FSCCD File No.222435
-------------------------------------
➭ Qabeenya dhaalaa duraan gurgurame irraa gahee qaba jedhee namni gahee isaa gaafatu, kan gaafachuu qabu, qaama sadaffaa of eeggannoo barbaachisaa godhee sammuu gaariin qabeenyicha bitate osoo hin taane, nama qabeenyicha nama 3ffatti dabarsee gurgureedha.

Kanaaf waliigalteen gurgurtaa raawwatame diiggamee gaheen dhaalaa kiyya akka naaf qoodamu jechuun gaaffiin dhiyaatu fudhatama hin qabu. SHH  kwt 997፣ 1195፣ 2882-2884.

➭ Murtii mana murtii WFDHI lakk.glmee 222435(kan hin maxxanfamne)

➭ አስቀድሞ በተሸጠ  የውርስ ሀብት ላይ ድርሻ አለኝ የሚል ሰው ድርሻውን ሊጠይቅ የሚችለው ተገቢውን ጥንቃቄ አድርጎ ሀብቱን ገዝቶ በእጁ ካደረገው የቅን ልቦና ገዥ ሳይሆን የውርስ ድርሻውን ለ3ኛ ወገን በሽያጭ ካስተላለፈው ሰው (ቤተሰብ) ስለመሆኑ።

በመሆኑም አስቀድሞ የተደረገ የሽያጭ ውል ፈርሶ የውርስ ሀብት ድርሻዬ ይለቀቅልኝ በሚል የሚቀርብ ጥያቄ ተቀባይነት የለውም። የፍትሐብሔር ህግ ቁጥር (997፣ 1195፣ 2882-2884)
ሰ.መ.ቁ.222435 (ያልታተመ)

https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
➭ ሰ.መ.ቁ.222435 (ያልታተመ)
👍1
Darbiinsa Yeroo Qooda Qabeenya Maatii: ==========================================
Gaa’illi hiikkaan ykn du’a Walfuutota keessaa isa tokkoon yoo diigame gaaffiin qooda qabeenyaa Daangaa yeroo hangamii keessatti dhiyaachuu qaba?
================
Fuudhaa fi heerumni sababa hiikkaa gareewwan dhiyeessaniin ykn sababa du’uu ykn baduu walfuutota keessaa isa tokkootiin diigamuu nidanda’a. Yeroo sana falmiin qooda qabeenyaa walfuutota ykn haalota isa du’e ykn badee fi walfuutota keessaa isa jiru giddutti ka’uu akka danda’u beekamaadha.
Keessaayyuu gaa’illi eega hiikkaan diigame booda walfuutonni sababa adda addaatiin gaaffii qooda qabeenyaa otuu hindhiyeessin waggaata hedduu turanii falmii yeroo kaasan qabatamaan nimil’ata.
Akkasumas gaa’illi sababa du’a ykn badii isa tokkoon yoo diigamu walfuutota keessaa inni jiru qabeenyaa ijoollee isa du’e ykn bade waliin horate gabatee yeroo dheeraaf eega ture booda gaaffiin qooda qabeenyaa gahee isa du’ee ykn badee ka’uun himannaan waggoota hedduu booda dhaaltota isa du’een dhiyaachuun baratamaadha.
Yeroo akkasii gaaffii eega gaa’elli diigame booda qooddii qabeenyaa ilaalchisee dhiyaatu daangaa yeroo hangamii keessatti dhiyaachuu qaba isa jedhu Seera Maatiis ta’ee Seerri biroo rogummaa qabu kallattiin tume hinjiru.
Bara 2001 keessa Dh Ijbt MMWF glm Lkk 17937 ta’e (Jld 4ffaa) irratti gaaffiin qooda qabeenyaa guyyaa gaa’illi diigamee kaasee waggaa 10 keessatti dhiyaachuu akka qabuu fi yeroo kana keessatti yoo dhiyaachuu baate akkaataa SHH kwt 1845tiin daangaa yeroo waggaa 10n akka daangeffamu hiikkoo dirqisiisaa kennee ture. Yeroo sanii kaaseetis itti hojjetamaa turee jira.
Haata’u malee hiikkoon Dhaddacha Ijibbaataa olitti ibsame kun mirga qabeenya jiraachuu Heera mootummaa kwt 40 jalatti eegumsa argate kan faallessudha jedhamee Mana Maree Federeeshiiniin bara 2012 keessa glm Lkk 77/12 ta’erratti diigamuun gaaffiin qooda qabeenya abbaa warraa fi haadha warraa yeroo kamuu gaafatamuu akka danda’u murtiin biroo kennamee jira.
Garagalchi murtii MMFedereeshiin armaan gadiitti kaahamee jira👇👇👇
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Jemal Kumbi
“Rakkoo aangoon aangoo abbaa seerummaa Ijibbaata Ijibbaatarratti Heera Mootummaa Federaalaan kennamuu sirna federaalisimii gaaga’a “
==================================

Ijibbaata irratti Ijibbaata!!!

Bu’uura HMFDRI lakk.1/1987 kwt. 80(3,B) fi HMNO lakk. 46/94 kwt. 64(2,B) fi labsii Gurmaa’ina Aangoo fi Hojmaata MMMNO lakk. 216/2011 kwt. 25(2,F)tiin dhimma naannoo murtii dhumaa argate irratti gaafiin dogoggora bu’uura seeraa raawwatame jedhu yoo dhiyaate aangoon ijibbaataan ilaaluu Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Dhaddacha Ijibbaataaf kennameefii jira. Gama biroon immoo bu’uura tumaa Heera MFDRI kwt. 80 (3,A) fi Labsii Mannee Murtii federaalaa lakk. 1234/2013 kwt. 10(2,(C,D)) tiin dhimmoota Murtii dhumaa argatan kamiirrattuu aangoo ijibbaatan ilaaluu kennameef bu'uura godhatee dhimma kamuu ofitti fuudhee murtii kennuun baay'achaa kan dhufe qofa osoo hin taanee hanga sirna Federaalizimii biyyi ittiin bulaa jirtu gaaffii keessa galchetu jira.Kana qofa miti Seera hiikuu caalaa,seera baasaa jira jedhamees bal'inaan komatamaa jira.Dhimmoota falmiin isaanii ijoo dubbii fi seeraa wal fakkaataa qaban irrattis murtii adda addaa bakki itti kenne jira.
Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Dhaddacha Ijbbaataa kan ta'an obboo Fiixaa Dachaasaa barreeffama mariif qophaa'e keessatti ''Manneen murtii ykn qaamonni seeraan murtii akka kennan aangeffaman dhimma qabaniif murtii ykn furmaata kennuuf seera hiikuun yoo isaan barbaachise, sababa hiikkaan seerichaa barbaachisaa itti ta’ee fi tooftaan ykn qajeeltoon hiikkaa seerichaatiif hordofan ifatti murticha keessatti mul’isuu qabaatu'' jechuun kan Dhaddacha Ijibbaataas kana irraa maquu akka hin qabne ibsu.
Sadarkaa Ijibbaata Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiin dhimmoota bara 2016 fi 2017 keessatti Ijibbaata Federaalaan murtii argatanii gadi deebi'aan irratti xiinxalli gaggeeffamee mariin irratti gaggeeffamaa jira.Xiinxala kana keessatti rakkoon Ijibbaatni Ijibbaata irratti qabu qabatamaan dhimmootni hedduun xiinxalamanii Abbootii Seeraa MMWO hunda kan hirmaachise mariin guyyaa har'aa jalqabee jira.Marii dhimmootaa kana irraa maddi hanqinaalee jiranii adda bahee qulqullinni Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa ni dabala jedhamee eeggama.Dhimmoota bara kana Baatii saglan kana keessa Dhaddacha ijibbaataa keenyaa irraa gara Ijibbaataa Federaalaa oliyyatamanii ilaalamaanii murtii argatan keessaa 99.46% kan cimaniidha.
Maddi:- kan Kabajamoo obboo Makonnan Raggaasaati

Guyyaa Gaarii Qabaadhaa
1
That is exactly what is known as pure adversarial system of litigation or party oriented doctrine in the procedural law jurisprudence.
==================================

#Falmii abbaa qabiyyummaa Lafa baadiyyaan wal qabatee,gareen bitaaf mirgaa himannaaf deebii isaanii  keessatti waa’ee bittaaf gurgurtaa osoo hin kaasneefi ragaan waa’ee kanaa yoo dubbate, Manni Murtii haalli qabannaa  lafichaa bittaaf gurtaadha jedhee murteessuu danda’aa?      
                                                                                                                            
MMWFDHIJ Murtii hin maxxanfamne lakk.234625 ta’e gaafa 08/02/2016  kenneen kan armaan gadii jedheera.     
                                                                                                                                  
#Falmii abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaatiin wal qabatee himataan himannaa isaa keessatti, himatamaan qabiyyee bittaaf gurgurtaan qabate jedhee bakka hin ibsinetti(himatamaanis deebii isaatiin firii dubbii kana bakka hin caqasnetti), ragaan jecha ragummaa kenneen, himatamaan qabiyyee kan qabate bittaaf gurgurtaan jechuun yoo dubbateefi Manni Murtiis kanuma fudhachuun himatamaan qabiyyee kan argate bittaaf gurgurtaan waan ta’eef haalli qabannaa isaa seeraan aladha- darbiinsi yeroo hin jiru jedhee Murteessuun-Murtii dogongorri Seera hooggansa  falmii irratti raawwatamedha.
Credit to Mulugeta F. Binegde
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
👍1
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Hiikoo_Jildiidhaan_hin_maxxanfamne_gara_Afaan_Oromootti_hiikame.pdf
13.3 MB
Hiikoo Jildiidhaan hin maxxanfamne gara Afaan Oromootti hiikame.pdf
1
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Hiikoo DhIJMMWF 2016 haaraa .pdf
21 MB
Murtiilee Dhaddacha Ijjibbaataa MMWF haaraa bara 2016 keessa hiikoo Kennan bakka tokkotti qindaa'an Volume 1.
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
2016 Volum.3 Hiikoo DhIJMMWF Haarawa.pdf
13.8 MB
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
part one-pre-trial (3).pptx
3.4 MB
Leenjii Seera Deemsa Falmii Yakkaa(ILQSO- 2015)-part One
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
seera traffika-1.pptx
1.1 MB
Seeraa fi Dambiilee Tiraafikaa.
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
yakkoota ulfa irrattii raawwataman.pdf
667.5 KB
1
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Eegumsa Naannoo fi Bosonaa.doc
333.5 KB
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
pp Hirmaannaa Yakkaa.pptx
910.8 KB