Qajeelfamnii Adabbii 3/2017 erga hojii irra olee booda dhimmoota yakkaa qajeelfamchii raga’uun dura raawatamanii garuu murtiin adabbii isaani erga qajeelfamnii haara raga’ee booda murtaa’aan ilaalchisee
Qajeelfama adabbii yeroo gochich raawattamee turen murtaa’uu qaba moo adabbi haara isa foyya’ee yeroo murtiin kennamuu hojii irra jiruun murtaa’uu qaba kan jedhu ilaalchisee Q/Adabbii 3/2017 waant ibsu hin jiru waan ta’eef mannen murtii yeroo ammaa adabbii yoo murteesan galmeewan dhimma hundaaf 3/2017 qofa fayyadamaa akka argaman
galmeewan mannen murtii hedduu kessatti mu’ulachaa argama.
Yakkoota cicimmoottif adabbin Q/Adabbii 3/2017ttin yoo murtaa’u hangii adabbii murta’uu danda’uu garaagarumaa kan hordofsisuu ta’uu
dhimmoota qabatamaa irraa ni huubatama waan ta’eef dhimmoota yakkaa qajeelfamchii raga’uun dura raawataman ilaalchisee qajeelfama adabbii kamtuu dhimma isa kamif raawaatamumaa qaba dhimmi jedhu xiyyeefannoo kan barbaaduudha.
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisisaa lakk.galmee 113065ttin (hinmaxxafamnee) fi lakk.galmee 95438 ttin(Jildii 17ffaa) kenneen ajeelfamnii adabbii foyya’ee tokko erga hojii irra olee booda
mannen murtii qajeelfamnii adabbii ini duraa hojii irra osoo jiruu gocha yakkaa raawatamee irratti murtii yoo kennan hanga adabbiichaa
murteesuu irratti qajeelfamootnii lamaan gargaarumaa ni hordofsisuu
ta’anaan qulqulleesuun
qajeelfama adabbii
himatamaaf adabbii
salphisuudhaan isa fayyaduu danda’uu filachuuf dirqama akka qaban fi qajeelfama isa kamtuu himatamaa fayyada jedhani fillachuun dirqama
mannen murtii ta’uu ibsuun Heera M/ Federaalawaa
Dimokraatawaa Rippaablika Itoophiyaa keewwata 22(2) fi Seera Yakkaa bara 1996 bahee keewwata 6 ibsuun hiikkoo seeraa dirqisisaa kenneera.
Yaadnii armaan gadit Afaan Amaarifaan ibsamee jecha jechaan warraabii murtii lakk.galmee 113065 fi 95438 keessaa kan fudhatameedha.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
Qaj.ADABBII.pptx
22.1 MB
👉Leenjii Qajeelfama  adabbii Haraa Lakkoofsa 03/2017 irratti ILQSO dhaan kenname. (Leenjii Hojii irraaf AA fi.AS kenname)
👉Leenjistootni Tigist Asfaaw fi Abbabaa jootee
Gurandh. 2018_ Adaamaa

✍️Elias kasa (Advocate and Legal Consultant at law.)-Adama Call-0929399368                                                                       👉Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan  Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasa a mariisisaa.
👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ  ኤልያስ ካሳን ያማክሩ
Yakk. Dub. fi Daa (1).pptx
8.1 MB
[  ] Leenjii Yakkoota  dubartootaa fi daa’immanii irratti raawwataman irratti ILQSO dhaan kenname.
Leenjistuun:Tigist Asfaaw  (LLB,LLM)

Gurandh. 2018 Adaamaa
✍️Elias kasa (Advocate and Legal Consultant at law.)-Adama Call-0929399368                                                                       👉Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan  Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasa a mariisisaa.
👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ  ኤልያስ ካሳን ያማክሩ
1
Forwarded from Maftuu lawyer @Gola seeraa🙏️ (Maftu Ebrahim)
Xiinxala_Yakka_Ajjeechaa_Cimaa_kwt_5391a_by_elias_kasa_3.pdf
151 KB
Yakkaa Kwt .539(1)(A) FI Murtiilee Dhaddacha ijibbaataa( Eliyaas Kaasaatiin-Leenjisaa ILQSO)
For more access to legal materials join our telegiram 👇👇👇👇👇👇
https://t.me/maftulawyer
Forwarded from Diinaa'ol Kumaa (Assefa Kuma)
#Waliigaltee_Bittaa_Fi_Gurgurtaa_Qabeenya_Hin_Sochoone_Mana_Irratti_Taasifamu Vs Seeraa fi Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa:
Waliigaltee bittaa fi gurgurtaa Manaa seera fuulduratti raawwatiinsa qabaachuuf barreeffamaan taasifamee garee waliigaltootaan irratti mallattaa'ee ragooleen lama mallattoon mirkaneessanii qaama waliigaltee raawwachiisu yookiin Mana Murtii fuul-duratti raawwatamuu qaba.Waliigalteen barreeffamaan taasifame qaama aangoo qabu biratti galmaa'uu qaba,seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1723,2877 fi 2878.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 14ffaa lakkoofsa galmee 78398 fi Jildii 12ffaa lakkoofsa galmee 57356 ta'aniin "waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Mana tokko seera fuulduratti raawwatiinsa qaba jechuuf akkaataa seera waliigaltee keessatti tumameen ulaagaa guutamee raawwatamuu akka qabu"seera hariiroo hawaasaa keewwata 2005(1),1678(C),1723 fi 2877 waliin wal qabsiisuun murtii dirqisiisaa kennanii turan.
👇Waliigalteen qaama sanadicha mirkaneessu fuul-duratti taasifamu faayidaa guddaa qaba:
1ffaa waliigaltichi Mana Murtiitti fudhatama akka qabaatu taasisa;
2ffaa Sanadni garee falmitootaa harka ture yoo bade,yoo gubate yookiin garaa garummaa yoo qabaate sanadichi qaama mirkaneesserraa akka argamu taasisa;
3ffaa nama barumsa hin qabnee fi ijaan arguu hin dandeenye miidhaa irraa hambisa.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jildii 15ffaa lakkoofsa galmee 83674 ta'een "waliigalteen tokko barreeffamaan ta'ee garee waliigaltootaatiin ragoolee lamaan mallattaa'uu akka qabuu fi waliigalteen namoota hin barannee fi ijaan arguu hin dandeenyeen taasifamu waliigalchiisa yookiin Mana Murtii fuulduratti yoo hin taasifamne waliigaltichi dirqisiisummaa akka hin qabne"seera siivilii keewwattoota 1727,1728(3),fi 2005 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
🤙#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jildii 13ffaa lakkoofsa galmee 36887 ta'een "waliigalteen jiraachuu yoo amaname mormiin qaama aangoo qabu fuulduratti hin taasifamne jedhamee ka'u fudhatama hin qabu"jechuun murtii dirqisiisaa laatee ture.Seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1731(1),2878.Kunis sababnii fi kaayyoon waliigalteen qaama aangoo qabu biratti taasifamee galmaa'uu barbaachiseef waliigaltichi jiraachuu hubachiisuufiidha.
👉Waliigalteen ulaagaa armaan olitti ibsameen hin hundeeffamin bu'uura shh keewwata 1720(1) tiin akka wixineetti lakkaa'ama(dirqisiisummaa hin qabu).
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa Jildii 10ffaa lakkoofsa galmee 43825 ta'e irratti "garee wal falmitootaa yoo kaasan malee Manni Murtii kaka'umsa isaatiin kaasuun waliigalteen foormii(ulaagaa) hin guunne diigamaadha jedhee murtii kennuu akka hin dandeenye"seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1723,fi 1808(2) waliin wal qabsiisuun murtii laatee ture.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 8ffaa lakkoofsa galmee 34803 ta'e irratti "waliigalteen ulaagaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1723 hin guutne jedhamee yeroo diigamu gareen wal falmitootaa bakka duraan turanitti akka deebi'an murtiin kennamuu akka qabu"seera siivilii keewwattoota 1723 fi 1815 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
3
*Very Very Urgent !*

Please pass this message to your family and friends now.
People have been receiving calls from these numbers:-
       Tel: +947
       Tel: +371
       Tel: +371
       Tel: +563
       Tel: +370
       Tel: +255
or any number starting from +371 +375 +381

These guys only ring once and hang up. If you call back, they can copy your contact list in 3sec and if you have a bank or credit card details on your phone, they can copy that too.

   +375 code is for Belarus.
   +371 code is for Latvia.
   +381 Serbia.
   +563 Valparaiso.
   +370 Vilnius.
   +255 Tanzania.

Don't answer  or Call back.
Also, Don't Press
#90  or  #09
on your Mobile when asked by any caller.

It's a new trick which is being used to access your SIM card, make calls at your expense and frame you as a criminal.

PLEASE FORWARD this message to as many friends as you can to stop any intrusion!!!

From

Cyber Crime Department
Betish life:
Murtii Dhaddacha Ijjibbaataa Mana murtii Waliigalaa Federaalaa lakk.galmee 239626 ta'en gaafa guyyaa 06/02/2016 (kan hin maxxanfamne) kennen, himatamaan himannaa isa irratti dhiyaate guutumatti ykn gartokkeen amanee, sababa deebii fooyyeessu isatiin deebii fooyya'ee dhiyaate irratti yoo waakkatee/haalee fuudhatama argachu hin qabu. Of eeggannoon amani yoo amantee keessa deebi'un hin taatu jechuudha.

DHIMMWF lakk galme 275196 ta'e dhaddacha gaafa 27/06/2017 oleen Mirga wabii yakka namaan daldaluu fi seeraan ala daangaa ceesisu daddabalamaan nama himatame ilaalchisee Murtii dirqisiisa kanneera.
==========================
Dubbiin akkana.  Himatamaa  yakka namaan daldaluu fi seeraan ala daangaa ceesisuu ittisuu fi toohachuuf  bahe Labsii Lakk 1178/2012 kwt-12 fi 18(1) jalatti himannaawwan 10n himatee jira. ==========================
Himatamaanis yakki ittiin himatame mirga wabii kan dhoorku waan hintaaneef wabiin akka bahu Mana murtiitti iyyannoon mirga wabii gaafate.
==========================
AA yaada kenneen himatamaan  yakka daddabalamaa himannaawwan 10 jalatti himatamuu isaa fi balleessaa yoo jedhame waggaa 15n ol adabamuu waan danda’uuf bu'ura  SDFY kwt-63 mirga wabii kan dhoorku ta’uu fi otuma hindhoorku jedhameeyyuu yakkichii fi adabbiin hordosiisu ulfaataa waan ta’eef himatamaan mirga wabiin yoo bahe sodaatee baduu danda’a waan ta’eef SDFY kwt 67(1(a)) tiin gaafichi kufaa akka ta’u jechuun mormee ture.
==========================
Manni Murtii sadarkaa  jalqabaa Fedraalaa yaaduma AA fudhatee himatamaan balleessaa yoo jedhame adabbii itti murtaa’uu danda’u sodaatee baduu waan maluuf wabiin yoo bahe dirqama wabummaa seene kabajee ni dhiyaata jedhamee kan amanamuu miti jechuun mirga wabii himatamaan gaafate  kufaa godhee ture.
==========================
Kanumaan dubbiin DHIMMWF gahee ijibbaanni murtii kanneen Murtii Manneen Murtii jalaa dogongora hiikkoo seeraa bu’uraa qaba jechuun diigee himatamaaf mirgi wabii eegamuu qaba jechuun  murtii Manneen murtii jalaa diigee manni murtii sadarkaa  jalqabaa wabii gahaa jedhu waamaisee toohannaa jalaa himatamaa  akka baasu qajeelfamaan dhimmicha itti deebisee ture.
==========================
Sababiin DHIMMWF ibse 1ffaan  himannaawwan 10n himatamuun adabbii hidhaa waggaa 15 oliin adabsiisuu akka danda’u ifa ta’ullee kophaa isaa otuu hintaane miidhaa gahe waliin ilaalamuu qaba.
Miidhaan gahe immoo waan hinjirreef adabbii waggaa 15 ol adabsiisuu kan danda’u ta’uun kophaa isaatti ulaagaa SDFY kwt  63 kan guutu waan hintaaneef sababiin gama kanaan dhiyaate bu’ura seeraa hinqabu jedheera.
==========================
Sababiin 2ffaa himatamaan ulfina yakka raawwatee fi adabbii ulfaataa itti murtaa’u gamanumaan sodaatee baduu danda’a sababa jedhu ilaalchisee jalqabarratti yakka ulfaataan himatamuun bakka seerri ifatti mirga wabii daangessu hinjirretti adabbii cimsuu ykn ulfeessuu irraan kan hafe mirga wabii dhoorkuuf rogummaa hinqabu.
==========================
Adabbii sodaachuu danda’a kan jedhus adabbii sodaachuun amala uumamaa nama hundaati malee amala addaa himatamaa kan qofaa waan hintaaneef sababii biroo gahaa ta’een yoo deeggarame malee kophaa isaatti SDFY kwt 67(1(a)) kan guutuu miti.
==========================
Sababiin 3ffaan sababiin AA kaasee fi Manni Murtii jalaa mirga wabii himatamaa ittiin daangesse hiikkoo dirqisiisaa sababoota lamaan olitti ibsaman kana caqasuun kanaan dura galme Lakk 67874, Lakk 131863, Lakk 134228 fi lakk 253740 irratti kennamee tureen fudhatama kan hinqabne  tahuu  kanaan dura murtiin dirqisiisaan kannamee ture waan ta’eef murtiin Manneen Murtii jalaa hiikkoo duraan kenname kanas kan hinhordofnedha.
==========================
Waliigalatti yakkoota dachaan daddabalamaan himannaawwan hedduu himatamuun, yakki ulfaataa ta’uu fi adabbii ulfaatu kan hordofsiisu ta’uun qofaa isaatti bu'ura  SDFY kwt-63nis ta’e kwt- 67(1(a))tiin mirga wabii  daangeessuuf gahaa akka hintaane murtiin kun hiikkoo duraan kennamee ture irra deebiin yaadachiisuun kan cimsedha.
==========================
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Dhaaltotni lafa dhaalaa waliin qaban (dhaalan) irratti dhaaltuun tokko yoo mana ijaare manni kun qabeenya eenyuu ta’a?
===
Dhaaltummaan akkaataa Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 942 fi itti aananii jiraniin erga qulqullaa’ee xumuramee booda qabeenyi dhaalaa hafu sababa adda addaatiin dhaaltotaaf osoo hin qoodamin hafuu ykn turuu danda’a.  Dhaaltummaa qulqulleessuun waantota baay’ee akka of keessatti hammatu quba qabaachuu qabdu. Fakeenyaaf dhaaltotni du’aa eenyu fa’ii? Namootni dhaamoon taasifameef jiru moo hin jiran? Yoo jiraatan qabeenya dhaalaa keessaa kam faa akka fudhatan dhamameef? Namootni du’aa irraa idaa qaban eenyu fa’i? Idaan barbaadamu hangam? Namootni du’aan irraa maallaqa ykn qabeenya qabu eenyu fa’ii? Hangam? fi kkf adda baasuu kanfaluu dabalatee hojiiwwan baay’ee of keessatti hammata. Akkaataa kanaan adeemsi qulquleessa dhaalaa erga xumuramee booda qabeenyi dhuma irratti hafu qabeenya waliinii dhaaltotaa qoodamuufii qabuudha.

Hanga akkaataa seerichaatiin gahee isaanii fudhatanitti qabeenyichi kan dhuunfaa dhaaltuu kamuu osoo hin taane qabeenya waliinii dhaaltotaa bu’uura seericha keewwata 1257-1277 jiraniin bitamuudha (seericha keewwata 1060 ilaalaa).

Haala kanaan qabiyyee qabeenya dhaalaa ta’e irratti dhaaltuun tokko ka’ee osoo dhaaltotni biroo isa hin mormin mana maallaqa dhuunfaa isaatiin yoo ijaare qabeenyummaan mana kanaa kan eenyuu ta’a? Kan nama ijaare sanaa moo kan dhaaltota hundaati jettu? Dhaddachi ijibbaataa MMWF dhimma kana ilaalchisee murtii dirqisiisaa galmee lakk. 178714 (jildii 27ffaa) irratti kenneen abbaan qabeenyummaa mana kanaa akkaataa seera hariirioo hawaasaa keewwata 1178 (1) fi 1179 (1) tiin kan nama ijaareeti malee qabeenya waliinii dhaaltotaa miti jechuun murteesseera. Murtii kana akkamitti ilaaltu? Manichi kan dhuunfaa nama ijaareti yoo jedhame lafti hunda dhaaltotaaf qabiyyee waliinii ta’e kan eenyu ta’a? Manaa fi lafa manichi irratti ijaarame hoo adda baasanii ilaaluun ni danda’amaa? Murtii dirqisiisaa dhaddachichi galmee lakk. 242314 ta’e irratti Abbootii Seeraa 7’n kenne waliin hoo akkamitti ilaalama? Mee irratti haa mari’annu!

https://t.me/http_Ijooseeraa
2
Forwarded from Muhammedteyib Nure:Judge
ሰበር መዝገብ 244308.docx
46.5 KB
𝐇𝐈𝐈𝐊𝐎𝐎 𝐒𝐄𝐄𝐑𝗔𝐀 𝐃𝐇𝐀𝐃𝐃𝐀𝐂𝐇𝐀 𝐈𝗝𝗜𝐁𝐁𝐀𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐇𝐀𝐀𝐑𝐀𝐖𝗔:
𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝗴𝗮𝐥𝗮𝗮 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 𝟮𝟒𝟒𝟑𝟬𝟖 ta'e irratti "qabiyyee Lafa Magaalaa seeraan ala nama jalàa qabame gadi lakkiisiisuuf himannaan dhiyaatu darbiinsa yeroo waggaa 10/kudhaniitiin daangeeffama" jechuun hiikoo dirqisiisaa kenneera.
Ammaan dura hiikoo Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa lakkoofsa galmee 43600 ta'eetiin himannaan qabiyyee Lafa Magaalaa gadi lakkkisiisuuf dhiyaatu darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu jedhamee hiikoo dirqisiisaa Lakkoofsa Galmee 210477 ta'e irratti Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatiin murtaa'ee kan ture Abbootii Seeraa torbaan Lakkoofsa Galmee 244308 ta'e irratti jijjiiramee jira.
3
Beeksisa Qaxarrii Abukaatoo Ittisaa Manneen Murtii Anaalee Godinaa Baalee.
Murtii Mana Murtiitiin  abbummaa daa’imaa mirkaneessuun wal qabatee  garee falmitootaa irraa osoo hin kaane Manni Murtii murtii haqaa kennuuf barbaachisaadha jedhee fudhachuun DNA n akka qoratamuuf yeroo ajajutti baasii qorannaa  eenyutu  haguuga? ==========================================================
MMWFDHIJ murtii hin maxxanfamne galmee lakk. 236817 ta’e irratti dhaddacha gaafa 28/06/2015 kenneen ooleen kan kanaan gadii jedheera.====================================================
🫱🏿Gareen DNAn naaf haa qoratamu jedhu baasii qorannaa taasifamuuf bahu haguuguuf itti gaafatamummaa akka qabu galmee lakk. 63195 ta’e irratti murtii dirqisiisaan kennamee tureera. ============================================================
🫱🏿Gareen bitaaf mirgaa osoo hin gaafanne,Manni Murtii murtii haqaa kennuuf barbaachisadha  jechuun fudhatee  akka ragaa dabalataatti  DNAn qoratamee akka dhiyaatu yoo ajaju baasiin sababa kanaaf bahu-baasii sababa falmiitiin bahu waan ta’eef, yeroo falmiin xumuramutti garee injifatamutu haguuga.=========================================================
Kanaaf Manni Murtii garee falmitootaa keessaa inni tokko  akka haguugu taasisuun yookaan Dhaabbata Mootummaa yookaan Dhaabati Miti Mootummaa  baasii kana haguuguu danda’an ajajuun  yookaan karaa biraa akka haguugamu taasisuun DNAn akka qoratamu taasisuu-,akkaataa ajaja kennameen raawwachiisuuf diddaan yoo jiraate , Manni Murtii ajaja itti  aanu kennuu qaba. ====================================================================
Gareen baasii  qorannaa haguuguun DNA qorachiisi jedhamee dhaddacha irratti  itti himame- baasii hin haguugu jedhee deeme - abbaa ta’uu isaa isaa of irratti waan beekeefidha  jechuun tilmaamni fudhatamee Murtiin kennamu  dogngora Seeraa sirna fudhiinsa ragaa ilaallatudha  jechuun kan murteesse yoo ta’u,=================================================================
Dhimma wal fakkaataa  galmee hin maxxanfamne  lakk. 236184 ta’e irratti Murtii  kennameenis - Iyyataan DNA qorachiisi jedhamee ajajni kennamee -innis  baasii ittiin qorachiisu hin qabu jechuun osoo hin qorachiisiin hafeera. Kanaaf Murtiin-Iyyataan DNA sababa hin qorachiisiin hafeef gama biraatiinis akka abbaa daa’imaa hin taane ragaa faallaadhaan sababa hin mirkaneessineef- abbaa daa’imaati jedhamee  kenname dogongora Seeraa Sirna fuudhiinsa ragaa ta’uu ibsuun   erga diigee booda  akkaataa adeemsa olitti ibsame hordofuun qulqulleeffamee, barbaachisaa yoo ta’es ragaa dabalataatiin qulqulleessuun Murtiin akka kennamuuf Mana Murtii jalaatti gadi deebisee jira.Murtii Hin maxxanfamnehttps://t.me/http_Ijooseeraa
1
Adeemsa Filannoo Keessatti, Haala Kenniinsa Sagaleetiin Walqabatee Namni Iyyannoo Dhiyeessuu Barbaadu Iyyannoo Isaa Kallattiidhaan Mana Murtii Aanaatti Dhiyeeffachuu Ni Danda'aa?

===✓✓====✓✓✓=====✓✓✓✓

Kenniinsa Sagaleetiin Walqabatee Namni Komii Qabu Adeemsota Armaan Gadii Hordofee Komii Isaa Dhiyeeffachuu Ni Danda'aa.

1) Sadarkaa Jalqabaa: Hogganaa Buufata Filannoo (Labsii Lakk.1394/2017 kwt 2(3)fi qajeelfamoota biroo)
👉Hogganaan Buufata Filannoo osoo adeemsi Kenniinsa Sagalee hin xumuramin murtii isaa barreeffamaan nama iyyate ni beeksisa; iyyataan sagalee isaa yeroof akka kennu hayyamuus ni danda'a. (Duraa Duuba armaan gadii eeggatee)

2) Oliyyannoo Jalqabaa: Koree Iyyannoo Dhageessuu Naannoo Filannoo (Labsii Lakk.1162/2011 kwt 154(3)fi qajeelfamoota biroo)
👉Asitti iyyannoon kan dhiyaachuu qabu sagaleen lakkaawamee osoo hin xumuramin dura ta'uu qaba.

3) Oliyyannoo 2ffaa: Naannoleetti Mana Murtii Aanaa (Labsii Lakk.1162/2011 kwt 154(4) fi qajeelfamoota biroo)

Hubachiisa:

Adeemsi kun iyyannoo Haala Kenniinsa Sagaleetiin Walqabatee Dhiyaatu qofa kan ilaallatudha. (Komii Yeroo Galmeessaafi Sagalee Lakkaawuu, akkasumas bu'aa ifa taasisuu Dhiyaatu hin ilaallatu jechuudha)
Seerichi, bifa daangaa yeroo fakkaatuun, komiin akkasii sagaleen walitti ida'amee osoo hin xumuramin dura dhiyaachuu akka qabuufi Manni Murtii Aanaa Iyyannoo akkasii kallattiidhaan (Akka Qajeeltootti) simachuu akka hin dandeenye haala agarsiisuun tumeera.
Labsiin Lakk.1162/2011 kwt 152(6) jalatti, qaamoleen komii dhagahan ragaa iyyannoon dhiyaate kan dhaqqabeen ta'uu agarsiisu, kan guyyaafi sa'atii itti isaan dhaqqabe ibsu kennuu qabu jechuun bifa dirqisiisaa ta'een tumeera. (Kun tumaa addaafi murteessaadha. Tarii, nama iyyannoo dhiyeesseef furmaanni yeroodhaan kan hin kennamne yoo ta'e, ragaa kennamuuf kana qabachuun darbanii qaama itti aanutti komachuun akka danda'amu kan agarsiisudha )

    Join:-
@desberofMM

            Desalegn B.

https://t.me/http_Ijooseeraa
Haala Itti Himannaan Yakkaa Akka Fooyya'u Ajajamu Ilaalchisee
=====//======//=======//======
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 21/02/2011 ooleen Lakk.Ga.155789 (Jildii 23ffaa) ta’e irratti kenneen:

"Bu’uura sdfy kwt 119tiin himannaan yakkaa akka fooyya’u kan taasifamu tarreeffama himannaa keessatti dhimmi murteessaan ibsamuu qabu osoo hin ibsamin yoo hafe ykn dhimmi osoo hin ibsamin hafe ykn dhimmi dogoggoraan ibsame himatamaa dogoggorsiisuu danda’a jedhamee yoo amanamedha. Gama birootiin, abbaan alangaa firiiwwan dubbii himannaa isaa keessatti tarreesse ragaadhaan mirkaneessuu ykn mirkaneessuu dhabuun isaa, fi bu’aa isaa ilaalchisee manni murtii gudunfaa dhumaa irra kan gahu erga ragaan dhagahamee booda ta’uun isaa sdfy kwt 141 irraa ni hubatama. Seerri deemsa falmii yakkaa kwt 112 jalatti tarreeffamni ibsa yakkaafi haalli raawwii himannaa yakkaa keessatti ibsame haala tumaa seeraa gochicha yakka taasise waliin walitti dhiyaatuun qophaa’uu qaba kan jedhames manneen murtii gochi raawwatame ulaagaa tumaa ibsamee guutuufi dhabuu isaa ragaa irraa kan mirkaneeffatu ta’uu isaa nama hubachiisa. Haala kanaan, dhimmi dogoggoraan ibsame ykn dhimmi murteessaan hin ibsamin hafe osoo hin jiraatiin, ragaanis osoo hin dhagahamin manneen murtii keewwatni fi tarreeffamni himannichaa waan wal hin simneef himannaan akka fooyya’u jechuun ajajuunifi yoo kun hin raawwatamne ta’e galmee cufuun, kaayyoofi sababa seera qabeessa himannaan itti fooyya’u jedhamee seeraan ibsame hin guutu. Kana malees, Manni murtichaa himannaa 1ffaa ilaalchisee sababa akkaataa ajajaatti fooyya’uu dhabuutiin himannaa 1ffaa ilaalchisee tarkaanfii fudhachuun isaa sirriidha osoo jedhameeyyu sababni seera qabeessi himannaa 2ffaa irratti murtiin akka hin kennamne taasisu osoo hin jiraatin darbuun dogoggora bu’uura seeraati  jedheera.

     Desalegn B.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Jemal Kumbi
PART IV.pptx
3.9 MB
Leenjii Seera Maatii irratti leenjifamtoota leenjii hojii duraa marsaa 19ffaaf kenname (PPt)