Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
14.1K subscribers
5.68K photos
985 videos
38 files
1.52K links
Ka'i Qeerroo
Download Telegram
Ebla 15 Guyyaa Ilmaan Oromoo Bilisummaa saba isaaniif wareegaman yaadannee, guyyaa itti Irbuu keenya haaromsannudha.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n bu’uureffamuu isaa irraa eegalee hanga har’aatti kan qabsaawaa turee fi jiruuf, gaaffii hundee /bu’uuraa ummata Oromoo deebisuun Oromoon akka sabaatti, sabaa fi sablammoota Oromiyaa keessaa Lammiilee Oromiyaa waliin ta’uun Bilisummaa isaa gonfachuun, mirga abbaa buyyummaa isaa kabajachuun, nagahaa fi tasgabbiin qe’ee isaa irratti abbaa ta’ee ollaa isaa waliin nagaa fi jalaala qabaatee akka jiraatuufi.

Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo Eenyummaa Oromummaa isaaniif yakkamanii wareegamanii darbanii fi har’as xurree Goototni kaleessa baasan irratti warreen wareegamaa jiran ; Dhumaatii Ummta Oromoo tokkummaan osoo falmatuu ANNOOLEE fi CALANQOO irratti wareegame ni yaadanna!
Maalummaa saba tokkoo isa har’aa beekuuf kan darbe qorachuun barbaachisaa waan taheef Ebla 15 yeroo yaadannu seenaa darbe waliif himaa qabsoon Oromoo eessaa ka’ee eessa akka gahee jiru dhalootatti himaa dabarsina

Egaa GGO yeroo kabajnu gootota Oromoo qabsoo biyya isaanii fi roorroo alagaan itti duule of irraa qolachuuf jecha wareegaman hunda kan yaadannee dabarsinu yoo tahu Seenaa Oromoo keessatti Ebla 15, guyyoota kaan irraa adda kan taasisu bara 1980 keessa hoogganooti siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo akka qaroo ija Oromootti ilaalaman Hayyuu Duree ABO dabalatee hoggantootni dhaabichaa 10 qabsoo Oromoo gama dippiloomaasiin utubuuf osoo gara Somaaliyaa imalaa jiranii bakka Shinniggaa jedhamutti humnoota shiftaa Somaaaliyaa harka wayita bu’an amantaadhaan adda bahaa jedhamanii ajajni shiftoota Somaaliyaa irraa kan Islaamaa fi kan Kiristaana taatan gargar bahaa yeroo jedhaman nuyi Oromoodha Amantaan gargar hin baanu jedhanii diduun jumulaan wareegamanii tokkummaa saba Oromoo dhiiga isaaniin akka mirkanooftuuf warra wareegaman waan tahaniif guyyaan sana irraa qabee Ebla 15 wagga waggaan Guyyaa wareegamtoota Gootota Oromoo jedhamee kabajamuu eegale.

Yeroo sanaa as hoogganootaa fi miseensoti Adda Bilisummaa Oromoo, deggertootaa fi ummati Oromoo, qabsaawotni bilisummaa bifa adda addaan qabsoo keessatti qooda qaban walumaa gala sabboontoti Oromoo xurree hoogganooti ABO gaafa duraa saaqan irra bu’anii mirga abbaa biyyummaa Oromoof osoo falmaa irra jiranii wareegaman kuma hedduutti lakka’amu. Har’as Waraanni Bilisummaa Oromoo, miseensotaa fi deggertooti qabsoo, addatti ammoo Qeerroowwan (barattoonni fi dargaggooti Oromoo) walumaa gala uummati Oromoo bal’aan bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf wareegama ulfaataa baasaa jiru.

Yeroo GGO bara kanaa yaadannutti,lola Oromiyaatti gaggeeffamaa jiruun Oromoon kumaatamni qe'ee isaarra buqqa'eera. Kumaatamni golee Oromiyaa hundatti hidhaa jira. Kumaatamni baqataa ta'ee qe'ee Abbaa fi Haadha isaa irraa godaanee jiru keessa kan jirruudha. Kanaaf gidiraa Uummanni Oromoo fi Lammiileen Oromiyaa argaa jiran kanatti furmaata gochuuf diddaan qabsoo sirnaa akkaan murteessadha. Waan ta'eef Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroo yeroo GGO yaadannu xurreewwan Goototaa qabanne hirphuu keenya haaromsachuun lafa jirrutti dammaquun,ijaarramuu tokkoomun hanga hireen ofiin murteeffannaa Uummata Oromoo mirkana'utti falma jabeessuun dirqama yeroon gaafattudha.

Kanumaan waliin jaallan keenya manneen hidhaa biyyatti garaagaraa kessaatti haqa dhabanii hidhaman haala ulfaataa fi rakkisaa keessatti dararamaa jiran guyyaa kanaan baga geessan; baga walumaan geenye jechuu feena.


Maayii irrattis Sochiin Ummatni Oromoo hiree mataa isaa murteeffachuuf taasisu sochii biyyoolessaa saba Oromoo ti.
Akeeka sabboontotni Oromoo kumaatamaan itti wareegaman galmaan gahuuf ittisaa fi qabsoo bilisummaa biyya ofii keessatti qooda fudhachuun mirgaa fi dirqama seenaa lammiiiwwan Oromoo hundaa waan taheef uummati Oromoo mirga politikaa, dinagdee fi hawaasummaa humna qawween irraa sarbame wareegama barbaachisu baasee of harka galfachuuf dandeettii kan qabu tahuu hubannee kallattii dhaabni keenya ABOn nuuf akeeku maraan qabsoo keenya gaggeessaa mirga Ummata keenyaaf kan qabsoofnu tahuu hawaasa addunyaa hubachiiisuu barbaanna.

Injifannoon Ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Ebla 15/2025
Finfinnee ,Oromiyaa
Daa’ima waggaa 12 Abbaa kee fidi jechuun qaamotni Nageenyaa #Matakkalitti hidhan.
Godina Matakkal Ona Dibaaxii ganda Somboo Siree jedhamutti namootni nagaan humnoota nageenyaan qabamanii hidhamuun dararamaa jiru.
Akka maddeen naannichaa nuuf himanitti daa’ima waggaa 12 dabalatee manguddoon waggaa 80 Torban sadii oliif mana hidhaa magaalaa Gaalessaa jedhamu keessatti hidhamanii jiru.


https://sagaleeqeerroo.com/daaimni-waggaa-12-abbaa-kee-fidi-jedhamuun-hidhame
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Dubbadhu Qaallittii Abaaramtuu lafaa…


Jaal Mikaa’el Booraniin
Mootummaan Ameerikaa Imbaasiiwwan 10 cufuuf karoorfachuu ibsame

Bulchiinsi Doonaald Tiraamp Imbaasiiwwan Ameerikaa Eertiraa fi Sudaan_Kibbaa argaman dabalatee Imbaasiiwwan 10 cufuuf karoorfachuu isaa ibsameera.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa imbaasiiwwan kanaan alatti qoonsilaawwan 17 cufuuf karoorfachuu isaa Niiw Yoork Taayims yaadannoo bulchiinsichaa arge wabeeffachuun gabaaseera.

Bulchiinsi Traamp imbaasiiwwan biyyoota akka cufaman karoorfate keessa argaman kana hojiiwwan hojjechaa jiran imbaasiiwwan biyyoota ollaatti argaman keessa raawwachuuf karoorsuu ibsameera.

Imbaasiiwwanii fi Qoonsilaawwan kunneen cufamuun qaama tarkaanfii bulchiinsi Tiraamp baajata mootummaa federaalaa hir'isuuf fudhachaa jiru ta'uu himameera.

Imbaasiiwwan bulchiinsi Tiraamp cufu kudhan keessaa jaha Afrikaa keessa akka argaman beeksiseera. #AS
Jecha ittiin yakka kana ibsatan nama dhiba 😭😭😭

Dhalli namaa Impaayera Itiyoophiyaa keessatti gara jabeenyummaa kana irra gahee jira 😥
Bara hamtuu wal Ajjeechaa osoo balaaleffannuu Haala kanaan ajjeesuun Harreetti fe’an.
Dhalootni maal barata kana irraa?
Guyyaa: Ebla 18, 2025
✍️
Yaa Oromoota dhiigaan saba kanaa taatanii—nagaan jirtuu?
Dhugaa dubbachuuf, Oromoon nagaa hin qabu. Biyya isaa keessatti nagaa fi bilisummaa irraa arihamee, miidhaa hamaa jalatti dararamaa jira.
Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti: lola, ajjeechaa, saaminsa, hidhaa fi dararaan hammaateera. Aanaalee Jaardegaa Jaartee fi Abee Dongoroo keessatti lubbuun namoota nagaa 30 olii galaafatame. Uummanni nagaan jiraachuu hin dandeenye.
Har’a Oromiyaa bal’inaan—akkasumas Horroo Guduruu keessatti: lubbuun darbaa jirti, qabeenyi saamamaa jira, barattoonni gara barnootaatti deebi’uu hin dandeenye, dargaggoonni hidhamanii ajjeefamaa jiru, dubartoonni dararamaa jiru, uummanni sodaa keessa jiraata.
Mee of gaafadhaa: “Maaltu balleesse? Maaliif saba kana ajjeesuun barbaachisaa ta’e?”
Mootummaan Itophiyaa uummata Oromoo irratti cunqursaa fi ajjeechaa raawwataa jira. Kun seenaa duguuggaa sanyii fakkaata. Mirgi Oromoo ifatti haqummaa fi tuffii jala galee jira. Namni callisu, seenaa hamaa kana keessatti qooda fudhata.
Kanaafuu, yaa ilmaan Oromoo:
Uummata keessan hin dagatinaa
Dhugaa dubbachuuf sagalee ta’aa
Qabsoo karaa nagaa fi seeraa itti fufaa
Addunyaatti himaa—dubbii saba keenya dhoksuu hin qabnu
Tokkummaan ol ka’aa—firaa fi alagaan haa dhaga’u sagalee keenya!
“Uummata nagaa barbaadu ajjeesuun, nagaa miti—yakka!”
Qabsoon keenya mirgaati. Oromoon nagaa barbaada, garuu haqa fi ulfina isaa malee nagaa hin feene. Oromiyaan akka lafa nagaa fi wal-qixxummaa tahuuf, ilmaan ishee hundi sagalee haa ta’an!
#XalayaaBanaa #HorrooGuduruu #Oromiyaa #JusticeForOromo #OromoLivesMatter
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bara hamtuu wal Ajjeechaa osoo balaaleffannuu Haala kanaan ajjeesuun Harreetti fe’an. Dhalootni maal barata kana irraa?
Gochi sukkaneessaan kun “Godina Arsii Aanaa Sirkaa, Ganda Heellaa Xiijoo Seeroo, Gooxii Anshaa Burqituu kan Jedhamu yoo ta’u naannawa mana Aadde Shamoo Billoo jedhamutti raawwatame.

Guyyaan taatee kanaa 08/07/2017 yoo ta’u guyyaa keessaa toora sa’aa 7 ture. Reeffa namaa haala kanaan fe'anii magaalaa Labuuttu geessanii hawaasa daawwachiisaa oolan “
😥😥
Poolisiin fedeeraalaa sakatta’iinsa waajjiraalee Addis Standard irratti godheen qabeenyaa Miidiyaa Sanaa saamuun gabaafame.

Hojjettoonni hidhamuu, fi meeshaaleen elektirooniksii dhuunfaa hedduun saamamuu dhaabbatichii fuula marsaa hawaasa isaa irratti har’a beeksiseera.

Meeshaleen elektirooniksii kan akka laptop, bilbila harkaa, hard disk, fi CPU dabalatee heeddun kan samame akka ta’es himeera.

Meeshaaleen elektirooniksii fudhataman harka poolisii keessa waan jiraniif, karaaleen qunnamtii keenya itti fayyadama sirrii hin taaneef saaxilamoo akka ta’un malanis eerame jira.

Kunis fakkeessuu, odeeffannoo dogoggoraa, ykn miseensota garee keenyaa fakkeessan, daataa argachuu ykn too’achuun yakka raawwachuf yaaluu danda’u jedhamera.

Dhaabbatichi Dhimma kanaaf xiyyeeffannoon hatattamaa akka kennamuf gaafachuun, bilisummaa pireesii Itoophiyaa kabachiisuuf qulqullummaa dhaabbatichaa mirkaneessuf karaalee seeraa fi nagaa hunda kan hordofu ta’uu ibseera

Tsadaalee Lammaa