Tilahun Teshome - contract.pdf
31.5 MB
የውል ሕግ መሠረታዊ ነጥቦች
🤏
በፕ/ር ጥላሁን ተሾመ
https://t.me/binimoslawyer
Forwarded from Law students Union ️️️ (Tilahun Silesh)
Tilahun Teshome - contract.pdf
31.5 MB
የውል ሕግ መሠረታዊ ነጥቦች
🤏
በፕ/ር ጥላሁን ተሾመ
Evidence - Amharic.pdf
15 MB
የማስረጃ ሕግ ማብራሪያ
ክፍት የስራ ማስታወቂያ


ዐቃቤ ህግ ደ/ኦሞ ዞን
#Waliigalteen_Sirnaan_Mirkanaahuu_fi_Galmaahuun_Dinagdee_Biyyaaf_fi_Lammiilee_Keenyaaf_maaliif_Murteessaadha?
✍️ Biyya haqa, tasgabbii fi guddina dinagdee kabajju keessatti, waliigalteen bu’uura jireenya guyyaa guyyaati jechuun ni danda'am.
✍️ Bittaa fi gurgurtaa qabeenya hin sochoonee irraa eegalee hanga hojii daldalaa jalqabuutti, waliigalteewwan dinagdee keenya ijaaru.
Garuu humnii fi faayidaan waliigaltee inni dhugaan waliigalteen jiraachuu ykn raawwatamuu isaa qofa irratti osoo hin taane; sirnaan mirkanaa'uu fi galmaahuu irratti kan hundaa’udha.
✍️ Waliigalteen sirnaan mirkanaa'uun galmaa'e:
#1_Amanamummaa_fi_tilmaamamummaa_Seeraa_Uuma
✍️ Yeroo waliigalteen sirnaan mirkanaa’u (notarized), ragaa cimaa fi seeraa duratti amanamaa ta’a (seensa labsii lakkoofsa 922/2008 ilaali). Kunis falmii hir’isee, amantaa lammiilee, invastarootaa fi dhaabbilee gidduutti uuma.
#2_Guddina_Dinagdee_Jajjabeessa
✍️ Waliigalteewwan #sirnaan_galmaa’an, keessumaa kan qabeenya hin sochoonee fi daldalaa irratti hundaa’an, iftoomina fi nageenya uumu. Kunis invastimantii jajjabeessa, liqii argachuuf gargaara, akkasumas sirna gabaa sirrii deeggaru.
#3_Waliindhahuu_yknGowwoomsaa_fi_Malaammaltummaa_Hir’isa
✍️ Yeroo Sanadni waliigaltee sirnaan mirkanaa'u:
🙏 Hirmaattonni sirnaan beekamuun isaanii
🙏 Fedhiin ykn Eeyyamni(consent) isaanii dhugaa ta’uu
🙏 Sanadoonni sobaan kan qoohaa'an ta'uu dhabuun isaanii mirkana ta'a
✍️ Waliigaltee galmeessuun ammoo, waliigaltee ifa taasisa(since it is open for public information); kunis waliigalteen dhoksaa fi hojii dachaa ykn qabeenya tokko si'a lama gurguruu (double transaction) ittisa.
#4_Mirga_Qabeenyaa_Eega
✍️ Qabeenya hin sochoonee kanneen akka lafaa fi manaa, galmeessuun baay’ee murteessaadha. Kunis abbummaan isaa ifa, raawwatamaa fi nama sadaffaa irraa eegamaa akka ta'u taasisa waan taheef.
#5_Mirga_Lammiilee_Eega
✍️ Waliigalteewwan sirnaan mirkanaa’anii fi galmaa’an lammiileef faayidaawwan armaan gadii qabaatu:
👍 Mana murtiitti ragaa cimaa akka qabaataniif
👍 Gaaffiiwwan haqa qabeessa hin taanerraa eega.
👍 Bittaa fi gurgurtaa raawwatan keessatti ofitti amanamummaa akka qabaatan taasisa.
#6_Dinagdee_Biyya_Cimsa
✍️ Biyyi waliigalteen keessatti amanamu:
👉 Invastaroota hawwata
👉 Falmii seeraa hir’isa
👉 Bu’a qabeessummaa hojii daldalaa dabala
👉 Naannoo dinagdee tasgabbaa’aa uuma
#Walumaagalatti,
✍️ Mirkaneessii fi galmeessi ulaagaa salphaa qofa osoo hin taane meeshaalee seeraa murteessoo lammiileef eegumsa taasisanii fi guddina biyyaa keessatti gahee guddaa qabanidha.
👉 Adeemsa hojiiwwanii seerawoo ta'aniif iddoo haa kenninu; sababiin isaas waliigalteen wabii seeraa qabu, fuulduree wabii qabuu lammiilee fi biyyaaf ni mirkaneessa waan ta'eef
https://t.me/http_Ijooseeraa
Raawwii gaa’elaan walqabatee nikaan karaa maatii walfuutota biyya alaa jiraniif bakka isaan hinjirretti godhamu bu’ura seeraa niqabaa?==================================
Haala qabatama jiruu fi jireenyaa hawaasummaa irraan kan ka’e yeroo hedduu namoonni qaamaan argamuun fedhii isaanii kallattiin ibsachuun gaa’eela raawwachuu hindanda’an. Keessaayyuu lammiileen biyya kanaa sababa hojiitiin (irra caalaa dubartoonni) biyyoota Arabaa (biyya USA fi Auroppaas dhimmoonni akkasii nijira) deemuun lafuma jiran irraa karaa maatii isaanii biyya ofiitti nikaan yoo hidhamuuf ykn gaa’ela raawwatan baratamaadha. Garuu raawwiin gaa’ela ha haala kanaan raawwatamu seeraan kan hindhoorkamne ta’us qaamaan argamuun sababa humnaa oliitiin kan hindanda’amnee fi bakka bu’ummaan akka raawwatamu (nikaan hidhamu) sadarkaa federaalaatti Ministeera Haqaatiin, sadarkaa naannootti Mana Hojii Abbaa Alangaatiin (SMO) mirkanaa’ee eeyyamamuu akka qabu SMO kwt 29 jalatti tumamee jira.
Bu’ura kanaan nikaan beekamtii fi eeyyama Ministeera Haqaa ykn Mana Hojii Abbaa Alangaa malee karaa maatii walfuutotaa qofa bakka walfuutonni hinjirretti raawwatamu bu’ura seeraa hinqabu jechuun Dh Ijbta MMWF glm Lkk 247257 ta’erratti gaafa 06/02/2017 murtii haaraa sagalee caalmaan kennee jira.
Ulaagaan SMO keessatti raawwii gaa’elaaf haalduree ta’an hundi gaa’ela sirna kamiinuu raawwatu hundaaf raawwatiinsa akka qabu fi irraa maquun kan hindanda’amne ta’uus kanaan dura Dh Ijbt kun glm Lkk 213864 ta’erratti murtii hiikkoo dirqisiisaa ta’e kenneera.
Kanaaf walumaagalatti gaa’elli karaa sirna amantaa (nikaa)s ta’ee karaa sirnoota hafan seeraan beekamtii qaban lamaaniin raawwatamu walfuutonni lamaan qaamaan argamuun fedhii isaanii haala shakkii hinqabneen ibsachuu akka qabuu fi bakka bu’ummaan kan raawwatamu yoo ta’e sababa humnaa ol ta’een qaamaan argamuun kan hindanda’amne ta’uun Ministeera Haqaatiin ykn Mana Hojii Abbaa Alangaatiin yoo mirkanaa’e qofa fudhatama kan argatu akka ta’e hubatamuu qaba.
Garagalcha murtii Dh Ijbt glm Lkk 247257 irratti gaafa 06/02/2017 kennamee fuula Facebook Murawa Abbaa Kuraa irraa fudhatamuun gaditti dhoobamee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Forwarded from Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa (Getachew Tasew)
👍1
‎Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 16/09/2011 ooleen Lakk.Ga.167589 (Jildii 24ffaa) irratti kenne keessatti:

👉"Gaaffiin qooddii qabeenyaa dhaalaa gahee nam-tokkoo bu'uura godhachuun kan dhiyaate yoo ta'e, hanga iyyataan gahee isaa irratti hundaa'ee seerummaa gaafatetti tilmaama gahee isaatiin ala jiru irratti kaffaltii abbaa seerummaa akka kaffalu seerri dirqisiisuufi seerri tilmaama waliigalaa qabeenyaa dhaalaa irratti hundaa'uun aangoon hundee dubbii akka murtaa'u taasisu hin jiru" jedheera. (Labsii lakk. 25/88 (yeroo ammaatti lakk.1234/2013) kwt14, Sdfs Kwt 17 fi 225)

‎     Join:-
@desberofMM

‎.         Desalegn B.

https://t.me/http_Ijooseeraa
#Murtee dhaddacha ijibbaataa jildii 24ffaa👇👇👇🤔💁
==============================

⚖️ Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 210020 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 08/03/2014 ooleen
✏️''Namni tokko fuula isaa irra booksiidhaan dhawamee ilkeen isaa muraasni isii sossootee garuu ilkeeleen socho'an kunneen hangi tokko jidduma galeessaan sosso'uu fi san keessaa takka akka malee sossoote deebitee fayyuufii akkasumaas  sibiila ilkeetiin illee hidhamtee fayyuu akka hin dandeenyee fi dirqama buqqa'uu akka qabdu xalayaa yoo yaala yoo mirkaneesse himatamaan yakka miidhaa qaamaa cimaatiin seera yakkaa kew.555(B) jalatti itti gaafatamuu qaba jechuun murtee dirqisiisaa kennee jira.
Murtii kana murtii kanaan dura #Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 24ffaa Lakk.Galmee 168166 ta'een "namni
tokko yakka miidhaa qaamaa cimaa geessiseera jedhamee himatame gochicha raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirre ta'uu ragaan kan mirkanaa'e yoo ta'e,itti yaadee miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta'es miidhaan kan geessise boksiidhaan,fi teestaan ta'uu fi miidhaa cimaa itti yaadee raawwachuu kan hin mirkanoofne yoo ta'e,seera yakkaa kew. 555 jalatti tumameen ala seera yakkaa keewwata 556(1) jalatti balleessaadha jedhamee adabamuu qaba,namni tokko itti yaadee miidhaa qaamaa cimaa qaqqabsiisuu Abbaan Alangaa ragaa isaatiin hubachiisuuf(mirkaneessuuf) dirqama qaba"jechuun seera yakkaa kew. 23(2),111,112,555 fi 556(1) wal qabsiisuun Murtii laatee tureen walbira qabnee yeroo ilaallu ilkeen yoo bu'e miidhaa qaamaa cimaadhaan akka himatamuu ibsaa jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa