Forwarded from Bikila Law Office (Bikila Birhanu Geremu)
KAAYYOO ADABBII, MURTII BALLEESSUMMAA FI MURTII ADABBII DAANGEESSUU SEERA YAKKAA BIYYA KEENYAA
KAAYYOO ADABBII
Kaayyoon adabbii kaayyoo seera yakkaa akka waliigalaatti jiru milkeessuuf akka meeshaatti kan gargaaru ta’uun isaa beekamaadha. Kaayyoo waliigalaa seera yakkaa kana milkeessuuf adabbiin addatti kaayyoo maalii yoo qabaate dha yaada jedhu ilaalchisee garuu hayyootni yaadota adda addaa qabu. Kun ammoo tiworiiwwan kaayyoo adabbii adda addaa akka uumaman godheera. Tiwooriwwaan kunniinis:
Haaloo bahuu (Retrbution)
Yakki biraa akka hin raawwatamne ittisuu (deterrence)
Dadhabsiisuu (incapacitation)
Haaromsuu (rehabilitation or reform) fi
Hunda-hammataa(inclusive) jedhamuun ibsamuu danda’u.
1. Haaloo Bahuu (Retribution, Retaliation ): Uummatni yakka yakkamaan raawwatetti hedduu kan mufate waan ta’eef, mootummaan uummata bakka bu’uun yakkamticha kallattiin hanguma balleessaa isaa (direct proportion to the harm done) hubuu (adabuu) qaba kan jedhu dha. Kun amantaa fi ilaalcha dur ture “nama ija balleesse ija balleessuu, nama ilkaan cabse ammoo ilkaan cabsuu” jedhuun walfakkaata.
YAADA DEEGGARSAA TIWOORII KANAA:
✓Mufannaa hawaasni yakkamaa irratti qabu haaloo baha.
YAADA QEEQAA (MORMII TIWOORII KANAA)
✓Duudhaa Adabbiin gar-malee hammaataa, alnamoomaa fi kabaja dhala namaa kan gadi buusu ta’uu hin qabu.
2. Yakki Biraa Akka Hin Raawwatamne Ittisuu (Deterrence Effect): Yakkamaan yakka raawwachuu irraa kan of qusatu gocha inni raawwachuu yaadeef durfamee seeraan nama kan gaafachisu ta’uun isaa ifatti seeraan yoo tumame qofa akka ta’ee fi akkasumas namoota yakka raawwatanii adabaman hawaasatti agarsiisuudhaan namni kamiyyuu yemmuu yakka raawwatee argamu mirga isaa kan dhabu ta’uu isaa dursanii akeekkachiisuunidha .Akeekkachiifni kunis:-
Akeekkachisaa wliigalaa (General deterrence) fi
Akeekkachiisaa dhuunfaa (Specific deterrence) of keessaa qaba.
#Akeekkachiifni waliigalaa akkuma waliigalaatti hawaasa keessatti kaayyoo yakka ittisuu kan qabu fi gocha yakka ta’e seeraan tumun akeekkachiisuudha.
#Akeekkachiifni dhunfaa ammoo yakkamaan gocha yakkaa tokkoon yommuu adabamu gocha raawwate irraa barumsa argachuun akkasumas waan itti adabameef gara fuulduraatti yakka biraa raawwachuu irraa akka of qusatu ni taasisa
YAADA DEEGGARSAA TIWOORII KANAA KANAA
✓yakka ittisuu irratti gahee mataa isaa qaba.
YAADA QEEQA TIWOORII KANAA
✓yakkaa xiqqeessuu irratti waan xiyyeeffatuuf, adabbiin kennamuu malu ol kaasuun qajeeltoo walgituu adabbii fi yakka raawwatame jedhu wajjiin walitti bu’uu danda’a.
✓Qabatamatti akka xiyyeeffannoo isaatti yakki biraa akka hin babal’anne gochuu hin dandeenye. Fknf Namooni yakka adda addaatiin adabamaa kan jiran ta’u illee yakkii xiiqaachaa hin jiru.
3. Dandeetti Dhabsiisuu (Incapacitation)
Yakkamtootni Amalaan hammeenyummaa guddaa qaban, Hawaasa keessatti yakkaa irra deddeebiin raawwatan “yakka biraa raawwachuudhaaf carraa akka hin arganne akkasumaas nagaa fi tasgabbii hawaasichaatiif sodaa akka hin taane taasiisuun barbaachisaa dha” yaada jedhu of keessatti hammata. Fakkeenyaaf, adabbiin du’aa yakkamaan tasuma yakka biraa akka hin raawwanne adabbii taasisu dha.
YAADA DEEGGARSAA TIWOORII KANAA:
✓Yakkamtoota balaafamoo ta’an hawaasaaf sodachiisaan ni tasgabeessa.
YAADA QEEQAA TIWOORII KANAA:
✓Kana malees, yakkamtoonni yeroo dheeraaf mana sirreessaa keessa akka turan kan taasifamu yoo ta’e, baasii mootummaan yookiiin hawaasichi mana sirreessaaf baasuu akka dabalu ni taasisa.
4. Sirreessuu ykn Barsiisuu (Reformation or Rehabilitation):
Ilaalchaa amala badaa yakkamaan qabu sirreessuu fi barsiisuudhaan jijjiirama amalaa akka fiduuf (akka haaromuuf) kan hojjetu dha. Yakkamaan lammii gaarii gocha yakka jibbu, gara fuula duraatti yakka biroo raawwachuu irraa kan of qusatuu fi oomisha adda addaa keessatti hirmaachuun gumaachaa barbaachisu akka taasiisuu gochuu irratti kan xiyyeeffatu dha.

Forwarded from Jemal Kumbi
Qabxii falmii haaraa ykn ragaa haaraa dhiyeessuuf iyyannoon ykn gaaffiin himannaa ykn deebii fooyyessfachuu kaayyoo SDFHH kwt 91 miti, eeyyamamuus hinqabu jedha Dhaddachi MMWF glme Lkk 210559 irratti murtii gaafa 26/08/2014 kenneen (kan hinmaxxanfamne)
Garagalchi murtichaa kan Mulugeta F.Binegdeti, galata qabu.

❤1
Forwarded from Oromia Legal Training and Research Institute
Forwarded from ⚖️Shields Law🇪🇹 የህግ አገልግሎት / Legal service ⚖️
Giddulixummaa Falmii Hariiroo Hawaasaa; eenyutu bu’ura seeraa kamiin sadarkaa falmii kamirratti gidduulixuu danda’a?
=================================
Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH) kwt 41, 42, 358, 418 fi 450 fi Murtii Dh Ijbta MMWF glme Lkk 210420 irratti kenname
=======================
kan itti fufe
Giddulixummaan armaan dura ilaalle kan SDFHH kwt 41, 42, 358tiin seenamu dhimma himataa fi himatamaan irratti Walfalman irraa dantaa kan qabu yoo ta’u kan dhiyaatus akka waliigalaatti murtiin ykn raawwiin dura ta’uun ilaalamee jira.
Fkn kan himataa fi himatamaan irratti walfalman Lafa yoo ta’e giddulixummaan 41, 42ykn 358n dhufus lafuma san irraa dantaa kan qabu ta’a. Lafti kan himataas kan himatamaas miti kan kooti ykn anis gaheen keessaa qaba kan jedhudha.
Akkaataa SDFHH kwt 418n giddulixummaan dhiyaate garuu dhimma murtiin haadhoon irratti kenname irraa kan dantaa qabu otuu hintaane murtii haadhoo raawwachiisuuf qabeenya qabame ykn raawwiin irratti dhiyaate irraa Nama dantaa qabuudha.
Innis himatamaatti mallaqa himataaf akka kanfalu murtiin haadhoon kennamuun himataan konkolaataa ykn mana himatamaa raawwiif yoo dhiyeeffate namni manicha ykn konkolaataa irraa dantaa qabu SDFHH kwt 418n gidduu lixuun kan dhiyaatu ta’a.
Namni kun falmii mallaqaa fi Murtii Idaa mallaqaa ilaalchisee himataa fi himatamaa gidduu jiru irraa dantaa hinqabu, mana on konkolaataa raawwiif dhiyaate irraa qofadha.
Iyyanni kwt 418n dhiyaate kufaa yoo ta’e ykn otuu hinbeekin yoo raawwatame akkaataa Seericha kwt 421tiin nama qabeenyichi harka gale irratti himannaa haaraa dhiyeeffachuun irraa murtiin kenname kan daangessuu miti.
Haaluma walfakkaattuun namni dhimma murtiin haadhoon irratti kenname irraa dantaa qabuu fi akkaataa kwt 41 ykn 42 Murtii dura ykn kwt 358n murtii boodaa fi raawwii dura gidduu lixuu otuu carraa hinargatin dhimmichi raawwatame akkaataa SDFHH kwt 455n himannaa haaraa qaama ilaalu irratti dhiyeeffatee mirga isaa kanachiifachiifachuu irraa wanti dhoorku hinjiru.
Adeemsa raawwii irrattis akkaataa Kwtota 450 fi 452tiin iyyannoo Mana murtichaatti dhiyeeffachuu akka danda’us seerichi kan agarsiisu yoo ta’u dabalataan Dhaddachi Ijbta MMWF glme Lkk 210420 ta’erratti hiikkoo itti kennee jira.
Jemal K Keweti
https://t.me/http_Ijooseeraa

Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Jemal Kumbi
Lafa magaalaa duwwaa maqaa waliigaltee kennaattiin danarsuun dhoorkaadha
==================================
Lafa magaalaa duwwaa isaa kennaanis ta’ee gurgurtaadhaan dabarsuun akka hindanda’amne Heera Mootummaa kwt 40(3) irraa kan hubatamu yemmuu ta’uu waliigalteen kennaa dhimma heeraan ykn seeraan dhoorkame irratti raawwatamus jalqabumaayyuu kaasee bu’aa seeraa kan hordofsiisu akka hintaane Dh, Ijbt MMWF glmwn adda addaa irratti yeroo adda addaa hiikkoo kennee jira (glm Lkk 43226, glm Lkk 79394 fi kkf).
Ammas glm, Lkk 257723 ta’erratti murtii gaafa 25/04/2017 kenneen hiikkoo olitti caqafame irra deebiin cimsuun ibsee jira.
=================
ባዶ የከተማ መሬት/ይዞታን በስጦታም ሆነ በሽያጭ ማስተላለፍ የማይቻል መሆኑን የፌ/ሰ/ፍ/ቤት ከዝህ በፍት በሰ/መ/ቁ 43226፣ 79394 እና የመሳሰሉት ላይ አስገዳጅቨየህግ ትርጉም የሰጠ ሲሆን አሁንም ተህሳስ 25/2017 በሰ/መ/ቁ 257723 ላይ ያንኑ አስገዳጅ ትርጉም የምያጠናክር ኣድስ ውሳኔ ሰጥቷል።