Dhaaltotni lafa dhaalaa waliin qaban (dhaalan) irratti dhaaltuun tokko yoo mana ijaare manni kun qabeenya eenyuu ta’a?
===
Dhaaltummaan akkaataa Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 942 fi itti aananii jiraniin erga qulqullaa’ee xumuramee booda qabeenyi dhaalaa hafu sababa adda addaatiin dhaaltotaaf osoo hin qoodamin hafuu ykn turuu danda’a. Dhaaltummaa qulqulleessuun waantota baay’ee akka of keessatti hammatu quba qabaachuu qabdu. Fakeenyaaf dhaaltotni du’aa eenyu fa’ii? Namootni dhaamoon taasifameef jiru moo hin jiran? Yoo jiraatan qabeenya dhaalaa keessaa kam faa akka fudhatan dhamameef? Namootni du’aa irraa idaa qaban eenyu fa’i? Idaan barbaadamu hangam? Namootni du’aan irraa maallaqa ykn qabeenya qabu eenyu fa’ii? Hangam? fi kkf adda baasuu kanfaluu dabalatee hojiiwwan baay’ee of keessatti hammata. Akkaataa kanaan adeemsi qulquleessa dhaalaa erga xumuramee booda qabeenyi dhuma irratti hafu qabeenya waliinii dhaaltotaa qoodamuufii qabuudha.
Hanga akkaataa seerichaatiin gahee isaanii fudhatanitti qabeenyichi kan dhuunfaa dhaaltuu kamuu osoo hin taane qabeenya waliinii dhaaltotaa bu’uura seericha keewwata 1257-1277 jiraniin bitamuudha (seericha keewwata 1060 ilaalaa).
Haala kanaan qabiyyee qabeenya dhaalaa ta’e irratti dhaaltuun tokko ka’ee osoo dhaaltotni biroo isa hin mormin mana maallaqa dhuunfaa isaatiin yoo ijaare qabeenyummaan mana kanaa kan eenyuu ta’a? Kan nama ijaare sanaa moo kan dhaaltota hundaati jettu? Dhaddachi ijibbaataa MMWF dhimma kana ilaalchisee murtii dirqisiisaa galmee lakk. 178714 (jildii 27ffaa) irratti kenneen abbaan qabeenyummaa mana kanaa akkaataa seera hariirioo hawaasaa keewwata 1178 (1) fi 1179 (1) tiin kan nama ijaareeti malee qabeenya waliinii dhaaltotaa miti jechuun murteesseera. Murtii kana akkamitti ilaaltu? Manichi kan dhuunfaa nama ijaareti yoo jedhame lafti hunda dhaaltotaaf qabiyyee waliinii ta’e kan eenyu ta’a? Manaa fi lafa manichi irratti ijaarame hoo adda baasanii ilaaluun ni danda’amaa? Murtii dirqisiisaa dhaddachichi galmee lakk. 242314 ta’e irratti Abbootii Seeraa 7’n kenne waliin hoo akkamitti ilaalama? Mee irratti haa mari’annu!
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
❤2
Forwarded from Muhammedteyib Nure:Judge
ሰበር መዝገብ 244308.docx
46.5 KB
𝐇𝐈𝐈𝐊𝐎𝐎 𝐒𝐄𝐄𝐑𝗔𝐀 𝐃𝐇𝐀𝐃𝐃𝐀𝐂𝐇𝐀 𝐈𝗝𝗜𝐁𝐁𝐀𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐇𝐀𝐀𝐑𝐀𝐖𝗔:
➡𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝗴𝗮𝐥𝗮𝗮 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 𝟮𝟒𝟒𝟑𝟬𝟖 ta'e irratti "qabiyyee Lafa Magaalaa seeraan ala nama jalàa qabame gadi lakkiisiisuuf himannaan dhiyaatu darbiinsa yeroo waggaa 10/kudhaniitiin daangeeffama" jechuun hiikoo dirqisiisaa kenneera.
Ammaan dura hiikoo Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa lakkoofsa galmee 43600 ta'eetiin himannaan qabiyyee Lafa Magaalaa gadi lakkkisiisuuf dhiyaatu darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu jedhamee hiikoo dirqisiisaa Lakkoofsa Galmee 210477 ta'e irratti Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatiin murtaa'ee kan ture Abbootii Seeraa torbaan Lakkoofsa Galmee 244308 ta'e irratti jijjiiramee jira.

❤3
Forwarded from 𝑯𝒖𝒔𝒔𝒆𝒊𝒏 𝑮𝒆𝒎𝒆𝒄𝒉𝒖 𝑳𝒂𝒘 𝑹𝒐𝒐𝒎 ⚖️
Beeksisa Qaxarrii Abukaatoo Ittisaa Manneen Murtii Anaalee Godinaa Baalee.
Murtii Mana Murtiitiin abbummaa daa’imaa mirkaneessuun wal qabatee garee falmitootaa irraa osoo hin kaane Manni Murtii murtii haqaa kennuuf barbaachisaadha jedhee fudhachuun DNA n akka qoratamuuf yeroo ajajutti baasii qorannaa eenyutu haguuga? ==========================================================
MMWFDHIJ murtii hin maxxanfamne galmee lakk. 236817 ta’e irratti dhaddacha gaafa 28/06/2015 kenneen ooleen kan kanaan gadii jedheera.====================================================
🫱🏿Gareen DNAn naaf haa qoratamu jedhu baasii qorannaa taasifamuuf bahu haguuguuf itti gaafatamummaa akka qabu galmee lakk. 63195 ta’e irratti murtii dirqisiisaan kennamee tureera. ============================================================
🫱🏿Gareen bitaaf mirgaa osoo hin gaafanne,Manni Murtii murtii haqaa kennuuf barbaachisadha jechuun fudhatee akka ragaa dabalataatti DNAn qoratamee akka dhiyaatu yoo ajaju baasiin sababa kanaaf bahu-baasii sababa falmiitiin bahu waan ta’eef, yeroo falmiin xumuramutti garee injifatamutu haguuga.=========================================================
Kanaaf Manni Murtii garee falmitootaa keessaa inni tokko akka haguugu taasisuun yookaan Dhaabbata Mootummaa yookaan Dhaabati Miti Mootummaa baasii kana haguuguu danda’an ajajuun yookaan karaa biraa akka haguugamu taasisuun DNAn akka qoratamu taasisuu-,akkaataa ajaja kennameen raawwachiisuuf diddaan yoo jiraate , Manni Murtii ajaja itti aanu kennuu qaba. ====================================================================
Gareen baasii qorannaa haguuguun DNA qorachiisi jedhamee dhaddacha irratti itti himame- baasii hin haguugu jedhee deeme - abbaa ta’uu isaa isaa of irratti waan beekeefidha jechuun tilmaamni fudhatamee Murtiin kennamu dogngora Seeraa sirna fudhiinsa ragaa ilaallatudha jechuun kan murteesse yoo ta’u,=================================================================
Dhimma wal fakkaataa galmee hin maxxanfamne lakk. 236184 ta’e irratti Murtii kennameenis - Iyyataan DNA qorachiisi jedhamee ajajni kennamee -innis baasii ittiin qorachiisu hin qabu jechuun osoo hin qorachiisiin hafeera. Kanaaf Murtiin-Iyyataan DNA sababa hin qorachiisiin hafeef gama biraatiinis akka abbaa daa’imaa hin taane ragaa faallaadhaan sababa hin mirkaneessineef- abbaa daa’imaati jedhamee kenname dogongora Seeraa Sirna fuudhiinsa ragaa ta’uu ibsuun erga diigee booda akkaataa adeemsa olitti ibsame hordofuun qulqulleeffamee, barbaachisaa yoo ta’es ragaa dabalataatiin qulqulleessuun Murtiin akka kennamuuf Mana Murtii jalaatti gadi deebisee jira.Murtii Hin maxxanfamnehttps://t.me/http_Ijooseeraa

❤1
Adeemsa Filannoo Keessatti, Haala Kenniinsa Sagaleetiin Walqabatee Namni Iyyannoo Dhiyeessuu Barbaadu Iyyannoo Isaa Kallattiidhaan Mana Murtii Aanaatti Dhiyeeffachuu Ni Danda'aa?
===✓✓====✓✓✓=====✓✓✓✓
Kenniinsa Sagaleetiin Walqabatee Namni Komii Qabu Adeemsota Armaan Gadii Hordofee Komii Isaa Dhiyeeffachuu Ni Danda'aa.
1) Sadarkaa Jalqabaa: Hogganaa Buufata Filannoo (Labsii Lakk.1394/2017 kwt 2(3)fi qajeelfamoota biroo)
👉Hogganaan Buufata Filannoo osoo adeemsi Kenniinsa Sagalee hin xumuramin murtii isaa barreeffamaan nama iyyate ni beeksisa; iyyataan sagalee isaa yeroof akka kennu hayyamuus ni danda'a. (Duraa Duuba armaan gadii eeggatee)
2) Oliyyannoo Jalqabaa: Koree Iyyannoo Dhageessuu Naannoo Filannoo (Labsii Lakk.1162/2011 kwt 154(3)fi qajeelfamoota biroo)
👉Asitti iyyannoon kan dhiyaachuu qabu sagaleen lakkaawamee osoo hin xumuramin dura ta'uu qaba.
3) Oliyyannoo 2ffaa: Naannoleetti Mana Murtii Aanaa (Labsii Lakk.1162/2011 kwt 154(4) fi qajeelfamoota biroo)
Hubachiisa:
✅Adeemsi kun iyyannoo Haala Kenniinsa Sagaleetiin Walqabatee Dhiyaatu qofa kan ilaallatudha. (Komii Yeroo Galmeessaafi Sagalee Lakkaawuu, akkasumas bu'aa ifa taasisuu Dhiyaatu hin ilaallatu jechuudha)
✅Seerichi, bifa daangaa yeroo fakkaatuun, komiin akkasii sagaleen walitti ida'amee osoo hin xumuramin dura dhiyaachuu akka qabuufi Manni Murtii Aanaa Iyyannoo akkasii kallattiidhaan (Akka Qajeeltootti) simachuu akka hin dandeenye haala agarsiisuun tumeera.
✅Labsiin Lakk.1162/2011 kwt 152(6) jalatti, qaamoleen komii dhagahan ragaa iyyannoon dhiyaate kan dhaqqabeen ta'uu agarsiisu, kan guyyaafi sa'atii itti isaan dhaqqabe ibsu kennuu qabu jechuun bifa dirqisiisaa ta'een tumeera. (Kun tumaa addaafi murteessaadha. Tarii, nama iyyannoo dhiyeesseef furmaanni yeroodhaan kan hin kennamne yoo ta'e, ragaa kennamuuf kana qabachuun darbanii qaama itti aanutti komachuun akka danda'amu kan agarsiisudha )
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Haala Itti Himannaan Yakkaa Akka Fooyya'u Ajajamu Ilaalchisee
=====//======//=======//======
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 21/02/2011 ooleen Lakk.Ga.155789 (Jildii 23ffaa) ta’e irratti kenneen:
"Bu’uura sdfy kwt 119tiin himannaan yakkaa akka fooyya’u kan taasifamu tarreeffama himannaa keessatti dhimmi murteessaan ibsamuu qabu osoo hin ibsamin yoo hafe ykn dhimmi osoo hin ibsamin hafe ykn dhimmi dogoggoraan ibsame himatamaa dogoggorsiisuu danda’a jedhamee yoo amanamedha. Gama birootiin, abbaan alangaa firiiwwan dubbii himannaa isaa keessatti tarreesse ragaadhaan mirkaneessuu ykn mirkaneessuu dhabuun isaa, fi bu’aa isaa ilaalchisee manni murtii gudunfaa dhumaa irra kan gahu erga ragaan dhagahamee booda ta’uun isaa sdfy kwt 141 irraa ni hubatama. Seerri deemsa falmii yakkaa kwt 112 jalatti tarreeffamni ibsa yakkaafi haalli raawwii himannaa yakkaa keessatti ibsame haala tumaa seeraa gochicha yakka taasise waliin walitti dhiyaatuun qophaa’uu qaba kan jedhames manneen murtii gochi raawwatame ulaagaa tumaa ibsamee guutuufi dhabuu isaa ragaa irraa kan mirkaneeffatu ta’uu isaa nama hubachiisa. Haala kanaan, dhimmi dogoggoraan ibsame ykn dhimmi murteessaan hin ibsamin hafe osoo hin jiraatiin, ragaanis osoo hin dhagahamin manneen murtii keewwatni fi tarreeffamni himannichaa waan wal hin simneef himannaan akka fooyya’u jechuun ajajuunifi yoo kun hin raawwatamne ta’e galmee cufuun, kaayyoofi sababa seera qabeessa himannaan itti fooyya’u jedhamee seeraan ibsame hin guutu. Kana malees, Manni murtichaa himannaa 1ffaa ilaalchisee sababa akkaataa ajajaatti fooyya’uu dhabuutiin himannaa 1ffaa ilaalchisee tarkaanfii fudhachuun isaa sirriidha osoo jedhameeyyu sababni seera qabeessi himannaa 2ffaa irratti murtiin akka hin kennamne taasisu osoo hin jiraatin darbuun dogoggora bu’uura seeraati jedheera.

Forwarded from Jemal Kumbi
PART IV.pptx
3.9 MB
Leenjii Seera Maatii irratti leenjifamtoota leenjii hojii duraa marsaa 19ffaaf kenname (PPt)
Forwarded from 𝐁𝐈𝐍𝐈𝐌𝐎𝐒 - 𝐋𝐀𝐖𝐘𝐄𝐑
Tilahun Teshome - contract.pdf
31.5 MB
Forwarded from Law students Union ️️️ (Tilahun Silesh)
Tilahun Teshome - contract.pdf
31.5 MB
የውል ሕግ መሠረታዊ ነጥቦች
🤏
በፕ/ር ጥላሁን ተሾመ
🤏
በፕ/ር ጥላሁን ተሾመ
Evidence - Amharic.pdf
15 MB
የማስረጃ ሕግ ማብራሪያ
#Waliigalteen_Sirnaan_Mirkanaahuu_fi_Galmaahuun_Dinagdee_Biyyaaf_fi_Lammiilee_Keenyaaf_maaliif_Murteessaadha?
✍️ Biyya haqa, tasgabbii fi guddina dinagdee kabajju keessatti, waliigalteen bu’uura jireenya guyyaa guyyaati jechuun ni danda'am.
✍️ Bittaa fi gurgurtaa qabeenya hin sochoonee irraa eegalee hanga hojii daldalaa jalqabuutti, waliigalteewwan dinagdee keenya ijaaru.
Garuu humnii fi faayidaan waliigaltee inni dhugaan waliigalteen jiraachuu ykn raawwatamuu isaa qofa irratti osoo hin taane; sirnaan mirkanaa'uu fi galmaahuu irratti kan hundaa’udha.
✍️ Waliigalteen sirnaan mirkanaa'uun galmaa'e:
#1_Amanamummaa_fi_tilmaamamummaa_Seeraa_Uuma
✍️ Yeroo waliigalteen sirnaan mirkanaa’u (notarized), ragaa cimaa fi seeraa duratti amanamaa ta’a (seensa labsii lakkoofsa 922/2008 ilaali). Kunis falmii hir’isee, amantaa lammiilee, invastarootaa fi dhaabbilee gidduutti uuma.
#2_Guddina_Dinagdee_Jajjabeessa
✍️ Waliigalteewwan #sirnaan_galmaa’an, keessumaa kan qabeenya hin sochoonee fi daldalaa irratti hundaa’an, iftoomina fi nageenya uumu. Kunis invastimantii jajjabeessa, liqii argachuuf gargaara, akkasumas sirna gabaa sirrii deeggaru.
#3_Waliindhahuu_yknGowwoomsaa_fi_Malaammaltummaa_Hir’isa
✍️ Yeroo Sanadni waliigaltee sirnaan mirkanaa'u:
🙏 Hirmaattonni sirnaan beekamuun isaanii
🙏 Fedhiin ykn Eeyyamni(consent) isaanii dhugaa ta’uu
🙏 Sanadoonni sobaan kan qoohaa'an ta'uu dhabuun isaanii mirkana ta'a
✍️ Waliigaltee galmeessuun ammoo, waliigaltee ifa taasisa(since it is open for public information); kunis waliigalteen dhoksaa fi hojii dachaa ykn qabeenya tokko si'a lama gurguruu (double transaction) ittisa.
#4_Mirga_Qabeenyaa_Eega
✍️ Qabeenya hin sochoonee kanneen akka lafaa fi manaa, galmeessuun baay’ee murteessaadha. Kunis abbummaan isaa ifa, raawwatamaa fi nama sadaffaa irraa eegamaa akka ta'u taasisa waan taheef.
#5_Mirga_Lammiilee_Eega
✍️ Waliigalteewwan sirnaan mirkanaa’anii fi galmaa’an lammiileef faayidaawwan armaan gadii qabaatu:
👍 Mana murtiitti ragaa cimaa akka qabaataniif
👍 Gaaffiiwwan haqa qabeessa hin taanerraa eega.
👍 Bittaa fi gurgurtaa raawwatan keessatti ofitti amanamummaa akka qabaatan taasisa.
#6_Dinagdee_Biyya_Cimsa
✍️ Biyyi waliigalteen keessatti amanamu:
👉 Invastaroota hawwata
👉 Falmii seeraa hir’isa
👉 Bu’a qabeessummaa hojii daldalaa dabala
👉 Naannoo dinagdee tasgabbaa’aa uuma
#Walumaagalatti,
✍️ Mirkaneessii fi galmeessi ulaagaa salphaa qofa osoo hin taane meeshaalee seeraa murteessoo lammiileef eegumsa taasisanii fi guddina biyyaa keessatti gahee guddaa qabanidha.
👉 Adeemsa hojiiwwanii seerawoo ta'aniif iddoo haa kenninu; sababiin isaas waliigalteen wabii seeraa qabu, fuulduree wabii qabuu lammiilee fi biyyaaf ni mirkaneessa waan ta'eef

Raawwii gaa’elaan walqabatee nikaan karaa maatii walfuutota biyya alaa jiraniif bakka isaan hinjirretti godhamu bu’ura seeraa niqabaa?==================================
Haala qabatama jiruu fi jireenyaa hawaasummaa irraan kan ka’e yeroo hedduu namoonni qaamaan argamuun fedhii isaanii kallattiin ibsachuun gaa’eela raawwachuu hindanda’an. Keessaayyuu lammiileen biyya kanaa sababa hojiitiin (irra caalaa dubartoonni) biyyoota Arabaa (biyya USA fi Auroppaas dhimmoonni akkasii nijira) deemuun lafuma jiran irraa karaa maatii isaanii biyya ofiitti nikaan yoo hidhamuuf ykn gaa’ela raawwatan baratamaadha. Garuu raawwiin gaa’ela ha haala kanaan raawwatamu seeraan kan hindhoorkamne ta’us qaamaan argamuun sababa humnaa oliitiin kan hindanda’amnee fi bakka bu’ummaan akka raawwatamu (nikaan hidhamu) sadarkaa federaalaatti Ministeera Haqaatiin, sadarkaa naannootti Mana Hojii Abbaa Alangaatiin (SMO) mirkanaa’ee eeyyamamuu akka qabu SMO kwt 29 jalatti tumamee jira.
Bu’ura kanaan nikaan beekamtii fi eeyyama Ministeera Haqaa ykn Mana Hojii Abbaa Alangaa malee karaa maatii walfuutotaa qofa bakka walfuutonni hinjirretti raawwatamu bu’ura seeraa hinqabu jechuun Dh Ijbta MMWF glm Lkk 247257 ta’erratti gaafa 06/02/2017 murtii haaraa sagalee caalmaan kennee jira.
Ulaagaan SMO keessatti raawwii gaa’elaaf haalduree ta’an hundi gaa’ela sirna kamiinuu raawwatu hundaaf raawwatiinsa akka qabu fi irraa maquun kan hindanda’amne ta’uus kanaan dura Dh Ijbt kun glm Lkk 213864 ta’erratti murtii hiikkoo dirqisiisaa ta’e kenneera.
Kanaaf walumaagalatti gaa’elli karaa sirna amantaa (nikaa)s ta’ee karaa sirnoota hafan seeraan beekamtii qaban lamaaniin raawwatamu walfuutonni lamaan qaamaan argamuun fedhii isaanii haala shakkii hinqabneen ibsachuu akka qabuu fi bakka bu’ummaan kan raawwatamu yoo ta’e sababa humnaa ol ta’een qaamaan argamuun kan hindanda’amne ta’uun Ministeera Haqaatiin ykn Mana Hojii Abbaa Alangaatiin yoo mirkanaa’e qofa fudhatama kan argatu akka ta’e hubatamuu qaba.
Garagalcha murtii Dh Ijbt glm Lkk 247257 irratti gaafa 06/02/2017 kennamee fuula Facebook Murawa Abbaa Kuraa irraa fudhatamuun gaditti dhoobamee jira.