Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
14.1K subscribers
5.69K photos
989 videos
38 files
1.53K links
Ka'i Qeerroo
Download Telegram
Ummatni biyya dhabe; ummatni mirga hiree ofii murteeffachuu dhorkame; ummatni bilisummaa fi diimokraasii dheebote; Ummatni osoo nageenya barbaaduu jeequmsa keessa oolu; ummatni mootummaa isarratti falmu malee isaaf falmu hinqabne mootummaa dantaa isaa tiksuufi danda’u barbaada.

Bilxiginnaan afaan-fajjeessitoota, ayyaan-laallatoota fi danta-buleeyyiin kan dhaalame fi kaayyoo ummataa kan of-harkaa hinqabnedha.

Kanaaf, ABO fi KFOn haala siyaasaa amma jiru kana xinxalanii erga hubatanii bood beektootaa fi ummata wajjin marii gochuun Mootummaa Cehumsaa Biyyoolleessaa Naannoo Oromiyaa (MCBNO) dhaabaniiru.

Oromoo fi Biyyaa Oromiyaa olchuuf hireen Oromoo harka uummata Oromootti akka tikfamuuf furmaani Siyaasa tokkichi ijaarsa Mootummaa Cehumsaa Biyyoolleessaa Naannoo Oromiyaa jabeessuudha.
Gaazexeessaa fi barreessaa Tasfaayee/Gadaa/ Gabra'aab boqote

(SQ-Mudde 25,2021)

Gaazexessaa fi barreessaa gameessi Tasfaayee/Gadaa/ Gabra'aab umrii waggaa 53tti addunyaa kanarraa du'aan boqochuu maatiin isatti dhiyoo jiran BBCtti himan.

Tasfaayee Gabra'aab ji'ootaaf dhukkubsataa kan ture yoo ta'u, magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti wal'aansa fayyaarra osoo jiruu guyyaa har'a Muddee 25, 2021 lubbuunsaa dabarte.

Hojii og-barruu isaan akkaan kan beekamu Tasfaayeen, A.L.I Hagayya 22 bara 1960 maatii lammii Eertiraa ta'an irraa magaalaa Bishooftuutti dhalate.

Maatiin isaa Eertiraa ta'anillee daangaa Eertiraa irraa gara Itoophiyaa giddu gala biyyaa imaluun magaalaa Bishooftuu buufatanii ijoollees achitti horan.

Tasfaayeen yaadaa fi qalbiin isaa gara hojii og-barruu waan tureef umrii ijoollummaasaarraa eegalee barreessitoota hangafaa Itoophiyaa hedduu waliin michummaa cimaa qabaachaa akka turetu himama.

Tibba aangoon Dargii obba'uurra ga'e keessa raayyaa waraanaatti seenuun leenjii erga fudhatee booda osoo baay'ee hin turin mootummaan humna waraanaan bulchu(Dargiin) waan kufeef, ADWUI waliin deebi'ee magaalaa Finfinnee galee hojii gaazexeessummaan tajaajilaa ture.

Magaalaa keessatti dhalatee fi uummata Oromoof jaalala addaa akka qabu kan himu Tasfaayeen sirna moggaasaatiin Oromoomee, maqaan Gadaa jedhu kennamuufi hima.

Dhaabbata maxxansaa hojiiwwan ijoo mootummaa guyyuu raawwatamu maxxansuun beekamu Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti hanga hoji gaggeessaa olaanaa ta'ee tajaajiluutti kan ga'ee ture Tasfaayeen, wayita bulchiinsa isaa keessa gaazexaawwan maxxanfaman irratti fooyya'iinsi guddaan akka mul'atetu himama.

Tasfaayeen barruuwwan maxxanfaman keessatti barreessitoonni gameeyyiin akka hirmaatan gochuudhaan akkasumas maxxansaawwan dhuma torbeetti ba'an irratti jiijjiirama bu'uuraa taasisuun fooyya'iinsa ajaa'ibaa akka argamsiise waahillan isaa ragaa bahuuf.

Dabalataan barruu paartii biyya bulchaa ture-ADWUI-waliin hidhata cimaa qabu ''Iffooyitaa'' jedhamu hoogganuudhaanis ni beekama.

Tasfaayeen osoo Itoophiyaa jiruu ogummaa gaazexeessummaan cinaatti kitaabota hedduu maxxansiiseera.

Boodarra paartii biyya bulchuun waldhabuun Itoophiyaa keessaa miliqee Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Neezarlaandis fi biyyoota kaan keessa jiraateera.

Tasfaayeen erga hojii gaazexeessummaa dhaabee booda hanga du'aan addunyaa kanarraa boqotutti jireenyasaa guutuu kitaaba barreessuu irratti dabarsuun hanga kitaabota saddeetii barreesseera.

Hojiiwwan isaa saddeet caalan Afaan Amaaraan kan maxxanse barreessaan gameessi kun, kan daran isa beeksise asoosama dheeraa mata dureen isaa ''Ye burqaa zimmitaa'' jedhuudha.

Kitaabni asoosamaa kun namoota kitaabicha dubbisan hedduu irraa qeeqa hedduu itti kaaseera.

Isa boodas Tasfaayeen yaadannoowwan dhuunfaasaa hedduu, asoosamoota gaggabaaboo fi duudhaawwan irratti barreessuun dinqisiifannaa argateera.

Tasfaayeen hojiiwwan barreeffamaa isaan akkuma dinqisiifatamu, namoota hojiisaa hordofanii fi dubbisanirraas qeeqi guddaan isa mudataa tureera.

Hojiinsaa qabiyyeewwan hawaasa Itoophiyaa gidduutti dhibdeen akka uumamu taasisan irratti xiyyeeffatu jechuun namoonni baay'een ni qeequ.

Barreessaa Tasfaayee Gabra'aab wayita gaazexaa 'Ifooyitaa' hoogganaa turetti hanqina maxxansaa bara dargaggummaasaa mudachaa tureen hojiiwwan osoo hin maxxanfamin hafan walitti qabuun walitti aansuun akka maxxanfaman godheera.

Bara 1992-1993tti mata duree 'iffitaa' jedhu jalatti hojiiwwan kanaan dura osoo hin maxxanfamin hafan bifa kitaabaan qopheessuun kitaaba shanitti baasuun maxxansiiseera.

Dabalataan qabsoo TPLF irraa eegalee hanga ADWUI'n finfinnee galuuttti taateewwan turan kan seenessu kitaaba mata dureen isaa ''Taraaroochin Yaanqaxaqqaxee Tiwuld'' jedhu barreessee maxxanseera.

Tasfaayeen hojii ogummaa gaazexeessummaa fi barreeffamaan ADWUI keessatti adda durummaan hojiiwwan hojjetaa turee, boodarra dhibdee qondaaltota siyaasaa biyyattii waliin tureen Itoophiyaadhaa baqatee ba'uuf akka dirqame hime.
Erga Itoophiyaa gadhiisee ba'ee booda kitaabota iccitiiwwan qondaaltota ADWUI gidduu ture irratti xiyyeeffatan-''Ye Gaazexanyaawu Maastaawashaa'' fi ''Yedaraasiiwu Maastaawashaa'' jedhaman barreesseera.

Tesfaayeen erga Itoophiyaadhaa ba'ee biyyoota adda addaa keessa baqattummaan kan jiraate yoo ta'u, boodarra Eertiraatti galee guutummaatti hojii barreeffamaarratti xiyyeeffatee hojjechaa ture. Kitaabota hedduus barreesseera.

Tasfaayeen kitaabota hanga yoonaa maxxanse afaan Amaaraan kan barreesse yoo ta'u, muraasni isaanii garuu gara afaan ingilizii fi Afaan Oromootti hiikeera.

Gabaasi kan BBC Afaan Oromootti!
Wallaggaa Lixaa Homaatti Waraanni PP dargaggoota lama ajjeessun reeffa bineessa nyaachiise.

(SQ-Mudde 25,2021)

Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Hoomaa Ganda Siibaa Caarootti kaleessa mudde 24,2021 Waraanni Shifta PP Dargaggoota lama Dinquu Girmaa fi Sanbatoo Biraasa jedhaman badii tokko malee rasaasaan ajjeessan jedhu Madden SQ.

Waraanni shifta PP Dargaggoota kanneen erga ajjeessen booda uummanni reeffa akka hin awwalee dhorkun reeffa isaanii bineessi nyaate jedhu.

Obbolleettin Dinquu Girma kan taatee Wayinee Girmaa ajjeefamte torbee sadii osoo hin guutin kaleessa obboleessa ishees ajjeessu madden SQ nuuf himan.
Itoophiyaatti namoonni miliyoona 22 deeggarsa namoomaa barbaadu jedhe UN.

(SQ-Mudde 25,2021)

Bara faranjootaa dhufaa jiru kana keessa Itoophiyaatti namoonni miiliyoona 22 ta'an deeggarsa namoomaa akka barbaadan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Waajjirri Olaanaan Dhimma Deeggarsa Namoomaa(OCHA) beeksise.

Kutaalee Itoophiyaa hedduu keessatti lakkoofsi namoota deeggarsa namoomaa barbaadanii akkaan dabalaa jiraachuu waajjirri kun ibsaa isaa keessatti eereera.

Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti lakkoofsi namoota deeggarsa namoomaa jala jiranii kan bara darbe miiliyoona 8.1 ture barana ji'a Fulbaanaa keessa miiliyoona 9.4 ga'uu gabaasi Sagantaa Nyaataa addunyaa ni ibsa.

Sababa waraana waliiniitiin naannoo Amaaraatti lakkoofsi namoota deeggarsa namoomaa barbaadanii altakkaan miiliyoona 3.7 ga'eera.

"Waraana, hongee, weerara koronaavaayirasii fi dhibeewwan biroon walitti dabalamuun uummanni hedduun harka namaa akka eeggatan gochuu danda'u,'' jedha gabaasi OCHA.

"Balaan hongee naannolee Somaalee fi Oromiyaatti mudataa jiru akkaan yaaddessaadha,'' jedhe gabaasichi.

Rakkoo hanqina nyaataa irratti qorannoo gaggeessuun gabaasa baaseen, rakkoo yaaddessaa sadarkaa 3ffaa fi 4ffaa jedhamurra ga'eera jedheera.

Kanaafuu bara 2022 keessa namoota miiliyoona 22.3f deeggarsa kennuuf karoora qabas jedheera.

Madda: BBC
Duudhaalee MCBNO Ittiin Masakamu

Mirgoota dhala namaa addunyaan irratti waliigalamee fi biyyi kunis fudhatee mirkaneessite kabajuun akkauma jirutti ta’ee MCBNO yeroo cehumsaa kana keessatti duudhaalee armaan gaditti tarreeffaman mara ni kabaja, ni tiksa, ittiinis masakama:
Olaantummaa fi walabummaa ummataa: ummatni Oromiyaa walabaa fi mootummaa cehumsaa kana olitti abbaa aangoo olaanaa fi murteessaa ta’u isaa ni kabaja, ni tiksa.
Mirga dhala namaa fi mirga diimokraasii: MCBNO mirga dhala namaa fi mirga diimokraasii ummata Oromiyaa keessaa jiranii ni kabaja, ni tiksa.
Walqixxummaa korniyaa: MCBNO mirga walqixxummaa dhiiraa fi dubartiin ummata Oromiyaa ni kabaja, ni tiksa.
Olaantummaa heeraa FDRE fi heera Oromiyaa: Heerri FDRE fi heerri Oromiyaa seera olaanaa mootummaa Oromiyaa kamiiyyuu ol akka ta’e ni kabaja, ni tiksa. Seerri MCBNO baasu kamuu heera kana ni falleessa yoo ta’e fudhatama hinqabu.
Garaagarummaa mootummaa fi Amantii: MCBNO Oromiyaa keessatti mootummaa fi amantiin garagara ta’u ni kabaja, ni tiksa. Amantiin kan mootummaa ta’e hinjiru. Mootummaan dhimma amantii keessa hin seenu, amantiinis dhimma mootummaa keessa hinseenu.
Mirga sablammootaa (minority rights): MCBNO mirga sablamoota Oromiyaa keessa jiratanii ni kabaja, ni tiksa.
Itti-gaafatammumma mootummaa: mootummaan tajaajilaa fi jiruu hojjatu iftoominaan geggeessa, badii dalage kamuufu seeraan itti gaafatama.
Ajjeecha suukanneessaa Oromiyaa keessatti rawwaata jiru mursa.

(SQmudde 26,2021)
Qabsa'aan Ni kufa, Qabsoon galma ni ga'a.oromoo ajjeesuun qabsoo oromoo ajjeesuu miti.

baatii tokko duwwaa keessatti ilmaan oromoo badii takka malee oromummaa isaanii qofaaf rasaasaa #PP tin ajjeefamanii kan maqaan nu ga'e keessaa muraasa.

1. Beekumaa Qana'aa Wallaggaa Lixaa Gimbiitti

2. Kabaa Dheeressaa Wallaggaa Bahaa

3. Baqqalaa Innaangoo Wallaggaa Bahaa

4. Addisuu Abbabaa Wallaggaa Bahaa

5. Tarreessaa Ayyaanaa Matakkal

6. Habtaamuu Waggaarii Matakkal

7. Yohaannis Tarreessaa Matakkal

8. Mallasaa Habtaamuu Matakkal

9. Mangistuu Fayyisaa Matakkal

10. Jammaraa Fiqaaduu Matakal

11. Siraaj Huseen Walloo

12. Mohaammed Adam Xoohaa Walloo

13. Ahmeddiin Mohammed Jibriil Walloo

14.Aliyyii Abbeeroo Walloo

15.Mohammed Huseen Boruu Walloo

16. Ahmed Huseen Walloo

17.Mohammed Sayid Walloo

18.Sayid Huseen Walloo

19.Huseen Adee Walloo

20. Sayiduu Muhaalee Walloo

21. Abduu Aliyyii Walloo

22.Ahmed Huseen Walloo

23. Ahmed Kadir Walloo

24. Mohammed Haseen Walloo

25. Abdallaa Umar Walloo

26. Umar Ahmed Walloo

27. Ahmed Yusuuf Walloo

28. Ahmed Husee Walloo

29. Ahmed Yusuf Siraaj Walloo

30. Mohammed Ahmed Walloo

31. Umar Mohammed Musee Walloo

32. Hasan Huseen Walloo

33. Umar Ahmed Adee Walloo

34. Hasan Ahmed Arbiyyee Walloo

35. Ahmed Muhammed Walloo

36. Umar Muhammed Walloo

37. Ahmed Muhee Wallo

38. Adam Hasan Walloo

39. Abdallaa Umar Wallo

40. Xoohaa Adam Walloo

41. Aliyyii Hasee Bulee Walloo

42. Ahmed Aliyyii Gilaalaa Walloo

43. Taaddalaa Balaay Horroo Guduruu

44. Gammachuu Moosisaa Horroo Guduruu

45. Boontuu Xilahuun Horroo Guduruu

Qabsa'an kufe Qabsoon galma ga'
Waraanni Shifta PP Wallaggaa Bahaa Limmuutti mana uummataa gube.

(SQ-Mudde 26,2021)

Godina Wallaggaa Bahaa Aanalee adda adda keessatti Finxaaleyyiin Amaaraafi Waraannin Bilxiginnaa waliin ta'un uummataa Oromoo ajjeessuufi manaafi qabeenya jala barbadeessaa jiru .

Gochii hameenya kun waraanna PPn itti fufuun kaleessaa Mudde 25,2021 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Limmuu Ganda Mukarbaa jedhamutti Waraanni PP mana namoota qabeenya isaanii waliin guba jirachuu madden keenya nuuf himan.

Namoonni manni jala gubatee

1,Obbo Tasfaayee Asafaa
2,Obbo Yabbuu Raggaasaa kan jedhaman kan maqaan isaanii nuqaqqabe yoo ta'u kan manni jala gubatee heddudha jedhu madden keenya.!
Wayita ammaa ummatni Oromiyaa fi Oromiyaan rakkoo hamaa keessa jiru. Sirni bulchiinsaa diriiree ummataaf tajaajila kennu yoo maqaaf ta’e malee hinjiru. Oromiyaan lolli itti labsamee guyyaan ilmaan isii lubbuu kafalaa jiru.

Waraanni bakka adda addaatti ummatarratti baname humna waraanaa biyya keessa jiru irratti dabalatee waraana mootummaa Ertiraa galchee jira.
Dirreen Oromiyaa harki caalaan lafa waraanaati. Ummatni qe’ee fi qabeenyaarraa buqqifamani hari’atamaa oolu. Mannen qonnan bulaa fi horsiisee bula ibda itti qabsisanii guggubu.

Loon ni saamu. Dubartootaa ni gudeedu. Hidhaa fi dararri ummatarra gahu dangaa hin qabu. Keessattu, qeerroo fi qarreen karaarra deemuu hin dandeenye.

Yoo argaman ni ajjefamu, humnan gara adda waraannatti ergamu, ni reebamu ykn ni hidhamu. Kan dararaa kana jibbee jiruu fi jireenya isaa dhiisee falmiidhaaf bosona seenees lakkofsa hin qabu.

Seerri waanti jedhamu dhabameera. Mootummaa kan ofiin jedhu waan humna qabuuf qofa kan fedhe hojjachuu danda’a. Itti gaafatammummaa waanti jedhamu hinjiru. Gababaatti Oromiyaa keessa waan mootummaa fakkaatu wayii yoo ni jira jedhame malee mootummaan sirnaa hin jiru.

Oromoof Biyyi Oromoo Mootummaa Cehumsaa Biyyoolleessaa Naannoo Oromiyaan nageenyi ishee eegamuun shira maqaa adda addan itti deemu jala oluu dandeessi MCBNO Furmata siyaasa tokkicha!
Daandiin Harargee Finfinnee Qeeroo Bilisummaa Oromoofi uummataan cufamuun mormiin eegale.

(SQ-Mudde 26,2021)

Godina Harargee Lixaa Magaalaa Cirootti Qeerroon Bilisummaa Oromoofi uummanni duula Miniilik kan Bilxiginnaan uummataa irratti bane mormuun har'a Mudde 26,2021 daandii Harargee Finfinnee Wal qunamsiisu cufuun didatti jirachuun beekame.

Sirni PP Oromiyaa bakka hundatti duula maqaa Minilikiin Waraanna Bilisummaa Oromoofi Uummataa Oromoo irratti baneen bakka hundatti uummataa nagaa dararuutti argama.

Uummannis dararaa waraanni Bilxiginnaa isaarratti geeggeessa jiru kana mormuun falamaa jabeessee jirachuu madden SQ nuuf himan.
Qabeenya keenya Nutu eeggat


ABOn qabeenya uummata wareegama lubbuu qaqqaalii ilmaan Oromoon Ijaaramedha.

Abbummaan qabeenya ABO ummata erga ta'ee dirqamaa fi mirga Mooraa Qabsoo Bilisummaa gaafatu waliin qoodatu. Oromoon irbuu walqixa kaayyoo akeekamee galiin gahuuf gaafatamaa bu'uuraa waliin qabna.

Qabeenya waloo keenyaa diinoota kaayyoo QBO irraa ittifachuun dirqama lammummaati. ABOn kaayyoo dha kaayyoo Bilisummaa lammiilee Oromiyaa gonfachiisuuf walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu dha.

Gali Bilisummaa fi kallattii Mootummaa Cehuumsa Biyyooleessa Naannoo Oromiyaa ADDA BILISUMMAA OROMOOn labsamee sadarkaa caasaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo hundumtuu qooda keessa qaba hoggantoota godiinaalee waliin ta'uun sirna lammiilee OROMIYAA F gittu mirkaneessu saffisaan goolabamuu qaba.

MCBNO furmaataa fi tooftaa qabsoo biyya abbaa keenya Oromiyaa kufaatii diinaa irraa tikfachuu dha. Oromiyaa walaabomsuu , Birmadummaa fi Bilisummaa uummataa Oromoo mirkaneessuu fi karoorri ABO nu akeeke irree tokkummaan hirmaannaa sabummaa gumaachuun sirna nuuf malu ijaaruun murteessaa dha.