Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
14K subscribers
5.81K photos
1.02K videos
38 files
1.55K links
Ka'i Qeerroo
Download Telegram
Sagantaan Amboo itti fufee jira
Forwarded from Dhugaa Miidiyaa DM
e biyya alaatti hojii idilee isaanii gaggeeffataa turan ta'us, hadheessii ABO irratti guyyaa guyyaan hojii godhatanii bobbaa irra turan. Isaan kun akka waan dhaabni keenya kun furmaata uummataaf hinlaanneetti dhiyeessaa turan. Akeeki akkanaa dhaabaaf uummata addaan baasuuf godhame.

2. Caasaa tikaa

Qaamoleen biroon mootummaatti kooluu galtummaa fudhatan humnoota tikaa ta'anii ramadaman. Isaan kun ammoo WBO rukutuuf dirqama fudhatanii mootummaadhaan muudama argatanii bobbaa'an. Kaan isaanii immoo waajjira tikaa mootummaa kanneen akka INSA keessatti radamanii hojii tikaa karaa teknooloojii irratti bobbaa'an. Qaamoleen kana jalatti ijaaraman kaan isaanii miseensota ABO turan, kaan isaanii immoo fira qabsoo Oromoo fakkaachaa turan.

3. Caasaa burjaajessitootaa

Caasaalee jiran arfan keessaa gartuun biraan immoo caasaa burjaajessitootaa ta'anii hojii eegalan. Hojii isaanii kanaanis dirqama
-uummata burjaajessuu
-uummata harkaa kallattii gatuu
-uummata muka qabataa dhorkatuu akeeka jedhu laatameef. Kanaanis akka waan ABO ta'aniitti bakka garaagaraa adeemanii hadheessii ABO uummata keessatti babal'isuu irratti hojjetaa turan. Caasaa akka sochii ABO danquu keessatti qooda fudhatan isaan kun keessaa tokko. Bakkoota adeemanitti ergama dhaaba nuti jedhan sana utuu hintaane diinummaa fi jibbiinsa ABO qofa facaasaa turan. Qottoon kun akka ABO murutti qarame garuu nii doome.

4. Caasaa diigdotaa

Caasaalee jiran keessaa gartuuwwan kaan immoo diigdota ta'anii bobbaa'an. Isaan kana keessa hedduun qamoota uummatni jaallatu jedhamanii yaadamanidha. Jaalala uummatni qabutti fayyadamuudhaan dirqama
-wabii uummataa diiguu
-dhaaba uummataa diiguu jedhu qabatanii sochiirra turan. Qottoon kunis dhiibbaawwan gurguddaa kasaaraa seenaan yaadatu Oromoo irraan gahaniiru. Isaan kun badii isaanii bara kanaan yoomuu nii yaadatamu. Taatullee Qottoon kun ykn hojiin isaanii kun dhuma irra galma isaa hankaakeera. Qottoon kunis doomeera.

Inni biraan dhaabbilee ABO fakkaatan heddummeessuudhaan dhaabicha laaffisuu dadhabsiisuu akeeka jedhuun hojii bal'oon hojjetamaa ture. Dhaabbileen maqaa Oromoon guyyaa guyyaatti ijaaramne, diigamne jedhaa oolan marti Qottoo ABO muruuf yaadan ta'uus asumaan hubachuun barbaachisaadha. Kun ta'ee dhiyeenya kana waan OPDO doqodoqanii bocan tokko maqaa ABO qabatanii Soodareetti walgaa taasisanii turan. Walgaa isaanii keessatti dhaaba ABO ijaarre jechuun uummata burjaajeessuuf yaaliiwwan gurguddaa taasisaniiru. Qaamolee kana miidiyaaleen biyya keessaa hedduun tumsanii ABO irratti walumaan duulanii dhiibbaa uumaa turaniiru. Kunis seenaa keessatti kan yaadatamu akka ta'e barruu kanaan ibsuun fedha. Qaamni Soodaretti akkuma bixxillee bibixxilame kun har'a barreeffama komii fakkattu miidiyaa hawwaasaan facaasaa oole. Isaan kun qaanii warra hinbeekne ta'uu isaanii boohichaan maddii of dhiquu qofa utuu hintaane hinaaffaan guutamanii barreeffamoota xiqqeessii ABO facaasaa ooluu isaaniiti. Namuu dhaaba barbaade hundeeffatee maqaa barbaadeen biyyattii keessatti boordii filannootti ulaagaa guutee galmaa'uu danda'a. Kun ta'ee Shallamaan har'uma ka'ee "ani Badhaasaadha" jechuu hindanda'u. Yoo inni jedhes uummatni Shallamaadhaan ati Badhaasaadha jechuu hindanda'u. Kanaafuu barruu boossuu sanaan uummatni burjaaja'us akka hinjirre himuun barbaada.

Maayii irratti Qottoon ABO muruuf qarame didee doome! Qottoon jijjiirame bitames qara bahee ABO muruuf haamilees ta'e dandeettii hinarganne.

Injifannoon Uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Sadaasa 17,2019
Konkolaataa qabsoo!

Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Mudde 15,2019
Finfinnee Oromiyaa

Barruu kanaan:
* Maaliif qabsoofnaa? Qabsoo jechuun hiiki isaa maaliidhaa?

* Qabsoon gosa qabaa? Qabsoo nuti gaggeessinu maal jedhamaa?

* Qabsoo bilisummaa jechuun maal jechuudhaa? Yoom eegalee, yoom xumurama? Akkamiin galma gaha? Gaaffilee jedhan olii kana waliin ilaalla.

Moxobii/Seensa barruu kiyyaan; bakka gahuuf baate san gahuun hedduu sitti ulfaatee obsa si fixachiisee beeka ta'a. Obsa dheeraa booda imalakee sana gaafa goolabdee galmakee (lafa gahuuf yaaddee baate sana) geessu gammachuunkee mudannoo daandiitti si mudatan rakkinoota karaa irratti si mudatan irra caalee hedduu si gammachiisa. Kun hangam kaayyoo galmaan gahuun akka boqonnaa namaa laatu siif raageessa. Akkuma kana qabsoo gaafa gaggeessitu waan barbaaddu sana argachuuf waan dhabdu hanga lubbuutti akka jiru beektee itti seenta. Waa argachuuf dirqama waan jaallattu akka dhabdu kan si godhu imala qabsoo jedhama. Sana booda ifaajakee sana goolabdee xumura qabsookee galii manaa baateef sana gaafa geessu gammachuun guutamta. Nii onnatta. Nii ifta akka biiftuu barii. Kanaaf qabsoon walakkaan hadhooftuu galmi ishee mi'ooftuu jedhu.


* Qabsoo jechuun hiiki isaa maaliidhaa? Maaliif qabsoofnaa?


Qabsoo jechuun gabaabinaan imala waan tokko argachuuf godhamu, imala aarsaa guddaa irraa qabee hanga aarsaa xiqqaatti nama kaffalchiisutu qabsoo jedhama. Tattaaffiin lubbu qabeeyyiin jiraachuuf, nyaachuuf, dhuguuf taasisan mataan isaa qabsoo jedhama.

Kun ta'ee akka sabaatti maaliif qabsoofna?

Gaaffiin jedhu, nuti kan hormaa ykn qabeenya qaama biraa of harka galfachuuf tattaaffii ykn qabsoo gochaa jirra miti. Nuti biyya namaa weerarree biyyi kun kan keenya jechuuf qabsaa'aa jirra miti. Nuti garaa guuttachuuf qabsoo akka dhuunfaatti of jiraachisuu gochaa jirras miti. Qabsoon nuti gochaa jirru qabeenya akka biyya keenya Oromiyaatti dhabne sana deeffachuu, qabeenyaa afaan Qawween halagaan nurkaa fudhate deeffannee kabaja molqamne deeffachuuf qabsoo gochaa jirra. Har'a nuti Oromoon humnoota saamtotaaf ajjeeftota ta'aniin weeraramnee jirra; weerara sana of irraa deebisuuf imala daandii qabsoo abboota keenyaan eegalame itti fufnee jirra. Imalli abboonni keenyaa eegalan kan nuti dhaalle kun immoo waa dhabuu irra darbee akka dhuunfaatti lubbuu keenya dhabuu akka of keessaa qabu beeknee itti seenne. Kaayyichi lubbuu keenya jiraachisuu utuu hintaane, biyya keenya Oromiyaa halagaan mancaatee saamamte deebifnee ijaarree uummata keenya Oromoo jiraachisuu kan jedhu saganteeffannee qabsoo eegalle. Kanaafuu qabsoo of jiraachisuu gaggeessina utuu hintaane, qabsoo ofii dhabamnee biyyaaf uummata keenya jiraachisuu gochaa jirra. Kaayyoo qabsoo keenyaatu ofittummaaf ykn dhuunfaaf matayyaatti of jiraachisuu kan jedhu utuu hintaane, Oromoo dhabama irraa oolchinee, Oromiyaa diigama irraa baraarree waan akka dhuunfaatti dhabuu qabnu hanga lubbuutti itti dhabnee kaayyicha bira gahuudha.


Kanaafuu maaliifan qabsaa'a? Jedhee gaaffii kan of gaafadhu yoon ta'e; aarsaa barbaadamu kaffalee biyyakoo jiraachisuu fi uummatakoo kabachiisuudhaan nagaan qe'ee isaa irratti akka jiraatu dhiigaaf lafee cabee kabaja abbaasaatti deebisuuf uummatni Oromoo qabsootti jirra. Yoomiyyuu maal akkan godhuuf, maaliif akkan qabsaa'u kana waanin beekuuf abbaan fedhe sagantaa kana gateef duuka sagantaa ykn kaayyoo kana wanti lafa na keessisu ykn na gachisiisu hinjiru. Kaayyichi galii isaa hanga gahutti hangan lubbuun jirutti ana keessa nii jiraata, anis hangan lubbuun jirutti kaayyoo kanaaf jiraachuuf kaayyoo sabaa kanaaf aarsaa narraa barbaadamu kaffalee sabakoo kabachiisuuf isa waliin jiraachuun dirqama eenyummaan anatti laatedha jechuun irbuu seenanii qabsoo bilisumma Oromootti bitimaa kan jiran qaaliiwwan roorrootti daangaa gochuuf har'as imala qabsoo san itti fufsiisan.

* Qabsoon gosa qabaa? Qabsoo nuti gaggeessinu maal jedhamaa?


Akkuma qabxii olii keessatti xuquu yaalle qabsoon gosa qaba. Qabsoon akkan itti ilaalutti gosa gurguddaa lama qaba. Isaanis Qabsoo Jireenyaa fi Qabsoo Bilisummaaf walabummaa biyyaati.


A. Qabsoo J
ireenyaa

Qabsoon gosoota gurguddoo inni qabu keessaa tokko qabsoo jireenyaa jedhama. Qabsoon jireenyaa gareenis ta'e irra jireessa dhuunfaan qabsoo gaggeeffamu qabsoo gamtokkee jechuu dandeenya. Kunis qabsoo lubbuun jiraachuuf guyyaa guyyaan taasifamanidha. Qabsoon jireenyaa dhimma jiraachuu irratti bu'uuramanii, jireenya kana arguuf ammoo aarsaawwan xixiqqaa baasuu kan gaafatudha. Haa ta'u malee, namni tokko qabsoo jireenya maatii ykn qabsoo of jiraachisuu irra utuu jiruu aarsaa lubbuu kaffaluus nii danda'a. Namni qabsoo jireenyaa dhimma of bayyanachiisuu, of sooruu nyaataaf dhugaatii isaaf maatii isaa barbaachisu dhiyeessuuf qabsoo utuu taasisuu du'e biyyaaf lubbuun darbe jechuu hindandeenyu.


Qabsoo jireenyaa kana namootni qixa hiree waaqaatti gargaaramanii waan waaqni nuu laate qaama guutuuf beekumsa qabanitti gargaaramanii kanneen gaggeeffatan akkuma jiran, kanneen qabsoo bilisummaatti hirkatanii qabsoo jireenyaa gaggeeffatanis nii jiru. Isaan qabsoo Bilisummaa irra ciqilfatanii qabsoo jireenyaa gaggeeffatan kunneen, fakkaattoota kaayyoo sabaati. Isaan kun kan kiyya kaayyicha hingatu jechuun kanneen qabsoo godhan utuu hintaane, akka dhuunfaatti haalli isaan barbaadan gaafa guutamuuf kanneen afaan cufatanii qabsicha keessaa harka loosanii bahan qabsoo Bilisummaatti hirkachuudhaan qabsoo jireenyaa gaggeeffatan kan nuti jennuun sana.


Qaamolee qabsoo jireenyaa gaggeeffatan kana keessa nagaan akkuma jiru, kanneen qabsoo Bilisummaa qaama gaggeessu fakkaatee hirkatummaan qabsoo jireenyaa gaggeeffatu akka jiru xuquu yaaleeni. Isaan gaafa fedhii dhuunfaa isaanii kanneen akka maallaqaa, Taayitaa, fi ka dhibii waan dhaban qofaaf afaan qabsoon uummataaf waan qabsaa'an fakkaatanii agaboora qabsoo bilisummaa jala ruuqamuudhaan gaafa waan barbaadan dhaban qabsaa'anii gaafa waan akka dhuunfaatti fedhan argatan ammoo cuqqaalamaniin qabsoo bilisummaa gaggeessu ykn uummataaf qabsaa'uu jechuu hindandeenyu. Isaan qabsaa'ota jireenyaa keessaa iyyuu warreen dabaaf shiraan of jiraachisuuf of bayyanachiisuu hawwaniif kanneen daandii fakkeessiin tujaaruuf abbalanidha. Qabsaa'ota Jireenyaa keessaas badoon warreen akkanaa ta'uu asumaan himuun fedha. Kun ta'ee qabsoo jireenyaa keessatti, daandiin daldalaa, daandiin qotiisaa fi kanneen kana fakkaatanis qabsoo jedhamu. Haa ta'u malee qabsoon haala kanaan gaggeeffamu qabsoo jireenyaa jedhama.



B. Qabsoo Bilsummaa

Qabsoon gosoota gurguddaa lama qabu keessaa inni guddaan qabsoo Bilisummati. Qabsoo Bilisummaa jechuun qabsoon biyya ofii tikfachuu, qabsoo saba ofii jiraachifachuuti. Qabsoon bilisummaa qabsoo waan akka sabaatti dhaban, waan akka sabaatti biyya irraa fuudhame, kan akka sabaatti sarbaman deeffachuuf qabsoo adeemsifamudha.

Kunis aarsaa dhiiga dhangala'uu fi lafee cabuu hanga lubbuun darbuutti nama kaffalchiisa. Biyyi tokko halagaan gaafa weeraramte, biyyi tokko qabeenya ishee halagaan yoo dhuunfate, lafa ishee halagaan of harka yoo galfate dhiibbaa kana jalaa bahuuf adeemsa wal ijaaree biyyi miidhame kun taasisu qabsoo bilisummaa jedhama. Qabsoon Bilisummaa ilma gudeedaan kan galma gahu malee, ilma guddifachaaf ilma mixiin qabsoo galma gahu miti. Qabsoon Bilisummaa saba garboomee, saba saamame, saba mirgi isaa sarbame kan wal ijaaree sirna isa cunqurse of irraa qaarsiisuun bilisummaa isaa labsatu malee, sirni isa gadache bilisummaa isaa laateefis hinbeeku hinyaadamus. Kana gaafa jennu, "sirni biyya tokko garboomse biyya sana deebisee hinbilisoomsu!"


Walumaa gala qabsoo bilisummaa jechuun qabsoo daangaa saamicha biyyaa, daangaa ajjeechaa uummataa tolchee biyya ofii daangeeffachuun of bilisoomsee nageenya isaa tikfachuuf qabsoo sabni tokko gaggeessu qabsoo bilisummaa jedhama. Qabsoon bilisummaa fedhii nama muraasaa guutuudhaan, ykn fedhii nama qeenxee guutamuudhaan qabsoo galma gahee bilisummaan labsamu miti. Qabsoon bilisummaa waan sabni sun barbaadu wal qixatti saba sanaaf guutamee sabicha irraa ulee ajjeechaa kaafamee ofiin hiree isaa murteeffachuun qaama ofii filateen buluu gaafa eegale galma kan gahuuf bilisummaan wareegama kaffalamuufis akka sabaatti fedhii sabaa guutuun
kan labsamudha.


Garaagarummaan qabsoo jireenyaa fi qabsoo bilisummaa gidduu jiru;

-Qabsoon jireenyaa of jiraachisuu ykn maatii ofii jiraachisuuf qabsoo baadiyyaa hanga magaalaatti dhalli namaa kamuu taasisudha.

-Qabsoon Bilisummaa ammoo biyya ofii jiraachisuu fi uummata ofii jiraachisuuf qabsoo taasifamu yoo ta'u

Akkuma hiika wal caalu aarsaa guddaa kan nama kaffalchisu, aarsaa ulfaataa kan saba kaffalchiisu qabsoo Bilisummaati. Qabsoon jireenya gaaga'ama nama muraasaa sanuu yoo baaya'ate gaagama miidhama qaamaaf hir'ina ulfaatinaa irra kan hindabarreef yeroo itti aarsaa lubbuu kaffalchisuus kan qabu ta'ullee nama muraasa kan gaaga'udha. Qabsoon Bilisummaa garuu; qabsoo biyya ofii jiraachisuu, qabsoo uummata ofii jiraachisuuf dhaaba hundeeffatanii qabsaa'an, qabsoo jaarmiyaan qabsaa'an waan ta'eef aarsaan akka dhuunfaatti utuu hintaane akka sabaatti kan nama kaffalchisuuf namoota danuus kan hubuuf kan hedduu miidhu ta'uu hubatamaadha.

Qabsoon nuti akka Oromootti gaggeessaa jirru qabsoo Bilisummaati. Qabsoo Oromiyaa tikfachuu, saba keenya Oromoo akka addunyaa kana irraa hinbanneef qabsoo saba ofii jiraachifachuuti. Saba ofii jiraachifachuu jechuun sabichi maqaan isaa bakkatti eegamee Oromoo waan jedhamu utuu hinbadin utuu hinmanca'in Oromoo ta'ee itti fufuu jechuudha. Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti aarsaawwan gurguddaan kaffalamaa turan kaffalamaa jiru, boris hanga bilisummaatti aarsaa qaalii itti kaffallee nii dhugoonfanna kun ammoo dhiyoodha.



* Qabsoon bilisummaa Yoom eegalee, yoom xumurama? Akkamiin galma gaha?

Gaaffilee kanaaf; akkuman olitti jedhe sabni tokko callisee wal faana guksee ykn girrisee sababa malee qabsoo hingaggeessu. Sababa malee qabsoo taasisee aarsaa lubbuuf ka dhibii itti hinkaffalu. Wanti saba sana kaasu saamicha lafaaf saamicha eenyummaa, saamicha biyyaati. Nus akka Oromootti saamicha Eenyummaa keenya Oromoof Oromummaa, saamicha lafa keenya Oromiyaa, Saamicha albuuda keenyaa fi daguuggaa sanyii nurratti adeemsifamaa jirutu manaa nu baase. Inni olaanaan ammoo halagaan weeraramu biyya keenyaaf halagaan dhaalamuu qe'ee keenya Oromooti. Duuchaatti; qabsoof kan Oromoo baase, kan qabsoo Oromoo eegalsisee roorroodha. Kan qabsicha fiixa baasisu ammoo dhabama ta'uuf barbadaa'uu roorrooti. Hanga roorroon jirutti qabsoo gochuun hindhaabbatu, hanga ajjeechaan, saamichi fi dararaan nurra gahaa jiru kun jirutti qabsichi itti fufa. Gaafa waan dhabne kana arganne, gaafa waan gaafanne fudhanne, gaafa waan saamamne deeffanne qabsoon keenya qabsoon Bilisummaa galma gaha. Gaafa sana Bilisoomneerra jenna malee daandii walakkaa dhaabanne uummata keenya sobuuf sammuu keenya sobuuf bilisoomneerra jechuu hundandeenyu.

Qabsoon Bilsummaa akkamiin galma gaha?

Gaaffii jedhuuf qabsoon bilisummaa dhaabaaf jaarmiyaa tolfachuudhaan, uummata mara hirmaachisee galma gaha. Kun ammoo cimina qabsaa'otaaf murannoo qabsaa'ota bilisummaa gaafata. Diina akka inni itti sitti dhufetti itti dhuftee of irraa deebiiftee, lafa akeekte geessa. Kana keessatti ammoo wal danqaaf wal danqarsa tokko malee sabni bilisummaa barbaadu dhaaba bilisummaa isaaf qabsaa'uu jalatti taliigamee agoobara bilisummaa jalatti qabsaa'uudhaan dhugooma.


Maayii irratti qabxiileen an olitti xuxxuquu yaale kunneen konkolaataa qabsoon tokko ittiin imaludha. Kana jechuun eessa akka gahuuf, maaliin akka waan barbaadu bira gahu beekee saffisaan konkolaatee sabni tokko akeeka fi hawwii isaa dhugoonfachuuf qabsoo jechuu kanaan olitti ykn akka kanatti hiikkatee qabsaa'uu isa feesisa.

Injifannoon Uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Mudde 15,2019
Finfinnee Oromiyaa
Forwarded from Dhugaa Miidiyaa DM
Addi Bilisummaa Oromoo guyyaa har'aa magaalaa Ambootti uummata mariisisuuf jedha. Kaleessa galma Sivil Sarvice keessatti miseensa isaa kan mariisise dhaabichi, har'a uummata bal'aa mariisuuf qophii xumuruu nuuf himan.

Waltajjin marii kunis dirree kubbaa miillaa (stadium) keessatti kan gaggeeffamu ta'uu gabaasan