Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
RTD pp.pptx
153.7 KB
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Leenjii Farra-Shororkeessummaa.pptx
570.6 KB
🙏Leenjii Hubannoo Uumuu “Labsii Yakkoota Shororkeessummaa Ittisuu Fi To’achuuf Bahe” Irratti Qophaa’e.🙏
Qopheessaan: Xaafaa Dachaasaa- Onk. 2015 ILQSO
👍Credit To:Xaafaa Dachaasaa(Leenjisaa ILQSO)
Qopheessaan: Xaafaa Dachaasaa- Onk. 2015 ILQSO
👍Credit To:Xaafaa Dachaasaa(Leenjisaa ILQSO)
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Waligaltee ijaarsaa 2.docx
483 KB
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Cheekliistii Odiitii Seerotaa Xumuraa.docx
36.3 KB
Hordoffii Hojiirra Oolmaafi Raawwii Seerotaa Qaamolee Raawwachiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Maddoota IGWA boq.2ffaa,3ffaa fi 4ffaa.pptx
173.8 KB
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Seera waliigaltee .pptx
351.4 KB
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
power_poontii_Raw_dhaba_Waliigalteenon_performance_of_contract_and.pptx
265 KB
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Waliigaltee kiraa lafa qonnaa.docx
18.7 KB
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Faayidaa_Ummataaf_Mirga_Abbaa_Qabiyyummaa_Lafa_Baadiyyaa_Gad_2.pptx
310.2 KB
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
MURTIILEEBARSIISOOJILDII11FFAA.pdf
3.9 MB
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Murtiiwwan_Hiikkoo_Heeraan_Wal_Qabatanii_Mana_Maree_Federeeshiniitiin.pdf
437.3 KB
(Credit to Milkii M.)
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Dhaaltummaa Mirkaneessuu fi MM.pptx
704 KB
𝗦𝗲𝗲𝗿𝗮 𝗜𝘁𝘁𝗶 𝗚𝗮𝗮𝗳𝗮𝘁𝗮𝗺𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗪𝗮𝗹𝗶𝗶𝗴𝗮𝗹𝘁𝗲𝗲𝗻 𝗔𝗹𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗠𝗶𝗶𝗱𝗵𝗮𝗮 𝗗𝗵𝗮𝗾𝗾𝗮𝗯𝗲𝗲𝗳 𝗔𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗕𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮𝗻 𝗬𝗮𝗮𝗱𝗮 𝗠𝗮𝗱𝗮𝗮𝗹𝗮𝘄𝗮𝗮𝗻 (𝗠𝗮𝗿𝗮𝗿𝘁𝗼𝗼𝗻) 𝗜𝘁𝘁𝗶 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗮𝗮'𝘂.
==========================
📚Seera hariiroo hawaasaa keewwata 2027,2028 fi 2030 jalatti tumamee jiruti namni tokko akkaataa seeraa fi duudhaa hawaasaatiin gocha raawwachuu qabu raawwachuu dhabun yokiin gocha raawwachuu hin qabne raawwachuun badii fi miidhaa sababa kanan dhaqqabuuf kan itti gaafatamu tahuu tumamee jira.
📕Seera hariiroo hawaasaa keewwata 241 jalatti gareen himannaa beenyaa dhiyeessu haala (sababa) himatamaan itti gaafatamaa ta’ee fi hanga miidhaa irra gahe mirkaneessuuf dirqama akka qabu tumamee jira.
📗Karaa biraatiin seera hariiroo hawaasaa keewwata 2090 fi 2091 jalatti hammi beenyaa kafalamu hanga miidhaa dhaqqabeetiin wal qixa tahu yokiin kan wal gitu tahuu akka qabu kan tumamee jiru yommuu tahu akkaataa seera hariiroo hawaasaa keewwata 2141 jalatti tumame kanaan gareen himannaa dhiyeessu tokko hanga miidhaa dhaqqabee bu’ura tilmaama himannaa isaa irratti dhiyeesseen ta’uu ragaa amansiisaan mirkaneessuu qaba jechuudha.
📕Akkaataa kanaan hanga beenya shallagguuf hanga miidhaa dhaqqabee adda baasanii beekuun barbaachiisaadha jechuudha.
📗Yeroo tokko tokko immoo himataan miidhaan irra gahuu hubachiisee hanga miidhaa ilaalchisee ragaa guutuu ta’e dhiyeeffachuu dhabuu danda’a.
📕Yeroo kana miidhan dhaqqabuun mikrkanaa’ee hangi miidhaa dhaqqabee sirritti addan baasuun rakkisa waan tahuuf manni murtii haalota jiranii fi tarkaanfiilee miidhaman fudhate waliin ilaaluun beenya yaada madaalawaan murteessuu akka qabu seera hariiroo hawaasaa keewwata 2102 jalatti tumamee jira.
📕Manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa jiildii 11ffaa lakkoofsa galmee 64590 ta’e irratti hanga miidhaa dhaqqabee ragaan mirkaneessuun kan hin danda’amne yoo ta’e manni murtii beenyaa yaada madaalawaan murteessuu akka qabu seera hariiroo hawaasaa keewwata 2090 fi 2102 waliin wal qabsiisuun murteessee jira.
📗Akkaataa kanaan manni murtii yaada madaalawaan yeroo beenya murteessu haaloota naannoo dhimmichaa irraa ka’uun ulaagaawwaan (sababa) ittiin hanga beenyaa murteesse filate sababaan deeggaruu qaba jechuudha.
📕Manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataatiis jiildii 19ffaa lakkoofsa galmee 108251 ta'e irratti miidhaa dhaqqabeef haala addaatiin beenyaa yaada madalaawaan murteessuun haalli dirqisiisaan yeroo mudatu beenyaa murteessuuf miidhaa dhaqqabeen wal bira qabamee ilaalamuun safartuun yokiin wantoonni tilmaama keessa galfaman jiraachuu akka qabuu fi duuchumatti beenyaan yaada madaalawaan kan hin murtoofne tahuu murteessee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://www.youtube.com/@ijooseeraa

Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
❤1
Murtii Aangoo Yakka Cheekii Gogaan
( SY kwt.693)
Aangoon Mootummaa Federaalaa fi Naannooleef Heera Mootummaatin kan qoodame ta'u Heera Mootummaa kwt.50(8) jalatti ibsameera.
Bu'uuruma kanaan aangoon Mootummaa Federaalaatiif kennaman Heeraa Mootummaa kwt.51 jalatti kan tarra'aan yommu ta'u, aangoo naannooleef kenname immoo kwt. 52 jalatti tarreefamaniiru.
Aangoo ifatti hin qooddamne immoo aangoo naannoolee akka ta'u tumameera. Qamoolee mootummaa sadan keessa aangoon seeraa baastu federaalaa fi naannoolee akkasumas qaamolee raawwachiistu mootummaa federaalaa fi naannoolee tiif Heeraa mootummaatiin qooddameefi jira.
Heerri mootummaa aangoo qamooleen Seera baastufi raawwachiiftuu mootummaa Federaalaa fi naannooleetiif ifaan kan qoodeef ta'us waa'ee aangoo Manneen Murtii Federaalaa fi Manneen Murtii naannoolee ifaan osoo qoodniif bira darbeera.
Akkuma qaamoolee seeraa baastuu fi raawwachiistu aangoo Manneen Murtii Federaalaa fi naannoolees kan maddu Heeruma mootummaa irraa ta'a malee haalli mootummaa Federaalaa labsiidhaan aangoo Manneen Murtii Federaalaa fi naannoolee itti qoodu hin jiraatu, yoo jiraatees bu'uura Heeraa hin qabaatu.
Labsii lakk.1234/2013 labsii Manneen Murtii Federaalaati malee labsii Manneen Murtii Federaalaa fi Manneen Murtii naannoolee jiddutti aangoo qooduuf bahe miti.
Kana irraa ka'uun dhimmi tokko dhimma aangoo Manneen Murtii Federaalaa jalatti moo aangoo Manneen Murtii naannoolee jalatti kufa kan jedhu labsii Manneen Murtii Federaalaa lakk.1234/2013 ilaaluun kan murta'uu osoo hin taane haala qoodinsa aangoo Heera Mootummaa kwt. 51 fi 52 jalatti tarraa'an hordofuun ta'u qaba jedheen amana.
Heera Mootummaa Federaalaa kwt.51(4) jalatti aangoon waa'ee faayinaansii fi mallaqa biyyatti ilaalatu, kwt.51(7) aangoon Baankii biyyoolleessaa bulchuu, maallaqa maxxansuu, sharafa alaa fi wal jijjiira mallaqaa too'achuu fi bulchuu kan Mootummaa Federaalaa akka ta'e tumameera.
Cheekiin "Instrument" maallaqa bakka bu'ee tajaajilu fi karaa dhaabbilee faayinaansiitiin qopha'ee tajaajila irra ooluu fi gama isaanitiin to'atamu ta'u isaa yommu ilaalamu dhimmi cheekii dhimma aangoo Mootummaa Federaalaa jalatti kan kufu akka ta'e ni hubatama.
Kana irraa ka'uun yommu ilaaluu, yakki cheekii gogaa dhimma Federaalaa ta'a jechuudha.
Kanaaf haalli yakki cheekii gogaa dhimma aangoo naannoo waan ta'eef aangoo Mana Murtii Aanaa jalatti kufa jedhamee itti murtaa'e irraa yaadan adda baheera.

👍1
𝐁𝐮'𝐮𝐫𝐚 𝐒𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐀𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐅𝐚𝐥𝐦𝐢𝐢 𝐇𝐚𝐫𝐢𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐇𝐚𝐰𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚 78 𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐅𝐚𝐥𝐦𝐢𝐢𝐧 𝐈𝐫𝐫𝐚 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐚𝐦𝐮𝐮𝐟 𝐈𝐲𝐲𝐚𝐭𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐞 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐮.
Himatamaan tokko namni Mana Murtiiti isa himatee osoo hin dhiyaatiin hafuun falmii fi ragaa himataa qofan murtiin iddoo inni hin jirretti kan kennamu yoo ta'e bu'uura sdfhh kwt 78 ttiin falmiin iddoo inni jirtutti irra deebin dhagahamee murtiin akka kennamu iyyannaa dhiyeeffachuu ni danda'a.
Seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 78 jalatti murtiin iddoo himatamaan hin jirretti kenname ka’uun galmeen iddoo himatamaan jirutti irra deebiin kan ilaalamu waraqaan waamichaa akkaataa seeraatin himatamaa kan hin dhaqqabne yoo ta'e ykn waraqaan waamichaa sirnaan isa dhaqqabee sababa gahaadhan kan hafu yoo ta’e qofa akka ta’e ifatti tumamee jira.
Bu’ura SDFHH keewwata 78 iyyannaa dhiyaatu yeroo ilaalu Manni Murtii himatamaan dhimma duubatti deebisuuf beekaa hafuu fi dhabuu isaa mirga himataa wal bira qabuun ilaaluun barbaachisaa dha.
Bu'uura SDFFH keewwata 78 ttiin yeroo himatamaan iyyannaa dhiyeeffatu himataan deebii akka irratti kennu taasifamee wanti falmisiisaan yoo jiraate falmii fi ragaan dhagahamuu qaba. Himatamaan waraqaan waamichaa sirnaan ana hin dhaqqabne jechuun kan falmu yoo ta'e himataan waraqaa waamichaa sirnaan himatamaa dhaqqabsiisuu ragaan mirkaneessuu qaba. Waraqaan waamichaa karaa bulchiinsa gandaatiin kan himatamaa dhaqqabu yoo ta’e bulchaa gandaa waraqaa waamichaa himatamaa dhaqqabsiise jedhame waamuun akkasumaas ragaa nama himatamaan yeroo waraqaa waamichaa fudhatu argan dhagahuun barbaachisaa dha.
DhIjMMWF LGMM 198839 (Jildiin Hin Maxxanfamne) irratti haala kanaan murteessee jira.
Himatamaan waraqaan waamichaa na dhaqqabee sababa gahaniin hafe jechuun kan falmu yoo ta'e kana ragaan mirkaneessuu qaba. Sababa gahaan falmii irraa hafuu isaa mirkaneessuuf kan dirqama qabu himatamaa yommuu tahu waraqaa waamichaa himatamaa dhaqqabsiisuu isaa mirkaneessuuf kan dirqama qabu himataa dha jechuu dha.
Waraqaan waamichaa sirnaan tartiiba seerri ka’een himatamaa dhaqqabuun ragaa gahaan mirkanoofnaan iyyannaan kufaa ta’a jechuu dha. Himatamaa waraqaan waamichaa isa dhaqqabee garuu sababa gahaan kan osoo hin falmatiin hafuun murtiin kenname yoo ta’e sababa himatamaan hafeef jedhu ragaan qulqullaa’ee sababa gahaa tahuu fi dhabuu isaa madaalamuun jala murtiin kennamuu qaba.
DhIjMMWF Jildii 6ffaa LGMM 35403 ta’e irratti:
"..Himatamaan sababa waraqaan waamicha hin dhaqqabiniif dhiyaatee falmachuu yoo hafe murtiin kenname ka'uun falmiin irra deebi'amee kan dhagahamu tahu murteessee jira.."
Karaa biraatiin iyyanni gaafa himatamaan murtiin kennamuu beeke irraa ji’a tokko keessatti dhiyaachu qaba jechuun kan SDFHH keewwata 78 jalatti tumame ilaalchisee DhIjMMWF LGMM 198141 ta’ee (Jildiin Hin Maxxanfamne) irratti darbinsi yeroo ji’a tokko "absolute period of limitation" akka hin taane fi ji’a tokko booda sababni humnaa olii yoo jiraate sana madaaluun barbaachisaa dha jechuun murteesse jira. Dabalataan DhIjMMWF Jiildii 23ffaa LGMM 137704 ta'e irratti:
"..Himatamaan bu'ura SDFHH keewwata 78 ttiin murtiin iddoo inni hin jirretti kenname akka ka'uuf gaafa murtiin kennamuu beeke irraa yeroo ji'a tokko keessatti iyyannaa dhiyeeffachuu qaba jechuun kan tumame mirga haqa argachuu himatamaa kan sarbu waan ta'eef bu'uura heeraa hin qabu.." jechuun murteessee jira.

❤1👍1
Forwarded from Bikila Law Office (Bikila Birhanu Geremu)
211518.pdf
917.1 KB
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 211518 ta'e irratti "ragaan abbaa alangaa dhagahamee Galmeen jala murtii kennuuf qorannoof bule irratti himatamaan beellama irraa yoo bade,Galmeen cufamuu akka hin qabnee fi dhimmichi itti fufamee murtiin kennamuu akka qabu" hiikoo dirqisiisaa kenneerra.Sababni isaas:-#1ffaa,himatamaan kun mirga ragaa abbaa alangaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu heera Mootummaa keewwata 20(4) jalatti tumame fayyadamee waan badeef,#2ffaa,mirga haqa argachuu miidhamaa heera Mootummaa keewwata 37 fi dirqama Mana Murtii mirga namaa kabachiisuu heera Mootummaa keewwata 13 waliin bal'ifamee ilaalamuu waan qabuufidha.
👍4
Lafa magaalaa duwwaa maqaa waliigaltee kennaattiin danarsuun dhoorkaadha
==================================
Lafa magaalaa duwwaa isaa kennaanis ta’ee gurgurtaadhaan dabarsuun akka hindanda’amne Heera Mootummaa kwt 40(3) irraa kan hubatamu yemmuu ta’uu waliigalteen kennaa dhimma heeraan ykn seeraan dhoorkame irratti raawwatamus jalqabumaayyuu kaasee bu’aa seeraa kan hordofsiisu akka hintaane Dh, Ijbt MMWF glmwn adda addaa irratti yeroo adda addaa hiikkoo kennee jira (glm Lkk 43226, glm Lkk 79394 fi kkf).
Ammas glm, Lkk 257723 ta’erratti murtii gaafa 25/04/2017 kenneen hiikkoo olitti caqafame irra deebiin cimsuun ibsee jira.
=================
ባዶ የከተማ መሬት/ይዞታን በስጦታም ሆነ በሽያጭ ማስተላለፍ የማይቻል መሆኑን የፌ/ሰ/ፍ/ቤት ከዝህ በፍት በሰ/መ/ቁ 43226፣ 79394 እና የመሳሰሉት ላይ አስገዳጅቨየህግ ትርጉም የሰጠ ሲሆን አሁንም ተህሳስ 25/2017 በሰ/መ/ቁ 257723 ላይ ያንኑ አስገዳጅ ትርጉም የምያጠናክር ኣድስ ውሳኔ ሰጥቷል።

Forwarded from Vacancy Posts
#BEEKSISA_HOJII 🌭
Komishiniin Gumurka Federaalaa beeksisa carraa hojii ajaa'ibqa qabatee baheedha. Hardhuma bahe 17/10/2017 qaxarrii department heddu barbaadudha waan ta'eef carraa kana itti fayyadamaa.
Ulaagaa armaan gadii kana sirritti ilaalaa.
Komishinii Gumurka Federaalaa.
Adaraa #Share waliig godhaa.