Forwarded from Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa (Getachew Tasew)
Forwarded from Jemal Kumbi
Adeemsa Seeraa Hordofee Beenyaan Kanfalamee Abbaa Qabiyyee Irraa Otuu Hinfuudhamin Lafti Nama biroof kenname jedhamee Ragaan Abbaa Qabiyyee Kaartaan Laficharatti Kennamuun Bu’aa Akkamii Qaba?
====================================
Heera Mootummaa kwt 40(8), Labsii Beenyaa Lkk 1161/2011, Dambii Beenyaa Lkk 472/2012 fi Murtii Dhaddacha Ijbta MMWF glme Lkk 249569 irratti gaafa 06/02/2017 kenname
==================
1, Abbaa qabiyyeetiif akkaataa HM kwt 40(8) fi Labsii beenyaa lkk 1161/2011 fi Dambii beenyaa Lkk 472/2012tiin beenyaa otuu hinkanfalin ragaa abbaa qabiyyummaa ykn kaartaa Nama birootiif kennuun mirga abbaa qabiyyummaa abbaan qabiyyichaa laficha irraa qabu kan dhabsiisuu miti.
2, MM yoo barbaade beenyaa gaafata malee Lafa gaafachuu hi dandeessu jechuun bu’ura seeraa hinqabu
3, MM lafichi abbaa qabiyyee akka deebi’u murteessuufii qaba.
4, Murtichi garuu yeroo biraa mootummaan laficha yoo barbaade akkaataa seeraatti beenyaa kanfalee fudhachuu kan daangessuu miti.
Jemal K Keweti

❤1
#Jaarsaa fi Jaartii Keessaa Inni Tokko Badee Yoo Dhabame Inni Hafe Dhimma Gaa'ilaa fi Qabeenya Ilaalchisee Furmaanni Isaa Maali? Inni Hafe Nama Biroo Waliin Erga Bultii Ijaaree Booda Inni Bade Yoo Deebi'e Furmaanni Isaa Maali? Seerri Hoo Maal Jedha?
Seera maatii federaalaa fi Naannoolee jalattis sababoonni gaa'illi tokko itti diigamu keessaa tokko badiinsa yommuu tahu kunis jaarsaa fi jaartii keessaa namni tokko yoo badee dhabame gaa'illi kan diigamu tahuu kan tumamee jiru fi Seera hariiroo hawaasaa keewwata 163 (1) jalattis jaarsaa fi jaartii keessa tokko badee dhabamee guyyaa murtiin badinsa nama bade kana mirkaneessuun baduu isaa labsuun mana murtiitiin kenname irraa jalqabee gaa'illi kan diigamu tahuu ifatti tumamee jira.
Karaa biraatiin seera hariiroo keewwata 170 jalatti namni bade dhabame jedhamuun badinsa isaa labsuun murtiin irratti kenname kan deebi'ee argamu yoo ta'e, erga murtiin kennamee booda jiraachuun isaa yokiin murtiin erga kennamee booda du'uun isaa yoo mirkanaa'e murtiin badinsa nama sanaa labsuun kenname kan ka'u yokiin bu'aa hordafsiisuu kan dhaabu tahuu isaa tumamee jira.
Dhaddachi ijibaataa kana ilaalchisee akkaataa seera hariiroo hawaasaa keewwata 170 jalatti tumame kanaan murtiin badinsa nama tokko labsuun kenname ka'uun yokiin bu'aa hordafsiisuu dhaabuun isaa sababa baduu isaatiin gaa'ila nama sana kan diigamee ture iddoo duraan tureti akka deebi'u gochuu hin danda'u jechuun lakkofsa galmee olitti caqafame kana irratti dhaddacha gaafa 29/2/2015 ooleen murteesee jira.
Gaaffiin murtiin diiggaa gaa'ilaa ka'e ga'illi iddoo duraan tureti akka deebi'u jechuun dhiyaatuus hayyama waamamaa malee kan fudhatama hin qabne tahuu isaa dhaddachi ijibaataa murtii galmee kana irratti kanneen ibsee jira.
kana jechuun gabaabumatti jaarsaa fi jaartii keessa inni tokko sababa badee dhabamuutin gaa'illi diigame inni hin badin gaa'ila nama biroo waliin raawwatee jireenya dhunfaa isaa yeroo jiraachaa jiruti inni badee yoo kan deebi'u ta'e gaa'ila kiyya jedhee isaan jeequu hin danda'u jechuudha.
Fakkeenyaaf jaarsii badee dhabamuun jaartiin waggaa meeqa egdee nuffitee mana murtiitiin baduu isaa mirkanaa'uun murtiin akka naaf kennamu jechuun iyyattee guyyaa murtiin kennamu irraa gaa'illi waan diigamuuf sana booda nama biroo waliin gaa'ila raawwatee jireenya isii itti fufuu dandeessi jechuudha.
Jaarsi isii ka bade murtii mana murtiitin baduun isaa labsame kun kan deebi'e dhufu yoo ta'e jaartii tiyya jedhee isii jeequu hin danda'u
Wanti guddaan mana murtiiti iyyannaa dhiyeefachuun badee dhabamee hafuun isaa mirkanaa'ee murtii mana murtiitiin akka labsamu taasisuu dha.
Baduun isaa murtii mana murtiitiin labsamuu yoo baate garuu badee dhabamuu isaa qofaan gaa'illi waan hin diigamneef kan deebi'ee dhufu yoo ta'e jaartii isaa fi nama isii fuudhees seeraan isaan gaafachuu fi yaakkanis akka adabaman taasisuu ni danda'a akkasumaas rakkooleen hawaasummaa fi diinagdee kan birootis uumamuu danda'a.
kanaafuu jaarsaa fi jaartii keessa inni tokko badee yoo dhabame inni jiru gaa'ila nama biroo waliin raawwatee jireenya dhunfaa isaa itti fufuuf badee dhabamuu jaarsa isii yokiin jaartiin isaa baddee dhabamuun mirkanaa'ee murtii mana murtiitiin akka labsamuuf mana murtiitii iyyaachuu qaba jechuudha.
Qabeenya ilaalchisee garuu namni badee dhabamee kan deebi'e𝘦 dhufu yoo ta'e qabeenya isaa kan dhiisee biraa deeme akkuma inni jiruti akkasumaas maalaqa qabeenyi isaa gurguramuun argame, maalaqa qabeenya isaa irraa argamuun qabeenya invest ta'uun horatame hunda deebisee fudhachuu akka danda'u Seera hariiroo hawaasaa keewwata 171 jalatti tumamee jira.
#Barnootaa Fi Odeeffannoo dhimmoota seeraa itti fufinsaan argachuuf fuula facebook fi telegiramii keenyaa liinkii armaan gadii kanaan seenuun join godha👇👇
Facebook page: https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632
Telegiram https://t.me/musalawyer
https://t.me/http_Ijooseeraa

Facebook
Musalawyer:Seerri Maal Jedha?
Musalawyer:Seerri Maal Jedha?, Asebe Teferi. 83,945 likes · 20,043 talking about this. A blog About Ethiopian Law and Free legal education
#Murtee dhaddacha ijibbaataa jildii 24ffaa👇👇👇🤔💁
==============================
⚖️ Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 210020 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 08/03/2014 ooleen
✏️''Namni tokko fuula isaa irra booksiidhaan dhawamee ilkeen isaa muraasni isii sossootee garuu ilkeeleen socho'an kunneen hangi tokko jidduma galeessaan sosso'uu fi san keessaa takka akka malee sossoote deebitee fayyuufii akkasumaas sibiila ilkeetiin illee hidhamtee fayyuu akka hin dandeenyee fi dirqama buqqa'uu akka qabdu xalayaa yoo yaala yoo mirkaneesse himatamaan yakka miidhaa qaamaa cimaatiin seera yakkaa kew.555(B) jalatti itti gaafatamuu qaba jechuun murtee dirqisiisaa kennee jira.
Murtii kana murtii kanaan dura #Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 24ffaa Lakk.Galmee 168166 ta'een "namni
tokko yakka miidhaa qaamaa cimaa geessiseera jedhamee himatame gochicha raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirre ta'uu ragaan kan mirkanaa'e yoo ta'e,itti yaadee miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta'es miidhaan kan geessise boksiidhaan,fi teestaan ta'uu fi miidhaa cimaa itti yaadee raawwachuu kan hin mirkanoofne yoo ta'e,seera yakkaa kew. 555 jalatti tumameen ala seera yakkaa keewwata 556(1) jalatti balleessaadha jedhamee adabamuu qaba,namni tokko itti yaadee miidhaa qaamaa cimaa qaqqabsiisuu Abbaan Alangaa ragaa isaatiin hubachiisuuf(mirkaneessuuf) dirqama qaba"jechuun seera yakkaa kew. 23(2),111,112,555 fi 556(1) wal qabsiisuun Murtii laatee tureen walbira qabnee yeroo ilaallu ilkeen yoo bu'e miidhaa qaamaa cimaadhaan akka himatamuu ibsaa jira.

Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
👍1
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 24/03/2012 ooleen lakk.Ga.182628 (Jildii 28ffaa) ta'e irratti kenne keessatti:
👉Manneen murtii osoo qaamni (garee) 3ffaan tokko akkaataa sdfs kwt 40(2)tiin garee barbaachisaa ta'ee akka falmiitti makamuufi falmii isaa dhiyeeffatu hin taasisin; osoo seerummaanis hin gaafatamin, qabeenyi falmiif sababa ta'e qabeenya dhaalaa osoo hin taane qabeenya garee 3ffaati jechuun garee 3ffaa falmiitti hin makamneef murteessuu hin danda'an" jedheera.
(Sdfs kwt 182(2)fi 40(2))
Hubachiisa:
✅Ka'umsi dhimma kanaa qulqulleessituun qabeenya dhaalaa nuuf muudamee qabeenyi aulqullaaee gabaasni mana murtiitiif akka nuuf dhiyaatu kan jedhudha.
✅Manni Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaas haaluma gaafatameen qulqulleessituu qabeenya dhaalaa muudeera.
✅Qulqulleessituun muudamte kun immoo qabeenya dhaalaa qulqulleessitee Mana Murtiitiif gabaasa dhiyeessiteetti.
✅Waajjirri bulchiinsa mana amantaa 'ቅድስት ሥላሴ ካቴድራል' jedhamu sadarkaa qulqulleessituu qabeenya dhaalaatti manneen kutaa sadii kan dhaaltotaa osoo hin taane keenyadha jechuun falmii dhiyeessaniiru.
✅Manni Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaa osoo waajjirri kun akkaataa sdfs kwt 40(2)tiin akka falmiitti makamu hin taasisin, waajjirichi mana murtichaatti dhiyaatee manneen kutaan sadii kiyyadha waan ta'eef naaf haa murtaa'u jedhee seerummaa hin gaafatin, manneen kutaa sadii kan waajjirichaati jedhee murteesseera. MMO Federaalaa ni cimse. Dhaddachi Ijibbaataa sababoota olitti ibsamaniin diige jechuudha.
👁️Hiikkoon seeraa kun, garee 3ffaan qabeenya dhaalaa qulqullaa'aa jiru irraa dantaan qaba jedhu waanuma qulqulleessituu qabeenya dhaalaa biratti iyyateef ykn gidduu lixeef qofa murtaa'uufii akka hin dabdeenyeefi mana murtiitti falmiitti akka makamu taasisuun barbaachisaa ta'uu; akkasumas seerummaan akkaataa sdfs kwt 182(2)tiin gaafatamuu kan qabu ta'uu agarsiisa.

Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️ Mohmedzakir)
Hiikoo_Jildiidhaan_hin_maxxanfamne_gara_Afaan_Oromootti_hiikame.pdf
13.3 MB
👍1