Humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoon socho’an Kaaba Shaggar Aanaa Darraatti Halleellaa raawwatan.
Finxaaleyyiin Amaaraa yeroo irraa gara yerootti daangaa darbuun Oromiyaa bakkoota adda addaatti ummata butee ajjeessuu fi qabeenyaa Ummataa saamee garii immoo Abiddaan barbadeessaa jira.
Haaluma kanaan tibbana godina wallaggaa Bahaa fi Horroo guduruu dabalatee giddu galeessa shaggar keessatti gochaa garaa Jabinaa ummata qonnaan bulaa irratti raawwataa jiraachuu fi ummatni gamtaan bahee daangaa isaa tikfachuu akka qabu dhaamamee ture.
Hagayya 28 /2023 halkan keessa shaggar Kaabaa waajjira poolisii Aanaa Dharraa magaalaa Gundoo Masqalee dabalatee humnootiin finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoon socho’an halkan waarii daangaa cabsanii seenanii haleellaa raawwataniin lubbuun namootaa darbuu fi qabeenyaa hedduun barbadaayuun beekameera .
Humni hidhate kan naannoo Amaaraa irraa ka’uun daangaa Oromiyaa humnaan weeraruuf haleellaa raawwatu mootummaa naannoo Amaaraa fi hogggantoota mootummaa federaalaa kan dhalootaan Amaara ta’aniin kan tumsamu tahuus jiraattota dabalatee yeroo gara garaatti itti aanaa MM Itiyoophiyaa fi ministera Haajaa Alaa Itiyoophiyaa inni Dammaqaa Mokonniin haasaa taasisaniin akka finxaaleyyiin Faannoon hidhatan godhamuun ni beekama.
Sochii hidhattoonni faannoo godinoota wallaggaa bahaa fi Horroo guduruu dabalatee aanaalee godina Shawa Kaabaa fi Shawaa bahaa gama Boosattiin karrayyuu irratti weerara taasisan eegaluun isaa waggoota kan lakkoofsise ta'us, tibba kana haleellaa qinda'aan aanota akka Abbichuufi Nya'aa, Dharraafi Qimbibiit keessatti mul'achaa jiru immoo kan akkaan hamaa fi ummata naannichaa yaaddessedha.
Labsii yeroo muddamaa manni maree federaalaa naannoo Amaaraa irratti labse booda, hidhannoofi humna guutuun fuula isaanii gara Oromiyaatti kan deebisan hidhattoonni Finxaaleyyii Amaaraa kunneen Ilmaan Oromoo Sababa Oromoo tahan qofaan qonnaan bultootaa fi tikfattootta seenanii bakka isaan jiranitti qabuun fudhatanii daangaa Amaaraa galchanii dararaa hamaa irraan gahuu. Akka ajjeessaa jiran odeessaleen nu qaqqabanii fi ummatni dubbatu ni mul’isa.
Yeroo ammaa kana Kaaba shaggar Aanaa Abbichuu fi Nya'aatti haleellaa humnootniin faannoo yeroo adda addaatti raawwataniin lubbuu namoota nagaa dabarsuun alatti , qabeenyaa ummataa beelladoota dabalatee dhaabbilee mootummaafi baankilee dhuunfaa irratti saamicha raawwataniiru.
Kaaba Shaggar aanota daangaa Amaaraan wal daangessan dabalatee gandoota baadiyyaan naannichaa yeroo ammaa humnootiin finxaaleyyii Amaaraa seenanii ajjeechaa fi samaicha raawwachaa kan jiran yoo tahu guyyuu dhukaasa ummata irratti banuun qe’ee irraa godaansisaa akka jiran madeen nuuf himaniiru.
Humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa kunneen yeroo ammaa Lola gara daangaa Oromiyaatti babal’isuun ummata keenya qonnaan bulaa qabanii ukkaamsanii fudhachuun ajjeesaa fi qabeenya isaa saamaa gandoota baadiyyaas tohachuuf yaalii taasisaa jiru.

Godina Horroo Guduruu wallaggaa fi Shaggar kaabaatti Finxaaleyyiin Amaaraa Lola bananiin ummata irra miidhaan qaqqabe
Haleellaa gurmaa’aa tibbana Finxaaleyyiin Amaaraa Karaa miidiyaalee dabalatee Oromiyaa keessatti ajjeechaa fi saamicha raawwachuuf akka qophaa’oo tahan dubbataa turan yeroo ammaa humni hidhate Faannoon daangaa Oromiyaa seenuun ajjeechaa fi saamicha Ummata irratti raawwataa jira.
Godina Horroo Guduruu Aanaa Amuruu fi Agamsaa dabalatee Abee Dongoroo bakka jedhamutti humni Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon haleellaa raawwataniin ummata irra miidhaan qaqqabuu fi jiraattotni qe’ee isaanii lakkisanii gara magaalaatti godaanaa jiraachuu maddeen naannichaa nuuf himaniiru.
Bifuma wal fakkaatuun Kaaba Shaggar keessatti Aanaa Darraa keessatti halkan edaa haleellaa humni faannoo baneen lubbuun namoota shanii (5)darbuun miidhaan hamaan naannichatti qaqqabee jiraachuu maddeen keenya nuuf himaniiru.
Humnootiin Amaaraa maqaa Faannoon socho’an eega labsiin yeroo muddamaa naannoo Amaaraatti labsamee Lola qindaayaa naannoo Oromiyaa irratti akka gaggeessaa jiranii fi lubbuu namootaa balleessaa hedduu qabanii ukkaamsaa akka jiran beekameera.
Ummatni keenya naannoo Daangaa Amaaraa irra jirtan hanga dandeessan meeshaa qabachuun akka of irraa qolattanii fi gurmuun of irraa loltan dhaammachaa waamicha ABO fi KfOn daangaa Oromiyaa tiksuun tokkummaa Oromootaa gaafata jedhe sanas hojiirra oolfamuuf Oromootni golee Oromiyaa akka ummata keenya cinaa dhaabbattan waamicha isiniif goona.

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa kan Yunaayitid Isteetis, Maayik Hamer tibbana gara Itiyoopiyaatti dhufuun dhimma wal dhabdee Naannoo Oromiyaa keessaa fi Amaaraa akka walii galteen furamuuf mootummaa Itiyoopiyaa waliin mariiyachuuf jedhame.
Wal dhabdeen yeroo ammaa Itiyoopiyaa keessatti adeemaa jiru karaa nagaa akka furamuuf dhiibbaa taasisuuf akka dhufan beekameera.
Akkuma Naannoo Tigiraay waliin piritooriyaatti walii-galteen taasifamee wal waraansi dhaabbate Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota Naannoo Amaaraa keessa jiran waliinis akka walii galteen xumuramuuf dhiibbaa barbaachisu USA akka taasiftus beekuun danda'ameera.

This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Humni Faannoo Daangaa darbuun ummata Dararaan Kaaba Shaggar Darraa tti ummataa fi qaama nageenya naannichaan tohatamanii jiru.
Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti qooda mul’ataa qabaachaa kan ture Obbo Faranjii Hedaa Kushanee du’aan boqote.
Lixa Oromiyaa Godina Lixa Wallaggaa Ona Begii Toongoo Giittan bakka jedhamutti bara 1934 keessa kan dhalate Obbo Faranjii Hedaa Kushanee, bara 1980ta jalqabaa keessa wayta ABOn Dirree Dhihaa saaquuf sochii irra turetti dhaabichaaf harka mirgaa ta’uudhaan gargaaraa ture. Hidhatees socho’aa ture. Nama bara ulfaattuu keessa ABO reef karaa Dhihaan gad of dhaabuuf tattaafataa ture keessa dhaabicha cina dhaabbatuun waliin sossohe akkanaa du’a isaa yeroo dhagahu gaddi ABOtti dhaga’ame olaanaa dha.
Obbo Faranjii Hedaa Kushanee osoo ABOn sirnaan karaa Dirree Dhihaa sossohuu hin eegalin bittaa abbaa irree Dargii irratti finciluun maatii waliin bosona jiraataa akka ture seenaan isaa ni mul’isa. Deemsa keessa waraana Haarun Sosootti makamuun bara 1977tti magaalaa Begii irratti lola akka geggeessanis seenaan isaa ni dubbata.
Waggootaan booda akkuma ABOn sochii isaa Dirree Dhihaatti lafa qabachiisuu eegaleen Obbo Faranjiin ABOtti dhufuudhaan qabsichaa fi sochii dhaabichaaf hojii hin dagatamne hojjetaniiru. Hawaasni naannoo Zokor jiraatu ABO jalatti ijaaramee mootummaa Dargii irratti falmii akka geggeessu dandeessisuu keessatti qooda guddaa kennuu seenaan isaa ni ibsa.
Obbo Faranjii Hedaa Kushanee ofiif utubaa ABO ta’uu qofa osoo hin taane, ilmaan isaa Zakkaariyaa Faranjii fi Keerallaa Faranjii qabsoof gumaachuun hanga lubbuun wareegamanitti nama aarsaa kaffalee dha.
Bara 1989 yeroo ABOn humnoota Dargii fi SPLAn marfama olaanaa keessa seenee turettii fi baqattootni Oromoo hedduun faca’uuf dirqamanitti, Obbo Faranjiin maatii isaa qabachuudhaan bosona keessa naannoo Miimii Yakoboo jedhamu qabatee akka turee fi mootummaan Dargii akka biyyatti galee taa’uuf jaarsummaa itti erginaan diduun, lola Asoosaan booda, meeshaa dhaabni hidhachiise qabatee gara dhaaba isaatti akka deebi’e seenaa isaatu dubbata.
Namni qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuf utubaa ta’ee cina dhaabbatee waliin sossohaa ture kun dhukkubsatee Hagayya 22, 2023 du’aan addunyaa kana irraa godaane.
Addi Bilisummaa Oromoo gadda itti dhaga’ame ibsataa, maatii fi firoota isaaf jajjabina hawwa.
Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!

#Oduu_Gaddaa
Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa ummata Oromoo irratti weerara bananiin namoota nagaa qonnaan bultoota dabalatee yoo ajjeesan qabeenyaas mancaasuun dhagahame.
Humnootiin maqaa Faannoon socho’an kunneen guyyaa kaleessaa Hagayya 30/2023 irraa qabanii dhukaasa bananii akka ummata buqqisaa fi ajjeesaa jiran maddeen naannichaa nuuf himaniiru.

Yaaliin Ajjeechaa Wellisaa Caalaa Bultumee irratti Finfinnee keessatti gaggeeffamuu dubbate.
Akka Wellisaa Caalaa Bultumee fuula miidiyaa Hawaasaa dhuunfaa isaa irratti ganama har’aa barreesseen guyyaa kaleessaa Hagayya 31/2023 gareen Maqaa Faannoon of ijaaree Ilmaan Oromoo ajjeesuuf bobbaafame Artist Caalaa Bultumee irratti miidhaa lubbuu isaa balleessuuf aggaammate konkolaataa isaa hojiin ala taasisuun beekame.
Wellisaa Caalaa Bultumee yaalii ajjeechaa sana irraa erga hafee akkas jechuun fuula miidiyaa Hawaasaa isaa irratti barreesseera.
“Yaalii Acheecha Hoteela Qananisaa Baqalaatti Guruppii faannootiin Narratti gaggeefame irraa hafeen jira.akkuma kamittuu hangan manakoo galuuttis na biraa hin hafne konkolaataan koo midhamtee jirti ani garuu lubbuun hafeen jira
Ijolleekootiif jecha nama ajjeesuu hin barbaanne”. Jechuun waan ture barreesse.

Oduu Gaddaa!
W/Bahaa Sibuu Sireetti waraanni pp daa’ima ol adeemaa ummata duratti rasaasaan ajjeesan
Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Siree Ganda Cariitti waraanni mootummaa barataa Misgaanuu Bulii qabuudhaan uummata fuulduratti rasaasaan ajjeesan.
Waraanni pp finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoon socho’u kan ummata keenya qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqisuu ajjeesu kanin ajjeesne barataa ol adeemaa ilmaan hiyyeessaa ajjeesaa jira.

Ajjeechaa seer-dhabdummaa Aanaa Waamaa Hagalootiin raawwatame.
~~~~~~~~~~~~~
Kaabinooti Aanaa Waamaa Hagaloo daangaa bulchiinsa aanichaa keessaa bahanii Aanaa Sibuu Siree seenanii bakka CHIGGIRAANII jedhamutti nama Kormee (Habtaamuu) Gammadaa jedhamu xiyyitii itti roobsanii ajjeesanii jiru.
Sababaan isaan nama kana ajjeesaniif toora sanarra waraanni blisummaa Oromoo waan socho'uuf ragaa gahaa tokko malee toora waraanni irra socho'urra hawaasa nagaa gidirsuun fi ajjeesuun waan hin malledha.
Abbumti arge sirna hattuu badhaadhinaa kanaan dahatee namoota nagaa ajjeesuun maal jedhama?
Ajjeechaa nama kanaa bulchiinsi isaa Aanaan Sibuu Siree kan hin beekne yoo ta'e,maqaa mootummaa dahatee namoota nagaa hidhee maallaqa kan guurratu Aanaan Waamaa Hagaloo waan kana dhiisuu qaba.
Yoo xiqqaate daangaan bulchiinsaa sirna siyaasaa kam jalatti iyyuu ni barbaachisa,waraannis seera qaba.Kanaan achitti dirqama biyyaati jechuudhaan nama qabanii maallaqa of harkaa dhabe ajjeesuun isaanii seenaadhaan,seeraan isaan gaafachiisa.