Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
🙏Yaamicha Deeggarsaa 🙏
‎Yaamicha Lubbuu baraaruu, Abbaa Seeraa #Tasfaayee Ayyaannootiif ‎
👉Godina Shawaa Kaabatti, Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Alaltuu kan ta’an ObboTasfaayee Ayyaanoo sababa dhibee tiruu(hepatitis B)isaan muudateen sadarkaa cimaadhaan waan dhukkubsataniif Hospitaala waliigalaa Aminitti yaalamaa kan turan yoo ta'u, guyyaa 3 keessatti qofa yaalaf hanga qarshii kuma dhibba tokkoof kuma soddomaa(130,000) olii gaafatamaniif, qarshii qaban hunda fixatani, yaalamuuf humni diinagdee waan isaanif hayyamuu dideef yaala addaan kutanii, manatti rakkachaa jiru. Kanaaf lubbuu abbaa
‎seeraa kanaa oolfachuuf deeggarsa nama hundaa waan barbaaduf, hawaasni keenya hundi akkuma kanaan dura namoota biraa gargaaraa turre waan dandeessaniin akka gargaartaan isin
‎gaafachaa, deeggarsa gootanif, karaa Lakkoofsa Herreega Baankii Daldala
‎Itiyoophiyaa 1000722033314 ta'e, maqaa isaanii fi maatii isaanii dabalatee nama
‎sadiin banameetin akka gargaartan isin gaafanna.
👉Fayyaa hin dhabinaa!
Forwarded from Abbaa Aniis Channel (Aniis Jihad)
Qajeelfama_Raawwii_Fooyya’insa_Iskeelii_Mindaa_Manneen_Hojii_Mootummaa.pptx
299.6 KB
 Qajeelfama Raawwii Fooyya’insa Iskeelii Mindaa Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk.29/2018 
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Qajeelfama Raawwii Fooyya’insa Iskeelii Mindaa Mannee .docx
103.9 KB
Qajeelfama Raawwii Fooyya’insa Iskeelii Mindaa Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk.29/2018
Forwarded from Kumela Firisa Lawyer
Qajeelfama_Lakk_3_2017_Afaan_Oromootti_hiikame_Tesfaye_Hurisa_A.pdf
12.3 MB
Qajeelfama Adabbii Haaraa Lakk. 03/2017 Afaan Oromootti Kan Hiikame(Kan Hiike Abbaa Alangaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Tasfaayee Hurrisaati)
https://t.me/Kumaalaal
Adeemsa Dhagaya Dhimma Yakkaa Keessatti Hafiinsa Himatamaafi Tarkaanfiiwwan Fudhatamuu Danda’an Ilaalchisee Murtiilee Dirqisiisoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin Kennaman
=======//=======//=======//==
1👉Adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti tarkaanfilee manneen murtii fudhachuu danada’an ilaalchisee Dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtiilee garaagaraa kan kenne yammuu ta’u, isaan keessaa kan jalqabaa murtii dhaddachichi dhaddacha gaafa 10/09/2004 ooleen #Lakk_Ga_76909_ta'e (Jildii #13ffaa) irratti kennedha. Bu’uura murtii kanaatiin, adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti ragaan namaa abbaa alangaafi himatamaa erga dhagahamee xumuramee booda guyyaa galmeen murtii kennuuf bule irratti himatamaan beellama isaa kabajee dhiyaachuu dhiisee yoo hafe manni murtii #bakka_himatamaan_hin_jirretti ilaalee murtii balleessummaafi adabbii kennuu qaba malee eeguu hin qabu, guyyaa yaadni adabbii dhiyaachuu qabutti himatamaan beellama irraa hafee murtiin adabbii waan kennameef qofa dhimmichi bakka hin jirretti ilaalame hin jechisiisu jechuun Heera Mootummaa FDRI kwt 20(4) fi tumaalee seera deemsa falmii yakkaa adda addaa bu’uura godhachuun xiinxaleera.

2👉Dhimmi kan biroon murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 22/01/2010 ooleen #Lakk.Ga.127313 (Jildii
#22ffaa) ta’e irratti kenname yammuu ta’u, dhimma kana keessatti immoo dhaddachichi; himatamaan guyyaa ragaan abbaa alangaa dhagahamu dhiyaatee, dhaggeeffatee, gaaffii qaxxaamuraa gaafatee, ragaa ittisaa dhiyeeffadhu jedhamee guyyaa beellamame irratti beellama irraa yoo bade manni murtii bakka inni hin jirretti itti fufee ragaa madaalee murtii kennuu qaba jedheera. Dhimma kana keessatti ragaa ittisaa eeguuf beellamni irra deddeebiidhaan kennamaa turuus ibseera.

3👉Kana malees, dhaddachichi murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 30/05/2014 ooleen Galmee Lakk. 211518 ta'e irratti ( kan hin maxxanfamne) kenneen; Ragaan abbaa alangaa dhagahamee, guyyaa dhimmichi qoratamee jal-murtiin kennamuuf beellamametti himata
maan beellamarra hafees taanan.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Murtii/Ajaja Dhimma Bu’ura SDFHH kwt 343(1) MM Jalaatti Gadi-deebisuu Irraa Ol’iyyachuun Ni Danda’amaa?
==================================
SDFHH kwt 342, 343(1), 344 fi Murtii Dh Ijb glme Lkk 220004 ta’erratti gaafa 03/02/2015 kenname waliin akka ilaalametti.
==================================
Aangoo MM ol’iyyannoo dhagahuu Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa koodii bara 1962 labsame keessatti diriirfamee keessaa tokko dhimma komiin irratti dhiyaateef tokko murtiidhaan ykn ajajaan Mana murtii jalaa murtii komatame kennetti qajeelfamaan gadi-deebisuu yoo ta’u sana keessaa isaan ijoon sirna Seericha kwt 211, 341 fi 343(1) jalatti kan tumamanidha.
Sirnoota deemsaa sadiin keessaa kan kwt 211 jalatti tumame adeemsi manni murtii jalaa dhimmicha ittiin ilaalee murteesse dogongora adeemsa falmii isa bu’ura (fundamental procedural irregularities) yoo qabaate murticha qofa otuu hintaane adeemsa falmii manni murtii jalaa murtiii komatame irra ittiin gahe guutuma isaa akkuma jirutti haquudhaan irra deebi’amee dhimmichi bifa haaraan (to try the case anew) qajeelfamaan sirna ittiin dhimmichi had-deebi’udha.
Murtiin Manni Murtii Ol’iyyannoo bu’ura kwt 211 Kennus murtii dhumaa waan ta’eef gareen dhimmichi gadi-deebi’uu hinqabu jedhu irraa ol’iyyachuu akka danda’u SDFHH kwt 320 irraa nihubatama.
Gama biraan jal-murtii Manni Murtii jalaa himannaa itti dhiyaate falmii sadarkaa duraatiin (qabxiilee mormii sadarkaa duraa dabalatee) otuu ijoo dubbii dhimmichaatti hinseenin kufaa gochuun kenne irraa komii itti dhiyaate MM Ol’iyyannoo dhagahu ilaaluudhaan falmii sadarkaa duraatiin kufaa ta’uu hinqabu yoo jedhe jal-murticha diiguudhaan manni murtii jalaa dhimmicha ball itti dhaabe irraa sochoosee ijoo bu’uraatti seenee falmisiisee murtii akka kennu sirna dhimmicha qajeelfamaan gadi-itti deebisu yoo ta’u kunis proper remand jedhamee beekama.
Murtiin MM Ol’iyyannoo akkaataa kwt 341tijn dhimmicha gadi-deebisuun kennu biyyoota common law hordofan hedduu biratti haala addaan qabxii irraa komatamuu qabu adda baasee manni murtii murticha kenne yoo eeyyame malee akka murtii dhumaatti waan hinilaalamneef irraa ol’iyyachuun akka qajeeltootti hindanda’amu.
Akka Seera Deemsa Falmii biyya keessatti garuu ejjannoo fi hojmaanni hanga ammaa jiru akka murtii dhumaa ta’ee fi irraa komatamu kan agarsiisu yoo ta’u qabatamaanis murtii seericha kwt 341(1) jalatti kennamu irraa komiin dhiyaachaa oola, Manneen murtiitis hanga Dh Ijbtaattuu keessummeessaa all jiran hubatama.
Sirna dhimma had-deebisuu akkaataa SDFHH kwt 343(1) jalatti qajeelfamu ilaalchisee ogeessonni hedduun akka ibsanittii fi tumaa kewwatichaa irraayis akka ifaan hubatamutti kan gadi-deebi’u dhimma otuu hintaane qabxii ykn firii ijoo dubbiitidha waan ta’eef akka dhimma gadi-deebisuutti ilaalamuun dogongora jechuun nidanda’ama.
Kunis akkaataa seericha kwt 342 jalatti ibsameen Manni Murtii jalaa qabxii ykn firii ijoo dubbii rogummaa qabu otuu hinqabatin ykn ragaan otuu hinqulqulleessin ykn ragaa dhagahamuu qabu otuu hindhagahin kan darbe ta’uu fi kuni immoo haqa dhimmichaaf murteessaa yoo ta’e, akkasumas kana murteessuuf immoo garagachi galmee jalaa gahaa yoo ta’uu baate MM Ol’iyyannoo qabxii firii ykn ragaa jedhame sana ifatti adda baasee qabuun Manni Murtii jalaa qulqulleessee ykn dhagahee yaada murtii waliin akka erguuf akkaataa seericha kwt 343(1)tiin qajeelfamaan Mana Murtii jalaa sirna ittiin ajajudha.
Murtiin manni murtii Ol’iyyannoo dhagahu haala kanaan bu’ura SDFHH kwt 343(1)tiin kennu Murtii haadhoo komiin irraa itti dhiyaate hanga bu’aan ajajaa qulqullaa’ee akkaataa kwt 344n deebi’uufitti kan itti hinseenne waan ta’ee fi galmeenis hangasitti otuu himcufamin beellamaan kan turu waan ta’eef murtii dhumaa akka ta’etti fudhatamuu fi irraa ol’iyyachuun akka hindanda’amne Dhaddacha Ijbt MMWF 220004 ta’erratti murtii gaafa 03/02/2015 kenneen hiikkoo dirqisiisaa itti kennee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Himatamaan Raawwataa Yakkaa Muummee (principal offender) Ta’uun Namoota Biroo Waliin Himatame Yakkicha Raawwateera Jechuuf Ragaan AA Maal Murkaneessuu Qaba? Himatamaan Bakka Raawwii Yakkichaatti Argamuun Isaa Qofa Gahaadha?
‎==================================
‎Seera Yakkaa 32 fi 23; SDFY kwt 141; Murtii Dhaddacha Ijbt Glmee Lkk 251519 ta’erratti gaafa 24/06/2017 kenname waliin kan xiinxalame
‎==================================
‎Yakka gareen raawwatamu ilaalchisee gosaa fi sadarkaa akkasumas bifa hirmaannaa raawwattoota adda addaa ibsuudhaan Seerri yakkaa diriisee kan tume yemmuu ta’u sana keessaa inni yeroo hedduu beekamuu fi baratamaan hirmaattota raawwataa yakkaa mummee (principal offenders) jedhamuun SY kwt 32 jalatti ibsamedha.
‎Raawwataa yakkaa muummee kan jedhaman namoota qaamaan iddoo yakkichaatti argamuu baatanillee yaada yakkichaa abbummaan wixineessanii hoogganan, namoota ofii isaanii qaamaan yakkicha raawwatan ykn tooftaa adda addaatti fayyadamuun raawwachiisan jedhamuun seericha kwt 32(1(a-c)) jalatti ibsamanii jiru.
‎Namoonni akkasii kun yakka ittiin himataman raawwatan kan jedhamu ulaagaalee sadiin yakkaa seera yakkaa kwt 23(2) jalatti tarreeffaman (kutaa yaadaa, kutaa seeraa fi gochaa) haala guuteen raawwii yakkichaa keessatti hirmaachuun yoo mirkanaa’e qofadha.
‎Haallan kun guutamuu isaanii ragaan Abbaa Alangaa akkaataa SDFY kwt 141n shakkii sababi qabeessaa olitti mirkaneessuu kan qabu yemmuu ta’u MMtis ragaa AA bu’ura kanaan   Madaaluun tokkoon tokkoon hirmaattotaa kwt 32n gareen himataman yakkicha keessaa hirmaannaa qabaachuu fi dhiisuu mirkaneessuun ofirraa haa ittisan ykn hin ittisinii murteessuu akka qabu Qajeeltoowwan Seera Ragaa kan ajajan ta’uun gamattis Dhaddachi Ijbt yeroo hedduu galmeewwan Lkk 113464 (vol 19), 225975, 246157 fi 228017 (kan hinmaxxanfamne) irratti hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.
‎Qabxiilee ijoo namoota raawwataa muummee ta’uun SY kwt 32 jalatti gareen himatamaan ilaalchisee yakkicha raawwatan jechuuf ragaan AA maal mirkaneessuu qaba kan jedhuu fi himatamaan iddoo raawwii yakkichaatti argamuu isaa ragaan ibsuun qofa gahaadha moo miti kan jedhu ilaalchiseetis Dhaddachi Ijbt yakka ajjeechaa cimaa SY kwt 32(1(a)) fi 539 jalatti himannaa naannoo Sidaamaatti namoota lama irratti dhiyaachuun hanga Dhaddacha Ijbt gaheen Dh Ijb MMWF glme Lkk 251519 ta’erratti murtii gaafa 24/06/2017 kenneen hiikkoo ifa ta’e kenneera.
‎Dhimmicha keessatti iyyataan Dhaddacha Ijbt himatamaa 2ffaa kan ture yoo ta’u hirmaannaa isaa ilaalchisee ragaan AA jecha kennaniin “isa ta’uu fi dhiisuu adda hinbaafannee garuu nama isa fakkaatu iddoo sanatti arginee jirra, namoota du’aa  reebuun waraanaa turan keessaa tokko himatamaa 2ffaa fakkaata, sana dura himatamaa 2ffaa hinbeeknu” jechuun ibsuu isaanii Dh Ijbt gargalcha Murtii jalaa keessaa ilaaluu caqasee jira.
‎MMO Naannichaa ragaan itti mirkaneesseera jechuun iyyataa balleessaa taasisee kan adabe yoo ta’u MMW Dhaddachi idilee ragaan AA iyyataa irratti shakkii sababi qabeessaan olitti hinmirkaneessine jechuun murtii MMO diigee iyyataa bilisa godheera. Dhaddachi Ijbt Naannichaa ragaan AA iyyataan iddoo yakkichaa akka turee fi gochicha raawwachuu mirkaneessanii jiru jechuun murtii MMO cimseera.
‎Dhaddachi Ijbt MMWF gama isaan 1) ragaan AA namni yakkicha raawwate iyyataa kana fakkaata jedhan malee iyyataa ta’uu isaa akka hinibsine MM jalaa galmeessuu isaanii fi iddoo yakkichaatti argine jechuu malee maal akka raawwate akkaataa SYbkwt 32(1(a)) , 23(2) fi 58tiin ifatti wanti agarsiisan akka hinjirre garagalcha Murtii MM jalaa irraa hubachuu isaa fi ;
‎Akkasumas 2) iyyataan maal akka raawwate ifatti ragaan adda bahee bakka hinibsamnetti iddoo yakki itti raawwatametti argamuun qofti yakkicha raawwateera jechuuf gahaa akka hintaane bal’inaan ibsuun walumaagalatti ragaan AA iyyataan yakka raawwachuu isaa hirmaannaa isaa agarsiisuun shakkii sababi qabeessaa olitti otuu hinmirkaneessin murtiin MMO fi Dh Ijbt Naannichaa kennan dogongora ijoo qajeeltoo madaallii ragaa waan ta’eef Dha Ijbtaan ilaalamee sirraa’uu danda’a jedhee murtii MMO fi kan Dha Ijb Naannichaa diigee kan