Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
14.1K subscribers
5.7K photos
993 videos
38 files
1.53K links
Ka'i Qeerroo
Download Telegram
Update:

“Gamtaan Awurooppaa waamicha Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa fi qaamoleen idil-addunyaa qorannoo guutuu [ajjeechaa] Obbo Batte Urgessaa irratti gaggeessuuf godhanitti makamuu beeksise . Marii, itti gaafatamummaa, haqaa, fi araara Itiyoophiyaa daandii gara egeree nagaa fi badhaadhina qabu irra kaa’uuf tattaaffii taasifamu hunda deeggaruuf qophiidha.” Jedheera
Hawaasni Oromoo Amerikaa Washington DC jiraatu ajjeechaa uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru balaaleffachuuf hiriira guddaa taasisuuf qophiitti jira.

Hiriirri kun Eebla 17 bara 2024 Washington DC tti geggeeffama.

Hiriirri kun Addatti ajjeefamuu qondaala olaanaa ABO Obbo Battee Urgeessaa balaaleffachuuf taasifamuuf jira.

Dhalattoonni Oromoo Washington DC fi naannawaa ishee jiraatan hiriira kana irratti dammaqinaan akka hirmaatan kireen qindeessituu yaamicha dhiheesseeti jira.
Du’e Jaalle Battee irratti Ibsa Hogganoota, Qondaalotaa fi Miseensota ABO Kibba-baha Oromiyaa

Nuti Hogganootni, Qondaalotni, Miseensotnii fi Deeggartootni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Kibba-baha Oromiyaa (Godinoota Arsii, Arsii Lixaa, Baalee Bahaa fi Baalee Lixaa) Ajjeechaa Qondaala ABO Olaanaa Jaal Battee Urgeessaa Irratti Raawwatame Gadi-jabeesinee Balaaleffanna.
Ibsa Ejjennoo Hogganoota, Qondaalotaa fi Miseensota ABO Kibba-baha Oromiyaa
Ebla 09, 2024 ajjeefamuu miseensaa fi qondaala siyaasaa ABO Jaala keenya Jaal Battee Urgeessaa yeroo dhageenyu gaddaa ulfaataatu onnee nu cabse. Yeroof dhugaa ta'uu isaa ofitti fudhachuufis nu rakkise. Garuu ajjeefamuun Jaala keenya marartee firaa fi orma biraa qabu kun dhugaa ta'ee argame.

Jaal Batteen bakka dhaloota isaa Oromiyaa, Godina Shawaa Bahaa magaalaa Maqiitti halkan gaafa Ebla 09, 2024 ajjeefame.
Jaal Batteen nama qaroo, Hayyuu biyyaa, sab-boonaa ummata isaa fi ilmaan cunqurfamoo biyya kanaa maraaf of kennee of qusannoo tokko malee dhugaa isaan qabaniif nama dubbachuun falmaa turee dha.

Jaal Batteen nama Oromoo fi dhaabni isaa ABOn akka qaroo ija isaatti ilaaluu fi akkaan mararfatuu dha. Jaal Bateen hanga gaafa lubbuun isaa darbuutti qaamaa fi qalbii guutuun dhaaba isaa fi ummata isaa akkasumas ummata cunqurfamoof beekumsaa fi dandeettii qabu osoo of hin qusatiin nama of kenniinsaan hojjataafii turee dha.
Jaalli keenya tarsimoo qabsoo bilisummaa, dimookirasitii fi falmataa mirga dhala namaa ti.
Ajjeechaan suukanneessaan gara jabeenyaan guutame ilmaan Oromoo qaroo ta'an irratti yeroyeroon bakkoota adda addaatti ilmaan Oromoo qareeyyii ta'an irratti raawwatamaa turetu Jaal Battee irrattis rawwatame.
Qareeyyii ilmaan Oromoo biyya kana keessatti ajjeefamanii haqni isaanii hin ba'in mata jabeenya bulchitoota impayiraa Itoophiyaatiin awwaalamee hafe lakkaawamee kan dhumu miti.
➢ Haqni Art.Hacaaluu Hundeessaa,
➢ Haqni Art.Daadhii Galaan,
➢ Haqni Ogeessa Seeraa Abduljabbaar Huseen,
➢ Haqni Abbootii Gadaa Karrayyuu fi kanneen biroo hedduu hin deebi’in jiran kaasuun ni danda’ama.
Jaal Battee Urgeessaa ilma qaroo biyyaa kan galaafate qaamotuma kanaan dura qareeyyi ilmaan Oromoo ajjeesee haqa isaanii awwaalee dha jennee amanna.

Ummanni Oromoo bal'aan, Hayyootnii fi Beektotni biyya kanaa, Qeerroo fi Qarreen Oromoo gochaa hammeenyummaa Impaayira biyyattii kana keessatti dalagamaa jiruuf hamilee cabdanii jilbeenfachuu osoo hin taane, kaayyoo dhugaa gootonni keenna of kenniinsaan isiniif hojjataa turaan fuutanii akka fuul-duratti tarkaanfachiiftanii fi haqni isaanii akka awwaalamee hin hafne dhiibbaa roga hundaan akka gootan yaamicha goona.
Nuti Hogganootni, Qondaalotni, Miseensotnii fi Deggartootni ABO Kibba-baha Oromiyaa kaayyoo Jaal Battee Urgeessaa dabalatee goototnii kennaa Bilisummaa, Dimokiraasii fi Mirga Dhala Namaa kabajsiisuuf osoo falmanii irraa wareegaman galmaan ga'uu fi Haqni isaanii akka ifa ba'uuf qooda nu irraa eegamu ba'achuuf Irbuu keenna ni haaromsanna.

Jaal Battee Urgeessaa fi qarayyoo ilmaan sabaa ajjeefamanii haqni isaanii dhokfameef qaama walabaa hin baabsinee fi qaamota mirga dhala namaaf dhaabbataniin qoratamee bu'aan firii isaa nuufis ta'e ummata Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo maraaf ifa akka ta'u jabeessinee gaafanna.
Nuti Hogganootni, Qondaalotni, Miseensotnii fi Deggartootni ABO Kibba-baha Oromiyaa gadda ulfaataa onnee keenna cabse ibsachaa, Jaala keenya akkaan jaallannuu fi akka qaroo ija keenyaatti ilaalluun Caffee Jennataa keessa nuu Boqadhu jechaa, maatii, firoottan, ummata Oromoo bal’aa fi lammiilee gadda ulfaataa kana nu waliin qooddatan maraaf jajjabina hawwina.
Qabsa’aan ni kufa, Qabsoon itti fufa!

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Hogganoota, Qondaalotaa fi Miseensota ABO Kibba-baha Oromiyaa
Ebla 13, 2024
Hogganootni, miseensotnii fi deggertootni dhaabota adda addaa akkasumas sab-boontotnii fi ummatni Oromoo maatii Jaal Battee Urgeessaa qaamaan achitti argamuun jajjabeessan.

Hoggantootni fi qondaalotni, akkasumas miseensotni ABO fi Miseensotni Gumii Waloo Jaarmiyaalee Siyaasaa Finfinnee kan Obbo Mulgeetaan durfamu mana Jaal Batteetti argamuudhaan maatii isaa jajjabeessaniiru.

Ebla 12/2024 HD ABO Jaal Daawud Ibsaa Jaallan biroo waliin deemanii kanjajjabeessan yoo tahu guyyaa har’aa Ebla 13/2024 Hogganootni Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) dura ta’aan dhaabichaa Prof.Mararaa Guddinaa kan keessatti argaman akkasumas, hogganootni HIBIR Itoophiyaa dura ta’aa paartichaa Obbo Girmaa Baqqalee, Itti aanaa dura ta’aa EPRP Obbo Maggaabii Addis Abraha, dura ta’aa Sochii Biyyoolessaa Walaayittaa Obbo Amaanu’eel kan keessatti argamanii fi kanneen biroo mana Jaal Batteetti argamuudhaan maatii isaa jajjabeessaniiru.
Hogganootni, miseensotnii fi deggertootni dhaabota adda addaa akkasumas sab-boontotnii fi ummatni Oromoo maatii Jaal Battee Urgeessaa qaamaan achitti argamuun jajjabeessan.

Hoggantootni fi qondaalotni, akkasumas miseensotni ABO fi Miseensotni Gumii Waloo Jaarmiyaalee Siyaasaa Finfinnee kan Obbo Mulgeetaan durfamu mana Jaal Batteetti argamuudhaan maatii isaa jajjabeessaniiru.

Ebla 12/2024 HD ABO Jaal Daawud Ibsaa Jaallan biroo waliin deemanii kanjajjabeessan yoo tahu guyyaa har’aa Ebla 13/2024 Hogganootni Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) dura ta’aan dhaabichaa Prof.Mararaa Guddinaa kan keessatti argaman akkasumas, hogganootni HIBIR Itoophiyaa dura ta’aa paartichaa Obbo Girmaa Baqqalee, Itti aanaa dura ta’aa EPRP Obbo Maggaabii Addis Abraha, dura ta’aa Sochii Biyyoolessaa Walaayittaa Obbo Amaanu’eel kan keessatti argamanii fi kanneen biroo mana Jaal Batteetti argamuudhaan maatii isaa jajjabeessaniiru.
WASHINGTON – Today, U.S. Senator Ben Cardin (D-Md), Chair of the Senate Foreign Relations Committee, issued a statement following the killing of Bate Urgessa, a leader of the Oromo Liberation Front, in Meki in Oromia.

“The killing of Bate Urgessa on Tuesday night was shocking and upsetting. I offer my deepest condolences to the family for their loss, and urge Ethiopian authorities to allow a credible, neutral international body to conduct a thorough investigation into Mr. Bate’s death. Extrajudicial killings, harassment, and political repression have, for far too long, been common place in Oromia. The Abiy regime has clamped down on political opposition, the media, and dissidents not only in Oromia, but throughout Ethiopia, contributing to the country’s widespread insecurity and overall instability. It is past time for those responsible for the policy of repression and abuse to be exposed and held accountable for their actions

            
WASHINGTON – Ajjeechaa hogganaa Adda Bilisummaa Oromoo Bate Urgessa, Oromiyaa magaalaa Meki keessatti raawwatame hordofee, Dura taa’aan koree hariiroo alaa Seenetii U.S. Senator Ben Cardin (D-Md) ibsa kennaniiru.

''Ajjeechaan Kibxata halkan Baatee Urgessaa irratti raawwatame kan nama rifachiisu fi kan nama mufachiisu ture. Maatii kana dhabuu isaaniitiif jajjabina hawwa, aanga’oonni Itoophiyaas qaamni idil-addunyaa amanamaa, giddu galeessa ta’e tokko du’a Obbo Baatee irratti qorannoo gadi fageenya qabu akka gaggeessu akka hayyaman nan gaafadha. Ajjeechaan seeraan ala, rakkinni, fi ukkaamsi siyaasaa, yeroo dheeraaf, Oromiyaa keessatti bakka barame ta’ee jira. Mootummaan Abiy Oromiyaa qofa osoo hin taane, guutummaa Itoophiyaa keessatti mormitoota siyaasaa, miidiyaa, fi mormitoota irratti dhiibuun nageenya dhabuu fi walumaa galatti tasgabbii dhabuu biyyattii bal’inaan akka mul’atuuf gumaacha godheera. Qaamoleen imaammata ukkaamsaa fi miidhaa irratti itti gaafatamummaa qaban gocha isaaniif saaxilamanii itti gaafataman yeroon darbee jira jedheera.
Qaroon Oromoo osoo ajjeefamaa jiruu qe’ee Oromoo osoo abiddaan gubataa fi namootni sabboontota tahan osoo mana hidhaatti dararamaa jiranii Faayidaa yeroof jecha sirna Abbaa Irree tiksuuf yaaluun dargaggoo Oromoof salphina dha.

Sirni Abbaa Irree Pp Abiyyiin hogganamu erga aangoo irra bahee Ilmaan Oromoo sabboontota tahan ajjeesaa biyya irraa ariiyaa manneen qonnaan bulaa abiddaan gubaa osoo jiruu faayidaa yeroof argataniin jecha dargaggootni Oromoo sirna Abbaa Irree tiksuuf yaaluun itti gaafatama Seenaa jala naman baasu.

Abiyyi akkuma barcuma aangoo isaa qabateen Oromoo kutaa fi amantiin qooduun dargaggoota Ilmaan hiyyeessaa faayidaan sobuun ykn goyyoomsuun beektota of irraa ariiyuun koree Nageenyaa jedhee namoota akka ajjeesan ijaaree mana Oromoo mana gaddaa gochaa osoo jiruu jireenya har’a jiraannuuf dargaggoon Oromoo salphina jala of galchuu hin qabu
#Kamisee

Har'a makkalaakayaan uranee unguddattuu irraa namoota shan qabee jira. "Horii Amaaraa fuutaniii jirtanii deebisaa" jechuun fuudhanii mana hidhaa Kamiseetti naqanii jiru. Qawwee isaaniitis irraa fudhatanii jiru. Qawween suni hundi immoo qawwee seera qabeettiidha. Namoonni qabaman kunniinis akka asii gadiiti.

~Ahmad Hasan Abbagaar qori arja'o irraa
~Umar Aabbitee Heedaruu qori raasaa irraa
~Muusaa Muhammad Dooyyoo qori jabaa siibaa irraa
~Muhammad Sa'id dugugguruu irraa
~Hasuu Shee Ammuu qori raasaa irraa

Waan isin dhibu horiin amma fuudhame jedhan kuni horii soddoma ture. Faallaa kanaa immoo horiin ummata keenyaa jaarraa irraa horiin kaarra sadihii fuudhamee ture. Horiin suni hanga ammaa as buuteen hin jiru. Horii qofaa miti Amaara biraa lubbuu nama afurii qabna. Makkalaakayaan har'a maqaa horiitiin ummata keenya qabe, waa'ee namoota Amaara bira jiranii dubbatee hin beeku.
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Ergamni Mootummaa Abbaa Irree Abiyyi inni guddaan Oromoo balleessuudha jedhan qabsaa’aa fi Hayyuun Seera Dr Bayyaan Asoobaa
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Sababni Jaal Batteen ajjeefameef maali?

Jaal Battee ykn nu waliin tahi kanaan Ala Abiddaan gubattee daaraan sirra galagala jedhanii turan “ Hayyuu Seenaa Prof Isqeel Gabbisaa
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Waraanni faashistii Abiyyi haala kanaan booji’amanii jiru
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Falmadhu Oromoo Bilisummaan tola hin dhufu
Biyyoonni Addunyaa 17 Mootummaan Itiyoophiyaan Nageenya Uummataa Mirkaneessuuf Akka Hojjetu Waaamicha Dhiheessan

Konfiraansii mirga namoomaa torbaan dhufu Jeneevaatti taa’amuuf jiru sababeeffachuun biyyoonni michoota gargaarsaa Itiyoophiyaa 17 waloon ibsa Ebla 12/2024 baasaniin Itiyoophiyaan nageenya fi eegumsa uummata nagaa hojjettoota gargaarsaa dabalatee akka mirkaneessituu fi guutuu biyyatti nagaa buusuuf akka hojjettu biyyoonni Yuunaayitid Isteetsi, Yuunaayitid Kiingidamii, Gamtaa Awurooppaa, Awustiraaliyaa,Beeljiyeem, Kanaadaa, Faraansaay, Deenmaark, Jarmanii fi Itaaliin gaafatan. Akkasumas mootummaan Itiyoophiyaa gargaarsi namoota gargaarsa barbaadaniif akka dhaqqabu itti gaafatamummaa qabaachuu qaba jedhaniiru.

Biyyoonni kunneen rakkoo namoomaa Itiyoophiyaa mudateef sagantaa waadaa sadarkaa olaanaa yaa’ii Kibxata dhufu Eebila 16 bara 2024 Jeenevaatti mootummaan Itiyoophiyaa, UNOCHA fi yuunaayitid Kiingidam waliin ta’uun keessummeessan irratti akka walitti dhufanis beeksisaniiru.
Bakka bu'oonni olaanoo Paartii Badhaadhinaa biyya bulchaa jiruu fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay yeroo lammataaf wal argan.

Bakka bu'oonni paartii olaanoo paartii biyya bulchaa jiru Paartii Badhaadhinaa (#PP) fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (#TPLF) irraa har'a Ebla 13/2024 Finfinneetti walga'uun marii paartilee lamaanii itti fufsiisuun mari'ataniiru.

Miidiyaaleen mootummaa akka gabaasanitti, bakka bu'oonni olaanoo gama lameenii "seera bu'uuraa marii dhaaba paartii irratti waliigaluun marii itti aanuuf ajandaa adda baasuu jalqabaniiru."

Paartiileen lamaan marii paartii fi paartii isaanii isa jalqabaa Ebla 02 magaalaa guddoo naannoo Tigraay #Mekelleetti kan gaggeessan yoo ta’u, marii siyaasaa lamaan gidduutti harkifate keessatti walga’ii jalqabaa akka waliigaltee diinummaa dhaabuu Piriitooriyaa (CoHA) baatii Adoolessaatti taasifameen kan jalqabaa ta’uu ibsameera 2022 hundee siyaasaa waraana gara jabinaa waggoota lamaaf naannoo Tigraay keessatti geggeeffamaa ture furuuf kaayyeffate.