Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
14.1K subscribers
5.69K photos
988 videos
38 files
1.53K links
Ka'i Qeerroo
Download Telegram
Duudhaalee MCBNO Ittiin Masakamu

Mirgoota dhala namaa addunyaan irratti waliigalamee fi biyyi kunis fudhatee mirkaneessite kabajuun akkauma jirutti ta’ee MCBNO yeroo cehumsaa kana keessatti duudhaalee armaan gaditti tarreeffaman mara ni kabaja, ni tiksa, ittiinis masakama:
Olaantummaa fi walabummaa ummataa: ummatni Oromiyaa walabaa fi mootummaa cehumsaa kana olitti abbaa aangoo olaanaa fi murteessaa ta’u isaa ni kabaja, ni tiksa.
Mirga dhala namaa fi mirga diimokraasii: MCBNO mirga dhala namaa fi mirga diimokraasii ummata Oromiyaa keessaa jiranii ni kabaja, ni tiksa.
Walqixxummaa korniyaa: MCBNO mirga walqixxummaa dhiiraa fi dubartiin ummata Oromiyaa ni kabaja, ni tiksa.
Olaantummaa heeraa FDRE fi heera Oromiyaa: Heerri FDRE fi heerri Oromiyaa seera olaanaa mootummaa Oromiyaa kamiiyyuu ol akka ta’e ni kabaja, ni tiksa. Seerri MCBNO baasu kamuu heera kana ni falleessa yoo ta’e fudhatama hinqabu.
Garaagarummaa mootummaa fi Amantii: MCBNO Oromiyaa keessatti mootummaa fi amantiin garagara ta’u ni kabaja, ni tiksa. Amantiin kan mootummaa ta’e hinjiru. Mootummaan dhimma amantii keessa hin seenu, amantiinis dhimma mootummaa keessa hinseenu.
Mirga sablammootaa (minority rights): MCBNO mirga sablamoota Oromiyaa keessa jiratanii ni kabaja, ni tiksa.
Itti-gaafatammumma mootummaa: mootummaan tajaajilaa fi jiruu hojjatu iftoominaan geggeessa, badii dalage kamuufu seeraan itti gaafatama.
Ajjeecha suukanneessaa Oromiyaa keessatti rawwaata jiru mursa.

(SQmudde 26,2021)
Qabsa'aan Ni kufa, Qabsoon galma ni ga'a.oromoo ajjeesuun qabsoo oromoo ajjeesuu miti.

baatii tokko duwwaa keessatti ilmaan oromoo badii takka malee oromummaa isaanii qofaaf rasaasaa #PP tin ajjeefamanii kan maqaan nu ga'e keessaa muraasa.

1. Beekumaa Qana'aa Wallaggaa Lixaa Gimbiitti

2. Kabaa Dheeressaa Wallaggaa Bahaa

3. Baqqalaa Innaangoo Wallaggaa Bahaa

4. Addisuu Abbabaa Wallaggaa Bahaa

5. Tarreessaa Ayyaanaa Matakkal

6. Habtaamuu Waggaarii Matakkal

7. Yohaannis Tarreessaa Matakkal

8. Mallasaa Habtaamuu Matakkal

9. Mangistuu Fayyisaa Matakkal

10. Jammaraa Fiqaaduu Matakal

11. Siraaj Huseen Walloo

12. Mohaammed Adam Xoohaa Walloo

13. Ahmeddiin Mohammed Jibriil Walloo

14.Aliyyii Abbeeroo Walloo

15.Mohammed Huseen Boruu Walloo

16. Ahmed Huseen Walloo

17.Mohammed Sayid Walloo

18.Sayid Huseen Walloo

19.Huseen Adee Walloo

20. Sayiduu Muhaalee Walloo

21. Abduu Aliyyii Walloo

22.Ahmed Huseen Walloo

23. Ahmed Kadir Walloo

24. Mohammed Haseen Walloo

25. Abdallaa Umar Walloo

26. Umar Ahmed Walloo

27. Ahmed Yusuuf Walloo

28. Ahmed Husee Walloo

29. Ahmed Yusuf Siraaj Walloo

30. Mohammed Ahmed Walloo

31. Umar Mohammed Musee Walloo

32. Hasan Huseen Walloo

33. Umar Ahmed Adee Walloo

34. Hasan Ahmed Arbiyyee Walloo

35. Ahmed Muhammed Walloo

36. Umar Muhammed Walloo

37. Ahmed Muhee Wallo

38. Adam Hasan Walloo

39. Abdallaa Umar Wallo

40. Xoohaa Adam Walloo

41. Aliyyii Hasee Bulee Walloo

42. Ahmed Aliyyii Gilaalaa Walloo

43. Taaddalaa Balaay Horroo Guduruu

44. Gammachuu Moosisaa Horroo Guduruu

45. Boontuu Xilahuun Horroo Guduruu

Qabsa'an kufe Qabsoon galma ga'
Waraanni Shifta PP Wallaggaa Bahaa Limmuutti mana uummataa gube.

(SQ-Mudde 26,2021)

Godina Wallaggaa Bahaa Aanalee adda adda keessatti Finxaaleyyiin Amaaraafi Waraannin Bilxiginnaa waliin ta'un uummataa Oromoo ajjeessuufi manaafi qabeenya jala barbadeessaa jiru .

Gochii hameenya kun waraanna PPn itti fufuun kaleessaa Mudde 25,2021 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Limmuu Ganda Mukarbaa jedhamutti Waraanni PP mana namoota qabeenya isaanii waliin guba jirachuu madden keenya nuuf himan.

Namoonni manni jala gubatee

1,Obbo Tasfaayee Asafaa
2,Obbo Yabbuu Raggaasaa kan jedhaman kan maqaan isaanii nuqaqqabe yoo ta'u kan manni jala gubatee heddudha jedhu madden keenya.!
Wayita ammaa ummatni Oromiyaa fi Oromiyaan rakkoo hamaa keessa jiru. Sirni bulchiinsaa diriiree ummataaf tajaajila kennu yoo maqaaf ta’e malee hinjiru. Oromiyaan lolli itti labsamee guyyaan ilmaan isii lubbuu kafalaa jiru.

Waraanni bakka adda addaatti ummatarratti baname humna waraanaa biyya keessa jiru irratti dabalatee waraana mootummaa Ertiraa galchee jira.
Dirreen Oromiyaa harki caalaan lafa waraanaati. Ummatni qe’ee fi qabeenyaarraa buqqifamani hari’atamaa oolu. Mannen qonnan bulaa fi horsiisee bula ibda itti qabsisanii guggubu.

Loon ni saamu. Dubartootaa ni gudeedu. Hidhaa fi dararri ummatarra gahu dangaa hin qabu. Keessattu, qeerroo fi qarreen karaarra deemuu hin dandeenye.

Yoo argaman ni ajjefamu, humnan gara adda waraannatti ergamu, ni reebamu ykn ni hidhamu. Kan dararaa kana jibbee jiruu fi jireenya isaa dhiisee falmiidhaaf bosona seenees lakkofsa hin qabu.

Seerri waanti jedhamu dhabameera. Mootummaa kan ofiin jedhu waan humna qabuuf qofa kan fedhe hojjachuu danda’a. Itti gaafatammummaa waanti jedhamu hinjiru. Gababaatti Oromiyaa keessa waan mootummaa fakkaatu wayii yoo ni jira jedhame malee mootummaan sirnaa hin jiru.

Oromoof Biyyi Oromoo Mootummaa Cehumsaa Biyyoolleessaa Naannoo Oromiyaan nageenyi ishee eegamuun shira maqaa adda addan itti deemu jala oluu dandeessi MCBNO Furmata siyaasa tokkicha!
Daandiin Harargee Finfinnee Qeeroo Bilisummaa Oromoofi uummataan cufamuun mormiin eegale.

(SQ-Mudde 26,2021)

Godina Harargee Lixaa Magaalaa Cirootti Qeerroon Bilisummaa Oromoofi uummanni duula Miniilik kan Bilxiginnaan uummataa irratti bane mormuun har'a Mudde 26,2021 daandii Harargee Finfinnee Wal qunamsiisu cufuun didatti jirachuun beekame.

Sirni PP Oromiyaa bakka hundatti duula maqaa Minilikiin Waraanna Bilisummaa Oromoofi Uummataa Oromoo irratti baneen bakka hundatti uummataa nagaa dararuutti argama.

Uummannis dararaa waraanni Bilxiginnaa isaarratti geeggeessa jiru kana mormuun falamaa jabeessee jirachuu madden SQ nuuf himan.
Qabeenya keenya Nutu eeggat


ABOn qabeenya uummata wareegama lubbuu qaqqaalii ilmaan Oromoon Ijaaramedha.

Abbummaan qabeenya ABO ummata erga ta'ee dirqamaa fi mirga Mooraa Qabsoo Bilisummaa gaafatu waliin qoodatu. Oromoon irbuu walqixa kaayyoo akeekamee galiin gahuuf gaafatamaa bu'uuraa waliin qabna.

Qabeenya waloo keenyaa diinoota kaayyoo QBO irraa ittifachuun dirqama lammummaati. ABOn kaayyoo dha kaayyoo Bilisummaa lammiilee Oromiyaa gonfachiisuuf walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu dha.

Gali Bilisummaa fi kallattii Mootummaa Cehuumsa Biyyooleessa Naannoo Oromiyaa ADDA BILISUMMAA OROMOOn labsamee sadarkaa caasaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo hundumtuu qooda keessa qaba hoggantoota godiinaalee waliin ta'uun sirna lammiilee OROMIYAA F gittu mirkaneessu saffisaan goolabamuu qaba.

MCBNO furmaataa fi tooftaa qabsoo biyya abbaa keenya Oromiyaa kufaatii diinaa irraa tikfachuu dha. Oromiyaa walaabomsuu , Birmadummaa fi Bilisummaa uummataa Oromoo mirkaneessuu fi karoorri ABO nu akeeke irree tokkummaan hirmaannaa sabummaa gumaachuun sirna nuuf malu ijaaruun murteessaa dha.
Oduu Gadaa

Waraanni maafiyaa bilxiginnaa guyyumaan ummata nagaya ajjeesuu itti fufee jira.

(SQ-Mudde 28, 2021)

Waraanni faashisti Abiy Ahmadiin hoogganamu ilmaan Oromoo siyaasa kam keessayyuu hin jirre ajjeesaa jira.
Guyyaa dheengaddaa Mudde 26, 2021 Shaggar Lixaa aanaa Ada'aa Bargaa ganda Karkarreessaa keessatti maanguddoo ganna 45 olii fi abbaa ijoollee 7 kan tahan Obbo Jifaaruu Gonfaa fi dargaggoo Fayyee Gabbisaa dhalataa ganda Odaa Daalotaa kan tahan karaa irraa qabuun erga hidhanii guyyuma san ajjeesan.

Guyyuma wal fakkaatutti Shaggar Kaabaa/Salaalee aanaa Dagam ganda Yaayyaa Haroo keessatti Obbo Tolii Tulluu fi ganda Qundee Agamsaa keessatti Obbo Tasfaayee Kabbabaa kanneen jedhaman rasaasa waraana shiftaa pp tiin rukutamuun ajjeefaman.
Obbo Tolii fi Obbo Tasfaayeen abbaan ijoolleeti.
Bara 2022 diinagdeen addunyaa yeroo jalqabaaf Doolaara Triiliyoona 100 caaluufi jedhame.
(SQ-Mudde 28,2021)
Raagni garee biyya British, British Consultancy Cebr akka mul’isutti, Diinagdeen Addunyaa bara 2022’tti yeroo jalqabaaf Doolaara Triiliyoona 100 gahuu danda’a.
Bu’uura raaga garee kanaatiin bara 2030’tti, Chaayinaan dursummaa diinagdee adduunyaa Ameerikaarraa fudhachuu dandeessi.
Diinagdeen Hindii ammoo bara 2022 kan France’n, bara 2023 ammoo kan Ingiliziin caaluuf nidanda’a.
Diinagdeen Jarman kan yeroo ammaa sadarkaa 4ffaa irratti argamu, bara 2033’tti Diinagdee Jappaan caaluun gara sadarkaa 3ffaatti dhufuu akka danda’us British Consultancy Cebr raageera.
United States, Chaayinaa, Jappaan, Jarmanii fi Ingiliz diinagdee jabaa horataniin sadarkaa 1- 5 hiriiruun, warra diinagdee addunyaa keenyaa dursaa jiran ta’uu ragaaleen ni mul’isu.
Bara 2022’tti dhimmi jabaan akkamiin diinagdee addunyaa Qaala’iinsa Jireenyaa mudatee jiruun wal simsiisnee deemuu dandeenya? kan jedhuudha jedhu Itti Aanaan Hogganaa Garee British Consultancy Cebr: Douglas Mc Williams.
Qaala’iinsi jireenyaa Ameerikaatti harka 6.8 gahuu akka fakkeenyaatti kaasuun, rakkoo diinagdee addunyaa ta’uu mala jedhan. Bu’uura ragaa qaama mootummaatiin Itoophiyaatti Qaala’iinsi jireenyaa waliigalaa harka 34 gahee jiraachuun nibeekama.!
Abiyyi Ahimad aangoo dhuunfaaf jecha Itoophiyaa dirree biyyoonni Baha Giddu galessaa faayidaa isaaniif jecha keessatti taphatan taasisaa jira jedhan, Prof Alex De Waal!.
(SQ-Mudde 28,2021)
Waraana Itoophiyaa keessatti deemaa jiruufi dirooniwwan waraanaa ilaalchisee beektonni fi xiinxaltoonni siyaasaa Gaanfa Afrikaa yaadaa fi xiinxala isaanii kennaatiin jiru.
Hayyoota kanneen keessaa tokko kan tahanii fi dhimmoota Itoophiyaa xiinxaluun kan beekaman Prof Alex De Waal tibba kana xiinxala bal’aa maxxansanii jiru.
Abiyyi Ahimad aangoo dhuunfaa isaa tikfachuuf jecha “Itoophiyaa Geo politica Baha Giddu galessaa keessa cuupheera; kunis, dararaa fi dhumaatii lammiilee biyyattii dheeressuu malee biyyattii gara nagaa fi tasgabbii waaraatti ceesisuu hin danda’u jedhan xiinxala isaanii kanaan.
Itti fufuudhanis, “Waraanni Itoophiyaa keessatti deemaa jiru haala hin eegamneen jijjiiramuu danda’eera kan jedhan hayyuun kun, Abiyyi Ahimadis yoo xiqqaate ammaaf bayyanachuu danda’eera; kanaaf ammoo qoodni biyyoota diroonii waraanaa isaaf dhiyeessaa turanii, kan Gamtaa Imireetota Arabaa, Turkii fi Iraan olaanaa ture jedhan.
“Torbanoota muraasa dura waraanni humnoota Tigraay Finfinnee qabachuuf fageenya xiqqootu hafe ture” kan jedhan Prof Alex De Waal, Humnoonni Tigraay haleellaa waraana Biltsiginnaa irratti fudhataniin milkii guddaa argatanii akka turan barreessaniiru.
Imala humnoonni Tigiraayi Finfinnee qabachuuf taasisaa turan irratti hawaasni addunyaa sodaa qabaataa turuu ibsan Prof Alex De Waal. “Haawaasni Idil-Addunyaa sagantaa siyaasaa kufaatii Abiyyi boodaaf tahu fudhatee amanuu hin dandeenye” jedhu.
Ummanii biyyattiis seenaa waggaa 27 darbanii sana waan beekuuf sodaa keessa galuu akka danda’ee fi kunis yaaddoo biraa akka uume xiinxala isaaniin kaasanii jiru.
Yaaddoo kana furuuf TPLF humnoota kaan wajjiin tumsa uummatee ture; Garuu Waraana Bilisummaa Oromoo ummata Oromoo biratti deeggarsa bal’aa qabuun alatti miseensonni tumsa kanaa hedduun dhiibbaa hagana jedhamu kan geessisan miti jedhu Prof Alex De Waal.
Dhumarrattis, Abiyyi Ahimad gidduu kanatti olola bal’aa biyyoota lixaa irratti taasisaa; gama biraatiin ammoo biyyoota akka Chaayinaa, Raashiyaa fi Baha Giddu galessaatti michoomuun, Itoophiyaa bakka biyyoonni kunniin faayidaa isaanii itti tarkaanfachisan akka taatu taasisee jira jechuun xiinxala isaanii xumuranii jiru.
Bilxiginnaan Magaalaa Mooyyaleetti lafa uummataa Oromoo irratti Wajjiraa mootummaa Naannoo Soomalee ijaarun uummataa laman walitti buusuf jirachuun dhagaa'ame.

(SQ-Mudde 28,2021)

Akka madden SQ Mooyyalee irra nuuf himanitti ijaarsi manneen Mootummaa naannoo soomalii ka qarqaarsa Mootummaa Xoophiyaatiin magaalaa Mooyyalee keessatti ijaarsa irra jira jedhu.

Bakkii ijaarsi kun itti eegale magaalaa Mooyyalee bakka caamuq jedhamuudha. Waraana asiin dura naannoo Oromiyaa fi Soomalii jidduutti deemamaa tureef ka'umsii ijaarsa manneen kanaa ture.

Asiin dura Mootummaan EPRDF aangoo siyaasaa isaanii dheereffachuuf haala kanaan Soomalii fi Oromiyaa waliin cabsaa ture. Ammallee impaayerichii aangoo siyaasaa isaanii dheereffachuuf akkuma barate godhaa jira.

Mooyyalee haga Nageellee Booranaatti lafeen kaleessa daangaa Oromiyaa cabuu dhowwuuf caccabe haga ammaa rimmeen hin nyaanne. Dhiigni kaleessa Mooyyaleetti dhangala'e ammallee hin qoorre jedhu madden.

Nyaaphii Mooyyalee dhuunfateera yo jennu, ragaa malee miti. Kan jedhan madden SQ Suuraan manaa ka mullatu kun bakka barana gootota kumaa olii itti dhamneedha. Hirkoo dhamne, gara itti ciqilfannu dhamnee rakkanne. Lafa saamamne. Jedhu.

Mootummaan Bilxiginnaa muddama keessa jiru gara dabarsuuf shira qopheesse uummanni daangaa irratti akka wal waraannuuf hojjecha kan jirudha.!
Kiiramuutti Finxaaleyyiin Amaaraa namoota nagaa 17 ajjeesan.

(SQ-mudde 29,2021)

Onkolooleessa 10/2021 irraa eegaluun Finxaaleyyiin Amaaraa kan Mootummaa Bilxiginnaan deeggaraman Godina Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruutti uummata Oromoo irratti haleellaa raawwachaa kan jiraniidha.

Haala kanaan, Mudde 27,2021 Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu Ganda Hashuu Kusaayee jedhamutti ganama bariin hidhattoonni Amaaraa namoota nagaa 17 ajjeesuun beekame.

Namoota ajjeefaman keessaa Maanguddoonnii fi Sabboontonni hawaasa naannicha keessatti dhageettii qaban kan akka Obbo Balaay Dinqaa ajjeefamuu odeeffanneerra.

Abbaa Warraa fi haadha Warraa akkasumas, Abbaa fi ilma dabalatee namoota 17 oltu ajjeefame jedhu maddeen keenya.

Namoonni ajjeefaman kan maqaan isaanii nu qaqqabe;

1.Balaay Dinqaa
2.Wayyeessaa Tamasgeen
3.Assabaa Wayyeessaa (Mucaa obbo Wayyeessaa)
4.Margaa Sabbuu
5.Warqiinee Libdii Haadha manaa obbo Margaa
6.Lalisee Margaa mucaa Obbo Margaa
7.Carqoos Galataa
8.Tola Carqoos ilma Obbo Carqoos
9.Nagarii lamuu
10.Malkaamuu Darajjee
11.Abarraa Mangistuu
12.Wayyeessaa Fufaa
13.Nugusee Galataa
14. Tasfaayee Balaay
15.Ruudee Hundarraa daa'imaa ji'a tokko waliin.
16.Abdiisaa Nugusee kan jedhaman yoo ta'u namni tokko ammaaf maqaan isaa adda hin baafamne.!

Naannichatti Finxaaleyyiin Amaaraa fi Bilxiginnaan xiyyeeffachuun irra deeddeebiin ajjeechaa suukaneessaa raawwachaa kan jiraniidha.