Yakka Ajaja Mana Murtii Fudhachuu Diduu, Cabsuu ykn Gufachiisuu
Seera yakkaa MDFRI bara 1996 bahe kwt 448, Labsii Lkk 216/2011 kwt, 48 fi Murtii Dh Ijbt Jld 13ffaa glme Lkk 67777 ta’erratti hiikkoo kenname
Waliin ha ilaallu
Manni Murtii hojii tajaajila haqa kennuu hojjetu keessatti dhimma qabate qulqulleessuuf ajaja adda addaa dhaabbilee mootummaas ta’ee miti mootummaa ykn nama seeraas ta’ee nama uumamaa tti dabarsuu ykn baasuu nidanda’a.
Kana males ajaja ykn murtii kenne akka raawwatanis ajajuu mala. Qaamni ajajame ykn namni biroo ajaja Manni Murtii kennu sababa malee raawwachuu ykn fudhachuu dide ykn akka hinraawwatamne danqe ykn cabse itti gaafatamummaa adda addaa kan hordofsiisu akka ta’ee fi yakkaanis akka adabamuudha.
Ittigaafatamummaa ajaja Mana Murtii cabsuun ykn danquu ykn fudhachuu diduun hordofsiisu keessaa tokko itti gaafatamummaa yakkaa yemmuu ta’u innis SY kwt 448 fi labsi Lkk 216/2011 kwt 48 jalatti tumamee jira.
Kanas Manni Murtii qaama gochaa akkasii raawwate irratti galmeedhuma ajajni cabe ykn raawwachuu didame ykn danqame irratti kenname sana irratti qulqulleessa biroo otuu hin barbaachisin tarkaanfii itti gaafatamummaa yakkaa fudhachuun adabuu akka qabu keewwanni seerota olitti ibsamee ifatti tumee jira.Dhaddachi ijibbaataa mana murtii woliigalaa federaalaas murtii lakk.Galmlee 67777 ta’een Jildii13ffaan manxanfame keessatti haala kanaan murteessuun murtii hiikkoo dirqisiisaa qabu kennee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa

Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Jemal Kumbi
Afeerraa Yaada Uummataa
-----------------------------
(Fulbaana 27,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Dorgommii Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa gaggeeffamaa tureen wal qabatee bu'aa qormaata barreeffamaa fi afaanii ifoome ture irratti dabalataan ulaagaaleen bu'uura Dambii BASO fi qajeelfamoota rogummaa qabaniin jiran waliin 100% keessaa cuunfuun kunneen caalmaa argatanii argaman akkasumas kunneen eeggataa ta'an ifoomanii jiru.Waan ta'eefis naamusa dorgomtoota kanaa irratti odeeffaannoo fi eeruu gara garaa kan qabdan lakk.bilbilaa 0903571457 irratti(telegraamaa fi SMS) n akka nuuf barreessitan ykn Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa,Waajjira Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraatti qaamaan argamuun eeruu akka nuuf kennitan ni gaafanna.
Hub-1)Dorgomtoonni lakk.65ffaa-70ffaatti jiranii fi eeggataa 1ffaan qabxii waliigalaan wal qixa waan argataniif eeggataa ta'uu kan qabu CGPAn akka adda bahu murtaa'eera.
2) Baay'inni eeggattootaa bu'uura sirna jiruun 25% kan fudhatamaniidha.
Via MMWO
Akka beeknuu fi hanga quba qabnuun yaada itti haakennunuu.

Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
🙏Yaamicha Deeggarsaa 🙏
Yaamicha Lubbuu baraaruu, Abbaa Seeraa #Tasfaayee Ayyaannootiif
👉Godina Shawaa Kaabatti, Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Alaltuu kan ta’an ObboTasfaayee Ayyaanoo sababa dhibee tiruu(hepatitis B)isaan muudateen sadarkaa cimaadhaan waan dhukkubsataniif Hospitaala waliigalaa Aminitti yaalamaa kan turan yoo ta'u, guyyaa 3 keessatti qofa yaalaf hanga qarshii kuma dhibba tokkoof kuma soddomaa(130,000) olii gaafatamaniif, qarshii qaban hunda fixatani, yaalamuuf humni diinagdee waan isaanif hayyamuu dideef yaala addaan kutanii, manatti rakkachaa jiru. Kanaaf lubbuu abbaa
seeraa kanaa oolfachuuf deeggarsa nama hundaa waan barbaaduf, hawaasni keenya hundi akkuma kanaan dura namoota biraa gargaaraa turre waan dandeessaniin akka gargaartaan isin
gaafachaa, deeggarsa gootanif, karaa Lakkoofsa Herreega Baankii Daldala
Itiyoophiyaa 1000722033314 ta'e, maqaa isaanii fi maatii isaanii dabalatee nama
sadiin banameetin akka gargaartan isin gaafanna.
👉Fayyaa hin dhabinaa!

Forwarded from Abbaa Aniis Channel (Aniis Jihad)
Qajeelfama_Raawwii_Fooyya’insa_Iskeelii_Mindaa_Manneen_Hojii_Mootummaa.pptx
299.6 KB
Qajeelfama Raawwii Fooyya’insa Iskeelii Mindaa Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk.29/2018
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Qajeelfama Raawwii Fooyya’insa Iskeelii Mindaa Mannee .docx
103.9 KB
Qajeelfama Raawwii Fooyya’insa Iskeelii Mindaa Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk.29/2018
Forwarded from 𝐁𝐈𝐍𝐈𝐌𝐎𝐒 - 𝐋𝐀𝐖𝐘𝐄𝐑
Labsii Lakk.248_2015 Lafa baadiyaa maxxanfame.pdf
57.7 MB
Lafa itti fayyadamaa fi bulchinsa lafa baadiyyaa Lakk. 248/2015.
https://t.me/binimoslawyer
https://t.me/binimoslawyer
Forwarded from 𝐁𝐈𝐍𝐈𝐌𝐎𝐒 - 𝐋𝐀𝐖𝐘𝐄𝐑
Federal Civil Servants Proclamation No.1335_2025.pdf
2 MB
Labsii Hojjattoota Mootummaa Federaalaa Lakk.1335/2017.
https://t.me/binimoslawyer
https://t.me/binimoslawyer
Forwarded from Kumela Firisa Lawyer
Qajeelfama_Lakk_3_2017_Afaan_Oromootti_hiikame_Tesfaye_Hurisa_A.pdf
12.3 MB
Qajeelfama Adabbii Haaraa Lakk. 03/2017 Afaan Oromootti Kan Hiikame(Kan Hiike Abbaa Alangaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Tasfaayee Hurrisaati)
https://t.me/Kumaalaal
https://t.me/Kumaalaal
Adeemsa Dhagaya Dhimma Yakkaa Keessatti Hafiinsa Himatamaafi Tarkaanfiiwwan Fudhatamuu Danda’an Ilaalchisee Murtiilee Dirqisiisoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin Kennaman
=======//=======//=======//==
1👉Adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti tarkaanfilee manneen murtii fudhachuu danada’an ilaalchisee Dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtiilee garaagaraa kan kenne yammuu ta’u, isaan keessaa kan jalqabaa murtii dhaddachichi dhaddacha gaafa 10/09/2004 ooleen #Lakk_Ga_76909_ta'e (Jildii #13ffaa) irratti kennedha. Bu’uura murtii kanaatiin, adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti ragaan namaa abbaa alangaafi himatamaa erga dhagahamee xumuramee booda guyyaa galmeen murtii kennuuf bule irratti himatamaan beellama isaa kabajee dhiyaachuu dhiisee yoo hafe manni murtii #bakka_himatamaan_hin_jirretti ilaalee murtii balleessummaafi adabbii kennuu qaba malee eeguu hin qabu, guyyaa yaadni adabbii dhiyaachuu qabutti himatamaan beellama irraa hafee murtiin adabbii waan kennameef qofa dhimmichi bakka hin jirretti ilaalame hin jechisiisu jechuun Heera Mootummaa FDRI kwt 20(4) fi tumaalee seera deemsa falmii yakkaa adda addaa bu’uura godhachuun xiinxaleera.
2👉Dhimmi kan biroon murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 22/01/2010 ooleen #Lakk.Ga.127313 (Jildii
#22ffaa) ta’e irratti kenname yammuu ta’u, dhimma kana keessatti immoo dhaddachichi; himatamaan guyyaa ragaan abbaa alangaa dhagahamu dhiyaatee, dhaggeeffatee, gaaffii qaxxaamuraa gaafatee, ragaa ittisaa dhiyeeffadhu jedhamee guyyaa beellamame irratti beellama irraa yoo bade manni murtii bakka inni hin jirretti itti fufee ragaa madaalee murtii kennuu qaba jedheera. Dhimma kana keessatti ragaa ittisaa eeguuf beellamni irra deddeebiidhaan kennamaa turuus ibseera.
3👉Kana malees, dhaddachichi murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 30/05/2014 ooleen Galmee Lakk. 211518 ta'e irratti ( kan hin maxxanfamne) kenneen; Ragaan abbaa alangaa dhagahamee, guyyaa dhimmichi qoratamee jal-murtiin kennamuuf beellamametti himata
maan beellamarra hafees taanan.

Murtii/Ajaja Dhimma Bu’ura SDFHH kwt 343(1) MM Jalaatti Gadi-deebisuu Irraa Ol’iyyachuun Ni Danda’amaa?
==================================
SDFHH kwt 342, 343(1), 344 fi Murtii Dh Ijb glme Lkk 220004 ta’erratti gaafa 03/02/2015 kenname waliin akka ilaalametti.
==================================
Aangoo MM ol’iyyannoo dhagahuu Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa koodii bara 1962 labsame keessatti diriirfamee keessaa tokko dhimma komiin irratti dhiyaateef tokko murtiidhaan ykn ajajaan Mana murtii jalaa murtii komatame kennetti qajeelfamaan gadi-deebisuu yoo ta’u sana keessaa isaan ijoon sirna Seericha kwt 211, 341 fi 343(1) jalatti kan tumamanidha.
Sirnoota deemsaa sadiin keessaa kan kwt 211 jalatti tumame adeemsi manni murtii jalaa dhimmicha ittiin ilaalee murteesse dogongora adeemsa falmii isa bu’ura (fundamental procedural irregularities) yoo qabaate murticha qofa otuu hintaane adeemsa falmii manni murtii jalaa murtiii komatame irra ittiin gahe guutuma isaa akkuma jirutti haquudhaan irra deebi’amee dhimmichi bifa haaraan (to try the case anew) qajeelfamaan sirna ittiin dhimmichi had-deebi’udha.
Murtiin Manni Murtii Ol’iyyannoo bu’ura kwt 211 Kennus murtii dhumaa waan ta’eef gareen dhimmichi gadi-deebi’uu hinqabu jedhu irraa ol’iyyachuu akka danda’u SDFHH kwt 320 irraa nihubatama.
Gama biraan jal-murtii Manni Murtii jalaa himannaa itti dhiyaate falmii sadarkaa duraatiin (qabxiilee mormii sadarkaa duraa dabalatee) otuu ijoo dubbii dhimmichaatti hinseenin kufaa gochuun kenne irraa komii itti dhiyaate MM Ol’iyyannoo dhagahu ilaaluudhaan falmii sadarkaa duraatiin kufaa ta’uu hinqabu yoo jedhe jal-murticha diiguudhaan manni murtii jalaa dhimmicha ball itti dhaabe irraa sochoosee ijoo bu’uraatti seenee falmisiisee murtii akka kennu sirna dhimmicha qajeelfamaan gadi-itti deebisu yoo ta’u kunis proper remand jedhamee beekama.
Murtiin MM Ol’iyyannoo akkaataa kwt 341tijn dhimmicha gadi-deebisuun kennu biyyoota common law hordofan hedduu biratti haala addaan qabxii irraa komatamuu qabu adda baasee manni murtii murticha kenne yoo eeyyame malee akka murtii dhumaatti waan hinilaalamneef irraa ol’iyyachuun akka qajeeltootti hindanda’amu.
Akka Seera Deemsa Falmii biyya keessatti garuu ejjannoo fi hojmaanni hanga ammaa jiru akka murtii dhumaa ta’ee fi irraa komatamu kan agarsiisu yoo ta’u qabatamaanis murtii seericha kwt 341(1) jalatti kennamu irraa komiin dhiyaachaa oola, Manneen murtiitis hanga Dh Ijbtaattuu keessummeessaa all jiran hubatama.
Sirna dhimma had-deebisuu akkaataa SDFHH kwt 343(1) jalatti qajeelfamu ilaalchisee ogeessonni hedduun akka ibsanittii fi tumaa kewwatichaa irraayis akka ifaan hubatamutti kan gadi-deebi’u dhimma otuu hintaane qabxii ykn firii ijoo dubbiitidha waan ta’eef akka dhimma gadi-deebisuutti ilaalamuun dogongora jechuun nidanda’ama.
Kunis akkaataa seericha kwt 342 jalatti ibsameen Manni Murtii jalaa qabxii ykn firii ijoo dubbii rogummaa qabu otuu hinqabatin ykn ragaan otuu hinqulqulleessin ykn ragaa dhagahamuu qabu otuu hindhagahin kan darbe ta’uu fi kuni immoo haqa dhimmichaaf murteessaa yoo ta’e, akkasumas kana murteessuuf immoo garagachi galmee jalaa gahaa yoo ta’uu baate MM Ol’iyyannoo qabxii firii ykn ragaa jedhame sana ifatti adda baasee qabuun Manni Murtii jalaa qulqulleessee ykn dhagahee yaada murtii waliin akka erguuf akkaataa seericha kwt 343(1)tiin qajeelfamaan Mana Murtii jalaa sirna ittiin ajajudha.
Murtiin manni murtii Ol’iyyannoo dhagahu haala kanaan bu’ura SDFHH kwt 343(1)tiin kennu Murtii haadhoo komiin irraa itti dhiyaate hanga bu’aan ajajaa qulqullaa’ee akkaataa kwt 344n deebi’uufitti kan itti hinseenne waan ta’ee fi galmeenis hangasitti otuu himcufamin beellamaan kan turu waan ta’eef murtii dhumaa akka ta’etti fudhatamuu fi irraa ol’iyyachuun akka hindanda’amne Dhaddacha Ijbt MMWF 220004 ta’erratti murtii gaafa 03/02/2015 kenneen hiikkoo dirqisiisaa itti kennee jira.