Hamza mohammed👉offical
356 subscribers
388 photos
144 videos
18 files
613 links
Nashiidaa daعwalee walaalo fi videolee bashannansiiftuu gara garaalee argachuuf channel kana 🌴join 🌴 godhaa

@hamzeshin
Download Telegram
#Erdogan| «Jabana Orodgaan»

Jabana Mootii Ordogaan Lakkoofsi Ijoollee Qur'aana Haffazanii Dabalaa Jiraachuun Himame

Turkiyaa Keessatti Erga Amiirri Ordogaan Taayitaa Qabatanii Baayyinni Ijoollee Qur'aana Haffazanii Shamarran Dabalatee Lakkoofsi Isaanii Kuma 138 Ga'ee Jira, Kana Qofa Osoo Hin Taane Wiirtuun Qur'aana Haffaziisu Jabana Ordogaan Keessa Ijaarame Baayyinni Isaa 1450 Ol Ta'ee Jira
#MaashaaAllah
⊙ Yoo Si Gammachiise SHARE Godhi

● Rabbi Umurii Isaa Haa Dheeressu

©Jechoota Gaggaarii
#Like_Share

Join

@Jechotagaggaarii @Jechotagaggaarii @Jechotagaggaarii
#InjifannooKuwater|
«Kuwater Yoo Injifattee Geeba Kaaste Hajjii Dhufu Miskiinota/Harka Qalleeyyii 100 Addunyaa Irraa Walitti Qabeen Maallaqa Kiyyaan Gara Hajjii 'tti Erga» Abbaa Qabeenyaa Biyya Kuwater 'tu Akkana Jedhe

Injifannoon Guyyaa Kaleessaa Kuwater Galmeessite Gama Kubbaa Miillaatiin Qofa Osoo Hin Taane Injifannoo Siyaasaa 's Nii Dabalata Kan Jedhanis Nii Jiru
Sababni Akkana Jedhaniifis Akkuma Beekamu Biyyoota Galoo Galaana Sawud Arabiyaa, Emirates, Dubayii Fi Kanneen Isaan Fakkaatan Afrikaa Irraas Egypt Dabalatee Duula Kuwater Irratti Erga Banuu Eegalanii Waggoota Lakkoofsisanii Jiru Kanumaan Wal Qabatee Wal Dorgommii Tapha Kubbaa Miillaa Tapha Ardii Eeshiyaa Dubayii Qopheessite Kana Irratti Sadarkaa Kuffisanii Darbu Irratti Guyyaa Lama Dura Gareen Biyyoolessa Sawudii Fi Kuwater Taphatanii Turan Haala Ajaayiba Ta'een Kuwater Injifattee Gara Xumuraatti Dabarte Sawud Arabiyaa Kuwatareen Injifatamuun Isaa Hedduu Dallansuu Keessa Isa Seensise
Tapha Biyyoota Siyaasaan Dubbii Keessa Wal Seensisanii Jiran Jedhamee Taphichi Xiyyeeffannoo Guddaa Keessa Akka Seenu Ta'ee Ture Haa Ta'u Malee Injifachuu Kuwater Biyyoota Garii Dallansiisee Ture Gad Aantummaan Siyaasaa Sawudiitti Dhaga'amus Hoogganaan Garee Biyyoolessa Sawud Arabiyaa "Kan Nuti Injifatamneef Jabina Taphattoota Kuwateriif Osoo Hin Taane Xiiqii Fi Miira Jaalala Biyya Isaanii Dhabuu Taphattoota Keenyaati" Jedhee Dallansuu Isaa Of Irraa Salphisee Ture

Eda Galgala Dorgommii Geebaaf Gareewwan Lammeen Kuwaateriif Jaappaan Wal Morkachaa Turan
Miidiyaaleen Emirates, Egypt Fi Xiinxaltoonni Isaanii Jibba Kuwateriif Qaban Irraa Ka'uun Tilmaama Isaanii Injifannoo Garee Biyyoolessa Jaappaaniif

Tilmaama Ol Aantummaa Raaganii Turan Kana Malees Namni Marti Akka Jaappaniin Deeggaruu Qabu Ibsanii Turan
Rabbiin Garuu Akka Isan Fedhanii Fi Hawwan Didee Injifannoo Harka Biyya Gootitti Harka Kuwateriin Kaa'e Guyyaa Kaleessaa Ol Aantummaa Kuwaateriin 3:1 Xumurame Halkan Edaa Kuwataroonni Gammachuun Guutamanii Yoo Bulan Faallaa Kanaa Diinonnii Kuwater Salphinaan Rifeensa Ofirraa Ciraa Bulan

Warri Sawudii Mo'amanii Diinummaa Kuwaater Labsanis Mootiin Kuwater Amiir Tamiim Garuu Injifannoo Gareen Biyyoolessa Kuwaater Galmeessise Irratti Ergaa Baga Gammaddanii Miidiyaa 'f Dubbatan Irratti Eda Galgala Akkana Jedhan
«Injifannoon Guyyaa Har'aa Galmaa'e Kan Kuwater Qofa Osoo Hin Taane Kan Araboota Maraati
Ijoollewwan Keenya Waan Qabdan Maraan Osoo Of Hin Qusatiin Kuwateriif Seenaa Haaraa Galmeessitan Baga Gammaddan Isiniin Boonnee Jirra
Deeggartoonni Garee Keenyaa Cina Dhaabbattanii Deeggarsa Gootan, Deeggarsa Gootaniif Baga Gammaddan Baga Gammanne
Injifannoon Kun Kan Araboota Maraati Baga Gammanne Baga Gammaddan»
Jedhee Ergaa Baga Gammadanii Isaa Goolabe Mootiin Kuwaater

Waan Nama Ajaayibu Osoo Mootoliin Arabaa Teessuu Injifannoo Kanaan Baga Gammadde Jedhee Kan Ergaa Baga Gammaddanii Kuwateriin Ga'e Biyya Jaappaan Ture

Viva Qatar Kuwaater
«Deeggarsa Biyya Tokkoo Malee Geeba Kaaste Kuwaater Hedduun Si Jaallanna» Jedheen Barruu Kiyya Xumura

●«Injifannoo Kubbaa Miillaa Qofa Osoo Hin Taane Injifannoo Siyaasaa 's Nii Dabalata»
#MaashaaAllah

๏Yoo Si Gammachiise #SHARE Godhi

©Jechoota Gaggaarii

®Barruulee Nuti Maxxansinu Saffisaan Akka Isin Qaqqabaniif Like Share Godhaa

Join
@Jechotagaggaarii
@Jechotagaggaarii
@Jechotagaggaarii