Ibsa Ejjannoo Miseensota Qeerroo Bilisummaa Oromoo Godina Baalee.
ABO haqa ummata oromoti waan ta'eef akka qaroo ija keenyaatti ni tikfanna.
ABO'n dhaaba siyaasaa osoo hin taane haqa ummata oromooti.
ABO uumamuu isaa irraa kaasee dhaaba haqa ummata oromootiif falmu malee dhaaba bolola aangoo fi dantaa dhuunfaa murnas ta'ee nam-tokkeetiif falmu akka hin taane wareegama qaalii dorgomaa hin qabne baasanii ilmaan oromoo dhaaba kana asiin ga'anii fi har'as tiksaa jiranii firaafis diinaafis himuun nama hin feesisu.
Dhaaba akka qaroo ijasaatti ummanni oromoo tikfatee asiin gaye kana murni garaan gara isaan wallaalchise diiguuf wixxifachuun salphinuma isaanii yoo mul'ise malee ABO diiguu fi balleessuu hin danda'u.
Nutis miseensonni Qeerroo bilisummaa oromoo godina Baalee haala amma bolola garaaf jecha murni ABO irraa diinatti gale ololaa jiru irra dhaabannee gaafa guyyaa 17/03/2021 walga'ii ariifachiisaa gooneen ibsa ejjannoo armaan gadii kana baafannee jirra.
1/ murnoota seera malee waajjira muummicha ABO Gullallee tti kora sabaa jedhanii shiraan dhaaba diiguuf deeman kana jabeessinee mormina.
2/ ABO akkaataa heerri dhaabichaa isaaf eeyyamutti yeroo barbaachisaa ta'etti kora sabaa waama malee murni ABO irraa harca'anis ta'ee qaamni ofiifuu seera malee biyyan bulcha ufiin jedhus dhimma isaan hin ilaallanne keessa harka galfatanii dhaaba keenya diiguuf wixxifachuu irraa akka of qusatan jenna.
3/yeroo mootummaan sirnaawaa fi nageenyi waaraan biyyattii keessa hin jirre kanatti ummanni oromoo fi lammiileen oromiyaa waamicha ABO oromiyaa baraaruuf taasise Mootummaa ce'uumsa biyyoolessa oromiyaa hundeeffachuuf nuti qeerroon bilisummaa oromoo godina Baalee ga'ee keenya ni ba'anna.
4/murnoota ammaa kanaa fi qaama kamiyyuu kan diigumsa ABO irratti qiyyaafatee argame kamuu hanga wareegama lubbuutti laannee dura ni dhaabbanna, dhaaba keenyas dhabama irraa ni oolfanna.
5/ nuti akka qeerroo bilisummaa oromoo godina Baalee tti HD ABO kan korri sabaa seera qabeessi filati jaal Daawud Ibsaa malee murna amma maqaa kanaan diinatti ciqilfatanii deeman kana akka foonoo diinaatti isaan hubanna.
6/ ABO dhaaba haqa ummata oromoof falmu waan ta'eef akeekaaf kaayyoo dhaabichaa qabannee dhaabicha waliin dirqama keenya kan nurraa eeggamu kamuu ni ba'anna.
Injifannoon ummata oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Godina Baalee
Bitootessa 19/2021
Roobee Baalee

Hojjetaa waarshaa Sukkaara Finca’aa kan tahe humna tikaa PPn ukkaamsamuun hidhame
[SQ- Bitootessa 19/2021]
Bonsaa(Tasfayee)Banee jedhama hojjetaa waarshaa sukkaaraa fincaa'aati guyyaa har’aa humna goleessituu ppn butamee mana hidhaa keessatti dararamaa jira.

Kora Gantoonni Maqaa Kora Sabaa ABOn Gaggeessan Ilaalchise Ibsa Ejjennoo ABO Konyaa Atlaantaa
Kora garee sirnaa fi seera ABOn ala waajjira muummee dhaaba keenyaa Gullallee keessatti taa'e dhageenyee gaddineerra. Waggaaleen sadeen mootummaa amma biyya bulchu jalatti lakkaa'aman baroota gaddaa fi gadadooti. Mootummaan kun uummata keenya akka bosonuu adamsee ajjeese, duguuggaa sanyiis irratti raawwate. Darbees ammo, qabsaa’otaa, deggartoota qabsoo bilisummaa Oromoo fi ogganoota ABO mana hidhaatti guuree haqa isaan seeraan qaban sarbee daraaraa jira. Warreen nagaaf jecha hidhata mudhii hiikkatantu warreen qaawwee baatanii biyya bulchina jedhaniin gidirfaman. Qeerroo fi Qarree wareegama ulfaataa baasanii jijjiirama baaname sana fidantu ganamee kumaatamootaan manneen hidhaa keessatti rakkachaa jiru. Garuu, gartuun har'a maqaa koraatiin daldalu kun yakka uummata Oromoo irratti raawwatamaa bahee fi ammas itti jiru takkaa hin balaaleffanne; yakki kun uummata keenya irraa akka dhaabbatuufis hin gaafanne, hin tattaafannes. Yammuu Komaandi Poostiin mootummaadhaan bobbaafamee uummata keenya mana waliin gube, ajjeesees irbaata alaattii godhe, qileetti gadi darbatee bineensa soore, arganii akka waan hin argineetti, dhagaahaniis akka waan hin dhageenyeetti callisan. Callisuu qofa osoo hin taane garee Bilxiginnaa gocha suukanneessaa Oromoo irratti raawwachaa jiru deeggaranii waliin dhaabbatan. ABO irratti fincilanii gaaddisa mootummaa jala dahatan. Humna mootummaa tumsa godhachuun ogganoota ABO fi uummata keenya irratti roorrisan. Sabaa himaalee nafxanyaatti dhimma bahuun olola addaan hin cinne halkanii guyyaa qabsoo bilisummaa Oromoo dhaaba uummata Oromoo ABO irratti oofan.
kanas kan raawwataniif qabsoo haqaa kumaa-kitil itti wareegame gurguranii jiruu qananii matayyaaf oolfachuufi. Kun gantummaadha, hidda qabsoo bilisummaa Oromoo ciranii gogsuuf yaalanidha jennee amanna. ABO dhabamsiisuuf yaalii godhaniitti milkii dhabnaan amma ammoo kora dharaa waahillan isaanii PPn guutame gaggeessan. Gocha seeraan alaa kanaanis firaa fi alagaa burjaajessuutti tarkaanfatan.
Kanaaf, korri gantoonni maqaa kora sabaa ABOn gaggeessan kun kora shiraa fi dharaati waan ta’eef miseenssota ABO mara, addatti ammoo, miseensota ABO Konyaa Atlaantaa bakka bu'uu waan hin dandeenyeef hadheeffannee balaaleffanna. Nuti meseensonni ABO Konyaa Atlaantaa Hayyu Dureen ABO J/Daawud Ibsaa tau’uu miekaneessina.
Injifannoon Uummata Bal'aaf !
Konyaa ABO Atlaantaa

Waraanni PPn uummatatti bobbaase saamicha geggeessuu bira darbanii gara jeequmsa waliin waliinitti seenaniiru.
[SQ Bitootessa 19/2021]
Waraanni PP kumaandoo jedhaman Wallagga Bahaa Aanaa Limmutti uummatarratti saamicha gegeessuuf erga yaalanii booda waan itti hin milkaayiin hafaniif uummata bira taruun caasaa ofiillee diiguu, doorsisuu, ariyuufi reebicha hamaa irratti raawwachaa jiru.
Kibxataa darbe (7/7/2013) Waraanni Mootummaa kumaandoo jedhamaniifi baayyinni isaanii 20-30 kan hin caalle Aanaa Limmuu akkuma galaniin waajjira nageenyaa kan hojjetu Zalaalem nama jedhamu waamanii "shanee barbaanna" jechuun fudhatanii magaalaatii ba'an. Akkuma magaalaatii ba'aniin xiqqooma deemanii ofirra deebi'uun magaaluma Galiilaa buufatan. Zalaalam nama jedhamu sana of bira dhaabanii Motor saayikilii lama dargaggootarraa fudhanii erga gubanii booda dargaggoota argan reebuu eegalan.
Isaanuma keessaa namni tokko kan bilbila haasa'u duuba isaanii tureera. Namichi Zalaalamiin waamee "deemiitii nama Margaa jedhamu irraa qarahii kuma kudhan (10,000) fuudhii fidi" jechuun ajaje. Zalaalem kunis "Margaan ana waliin maatiidha; maal jedheen gaafadha" jedhee yaaddoo qabu ibseef. Kanumaan caasaama isaaniifi hooggantoota Nageenya Aanichaa keessaa tokko kan ta'e Zalaalem kana daandiirra ciibsuun haala nama ajaa'ibuun tumanii gaggabsanii biraa deeman.
Ittuma gufuun, Margaa nama jedhamuufi kan mana nyaataa qabu sanaaf bilbilanii "qarshii sana amma fiduu baannaan reffakeetuu lafaa ka'a" jechuun sodaachisan. Margaan kunis maal akka jedhe beekuu baannus jarri manni nama kanaa eessa akka ta'e iyyaafatanii gara sana qajeelanii akkuma bira ga'aniin mana Margaa marsan. Erga marsanii booda Margaas maatii isaa guutuus haala nama suukkanneessuun erga reebanii booda uummanni Magaalichaa guutuun itti ba'ee kadhatee lubbuu isaa oolche. Humni waraanaa kunis akkuma mana sana gadhiisaniin hojjetaa mootummaas ta'e uummatuma argan hunda erga tumaa turanii booda gara Haroo Limmuutti deebi'an.
kun kanaan utuu jiruu ammas guyyaa tokko gidduu oolchuun kaleessa ykn 9/7/2013 Magaaluma Galiilaa kana deemaa jiraachuufi Margaan sun qarshii akka hin qabne bilbilaan gaafa itti himus ajjeesuuf deemaa akka jiran isumaaf himan. Margaanis akkuma isaan magaalaa seenaa jiraachuu dhaga'een miliqe. Isaanis akkuma dhufaniin mana nyaataa Margaa kana marsuun gariin manatti seenanii maatii isaafi namoota achii fayyadamaa jiran hundas ukkaamsuun "Margaa fidaa" jechuun qawweetiin doorsisuu eegalan. Erga doorsisanii booda kaan gadi lakkisuun maatii Margaa qofaatti hambisanii tumuufi meeshaalee mana keessaa caccabsuu eegalan. Uummanni achitti argamus taatee kanaan rifatee dhiphachuun gara bulchaa Aanaatti bilbilan. Yerooma sanas Poolisiin Idileefi Miliishoonni magaalichaa dhufuun rakkoo jiru gaafachuufi Margaan kun nama xuxxuqqaa kamirraayyuu bilisaan hojii isaa qofa hojjechuutiin beekamu ta'uu isaa Komaandoo kanaaf ibsuuf yaalan. Kumaandoon kun garuu isaaniinis "meeshaa lafa kaa'aa" jechuun qawwee itti galagalchan. Poolisiifi Miliishaan kunis sodaachuutiin meeshaa gadi qabuun harka kaasan.
Jarri Kumaandoon kunis hunda jara kana marsuun Poolisiis Miliishotas tumtee lafarra harkisuu eegalte. Kanumaan ammas kaadiroonni jaarsolii biyyaatti bibilbiluun akka ba'anii kadhatan dhaamaniif. Jaarsoliinis yaa'uutiin uuffata baasanii jara jala buusanii kadhatan. Komaandoon kunis reebichicha erga dhaabanii booddee "Margaa harra dhoksitan reeffasaa dhuftanii Harootii fudhattu" jedhanii dhaadatan.
Rakkoo jiru jaarsoliin gaafatanis "salphina barbaaddu yoo ta'e malee callisaa" ittiin jedhan kumaandoon kun. Haaluma kanaan Hooggantoonni waajjira Mootummaa hundis sodaan guutamanii waajjira keessaa mimmiliquun dhodhokatanii jiru. Kumaandoon kunis sanumaan gara Harootti qajeelan.
Guyyaa har'aa (Bitootessa 19/2021) immoo Bulchaan Aanaa Limmuu Hoggantoota dhokataniif bilbiluun "Godinaaf bilbileen Godinnis amma Federaalatti bilbilanii Waraanni kun sirrii miti achii kaasna jedhanii waadaa galaniiruu waajjiratti deebi'aa" jechuun kadhachaa jira.

Kumaandoon kun garuu ammallee abbootii qabeenyaa Aanota sanaaf bilbilanii "qarshii 15000 haga 30000 walitti qaqqabaatii nama nuti erginutti ergaa, kana gochuu baannaan siniif maatii keessan hunda daaressina" jechaa jiraachuu himatu namoonni doorsiman kun.
Jarri kun dhiyeenya kana Naqamtee irraa ka'anii Arqunbee keessa darbuun erga Limmuu keessa darbanii gara Haroo Limmuutti darban. Erga gara sana darbanii booda bilbila abbootii qabanyaa Aanaa Limmuufi Haroo Limmuu qorachuun qabachaa turuu isaanii iyyaafanne.
Achuma Aanaa Haroo Limmuu baadiyyaa hunda keessa deemuun mana namootaa cabsuun qarshii argan hunda saamaa turuu isaanii uummanni bakkichaafi garee Kumaandi poostii Aanaa Haroo Limmuu keessa kan jiru tokkos icciitiin nuuf himee jira.
Waanti kun ammallee Uummata achiif baayyee yaaddessaadha. Harra abdii kutatanii saamanii waa harkatti qabatanii baduuf gara saamichaatti haa deebaniyyuuti malee duraan kaadirootuma kanatuu saamsisaa ture.
Harra miseensonni Poolisiifi miliishaa kaleessa reeban hedduun mana yaalaafi mana ofii ciisaa jiru.
"Uummannis samamaa waan jirruuf sagalee nuuf ta'aa" jedha uummanni Limmuufi Haroo Limmuu!"

Ibsa Ejjannoo Gamtaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Shaallaa Irraa Kenname :
Akkuma beekamu dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo ABOn" Dhaaba woreegama qaalii kafalee Ijaarame kiyyoo Diinaa Baay'ee Injifatee Osoo Diinni Ilkee Itti Qaratu Badhinnaaf Dhiphinna Hunda Dandamachuu Dhaan Ciniinnatee Ardha Gahe "Ta'uu Diinnis Firris Sirritti Beeka. ABOn Kaayyoof Akeeka Bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa Irrati Gootota Daangaa Hin Qabne Gabbarree Aarsaa Gurguddaa Kafalee Ardha Gahee Jira. Ammas Kafaluu Irratti Argama.
Addi Bilisummaa Oromoo Qabsoo Woggoottan Hedduun Dura Geggeefamaa tureen dhiigaaf Lafee Cabsee Karaa Adda Addaatiin Geggeessaa Turuu Ilma Oromoos Ta'ee Diinnis Tolchee Beeka.
Ciniinsuu Bara Rakkoo San Tarkaanfatee Dhiphinna Hunda Obsee Haga Guyyaa Ardhaa Jiruu Ofafoos Itti Fufee Jiraatudha.
Haaluma Kanaan Diinonni Jibbiinsa Dhaaba Guddicha Onnee Ummata Oromoo Keessatti Dagaagee Ijaarame Kana diiguuf tana Duras yaalaa turanii harkatti fashalaa'ee jennaan Tibba Kanas Yaalii Ijjibbaataa Gochuu Irratti Argamu. Kanuma Sababeefachuun Nuti Gamtaan Qeerroo Shaallaa Ibsa Ijjannoo Diinota Ummata Oromoo fi Dhaaba Guddicha Kana Jibban Kana Akeekachiisu Baasuuf Erga Marii Goonee Booda Qabxiilee Asii Gadii Kana Irratti Woliif Gallee Jirra :
_______
1) Nuti Gamtaan Qeerroo Shaallaa HD.ABO Jaal Dawud Ibsaa Qofa Beekna .Haga Ammaa Hooganaan ABO akka hin jijjiiramne ummata oromootiif Ibsuu barbaanna. Dhiibbaan Irratti yaalamaaru kun kan Irraa hin dhaabanne ta'ee nuti Gamtaan Qeerroo Shaallaa afoo dhaabbachuuf Qophiidha.
2) Worroonni Diinatti Harka Naqatanii Dhaaba Kabajamaa Kana Maqaa Xureessuuf Yalaa Jiran Akka Irraa Of Qusatan Gadi Qabnee Ibsinaaf.
3) Akkuma Ibsa Keenna Tana Dura Guyyaa 13/10/2013 Baafne Keessatti Dubbanne Ammas Furmaanni Sanuma Waan Ta'eef MCBO/ABO'N Baase Nutti Gamtaan Qeerroo Shaallaa Ni Deeggarra Cinaa Ni Dhaabbanna.
4) Itoophiyaa Ofiinuu Diigamte Ijaaruuf Leellistoonni Sirna Minilik Oromoo fi Oromiyaa Irraa Qabeenya Saamaa Jirtu Ni Balaaleffanna. Nutti Gamtaan Qeerroo Shaallaa Afoo Dhaabbatuufis Qophiidha.
5) Murnoonni Hayyu Duree ABO Jijjiirre Jechuun Olola Hin Fakkaanne Hafarsaa Jiran Akka Irraa Of Qusatan Yaamicha Dhiheessinaaf.Irraa Of Qusatuu Bannaan Nutti Gamtaan Qeerroo Shaallaa Dhiibbaa Dhaaba Oromoo Haqaaf Qabsawe Irra Qoodamuuf Qophiidha.
6) Mootummaan Ofiifuu Sirni Aangoo Isaa Al-Heerummaa Harkaa Ta'e Gantoota Fayyadamee Adda Bilisummaa Oromoo Diiguu Akka Hin Dandeenye Yaadachiisuu Barbaadna. Yaadni Isaan Itti Jiran Kunis Abjuu Hirriba Keessaa Ka Yoo Ka'an Dhaban San Ta'uu Hubachiifna.
7) Filannoo Marsaa 6ffaa Mootummaan Bilxiginnaa Hayyoota Oromoo Jawar Mohammedii, Lammii Beenyaa fi Kumaatama Hidhee Ofuma Qofaaf Dorgomuuf Kajeelu Kana Ni Balaaleffanna. Akkuma ABOn Tana Dura Ibsaan Akeeke Hayyoonni Oromoo Hiikamanii Dirreen Siyaasaa Baldhatee Mariin Biyyoolessaa Geggeefamuun Falli Biyyattii Murteessaa Akka Ta'e Ibsuun Feena.
8 )aqaa Ol'aantummaa Seeraa Kabachiifna Jedhuun Ilmaan Oromoo Oromiyaa Eddoo Garagaraatti Ajjeesaaru Shiftaa Bilxiginnaa Ni Mormina Afos Ni Dhaabbanna.
Gamtaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Shaallaa Irraa
Injifannoon Ka Ummata Baldhaa Oromooti!

(Inbox)Walloo
Ilmaan Oromoo walloo Shiraan dararamaa jiru
[SQ-Bitootessa 20/2021]
Kaaba oromiyaa walloo aanaa Jiillee Dhummugaa magaalaa Makkannaaf naannoo ishee keessatti humni fanxaaleyyii Amaaraa guyyaa kaleessaa irraa kaasanii mirga uummata oromoo walloo kan sarbaa jiran yoo tahu kunoo galgala kanas sababa tokko malee dhokaasa oromummaa irratti bananiin nama tokko rasaasaan rukutaniiru.Sirnootniif shiirtootni fakkeessitoota amantiis yeroo uummatni keenya miidhamu callisanii ilaalanii gaafa uummatni of ijaaree of irraa ittisuuf yaalu immoo maqaa araaraan dhaloota oromoo walloo lafa irraa daguugsisaa jiru.maqaa abbaa dhiiraan caasaan sirni Amaaraa oromoo walloo keessatti ijaarees akka uummatni keenya waliif hin birmanneef gufuu uummatichaa tahuudhaan uummata keenya balaa guddaaf saaxilaa jiru.Kanaafuu uummatni keenya oromoon walloo fi qeerroon bilisummaa godina kana keessa jiraannu kana booda shiira maqaa abboota amantiif shiira maqaa abbaa dhiiraan nurratti shiiramaa jiru callifnee afaan faajjoofnee kan ilaallu yoo taheef egeree saba keenya oromoo walloof haalli isaan godhaa jiran kun gocha badaa fi shiira duguuggaa sanyii kan walii galtee sirna nafxanyaa waliin egeree uummata keenyaa balleessuu irratti shiiramaa jiru tahuu hubannee gocha diinaa cinatti gocha abbaa dhiiraaf abboota amantii kana hubannee nurraa taa'aa jechuu danda'uu qabna!!

#Oduu_Gaddaa
Humni Addaa Naannoo Amaaraa nama Masjiidaa salaatee bahu rasaasaan ajjeesanii biraa deeman.
[SQ-Bitootessa 20/2021]
Godina saba Oromoo walloo keessatti Nama masjiidaa salaatee bahu kan maqaan isaa Awwal Arbiyyee jedhamu humni addaa naannoo Amaaraan rasaasaan rukutamee ajjeefameera!!

Ibsa ejjennoo miseensota #ABO konyaa lixa wallagaa irraa.
"Kan of hinbeenne abbaan hiriyaa koo jetti"
Yeroo ammaa kana maqaa miseensota gumii sabaan #ABOn hilten waajjira muummicha finfinnee kutaa guullalleetti argamu humnaan seenuu fi kora sobaa waamuu isaa ni balaaleffanna.
Gantuun saba gante eessattuu bakka hin qandu.
#nuti miseensonni #ABO wallaga lixaatti argamnu gochaa fi shira ABOtti seeraan ala warra PPtiin xaxamaa jiru fi waltajjii gantoonni dhoksaan taasisan kamiiniyyuu dura dhaabbachuun ni mormina.
Kan dhaaba ofii isheetiif gantee dantaa dhuunfaa isheetii dusite hawwaasa oromoo bakka bu'uu mitii ofiifuu bakka waan hin qabneef shira jaal daawud ibsaa fi dhaaba keenya cabsuu fi kaayyoo kanamaa okkolchuuf shirri xaxamaa jiru yoomiyyuu duubatti nu hin debisu.
Hiruu keenya haaromsifachuun qabsoo bilidummaa oromoo jaalleewwan qaqqaalii irratti dhabnee fi kaayyoo saba kanaa galmaan gahuuf aarsaa barbaachisu kiiniiyyuu ni kanfalla.
Hayyu duree keenya attuu fi maltuun qabsoo saba keetii kantuyyuu akkuma duraa civhoomina keetiin kaayyoo kee qsbattee jiru jabaadhuu jabeefadhu jechaa fuundurri kee kayyoo keetiif saba kee qabatte ifatu sidura jira.
Nutis miseendonni gumii sabaa #ABO lixa oromiyaatti argamanu si waliin jirraa Jenna.
Gantuu fi hattuun ni kuftii
Qabsoon saba cunqurfamaa itti fufti!
Gumii miseensota #ABO wallaga lixaa.
Bitootessa 2021

Dhaabbanni Waltajjii Marii Oromiyaa Idil-addunyaa senetera Amerikaa tokkotti xalayaa barreessaniin dhimma siyaasa Itoophiyaa irratti hoganoota paartilee siyaasaa Oromoo waliin akka mari’atan gaafatan.
Dhaabbanni waldaalee ogummaan ijaaraman, dhaabilee hawaasummaafi waldaalee amantiin ijaaraman 46 of jalaa qabu Oromia Global Forum (Waltajjii Marii Oromiyaa Idil-addunyaa) senetera Amerikaa Kiriis Koonsitti xalayaa barreessaniin haala siyaasa Itoophiyaa ilaalchisee yeroo gara Itoophiyaa deeman hogganoota partilee siyaasaa biyyattii waliin akka wal qunnaman gaafataniiru. Seneterri Amerikaa Kiriis Koons tibba kana ergama perezedaantii Amerikaarraa fudhatanii gara Itoophiyaa akka deeman taasifameera. Lolli Itoophiyaa keessatti geggeeffamaa jiru akka dhaabbatuu fi sababa gochoota gara jabeenyaa biyya Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jiran irratti akka mari’atamu gochuuf ergama dippiloomaasii yeroo dhimma Baha Afrikaatiif beellama piresidaantii onnee guutuudhaan akka fudhatan Oromia Global Forum ibseera.
“Lola keessoo guutummaatti banamee fi humnaa ol tahe kan Tigraay keessatti ajjeechaa kumootaan lakkaawamuu fi buqqa’iinsa kuma dhibbootaatiif sababa tahe mootummaan Yuunaatid Isteet xiyyeeffannoon kan hordofaa ture tahuun mirkana” jedha dhaabbanni waldaalee adda addaa 46 of jalatti qabu kun.
Ittuma fufuun xalayaa kana keessatti, “Akka malee babal’achuu seerdhablummaadhaan ajjeefamuu, achi buutee dhabamuu, Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz fi Somaalee keessatti hooggantoonni, miseensonni fi deeggartoonni paartilee mormitootaa jumlaan hidhamuun sadarkaa addunyaatti xiyyeeffannoo madaalawaa argachuun isaa kan nu jajjabeesse dha; kunis hawaasa idiladdunyaa akka waliigalaatti fi addatti ammoo kan ummataa fi mootummaa Yuunaatid Isteet nu jajjabeessa” jedheera.
Oromia Global Forum amma dura dhaabbanni mootummoota gamtoomanii haala rakkoo Itoophiyaa keessaa irratti akka gidduu seenu xalayaa barreessaniin rakkoolee walxaxaa Itoophiyaa keessa jiru ibsanii mariin biyyoolessaa hunda hammate geggeeffamee mootummaan ce’umsaa akka ijaaramu dhaabbanni mootummoota gamtoomanii dhiibbaa akka godhu xalayaa gara mana mare nageenyaa mootummoota gamtoomaniitti barreesseen gaafatee ture. Xalayaan gara mana mare nageenya mootummoota gamtoomaniitti barreeffame kun galagalchi isaa Kiriis Koonsiif akka galu taasifamuun ibsameera.
“Ergama keessan keessatti rakkoowwan nageenyaa fi siyaasaa walxaxoof furmaata waaraa barbaaduuf, hooggansa walaba taheen miseensota naannolee biyyattii adda addaa irraa hoogganoota paartilee mormitootaatiin akka wal qunnamtan gad jabeessinee isin gaafanna” jechuun dhaabbanni kun xalayaa kana keessatti Kiriis Koons gaafateera.
Ittuma fufees, “Oromiyaa keessatti deeggarsaa fi amantaa saba bal’aa Oromoo kan akka Itoophiyaatti dhibbeentaa 50 qabatu kan qabu Adda Bilisummaa Oromoo Hayyu Duree dhaabichaa obbo Daawud Ibsaa fi Koongiresii Federaalawaa Oromoo kan Piroofeesar Mararaa Guddinaatiin hoogganamudha” jechuudhaan hogganoota kanneen waliin seneterri Amerikaa kun akka mari’atu dhaabbanni kun gaafateera.
Dhumarrattis, “Biyya jeequmsii fi lolli keessatti babal’atee jiru keessatti, saba guddaa kan baayyina ummata biyyattii keessaa dhibbeentaa 50 qabatuuf bakka bu’iinsa osoo hin kenniin ykn hin hirmaachisiin sabaa fi sablammoota garaagaraa biyyattii 80 tahan waliin marii nagayaa geggeessina jechuun waan hin danda’amne dha” jedheera.

Barattoota barnoota irraa bahan balbala irra dhaabbatee waraanni murna shiftaa pp ukkaamse.
[SQ Bitootessa 20/2021]
Wallaggaa Bahaa ona Eebantuutti Bitootessa 19/2021 M/barumsaa sadarkaa 2ffaa Qeellootti barattoonni barnoota isaanii karaa nagaa baratanii osoo bahaa jiranii humni waraanaa shiftaa ppn hogganamu barattoota balbala mana barumsaa irra dhaabbatee qabee hidhuun dhagahame.
Barattootni Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Qeelloo irraa guyyaa kaleessaa bitootessa 19/2021 humnootni waraanaa fi tikaa waliin tahuun qabanii hidhan kan maqaan isaanii SQ qaqqabe keessaa muraasni:
1) B/taa Abrahaam Raggaasaa obboleessi isaa Biqilaa Raggaasaa armaan dura M/barumsaa qophaa'inaa Hindeetti qormaata kutaa 12ffaa osoo qoramuu humnoota PPn qabamee kan hidhaa jiru.
2) B/taa Galatoomaa Maammoo
3) B/taa Dassaalee Galataa fi barattoonni biroo kanneen sababa networkiin hin jirreef maqaa adda baafachuun nu rakkise basaasaa beekamaa PP kan ta'e Obbo Maammoo Baqqalaa (Assiruu jedhamuunis kan waamamu) humnoota kana itti waamsisuun akka qabsiise odeeffannoon Sagalee Qeerroo qaqqabes ifa godha.
Yeroo ammaa kana barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Qeelloo irraa W/Bahaa Ebantuutti bitootessa 19/2021 qabamanii hidhaman kunneen sababaa tokko malee sabboontota waan tahaniif qofa akka qaban barameera.
Kanneen hafan akkuma adda baafanneen kan isiniif gabaasnu ta'a

Dheedhiif salphina hin quufan jedha Oromoon!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Godina Wallaggaa Baha.
Adda Bilisummaa Oromoo roorroofi gidiraa Oromiyaafi Lammiilee isheerra ga'aa tureef jirutu akka dhalatu godhe.
ABO bu'ureefama isaarra eegalee Akeeka Qulqulluu qabate uummata Oromoo hiriirsuun qabsoo gocha as ga'e. Oromoonis gaaddisa ABO jalatti Bilisummaa isaaf gatii guddaa baase har'as baasaa jira.
Qabsoon Bilisummaa Oromoos haalota walxaxoo hedduu keessa darbee har'a ga'e.kaleessa rakkoo moraa qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti uumamaa ture Dhaabni keenya ABOn qabsoon irra aanee Oromoofi Oromiyaa waaqa gadditti dhabaama irra olchee asiin ga'e. Har'as rakkoo isa qunamu Uummata isaa waliin qabsoon irra akka aanu sakkiin hin jiru.
ABOn dhaaba Heeraa Seeraafi Dambii Adaba qabuun taaligamudha. Adoolessa 26-27/2020 murni sirna Abbaa Irree PPtti hirkachuun Heeraafi Seera dhaabaa irra tarkaanfachuun Fonqolcha dhaaba keessatti maqaa Walga'ii Gumii Sabaa jedhuun yaaluun isaanii niiyaadatama.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Godina Wallaggaa Bahaa gochaa seera dhaaba keenyaa hin eegne gantoota garaaf kaayyoo jaallan kumaa kitilli irratti wareegaman ganaan godhan balalleefanne rakkoon uumame akka seera dhaabaatti akka furmata argatuuf ga'ee keenya ba'aa turre. Haa ta'u malee namoonni yeroos rakkoo uuman akka seera dhaabaatti badii balleessan furuu irra yeroo lammataaf qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamu ganuu isanii argine.
Dheedhii fi Salphina hin quufan jedha Oromoon namooni dhaaba ganuun sirna Oromoo garboomse PPtti hirkachuun Bitootessa 13-14 /2021 waajjira ABO Gulallee humna Waraana PP fayyadamuun seenanii Maqaa ABOn kora Sabaa jechuun kan isaan raawwatan cimsinee balaaleffanna . Korri maqaa ABOn taa'ames Dhaaba Keenya ABOfi uummata Oromoo akka bakka hin buune hubachiisna.
Ibsa ejjennoo arman gadii baasnerra.
1, Hayyuu Dureen ABO tokkicha Oromoon beeku Jaal Daawud Ibsaa qofa akka ta'e mirkaneessina
2, Namoonni garaaf jecha ABO irraa ba'uun akka waan Hoggana dhaabaa jijjiranitti burjaajii uuman ABO kan bakka hin buune ta'uu isaani uummata Oromoof ibsina
3, Gochi gantoonni maqaa ABOn media mootummaa PPfi nafxanyaa irratti ba'uun godhan ABO bakka hin bu'u. Isan Miseensota ABO osoo hin taane ergamtoota PP ta'uu isaanii Uummata Oromoo hubachiisna
Walumaa galatti Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Godina Wallaggaa Bahaa Dhaaba keenya ABOfi hogganaa ABO jaal. Daawud Ibsaa waliin kan durii caalaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo jabeessuun dirqama qabsoon nurraa barbaaddu hunda ofkenninsaan ba'uuf waadaa keenya haaromsanna.
Injifannoon Uummataa Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Godina Wallaggaa Bahaa !
Bitootessa 20/2021!

Ibsa Ejjennoo Miseensotaa fi Deggertoota ABO Biyyaa Ireland 🇮🇪
Gantuu fi Galtuun Maqaa ABOtiin Daldaltu Cimsinee Mormina!
Torbee kana keessa maqaa ABO, dhaaba keenya kabajamaa fi seer-qabeessa ta’een, warri gantuu fi galtuu ta’an bobaa ilmaan Oromoo diinaaf hojjettu jelatti Kora Sabaa waamtee uummata Oromoo burjaajessuuf yaaluu ishee dhageenyee.
Garaaf buleyyii fi gantoonni ABOf haaraa ta’uu baatu iyyuu jarri yeroo kanaa garuu diinaa humna godhachuun dhaaba keenya fi uummata keenya harka diinaatti dabarsitee warra kennuuf yaalii godhaa jirtu, warra haala rakkisaa uummatni Oromoo keessa jiru ilaaluu dhabdee gidiraa uummata keenyaa irraa sadoo mataa isaaniif uummata Oromoo fi mirga isaa diinaaf dabarsanii kennuuf tirtiraa jiraachuu isaanii ti.
Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba seeraa fi heera mataa isaa qabuuf rakkoo hundaa dandamatee gantuu fi galtuu yeroo hedduu irra aanee dhaaba as gae dha. ABOn diinaa fi warraa ulee diinaa baattee sochootu kan akka warra gantuu fi galtuu, warra Minilikiif hojjettu Goobaanoota haaraa, kan akka Boordii Filannoo Biyyoolessaan dhiibamee filmaata keessaa haa bahu malee dhaaba kana kan onnee uummata Oromoo keessaa kan isa baasu yoomuu hin jiraatu. ABOn dhaaba jiraachuu fi jiraachuu dhabuu uummata Oromoon wal qabata waan taeef nuti miseensotnii fi deggertoonni ABO biyya Ayerlaand jirru Kora Sabaa maqaa ABOn waajjira dhaaba keenyaa humnaan irraa fudhatame keessatti tae jecha dandaa’amee hundaan ni mormina, dura dhaabbanna, irrattis ni qabsoofna.
ABOn dhaaba karaa nagaan qabsaa’uuf gara karaa nagaatti kan deebi’e ta’ulee dhaabni PP mootummaa dha ofiin jedhu ofiifuu seera kan hin qabne, dhaaba seera qabeessaa fi dhaaba karaa nagaa filata gooluun, ooggantootaa, fi miseesota isaa hidhuu waajjiraalee dhaabichaa cufuu akkuma itti fufetti jira. Mootummaan kun yoo dhuguma biyya sanaaf guddina; saboota biyya sanaaf nagaa waaraa fedha tae yaadaa fi gorsa keenya asii gadii kana akka hojjii irra oolchu cimsinee akeekkachiifna.
1. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) diiguu fi OPDO biraan bakka buusuu yaaluun kaayyoo facalaee fi hin hojjenne dha. Kana diintoni ABO kanaan dura yeroo yeroon haa yaalanuu malee tokkollee hin milkoofne. Kanaafuu, kaayyoo utuu hin himamni kufe kana atatamaan akka dhaabdani gaafatna, ABOn walabaan akka gara uummata isaa deemee akka dhaaba tokkootti socho’u dandanu akka gootani cimisinee hubachiifna.
2. ABOn waa’ee filannoo, waa’ee waajjiraalee cufamee, waa’ee meeseensota hidhamani ilaalchisee Boordii Filannoo Biyyooleessaa ti iyyaannaa yeroo hedduu galfatus, Boodiin kun sababa quubsaa hin taaneen iyyaannaa tokko illee deebii utuu hin kenniniif jira. Kun utuu seerri walabni jiraatee Boordii kana kan adabsiisuu fi hojii irraa hari’u ture. Nuti miseensotini ABO Ayerlaand Boordii Filannoo Biyyoollee kanaan waan ABO irra gahaa ture cimsinee ni mormina. Mootummaan biyya kana nan bulcha jechu waan deemaan turee fi jiru kana atattamaan sirreessee ABOn filmaataaf akka qophaa’u akka godhu gaafatna. Kana tau baannaan filmata ‘fake’ ta’e kana yoo kan godhamu ta’e filmaata kana booddee rakkoo nagaa fi tasgabbii uumamuu dandau kan itti gaafatamu dhaaba mootummaa ofiin jedhu kana ta’a.
3. Warri galtuu fi galtuun naamusa dhaabaa cabsitanii diinatti duuba kennatanii dhaaba keenya maqaa xureessaa jirtan dhaaba keessani dhiifama gaafatanii , adaba dhaabni keessan, akka heeraa fi seera isaatti, isinitti murteessu fudhatanii gara dhaaba keessani ABOtti akka deebitani maqaa dhaabaan waamicha isiniif dhiheessina. Kana yoo diddanii karaa badii keessa jirtan itti fuftu ta’e hara’a uummatini Oromoo haqisee isin tufeeraa, buri immoo seenaanis xurii qabsoo akka taatanitti isniif barreeffama.
4. ABOn ijaa fi gaachana uummata Oromoo, kallacha qabsoo bilisummaa uummata keenyaa fi abdii fi seenaa uummata Oromoo ti.

Nuti miseensotnii fi deggertooni ABO biyya Ayrelaand jirru , akkuma kaleessaa, boris waan dandeenyu hundaan dhaaba keenya ABO bira dhaabbannee diina dhaaba kanaa kan tae, seeraa, heera dhaaba kanaa kan cabsu hundaa, qabsoo haqaa kan uummata Oromoo ABOn geggeeffamu kan faalu, kan jijjiiru, fi kan dabsu hundaa ni mormna, dura dhaabbana, irrattis qabsoofna.
5. Nuti miseensonni ABO biyya Ayerlaand jirru karaan siyaasaa sirriin karaa nagaa qofaa akka tae amanna. Haa tau malee mirga saba keenyaa kan sarbu, fi dhaaba keenya kan diigu hundaa karaa fedhe fi dandaa’amu hundaanuu dura dhaabbannee waan barbaachisu hindaanuu akkuma kaleessa, har’as ,boris dhaabaa fi uummata keenya wajjiin qabsoo hamma bilisummaa saba keenyaatti ni qabsoofna.
Infinatnoo Ummata Oromoof
Miseensotaa fi Deggertoota biyya Ireland 🇮🇪

Kaaba Oromiyaa Godina saba Oromoo walloo keessatti lolli halkan bitootessa 19/2021 jalqabe lubbuu dargaggoo tokkoo darbee jira.
[SQ- Bitootessa 20/2021]
Lola Ummata Oromoo fi humna waraanaa naannoo amaaraa gidduutti halkan bitootessa 19/2021 Lola Walloo Aanaa jiille dhummuugaa Magaalaa makkannaa jedhamutti eegaleen oromoota walloo irraa namni sadii madaahee jiraachuu fi namni tokko lubbuun darbuu maddeen keenya gamasii nuuf gabaasanii jiru.
Dargaggoo Awwal Arbiyyee jedhamu battalumatti lola kana irratti yoo lubbuun taru namoonni sadii madaayanii kan turan yoo tahu lola guyyaa Har’a as bitootessa 20/2021 itti fufee ooleen ilmaan Oromoo walloo lola of irraa ittisuu gaggeessaniin hedduun madaayuus maddeen keenya nuuf gabaasaniiru.
Lola ummata Oromoo walloo fi humna addaa naannoo Amaaraa gidduutti tahaa jiruuf miidhaan qaqqabe hedduu ulfaataa kan tahee fi qabeenyaan ummataas miidhamaa kan jiru yoo tahu lolli kun akka sagalee hin arganneef Mootummaan naannoo Amaaraa network bilbilaa fi Internet Oromoota walloo bakka lolli kun itti deemamaa jiru irraa kutee jiraachuus barameera.
Lola Oromoo walloo fi waraana humna addaa naannoo Amaaraa gidduutti bitootessa 19/2021 Aanaa Jillee Dhummuuggaa irraan kan eegale guyyaa har’aas itti fufuun kallattii Caffee Diimtuu irraa eegalee hanga jaarraa jedhamee beekamutti liyyuu haayiliin naannoo Amaaraa konkolaataadhaan qubsiifamee jiraachuun barameera
Yeroo ammaa kana kallattii sadiin Arxummee Fursee, Jillee Dhummuuggaa fi Caffee as Diimtuu jedhamuun Oromoo walloo irratti lolli banamee jiraachuu fi namootni hedduun madaayanii yaala illee dhabanii akka rakkataa jiran maddeen keenya nuuf gabaasanii jiru.
Ummatni walloo dhiibbaa sirna abashaa jala taa’anii Aadaa fi eenyummaa isaanii warra tiksatee as gahe yoo tahu yeroo ammaa kanattis murna shiftaa PPn deeggaramee lolli Mootummaa naannoo Amaaraa humna waraanaa hidhate itti bobbaasuun lola irratti gaggeessaa jiruuf ummatni Oromoo Addunyaa irra jiraatu sagalee tahuu qofa osoo hin taane cinaa dhaabbatee gargaarsa akka godhuuf waamicha keenya dhiyyeessinaaf

Sab-Quunnamtiin Hawaasaa ABO jaal Battee Urgeessaa Magaalaa Buraayyuutti ukkaamsaman.
[ SQ-Bitootessa 20/2021]
Sab-Quunnamtiin ummataa ABO jaal Battee Urgeessaa waaree booda mana hidhaa magaalaa Buraayyuutti hidhamtoota Siyaasaa Oromoo hidhamanii jiran gaafachuuf konkolaachisaa Gafarsoo jedhamu waliin kan deeman achumatti humna tikaan qabamanii hidhamuu SQ mirkaneeffateera.
Jaal Battee Urgeessaa konkolaachisaa Dhaabaa Gafarsoo jedhamuu fi konkolaataa Dhaabaa waliin akkuma gaafachuu deemaniif qabamanii hidhamuun mitkanaayeera.
Bal’aan odeessa keenyaa akka arganneen qabannee dhiyyaanna.