn ragaa biroodhaan hubachiifamuu kan qabu ta'uu agarsiisa.

Ajajni bu'uura sdfs kwt 154tiin kennamu (kan nama ilaallatu) ajaja bu'uura kwt 151tiin (Attachment before judgement) kennamu (kan qabeenya ilaallaatu) irraa adda ta'uun isaas beekamuu qaba. (Qabatamaatti walitti makanii ilaaluun ni mul'ata)

      Join:-
@desberofMM

              Desalegn B.

https://t.me/http_Ijooseeraa
2
Ragaa Sobaa
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 23ffaa Lakkoofsa Galmee 153228 ta'e irratti "ragaan tokko yeroo poolisiin qorannoo dhimma yakkaa irratti gaggeessu jechi ragaan sun sadarkaa qorannootti kenne,akka adeemsa hojii abbaa seerummaa(judicial) yookiin hojii abbaa seerummaa fakkaatu qabu(quasi-judicial) biratti dhugaa dubbachuuf kakuu raawwatee jecha ragummaa inni Galmee qorannoo poolisii irratti kenne,sababa qaama abbaa seerummaa(Mana Murtii) yookiin qaama abbaa seerummaa fakkaatu qabu dhihaatee jecha isaa jijjiireef,jechi sobaa kam akka ta'e sirriitti ragaa biraatiin osoo hin mirkanaa'in(hin qulqullaa'in) jechi ragaa gara gara ta'eef qofa ragaa gochuun ragaan sun jecha ragaa sobaa kennuutiin yakkaan isa gaafachiisu bu'uurri seeraa kan hin jirre ta'uu" hiikoo dirqisiisaa kennee ture.

https://t.me/http_Ijooseeraa
Murtii dhaddacha Ijibaataa dhimma waliigaltee bittaa Qaama Bulchiinsa Mootummaa ilaalchisuun murteese.
⭕️Galmee lakk 193392 (Hin maxxanfne)
👉Waliigalteen bittaa tokko qaama bulchiinsa mootummaa fi garee biroo tokko jiddutti raawwatame kan jennu caalbaasiin bahee garee caalbaasii bittaa moo'ateef waamichi xalayaan taasifameefi gareen kunis waamicha taasifameef fudhachuun dhiyaachuu qofa osoo hin tahin akkaataa seeroota bittaatin qaamni bulchiinsaa fi gareen calbaasii moo'ate dhimma waliigaltee bittaa hunda irratti waliigaluun waliigaltichi erga barreefamee booda gareen lachuu yoo waliif mallateessan qofa jechuun murteeseera.
👉Akkaataa seerota bittaa meeshaalee mootummaatii fi seera hariiroo hawaasaa keewwata 3167 fi 3168 ttiin garee caalbaasii moo'ate waliin waliigalticha mallateessuun dura qaamni bulchiinsaa calbaasicha haquuf bilisummaa guutuu qaba jechuudha.
Qopheessan:Musalawyer
https://t.me/http_Ijooseeraa
⚖️ በፍርድ ቤት ክስ ከመመስረትዎ በፊት ሊያውቋቸው የሚገቡ ወሳኝ የሕግ ነጥቦች! ⚖️
​የኢትዮጵያ ፌዴራላዊ ጠቅላይ ፍርድ ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በተለያዩ መዝገቦች ላይ የሰጣቸውን የሕግ ትርጓሜዎች አጠናቅረን አቅርበንልዎታል፡፡
​እነዚህ ነጥቦች፣ አንድ ክስ በፍርድ ቤት ተቀባይነት እንዲያገኝ ምን ዓይነት መሠረታዊ ነገሮችን ማሟላት እንዳለበት፣ እንዲሁም ክሱ ተቀባይነት ሊያጣ የሚችልባቸውን ሁኔታዎች ያሳያሉ፡፡
​1. የክስ ምክንያት እጦት (Lack of Cause of Action)
​አንድ ክስ ከሕግ አንጻር ተቀባይነት ያለው መሠረት ከሌለው፣ ፍርድ ቤቱ ከመጀመሪያው ውድቅ ሊያደርገው ይችላል፡፡
🚫 ሕገወጥ የገጠር መሬት ውል: የገጠር መሬትን ለረጅም ዓመታት (ለምሳሌ ለ80 ዓመት) በውል መስጠት የሽያጭ ውጤት ስላለው ሕገወጥ ነው፡፡ በዚህ ሕገወጥ ውል መሠረት ይዞታ የያዘ ወገን እንዲለቅ ይገደዳል፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 199452)
🚫 የማይንቀሳቀስ ንብረት ውል ማስረጃ: የቤት ሽያጭ ውል መኖሩን ለማስረዳት፣ በሕግ ሥልጣን ባለው አካል ፊት በጽሑፍ የተደረገ ውል መቅረብ አለበት፡፡ (ፍ/ብ/ሕ/ቁ. 1723(1)) (ሰ/መ/ቁ. 199400)
🚫 "ውል ይፈረምልኝ" ጥያቄ: "የሽያጭ ውል ይጸናልኝ" ወይም "ተከሳሽ ቀርቦ ይፈርምልኝ" የሚል የዳኝነት ጥያቄ፣ ውል በፈቃደኝነት ላይ የተመሠረተ በመሆኑ፣ በሕግ ተቀባይነት የሌለውና ሊቀርብ የማይችል ጉዳይ ነው፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 225310)
🚫 በውል ያልተገደበ አካል: ውልን መሠረት በማድረግ፣ በውሉ ተዋዋይ ባልሆነ 3ኛ ወገን (ለምሳሌ በንብረት አስተዳዳሪ) ላይ የክስ መሠረት የለውም፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 190775)
🚫 የስጦታ ውል መፍረስ: በስጦታ ውል ላይ ያልተመዘገበ ቅድመ ሁኔታን (ለምሳሌ "ሊጦረኝ" በሚል) በማንሳት ውሉ እንዲፈርስ መጠየቅ የክስ ምክንያት ሊሆን አይችልም፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 197354)
​2. ክስ የማቅረብ መብትና ጥቅም (Locus Standi - ፍ/ብ/ሥ/ሥ/ሕግ ቁ. 33)
​ክስ ማቅረብ የሚችለው በጉዳዩ ላይ ሕጋዊ መብት ወይም ጥቅም ያለው ወገን ብቻ ነው፡፡
📌 የሕጋዊ ጥቅም መኖር: ማንኛውም ሰው ለክሱ መነሻ በሆነው ነገር ላይ ጥቅም ወይም መብት ያለው መሆኑን ካላረጋገጠ በቀር ክስ ማቅረብ አይችልም፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 180756)
📌 የሕጋዊ ሰውነት መኖር: የንግድ ማኅበራትና ድርጅቶች ክስ ሊያቀርቡ የሚችሉት ሕጋዊ ሰውነት (በአግባቡ የተመዘገቡ) ሲሆኑ ብቻ ነው፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 199173)
📌 የበሰለ ክስ መሆን: አንድ ባለአክሲዮን "ወደፊት ተጠያቂ ልሆን እችላለሁ" በሚል ስጋት ብቻ ግብር እንዲከፈል ክስ ማቅረቡ፣ እዳው ገና "ያልበሰለ" (not mature) በመሆኑ ሕጋዊ ጥቅም የለውም፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 206807)
📌 የሁከት ክስ አቅራቢ: "ሁከት ይወገድልኝ" ክስ ለማቅረብ၊ አመልካች በሕጋዊ መንገድ ይዞታውን በቁጥጥሩ ሥር አድርጎ የያዘ መሆኑን ማረጋገጥ አለበት፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 197775)
​3. በይርጋ (Prescription) የመክሰስ መብት መገደብ
​ሕግ፣ መብትን ለመጠየቅ የተወሰነ የጊዜ ገደብ ያስቀምጣል፡፡ ይህ ጊዜ ካለፈ መብቱ በይርጋ ይታገዳል፡፡
የጋራ ንብረት ገቢ: በጋራ ሀብት የተገኘ ገቢ (ፍሬ) እንዲካፈል የሚቀርብ ክስ፣ ያላግባብ መበልጸግን መሠረት ያላደረገ በመሆኑ በ2 ዓመት ይርጋ አይታገድም፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 197753)
የውርስ ይርጋ መቋረጥ: ወራሾች የውርስ ይዞታውን በጋራ ሲጠቀሙበት ከቆዩ፣ የ3 ዓመቱ የውርስ ጥያቄ ይርጋ (ፍ/ሕ/ቁ 1000) ይቋረጣል፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 197567)
የሕፃናት ውርስ መብት: የወላጅ ውርስ ድርሻ የሚጠየቅበት የይርጋ ጊዜ መቆጠር የሚጀምረው፣ ወራሹ (ሕፃኑ) አካለ መጠን ከደረሰ በኋላ ነው፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 197567)
ሥልጣን በሌለው ፍ/ቤት መክሰስ: ክስን ሥልጣን ለሌለው ፍ/ቤት አቅርቦ መከራከር፣ ይርጋውን የሚያቋርጥ በቂ ምክንያት ሆኖ ይወሰዳል፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 199323)
​4. ሥነ ሥርዓታዊ ገደቦች (Procedural Bars)
📜 Res Judicata (በፍርድ ያለቀ ጉዳይ): አንድ መሠረታዊ ጭብጥ (ለምሳሌ የውል መቋረጥ ጥፋት) ቀደም ሲል በሌላ መዝገብ ተወስኖ የጸና ከሆነ፣ በድጋሚ ሊመረመር አይገባም፡፡ (ፍ/ብ/ሥ/ሥ/ሕ/ቁ. 5) (ሰ/መ/ቁ. 197790)
📜 ከተጠየቀው ዳኝነት ውጪ መወሰን: ፍርድ ቤት በክሱና በመከላከያው ላይ በተነሱት ጭብጦች ላይ ብቻ መወሰን ሲገባው፣ ከተጠየቀው ዳኝነት ውጪ ሊወስን አይችልም፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 197942)
📜 የሁከት ክስ vs. ባለቤትነት: በባለይዞታነት (ሁከት) ክርክር ላይ፣ ፍርድ ቤቱ አድማሱን አልፎ በባለሀብትነት (የመፋለም) ጉዳይ ላይ መወሰኑ መሠረታዊ የሕግ ስህተት ነው፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 198594)
📜 በፍርድ አፈጻጸም ላይ አዲስ ዳኝነት: የአፈጻጸም ችሎት፣ በዋናው ክርክር ያልተጠየቀን ነገር (ለምሳሌ ቤት የማፍረስ ትዕዛዝ) በአፈጻጸም መዝገብ ላይ ሊሰጥ አይገባም፡፡ (ሰ/መ/ቁ. 199518)
​እነዚህ ነጥቦች የፍትሐብሔር ክርክሮች ውስብስብነትና የሥነ ሥርዓት ሕጎችን በአግባቡ መረዳት ምን ያህል አስፈላጊ መሆኑን ያሳያሉ።
​ለተጨማሪ የሕግ መረጃዎች ገጻችንን ይከተሉ!
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
📎Qooddaa qabeenya waliinii abbaawarraafi haadhawarraan wal-qabatee qabeenya dhaalaan argame kan tokkoo isaanii /kan abbaa warraa ykn haadha warraa/ ta’e misoomaaf jechuudhaan waan diigameef kaffaltiin beenyaa argame akka bittaan argametti lakkaawamee Mana murtiin kan dhuunfaa tahuun hin mirkanoofne jechuun akka qabeenya waliiniitti lakkaawamuu kan hin dandeenye tahuu.

📎 DH.I.M.M.W.F, Jildii 13ffaa Lakk Galmee. 65708 taherratti, Seera Maatii Fooyya’e Labsii Lakk. 213/92 Kewt.58, 57 waliin wal-qabsiisuun murtii laateera.

📎 Kanarraa kan hubatamus, Qabeenyi dhaalaan argame kan Wal-fuutota keessaa tokkoo isaanii tahe kanuma dhuunfaa gaa’ila raawwataa dhuunfaan dhaalaan argatee tahee akka hafu kan agarsiisuufi gurguramuufi Jijjiramuun beenyaan ykn maallaqni argamus kanuma dhuunfaa tahuu fi haalli qabeenya waliinii itti tahu kan hin jirre tahuu isaa, Haalli addaa…yoo jiraate akkuma jirutti tahee jechuudha.
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
DHIMMA_YAKKAA_IRRATTI_MORMII_SADARKAA_DURAA_HIMATAMAAN_KAASUU_DANDA'U:
==============================
1️⃣.Himatamaan foormii himannaa,bifa, yookiin qabiyyee himannaa mormuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1).

#A.Himatamaan foormii fi qabiyyee himannaa irratti mormii dhiheessee Manni Murtii yoo fudhate akka haala dhimmichaatti himanni akka jijjiiramu yookiin akka dabalamu yookiin himannaa haaraa akka qopheessu ajajuu ni danda'a,sdfy keewwata 130(1) fi 119(1).
#B.Bu'uura Manni Murtii ajajeen Abbaan Alangaa yoo hin raawwanne,himatamaan yeroodhaaf too'annaa jalaa gadi lakkifama,sdfy keewwata 122.
#C.Himanni Abbaa Alangaa yoo jijjiirame,yoo dabalame yookiin himanni haaraa yeroo dhihaatu Manni Murtii himatamaaf dubbisuun akka hubatu ni taasisa,sdfy keewwata 119(2).
#D.Itti aansuunis himata jijjiirame,dabalame ykn haaraa banamee dhihaateef himatamaan dhagahuuf qophii ta'uu fi dhiisuu Manni Murtii himatamaa gaafachuu qaba,sdfy keewwata 120(1).
#E.Akkuma himanni himatamaaf qaqqabeen battalumatti himata dhagahuu yoo itti fufe mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta'ee Mana Murtiitiif yoo mul'ate dhimmicha dhagahuu itti fufa.
#F.Manni Murtii dhimma battalumatti itti fufuun mirga ofirraa ittisuu kan himatamaa yookiin haala himannaa Abbaa Alangaa jijjiiru ta'ee yoo argame garuu,himata dhagahuuf beellama biraa kennuu qaba,sdfy keewwata 120(3).
2️⃣.Himatamaan darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.Himanni Abbaa Alangaa darbiinsa yerootiin kan daangeeffame yoo ta'e,himatamaan mormii kaasuu baatus Manni Murtii kaka'umsa isaatiin Galmee cufuu qaba.
3️⃣.Himatamaan gocha yakkaa raawwate jedhamee ittiin himatameef itti gaafatamaa ta'uu dhabuu ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a(criminal irresponsibility).
#Keessattuu,himatamtichi dhukkuba sammuu ykn gaggabdoon kan jeeqamu yoo ta'e waan gocha raawwatu beekuu fi dhiisuu isaa fi kan kana fakkaatan yaada ogeessa beekumsa addaa qabuun(Hospitaala dhimma kana adda baasuu danda'uun) qulqulleessuun dirqama.
4️⃣.Dhimmichi dursa Murtii kan argate yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1)(b).
5️⃣.Dhimmichi dhiifamaan yookiin maaruudhaan/baraarsaan kan hafe yoo ta'e himatamaan akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.
6️⃣.Dhimmichi Mana Murtii birootti dhihaatee ilaalamaa kan jiru yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.
7️⃣.Himanni dhihaate mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan tuqu yoo ta'e himatamaan kanuma sababaan deeggaruun ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti dhiheessuu danda'a.
Himatamaan akkuma himanni dubbifameefi hubateen booda mormii qabu duguugee kaasuu qaba.Yoo battalumatti mormii sadarkaa duraa qabu hin kaafne booda kaasuu hin danda'u.Garuu,murtii mormii irratti kennamu haqa kan daangeessu yoo ta'e(prohibit to give valid judgment) mormiin booda irratti ka'uu akka danda'u sdfy keewwata 130(3) jalatti ifa taasiseera.
#Mormiiwwan sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti tumaman duguugamanii kan kaa'amanii miti.Mormii sadarkaa duraa seera kana jalatti hin tumamnes dhimmichaaf rogummaa qaba taanaan himatamaan mormii biraa kaasuu danda'a.
#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 14ffaa Lakkoofsa Galmee 73514 ta'een"himatamaan mormii sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti hin tumamnes akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu akka danda'u" hiikoo kennee ture.
#Haalawwan hin adabsiisne(of irraa ittisuu seera qabeessa yookiin legitimate self-defense) Vs seeraa:
#Namni mirga isaa yookiin kan nama biroo miidhaa seeraan alaa irraa yookiin miidhaa seeraan alaa dhiheenyatti qaqqabu irraa oolchuuf miidhaan sun akka hin qaqqabne taasisuuf karaan biroo yoo hin jiraanne hamma haalichaa osoo hin darbin gochi raawwateef hin adabamu,seerri yakkaa bara 1996 bahe keewwatni 78 ifa taasisee jira.
Credit to Chala Abdurahiman
https://t.me/http_Ijooseeraa
2
Forwarded from Maftuu lawyer @Gola seeraa🙏️ (Maftu Ebrahim)
250725.pdf
192 KB
Murtiin Lakkoofsa Abbootii Seeraa Dhaddacha tokkoof seeraan ramadamee jiru hin guunneen fi Abbaa Seeraa Mana Maree bakka bu'oota uummataatiin hin muudamneen kennamu bu'uura seeraa kan hin qabne ta'uu isaa DhIMMWF Lakk.Galmee 250725 ta'e irratti murtii kennee jira.
👉👉T.me/maftulawyer
#BOQONNAA_HAARAA ❗️
Duraan Dursee obboleewwan koo hundi nageenyi Rabbii bakka jirtanitti isiniif haa ta'u. Jireenya kiyya ogummaa seeraa Abbaa Alangaa ta'uun bara 2011- 2018 irraa jalqabee ummata koo tajaajiluuf Godina Harargee lixaa irraa jalqabee hanga Magaalaa Bishooftuutti sadarkaa garaagaraatiin gammachuu fi jaalalaan ummata koo tajaajilaa turee hardha boqonnaa jireenyaa seera haarawa gama Abukaatummaatti ce'uun Abukaatoo dhuunfaa fi Gorsaa. seeraa ta'uun jalqabeen jira.

Ammaas jireenya haarawa kana keessatti akkuma kana duraa Rabbumaa fi isin abdachuun  boqonnaa jireenya haarawa jalqabeen jira. Ammallee akkuma dur akka nacinaa dhaabbattan abdiin qaba.
Tajaajila Abukaatummaa namoonni barbaaddaniis anatti tajaajilamuu dandeessu akkasumaa namootni harka qalleeyyii ta'aniifiw bilisaan dhaabbachuuf qophiidha.

Namoonni dhimma seeraa mana murtii qabdaniis manneen murtii Oromiyaa kamittuu natti tajaajilamuu dandeessu.

Bilbilli kiyyaas-  0911932736 ykn 0927795673
Teessoon ;- Magaalaa Adaamaati.
https://t.me/http_Ijooseeraa
#BOQONNAA_HAARAA ❗️
Duraan Dursee obboleewwan koo hundi nageenyi Rabbii bakka jirtanitti isiniif haa ta'u. Jireenya kiyya ogummaa seeraa Abbaa Alangaa ta'uun bara 2011- 2018 irraa jalqabee ummata koo tajaajiluuf Godina Harargee lixaa irraa jalqabee hanga Magaalaa Bishooftuutti sadarkaa garaagaraatiin gammachuu fi jaalalaan ummata koo tajaajilaa turee hardha boqonnaa jireenyaa seera haarawa gama Abukaatummaatti ce'uun Abukaatoo dhuunfaa fi Gorsaa. seeraa ta'uun jalqabeen jira.

Ammaas jireenya haarawa kana keessatti akkuma kana duraa Rabbumaa fi isin abdachuun boqonnaa jireenya haarawa jalqabeen jira. Ammallee akkuma dur akka nacinaa dhaabbattan abdiin qaba.
Tajaajila Abukaatummaa namoonni barbaaddaniis anatti tajaajilamuu dandeessu akkasumaa namootni harka qalleeyyii ta'aniifiw bilisaan dhaabbachuuf qophiidha.

Namoonni dhimma seeraa mana murtii qabdaniis manneen murtii Oromiyaa kamittuu natti tajaajilamuu dandeessu.

Bilbilli kiyyaas- 0911932736 ykn 0927795673
Teessoon ;- Magaalaa Adaamaati.
1