Gochi Duguuggaa sanyii Sadaasa 26 fi 27 2021, Godina Wallaggaa Bahaa, Aanaa Giddaa Ayyaanaati rawwaate xiyyeeffano barbaachisa hin argane jedhu jiratoti
(SQ Mudde 15, 2021)
Gochi Duguuggaa sanyii Sadaasa 26 fi 27 2021, Godina Wallaggaa Bahaa, Aanaa Giddaa Ayyaanaa, Ganda Andoodee Dichoo, Iddoo Alii jedhamtutti hidhattoota Finxaaleyyii Amaaraan raawwatame, xiyyeeffannoo malu hin arganne jedhan miidhamtoonni.
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa, Ganda Andoodee Dichoo, iddoo Alii jedhamtu keessatti, Hidhattoonni Finxaaleyyii Amaaraa haleellaa dhalattoota Oromoo gandicha keessa jiraatan irratti raawwataniin, namootni dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu OMN jiraattota Aanichaa gochicha itti dhiheenyaan beekan dubbisuun gabaasaa ture. Haata’u malee, “gochi nurratti raawwatame xiyyeeffannoo hin arganne, haala ibsachuufuu ulfaatuun miidhaan jabaaf saaxilamnee, Hawaasa sagalee dhabe taaneerra” jedhu miidhamtoonni gochichaa.
Namni Abbaa Maatii ta’an, kan haleellaa kana jalaa miliqanii, gara Aanaa Ollaa isaanii, Abee Dongorootti baqachuun lubbuu isaanii baraarfatan, haala haleellaan Ganda Andoodee Dichoo, bakka Alii jedhamtutti raawwatame kun itti eegale wayita ibsan, gochi nurratti raawwatame kan ji’ootaaf itti qophaa’amaa turedha jedhu.
“Torban lamaan dura, Sadaasa 13, 2014, Dargaggoonni Mana Amantaa Ortodooksii Mikaayelii Alii jedhamu keessaa sirbaa, dhaadannoo dhageessisaa gadi bahan. Nuti Faannoo Amaaraati jedhu. Eenyuyyuu nu hin bulchu, Oromiyaa jalatti buluus hin barbaannu, Amaara jalatti buluu qabna jechuun dhaadataa turan. Oromoon Ganda kana gadi lakkisaa bahaa jechuunis nutti dhaadataa turan.” jedhu namni kun.
Kan sirbaniifi dhaadatan dargaggoota ta’anis, Abbootiin Amantaafi Hidhattoonni isaanii duubaan hiriiruun qaama hiriira kanaa turuu isaaniis dubbatu.
“Haalichi yaaddoo nutti uumnaan, gara Caasaa Gandaafi Bulchiinsa Aanaa akkasumas Qaamolee Mootummaa dhimmichi ilaalu birootti bilbillee nuqaqqabaa jenneen. Tole siniif birmanna nuun jedhan. Haata’u malee qaamni karaa keenya bahellee hin turre” jedhu namni kun.
Akka jiraattonni Ganda Andoodee Dichoo jedhanitti, Sadaasa 13, 2014 (A.L.H) gochi sirbaa fi dhaadannoon eegalame, guyyoota 4 booda ammoo gara haleellaatti jijjiirame. Sadaasa 17 fi 18 bara 2014, haleellaa dhalattoota Oromoo irratti Hidhattoota Finxaaleyyii Amaaraatiin bifa qindaa’een raawwatame kanaan guddaa xiqqaa, dhiiraa dubartii osoo hin jedhin yoo xiqqaate namoonni 150 ta’an duguugamuu himu.
Haleellaa kanaan miseensota maatii isaanii keessaa nama 7 dhabuu kan dubbatan jiraataan Ganda Andoodee Dichoo, gocha duguuggaa sanyiitu nurratti raawwatame jedhu.
“Sadaasa 17 akkuma barame dhaadachaa fi sirbaa mana Amantaa keessaa gadi yaa’an. Hunduu hidhataniiru. Qawwee hanga Isnaaperii fi Boombii kan hidhatan turan. Hedduun isaanii Milishootuma nuti beeknu turan. Kan uffata seeraa Poolisii Addaa Naannoo Amaaraa uffatanis turaniiru. Gara Milishoonni dhalootaan Oromoo ta’aniitti baqanne. Milishoonni kun ofis nuunis nubaraaruu hin dandeenye. Jalqaba Milishoota akka nubaraaraniif itti baqanne keessaa Asaffaa Settuu nama jedhamutti dhukaasanii ajjeesan. Hidhannoos irraa hiikkatan. Milishoota biroos ajjeesaniiru. Sana booda dhalataa Oromoo kan ta’e irratti duguuggaa sanyii raawwachuu eegalan. Karoorri isaanii namni tokko akka lubbuun hin baane gochuu, gochichis akka awwalamee hafu gochuu ture. Kan dhume dhumee, kan oole gara lagaatti baqate. Bifa kanaan hammi hafne lubbuun baane. An ergan lagatti baqadhee dhokadhee, torban tokkoon boodan gara biyya namaa, Aanaa Ollaa keenyatti argamtu Abee Dongorootti cehee lubbuun oole ” jedhan.
Dubartoonnii fi daa’imman dhibbootaan lakkaa’aman, hidhamtoota kanneeniin booji’amanii, hanga yoonaa dararaa argaa jiraachuus quba qabna jedhu. Guyyaa gochi kun raawwatametti dursee tajaajilli bilbilaa naannicharraa akka citu taasifamuus OMN’f ibsaniiru.
Haleellaan kun raawwatamuun duramallattoolee mumul’ataa turan bu’uura godhachuun qaamni mootummaa akka dursee qaqqabuuf irra deddeebiin iyyatanis, qaama isaan dhagahu hin arganne.

Ummata kanaaf tiki barbaachisu taasifamuu dhabuun namoonni dhibbaan lakkaa’aman guyyaa lama keessatti duguugamaniiru. Yeroo gochi kun raawwatamutti Tajaajilli bilbilaa nannicharraa cufamee ture. Tajaajilli Interneetii duraanuu hin turre.
Haalota haleellaan kun raawwatamuun dura yeroo garaagaraatti mul’atan, tajaajilli bilbilaa cufamuu dabalatee haalli guyyaa sana tureefi ergasiis deebiin qaamni mootummaa dhimmichaaf kenne callisa ta’uun, Caasaa Gandaarraa eegalee hanga qaama oliittuu gocha duguuggaa sanyii Godina Wallaggaa Bahaa, Aanaa Giddaa Ayyaanaa, Ganda Andoodee Dichoo, Iddoo Alii jedhamtu kana keessatti raawwatame keessa harki mootummaa jiraachuu mala shakkii jedhu nutti uumeera jedhu miidhamtoonni gochichaa. Taatee mudateen walqabatee haalli jiraattotarraa dhageenyu martuu shakkii miidhamtootaa kana kan jabeessu!
Akka jiraattonni jedhanitti sochii hidhattoota Finxaaleyyii Amaaraa kana dhaabsisuuf tarkaanfiin qaamni mootummaa fudhate hin jiru. Hireen dubartootaafi daa’imman hidhattoota kanneeniin danqamanii jiranis hin baramne. Lubbuu namaa guyyaa guyyaan darbuun itti fufeera. Qabeenyis saamamaa jira. Maatii sababa haleellaa kanaan faffaca’e walitti qabuufis ta’e haala uumame tasgabbeessanii qe’eetti deebisuuf yaaliin taasifame hin jiru. Miidhaa hagana hin jedhamneef saaxilamnee sagalee dhabneen komii miidhamtootaati.
Ganda dhagaa Jigii araada Andoodee Dichoo, Iddoo Alii jedhamtu kana keessa, bara 1995 irraa eegalee namoonni Naannoo Amaaraatii daangaa cehuun bifa seeraan alaatiin gandicha keessa qubatan lakkoofsaan danuudha ta’uutu himama. Waggoota digdamman darbaniif namoonni bifa weeraraatiin lafa gandichaa dhuunfatan kunniin, hededumaan jiraattota gandichaa dhaaluun, dhalattoota Oromoo gandicha keessa jiraatan irratti olaantummaa gonfachuus jiraattonni dubbatu. Gurgurtaan lafaas bifa seeraan alaan raawwatamaa tureera jedhu. Akkanuma ta’ees hawaasni duraan nagaan waliin jiraataa turuu himu. Baatii torbaa as garuu haalli namoota gandicha qubatan biraa mul’atu kan hin baratamne ta’uus OMN’tti himan.
Qaamni mootummaa “Shaneen dhalattoota Oromoo Gandicha keessa jiraatan dawoo godhachuun isinitti seenti waan ta’eef of eeggadhaa, naannoo keessan tiksaa” jechuun qaamolee kanneen hidhachiisaa, akka hidhataniifis jajjabeessaa ture jedhu. Bu’uuruma kanaan, namoonni kunniin ji’ootaaf wal leenjisaa, wal hidhachiisaa akka turan himu. Dhaaboleen siyaasaa akka ABIN isaan kana leenjisuu, hidhachiisuu fi gaaffii naannoo Amaaraa jalatti buluu akka dhiheessaniif jajjabeessaa turuu quba qabna jedhan. Yeroo kun ta’utti dhalattoonni Oromoo Shanee deeggartu maqaa jedhuun akka hin hidhanneef ittifamaa turuus himu.
Waraanni Bilisummaa Oromoo nuti of keessa dhoksinee ittiin mootummaas ta’e qaama biraa haleellu Gandicha keessa hin turre kan jedhan jiraattonni, gochi nurratti raawwatame Oromummaadhuma keenyaan nudhabamsiisuufi qabiyyee keenya nu harkatti hafte saammachuuf kan taasifamedha jedhu. Ummanni Oromoo adeemsota daangaa darban akkasii callisee walirratti ilaaluu akka hin qabnes dhaammatan.
Maddi oduu OMN

Harargee Lixaa Odaa Bultumitti Milishaafi Waraanni PP mana namoota 15 oli gube.
(SQ-Mudde 16,2021)
Kaleessa Mudde 15,2021 Bahaa Oromiyaa Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum Aradda Saaqataa jedhamutti Milishaa, Poolisii Aanicha,fi kan Aanaa Bookee waliin ta'un maqaa Shanee deeggertuu jedhun mana qonaan bultoota 15 qabeenya isaan qaban waliin jala barbadeessu madden SQ nuuf himan.
Kana malees Dargaggoota lama Bishiinga irraa simbirra eega turan reebicha irratti rawwaacha fudhani deeman jedhu madden keenya .
Odumaa walfakkatun Abbaa Araddaa Goda Horaa kan ta'e Obbo Umaar Mahammaad ijoollee Waraannatti ergu dide jechuun qabani hidhu Odeessi arganee ni ibsa!

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Poolisiin Beellama Mana murtii har'a irratti osoo hin dhiyeessin hafe .
(SQ-Mudde 16,2021)
Qondaala Olaanaa ABO kan ta'an Koloneel Gammachuu Ayyaanaa erga manni Murtii Bilisaa isaan baase tiki PP ukkaamsun Mooraa ykn kampii waraanatti hidhe dararaa kan jirudha.
Akka haaratti Sadaasa 29,2021 Mooraa Waraannatti baasun Mana Murtii Caffee Araaraa ykn 6 Kilootti dhiyeessun har'atti manni murtii beellama qabeefi ture.
Haa ta'u malee Poolisiin PP seera alaa Koloneel Gammachuu Ayyaanaa beellama har'a irratti akka hin argamneef osoo hin dhiyeessin hafe jira.
Abbaan seera beellama dabalataa bor Mudde 17,2021tti murtii kennuuf beellama qabateera!

Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti Dargaggoo Obsaa Warquu waraanni PP ajjeesse.
(SQ-Mudde 17,2021)
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo bakka Dalloo jedhamutti mudde 16,2021 Waraanni shifta PP Dargaggoo Obsaa Warquu ajjeessun dhaga'ame.
Dargaggoo Obsaa Warquu Amanu'eel Wandimmuu kan Magaalaa Dambii Dollootti Caamsaa 11,2021 Addabayii irratti ajjeefame waliin hiriyaa ta'u odeeffannera!

(SQ- Mudde 17,2021)
Wallaggaa Lixaa Aanaa Qondaalaa Ganda Qashimaandoo keessatti hidhatoonni Humna Adda Mootummaa Benishaangul Gumuz daangaa darbuun uummataa irratti haleellaa rawwachuun, manaafi qabeenya uummataa heddu barbadeesssaa jiru.
Yeroo amma uummani lubbuu usaa baafachuuf gara Bosonaatti baqatee jira jedhu Madden SQ!

Hojjeeta Buufata Fayyaa Magaalaa Qoqofee kan ta'an Obbo Mulgeetaa Gammadaa waraanna PPn ajjeefaman.
(SQ-Mudde 17,2021)
Godina Wallaggaa Bahaa Magaalaa Qoqofee jedhamutti Mudde 15,2021 Waraanni PP Obbo Mulgeetaa Gammadaa kan jedhaman badii malee rasaasaan ajjeessan jedhu Madden SQ,
Obbo Mulgeetaa Gammadaa hojjeetaa Buufataa Fayyaa Magaalaa Qoqofee yoo ta'an Sisaaya keessattilee hirmaannaa hin qaban jedhu madden keenya.
Waraanni shifta PP Oromiyaa keessatti irra deeddebiin ajjeechaa rawwaachu itti fufeera!

Ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf hidhamanii hiraarfamaa jiru.
(SQ-Mudde 17, 2021)
Godina Kibba Lixa Shaggar Magaalaa Walisoo keessatti ilmaan Oromoo yakka tokko malee dabaan hidhamanii dararaa fi hiraarsi daangaa hin qabne irratti raawwatamaa jira.
Namoota Qajeelcha Poolisii Magaalaa Walisoo keessatti dararamni ulfaataan irra gahaa jiru keessaa maqaan beekame muraasni:
1. Huseen Mahaammad
2. Gaaromee Abbabaa
3. Abaataa Girmaa
4. Adaanaa Sirneessaa
5. Waaqumaa Sirneessaa
6. Sintaayyoo Dajanee
7. Tasfaayee Taammanaa
8. Taammiraat Nagaaswa
9. Asaantii Mallasaa
10. Daani'el Gaaddisaa

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii hundatti waraanna Bilxiginnaa irratti injifannoo gudda argachuu OLA Communique gabaase.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zooniiwaa hundatti lola geeggessa jirun Waraanna Bilxiginnaa haleellun kisaara gudda irran ga'a jirachuu ibsaa OLA Communique Mudde 17/2021 baase ni ibsaa haala kanaan
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Mudde 11,2021 Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaallee Bakka Haroo Qarsaa jedhamutti,Waraanna Bilxiginnaa irratti tarkaanfii fudhateen, 43 yoo ajjeessu hedduun immoo mada'eesu beeksise
Kana malees tarkanfii isaa itti fufun Mudde 13,2021 achumaa Aanaa Fantaalleetti Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa fudhateen humna diinaa gariin ajjeesee, hedduu madeesseera jedha ibsi OLA Communique
Ittuma fufuun Mudde 15,2021 Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Liiban Cuqqalaa Bakka Gaaleyyii jedhamutti,Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii Paatiroolii waraana Bilxiginnaa irratti fudhateen humna loltoota PP 7 yoo ajjeesu kaan madeesseera. Akkasumas, meeshaalee waraanaa hedduu booji'eera.
Haaluma kanaan Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kaabaa Mudde 12,2021 Kaaba Oromiyaa Walloo, Aanaa Daawweetti tarkaanfii waraana diinaa irratti fudheteen hedduu ajjeesee, gariin mada'uniruu jedha.
Waraani Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaas Mudde 03,2021 Gujii,Aanaa Gorroo Dolaa Kaampii Baddanaatti Waraanna Bilxiginnaa heddu booji'eera.
Akkasumas, Gorroo Dola - Magaalaa Haraqalootti tarkaanfii fudhateen waraana diinaa 9 ajjeesuun, 5 ammoo madeesera.
Haaluma kanaan Mudde 04,2021 Godina Gujii,Magaalaa Nagallee Booranaatti Waraanni koloneel Abiyii bakkeewwan waraana Bilisummaa Oromoon to'ataman deebisuuf lola godheen injifatamee gara Nagallee Booranaatti baqateera. lola kanaanis loltoonni PP 36 yoo ajjeefaman, 37 mada'aniiru.
Achuma Gujii, Aanaa Liiban Bakka Migayyoo jedhamutti, Tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhaten, 2 ajjeesuun - 4 mada'eesera.
Mudde 12,2021 Gujii, Aanaa Sabbaa Boruu- Adda Goibichaa fi Adda Boonnoo tti, tarkaanfii waraanni Bilisummaa Oromoo humna diinaa irratti fudhateen, 20 ajjeesuun 26 madeesseera.
Kana malees Mudde 14,2021 Godina Gujii, Aanaa Gorroo Dola, bakka Jigoolaa jedhamutti, tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoi fudhateen loltoota Bilxiginnaa 30 ajjeesun 40 ol ammoo madessu ibsi OLA Communique kun ni ibsa.
Achuma Aanaa Wadaraa magaalaa Wadaraatti Tarkaanfii Waraani Bilisummaa Oromoo fudhateen, 7 ajjeesee , 5 madeesseera.
Ittuma fufun Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba-Bahaa Mudde 12, 2021 Godina Arsii Lixaa, Aanaa Heebanitti
Koomaandoon Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii waraanna Bilxiginnaa konkolaata Paatirooliin deeman irratti fudhateen, loltoota PP 12 ajjeesuun 15 madeesserra jedha OLA Communique.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Bahaas Godina Harargee, Aanaa Cinaaksan - bakka Dawwee Koraa jedhamutti, Koomaandoon Waraanna Bilisummaa Oromoo tarkaanfii fudhateen , waraana Bilxiginnaa 7 ajjeesuun 12 madeesseera.
Haaluma walfakkaatun Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii Lixaa Mudde 12,2021 Godina Wallaggaa Baha, Aanaa Waamaa Agalootti lola ijibbaataa taasiseen magaalaa Moxee to'achuun, waraanna Bilxiginnaa 250 hojiin alaa godhera jedha ibsichii.
Akkasuma Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Baakkootti Tarkaanfii Waraana diinaa Ooraalii lamaan Naqamteerraa gara Baakkoo deemaa turan irratti fudhaaten, guutummaatti barbadeesseera.
Haaluma walfakkatun Mudde 13,2021 Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Begiitti Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii waraana diinaa Asoosaa irraa dhufan irratti fudhateen, Ooraalii 8 yoo barbadeessu, waraanna PP 150 ajjeesuun, hedduus madeesera.
Akkasuma Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Nuunnuu Qumbaatti Waraani PP Aanaa Waraanni Bilisummaa Oromoo to'aate harka baasuuf laga Dhidheessaa ce'aa turan irratti lola banuun, injifateera jedha ibsi kun.
Kana malees achuma Wallagga Bahaa, Aanaa Jimmaa Arjootti waraanni PP Aanaa Waraanna Bilisummaa Oromoon qabame ture harka baasuf Magaalaa Beddellerrra ka'un deema turan Waraanni Bilisummaa Oromoo haleellun injifateera jedha Ibsi OLA Communique Mudde 17 ,2021

Hawaasi Oromoo ardiilee Awurooppaafi Ameerikaa jiraatu uummata horsiisee bultoota Booranaatiif gargaarsa taassise.
(SQ-Mudde 17,2021)
Hawaasi Oromoo Awurooppaa fi Ameerikaa jiraatu gargaarsa horsiisee bultoota Booranaatiif walitti qaba ture karaa " WALDAA Buusaa Gonofaa Boorana Finfinneettiin" akka uummata qaqabu taassise jira.
Haala kanaan Hawaasi Oromoo biyyoota arman gadii qarshii mil. 4 ol walitti qabun gargaarsa gochuun beekame.
- Oromo Community Seattle
-Oromo Community California
- Oromo Community Norway
-Oromo Community Canada (Caya Oromo, Vancouver ,)
-Oromo Community Belgium
-Dargaggoota fi Amantoota waldaa *Spring Of Life Oromo Pentecostal Church (SOLPOC) Washington Dc
- Akkasumas namoota biyya Norway, Holland ,Ameerikaa fi gumaata namoota muraasa Biyyaa keessan wali galatti qarshii mil. 4 ol walitti qabame
Qarshii walitti qabame kanaan Waldaan Buusaa Gonofaa Boorana Finfinneefi Koreen qarqaarsa Booranaa haala qabatamaa ummanni keessa jiru ilaaluun ardaa akka malee bonaan miidhameef raashinii bituun ergan.
Koreen kun haala jirus qorachuun uummata horsiisee bulaa Godina Gujii Aanaa Gumii Eeldalloo jiraatuuf midhaan nyaataa bitaniiru.
Akka kanaan ;Daakuu Boqqoolloo Kuntaala 1300 ( 130, 000Kg ) fi zayita Litira kuma shaniif dhibba lamaa (5200 L), ykn kaartoonii 1734 bitun uummata qaqabsiisuun dhagaa'ame!

Manni Maree Mirgoota namoomaa UN dhimma Itoophiyaa irratti murtee dabarse
Manni Maree Mirgoota Namoomaa UN walgahii addaa Jimaata Jenevaatti taa'een sarbama mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessatti qaamolee hundaan raawwataman qorachuuf komiishiniin eksipartootaa idil-addunyaa akka hundaa'u sagalee caalmaan murteesse.
Biyyooti miseensa mana marichaa 21 yaada murtii dhiyaate yoo deeggaran, 15 mormanii 11 ammoo sagalee hin kennine.
UN qaamoleen waraana Itoophiyaa irratti hirmaatan marti sarbama mirgootaa raawwachuu himee, waraanni Itoophiyaa guutummaa naannichaaf balaa waan qabuuf humnooti hundi of duuba deebi'uu akka qabanis akeekkachiise.
Walgahii addaa Gamtaa Awurooppaan waamamee kanarratti biyyoonni miseensota mana marichaa sarbama mirgoota namoomaa hamaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jira jedhaniin daran yaadda'uu ibsan.