Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
14.1K subscribers
5.69K photos
988 videos
38 files
1.53K links
Ka'i Qeerroo
Download Telegram
Baga Ayyaana Du'aa Ka'uu Yesuus Waliin Geenye ! Mikaa’el Booran

Yeroo Ayyaanota Waggaa akkanaa wanti yaadachuu fi wal yaadachiisuu nu feesisan:

1. Sabni keenya hordoftoota amantiiwwan: Waaqeffannaa (kan uumaa fi aadaa isaa ganamaa), Kiristaanaa fi Islaamaa (kanneen guyyaa keessaa ofitti fudhate) of keessaa waan qabuuf, hariiroo hawaasummaa fi gurmuu Sabummaa keenyaas (garaa-garummaa amantii cinatti dhiisnee) caalaatti cimsachuuf ayyaanota walii waliif beekuu fi waliif kabajuun, bakka mijatettis hawaasummaa waliin qooddatanii waliin gammaduun barbaachisaa tahuu.

2. Dhimmi amantii hordofnuu fi kan Oromummaa/Sabummaa keenyaa tokko isa kaan irratti dhiibbaa hin feesisne osoo hin uumin wal cinaa deemuu akka danda'u beekuudhaan lamaanuu akka akka isaatti fi bakka bakka isaatti qabannee deemuu akka qabnu.

3. Tuttuqaa fi qoccolloon xixiqqoon dabartee dabartee amantiiwwan gidduutti namoota dhuunfaa kanneen hordoftoota amantiiwwan kanneenii tahan tokko tokko biraa calaqqistu yoo babal'atte balaan/gaaga'amni isiin gurmuu Sabummaa keenya irratti fiduu dandeessu ulfaataa fi kan salphaatti irra aanuun hin danda'amne tahuu beeknee mallattoolee akkasii oggaa arginuu fi dhageenyu of qusannoo malee yeroodhaan akka sirrattu waan dandeenyu gochuu akka qabnufaa dha.

Oromummaan Hundee Eenyummaa Keenyaa ti.

Ulfaadhaa !
“Baga isa du’ee du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos isin gahe waliinu baga nu gahe!” Lammii Gammmachuu

Itti gaafatamaan Sab-quunnamtii Ummataa ABO Jaal Lammii Gammachuu Ayyaana Faasigaa ilaalchisuun hordoftoota Amantii Kiristaanaan ergaa baga geessan jedhu dabarsataniin akaks jechuun dhaamaniiru “Ayyaanni Faasikaa jalqabni waan haaraa yeroo hunda akka danda’amu yaadachiisa. Jalqaba haaraa fi gammachiisaa arguuf aarsaa yeroo hunda fuulduraan mul’atan irra hojiin irra aanuuf of qopheessuudha” jedhan Lammii Gammachuu.

Ayyaana gaarii🙏
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Naamusni WBO hoggansa ABO jalatti akkam akka ture caqasaa.

WBOn kanaaf jaalala Ummataa qabaata ture
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Hidhaa Waggaa 23 booda kan mana hidhaarraa bahe jaal Araarsoo Abbaa Humnaa Canada 🇨🇦 Edmontonitti kabaja yaadannoo GGO irratti Hawaasa Oromoo Koonyaa Gadaa Bilisummaaf dhaamsa dabarsaniiru
Dhaloota keenya biyyi keenya Oromiyaa Alaabaan keenyi Diimaa Magariisa Diimaa walakkaan Odaa jedhaa barsiifna.
Engineer #Tasfaahuun_Camadaa wareegamuu isaa dura xalayaa banaa bulchinsa Mana hidhaa Qaallittiif akkas jedhee barreessee gaafatee ture😭😭😭👇

“Ebla 2011 irraa eegalee sa’aatii 24f Qilleensaa fi aduurraa daangeffamee mana cufaa keessa waanan jiraataa jiruuf fayyaan koo bu’uuraa jeeqamee jira.
Haatahuutii hanga ammaatti deebiin waan naaf hin kennamneef guyyaan itti du’u eeggachaan jira.
Bulchinsi mana hidhaa rakkoon keessa jiru haalaan ulfaataa ta’uu hubatee tajaajila yaalaa akka naaf kennu ammas irra deebi’een iyyadha”. Engineer Tasfahuun Camadaa

Kitaaba Lammii Beenyaa irraa kan fudhatame.
Dhaloota keenya Eenyummaa Oromummaa dhaalchisna malee Itiyoophiyaa ishee dhiiga Oromoo dhangalaastu ishee lafee Oromootaa irratti ijaaramte hin dhaalchisnu.

Oromiyaan Biyya
Wallaggaa Bahaatti humnootiin Finxaaleyyii Weerara bananiin lubbuun namoota nagaa bade.

Faannoon (ፋኖ) ummata Oromoo wallagga Bahaa irratti lola haaraa bante!
Ebla 15, 2025 aanaa Kiiramuu ganda Cabbii jedhamu weerartee qote bulaa tokko ajjeeftee, lama madeesitee. Qabeenyaa ummataa hanga dandeessu guurrattee kan hafe ammoo barbadeesitee mooraa isheetti dachaate.

Guyyaa harraa (Ebla 22, 2025) milishoota Oromoo Naannoo sana ilaaluuf ganda Qoqoffee irraa bobba'an haga gabaasa kana barreessaa jirutti nama 13 ajjefteetti.
Milishoonni Oromoo naanno sanaa jiran baayyinaan xiqqoodha. Meeshaan isaanis duubatti hafaadha.
Kan ፋኖ garuu meeshaa jabanaa kan akka መተርየስ ofkeessa qabudha. Kanaafuu humni milishaa Oromoo rasaasa fageenyarraa itti dhuka'uun dhumaa jira.
Faannoon ፋኖ Wallaggaan (ዲዚሞ) Amaaratti dabaluuf dhiyeenya kana ዲዚሞ ክ/ጦር labsachuu ishee Oromoon martuu quba qaba. Amma yeroo kanatti waraanni ፋኖ meeshaa jabanaa hidhattee baayyinaan gara dhiya oromiyaatti addatti ammoo Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti bobba'a jirti. Aanaa Kiiramuu keessa qofa mooraa dirree leenjii sadii qabdi. Bakki dirree leenjii kunis ganda Haroo, Gooda Abbaa Gashee fi Alii jedhamu. Haga ammaatti waraana ishee mooraa sadii jiru keessaa isa Gooda Abbaa Gashee fi Alii irraa hanga tokko sochoofteetti. Waraanni ishee inni guddaan mooraa Haroo jiru hinsochoone. Leenjii halkaniif guyyaa itti fufee jira.

Ummanni Oromoo Naannoo sanaa ammaan booda hin dheessinu jechuun qe'ee isaarratti wareegamaa jira.
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Taa’anii seenaa waliif himanii kaayyoo fi Akeeka qabsaa’aniif dhaloota hubachiisuun garboomsaatti umurii gabaabsuudha.