Forwarded from Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa (Getachew Tasew)
👍1
‎Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 16/09/2011 ooleen Lakk.Ga.167589 (Jildii 24ffaa) irratti kenne keessatti:

👉"Gaaffiin qooddii qabeenyaa dhaalaa gahee nam-tokkoo bu'uura godhachuun kan dhiyaate yoo ta'e, hanga iyyataan gahee isaa irratti hundaa'ee seerummaa gaafatetti tilmaama gahee isaatiin ala jiru irratti kaffaltii abbaa seerummaa akka kaffalu seerri dirqisiisuufi seerri tilmaama waliigalaa qabeenyaa dhaalaa irratti hundaa'uun aangoon hundee dubbii akka murtaa'u taasisu hin jiru" jedheera. (Labsii lakk. 25/88 (yeroo ammaatti lakk.1234/2013) kwt14, Sdfs Kwt 17 fi 225)

‎     Join:-
@desberofMM

‎.         Desalegn B.

https://t.me/http_Ijooseeraa
#Murtee dhaddacha ijibbaataa jildii 24ffaa👇👇👇🤔💁
==============================

⚖️ Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 210020 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 08/03/2014 ooleen
✏️''Namni tokko fuula isaa irra booksiidhaan dhawamee ilkeen isaa muraasni isii sossootee garuu ilkeeleen socho'an kunneen hangi tokko jidduma galeessaan sosso'uu fi san keessaa takka akka malee sossoote deebitee fayyuufii akkasumaas  sibiila ilkeetiin illee hidhamtee fayyuu akka hin dandeenyee fi dirqama buqqa'uu akka qabdu xalayaa yoo yaala yoo mirkaneesse himatamaan yakka miidhaa qaamaa cimaatiin seera yakkaa kew.555(B) jalatti itti gaafatamuu qaba jechuun murtee dirqisiisaa kennee jira.
Murtii kana murtii kanaan dura #Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 24ffaa Lakk.Galmee 168166 ta'een "namni
tokko yakka miidhaa qaamaa cimaa geessiseera jedhamee himatame gochicha raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirre ta'uu ragaan kan mirkanaa'e yoo ta'e,itti yaadee miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta'es miidhaan kan geessise boksiidhaan,fi teestaan ta'uu fi miidhaa cimaa itti yaadee raawwachuu kan hin mirkanoofne yoo ta'e,seera yakkaa kew. 555 jalatti tumameen ala seera yakkaa keewwata 556(1) jalatti balleessaadha jedhamee adabamuu qaba,namni tokko itti yaadee miidhaa qaamaa cimaa qaqqabsiisuu Abbaan Alangaa ragaa isaatiin hubachiisuuf(mirkaneessuuf) dirqama qaba"jechuun seera yakkaa kew. 23(2),111,112,555 fi 556(1) wal qabsiisuun Murtii laatee tureen walbira qabnee yeroo ilaallu ilkeen yoo bu'e miidhaa qaamaa cimaadhaan akka himatamuu ibsaa jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Jemal Kumbi
Adeemsa Seeraa Hordofee Beenyaan Kanfalamee Abbaa Qabiyyee Irraa Otuu Hinfuudhamin Lafti Nama biroof kenname jedhamee Ragaan Abbaa Qabiyyee Kaartaan Laficharatti Kennamuun Bu’aa Akkamii Qaba?
====================================
Heera Mootummaa kwt 40(8), Labsii Beenyaa Lkk 1161/2011, Dambii Beenyaa Lkk 472/2012 fi Murtii Dhaddacha Ijbta MMWF glme Lkk 249569 irratti gaafa 06/02/2017 kenname
==================
1, Abbaa qabiyyeetiif akkaataa HM kwt 40(8) fi Labsii beenyaa lkk 1161/2011 fi Dambii beenyaa Lkk 472/2012tiin beenyaa otuu hinkanfalin ragaa abbaa qabiyyummaa ykn kaartaa Nama birootiif kennuun mirga abbaa qabiyyummaa abbaan qabiyyichaa laficha irraa qabu kan dhabsiisuu miti.
2, MM yoo barbaade beenyaa gaafata malee Lafa gaafachuu hi dandeessu jechuun bu’ura seeraa hinqabu
3, MM lafichi abbaa qabiyyee akka deebi’u murteessuufii qaba.
4, Murtichi garuu yeroo biraa mootummaan laficha yoo barbaade akkaataa seeraatti beenyaa kanfalee fudhachuu kan daangessuu miti.

Jemal K Keweti