#Mirga_Wabii_fi_Hamma_Wabii:
I.#Mirga_Wabii:-
Mirgi wabii mirga bu'uuraa dhala namaa seerota idil Addunyaa,heeraa fi seera Biyyattiitiin beekamtii kan argateedha.
♠️Karaan gaaffii mirga wabii shakkamaa eegamuu danda'u afuriidha.Isaanis:-
#1ffaa,xalayaa ajaja qabiinsaa irratti mirga wabii eeguun,mirga wabii shakkamaa eeguun ni danda'ama.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29,53 fi 65;
#2ffaa,shakkamaan Waajjira/Qajeelcha Poolisiitti wabii waamee yookiin wabummaa mataa ofiitiin bahuu,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28;
#3ffaa,Poolisiin shakkamaa Mana Murtiitti dhiheessuun,Manni Murtii yeroo beellamaa poolisiin gaafatu dhorkuun(eeyyamuu dhiisuun) mirga wabii shakkamaa eeguu ni danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29,59 fi 63;
#4ffaa,shakkamaan iyyata mirga wabii Mana Murtiitti dhiheeffachuun,Manni Murtii iyyata gaaffii mirga wabii dhiyaate Abbaa Alangaa yookiin qorataa poolisii deebii/yaada irratti kennisiisuun mirga wabii himatamaa eeguu ni danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64.
Namni(shakkamaan) kamiyyuu too'annaa jala jiru tokko sa'aatii 48 keessatti Mana Murtii dhihoo jirutti mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuuf mirga qaba.Manni Murtiis haqaaf jecha shakkamaa/nama too'annaa jala tursuun yoo barbaachise malee yookiin yakka ittiin shakkameef seerri mirga wabii kan dhoorku yoo jiraate malee mirga wabii eeguu qaba,Heera Mootummaa keewwata 19(3)(4)(6) fi seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29(1) fi 64.
Mirga wabiitiin gadhiifamuun qajeeltoo yoo ta'u,yeroo muraasaaf too'annoo jala turuun haala addaati yookiin hambifannoodha.Haalli addaa kun dhiphatee hiikamuu qaba.
Nama yakkaa raawwachuutiin shakkamee too'annaa jala oolfame tokkoof mirgi isaa yookaan ishee jalqaba karaa Waajjira/Qajeelcha Poolisiitiin eegamuu danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28.
Bu'uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28 tiin poolisiin wabiidhaan yoo gadi lakkisuu baate;Mana Murtiitti gaaffii mirga wabii barreeffamaan dhiheeffachuun ni danda'ama,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64.
Shakkamaan yookiin iyyataan Mana Murtii sadarkaa kamittuu mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuu akka danda'u,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64(3) ifa taasiseera.
Shakkamaan mirga wabii Mana Murtii Aanaatti gaafatee,gaaffiin isaa kufaa yoo ta'e yookiin mirgi wabii kan dhorkame yoo ta'e;Mana Murtii sadarkaa itti aanutti ol'iyyannoo gaafachuuf mirga qaba,Heera Mootummaa keewwata 20(6).
Shakkamaan too'annaa jalaa akka gadi lakkifamuuf ajaja kenname irratti qaamni komii qabu Mana Murtii sadarkaa itti aanutti ol'iyyannoo gaafachuu ni danda'a.Hanga ol'iyyannoo gaafatutti ajaja Mana Murtii jalaa raawwachuuf/kabajuuf dirqama qaba.
👉#Mirgi_wabii_kan_gaafatamu:
#1ffaa,nama yookiin namoota ajaja Mana Murtii malee too'atamee/too'atamanii osoo Mana Murtii hin dhihaatin jiran bu'uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64 tiin mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuuniidha.
🖋Namoonni adabbii Mana Murtii malee too'annaa jala jiran mirga bilisummaa qaamaa(Habeas Corpus) gaafachuu ni danda'u,Heera Mootummaa keewwata 19(4),fi seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 177.
🖋Mirga bilisummaa qaamaa irratti aangoo Mana Murtii ilaalchisee seerri deemsa falmii yakkaa keewwatni 15(2)(i) aangoo Mana Murtii Ol'aanaatti kan kenne yoo ta'u;Labsii Lakkoofsa 216/2011 immoo iyyata qaama bilisa baasuuf dhihaatu ilaaluuf aangoo abbaa seerummaa Mana Murtii Aanaa aangeessee jira.
#2ffaa,namoonni/namni yakkaan shakkamanii too'annoo jala jiran akkaataa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 59(2) tiin yeroo beellamaa hanga guyyoota 14 gaafatame irratti yeroon beellamaa jalqabaas ta'e dabalataan kennamuun barbaachisaa miti,mirgi wabii akka naaf eegamu jechuun gaafachuu ni danda'u.
#3ffaa,namni yookiin shakkamaan/himatamaan Abbaan Alangaa himannaa irratti dhiheesse,dhaddacha yookiin shanacha irratti dhihaatee mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuu ni danda'a.
https://t.me/Ijooseera
👍2
#Mirga_Eeruu_Yakkaa_Dhiyeeffachuu_Hojjetaa_Mootummaa
↘️Labsii Farra Malaammatummaa Labsii Lakk.881/2007 fi Labsii Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lakk.104/1997 fi isa amma fooyya'e labsii lakk. 215/2012 wal bira qabnee yemmuu ilaallu dhimma hojjetaan mootummaa yakka malaammaltummaa raawwateen akkaataan itti gaafatamuu qabu ilaalchisee adeemsa garaa garaatu hordofamaa jira.
💎Labsiin Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa, (kana booda LHMNO), kan jedhu murtii fi ajaja Komishinii Siivil Sarvisii Oromiyaatiin(karaa Mana Murtii Bulchiinsaatiin) kenname qaama raawwachiisuu diderratti/hogganaa mana hojichaa/ Komishinichi gara Biiroo Haqaa fi Nageenyaatti(yeroo ammaa Mana Hojii A/Alangaa) erguudhaan akka seeraan gaafatamu ni taasisa kan jedhuudha. Murtiin Komishiniin kuni kennus dhimma adabbii naamusaa kennamee fi hojjetaan seeraan ala hojiirraa dhorkamuu ykn gaggeeffamuu fi sababa hojiitiin miidhaa isarra gaheef faayidaa irraa hir’ifame ykn dhorkame irratti hojjetaan dhimmasaa iyyannoodhaan yoo dhiyeeffate qofaadha.  Kunneenis Labsii Lakk.61/1994 keewwata 70 labsii lakk. 215/2012 keewwata 81 jalatti tokko tokkoon tarreeffamanii argamu.
💠Murteewwan Manni Murtii Bulchiinsaa murteesse kana ilaalchisee hoogganaan ykn qaamni kana raawwachuuf fedhii hin qabne ykn kan dide yoo ta’e kanuma raawwachuu diduu isaa qofaaf akka seeraan gaafatamuuf gama Mana Hojii Abbaa Alangaatti qajeelfama kan jedhuudha labsiin Lakk.104/1997 keewwata 2/4/ jalatti kan fooyya’e fi labsii 215/2012 kew. 82 jalatti immoo mana murtii idileetti himata banuu/raawwii fi miidhaa qaqqabeef hooggansi raawwachuu dide akka gaafatamu tumeera.
♦️Haa ta’u malee hojjetaan mootummaa ykn hoogganaan mana hojii tokko yoo yakka malaammaltummaa raawwate /shakkame adeemsi ittiin seeratti dhiyaatu akkam ta’a kan jedhuuf  hoj-maanni amma jiru labsiileen kun lamaan(Labsiin Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyyessuuf Bahe Labsii Lakk.104/1997 fi Labsii Farra Malaammaltummaa 881/2007) qixa sirrii ta’een kan hubataman natti hin fakkaatu.
🔘Akkaataa labsii farra malaammaltummaatiin adeemsa hoj-maata mana hojichaa cabsuun hojjechuu; tarkaanfiilee nama biroo fayyaduuf ykn ofii faayidaa argachuuf ykn nama biroo irraan miidhaa qaqqabsiisuuf fudhatamu kamuu yakka malaammaltummaa akka ta'e ifatti tumamee argama.
🔴Kanaafuu hooggansi ykn hojjetaan mootummaa qajeelfama ifa jiru cabsuun hojjetaa tokko fayyaduuf ykn miidhuuf dhimma guddinaa, jijjiirraa, ramaddii hojjettootaa fi dhimmoota faayidaa hojjettootaan wal qabatanii akkasumas hojiilee biroo mirga hojjettootaa tuqan raawwatee yoo argame yakka malaammaltummaatiin kan gaafachiisu ta'a jechuudha.
♦️Hojjetaan mootummaa ykn hoogganaan mana hojii tokko yakka malaammaltummaatiin yeroo shakkamee eeruun Mana Hojii A/Alangaa ykn Waajjira Poolisiitti dhiyaate qaama eeruu dhiyeesseen deemitii adeemsa karaa bulchiinsaa xumuriitii xalayaa Biiroo Paabilik Sarvisii Oromiyaarraa fidi malee akkanatti eeruun hin fuudhamu kan jedhu argina.

👉Namni kamuu yeroo yakki malaammaltummaa raawwatu arge ykn odeeffannoo qabu qaama aangoo qabuuf eeruu dhiyeessuu akka danda’u ifaadha.
Dhimma yakka malaammatummaa keessummeessuu fi ilaalufis aangoo kan qabu akkaataa Labsii 197/2008tiin ykn Labsii 433/1997 fi 883/2007tiin isa amma fooyya'e labsii lakk. 1236/2013tiin Komishinii Farra Malaammaltummaa Oromiyaa ykn Komishinii Farra Malaammaltummaa Federaalaa walduraa duubaan ture.
🔴Akkaataa Labsii Mana Hojii A/Alangaa Oromiyaa hundeessuuf bahe labsii lakk.214/2011tiin yeroo ammaa aangoon dhimma yakka malaammaltummaa ilaaluu(eeruu fuudhuu, qorachuu fi himachuu) Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa fi Federaalaa akkasumas naannoodhaaf dhimmi federaalaa bakka bu’iinsaan kennameefii jira.
💥Kana jechuun akkaataa Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaa hundeessuuf bahe labsii lakk.943/2008 keewwata 8(2(b)) fi 22(2)tiin dhimma federaalaa yakka malaammaltummaa Komishinii Farra Malaammaltummaaf akkaataa labsii 433/1997 fi 883/2007 isa amma fooyya'eenis kennamee ture Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaaf kan kenname waan ta’eef naannoleen
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa baatii saglan darbanitti qabeenya qarshii  bil.1 fi mil 153 olitti timaamamu kaazinaa mootummaatti  deebisiisuu  beeksise.
Bitootessa 12/2017,BAAWO, Finfinnee.,..

Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo raawwii hojii baatii sagalii irratti xiyyeeffachuun ibsa miidiyaaleef kennanii qabeenya mootummaa, jarmiyaaleefi uummataa malaammaltummaaf saaxilaman adda baasuun akka deebi'u taasisuun murtiin itti kennamuu ibsuun kan hafe adeemsa seeraa irra jiraachu himaniiru.

Haaluma kanaan qabeenyi seeran alaa qarshii 1,002,716,104 ta'u dhoorkamuun qoratamaa fi falmiin irratti gaggeeffamaa jiraachuu kan eeran Obbo Guyyoon raawwii galmee qorannoo yakkaa malammaltummaa wajjiin wal qabatee galmee 1,197fi shakkamtoota 2,362 qaratamaa turan keessaa galmeen 1,163 fi shakkamtoonni  2,213 irratti Abbaa Alangaan murtiin kan itti kenname ta'uu dubbataniiru

Dandeettiin galmee of harkaa xumuruu Abbaa Alangaa  dabalaa dhufuun akka waliigalaatti yeroo ammaa %97.15 irra gahuus kaasaniiru.Galmee murtii Abbaa Alangaa argatan keessaa galmeen dhibba saddeetiif afur himatamtoota 1448 Irratti himannii dhiyaatee, kanneen keessaa galmeen 717 himatamtoota, 1319 irratti murtiin garaa garaa kennamee jiraachuu kaasanii jiru.

Yakkoota malaammaltummaa deddeebiin raawwataman irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu kan ibsan Obbo Guyyoon yakkoota aangoo seeraan ala fayyadamuun raawwataman, matta'aa fudhachuu, sanadoota sobaa fayyadamuufi qabeenya maddisaa hin beekkamne kanneen horatan irratti tarkaanfin akka fudhatamuuf cichee hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Qabeenya bu'aa yakka malaamaltummaatin adda bahaniin dhaalaman Lafa magaalaa hektaara 42.08, mana jireenyaa 27,konkolaataa 5 fi qarshii callaa 131,291,045.83, xaa'oo kuntaala 3,315.36 akkasuma qabeenyi garaagaraa karaa seeran alaatiin horataman dhaalamuu Obbo Guyyoon himanii jiru.

Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamu keessatti hirmaannaan uummataa bakka guddaa qaba waan ta'eef uummanni eeruu kennuun, ragaa kennuufi saaxiluu akka qaban yaadachiisaniiru.
https://t.me/Ijooseera
#Ajaja_Qabiinsaa ( #Arrest_Warrant )

Haalota ajajni qabiinsaa shakkamtootaa ittiin kennamu:-
#1.Ajajni qabiinsaa gaafatameef qofa battalumatti kennamuu hin qabu.Sababni isaas Heera Mootummaa Federaalaa
Dimokiraatawaa Itoophiyaa keewwata 17(2) jalatti mirga bilisummaa waan eegeef;
#2 .Qorataa poolisii kamiiniyyuu gaaffiin yoo dhihaate,Manni Murtii kamiyyuu ajaja qabiinsaa kennuu ni danda'a,seera
deemsa falmii yakkaa keewwata 53(1);
#3 .Ajajni qabiinsaa sa'aatii kamiyyuu fi guyyaa kamiyyuu kennamu danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 53(2);
#4 .Ajajni qabiinsaa bulchiinsa Itoophiyaa kamiiyyuu keessatti poolisii kamiiniyyuu raawwachuu ni danda'a,sdfy kew.53(3);
#5 .Ajajni qabiinsaa poolisiidhaan gaafatameef qofa kennuu osoo hin taane,namichi haa qabamuuf gaafatame sun karaa biraatiin gonkumaa yoo argamuu(dhihaachuu)hin dandeenyeedha, sdfy keewwata 54;
#6 .Ta'ullee,Manni Murtii ajaja qabiinsaa kennuun dura qabxiiwwan armaan gadii qulqulleeffachuu qaba:-
A.Yakki raawwatamuu;
B.Himata yakkaa(accusation) ykn himata dhuunfaa(complaint) yoo dhihaate qabiyyee fi maalummaa namicha dhiheessee kan beekamu yoo ta'e;
C.Yakka raawwatameera jedhame raawwatamuu fi raawwataan
akka qabamu namicha barbaadame ta'uu isaa shakkiin gahaan jiraachuu;
D.Shakkamaa qabuun qorannoo yakkaatiif dirqama barbaachisaa ta'uu/shakkamaan qabamu malee qorannoo gaggeessuun kan hin danda'amne ykn rakkisaa yoo ta'e;
E.Shakkamaan karaa biraatiin Fkn:waraqaa waamichaa qofaan
Mana Murtii akka dhihaatu gochuun kan hin danda'amne ta'uu.
#7 .Manni Murtii qabxiiwwan armaan olitti ibsame qulqulleeffachuuf ajajni qabiinsaa akka kennamuuf poolisii gaafate jechaan(afaaniin) qorachuu qaba.Barbaachisaa yoo ta'e galmee qorannoo poolisii fichisiisee qorachuu ni danda'a.
#8 .Manni Murtii ajaja qabiinsaa kennuun barbaachisaadha jedhee yoo amane, bu'uura sdfy kew. 52(2) tiin foormii
seericha keessatti ibsameen ni kenna;
#9 .Ajajni qabiinsaa qabxiiwwan armaan gadii qabaachuu qaba:
A.Namicha akka qabamu ajajame,teessoo fi maqaa shakkamaa;
B.Yakka itti shakkame fi ibsa yakkichaa;Fkn:duuchumaan nama ajjeessuu ykn hanna kan jedhu osoo hin taane,ibsa yakkichaa,yakki yoom,eessaa fi akkamitti raawwatame,fi miidhamaan yoo jiraate maqaa miidhamaa;
C.Maqaan namicha qabamu/maqaan shakkamaa yoo hin beekamne garuu,shakkamaa adda baafachuuf ibsa dandeessisu;
D.Guyyaa,ji'aa fi bara ajajni itti kenname;
E.Mana Murtii ajajicha kenne,mallattoo Abbaa Seeraa; fi tarreeffama barbaachisaa ta'an qabaachuu qaba.
#10 .Manni Murtii rogummaa qaba jedhee yoo itti amane ajaja qabiinsaa kennamu,bu'uura ajaja irratti ibsameen nama akka qabamu(shakkamaa akka qabamu) ajajame wabiin ykn qabeenyaan wabummaan qabsiisee poolisiin shakkamaa akka qabuuf(too'annaa jala oolchuuf) ajajame,akka hin qabne,yoo
qabee jiraates akka gadi lakkisu ajaja qabiinsaa irratti ajaja dabalataa kennuu ni danda'a.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 65.
A warrant of arrest shall remain in force until executed or cancelled by the Court which issued it notwithstanding the
death,retirement or replacement of judge having issued the warrant.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 52(3).Akkaataa
seera kanaatiin yeroo turtii ajajichaa ibsuun barbaachisaa miti.
Yeroo turtii ajajichaa akka ibsamu dirqama ta'ee seeraan osoo tumame gaarii ture,sababni isaas qaamni ajajicha
fudhate ajaja kana dawoo godhachuun mirga seeraan eegumsa sarbuu danda'a.

#12 .Ajajni qabiinsaa sa'aatii kamiyyuu raawwatamuu ni danda'a.
#13 .Haalli hatattamaa yoo qunname qorataan poolisii Bilbilaan ykn Telegraamiin ajajni qabiinsaa akka kennamu gaafachuu danda'a,sdfy keewwata 55(1).Ajajni qabiinsaa kan kennamu garuu,akka sa'aatii kamiiyyuu foormii kan hordofe barreeffamaan ta'uu qaba.
Ajaja kennuun dura qabxiiwwan armaan olitti lakk.6 jalatti tuqaman qulqulleeffachuu qaba.Poolisiin Bilbilaan yookiin Telegraamaan gaaffii dhiheesse sa'aatii 24 keessatti barreeffamaan mirkaneessuu qaba,sdfy keewwata 55(2).
https://t.me/Ijooseera
👍1
#DARBIINSA YEROO DHAAMOO IRRATTI MORMII DHIYAATU
Darbiinsa yeroo dhaamoo irratti mormii dhiyeessuuf daangaa yeroo taa'e SHH kwt. 973 fi 974 jalatti tumameera. Fkn, namni tokko dhaamoo bu’uura gochuun kallattiidhaan Waraqaa Ragaa Dhaaltummaa (WRDH) fudhachuun qabeenya dhaalaa harka galfatee yoo jiraate, dhaaltuun dhugaa booda WRDh kun akka haqamuuf fi dhaaltummaan isaa akka mirkanaa’uuf gaafatu himannaa dhaaltummaati. Darbinsi yeroo raawwii qabus eenyummaa garee wal-falmu irratti hundaa’ee kwt 1000 fi kwt 1845 akka ta’edha.
Gama biraatiin, sirna qulqulleessuu keessa yeroo darbamutti dhaaltoonni ykn namoonni dhaaltoonni sirnaan bakka bu’an dhaamoon yeroo dubbifamuufitti dhaamoo waliigala isaa irratti, qabiiyyee dhaamoo keessaa tokkoo isaarratti mormi yoo qabaatan dhaamichi kufaa akka ta'uuf himannaa daangaa yeroo seerichaan kwt 973 fi 974 jalatti haala tumamee jiruun dhiyeessuu qabu. Kanaaf, dhaamoo bu’uura gochuun himannaan dhiyaatu himannaa dhaaltummas ta’uu danda’aa, himannaa mormii dhaamo irratti dhiyaatus ta’uu danda’a waan ta’eef dhimmoota adda baasuu danda’uun dirqama ta’a.
Akka seerichaatti dhaaltootni himannaa kana dhiyeessuuf duraan dursanii yammuu dhaamichi dubbifamu himannaa dhiyeessuuf yaada akka qaban guyyaa dhaamichi dubbifamee kaasee guyyaa 15 keessatti qulqulleessituu dhaalaatiif ykn MMtiif  barreeffamaan ibsuu qabu. Darbinsi yeroo guyyaa 15 jedhamee taa’e himannaa kan dhiyeessan ta’uu qulqulleessituu dhaalaatti beeksisuu dha malee himannaa dhiyeessuuf darbiinsa yeroo taa’e miti.
Ibsa dhiyeessuun qofti garuu dhaamicha kufaa hin godhu. Dhaamichi kufaa ta'u kan danda’u, dhaaltootni Mana Murtiitti himata dhiheeffatanii himannaan isaanii yoo fudhatama argate qofa dha. Darbiinsi yeroo himannaan kun itti dhiyaatu immoo guyyaa ibsi barreeffamaan dhiyaatee kaasee hanga ji’a sadiitti mana murtiiti dhiyaachuu qaba.

Via Bikila Birhanu Geremu

Join https://t.me/BikilaFreeLegalAwareness




https://t.me/Ijooseera
#DARBIINSA YEROO DHAAMOO IRRATTI MORMII DHIYAATU
Darbiinsa yeroo dhaamoo irratti mormii dhiyeessuuf daangaa yeroo taa'e SHH kwt. 973 fi 974 jalatti tumameera. Fkn, namni tokko dhaamoo bu’uura gochuun kallattiidhaan Waraqaa Ragaa Dhaaltummaa (WRDH) fudhachuun qabeenya dhaalaa harka galfatee yoo jiraate, dhaaltuun dhugaa booda WRDh kun akka haqamuuf fi dhaaltummaan isaa akka mirkanaa’uuf gaafatu himannaa dhaaltummaati. Darbinsi yeroo raawwii qabus eenyummaa garee wal-falmu irratti hundaa’ee kwt 1000 fi kwt 1845 akka ta’edha.
Gama biraatiin, sirna qulqulleessuu keessa yeroo darbamutti dhaaltoonni ykn namoonni dhaaltoonni sirnaan bakka bu’an dhaamoon yeroo dubbifamuufitti dhaamoo waliigala isaa irratti, qabiiyyee dhaamoo keessaa tokkoo isaarratti mormi yoo qabaatan dhaamichi kufaa akka ta'uuf himannaa daangaa yeroo seerichaan kwt 973 fi 974 jalatti haala tumamee jiruun dhiyeessuu qabu. Kanaaf, dhaamoo bu’uura gochuun himannaan dhiyaatu himannaa dhaaltummas ta’uu danda’aa, himannaa mormii dhaamo irratti dhiyaatus ta’uu danda’a waan ta’eef dhimmoota adda baasuu danda’uun dirqama ta’a.
Akka seerichaatti dhaaltootni himannaa kana dhiyeessuuf duraan dursanii yammuu dhaamichi dubbifamu himannaa dhiyeessuuf yaada akka qaban guyyaa dhaamichi dubbifamee kaasee guyyaa 15 keessatti qulqulleessituu dhaalaatiif ykn MMtiif  barreeffamaan ibsuu qabu. Darbinsi yeroo guyyaa 15 jedhamee taa’e himannaa kan dhiyeessan ta’uu qulqulleessituu dhaalaatti beeksisuu dha malee himannaa dhiyeessuuf darbiinsa yeroo taa’e miti.
Ibsa dhiyeessuun qofti garuu dhaamicha kufaa hin godhu. Dhaamichi kufaa ta'u kan danda’u, dhaaltootni Mana Murtiitti himata dhiheeffatanii himannaan isaanii yoo fudhatama argate qofa dha. Darbiinsi yeroo himannaan kun itti dhiyaatu immoo guyyaa ibsi barreeffamaan dhiyaatee kaasee hanga ji’a sadiitti mana murtiiti dhiyaachuu qaba.
https://t.me/Ijooseera
👍2
Qallaba daa'ima ulfaa'ame kan gadameessa keessa  jiru ilaalchisee seerri maal jedha?
.....
Seerri keenya Seera hariiroo hawaasaa kwt.1 jalatti namni tokko guyyaa dhalate irraa eegalee hanga du'uutti mirga seeraa ni qaba" jedha.  Kana jechuun osoo hin dhalatin mirgi seeraa namni gonfatu hin jiru jechuudha. Haa ta'u malee,seerichuma kana kwt.2 ,3 fi 4 jalatti  immoo waa'ee daa'ima ulfaa'amee jiruus tumee jira. Akka tumaa keewwata kanaatti daa'imni ulfaa'ame tokko ulaagaalee 2(lama)kan guuttate yoo ta'e nama jechuun tuma.
Innis 1ffaa Lubbuu kan qabu ta'ee yoo dhalatee fi  2ffaa dhalatee immoo sa'aa 48 (afurtamii saddeet) yoo ture  akka namaatti lakkaawwamee mirga seeraa argata jechuudha. Gama biraatin, Seera Yakkaa Kwt.545 fi keewwattoota itti aananii jiran irratti ulfa baasuun yakka ta'uu tumeera. Kana jechuun ulfa baasuun akka ajjeechaa namaatti lakkaawwama. Dabalataan  Seerri hariiroo hawaasaa Kutaa Seera dhaalaa kwt.834 jalatti daa'imni ulfaa'ame dhaala akka argatu tumaan kun ni agarsiisa.  Hayyuun Oromoo  Makkoo Bilii  illee tumaa seeraa tume keessatti 'Ulfi garaa jiru nama' jedhee tumeera.
Gara dhimma ijoo waa'ee qallaba daa'ima ulfaa'amee garaa jiruutti yoo deebinu seerri maatii Oromiyaas ta'ee Seera maatii Federaalaan wanti jedhu hin jiru. Seera baastuun dhimma kana callisaan bira darbuunis yaadama mataa isaa qabaatus jechuudha.
Akkaataa Seera maatii Oromiyaa labsii lakk.69/1995 fi 83/1996 tin qallaba daa'imman dhalatanii lafa gahanii malee daa'ima ulfa ta'e ilaalchisee tumaan tokkollee hin jiru. Manuwaaliin murteessa qallaba daa'immanii Oromiyaa immoo lakk.2 jalatti hiikkoo daa'ima jedhu hiikeen daa'imni kan garaa jirus ni dabalata jedheera.  Dhimmi kun immoo wanta labsiidhan hin tumamne maanuwaalii irratti hiika itti kennuun rakkoo qabatamaa daa'imman ulfaa'aman mirga qallaba argachuu qabu moo hin qaban? gaaffii jedhu kaasuudha. Qallabni Manneen murtiin kan murtaa'u maqaa guutuu fi umurii tokkoo tokkoo daa'immaniin adda bahee waan ta'eef  ulfa gadameessa keessa jiruuf murteessuuf ijjannoon add addaa yeroo calaqqisu ni mul'ata.
1ffaa Ulfi sun haadha daa'imichaa irraa hanga hin dhalannetti qaama isheetti jira waan ta'eef ulaagaa seeraa hin guutu qallabni hin muramu ejjannoo jedhu
2ffaa Ulfis nama waan ta'eef qallabni muramuu qaba ejjannoo jedhuudha. Kanas ta'ee sana dhimmi kun haala walfakkaataa ta'een ilaalamee murtaa'uu qaba. Dhimmi kun dantaa daa'imaa HMRDFI kwt.36 jalatti tumame ,waliigaltee mirgoota daa'immanii Idil-Addunyaa fi mirga seerota olitti caqasame keessatti argatan eegsisuunis walqabatee ilaalamuu feesisa. Akkasumas,abbaan warraa fi haati warraa tokko walfuudhanii sababa  diiggaa gaa'ilaan yeroo gargar bahan haati daa'ima ulfaa'amee kun ofiishees of gargaaruu humna waan hin qabneef;daa'imni sunis boru dhalatee nama ta'uuf hordoffii fi kunuunsa gahaa yeroo ulfaa kanatti argachuu waan qabuuf nyaata madaalawaa haati fi daa'imni akka argattuu fi hordoffii mana yaalaa akkasumas baasiiwwan adda addaatiif abbaan daa'imichaa qallaba  kennuu qaba. Seerri maatii keenyas keessa deebiin dhimma kanaa fi kanneen biroo hojiirratti rakkoo qaban ilaaluu fi fooyyessuu barbaachisa.
https://t.me/Ijooseera
👍1
⚖️𝐐𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐚 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐜𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐦𝐞 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐮 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐝𝐡𝐮𝐦𝐚𝐚 𝐲𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐮 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐟 𝐡𝐚𝐚𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐮 𝐲𝐤𝐧 𝐦𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐟 𝐠𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐡𝐚𝐚𝐭𝐚'𝐮 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐮𝐮𝐧 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐚𝐚'𝐮 𝐲𝐤𝐧 𝐚𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐫𝐨𝐠𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐮𝐮 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐞𝐞 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐚𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨 𝐪𝐚𝐛𝐮 𝐚𝐣𝐚𝐣𝐚 𝐲𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐝𝐚𝐛𝐚𝐫𝐬𝐮 𝐝𝐡𝐚 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐞𝐞𝐠𝐠𝐚𝐭𝐮𝐮 𝐠𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 𝐬𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐜𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐦𝐞 ,𝐡𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐇𝐇  𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐭𝐚𝐚𝐬𝐢𝐟𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢 𝐡𝐚𝐚𝐠𝐚𝐝𝐡𝐢𝐢𝐟𝐚𝐦𝐮 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐮 𝐛𝐮'𝐮𝐮𝐫𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐮 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞𝐫𝐚.𝐉𝐢𝐥𝐝 21𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐋/𝐆: 126017 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐚 2009 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞𝐫𝐚.
⚖️𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐡𝐚𝐠𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐚𝐧𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐚𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢( 𝐟𝐢𝐫𝐝 𝐡𝐢𝐝𝐞𝐭?)𝐲𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐚𝐝𝐝𝐚 𝐜𝐢𝐭𝐮 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐜𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐦𝐞 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐠𝐚𝐝𝐡𝐢𝐢𝐟𝐚𝐦𝐮 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐞 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐧 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐢𝐢𝐧 𝐭𝐮𝐫𝐮𝐮𝐧 𝐛𝐮'𝐚𝐚 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐧𝐞 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐦𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐜𝐚𝐛𝐬𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐝𝐢𝐢𝐧𝐚𝐠𝐝𝐞𝐞 𝐛𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐨𝐨𝐥𝐥𝐞 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐭𝐚𝐚𝐬𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐮𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐚 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞𝐫𝐚.
✒️𝐃𝐡𝐈𝐌𝐌𝐖𝐅,𝐋𝐆:  176890 𝐟𝐢 240930
✍️https://t.me/Ijooseera
👍2
Beekumsaaf
#JECHA AMANTAAFI WAAKKII HIMATAMAA IRRATTI MURTIILEE DhIjMMWF KENNE.

1) #DhIjMMWF Jildii 14ffaa LGMM 77842 ta’e irratti:
‘’Himatamaan himannaa ittiin himatame sana beekee/hubatee akkaataa himannaa keessatti ibsameen firiiwwan dubbii tokko tokkoo isaanii amanee jecha kan kennu yoo ta’e jecha isaa akka ragaatti fudhachuun bu’uuruma amantaa isaatiin murtiin balleessummaa kennamuu akka qabu;Manni Murtii himatamaan himannaa isarratti dhiyaate guutumaan guutuutti amanuu isaa tokko tokkoon gaafatee qulqulleeffatee galmeessee murtii balleessummaa kennuu akka qabu’’
Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 23 fi sdfy keewwata 134 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.

2) #DhIjMMWF Jildii 16ffaa LGMM 96954 ta’e irratti:
‘’Himatamaan tokko himannaa ittiin himatame tarree yakkichaa firii dubbii tokko tokkoon amanee  jecha amantaa yoo kenne, himatamaan balleessaa ta’uu amaneera jechuun Manni Murtii erga galmeesseen  booda himatamaa irratti murtii balleessummaa kennuu akka qabu; Manni Murtichaa jecha amantaa himatamaan kenne keessaa himatamaa kan fayyadu keessaa dhiisuun jecha himatamaan hin ibsinee fi hin galmeessisne akka ibsetti fudhachuun adabbii cimsuun kaayyoo fi galma sdfy keewwata 134(1) fi Qajeelfama Murteessa Adabbii Federaalaa Lakk. 2/2006 miti’’ jechuun hiikoo kenneera.

3) #DhIjMMWF Jildii 18ffaa LGMM11742 ta’e irratti:
’’Bu’uura jecha amantaa himatamaatiin murtiin kennamuu kan danda’u jecha amantaa himatamaan galmeessise akkaataa tarree himannaa keessatti caqafameen yakkicha raawwachuu isaa guutummaan guutuutti mirkaneessuu yoo danda’ee fi himatamaan yakkicha raawwachuu amanuu isaa mirkaneessuuf jecha himatamaan kenne ilaalamuu kan qabu tarree yakkichaa fi ulaagaa keewwata himatamaan ittiin himatame waliin ta’uu akka qabuufi jechi amantaa himatamaan galmeessise keewwata ittiin himatame waliin ilaallamee jecha amantaa himatamaa bu’uura godhachuun isaa bakka hin mirkanoofnetti
himatamaan amaneera jechuun murtii balleessummaa kennuun hin barbaachisu’’ jechuun sdfy keewwata 134(1) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee ture.

4) #DhIjMMWF Jildii 17ffaa LGMM 96310 ta’een:
’’Namoonni baay’een iddoo tokkotti yeroo himataman,isaan keessaa himatamaan tokko gocha yakkaa sana gareedhaan raawwachuu isaa amanuun jechi inni kennu himatamtoota biroo isa faana  himatamanii gochicha waakkachuun falmaa jiran irratti bu’aa seera qabeessa ta’e fidu hin jiru’’ jechuun hiikoo kennee ture.

5) #DhIjMMWF Jildii 12ffaa LGMM 63741 ta’e irratti:
"Himatamaan gocha himannaa keessatti caqafame tokko tokkoon isaa amanuun murtiin balleessummaa kan kenname yoo ta’e, murtii balleessummaa kenname irratti ol’iyyannoo gaafachuun hin danda’amu" jechuun sdfy keewwata 134(1) fi 185(1) waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa laatee ture..
https://t.me/Ijooseera
👍1
Manni Murtii Waliigala Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa galmee lakk.246525 ta’e irratti dhaddacha gaafa 08/02/2017 ooleen(Kan hin maxxafamne) murtii kenneen  bu’uura SMO keewwta 74(2) tiin wal fuutota keessaa gareen tokko  qabeenyaa dhaalaan argate gurguree qabeenyaa biroo yoo horate , gochaan kun hanga mana murtiiin hin mirkanoofnetti qabeenyaa waliiniii wal fuutotaati jedheera.
Firii dubbii Murti kana keessatti ibsaman keessaa gara biraatiin wanti hubatamu gareen qabeenyaa dhaalaa argate kun, qabeenyaa kana argate dhaaltota biro(Obboloota isaa waliin ) yoo ta’u, qabeenyaan kun dhaaltota jidduutti  gar gar kan hin qoodamneefi maqaa waliinii dhaaltotaatiin kan jiru , qofaattis kan bulfamu akkasumas haati warraatiis carraaqqiin ishii keessa akka hin jirre ibsamee jira.
https://t.me/Ijooseera