Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
13K subscribers
5K photos
633 videos
34 files
1.27K links
Ka'i Qeerroo
Download Telegram
Qabxii hubannoo dhimma hiriira har’a Waxabajji 3,2019 dhoofame irratti

“Nuti barattoonni Oromoo saba keenya Oromoof baranne. Oromoon alatti abdiis gammachuus hinqabnu. Kanaaf miidhamni saba keenyaa nutti dhagaa’ama. Miidhamni Oromoo nu dhukkubsa” jedhu barattoonni Yuunibarsiitii Oromiyaa keessa.

Hiriirri mormii barattoota Yuunibarsiitii Mattuu fi barattoota Yuunibarsiiti Amboon dhohee jira. Kaayyoon hiriira hayyoota barattoota Oromoo qaroowwan sabaa kanaan bahamee gocha fokkisaa maqaa sakattaa WBO dhahatee Oromoo irratti raawwataa jiru kan balaaleffatudha. Akkasuma barattoonni Yuunibarsiitiilee kunneen waraana mootummaa nama ajjeesaa, nama hidhaa fi nama dararaa tureef jiru irraa abdii dirree dimokiraasii bal’isee waraana uummataa nuuf ta’a waraanni mootummaa jedhu hinqabnu jechuurraa, waraanni uummataaf dhaabbatu WBO ta’uutti amanna kanaaf shira WBO balleessuuf koreen teknikaa fi mootummaan wal ta’anii shiraa jiran nii balaaleffanna dhaadannoo jedhu of keessaa qaba.

Kunis maqaa koree Teknikaa dhahachuun miseensa nama 71 qabna jechaa murtii namni lama uummata Oromoo miliyoona 50 ol utuu hinmariisisin dabarse kan Oromoo bakka bu’u miti. Sochii WBO diiguuf godhamu irratti firaafiis diinaafis gara laafina hinqabnu ejjennoo jedhu qabu. Kun ammoo nageenya gaanfa Afrikaa keessaa yaaddeessaa ta’ee yeroo jirutti addatti uummata guddaa gaanfa Afrikaa Kuushiif haalli itti adeemaa jiru sodaachisaaf waraana isa tiksu waan barbaachisuuf waraanni WBO nagaaf dimokiraasii biyyattiii dhugoomsuuf gahumsas dandeettiis muxannoos kan waggaa dheeraa qabaachuu isaa biratti waraana aantummaa sabaa qabudha jechuurraa akeeka WBO dhabamsiisuu taasifamu balaaleffachuu ture.

Kanumaan wal qabatee addatti wanti barattoonni Yuunibarsiitii egeereef abdatamoon Oromiyaa yaaddoo itti naquun hiriiraaf akka bahan taasise gochaa mootummaan daguuggaa sanyii raawwachuuf dhukaasa summaa’aa qabatee lafa WBO’n jirutti sochii taasisaa jiru egeree hormaata uummata Oromoo naannoo summiin raayyaa itttisa biyyaan biifamee yaaddeessaa fi hanga ammaa waan qoratame dhabuurraa qaama hir’uu dhalachuuf dirqamuu mala uummatni naannoon summii itti biifame kanaa jechuudhaan yakka balaaleffatamuu qabu kana ofitti fudhatanii balaaleffatan.

Yakki barattoonni Yuunibarsiitii Oromiyaa mootummaa ittiin balaaleffatan kan amma raawwataa jiru kan ijaan argaa jiraniif maatii isaaniirraa gurraan dhagaa’aa jiranidha. Eenyuun olitti saba keenyaaf dhaabbachuuf baranne waan sabni keenya hinargin arguuf baranne kanaafis Oromoon nu abdata jechuurraa guutuu Oromiyaa keessatti labsii karaa nagaan mootummaan akka yakka raawwataa jiru dhaabuuf gaafachuuf hiriirri kun qindaa’e.

Hiriirri har’aa yoom dhaabbata? Oromoo mara bira nii gahaa?

Hiriirri har’a Waxabajji 3,2019 dhohe kun hanga galii qabsoo Oromoo galma bilisummaa sharafaan utuu hintaanee guutuu guutuutti argamsiisutti itti fufa. Hiriirri Qeerroo Bilisummaa dhoose hanga gaaffiin Oromoo barootaaf gaafatamaa ture deebii argatutti kan itti fufu ta’a. kunis guutummaa hawwaasa Oromoo alaaf keessa jiru mara bira gahuun Oromoon marti gaaffii dimokiraasiin nuuf ayyamu kana itti makamee akka gaafatuuf dhaamsa uummata keenyaaf dabarsaa jirra jedhu. Dhukaasa Summaa’aa yeroo yeroon mootummaan uummatatti lakkisaa jiru hormaata Oromoo egereef yaaddoo olaanaa ta’uu beekee Oromoon marti balaleffachuu qabas jedhu.

Hiriiricha danquuf sochiin nii taasifamaa?

Impaayeera Xoophiyaa keessatti gaaffiin haqaa ati gaafattu dabee deebii argata. Karaa gaafatteen dhiifamee karaa humnaan si dhabamsiisuu waan gaaffii gaafatteef si ajjeesuutti jarjartiin abbala sirni EPRDF. Kanaaf hiriira kana danquuf caasaan mootummaa gaaffii barattootaa kana maqaa balleessuuf sochii taasisuu malu. Keessattuu hiriirri kun akka waan gatidhabeessa ta’eetti miidiiyaa qaban gargaaramanii uummata afaanfajjeessuu malu. Kanaaf falli: Oromoof eenyuun olitti WBO tti aanee qaamni dhukkubsatu barataa Yuunibarsiitii ta’uu beektanii maqa balleessii hiriira kana danquuf oofamuuf utuu bakka hinlaatiin gaaffii barattoonni gaafatan kana deebii akka argatuuf gahee akka Oromummaatti nurraa eegamu
bahachuun fardiidha. Akeeka Mootummaan tokkummaa Oromoo diiguuf kutaan qoodee Kibba Oromiyaa fi Lixa Oromiyaa haala suukanneessaan dararaa jiru balaaleffachuun dirqama dhalootaaf dirqama Oromoo maraati. Tokkummaa dhiigaan argame diiguuf qaamota warraaqan mara dura dhaabachuudhaan tokkummaan qabsoofnee galii qabsichaa Bilisummaa waaraa akka argannuuf gaaffiin gaafannu itti fufa

Injifannoon uummata Oromoof
Miseensonni Shanee Gumii,GS ABOJ/Yaddii Abdiishukurii Fi J/Atoomsaa Kumsaa,Akkasumas Miseensi GS ABO J/Billoo Garbii Ayyaana Eid Bara Kanaa Sababeeffachuun Baha Oromiyaa Magaalaa Baddannoo Mana Maatii Gootota Qabsaawoota Oromoo Mirga Saba Oromoof Wareegamanii J/Burukso Boruu(Hogganaa ABO Dirree Bahaa),Irra Aanaa Qacalee(Ka Shinniggatti Shiftoota Sumaaleetiin HD.ABO J/Magarsaa Barii fi jaallan 9 Waliin Ajjeefame(Wareegame), J/Badhaasaa Ijjee (Itti Gaafatamaa Waajjira ABO Baha Oromiyaa) itti Argamuun Dubbisan.
Ayyaana Eid Waliin Dabarsan.
Hawaasa Magaalaa Baddannoo Waliinis Ayyaana Eida Kabajan.

Madda: Oromia News Network - ONN
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waxabajji 9,2019:
Qophii addaa Marii Qeerroo

Oduu gaggabaaboo!

Yuunibarsiitii Waraabee irraa barattoonni Oromoo guutummaatti mooraa gad-lakkisanii bahan.

Sirna Eebba kitaaba isaa irratti dargaggoo Amaanu'el Balaay humna mootummaan qabame

Ilmaan Oromoo irratti hidhaan jabaatee itti fufe.

Qabxii Marii Qeerroo:

Waraana Bilisummaa Oromoo WBO moo Raayyaa Ittisa Biyyaa Agaaziitu Shiftaadha?


Haala OPDO'n Habashaa gurmeessuun akkasumas Kaabinee isaanii waamanii WBO akka balaaleffatan goochuun isaaniinmoo uummata miidha?

Muummichi Ministeeraa ilaalcha artistoota Oromoof qabuu kan Artistoota Habashaaf qabu wal simaa?

OPDO'n sabboonummaa Oromoo quucarsuuf maaliif hojjetu?

Tokkummaan uummata Oromoo erga OPDO'n aangootti bahee nii jabaatemoo nii diigame?

Muummichi Ministeeraa Sudaan deemee hidhamaa hiikuun akkamiin ilaalama?
Kora "Yaa'ii hoggansa Oromoo" jedhu Bitootessa 12,2017 irraa qabee hanga Kora OPDO'n maqaa ABO'n Soodareetti taa'ee dheengaddaatti shira ABO balleessuuf aggamaame

Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Adooleessa 19,2019
Finfinnee Oromiyaa

"Qabiyyee Barruu kanaa
1. Shira 2. Kora Atlanta booda ABO'n waraana hinqabu jechuudhaan ifatti hololli eegale
Fedhiin Jaawar Mohaammad maali?

2. Shira 3. Hololli "Shanee" jedhu hedduu babal'achuu

3. Shira 4. Holola Qeerroo waan jedhamu hinjiru? Jedhu jalqabuu

4. Shira 5. Kora Soodareetti maqaa ABO dhahatee OPDO dhaan taa'ame?" Kan jedhudha. Dubbisa gaarii

Shira 1. Barri isaa bara 2017 ture. Yeroo qabsoon Oromoo finiinaa ture. Bara kana aarsaa qaalii akka sabaatti kaffalaa yeroo jirruuf akka dhuunfaattis bara wareegama barbaachisu Oromiyaa keessatti kaffalaa jirru keessattidha. Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo yeroo sanattis ta'e hanga har'aatti; 'jireenya gaarii jiraanna' qabsoo jedhuuf akka dhuunfaatti qabsoo gochaa turree ykn jirra utuu hintaane aarii fi booreen abidda labooba nutti qabsiisee "nuti daraggeessi Oromoo miliyoona sadii taana, nuti miliyoonni sadii dhumnee Oromoo miliyoona 47'f haa darbu" jennee wareegama lubbuu kaffaluuf Agaazii dura dhaabbannee wal ijaarree ABO dhaan hogganamnee qabsoo gochaa jirra ture.

Wayiita sanatti miseensonni KFO hedduun ilmaan Oromoo hedduun akkuma har'aa hidhaatti guuramaa jiru. Oromiyaa keessatti ajjeechaan akkuma har'aa guyyaa guyyaan Oromoo irratti raawwataa jira ture. Keessattu daa'immaniif maanguddoota dabalatee aarsaa qaqqaaliin wayiita baafamaa jiru, wayiita dhiigni ilmaan Oromoo akka galaanaatti lolaa'aa jiru keessattidha. Wayiita lafeen gootota qaalii lafeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi lafeen gooticha waraana Bilisummaa Oromoo WBO caccabaa kitimaa jiru keessatti maqaa qabsoon Oromoo hoggana filachuu qaba jedhuun miidiyaan OMN fi Jaawar Mohaammad ajandaa qindeessan.

Ajandaan sun ajandaa Diaspora yoo ta'u, maqaa hoggana qabsoo filachuu jedhu dhokfatee jalqaba lallaba "Tokkummaa paartilee qabsoo Oromoo" jedhuun korri waamame. Ajandaa sana gaafa eegalan Paartilee qabsoo Oromoo araarsinee tokkummeessina jechuudhaan ergalame. Sana keessatti dhaabni keenya ABO'n illee akka dhaaba Oromoo hangafaatti maqaa Tokkummaa Oromoo jedhuun korri waan waamameef argameera.

Korri sun garuu akka itti waamame hafee boodarra ammoo Yaa'ii hoggansa Oromoo filuu jedhu moggaafate. Jalqaba Tokkummaa Paartilee siyyaasaa kan jedhu yoo ta'u adeemsa keessa ammoo hoggana qabsoo filachuu kan jedhu qabate.

Kora sana kan qindeesse hoggana taasisees of dhiyeessuun dhiigaaf lafee gootota meeqa itti dhabametti abbummaa barbaaduun hawwiin ergalame.

Kana qofa utuu hintaane kora kana irratti gadi bahuudhaan maqaa Oromoo qaama qabuuf miidiyaa maqaa Oromoo qabuun WBO balaaleffachuun Walaloodhaan WBO abaaruun korichi ajandaa isaa olaanaa sana hojiirra oolfate.

Yeroo Oromoon biyya keessaa rasaasa Agaaziitiin dhumu sanatti, Humna ABO tinnisee asiin gahe humneessanii waraana jabaa taasisuuf Kan Oromoon hawwaa ture hafee, humna jiru Bosonatti abaaruun ajandaa diigdota qabsoo Oromoo isa olaanaa ta'uudhaan hojiin hojjetame.

Sun uummata Oromoo hunda dallansiise. Sanuu nama maqaa dhaabaa maxxanfatee jiru kan sobee waraana qabna jedhee lallabu paartii maqaa malee hojiin lafa irra hinjirre, paartii gaafa aangoo qoodamuuf jedhu lafa jiruu Shaanxaa gototee hiixatu namoota biyya alaatti jireenya mataa isaanii gaggeessaniin qabsaa'otni haqaa akka Bosonatti abaaraman, akka Bosonatti arrabsaman taasisame.

Shirri maqaa kora Atlanta sanaan ergales hoggana akkuma jedhe filachuudhaan obbo Baqqalaa Garbaa akka hoggana olaanaatti filuudhaan, Activist Jaawar Mohaammad ammoo itti Aanaa taasisuudhaan gudunfamuu yaale. Waan as keessatti Oromoo maratti gaaffii ta'e, Obbo Baqqalaa Garbaa osoo mana hidhaa jiranii mana hidhaatti itti murtaa'aaf bilisa bahuu kan hinbeekne qabsoo Oromoo miliyoonaan hogganamu nama mana hidhaa jiru irratti muududhaan qabsicha akka waan mana hidhaatti galchaniitti lakkaa'ame.

Shirri kora Sana booda ta'e isa olaanaa fi ija babaasaa kan ABO qofa balleessuu irratti fuul
leffate ta'ee, miidiyaalee irratti namootni maqaa actiivist of moggaasan nama ijaaranii Live fi barreeffama (qubni isaaniillee barreessu badaa kan hinbarre) hololaaf gadi yaa'an.

Korri sun akeeka ABO rukutuu qabatee ajandeffamee proposal hojjetame ta'ullee dhugaan dhaaba keenya ABO dhaabicha jiraachisuu irra darbee dagaagsees hundaan ol akka guddatee jiraatu taasise.

Shira 2. Kora Atlanta booda ABO'n waraana hinqabu jechuudhaan ifatti hololli eegale.

Hololli ABO'n waraana hinqabu. Waraanni badeera, waraanni bara Kamaal fi kaan keessaa yaa'an diigame jedhutu baname. Yeroo kanatti ciminni dhaaba keenya ABO Kan madaalame an waranaa qaba jedhee Video fi suuraan agarsiisuuf yaaluu dhiisee WBO utubuu fi ijaaruu irratti fuulleffannoon hojjete. Gaachana saba WBO humneessee waraana TPLF dura dhaabuuf murate hojjete.

Yeroo kanatti akka Oromoon WBO hintumsine holola garaagaraa banamu biratti, namootni maqaa miidiyaan maallaqa guutuudhaan "miidiyaa malee waraanni Oromo hinbarbaachisu" jechuunis eegale. Sanuu nama Oromoon dhugumaan Oromoof quuqamee rakkoo Sabaa gabaasaa jira jedhee abdatu gaafa miidiyaa malee waraanni nu hinbarbaachisu jedhu dhugaas itti fakkaate. Haala kana keessatti uummata Oromoo ko'omsuudhaan (Busy) taasisanii akka isaan waraana hindeggarre taasisan.

Hololli WBO'n Bosona hinjiru jedhus fagoo gahuun hafee utuu hinturin tarkaanfiin WBO karaa mootummaa illee gabaafamuu gaafa eegalu lafti Lixaa gartuu hololaa dhibe. Holollis holola ta'ee hafe. Kun hafee ammas humni WBO diigee ABO dhabamsiisee Oromoo baraan akka booha hafu gartuun hawwu ciisuu dide.

Shira 3. Hololli "Shanee" jedhu hedduu babal'achuu

Dhaaba Oromoo kan ta'e ABO'n wiirtuu hoggansaa maqaa "Shanee Gumii" jedhu Kan qabuuf, isaan kana biratti ammoo hoggana "Gumii Sabaa" jedhu Wal duraa duubaan kan qabu, Kan gaafuma hundeffame irraa ka'ee qabaataa ture kana keessaa jecha "Shanee" jedhu kutanii hololuun eegalame. Maqaa dhaabichaas ABO jechuu dhiisanii akka waan maaqaa biraa qabuutti lallaban. Miidiyaaleen Oromoof dhaabbatu jedhamanis dhimma kana jajjabeessuun ala akka gudunfaa godhatu gochuu didan.

Hololli Shanee jedhu gaafa eegalu, dhaabni ABO bakka hedduu jira jechuudhaan namoota dhimma isaanii jiraatan kanneen miseensummaa dhaabaa erga haqanii illee turan jiraattota Diaspora biyya alaa keessaa funaanuudhaan namoota akka obbo Galaasaa Dilboo dabalatee jaarrolee Qansiraan faranjii waggaa dheeraaf isaanirra bubbulaa jiru funaananii Kunis ABO dha, Kunis dhaaba akkas jedhu qaba, Kunis ABO akkas jedhu qaba jechuun dhaaba miidiyaa fi qilleensa irratti ijaarani burjaajjii uumuu eegalan.

Waayita kanatti Paartiin "Jeneraal Kamaal Galchuu waraana qaba" Kamaal nii lolla jennaan kan dide Jaal Daawud akka ta'etti holola facaasuun eegale. Oromiyaa Kibba Bahaa keessatti illee akka waan waraanni Kamaal Lola irra jiruutti holola dharaa gaafa biyya keessa facaasan, Adda Bilisummaa Oromoo ABO dhaan ammoo waraana hinqabu inni badeera Shanee jechuun gadi xiqqeessii fi shirri uummata Oromoo jibbisiisuu guddaan xaxame.

Holola kana fardeessanii deemsisanii Oromoof WBO addaan facaasuuf hojii guddaa kan hojjete miidiyaa OMN Adda durummaan ofitti fudhatee namootni miidiyaa kana keessa jiran hedduun duubaan hojii isaanii holola kana jabeessan.

* Fedhiin Jaawar Mohaammad maal turee?

Jawaar Mohaammad qabsoo dargaggoota Oromoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaan durfamu keessa seenuun bara 2014 irraa qabee miidiyaan tumsaa tureera. Tumsa inni miidiiyaan taasise isa olaanaa yoo ta'u gahee bara 2014 irraa qabee bahataa tureef dandeettii inni siyyaasaan qabu dhoksuu hinbarbaadu. Jaawar akka nama dhuunfaatti jabaa siyyaasni galeef ta'uu eenyu waan haalu miti. Sochii bara 2014 miidiyaadhaan gabaasuu keessatti qooda bahateenis nii galaateeffanna.

Qabsicha keessatti fedhiin Jaawar qabu kana yaadni jedhu namatti bitaa gala. Ta'ullee waan irraa hubannu yoo jiraate Jawaar Mohaammad fedhii dantaa dhuunfaa, beekamtii itti argachuun maqaa qabsichaatiin Famasii (Public Figure) ta'uun fedhii isaa olaanaa ture. Sun milkaa'eeraaf. Sanaan booda fedhiin Jaawar ABO balleessuuf qabu isa
olaanaa ta'uus asumaan himuun barbaada. Jawaar Mohaammad maaliif ABO balleessuu barbaada? Kan jedhuuf; Jaawar OPDO jabeessuudhaf ABO balleessa utuu hintaane qabsichatti abbaa ta'ee ABO's nyaatee balleessee, OPDO's balleessuun akeeka ABO isaaf ifaaja isaa isa olaanaa ture. Akkuma jedhes ABO balleessuu dadhabullee dhiibbaa irratti geessiseera jedheen amana.

Shira 4. Holola Qeerroo waan jedhamu hinjiru? Jedhu jalqabuu

Qabsoo Oromoo keessatti Qeerroon akka lakkoofsa addunyaatti bara 2005 keessa illee, isa duras qabsoon Qeerroo dhaaba ABO keessatti haalaan jira. Haa ta'u malee sochiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaaba ittiin taliigamu ABO'n hordofamuufis ta'ee bu'aa siyyaasa Oromoof fiduuf akka tolutti bara 2011 keessa jaarmiyaa mataa isaa danda'e ta'ee ijaaramee labsii labsate. Labsii sana har'a mata duree isaa beekuu baadhullee maxxansaalee Qeerroo.org keessatti bara 2011 maxxanfaman akka ragaatti barruu kana jalatti maxxanseen jira.

Kana kanin kaasuuf yaaleef Qeerroo Bilisummaa Oromoo bara 2011 ijaaramee qabsoo ABO dhaan hogganamee biyya isaa Oromiyaa keessatti taasisuu isaa ibsuufani. Bara hundeeffame 2011 Website mataasaa Qeerroo.og kan jedhu banachuu fi Facebook mataa isaatii banatee bara sana irraa kaasee jaarmiyaa hanga ammaa ijaarsaan Oromiyaa keessatti rakkoo saba isaa Oromoo irra gahu balaaleffachuun akkasuma Oromoof dhaabbatee qabsoo Oromoo jabeessee utubee jiru ta'uu eenyu duraa dhokataa miti.

Hololli Qeerroo waan jedhamu hinjiru jedhu kun yeroo banameetti qabsicha "qabsoo dhuma uummatni Wal ijaaree callisee bahee Falmataa jirudha malee Qeerroo waan jedhamu hinjiru" jedhuun qaama qabsichaa ABO xiqqeessuuf yaaluutti bara qabsoon Qeerroo xiqqeeffamu ture. Sana dura dhaabbatee addi Bilisummaa Oromoo Qeerroon jira jedhee miseensi isaas dhaabnis cichee ibsa Qeerroo fi qabsoo Qeerroo miidiyaa qabuun gabaasuu itti fufe.

Hololli Qeerroo waan jedhamu hinjiru jedhu sunis qabsoo ABO'n taasiseen Walleewwan warraaqsaa hawwisoon Qeerroo fi hawwisoon WBO wellisu uummatni Oromoos jaallachuudhaan Qeerroon jiraachuu qabsoon agarsiise. Kanaan booda qaamni Qeerroo waan jedhamu hinjiru jedhu deebi'ee "an abbaa Qeerrooti" jechuudhaan Me neesootaa keessatti dhidhiittaadhaan lafa dhoqqeessuu eegale. Sanas ABO'n dura dhaabbatee maaf akkas jetta, maa kana goota jechuudhaan isaan waliin hokkora uumuu utuu hindhaqin qabsichatti amanee callisuu filate.

Shira 5. Kora Soodareetti maqaa ABO dhahatee OPDO dhaan taa'ame?

Qabsoo biyyi tokko taasisu keessatti hogganni paartii mormituu nii barbaachisa. Paartii Mormituu jechuun paartii "hojiin mootummaan ykn sirni biyya bulchu itti jiru sirrii miti! Dimokiraasii badee jira" jedhee humna mormutu paartii mormituu jedhama.

Namootni har'a maqaa ABO tiin of waaman erga miseensummaa ABO ofirraa haqanii akka feetee jiraachuun egalanii as yeroo sagalii ol wal diiganii yeroo sagalii ol ammoo walitti dabalamne jedhanii dibbee reebaa oolu. Kaayyoof akeeka ABO laamshessina miseensa dhorkanna jedhu qabatanii yoo barbadaan takkaatti walirraa kufanii gaafa caban arca'aa torbaaf isaa ol ta'anii habashaattis makamaa gaafiis dhaaba qilleensarra ijaaraa oolanii ijaaraa bulu.

Humni kun gaafa biyya galu irraa qabee "Nuti mootumma mormuuf biyya hingalle" Obbo Galaasaa Dilboo fi kaanis jechoota kanaan wal fakkaatu dubbataa turanii dubbataas jiru.

Humnoonni maqaa ABO jedhuun Soodareetti torbaan dabarsaa jirru kana kora taa'an hedduun isaanii ammoo aangaa'ota mootummaa yoo ta'an, kanneen hanga ammaallee mootummaa waliin ta'anii aangomanii hojjetaa jiran qaama mootummaati. Isaan kun mormituu miti jechaa akka waan mormaa ta'aniitti kora taa'uudhaan sanuu maqaa ABO moggaafatanii kora teenye jedhanii hololli facaafame.

Qaamota kana gaaffii Uummatni gaafatee karaa salphaan akeeka isaanii baruu danda'u? Erga mootummaa mormaa hinjirtan ta'ee isin miseensamoo deggaraa mootummaati? Yoo miseensa taatanis deggaraa taanaanis mormuu yaada jedhuun akkamitti waliin deemama yaadni keessaan wal hindhiituu? Jedhee gaafachuuf mirga qaba.

Gama tokkoon ammoo humnoonni biyya alaatti diaspora Oromoo akka WBO hingaraagarree da
nqaa turanii sababaa isaanii WBO humneessuun qormaata guddaa Kan ABO tti ta'e, akka waan dhukaasaa turaniitti jechuma ABO fudhatanii dhukaasa dhaabneerra jechuun ibsa facaafatan. Isa kana irratti Oromoon gaaffii Eessaa dhukaasaa turtan? Waraanni isin ijaartan WBO'n keessan meerre? Humni isin ittiin uummata tiksuuf ijaartan humni waraanaa keessan maalirra gahee jira? Jedhee gaafachuudhaan haqa jiru baruu qaba.

Walumaa gala hololaa fi shiraan dhaaba Oromoo ABO balleessuuf aggammiin taasifame kan barruu fuula xiqqaan barreeffamee dhumu ta'uu baatus gabaabinaan kaaheen jira. Hololli tasa nu ABO hindiigu hindhabamsiisu, shirris nu hindiigu. Nuti Kan har'a jirru yoo bor duune Oromoon dhalchaa bula qabsichi itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Adooleessa 19,2019
Finfinnee Oromiyaa