Dargaggootni Oromoo lama Magaalaa Finfinnee kutaa Gullallee keessatti humna tikaan ukkaamsaman
[SQ - Bitootessa 30/2021]
Ilmaan Oromoo sabboontota tahan Finfinnee fi golee Oromiyaa hunda keessatti humnoota tikaa fi humnoota waraanaa ppn bobbaafamaniin manneen hidhaatti darbatamaa fi ajjeefamaa jiru.
Haaluma kanaan guyyaa Har’aa bitootessa 30/2021 dargaggoota Oromoo lama Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee keessatti dargaggoo Oliyaad Baqqalaa galaalchessaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo duraaanii fi dargaggoo Yifiruu Dhugumaa humnoota tikaan waaree booda Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee irraa ukkaamsamanii fudhatamuu maddeen keenya nuuf himaniiru.
Dargaggootni kunneen ammaan duras sirna amma jiruun qabamanii hidhamaa kan turan yoo tahu dargaggoo Oliyaad Baqqalaa erga amana hidhaa diinaa keessaa bahee waggaa sadii asitti bultii ijaarrachuun jireenya mataa isaa kan gaggeeffataa jiraatu tahuus barameera.

Murna shiftaa ppn kan bobbaafaman humni waraanaa namoota nagaa qabee hidhaa jiru.
[SQ-Bitootessa 31/20921]
Godina wallagga lixaa Aanaa Najjoo Ganda kutaallaa Haroo irraa sirni nama nyaataan Abiyyii Ahimadiin bobbaafame qe'ee keessa deemee ilmaan oromoo shororkeessaa jira.
Akka maddeen keenya bakka sanaa nuuf himanitti guyyaa har'aa kana ilmaan oromoo heedduun hidhaatti guuramaa jiraachuu kan nuuf himan ganama kana namoota hidhamaaa jiran keessaa kan maqaan isaanii arganne muraasa
1.Barataa Maatiwoos Kibiruu
2.Barataa Iyyaasuu kibiruu
3.Barattuu Maaramee Badhaasaa Naaddoo yoo ta'an sababa oromummaaf sabboonummaa qofaaf mana hidhaatti guuramaa jiru.Itti dabaluun ji'a lama aanaa kana ganda kutaallaa haroo irraa iddoo hojiitii kan qabame barsiisaa Fiqiruu Taammiroo dhibee Hasmiin qabamee waajjira poolisii aanaa Najjoo keessatti daraaramaa jira.

Dargaggoo Siraaj Huseen rasaasa humni addaa naannoo Amaaraa itti dhukaasteen kan rukutamee ture lubbuun boqote.
[SQ-Ebla 1/2021]
Kaaba oromiyaa wallootti waraana humni fanxaaleyyii Amaaraa uummata nagaa irratti banteen rukutamee yaalarra kan ture Dargaggoo Siraaj Huseen dandammachuu dadhabee lubbuun isaa darbite.Uummatni keenya heedduun ammas kan yaala fayyaa dhabanii rasaasa garaatti baatanii deeman heedduudha.Seenaa keessatti uummatni oromoo walloo lubbuu isaa qaalii aarsaa taasisee haqa isaa falmachaa jiraatus rorroo jabduu keessa jira.Obboleessi keenya dargaggoo Siraaj Huseen nu biraa lubbuun darbitus haqa ati irratti kufte dabarsinee fayyidaa dhuunfaafis tahe sodaa garaaf yoo irraa sharafne lafeen kee qoree taatee nu haa waraantu.uummata oromoof maatii oromoo hundaaf jajjabina hawwina.Seenaa obboleessa keenya dargaggoo Siraaj Huseen barreessinee tarree goototaa keessatti galmeessina. Qabsa'aan ni kufa qabsoon itti fufa!!

Galmee Kaayyoo Fufaa jalatti kan himataman hidhamtoonni siyaasaa Oromoo 6 mana murtii Federaalaa dhaddacha Lidetaatti dhiyaatan.
[SQ Eebla 1/2021]
Miseensa Gumii Sabaa ABO kan ta’e Kaayyoo Fufaa jalatti himatamuun mana hidhaa Qilinxoo kan jiran hidhamtoonni siyaasaa Oromoo namni ja’a guyyaa har’aa mana murtii federaalaa dhaddacha Lidetaatti dhiyaataniiru. Waggaa lama dura qabamuun kan hidhaman namoonni kunniin turtii waggaa lama guutuuf murtii malee beellamaan mana murtiitti deddeebi’aa har’a ga’aniiru.
Beellamni isaanii har’aa galmee kana irratti himatamaan sadaffaan dhiyaachuu waan hin dandeenyeef manni murtii yeroo adda addaatti komishinii poolisii Finfinneefi Oromiyaatti manni murtii ajaja baasee akka himatamaa kana dhiyeessan gaafataa kan ture deebii komishiniiwwan kaneenii dhaga’uuf ture. Himatamaa 3ffaa kan tahe Gaaddisaa Nagaasaa Adoolessa 22/2020 mana hidhaa Qilinxoo keessaa poolisii Oromiyaatiin baafamuun bakka hin beekamnetti hidhamaa turuun Onkoloolessa 23/2020 magaalaa Naqamteetti waraanni mootummaa ajjeesuu isaanii gabaasnee turre. Mana murtiitti ammoo himatamaan 3ffaa hanga dhiyaatutti jechuun beellamaan guyyaa daddabarsaa waggaa tokko lakkoofsisan.
Himatamaan sadaffaa dargaggoo Gaaddisaa Nagaasaa mana hidhaa Qilinxoo keessaa ‘mana murtiitu si barbaada’ jedhamee poolisii Oromiyaatiin baafamuun magaalaa Naqamteetti ajjeefamuu isaa akka dhaga’an beellama darbe irratti himatamtoonni galmee kanarra jiran mana murtiif ibsanii turan.
Manni murtii irra deddeebiidhaan komiishinii poolisii federaalaa fi komiishinii Oromiyaatti ajaja baasuun akka himatamaa kana dhiyeessan, yoo dhiyeessuu dadhaban ammoo sababa dhiyeessuu hanqataniif gabaasa akka dhiyeessan xalayaadhaan irra deddeebi’ee ajajaa tureera.
Komiishiniin poolisii federaalaa fi kan Oromiyaa har’a dhiyaachuun ajajni mana murtii kan isaan hin dhaqqabiin ture tahuu himachuun, himatamaan 3ffaa Gaaddisaa Nagaasaa Adoolessa 16/2012 ALI mana hidhaatii baasanii bakka biraa erga geesaniin booda mana hidhaa keessaa akka miliqe komiishiniin poolisii Oromiyaa dubbachuu isaa maatiin dhaddacha har’aa hordofan odeeffannoo nuun ga’aniin ibsaniiru.
Poolisoonni yeroo inni miliqe eegumsarra turan sadii hidhaa waggaa lamaa fi Qarshii 1000 mataa mataatti adabamuu ibsuun himatamaan kun ajjeefamuu isaa wanti mana murtiif ibsame hin jiru. Ammallee himatamaan kun akka barbaadamaa jiru komishiniin poolisii Oromiyaa mana murtiif ibse.
Dhaabbanni tika biyyaalessaa Itoophiyaas ajaja yeroo sadii ol akka ragaalee himatamtootaa kan sagaleefi suuraa adda addaan deeggarame qabna jedhanii turan dhiyeessaniif kan manni murtii xalayaan ajajaa ture yeroo jalqabaaf har’a dhiyaachuun ragaalee sagalee akka qabanii fi akka dambii dhaabbatichaatti ragaa sagalee mana murtiitti dhiyeessuu akka hin dandeenye ibsan. Haata’u malee, ragaalee jiran dhiyeessuudhaaf seerri ykn labsiin dhorku akka hin jirre abukaatoofi abbootiin seeraa dhaddacha kana irratti ibsaniiru jedhame.
Himatamtoonni kunniin:
1. Caalaa Baayisaa
2. Aanaa Baayisaa
3. Kaayyoo Fufaa
4. Ashabbir Barii
5. Abbabaa Maammoo fi
6. Geetaahun Taammanaa fa’a yommuu ta’u, beellama itti aanu irratti komishiniin poolisii Federaalaa, Komishiniin poolisii Oromiyaafi dhaabbanni tika biyyoolessaa ragaa isaanii akka dhiyeeffataniifi yoo dhiyeessuu baatan sababa akka dhiyeessan ajajuudhaan beellamni biraan gaafa Ebla 12/2021’tti qabameera.

Mana Murtiitti osoo hin dhiyyaatiin G/H/G/Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti sabboontotni m/hidhaatti dararamaa jiru .
[SQ-Ebla2/2021]
Godina Horroo Guduruu wallaggaa magaalaa Shaambuutti ilmaan Oromoo sabboontota tahan manneen hidhaa keessatti osoo mana murtiitti hin dhiyyaatiin waajjira poolisii magaalaatti gaaffii tokko malee Kanneen dararamaa jiran maqaa isaanii kan SQ argate muraasa:
Magaalaa Shaambuutti Kan Hidhamanii jiran Muraasni;
1. Misgaanaa Kaffaalee
2. Amansiisaa Abarraa
3. Bojaa Toleeraa
4. Likkiisaa Bushaa
5. Mo’iboon Dhugaasaa
6. Gaaddisaa Amanuu
7. Alamganaa Fiixumaa
8. Cimdeessaa Dastaa
9. Laalaa Badhaasaa
10. Darajjee Margaa
11. Katamaa Mokonnin
12. Ammayyuu Raffisaa
13. Qanaatee Ayyaanaa
14. Jireenyaa Dhaabaa
15. Caalaa Didhaa
16. Ifaa Gaaddisaa
17. Taaddasaa Lammaa
18. Dassaaleny Tarfaa
19. Addisuu Fayyisaa
20. Geetaachoo Jaallataa
21. Amsaaluu Tolasaa
22. Katamaa Booranaa
23. Oliyaad Amantee
24. Mallasaa

Ibsa Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaala Finfinnee fi Godina Shaggar Irraa kenname.
________________________________
Qaama murna Afaan Qawween aangoo of harkaa qabuun waraanni uummata keenyarratti banamee fi gochi gara jabeenyaa Hidhattoota humna addaa Amaaraa ,waraana federaalaa fi RIBn uummata keenyarratti raawwatamu dhaabbachuu qaba. Bosonni Oromiyaa Daldala siyaasaa Impaayerri Itoophiyaa gaggeessuuf jecha gubachuu hin qabu.
Akkuma beekamu Impaayera Itoophiyaa keessatti bara dhufaa darbaa dantaa fi fedhiin sabaaf sab-lammootaa hojiirra oolmaa argatee hin beeku. Sirni bulchinsaa abbaa Irree inni tokko isa biran bakka bu'aa lammiilee biyyatti dirqiidhaan bitaa turuu fi ammalleen dirqiin bulchuutti jiraachuun isaa waan wal nama gaafachiisu miti. Haala qabatamaa jiruun Impaayerri Itoophiyaa Sirna moofaa deebisuuf carraaqqii hedduu taasisaa jira. Carraaqqiin sirna moofaa deebisuu kun immoo gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa uummata keenyarraan gahaas jira kana caalaa irraan gahuufis tattaafataa jira. Kanuma Bu’uura godhachuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Magaala Finfinnee fi Godina Shaggar waliin ta’uun ibsa Ejjeennoo qabxii Ja'a(6) qabu baasee jira.
1. Taatee finxaaleyyii fi hidhattoota waraana federaalaa , RIB fi Humna Addaa Naannoo Amaaraa liyyuu haayilii'n lammiilee keenyarratti raawwatame cimsinee balaaleffanna; duras ni dhaabbanna. Gocha gara jabeenyaa lammiilee keenya irratti raawwatan kana qaamni maqaa Mootummaan afaan Qawween aangoo of irraa qabuu fi hidhattoonni naannoo amaaraa wal ta’uun qondoominaan gocha raawwatan ta’uun kan hedduu nama gaddisiisudha. Mootummaan Abbaa Irree Godinaalee Oromiyaa garaagaraatti sirna moofaa nama nyaata kaleessaa deebisuuf tattaaffii taasisaa jira. Impaayerri Itoophiyaa gam-tokkeef dhaabbatee boo’ichaa fi gammachuu gam-tokkeen itti fufuu akka hin dandeenye jabeessinee Akeekkachiisna. Kanaafuu Impaayerri Itoophiyaa cunqursaa addatti Ilmaan Oromoo irratti raawwatu akka dhaabu cimsinee hubachiisna.
2. Impaayera shiraa fi qawween ijaaramtee shiraan dhiiga uummattootaa dhangalaasaa jirtuu fi taate qabatamaa jiru ilaalchisee:- Akeeka leellistota seenaa badaa murna kaleessa galmaan gahuuf sabboontota Oromoo hidhuu, Namoota Jajjaboo fi dhaabbilee siyaasaa Oromoo dadhabsiisu, Jaarmiyaa uummata Oromoo diiguuf carraaquu fi maqaa isaan hin qabne itti moggaasu irraa akka of Impaayerichi akka of qusatuu dhaamna. Dabalataanis haalli Impaayera Itoophiyaa garee tokko itti jajee Saba biraa ittiin ciigga’u fi balaaleffatu daba Sirnaa fi akeeka hin qabne ta’uu hubachiisna. Godaannisa seenaa uummata keenya gobaan horfuun bifa haaraan sirna moofaa nutti hawwuun abjuu ta’uu hubatee akka lammii keenya dararuu dhaabu dhaamna. Yoo kana hin taane gaaga’amaa fi rakkina biyyittii keessatti dhalatuuf gaafatamaan sirnicha ta’uu Uummatni bal’aan akka beeku ergaa keenya dabarsina.
3. Ajjeechaa lubbuu namoota meeshaa maleyyii, sarbama mirga namoomaa, manca'uu qabeenyaa, gubachuu fi buqqaa'uu Ilmaan Oromoo Godinaalee garaagaraa keessatti ta'e ilaalchisee:- Guutummaan guutuutti qaamni deeggarasa sirna kanaan deeggaramee bobba’ee gocha badii raawwachaa akka jiru Uummatni bal’aan ni beeka. Godinaalee Oromiyaa garaagaraa kan akka Walloo, Matakkal fi Magaalota Kanneen Godina Walloo kan akka Kamisee, Axaayyee, Harbuu, Arxummaa, Kutaalee Magaalaa xixiqqoo Godina Walloo kan akka Naannoo Walloo "Walloo safar ganda 01" fi "Beselaam Safar" jedhaman keessatti gochi sanyii duguuggaa Ilmaan Oromoo irratti raawwate hedduu kan nama gaddisiisudha. Shira sirni Impaayirichaa xaxeen qabeenyaa fi lubbuu namoota nagaa irratti miidhaa gaheef gadda guddaa nutti dhagahame ibsina. Shirrii fi Dabni impaayirichaa hidhattoota 'Liyyuu haayilii Amaaraa' waliin ta’uun uummata keenya Godina Walloo irratti raawwatan hedduu balaaleffanna. Tumsa Impaayirri Itoophiyaa hidhattoota humna addaa 'liyyuu haayilii naannoo Amaaraa' bobbaasuun jiraattota irratti raawwaten Sababa Oromummaa isaaniif qofa lubbuu fi qabeenya isaanii dhabani. Qe’ee fi qabeenyi isaanii barbadaa’e.

Akka fakkeenyaatti Magaaluma Axaayyee keessatti Hojjettoota Wisdom Baankii fi Abbaay Baankii Sababa Oromummaa isaaniif qofa adda baafamanii ajjeefamaniif gadda nutti dhagahame ibsina. Gochoota kanniin irraa Humnoonni badii "liyyuu haayilii naannoo Amaaraa" ammas Oromoo fi Oromiyaatti aggaammii isaanirra akka of qusatan beeksifna. Sirni kun ammaas haalan Lola sabaa fi Saba gidduutti fakkeessun namoota jajjaboo miidhuun, kaan hidhuun, kaan immoo maqaa balleessuun lammiilee nagaa miidhaa jiraachuun ifa. Kana hubachuun Hawaasni bal’aan waan kana dura dhaabbachuu akka qabu hubachiisuu feena.
4. Dhaabbilee siyaasaa Oromoo fi Abbootii Qabeenya Oromoo Akkasumas Hawaasa bal’aan:-Dhiibbaa halagaa uummata keenya irratti raawwatamu dura dhaabbachuun dirqama Seenaati. Dhiibbaan hedduun dhaabbilee siyaasaa irraas ta’e Abbootii qabeenyaa keenya irratti taasifamaa turee fi jiru guddoodha. Danqaaleen hangam jiraatanis hojii Boonsaa hojjechaa turuun isaanii ni yaadatama. Haaluma baratameen tooftaa fi mala garaagaraatti gargaaramuun Aantumaan saba keessan cinaa akka dhaabbattan; hubannoo fi akeeka fuula duraaf tumsa lammii keessaniif akka taasistan kabajaan isin gaafanna. Yeroon keessa jirru yeroo itti Namni Eenyummaa isaaf jecha bahee galuu dadhabe waan ta'eef Gocha farreen badii kana fashaleessuu keessatti qooda keessan akka bahattan dhaamsa keenya kabajaa isiniif dabarsuu feena.
5. Ajjeechaa Godina Lixa Wallaggaa Ona Baabboo Gambeelitti Raawwate Ilaalchisee:- Ajjeechaa Godina Lixa Wallaggaa Ona Baabboo Gambeel kan raawwate qaama afaan Qawween maqaa Mootummaan aangoorra jiruun kan bobbaafaman tahuus mirkanaayeera .
Faallaa Dabaa fi taphni lubbuu namaa irratti siyaasa isaanii qajeelchuuf Mootummaan taasisu hedduu kan nama gaddisiisudha. Muuxannoo shira xaxuu qabaniin dhugaa sabaa gara dabarsuuf yaaluun daba dabalataati. Akkaataa Miidiyaalee murna Mootummaa ofiin jedhuuf gabaasa tolutti ta'e jedhame qaama mootummaan kan raawwatame malee gocha kan raawwate warra sirnicha bayyanachiisuu barbaadu ta'uun ifa. Murni maqaa Mootummaa fi Miidiyaan isaanii jibbinsa sabichaaf qaban irra deddeebbiin wayita dubbatantu mul’ata. Gochi kun Gocha Uummata keenya Walloo fi naannoosheetti raawwate dagachiisuuf shira sirni nama nyaata kun rawwaate ta’uu Diinnii fi firri akka hubatu himne. Gochi Godina Lixa Wallaggaa Ona Baabboo Gambeel qaamota mootummaan sabaa fi saba gidduutti garaagarummaa uumuuf dalagame. Aangoo of harka bulfannaaf shira qindaa’ee uummata nagaa irratti raawwate malee Qaamni uummata miidhe kan biraan akka hin jirre Jabeessinee hubachiisna.Taatee badii raawwatanii faallaa maqaa qaama biraatti haqachuuf carraaquun yakka lammataati. Kana irratti uummannii fi miidiyaaleen waan murna maqaa mootummaan aangoorra jiru afarsu fuudhanii gabaasuun gaafatama seeraa fi seenaa ta'uu hubatanii hojii isaanii qixaan akka bahatan hubachiisna.
6. Gubachuu Bosona Oromiyaa Bakkee garagaraa Ilaalchisee:- Mootummaan Abbaa hirree dabaa fi shiraan qabeenya Uumamaa qisaasessaa jiraachuun beekamaadha. Bosonni Oromiyaa bakka garagaraatti ta'e jedhamee itti karooruun gubachaa ture, jira. Taateen Bosona Oromiyaa gubuu kun daba sirni abbaa Irree raawwataa jiru ta'uun ifa. Duulli Bosona gubuu biyyaa fi naannoo Oromiyaatti Beelaaf gadadoo hawwuu akka ta'e Uummatni Oromoo hubachuu qaba. Lollii fi qisaasa’uun qabeenya bosonaa hawaasicha gama hundaan dadhabsiisanii bituuf abjuu qaban raawwachuu irratti argamu. Sirni Bosonatti ibidda qabsiisee gubu namaafis nagaa fi tasgabbii uumuuf fedhiif akeeka akka hin qabne Uummatni Oromoo hubachuun qe’ee fi qabeenya isaa Ilmaan isaa waliin ta’uun akka tifkachuu qabu hubachiisna. Mootummaan gocha kana raawwatus guutummaan guutuutti akka dhaabu cimsinee akeekkachiisna. Hawaasni Keenya bal'aan, Qotee bulaan keenya Bosona kunuunsaa turee wayita Bosonni gubatu arguun hedduu kan nu gaddisiise ta'uu dhaamna. Kanuma xiyyeeffannoo keessa galchuun mootummaan gochoota kana hunda dhaabuu baannaan balaan as deemu hamaa fi ulfaataa ta'uu hubachiisna. Bosonni Mana, Manni Galma, Galmi Jireenyaaf faayidaa gita hin qabne qaba.

Dabalataan Bosonni Qabeenya, qabeenyi dawoo/gaaddisaa fi bu’uura madda galiiti. Kanaafuu Gochi Bosona gubuu fi taateen ilma namaa irratti raawwataa jiru; Lubbuu fi qabeenya mancaasuu akka dhaabbatu cimsinee Akeekkachiisna.
Xumurarrattis Uummatni Oromoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, Hawwanii fi Abbootiin, Barsiisaa fi Barataan, Hayyuu fi Ogeeyyiin roga hundaan jirtan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Cinaa dhaabbachuun taatee fi gocha Oromoo fi Oromiyaa weeraruuf kaayyeffame dura akka dhaabbattan waamicha keenya Kabajaa isiniif dhiheessina!
Injifannoon Uummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaala Finfinnee fi Godina Shaggar!
Finfinnee, Oromiyaa
Ebla 2, 2021

Duulli bifa addaan qabsaa'ota irra darbee ummata Oromoo mara irratti gaggeeffamu Qeerroon akka onnatee falmatuuf haamilee taha
[SQ-Ebla 2/2021]
Murni afaan qawween aangoo isaa tiksachuuf ilmaan oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti ajjeechaa sukkaneessaa fi saamicha qabeenyaa akkasumas qabeenyaa ummataa barbadeessuu fi hidhaa irratti abdii muranna airraa kan ka'e raawwachaa jiruuf Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoottti onnachiisee garbummaatti akka xumra godhaniif xurree sana bana malee of duuba hin deebisu.
Tibbana duula miidiyaaleen Addunyaa fi mootummootni Addunyaa murna afaan qawween akka mootiitti of waamu sirna Dr Abiyyi gaggeessu kan balaaleffachaa jiran yoo tahu faallaa kana immoo ilmaan Oromoo Oromiyaa keessattii fi Finfinnee keessatti adamsanii hidhuu ,dhabamsiisuu irratti akka bifa addaan hojjechaa jiran Qaruuxeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo mirkaneeffatee jira.
Taateewwan amma yaadamaa jiran biyyittiifis tahe sablammiileen biyyitttii akka wal fixaniif karoorsama akan jiru tahuus Qaruuxeen Qeerroo mirkaneeffatee jira.
Ummatni keenya addatti immoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo dammaqaa tahii of qopheessi falma xumura garbummaaf tahaa jiruuti harkarruu ykn ashaaraa dhiigaa fi lafeen akka barreeffamuuf of qopheessi.

#ODUU_AMMEE
Eegdotni Mana jireenyaa HD ABO Jaal Daawud Ibsaa tiksan lama Balbala Mana HD ABO Fuulduraa Tika Mootummaan Qabamuun Hidhaman.
[SQ-EBLA 2/2021]
Egdotni mana HD ABO Jaal Daawud Ibsaa Guyyaa har'aa Ebla 2, 2021 Waaree boodaa Mana HD fuulduratti Waardiyyaa HD ABO Jaal Sulfaakeer (Yuunis Alii Joonaa) fi Waardiyaa Waajjira Muummee Gullallee Jaal Beekaa Sabaa (Kadiir Imiruu Raagaa) Tikni huccuu Siiviilii uffachuun qabee Poolisii Federaalaan Buufata Poolisii Nifaas Silkii laaftoo tti hidhee jiraachuu barame.
guyyoota sadii duras Waardiyoonnii Waajjira ABO Muummee Gullallee Lama Jaal Odaa Jabeessaa fi Jaal Dureessaa Tulluu gaafa Bitootessa 31, 2021 Waaree booda Tika murna Baadhaadhinnaa(ብልጽግና) tiin ukkaanfamuun Magaalaa Burraayyuutti akka hidhamanii jiraachuun ni beekama.
Wantoota torban kana keessa HD ABO irratti yaadamuuf jiruu fi itti jiramu ragaa qabatamaan qabannee ni dhiyyaanna ummatni keenyi Biyya alaa fi keessaa qabsoo saba keessanii fi hogganaa keessan guyyuu akka quba qabaattan isiniif dhaamna
Qaruuxee Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti dhiyyeenyaan hordofaa jira.

Itti Gaafatamaan Sab-Quunnamtii ummataa ABO fi konkolaachisaan waajjira Muummee erga kaffalanii bahuu dhorkamuun ragaan kunooti
[SQ-EBLA 2/2021]
Itti gaafatamaan sab-quunnamtii ummataa ABO jaal Battee Urgeessaa fi konkolaachisaan waajjira Muummee ABO jaal Gafarsoo Dabalaa ebla 1/2021 manni murtii akka isaan Qr 500 kaffalanii bahan ajajus guyyaa kaleessaa aduun waan dhiyyeef qorataan dhimma isaanii qabate bahee jira ganama akka bahuu dandahan itti himamee kan ture yoo tahu guyyaa har’aa ebla 2/2021 yeroo maatiin hidhamtoota kanaa isaan simachuuf gara mana hidhaa magaalaa Buraayyuu deemee nuuf lakkisaa jedhan ajajni qaama olii irraa akka isaan hin lamkifamne waan dhufeef bahuu hin dandahan himata biraa itti banama jechuun maatii hidhamtootaaf deebii kennaniiru.
Namootni kunneen lamaan hidhamtoota siyaasaa mana hidhaa Buraayyuutti argaman gaafachuu deemanii konkolaataa Dhaabaa waliin kan achumatti hidhaman yoo tahu konkolaataanis hanga ammaa akka lakkifamtuuf gaafatamee akka hin kannamnee fi qajeelcha poolisii keessatti dhaabbatee jiru beekuun dandahameera

Itti Aanaa presedaantii Yuuniversiitii Jimmaa dabalatee namoonni 7 yuuniversiitii Jimmaa qabamuun hidhaman.
[SQ-Ebla 2/2021]
yuuniversiitii Jimmaatti Ebla 2/2021 ganama lafa barii namoonni Torba qabamanii hidhamuu maddeen kjeenya nuuf gabaasan.
Namoonni hidhaman Professor Tokko dabalatee Doktorrota sadii fi kanneen biroo ammaaf gahumsa isaanii baruu hin dandeenye moora ayuuniversiitii bakka hojjettootni kunneen jiraatan Appaartamaa jiraatan keessaa qabamani akka hidhaman baruun dandahameera.
maqaa namoota hidhamanii akkuma arganneen isiniif maxxansina.