Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
14.1K subscribers
5.69K photos
985 videos
38 files
1.53K links
Ka'i Qeerroo
Download Telegram
Yaasootti kaleessa wareegame
Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Bule Horaa haala suukanneessaa keessatti dararamaa jiru
Hiriira mormii Bule Horaa
Haalli Oromoo Moyyaalee keessaa yaaddeessaadha!
Kaleessas ta'ee har'a, uummatni keenya nageenyisaa hongaa'uu caalaa kan nu mufachiisu hinjiru!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 13,2018
Finfinnee Oromiyaa

Yeroo garaa garaatti nagaan uummata Oromoo deebi'ee, mirgi namoomaa uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo impaayera Xoophiyaa akka kabajamuuf karaa nagaa sagalee dhageessisuun gaafachaa turree ittis jirra. Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo akeeka uummata Oromoo utuu hinsharafamin qabee kan jiru ABO dhaan hogganamnee qabsoon gochaa turre karaa nagaa rakkoon Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayera biyyattii akka furamuuf gaafachuu ture. Akeeka nagaa booreessuu, jeequmsaa fi goolii garaa garaa uumaanii biyya hokkora maayii hinbaafne keessa galchuu qaama qabatee adeemu kamiin dura dhaabbachuudhaan, bifa haqaaf seeraan qaamni dirqama qabu nagaa uummataa akka bakkatti eeguuf gaafachuu ammas itti fufnee jiraachuu keenya ibsina!

Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo kaleessas ta'ee har'as wanti nagaa caalu hinjiru jennee amanna, boriifis nagaan bu'uura jiruuf jireenya saba tokkoo ta'uutti Qeerroon Bilisummaa Oromoo nii amana. Qaama nagaa uummata isaa nagaa uummata Oromoo booreessuuf ammoo dhiifama tokko gochuuf akeekas ta'e ajandaa qabatee hinbeeku. Uummatarratti lola labsuunis ta'ee, saboota daangaa walitti buusanii bu'aa siyyaasaa argachuuf qaamootni haloolamanis ta'e qaamotni hojiitti jiran kamuu hatattamaan dhaabbachuu qabu. Uummatni keenya kallattii maraan jeeqamuun irra hinjiraatu! Ajjeechaan nurraa haa dhaabbatu! jennee kan gaafannuuf deebiin ajjeechaa babal'isuufii jeequmsa heddummeessuu ta'ee bakka jirutti, biyyattii hokkora hinbarbaachifne keessa galchuun kisaaraa hammaataaf saaxiluu ta'uutti cimsinee amanna jechaa turre ammas irra deebiin jenna. Nagaa boora'eef gafatama kan qabu qaama nagaa booreessaa jiru kan lola kallattii 4 uummatarratti banamee jiru callisee ilaaleef, waraana uummatti banee jiru ta'uu uummata hubachiifna!

Jeequmsi uummataa, karaa Bahaa Oromiyaa maqaa Liyyuu Hayilii Sumaaleen, Karaa Lixaa Oromiyaa maqaa Liyyuu Hayilii Gumuziif uummata Gumuziin, Karaa Kaaba Oromiyaa maqaa humna hidhatee jiru Affaariin, akkasuma karaa Kibbaa uummatoota sabaaf sablammii daangaarraan, duuchaatti saboota naannoo Oromiyaa daangeessan mara uummata nagaa Oromootti duulchisanii araddaa fi qe'ee keenya mancaasanii biyya keenya Oromiyaa boolla badiisaatti darbachuu caalaa wanti Qeerroo Bilisummaa Oromoo mufachiisu hinjiru. Maqaa adamoo Waraana Bilisummaa Oromoo WBO jedhuun uummata nagaatti raayyaa ittisa biyyaa bobbaasanii waraana uummatarratti banuun kallattii maraan sochiin godhamaa jiru hattamaan haa dhaabbatu. Qeerroo Bilisummaa Oromoo akeka nagaa buusuu fi qaama mirga namoomaa fi mirgoota dimokiraasii akkasuma mirgoota uumamaan qabnu nurkaa sarbu dura dhaabbachuu ammas taanan itti fufee jiraachuu uummatasaa bal'aaf nii ibsa!

Nuti Qeerroon; qaamootni ajjeechaa gara jabinaa raawwataa jiran seeratti akka dhiyaatan gaafachaa akkuma turre yakkamaan seeraaf heera biiyyattiin akka gaafatamuu qabu gaafachuu cimsinee itti fufnee jirra. Ajjeechaa uummata isaa Oromoo irra gahu balaaleffachuuf dirqama Oromummaa, ilma/intala uummatichaa kan jilba abbaa Oromoo fi gadameessa haadha Oromoo keessaa bahe bahachuuf eenyuun olitti gaddi itti dhagaa'amuufi daangaa gaddaa fi bohichaa Oromiyaatti gochuuf kan duriin olitti of ijaaree warraaquuf, nagaa fi tasgabbii biyyattii keessatti karaa nagaa fi naamusa qabuun fiduuf qabsoo jabaa gochuuf akka muratee jiru Qeerroo Bilisummaa Oromoo ni ibsata!

Waan ta'eef qaamota nagaa fi tasgabbii uummataa hunkuranii ajjeechaa fi dararama uummata isaa Oromoo fi saboota cunqurfamoo irraan gahan cimsee hadheeffata, nii balaaleeffatas. Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo kaleessas akkuma uummatni keenya nageenyisaa hongaa'uun nu mufachiise, har'as boris nagaan uummataa boora'uun eenyuun olitti kan nu dhukkubsu ta'uu uummata keenya kabajamaa Oromoofis diinaafis himuu feena. Nageenyi uummataa mirkanaa'ee yakkamaan seeraaf akka laatamus daddaballee gaafanna!

Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 13,2018
Finfinnee Oromiyaa
Agartuu Qeerroo (Hogganni Addi Bilisummaa Oromoo Abidda Keessaa galee abiddatti gale)
Qalbeessaa Dhangi'aa
Mudde 14,2018
Finfinnee Oromiyaa

Addi Bilisummaa Oromoo har'a maal keessa jira?
Hogganni Adda Bilisummaa Oromoo dhiibbaawwaan akkamii keessummeessaa jira? Obsa akkamii qaba?
Uummatni Oromoo haala ammaa kana dammaqinaan daddaffiin baruu maaliif lafarra harkifate?
Abiddi hogganni Addi Bilisummaa Oromoo keessaa gale fi itti gale garaagarummaa qabaa? Garaagarummaa akkamii?

Uummataaf darbaa jiramoo diinatu irratti bara dabarfataa jira?

Seensa
Barruun kun yaada dhuunfaa kiyyadha. Wantootan taajjabaa ooluuf erga hogganni ABO galee asitti ilaalaa jirurra dhaabbadheen haqa jiru uummatni kun utuu baree gaaridhawoo jedhee yaadeen kobbee kiyya jalqabsiise. Kobbeenkoo haqa katabuu jalqabnaan waan uummatni baruu qaba jettu ijoo ijoosaa xuxxuquu hindhiiftu. Haqni addi Bilisummaa Oromoo uummatatti osoo hinimin uummannikoo beeka jedhee dhiise hedduun as keessa akka jiru hubadhaa! Waan ABO kineessee balleessuu hedu hedduutu jira, sana danuusaa ABO'n dubbatachuu hinyaalle. An akka dhuunfaatti yoon eere dhibee hinqabu. Barruun kun hogganni ABO abidda keessaa galee abiddatti gale jedha. Abidda kana dhaamsuuf daboo halagaa waamuun nu hinfeesisu, uummatasaa hubachiisuufiin uummatniif Qeerroo Bilisummaa Oromoo akka dhaabasaa ABO tikfatutti eeruu laachuufiitu dansa jedheen yaada. Adda Bilisummaa Oromootti Jogee/ Culullee siyyaasaa hedduutu marsee jira. Culullee siyyaasaa ABO tti marsaa jirtu kan qaaruushee dhahee irraa kutu Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromooti. Jogeen siyyaasaa ABO dhabamsiisuun dursa karoorashee ta'us boodarra ammoo uummata Oromoo tokko tokkoon funaantee nyaachuuf ishee aanjaawa. Kana gahuuf ka dursu ABO butanii uummata keessaa baasuu itti aansanii uummata Oromoo tokko tokkoon bubbutanii nyaachuu kan jedhu oomisha shiraa diinni baafate keessatti ajandaa ho'aa tibbana dubbatamu ta'uu mala. Sun garuu abjootamuun ala utuu uummatni isaa Oromoo fi Qeerroon inni horate jiruu ABO qaamni xuqee balleessu jiraatus hinmilkaahu jenna.

Oromoon abidda keessa jiraataa ture abidda keessaas jira, haalluun abiddaa wal caaluus maqaaf akeeknisaa wal gatus abidduma keessa jiraachuu keenya beekna. "Abidda keessatti uummatakoo ilaaluurra, halaala taa'ee ofiis abidda keessa biyyakoos abidda keessatti ilaaluurra waliin abidda wal fakkaataa keessummeessee bishaan abidda sana dhaamsu uummatakoo waliin burqisiisuu nan dandaa'aa laata?.." Jedhee hagganni ABO waan gale natti fakkaata. Akka agartuu Qeerroottis kanuman argaa jira.

Abidda keessa jiraachuu yoo beekne, eela bidhaanii qotnee abidda sana dhaamsuuf bishaan burqisiifna, abidda keessa jiraachuu keenya hinbeeknu taanaan garuu; hundumti keenya utuu hinbeekin akkuma kaadhima abiddaa taanee jirrutti gubannee ashaara'uu dandeenya. Ani Agartuu Qeerroo uummatakoo fi jaallankoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo abidda dhokataa arrabnisaa halaalatti Foon kormaa waadu Kana baraaruufan barruu kanaan yaadakoo dabarfadhe. Dubbisa gaarii!

1. Addi Bilisummaa Oromoo har'a maal keessa jira?

Qabsoo aarsaa qaqqaalii itti baaseen har'a Addi Bilisummaa Oromoo uummatasaa bakka maraa dammakfatee sabboonummaa fi jabina siyyaasaa herregaan olii uummatasaa Oromoo qaqqabsiisee jira. Kaleessumarraa kaanee qabxii xiqqoo yoo xuqne ABO'n uummatasaaf Oslo of hinqusatin hanga hoggana isa uummataaf wareegamanitti qabsoo hadhaahaa gochaa ture ittis jira. Roga qabsoo ABO kaleessaarraa hanga har'aatti jijjiirama argamaa jiruun kan hinaalamne uummatni sadarkaa qaama diinaan gowomfamuu bira darbuusaati. Ta'uullee qabsoon ABO'n godhu ammas daandii walakkaa akkasuma walakkaa abiddaa jiraachuu eenyullee akka beekun barbaada.

Maqa balleessii fi holola ABO irratti gaggeeffamaa ture mara kan ABO injifachiise dhugaa ABO'n qabudha boriifis dhugaan inni qabu isa injifachiisa. Shira diinaa guyyuutiirraa ABO irratti xaxamaa oolee xaxamaa bulu kan cicciree har'a akka ABO'n jiraatu taasisees dhugaa inni qabudha boriifis dhugaasaatu shira irratti xaxamu mohachiisa. ABO irratti holola guyyaa guyyaan burquun isaa qaroo Agartuu Qe
erroo biraa kan dhokate miti shira sana hundeen buqqaasuuf ta'ee uummata itti dammakfatee hundeen galagalchuuf carraaqqii godhu yoomuu hindhaabu.

Har'a addi Bilisummaa Oromoo uummata isaa keessa jira. Waraannisaa WBO illee uummata keessa, Kun uummata Oromoof gammachuu addaa dabaleeraaf. Bakkoota WBO jirutti uummata nagaa saamamaa tureef boqonnaa addaa laatamee jira. Saamtota hedduu harka akka adabatan taasise, ajjeestota hedduus akkasaan harka isaanii gabaabsan taasiseera akka harki ajjeestotaa cituttis of humneessee tika uummatasaa fi gaachana sabasaa ta'uuf WBO'n kanaa olitti hojii akka hojjetu abdanna. Addi Bilisummaa Oromoo dargaggoo qaqqaxalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo miliyoonaan horate. Kan inni horate kunneen qaama mirga uummataaa sarbuu amaleeffate amala fafee sanarraa akkanni of adabu itti himuun amalasaa gabaasuu danda'eera guutuutti amala badaa kana waliin qaama saamichaa fi qaama sarbaa ta'e iddoo itti gochuuf caalaatti hojjetaa akka jiruuf hojjechuus qabun tilmaama.

Kaleessaas ABO'n abidda keessa ture har'as uummatasaa Oromoo waliin bokotii abiddaa gidduu jira. Bokotiin Abiddaa sun ABO's abidda taasisera. Abidda irra darbee WBO fi Qeerroo Giimii taasisee akkanni jiru agartuu qeerroo cimsee beeka. Abidda uummata irra jiru uummata isaa waliin qooddachuu caalaa waan ABO boqochisu yoo jiraate Bilisummaa haqaa sana dhugoonfachuu qofa. Har'a gaafa uummata isaa waliin bu'ee ba'aa jirutti diina uummataa gubee barbadeessuu akka danda'u eenyu duraa dhokataa miti. Kanaaf har'a addi Bilisummaa Oromoo abidda keessa jira! Yeroo taa'ee qabbaneeffatu ykn yeroo gammadee kolfu keessa hinjiru. Gammaduun qabbaneeffachuun uummata ofii Oromoo wajjini. Abidda kana uummatasaa irraa dhaamsuuf galaana ta'ee abidda kallattii afuriin uummatasaa Oromootti baname dhaamsuu hojjetaa jira ta'uus qaba.

2. Hogganni Adda Bilisummaa Oromoo dhiibbaawwaan akkamii keessummeessaa jira? Obsa akkamii qaba?

Addi Bilisummaa Oromoo abidda keessa jira, abidda sana baatee utuu gubatuu obsee kulkulfataa kan deemaa jiru uummata Oromoo, WBO fi Qeerroo dabalatee hoggana ABO ti. Hogganni ABO abidda karaa maraan uummata Oromootti qabatee jiru kanaan hedduu akka qalbii meelanii jiran tilmaamuui nama dandeessisa. Dhiibbaawwan hedduu issanirra gahaa jiran kan uummatnuu argaa jiru kana baatanii jiru. Fuuldurattis uummata isaanii dursanii balaa uummatatti dhufu mara qooddachuuf waan akeekan fakkaata. ABO'n uummatsaa abdata, uummataafis hojjeta. Rakkoo ABO tti dhufu uummatni nii qolata qolataas tureera, kun ammoo hogganoota ABO's ta'ee ABO akkanni ofitti amanu godhee jira. Shira ABO irratti Waadaa dalagamu kamuu uummatni irratti akka hinilaalle waan beekuuf amantoo isaa dabalee uummata isaa keessa jira. Hoggana ABO irra doorsifni gahuu mala, doorsisa qofas miti rakkoowwan yaalii garaagaraa adeemuu malu yaaddoo jedhu kan qabu Agartuu Qeerrooti. Kanaaf ammoo hogganasaas dhaabasaas tikfachuuf gahee olaanaa an qabu ilma Oromoofi intala Oromoo mara.

3. Uummatni Oromoo haala ammaa kana dammaqinaan daddaffiin baruu maaliif lafarra harkifate?

Meeshaan ilma namaa ittiin garboomsan hedduu akka ta'e meeshaan garboomaa akka rafee hindamqne ittiin godhanis danuudha. Si raffisanii lafa raftutti si qalu. Kun akeeka garboonfattootaati. Qabsoon Oromoo akka galma hingeenye qaamotni fedhan akka uummatni of baru hinbarbaadan. Kanaaf ammoo meeshalee hololaa mara gargaaramu. Akkasuma dibbee Shiraa irratti rukutanii gurra duuchuu yaalu. Qaamuma isaanii waliin akka diinomaniitti wal ilaaluu, boodarrammoo gaafa qaama sana uummatni amanee jala yaa'uu fi dhagaa'uufii qabu siyyaasaa isaaniin suuta suuta arrabsiisuu yaalu. Shirootni akkanaa akka uummatni dammaqaa hintaaneef dalagamu. Waggoota afuriif nama akka waan qaama mootummaa hinta'iiniitti uummataaf nama dubbatu fakkaatee booda kanarrammoo qaama abaaru sanatti galee muudamaa jiruufi hojii guddaa harka lafa jalaan hojjetaa jiru hedduutu mootummaa garboomsaa kanaaf dhalate. Ilmaan akkanaa dhalachuun qabsoo Oromoo sangoomsuuf ture. Galati kan ABO ti Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO'n horate sana gattee qabsoo haqaa uummatni qa
batee jiru kaayyoo uummataa galmaan gahuuf ejjennoo qabdu kabeessite.

Walii galatti akka uummatni shira deemaa jirutti hindammaqneef dalagaan shiraan hojjetame guddoo ture. Ta'us oolee bulee injifataan shira utuu hintaane haqa qabnu sana.

4. Abiddi hogganni Addi Bilisummaa Oromoo keessaa galee fi itti gale garaagarummaa qabaa? Garaagarummaa akkamii?

Garbummaan abidda. Abidda sana qaamni namaa beeku isa ittiin gubatee arge qofa. Abidda keessa ta'anii nagaa qabna jechuutu ulfaata. Kanaafis yeroo hedduu irra deddeebiin waan dubbannu waan rakkina uummata keenyarra gahu sana. Namootni gariin akka gururiituu waa'ee gaddaa qofa dubbattuutti nu fudhachuu malu. Eeyyee utuu reeffa manaa qabnuu kolfuu waan garaan keenya hindandeenyeef rakkina faarsina. Akka waa'ee rakkinaa hinimne yoo feetan ammoo nu rakkisuu dhiiftu. Kanaan ala waa'ee rakkinaa qofa nutti hinfaarsinaa! "Boochuuf boochiftuu nurraa dhowwaa!" Nuun hinjedhinaa! Nu ajjeestanii boossanii wal hinawwaalinaa jechuun keessan aadaa ganama qabnu nurkaa dhahuu keessan hubadhaa. Yoo maatiin du'e boohee wal awwaaluun aadaa Oromooti. Ta'ee odoo jiruu qaamni gumaa Oromoo ajjeesisee ka'ee hinboo'in jechuun daba irratti dabadha.

ABO'n abidda keessa akka jirun isinii kaase gara jalqabaatti. Abiddi sun ammoo ABO's abidda taasise. Bokotiin ABO ammoo abidda jalqaba ABO gube saanaan oli. Kana qofaa miti, uummata Abidda keessa taa'e abdii odoo hinmurin gara fuulduraaf akeekee tarkaanfatu waan horateef uummatichi galaana abidda halagaa sana irra galagalee dhaamsu ta'ee jira.

Hogganni ABO abidda halaalaa keessa ture, halaala taa'ee abidda keessa jiraataa waa'ee ofii abidda keessa jiraachuusaa osoo hindhiphisin uummatni abidda keessa jiraachuu aadaa, kulkulfataa yowwana gahe. Amma halaala ta'ee garaa gubataa ture abidda isa biyyaatti galee jira. Abidda biyyaa kana ammoo karaa lama balleessuuf jira. Ka jalqabaa ofiis abidda ta'ee diina gubuu danda'uudha. Ka lammataa uummata kana galaana taasisee akkanni abidda ofirraa dhaamsu qajeelchuudha. Guyyaa gara guyyaattis itti himaa jira. Uummatni Oromoo of baraaruu qaba. Qaama abidda taatee ABO gubdee balleessuu feetu kana ABO irraa ittifachuu qaba.

5. Uummataaf darbaa jiramoo diinatu irratti bara dabarfataa jira?

Kaleessa raammootuu uummata Oromoo nyaataa ture. Har'as raammoo wal horee Oromoo nyaata. Oromoof darbaa jiraatuun abdii egeree ta'ullee ammatti uummatni Oromoo rakkina hammaataaf saaxilamee jira.

Eda galgala kallattiin mootummaan karaa miidiyaa uummata nagaa (sivilitti) waraana labse. Waraanni eda labsamaa ture har'a uummata Oromootti bobbaa taasisee jira. Oromiyaa kallattii maratti waraanni labsamee jira. Lubbuun namaa bara kana akka malee baati yaaddoon jedhu yaaddoo Agartuu Qeerrooti. Waraana labsan kanaan WBO balleessuun ajandaa duraati, WBO tti aansanii Oromoo daguuguutti luucca'uuf jedhu. Uummatni bakka mara of ittisuuf qophaa'uu qaba. Waraana bara kana labsamaa jiruun qe'een Oromoo akka hingaaga'amne Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Oromoon eeggiitii gochuuf jabinaan hojjechuu qaba!

Injifannoon Uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi'aa tiin
Mudde 14,2018
Finfinnee Oromiyaa
[SQ, Mudde 14,2018] ODUU_GADDAA

Cinaaksaniti gadda gadda irratti nuuf dabalan aanaa Cinaaksanitti lola qindawaa liyuu polisin ummata nagayaa meeshaa hin qabne irratti bantee jirti meshaan isani arraa lola bananiin qawwee gurguddoo keessaa beekeem 5 M 14 isnefar qabatanii lola bananiin hanga ammati nama 3 wareegamee nama 6 madaawee jira

Haaluma kanaan Godina harargee bahaa anaa Cinaaksaniti araddaa Qobboo Biqaa irratti lola gaggeeyfameen guyyaa har'aa namoonni madawaan hanga gabaasa kana argannetti

1 Mohamad Jibriil umaro araddaa waleensuu
2 Mooyluud Abdullaa araddaa qobboo
3 Qaasim Muussaa araddaa karraroogaa
4 Jamaal Ohammad araddaa ulaanulaa
5 Mohammad Alii Aarree araddaa Qobboo
6 Ahmad Adam araddaa waleensu

Maqaa nama wareegamee
Hanga ammaatti Nammiini guyyaa arraa wareegame

1'Hafsaa Huusseen Ahmad / Dakkarree daa' imman waggaa 7 araddaa Qobboo

2'Rashiid Ahmad Alii araddaa waaleensuu

3'Huussen Arab araddaa ulaanulaa

Yaa Raabbi jannatan nuuf qananiisi madoo keenya nuuf fayyasi
Lammiin keeenya dhumees dhumaa jiraas
Namootni maqaa simannaa ABO'n qabamanii hidhaman Ciimsaa Abdiisaa fi Mangiistuu Waaqumaa dabalatee guyyaa har'aa mana hiraarsaarraa hiikaman
(Muddee 14-2018 ) Godina Booranaa Aanaa Dubluqiitti yakka haleellaa waraanaan ajjeechaa magaalaa moyyaaleetti uummata Oromoo irratti rawwatame balaaleffachuun Qeerroofi uummaanni hiriira mormii gaggeessa jiru. Magaalaa Moyyaaleetti angawoonni waraanaafi qaamootni nageenyaa uummata waraanaan haleelama jiru callisaan ilaalan nurraa kaafamuun seeraatti akka nuuf dhiyaatan jechuun uummanni gaafacha jira.