Wanti Mahaammad Deeksisoo Raawwate kan isa komachiisu malee isa himachiisu ykn hidhaaf isa saaxilu miti jedhe komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa
[SQ-Guraandhala 25/2021]
Komishiiniin Mirga Namoomaa itiyoophiyaa ajajni mana murtii naannoo Oromiyaa keessatti kabajamuu dhabuun yaaddessaa tahuu beeksise
Kana kan jedhe ibsi komishinii mirga Namoomaa Itiyoophiyaa barataa Yuuniversiitii Jimmaa kan eebba irratti Haqni Haacaaluu Hundeessaaf , Jawaar Mahaammad haa hiikamu fi hidhamtoonni siyaasaa Oromoo haa hiikaman jedhee hidhamee jiru manni murtii erga mirga wabii eegeef poolisiin hidhee jiru hatattamaan akka lakkisu gaafateera.
Akka ibsa komichinichaatti guraandhala 6/2013 irraa eegalee buufata waajjira poolisii jimmaa Aanaa 01 keessatti hidhaa irratti kan argamu Mahaammad Deeksisoo ilaalchisee manni murtii Aanaa magaalaa Jimmaa Guraandhala 16/2013 akka mirga wabiin lakkifamu ajajus hanga ammaa hin lakkifamiin jiraachuun akka isa yaaddesse ibseera.
Akka Ibsa komishinii mirga Namoomaa Itiyoophiyaatti Mahaammad Deeksisoo dabalatee mirgi wabii isaanii mana murtiin eegameefii kanneen hidhaarra jiran hatattamaan akka lakkifaman ibsa isaan hubachiiseera.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Guraandhala 10/2013 bakka barataa Mahaammad Deeksisoo hidhamee jirutti dawwannaa godheen akka barataa Mahaammad Deeksisoo jedhetti eebba barattoota Yuuniversiitii Jimmaaf qophaaye irratti sagantaan sirbaa yeroo eegalu waltajjiirra bahee barattoota biroo waliin sirbaa kan turee fi dhuma sirbaa irrattis Wallisaa irraa sagalee guddistuu fudhachuun Jawaar Mahaammad haa hiikamu,Haqni Hacaaluu Hundeessaf, Haqni hidhamtoota siyaasaaf jechuun sagalee dhageesisee akka turee fi sagantaan Eebbaa akka dhumateen poolisoota Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa keessa jiraniin qabamee mooraa Yuuniversiitichaa keessatti kan argamu gara kaampii tti geeffamuun poolisiin akka kaballaan isa rukutanii fi turtii muraasa booda mooraa Yuuniversiitii ala baasuun uleen ykn dullaan miila isaa lamaanii fi cinaacha isaa akka reeban nuuf himeera jedha.
Itti dabaluunis Mahaammad Deeksisoo akka nuuf himetti jechuun ibsi Komishinii mirga Namoomaa Itiyoophiyaa poolisootni mooraa Yuuniversiitii Jimmaa sa’aatii tokkoof erga na reebanii booda gara waajjira poolisii magaalaa Jimmaatti na geessan kan jedhu ergan achi deemee booda garuu wanti ana irratti raawwatame hin turre jechuun komishinii mirga Namoomaa Itiyoophiyaatti himateera jedha.
Akka ibsa komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaatti Guraandhala 10/2013 dawwannaa Mahaammad Deeksisoo gooneen miila isaarrra madoon jiraachuu fi kan okkolu tahuu mirkaneeffanneerra jedheera.
Miidhaa isa irra gaheef akka yaala argatuufis buufata poolisii Mahaammad Deeksisoo itti hidhamee jiruuf gorsa kenninee walii galteerra bahamee kan ture tahus hanga Guraandhala 17/2013 tti yaala akka hin argatiin jiru tahuu isaas mirkaneeffanneerra jedheera.
Manni murtii Aanaa Jimmaa Guraandhala 16/2013 Mahaammad Deeksisoo mirga wabii qarshii 2000 kaffalee akka bahu ajajee kan ture yoo tahu Mahaammad qarshii jedhame erga kaffalees mana hidhaa irraa bahuu akka hin dandeenye hanga guraandhala 18/2013 hidhaarra kan jiru tahuu mirkaneeffanneerra jechuun komishinii mirga Namoomaa itiyoophiyaa ibsa baaseen.
Akka ibsa Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaatti Wanti Mahaammad Deeksisoon eebba barattoota Yuuniversiitii Jimmaa irratti raawwate kan isa komachiisu Yoo taheen ala calqabuma iyyuu kan isa himachiisuu fi isa hiisisuuf sababa tahuu hin qabu ture jedheera

Qondaaltota ABO jaal Lammii Beenyaa Fi jaal Daawit Abdataa namoota dubbisuu deeman poolisiin qabee hidhuun qorannoo irratti gaggeessuun isaan doorsisaa jiraachuu barame.
[SQ- Guraandhala 25/2021]
Qondaaltotni ABO dargaggoo Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa mana hidhaa magaalaa Sabbataa duraan turan irraa erga gara shawaa Bahaa magaalaa Mojootti dabarfamanii qajeelcha poolisii magaalaa Mojootti hidhamuu eegalanii baatii baatii tokkoo ol tahee jira.
Qondaaltota ABO kanneen manni murtii irra deddeebiin akka isaan mana hidhaa irraa hiikamaniif ajaja kennus komishinii poolisii Oromiyaa ajaja mana murtii tuffachuun Lammii Beenyaa Fi Daawit Abdataa manneen hidhaa adda addaa itti jijjiiruun hidhee dararaa jira.
Jaala Lammii Beenyaa fi jaal Daawit Abdataa erga mana hidhaa magaalaa Mojootti geeffamanii maatii fi hiriyyootni isaanii darbee darbee fageenyatti dubbisuun nyaata kennaaf kan turan yoo tahu Guraandhala 24/2021 irraa eegalee immoo addatti jaallan kanneen namni dubbisuu deeme kan duraan fageenyatillee yommuu nyaata geessinu gaafannu guutummaan guutuutti nu dhorkanii jiru jedhu maatiinii fi hiriyyootni isaanii gaafachuu deemanii argaa dhorkaman. Akka namoonni dubbisuu deeman jedhanitti namni nyaata geessu nama nyaata nama harkaa fuudhutti kennee akka deebi’u taasifama malee isaan dubbisuufis tahe arguu hin dandahu jechuun SQtti himaniiru.
Namoonni nyaata jaal Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataaf glgeessanis yeroo baay'ee poolisootaan qabamanii daqiiqaa 30 oliif achi tursiifamuun qorannaan eessatti beektu maal keessani maaliif gaafattu jedhu namoota gaafachuuf deemaniif piolisii irraa gaaffiin kan dhiyyaatuuf tahuu illee maatiin hidhamtoota kanneenii ni dubbatu.
Hidhamtoota hedduutu mana hidhaa qajeelcha poolisii magaalaa Mojootti hidhamee jiru keessaa Qondaaltotni ABO jaal Lammii Beenyaa fi jaal Daawit Abdataa mana qofaatti hidhamanii kan jiranii fi akka namni isaan hin dubbisnes kan godhamaa jiru isaan qofa tahuu illee maatiin isaanii ni dubbatu.
Sababaa maatiin maaliif akka dubbisuu dhorkaman yeroo poolisii isaan dhorku gaafatanis qaama olii irraa ajaja nuuf kennamedha jechuun deebii nuuf kennan jechuunis SQf himaniiru.

Ajaja Qaama Olaanaa irraa nuuf kennameen Jawaar fa'iin mana yaalaa akka dhorkaman goone jedhan bulchaan Mana hidhaa Qaallittii
[SQ-Guraandhala 25/2021]
Sababa yaaddoo nageenyaatiin ajajni waan olirraa nuuf kennameef akkaataa manni murtii ajajeen mana yaaala dhuunfaatti akka yaalaman gochuu akka hin dandeenye Bulchaan m/hidhaa Qaallittii M/Murtiif himan.
Bulchaan mana Hidhaa Qaallittii Gargaaraa Komishinaraa Girmaa Adaree, mana murtiitti dhihaachuun sababa ajaja mana murtii raawwachuu dhabaniif guyyaa har’aa guraandhala 25/2021 yeroo manni murti gaafatu dhaddacha irratti akkas kan jedhan.
Manni murtii olaanaa Federaalaa dhadhachi yakkaa fi farra shororkeessummaa Lidataa beellama yeroo darbeetiin ajajaan mana Hidhaa Qaallittii sababa akkaataa ajaja mana murtiitiin raawwachuu dhabaniif poolisii federaalaatiin too’atamanii mana murtiitti akka dhihaatan ajajee tureen guyyaa har’aa dhiyyaatee ture.
Ajaja yaala fayyaa obbo Jawaar Mohaammd fi Baqqalaa Garbaa akkasumas namoota biroo galmee isaanii jalatti himataman hospitaala dhuunfaatti yaala akka argatan manni murti ajajus akkaataa manni murtii ajajeen waan hin raawwatamneefi mani murtichaa kan beellama har’aa kana bulchaan mana hidhaa Qaallittii akka dhiyyaatu beellamee ture.
Abukaatonni gama isaaniitiin gochi raawwatame qaama ajaja mana murtii akka hin raawwatamne gochuun seeraan ol ta’uuf yaaluuf dahoo kan kennu fi sababni mana sirreessaatiin dhihaate quubsaa akka hin taane falmaniiru.
Dhuma irratti Manni murtichaas manni sirreessaa kuni yooma yaaddoon nageenyaa jiraatellee ajaja mana murtii kenname kanaaf mana murtii gaafachuu qaba malee manni sirreessichaa ajaja mana murtiirra darbee raawwachuun sirrii akka hin taane himee jedhan.
Obbo Baqalaa garbaa torban darbe keessa dhukkubsatani mana yaalaa humna waraanaa biyyattii galanii akka yaalamaniif geeffamanis mana yaalaa dhuunfaa ofii keenya filannetti malee hin yaalamnu jechuun akka didanis mana murtiif himameen manni murtichaa namootni guyyaa sana Obbo Baqqalaa fa’a mana sirreessaatii yaalaaf qabanii bahan gaafa Gurraandhala 22 bara 2013 mana murtiitti akka dhihaatan jechuun Manni Murtii dhaddachaa har’aan ajaja kenneera.

Harmee Oromoo qe'ee fi qabeenyaan deegde gargaaruun dirqama Namummaa keenyaa haa bahannu.
[SQ-Guraandhala 25/2021]
Godina wallaggaa Bahaa jalatti kan argamtu harmeen Oromoo armaan gaditti suuraan ishee fuula miidiyaalee hawaasaarra naannawaa ture hedduu nama sukkaneessas nama onnachiisas.
Harmeen kun waan qabdu manaa fi qabeenyi ishee Ummata Oromoo yoo tahe malee homaa akka hin qabne suuraan ishee ni dubbata.
Dachee kanarra akkuma kan qabu jiru kan dhabee nyaate bulluu hin dandeenye danuu hedduudha.
Obboleessi keenya Inginer Daandiin ykn #KaraDeemaan harmee Oromoo haala kanaan rakkatte ofii miidhaa Oromummaa isaan irra gahe irraa sirnaan hin fayyiin Yoo Harmeen Oomoo jiratten jiraadha jechuun qaamaan deemuun harmee Oromoo deegdee mana dhabde cinaa dhaabbachuun gargaarsa namummaa isa irraa eegamu bahataa jira.
Wal malee waan qabnu Harmeen Oromoos Ilmaan Oromoo malee firan qabdu Harmee Oromoo kanneen akka suuraa kana irratti mul'atan kana haa gargaarru.

Addi Bilisummaa Oromoo xalayaa gara boordii filannootti barreesseen waajjirri isaa muummeen akka banamu gaafate.
[SQ- Guraandhala 25/2021]
Guyyaa har’aa (Guraandhala 25/2021) Addi Bilisummaa Oromoo gara boordii filannoo biyyoolessaatti xalayaa barreesse. Xalayaa kana keessatti waajjirri dhaabichaa muummeen Adoolessa 25/2012 irraa eegalee to’annoo poolisii Finfinnee jala jiraachuufi kanaafis yeroo adda addaatti iyyata galfachaa turuu ibseera. Amajji 26/2013 (ALI) boordiin filannoo xalayaa gara Adda Bilisummaa Oromootti barreesseen dhaabichi akka heeraafi dambii isaatti kora sabaa geggeeffatee rakkoo hoggana gidduutti uumame akka furachuu qabu murteessuusaa Addi Bilisummaa Oromoo xalayaa kana keessatti eeree, kora kana geggeessuudhaafis koreen qopheessituu kora sabaa kan Gumii Sabaa ABO’tiin filame kora kana geggeessuuf qophii eegaluusaa akka beeksisee jiru ibseera. Koreen qopheessituu kora sabaa kun miseensota Gumii Sabaa dhaabichaaf, miseensota waliigalaa dhaabichaafi jaarmiyaa waliigalaafis garagalchaan akka beeksisee jiru xalayaa kanaan ibsameera.
“Haa ta’u malee, koreen qindeessituu kora sabaa kun miseensota koree kanaa sababa hidhamaniifi sababoota adda addaan hir’atanii jiran guuttatee, akkasumas koreewwan xixiqqaa gara gadii jiran deebisee ijaaree hojii itti fufsiisuudhaaf waajjirri keenya muummeen cufamee jiraachuun danqaa ta’eera” jedhe Addi Bilisummaa Oromoo xalayaa gara boordii filannootti barreesse kanaan.
Murteen boordii filannoo akka kabajamuufi dhaabichi haala seeraafi dambii isaatiin kora sabaa geggeeffatee rakkoo keessoo dhaabichaa akka furatu taasifamuuf gareen Araarsoo Biqilaafaa tumsa mootummaatiin seeraan ala adeemsa dambii dhaabichaa cabsuun wajjira ABO muummicha cufsiisan akka deebisanii bansiisan boordiin filannoo biyyoolessaa itti gaafatamasaa ba’uu akka qabu dhaabichi xalayaa isaatiin gaafateera.

USA Grand Rally DC irratti Oromoon hiriira guddaa gaggeessaa jira
SQ- Guraandhala 25/2021]
Ummatni Oromoo yeroo ammaa USA Grand Rally DC irratti hiriira bahuun gochaa murna pp balaaleffachaa jira.

Barsiiftuu Ayyaantuu Amantee Humna waraanaan mana barumsaa keessaa ukkaamsamtee hidhamte
[SQ-Guraandhala 25/2021]
Barsiiftuu Ayyaantuu Amantee Bakaree Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Jaardegaa jaartee mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Aliiboo irraa humni waraanaa pp qabee hidheera.
koree qindeessituu ABO Aanaa sanaa kan taate barsiiftuu Ayyaantuun miseensa ABo tahuu ishee qofaan hojii idilee ishee barsiisummaa irraa mana hidhaatti dararamaa jirti.

Filannoo dura Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaatu Furmaata Rakkooti jedhan Eebbifamtootni Yuuniversiitii Haroomaayaa
[SQ- Guraandhala 27/2021]
Guyyaa har’aa Eebbifamtootni Yuuniversiitii Haroomaayaa guyyaa eebba isaanii irratti Baarjaa MCBO mul’isu hojjechiifachuum sagantaa eebba isaanii irratti qabatanii bahuun sagalee isaanii deeggarsa MCBOf qaban argisiisaniiru
Akeekni Mootummaa Cehumsaa ijaarrachuu kan barbaachiseef
1. Akeekni Mootummaa cehumsaa inni ol-aanaan, dimokraasii dhugaa Oromiyaa keessatti bu’uureessuun, gaaffilee siyaasaa, dinagdee fi hawwaasummaa, (kan akka mirgoota namoomaa waloo fi matayyaa, gaaffii of bulchuu/hiree murteeffannaa wkf.) hamma deebii hin argatiin karaa deemookraatawaa taheen akka deebii argataniif haala fi sirna aanjessuun mootummaa abbaa irree hundeen buqqisuu fi jijjiruudha;
2. Partiin amma Caffee Oromiyaa dhuunfatee Oromiyaa bulchaa jiru sadarkaa federaalaattuu cehumsaaf shoora guddaa xaphachuu fi haala tolchuuf kan waadaa gale kabajuu hanqachuun mootummoota naannoolee, zooniiwwan, aanoota fi gandoota baay’ee keessatti irra deddeebi’ee bulchiinsa waraanaa fi Poliisootaan uummatoota siivilii irratti dhiittaa mirga dhala namaa gita hin qabne ifatti kan raawwatee fi ammas kan rawwachaa jiru tahe daran Oromiyaa keessatti gonkuma nagaa fi tasgabbii fiduu hin dandeenye. Akkasumas cabinsa Heera biyyaa mudate faana balaa sirna dhablummaa fi Mootummaa dhabluuman nagoomii naannoo akka hin booressineef nagaa waaraa fi tasgabbii fiduuf;
3. Sirna bulchinsa abbaa irrummaa paartii tokkoo buqqisuudhaan, sirna paartii danuu fi dimookraatawaa ta’e eenyummaan Oromuummaa, aadaan fi afaan Oromoo kan keessatti kabajamu argamsiisuuf. Waliigala dirree siyaasaa amma jiru jijjiiruun kan Jaarmooleen siyaasaa danqaa tokko malee sagantaa dhaaba isaanii barsiisan,uummata ijaaran, waajjira banatan gochuuf. Akkasumaas sadarkaa hundaatti Ol’aantummaa Seeraa mirkaneessuun dhibdeelee adda addaa hawaasichi qabu ilaalchisee Jaarmooleen Siyaasaa mul’ata furmaata addaa addaa qaban dirreen dorgommii siyaasaa isaanii eegamee fedhiin ummataa karaa amansiisaa taheen akka falan gochuuf,
5. Jaarmooleen siyaasa Oromoo, beektonni oromoo, Abbootiin Gadaa, Hadhootiin Siiqqee, Shamarranii fi Dargaggoon waligalaa murnii Hawaasa Oromoo adda addaa yabboo maarii (Forum) itti martuu yaada isa murtee ummataaf karaa nagaan dhiyyeeffatu tolchuuf waliigala qulqullummaan tarsiimoo fi caasaa waaraa qaamota dhimmi ilaalu hunda hammatuu fi bulchinsa bu’uura bal’aa qabu uumuuf;
6. Mirgootiin dhala namaa akka nam tokkee fi walootti kan waligaltee fi waadaalee UN fi AU keessatti tarreeffaman akka kabajaman gochuuf;
7. Bakka mootummaan Federaalaa Ityophiyaa aangoo Heeraa dhabee jiruu keessatti hariiroo sabaa fi sablammiilee waliin jiru nageenyaan akka itti fufuuf gochuuf;
8. Yeroo cee’umsaa kana keessatti jaarmayoliin Oromoo mul’ata siyasaa adda addaa qabaniif caffée ofii keessatti sirna ifa, bilisa fi kabaja qabuun wal dorgomanii yeroo gara sadarkaa Federaalaa ykn guutuu biyyaatti dhiyyaatan, yaada fi fedhii ummata Oromoo sagalee tokkoon dhiyyeessuun ummata Oromoo irraa kan utubame humna siyaasaa angawwaa tokko uumuuf;