Guyyaa: Ebla 18, 2025
✍️
Yaa Oromoota dhiigaan saba kanaa taatanii—nagaan jirtuu?
Dhugaa dubbachuuf, Oromoon nagaa hin qabu. Biyya isaa keessatti nagaa fi bilisummaa irraa arihamee, miidhaa hamaa jalatti dararamaa jira.
Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti: lola, ajjeechaa, saaminsa, hidhaa fi dararaan hammaateera. Aanaalee Jaardegaa Jaartee fi Abee Dongoroo keessatti lubbuun namoota nagaa 30 olii galaafatame. Uummanni nagaan jiraachuu hin dandeenye.
Har’a Oromiyaa bal’inaan—akkasumas Horroo Guduruu keessatti: lubbuun darbaa jirti, qabeenyi saamamaa jira, barattoonni gara barnootaatti deebi’uu hin dandeenye, dargaggoonni hidhamanii ajjeefamaa jiru, dubartoonni dararamaa jiru, uummanni sodaa keessa jiraata.
Mee of gaafadhaa: “Maaltu balleesse? Maaliif saba kana ajjeesuun barbaachisaa ta’e?”
Mootummaan Itophiyaa uummata Oromoo irratti cunqursaa fi ajjeechaa raawwataa jira. Kun seenaa duguuggaa sanyii fakkaata. Mirgi Oromoo ifatti haqummaa fi tuffii jala galee jira. Namni callisu, seenaa hamaa kana keessatti qooda fudhata.
Kanaafuu, yaa ilmaan Oromoo:
Uummata keessan hin dagatinaa
Dhugaa dubbachuuf sagalee ta’aa
Qabsoo karaa nagaa fi seeraa itti fufaa
Addunyaatti himaa—dubbii saba keenya dhoksuu hin qabnu
Tokkummaan ol ka’aa—firaa fi alagaan haa dhaga’u sagalee keenya!
“Uummata nagaa barbaadu ajjeesuun, nagaa miti—yakka!”
Qabsoon keenya mirgaati. Oromoon nagaa barbaada, garuu haqa fi ulfina isaa malee nagaa hin feene. Oromiyaan akka lafa nagaa fi wal-qixxummaa tahuuf, ilmaan ishee hundi sagalee haa ta’an!
#XalayaaBanaa #HorrooGuduruu #Oromiyaa #JusticeForOromo #OromoLivesMatter

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bara hamtuu wal Ajjeechaa osoo balaaleffannuu Haala kanaan ajjeesuun Harreetti fe’an. Dhalootni maal barata kana irraa?
Gochi sukkaneessaan kun “Godina Arsii Aanaa Sirkaa, Ganda Heellaa Xiijoo Seeroo, Gooxii Anshaa Burqituu kan Jedhamu yoo ta’u naannawa mana Aadde Shamoo Billoo jedhamutti raawwatame.
Guyyaan taatee kanaa 08/07/2017 yoo ta’u guyyaa keessaa toora sa’aa 7 ture. Reeffa namaa haala kanaan fe'anii magaalaa Labuuttu geessanii hawaasa daawwachiisaa oolan “
😥😥

Poolisiin fedeeraalaa sakatta’iinsa waajjiraalee Addis Standard irratti godheen qabeenyaa Miidiyaa Sanaa saamuun gabaafame.
Hojjettoonni hidhamuu, fi meeshaaleen elektirooniksii dhuunfaa hedduun saamamuu dhaabbatichii fuula marsaa hawaasa isaa irratti har’a beeksiseera.
Meeshaleen elektirooniksii kan akka laptop, bilbila harkaa, hard disk, fi CPU dabalatee heeddun kan samame akka ta’es himeera.
Meeshaaleen elektirooniksii fudhataman harka poolisii keessa waan jiraniif, karaaleen qunnamtii keenya itti fayyadama sirrii hin taaneef saaxilamoo akka ta’un malanis eerame jira.
Kunis fakkeessuu, odeeffannoo dogoggoraa, ykn miseensota garee keenyaa fakkeessan, daataa argachuu ykn too’achuun yakka raawwachuf yaaluu danda’u jedhamera.
Dhaabbatichi Dhimma kanaaf xiyyeeffannoon hatattamaa akka kennamuf gaafachuun, bilisummaa pireesii Itoophiyaa kabachiisuuf qulqullummaa dhaabbatichaa mirkaneessuf karaalee seeraa fi nagaa hunda kan hordofu ta’uu ibseera
Tsadaalee Lammaa

Sakatta'iinsa Poolisiin hojjettoota fi waajjira Addis Standard irratti gaggeesse ilaalchisee ibsa kenname
Dhaabbanni keenya miidiyaan Addis Standard, miidiyaaleen dijitaalaa ijoo (digital credentials) keenya haala amansiisaa irra jiraachuu uummataaf ibsuu barbaanna.
Haata'u malee ergaawwan, imeelii fi quunnamtiiwwan meeshaalee elektirooniksii keessummaa bilbilootaa fi kompiitaroota dirqamaan poolisiidhaan nurraa fudhatan irraa ergamu dhaabbata keenyas ta’e hojjettoota keenya kan bakka hin buune ta'uu hubachiisuu barbaanna.
Poolisiin dhaabbata keenya irratti sakatta'insa erga gaggeesseen booda kompiitaroota fi bilbiloota kunneen harka humnoota nageenyaa irra waan jiraniif, kompiitaroota fi bilbiloota kanaan maal gaggeeffamaa akka jiru waan mirkanaa'e ibsuu hin dandeenyu.
Gochi akkanaa jala bultii ayyaana Faasikaa irratti itti yaadamee dhaabbata keenya irratti gaggeeffamuun, akka nuti deebii hatattamaa hin kenninee fi hojjettoonni keenya burjaajessuuf akka ta'e hubachuun hin rakkisu.

Baga Ayyaana Du'aa Ka'uu Yesuus Waliin Geenye ! Mikaa’el Booran
Yeroo Ayyaanota Waggaa akkanaa wanti yaadachuu fi wal yaadachiisuu nu feesisan:
1. Sabni keenya hordoftoota amantiiwwan: Waaqeffannaa (kan uumaa fi aadaa isaa ganamaa), Kiristaanaa fi Islaamaa (kanneen guyyaa keessaa ofitti fudhate) of keessaa waan qabuuf, hariiroo hawaasummaa fi gurmuu Sabummaa keenyaas (garaa-garummaa amantii cinatti dhiisnee) caalaatti cimsachuuf ayyaanota walii waliif beekuu fi waliif kabajuun, bakka mijatettis hawaasummaa waliin qooddatanii waliin gammaduun barbaachisaa tahuu.
2. Dhimmi amantii hordofnuu fi kan Oromummaa/Sabummaa keenyaa tokko isa kaan irratti dhiibbaa hin feesisne osoo hin uumin wal cinaa deemuu akka danda'u beekuudhaan lamaanuu akka akka isaatti fi bakka bakka isaatti qabannee deemuu akka qabnu.
3. Tuttuqaa fi qoccolloon xixiqqoon dabartee dabartee amantiiwwan gidduutti namoota dhuunfaa kanneen hordoftoota amantiiwwan kanneenii tahan tokko tokko biraa calaqqistu yoo babal'atte balaan/gaaga'amni isiin gurmuu Sabummaa keenya irratti fiduu dandeessu ulfaataa fi kan salphaatti irra aanuun hin danda'amne tahuu beeknee mallattoolee akkasii oggaa arginuu fi dhageenyu of qusannoo malee yeroodhaan akka sirrattu waan dandeenyu gochuu akka qabnufaa dha.
Oromummaan Hundee Eenyummaa Keenyaa ti.
Ulfaadhaa !

“Baga isa du’ee du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos isin gahe waliinu baga nu gahe!” Lammii Gammmachuu
Itti gaafatamaan Sab-quunnamtii Ummataa ABO Jaal Lammii Gammachuu Ayyaana Faasigaa ilaalchisuun hordoftoota Amantii Kiristaanaan ergaa baga geessan jedhu dabarsataniin akaks jechuun dhaamaniiru “Ayyaanni Faasikaa jalqabni waan haaraa yeroo hunda akka danda’amu yaadachiisa. Jalqaba haaraa fi gammachiisaa arguuf aarsaa yeroo hunda fuulduraan mul’atan irra hojiin irra aanuuf of qopheessuudha” jedhan Lammii Gammachuu.
Ayyaana gaarii🙏

This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Naamusni WBO hoggansa ABO jalatti akkam akka ture caqasaa.
WBOn kanaaf jaalala Ummataa qabaata ture
WBOn kanaaf jaalala Ummataa qabaata ture
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Kabaja GGO konyaa Gadaa Bilisummaa Oromoo Edmonton
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Hidhaa Waggaa 23 booda kan mana hidhaarraa bahe jaal Araarsoo Abbaa Humnaa Canada 🇨🇦 Edmontonitti kabaja yaadannoo GGO irratti Hawaasa Oromoo Koonyaa Gadaa Bilisummaaf dhaamsa dabarsaniiru
Dhaloota keenya biyyi keenya Oromiyaa Alaabaan keenyi Diimaa Magariisa Diimaa walakkaan Odaa jedhaa barsiifna.
Engineer #Tasfaahuun_Camadaa wareegamuu isaa dura xalayaa banaa bulchinsa Mana hidhaa Qaallittiif akkas jedhee barreessee gaafatee ture😭😭😭👇
“Ebla 2011 irraa eegalee sa’aatii 24f Qilleensaa fi aduurraa daangeffamee mana cufaa keessa waanan jiraataa jiruuf fayyaan koo bu’uuraa jeeqamee jira.
Haatahuutii hanga ammaatti deebiin waan naaf hin kennamneef guyyaan itti du’u eeggachaan jira.
Bulchinsi mana hidhaa rakkoon keessa jiru haalaan ulfaataa ta’uu hubatee tajaajila yaalaa akka naaf kennu ammas irra deebi’een iyyadha”. Engineer Tasfahuun Camadaa
Kitaaba Lammii Beenyaa irraa kan fudhatame.