Amnestii Intarnaashinaal mootummaan Itiyoophiyaa Pirojektii Misooma Koridoorii Daandii Magaalaa dhiibbaa mirga namoomaa irratti qabu osoo hin qoratiin jiraattota buqqisuu akka dhaabu gaafateera.
Amnesti International akka jedhetti mootummaan jiraattota pirojektoota misooma koridoorii magaalaa jechuun ''haala kanaan dura hin argamneen'' buqqisuu himate. Amnesty International aanga’oonni mootummaa hawaasa misooma koridoorii kanaan miidhaman haala gahaa ta’een mariisisuu, akeekkachiisuu fi beenyaa kaffaluu dhabuus isaanii himee jira.
Amnesty International michoonni Mootummaa Itiyoophiyaa idil-addunyaa lammiilee nagaa dirqiin qe’ee isaanii irraa buqqisuu akka dhaabsisan hatattamaan akka gaafatan dhaamsa dabarseera.

Ebla 15 Guyyaa Ilmaan Oromoo Bilisummaa saba isaaniif wareegaman yaadannee, guyyaa itti Irbuu keenya haaromsannudha.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n bu’uureffamuu isaa irraa eegalee hanga har’aatti kan qabsaawaa turee fi jiruuf, gaaffii hundee /bu’uuraa ummata Oromoo deebisuun Oromoon akka sabaatti, sabaa fi sablammoota Oromiyaa keessaa Lammiilee Oromiyaa waliin ta’uun Bilisummaa isaa gonfachuun, mirga abbaa buyyummaa isaa kabajachuun, nagahaa fi tasgabbiin qe’ee isaa irratti abbaa ta’ee ollaa isaa waliin nagaa fi jalaala qabaatee akka jiraatuufi.
Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo Eenyummaa Oromummaa isaaniif yakkamanii wareegamanii darbanii fi har’as xurree Goototni kaleessa baasan irratti warreen wareegamaa jiran ; Dhumaatii Ummta Oromoo tokkummaan osoo falmatuu ANNOOLEE fi CALANQOO irratti wareegame ni yaadanna!
Maalummaa saba tokkoo isa har’aa beekuuf kan darbe qorachuun barbaachisaa waan taheef Ebla 15 yeroo yaadannu seenaa darbe waliif himaa qabsoon Oromoo eessaa ka’ee eessa akka gahee jiru dhalootatti himaa dabarsina
Egaa GGO yeroo kabajnu gootota Oromoo qabsoo biyya isaanii fi roorroo alagaan itti duule of irraa qolachuuf jecha wareegaman hunda kan yaadannee dabarsinu yoo tahu Seenaa Oromoo keessatti Ebla 15, guyyoota kaan irraa adda kan taasisu bara 1980 keessa hoogganooti siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo akka qaroo ija Oromootti ilaalaman Hayyuu Duree ABO dabalatee hoggantootni dhaabichaa 10 qabsoo Oromoo gama dippiloomaasiin utubuuf osoo gara Somaaliyaa imalaa jiranii bakka Shinniggaa jedhamutti humnoota shiftaa Somaaaliyaa harka wayita bu’an amantaadhaan adda bahaa jedhamanii ajajni shiftoota Somaaliyaa irraa kan Islaamaa fi kan Kiristaana taatan gargar bahaa yeroo jedhaman nuyi Oromoodha Amantaan gargar hin baanu jedhanii diduun jumulaan wareegamanii tokkummaa saba Oromoo dhiiga isaaniin akka mirkanooftuuf warra wareegaman waan tahaniif guyyaan sana irraa qabee Ebla 15 wagga waggaan Guyyaa wareegamtoota Gootota Oromoo jedhamee kabajamuu eegale.
Yeroo sanaa as hoogganootaa fi miseensoti Adda Bilisummaa Oromoo, deggertootaa fi ummati Oromoo, qabsaawotni bilisummaa bifa adda addaan qabsoo keessatti qooda qaban walumaa gala sabboontoti Oromoo xurree hoogganooti ABO gaafa duraa saaqan irra bu’anii mirga abbaa biyyummaa Oromoof osoo falmaa irra jiranii wareegaman kuma hedduutti lakka’amu. Har’as Waraanni Bilisummaa Oromoo, miseensotaa fi deggertooti qabsoo, addatti ammoo Qeerroowwan (barattoonni fi dargaggooti Oromoo) walumaa gala uummati Oromoo bal’aan bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf wareegama ulfaataa baasaa jiru.
Yeroo GGO bara kanaa yaadannutti,lola Oromiyaatti gaggeeffamaa jiruun Oromoon kumaatamni qe'ee isaarra buqqa'eera. Kumaatamni golee Oromiyaa hundatti hidhaa jira. Kumaatamni baqataa ta'ee qe'ee Abbaa fi Haadha isaa irraa godaanee jiru keessa kan jirruudha. Kanaaf gidiraa Uummanni Oromoo fi Lammiileen Oromiyaa argaa jiran kanatti furmaata gochuuf diddaan qabsoo sirnaa akkaan murteessadha. Waan ta'eef Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroo yeroo GGO yaadannu xurreewwan Goototaa qabanne hirphuu keenya haaromsachuun lafa jirrutti dammaquun,ijaarramuu tokkoomun hanga hireen ofiin murteeffannaa Uummata Oromoo mirkana'utti falma jabeessuun dirqama yeroon gaafattudha.
Kanumaan waliin jaallan keenya manneen hidhaa biyyatti garaagaraa kessaatti haqa dhabanii hidhaman haala ulfaataa fi rakkisaa keessatti dararamaa jiran guyyaa kanaan baga geessan; baga walumaan geenye jechuu feena.
Maayii irrattis Sochiin Ummatni Oromoo hiree mataa isaa murteeffachuuf taasisu sochii biyyoolessaa saba Oromoo ti.

Akeeka sabboontotni Oromoo kumaatamaan itti wareegaman galmaan gahuuf ittisaa fi qabsoo bilisummaa biyya ofii keessatti qooda fudhachuun mirgaa fi dirqama seenaa lammiiiwwan Oromoo hundaa waan taheef uummati Oromoo mirga politikaa, dinagdee fi hawaasummaa humna qawween irraa sarbame wareegama barbaachisu baasee of harka galfachuuf dandeettii kan qabu tahuu hubannee kallattii dhaabni keenya ABOn nuuf akeeku maraan qabsoo keenya gaggeessaa mirga Ummata keenyaaf kan qabsoofnu tahuu hawaasa addunyaa hubachiiisuu barbaanna.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Ebla 15/2025
Finfinnee ,Oromiyaa
Injifannoon Ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Ebla 15/2025
Finfinnee ,Oromiyaa
Forwarded from KALLATTII
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Daa’ima waggaa 12 Abbaa kee fidi jechuun qaamotni Nageenyaa #Matakkalitti hidhan.
Godina Matakkal Ona Dibaaxii ganda Somboo Siree jedhamutti namootni nagaan humnoota nageenyaan qabamanii hidhamuun dararamaa jiru.
Akka maddeen naannichaa nuuf himanitti daa’ima waggaa 12 dabalatee manguddoon waggaa 80 Torban sadii oliif mana hidhaa magaalaa Gaalessaa jedhamu keessatti hidhamanii jiru.
https://sagaleeqeerroo.com/daaimni-waggaa-12-abbaa-kee-fidi-jedhamuun-hidhame
Godina Matakkal Ona Dibaaxii ganda Somboo Siree jedhamutti namootni nagaan humnoota nageenyaan qabamanii hidhamuun dararamaa jiru.
Akka maddeen naannichaa nuuf himanitti daa’ima waggaa 12 dabalatee manguddoon waggaa 80 Torban sadii oliif mana hidhaa magaalaa Gaalessaa jedhamu keessatti hidhamanii jiru.
https://sagaleeqeerroo.com/daaimni-waggaa-12-abbaa-kee-fidi-jedhamuun-hidhame
Forwarded from KALLATTII
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Dubbadhu Qaallittii Abaaramtuu lafaa…
Jaal Mikaa’el Booraniin
Jaal Mikaa’el Booraniin
Mootummaan Ameerikaa Imbaasiiwwan 10 cufuuf karoorfachuu ibsame
Bulchiinsi Doonaald Tiraamp Imbaasiiwwan Ameerikaa Eertiraa fi Sudaan_Kibbaa argaman dabalatee Imbaasiiwwan 10 cufuuf karoorfachuu isaa ibsameera.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa imbaasiiwwan kanaan alatti qoonsilaawwan 17 cufuuf karoorfachuu isaa Niiw Yoork Taayims yaadannoo bulchiinsichaa arge wabeeffachuun gabaaseera.
Bulchiinsi Traamp imbaasiiwwan biyyoota akka cufaman karoorfate keessa argaman kana hojiiwwan hojjechaa jiran imbaasiiwwan biyyoota ollaatti argaman keessa raawwachuuf karoorsuu ibsameera.
Imbaasiiwwanii fi Qoonsilaawwan kunneen cufamuun qaama tarkaanfii bulchiinsi Tiraamp baajata mootummaa federaalaa hir'isuuf fudhachaa jiru ta'uu himameera.
Imbaasiiwwan bulchiinsi Tiraamp cufu kudhan keessaa jaha Afrikaa keessa akka argaman beeksiseera. #AS