Shaashanneetti waraanni Mootummaa Masgiida seenuun dargaggoo kiyaar Taajuddiin rasaasaan rukute.
[SQ-HAGAYYA 20/2020
Kiyaar Tajuddin Abdallaah Haafiza Qur'aanaa Kan masjida Amaar Magaalaa shaashamannee salaachisu yakka tokko malee Waraanni mootummaa masjida Keessatti itti seenanii rasaasaan rukutanii du'eera jedhanii biraa kan deeman achumatti dhiisanii yeroo ammaa Hospitaala Arsii Negeelleetti yaalarra jiraachuun du'aa fi jireenya gidduutti argama.
Waraanni mootummaa namoota nagaa quraana qara'an Masjiida seenuun reebicha hamaa irraan gahaa fi qabee hidhaa jiraachuu odeessi gara Arsii irraa arganne ifa godha.

Komishiniin mirga namooma Itoophiyaa Oromiyaatti ajjeechan hiirira morimii waamameerratti ta’a jiru na yaaddesa jedhe.
[SQ-HAGAYYA 20/2020]
Humni waraanaa Tarkaanfii madaawwaa hin taanee fudhachuu irraa akka of qusatus waamicha dhiheessera.
Komishiinichi, Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti keessaayyuu , Asaasaa,Asaaboot,Awwaday,Baalee Roobee,Ciroo,Dhangaggoo,Dirree dawaa , Dodoolaa,Galamsoo,Gindhir,Haromaayyaa,Hirnaa fi Shashamanneetti lubbuun namoota darbuu odeeffannoon na gaheera jedhera.
Sababaa lubbun darbuu namoota kanas komishiinichii yoo eruu tarkanfii hiriira mormii hidhamuu hooggantoota siyaasaa Oromoo ilaalchisee bahamerratti fudhatameen jedhera.
Gorsaan olaanaa fi Dubbii himaan komishiinichaa Obboo Aroon Maashoo akka jedhanitti, qaamooleen mootummaa lammileen karaa seera qabeessan sagalee mormii isaanii akka dhageesifatan eegumsa gochuufi qabu. Seeraa yeroo kabachisaanis tarkaanfiin fudhatamu madaalawwaa ta’uu qaba .
Miidiyaaleen haga ammaatti baay’ina namoota lubbuun darbanii lakkoofsa adda addaan gabaasa jiru. Komishiniin mirga namooma Itoophiyaas haga namoota lubbuun darbanii baruuf namoota naannoo sana jiran irra, hospitaaloota fi qaamoolee bulchisaa irraa adda baafachuuf odeeffanno walitti qabachaa jirachuus himera.
Komishinichii Mootumman Federalaa fi kan nannoo dhimma kana adda baasuuf yeroo gabaabaa keessaatti qorannoo akka jalqaban waamicha dhiheessera.

"Maaliif rifeensa dheereffattu?" jechuun mootummaan nama hidhaa jira.
[ SQ Hagayya 20/2020]
Godina Wallagga Baha Aanaa Eebantuutti uummata nagaa irratti
hidhaa, reebichaa fi dararaan akka maleee hammatee jira.
Aanaa Eebantuu magaalaa Hindee fi gandoota baadiyyaa garagaraatti waraanni mootummaa (Raayyaa Ittisa Biyyaa), poolisii humna addaa fi milishaan "isin deeggertoota Shaneeti; maaliif rifeensa dheereffattu?" jedhuun uummata gidirsaa jiru.
Haaluma kanaan gandoota akka Adaamii keessatti uummata waamicha gaa'elaa ba'e cidharra jiru irratti reebicha hamaa raawwatan. Gandaa Caqasaa
keessatti immoo "WBOn as keessa jira; isin immoo ni nyaachuuftu" jedhuun mana itti cabsanii uummata reebaa fi dubartootas gudeedaa jiraachuu maddeen odeeffannoo SQBO himan.
Haaluma wal fakkaatuun magaalaa Hindee fi Qeelloo keessatti immoo jumlaan hidhaatti guruu fi dargaggoota rifeensa dheeraa qabanimmoo gabaa keessa naanneessanii reebaa jirachuutu himama.
Namoota hidhamanii jiran kan maqaa arganne:
1. Qalbeessaa Getachoo (utuu mana murtiitti hin dhiyaatiin
ji'a 2 oliif kan hidhame)
2. Tamasgeen Sooriii
3. Gaaddisaa Dhugaasaa
4. Tolaa Dassuu
5. Caalaa Ragaasaa
6. Abdiisaa Toolasaa
7. Nagaasaa Baqqalaa Roorroo
8. Nagaasaa Baqqalaa Garbaa
9. Faxxanaa Qana'aa fi dubaartiin tokko kan maqaan adda hin baane akka hidhamtee jirtu beekameera.

Obbo Shimallis Abdiisaa Shaashanneetti humna waraanaa waliin mariitti jiru.
[SQ-HAGAYYA 20/2020]
Obbo Shimallis Abdiisaa guyyaa har'aa hagayya 20/2020 ganama Magaalaa Shaashannee deemuun yeroo ammaa Humna Waraanaa achi jiran waliin mariitti jiru.
Magaalaa Shaashanneetti guyyaa har'aa sochii ummataa tokkoo illee akka hin jirre odeessi arganne ifa godha.

Aanaa Fadis Magaalaa Bokkoo keessatti waraanni mootummaa qabeenyaa namaa samsaa jira.
[SQ-Hagayya 20/2020]
Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadis Magaalaa Bokkoo keessatti waraanni mootummaa manneen daldalaa guutummaatti irra deemuun samsaa jiru.
Akka jiraattotni Magaalaa Bokkoo jedhanitti hagayya 12/2020 tarkaanfiilee waraanni mootummaa fudhateen lubbuun namoota lamaa yoo darbu namootni hedduun humna waraanaan jumulaan qabamanii eessa akka geeffamanis akka hin beekamne yoo tahu guyyuma guyyaan mana irra deemanii namoota poolisiin ugguraa kan jiru tahuus nuuf himaniiru.
Guyyaa har'aas maaliif hagayya 12/2020 manneen keessan cuftan jechuun namoota mana daldalaa isaanii banates irra deemanii cufsiisuun suphaa ykn samsaa kan jiran yoo tahu kanneen hin banannes irra deemanii samsaa jiraachuu jiraattotni ni dubbatu.

“Inni kun shaneedha Deggersa yaalaa tokkoyyu hin taasisinaafii.” Humna Addaa Oromiyaatu jedhe.
Hospitaala yuunibarsitii jimmaatti (JUSH)tti ijoolleen namni lama Humna Addaa Oromiyaan rukkutamanii galfamanii jiru.HuDargaggootni kun lammaan koyya Jimmaa Ona Aggaaroo Haroo iddoo jedhamutti,rukutaman. Kanneen rukutaman kana keessaa inni tokko baayyee miidhamee waan jiruuf akkuma dhufeen kutaa opireeshinii galchani.Mucaa isa tokkommoo jarri gurbaan kun shaneedha,yaalii tokkoyyuu gochuufii hinqabdan jechuun dhorkaniiru.

Ashamaa!
Kabajamoo hordoftoota Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, odeeffannoo nuun ga'uufi nu qunnamuu kan barbaaddan:
Email: sqbo2011@gmail.com
WhatsApp: +353892478105
Toora qunnamtii kanaan nu argachuu dandeessu.

#Beeksisa
IQSG Hagayya 28 fi 29/2020 Qeerroo Bilisummaa Oromoo diinagdeen cinaa haa dhaabbanu isiniin jedha.
Sadaasa 9/2005 irraa qabee FDG jechuun kan qabsoo haadhoftuu dhaaba ummata Oromoo ABO jalatti taliigamee qabsoo finiinsuu eegale Ebla 15/2011 irraa eegalee immoo akka Jaarmiyaatti ABO jalatti Qeerroo Bilisummaa Oromoo jechuun kan falmaa haadhoftuu gaggeessaa turee fi itti jiru karaa toora Internet Online Hagayya 28 fi 29/2020 #Gofundeme godhamu irratti hirmaattanii akka tumsitan waamicha isiniif dhiyyeessina.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoo ummatni Oromoo ABO jalatti gaggeessaa turee fi jiru keessatti osoo akka Jaarmiyaatti hin hundaayinis tahe hundaa'ee gaheen isaanii guddaa ture.
Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaggeessu keessatti ummatni Oromoo bal'aan biyya keessaa fi biyya alaa karaa dandahuun yaadaa fi diinagdeen gargaaraa turtan ammas itti jirtu.
Ummatni Oromoos qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo kaayyoo fi akeeka ABO jalatti taliigamee gaggeessu kiyya jedhee fudhachuun wareegama qaalii ulfaataa waliin kaffalaa ture ammas itti jira.
Addatti immoo karaa diinagdee #IQSG gargaarsa Qeerroo Bilisummaa Oromoof waggoota hedduuf hundeeffama Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa eegalee bifa dandahamuun gargaarsa isaan godhan akka Jaarmiyaatti Qeerroo Bilisummaa Oromoo galata guddaa qabaaf.
Ammas Hagayya 28 fi 29/2020 IQSG jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo diinagdeen utubuuf karaa GoFundMe akka bira dhaabbatan waamicha Oromummaa isiniif dhiyyeessa.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ummata isaa keessa taa'ee ummataaf hojjeta.
Kan qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaggeessu deeggaruu fi ijaaruu barbaadu kallattii IQSG kanaan diinagdeen akka cinaa dhaabbattan waamicha isiniif dabarsina.

Mana itti cabsuun waraanni mootummaa ilmaan Oromoo mana hidhatti guuraa jira.
[SQ Hagayya 21/2020]
Godina Wallagga Lixaa Aanaa Boojii Coqorsaatti guyyaa kaleessaa (Hagayya 20/2020) waraanni mootummaa mana itti cabsuun mana hidhaatti nama guuraa oole.
Namoonni hidhaman:
1. Kabbadee Shifarraa
2. Boonaa Baay'isaa
3. Eebbisaa Asfawuu
4. Gammachiis Taayyee kan jedhaman eda halkan (Hagayya 20/2020) ganda 01 keessaa mana hidhaatti guuranii jiru. Hidhamtoonni kunis mooraa waraana Raayyaa Ittisa Biyyaatti akka hidhaman odeeffanne.
Kanaan duras dargaggeessi maqaan isaa Surraa jedhamus magaalichuma keessaa qabamee Mana hidhaa mooraa waraanaa Coqorsaa akka jirus odeessi nu ga'e ni ibsa.
Odeessa nuun ga'uu yoo barbaaddan:

Roorroofi doorsifni uummata Oromootti hammaatee jira.
[SQ Hagayya 21/2020]
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Eebantuutti humni waraana mootummaa afaan qawween ummata Oromoo hidhuu, doorsisuu fi ajjeesuu itti fufee jira.
Hagayya 21/2020 Magaalaa Qeelloo uummata nagaan jiraatan manaatti itti seenuun Maanguddoo, Ijoollee hin jenne: reebaa, dhoqqee keessa gangalchaa jira.
Guutummaa Aanaa Eebantuu gandoota akka Dongoroo, Muxaa, Adaamii, Magaalaa Qeelloo fa'a keessatti namoota dhibbaan lakkaawaman qe'ee, bakka hojii fi mana jireenyaa isaaniirraa qabuun buufata Poolisii Aanaa Eebantuu Magaalaa Hindeetti guuranii hidhanii achitti dararaa jiru

Ibsa Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo /QBO Magaalaa Finfinnee Irraa Kenname.
[SQ-HAGAYYA 21/2020]
Haala Dhaabbileen Siyaasaa,Uummanni Oromoo fi Biyyi Keenya Keessa Jirtu Irratti Ibsa Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaala Finfinnee.
Akkuma beekamu Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroo garaagaraatti qabsoo Bilisummaa Oromoo kallachummaa Adda Bilisummaa Oromootiin hogganamu jalatti hiriiruun qabsoo Oromoo mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa bahataa har’a gaheera.
Sirni mootummaa Abbaa irree jaarraa tokkoo fi walakkaa oliif Qeerroo/Qarree, beektota, haayyoota, qabsaa’ota haqaa, akkasumas ilmaan oromoo hawaasicha biratti dhageettii qaban hidhaa, ukkaamsaa, ajjeesaa fi achi buutee isaanii dhabamsiisaa har’a ga’uun isaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo bilisummaa Oromoo biratti gochaan kun gocha gara jabeenyaa sirni kun sabboonummaa Oromoo jaamsee eenyummaa saba keenyaa awwaaluuf carraaqu ta’uu isaati.
Har’as hayyootaa fi qaroo oromoo irratti diraamaa diigumsaa hojjechuun itti fufee jira. Sirni hawaasicha cunqursuu fi hacuucu kun yeroo garaagaraatti Saba Oromoo xiqqeessuu fi hadheessuu irratti xiyyeeffatee hojjeta.
Sirni kanaan dura sabboontota ilmaan Oromoo dararaa fi ajjeesaa ture sun har’as kan duraaniirra caalaa itti fufee jira.
Bu’uuruma kanaan, Qeerroon Bilisummaa Oromoo Magaala Finfinnee Marii yeroo Garaagaraatti taasiseen murtoolee armaan gadii dabarsee jira.
1, Mootummaan maqaa Ol-aantummaa Seeraa hojiiirra oolchuu jedhuun namoota mana hidhaatti guuraa jiru hatattamaan dhaabuu qaba.
2, Hidhamtoota maqaa siyaasaan yakkee hidhes haalduree tokko malee hatattamaan akka gadhiisu gaafanna.
3, Doorsisni fi shirri diigumsaa qaamolee mootummaan/ tika mootummaa, poolisotaa fi abbootii aangoon hogganoota,qondaalotaa fi miseensota paartilee siyaasaa Oromoo kamirrattuu gaggeessu dhaabuu qaba.
4, Hidhaa fi doorsifni gaazexeessitoota Miidiyaalee sagalee uummataa ta'an kan akka ONN, OMN fi OBS irratti godhamaa turee fi itti jiru akka irraa dhaabatu gaafanna!
5, Mirgaa fi Hiree Murteeffannaa Uummata Oromoo dura dhaabbachuun roorroo qe’ee fi ilmaan oromoo irratti raawwachuun akka dhaabbatu cimfinee gaafanna.
6, Ajjeechaa qaamoleen nageenyaa mootummaa raawwataniif gaafatamaan Mootummaa waan ta’eef fuula durattis lammiilee nagaa ajjeesuu irraa akka of qusatu gaafanna.
7, Mootummaa fi Qaamni nageenya eegsisna ofiin jedhu Waajjiraalee Paartilee Siyaasaa Oromoo cufsiisuu fi ugguruu irraa of qusachuu akka qaban dhaamna.
8, Qaamni Mootummaa kamuu maqa balleessii fi burjaajjii saba Oromoo gidduutti uumuun gurmuun tokkummaa saba keenyaa akka laaffatu hojjechuu irraa hatattamaan akka irraa dhaabbatu gaafanna.
9, Mootummaan Hogganoota Paartilee Siyaasa Oromoo kanneen akka ABO fi KFO manatti ugguree; hedduu isaanii yakka tokko malee hidhee dararuun dhaabota uummata Oromoo birattii fudhatamummaa fi jaalala qaban shiraan diiguuf tattaaffiin godhaa jiru kan hin milkoofneef ta’uu hubatee akka irraa of qusatu cimsinee gaafanna.
10, Walgahiin maqaa Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromootiin Adoolessa 26 fi 27/2020 waajjira muummee dhaabaatti geggeeffame Heera, Seeraa fi Caasaa dhaabichaa waan hin eegneef kan bakka nun buune ta'uusaa ibsuu barbaanna.
Bu'uuruma kanaan, Koreen Naamusaa fi To’annoo/KNT/ dhaabichaa rakkoo fi dogongora mudate kana qoratee ifa gochuun murtoon madaalawaan qaama hoggana dhaabaa dhimmi ilaallatuun fudhatamee miseensota, deeggartootaa fi dinqisiifattootasaa dhaabichaaf ibsi akka kennamu jabeessinee gaafanna.
11, Namoonni Maqaa Dhaabbilee Siyaasa Oromoo dawoo godhatanii dhaaba ilmaan Oromoo wareegama lubbuu jijjiirraa hin qabne itti baasan diiguuf diina waliin hojjetan haal-duree tokko malee gocha farrummaa dalagaa jiran irraa akka of qusatan cimsinee gaafachaa; dhaabonni kunis namoota gocha akkasii irratti hirmaatan irratti tarkaanfii madaalawaa akka fudhan gaafanna.
12, Weerarri lafaa maqaa lafa jireenyaa qooduu jedhuun lafa Oromoo Magaalaa Finfinnee fi Naannawaa isheetti seeraan ala raawwatamaa jiru hatattamaan akka dhaabbatu jabeessinee gaafanna.
Qeerroowwan Oromoo faayidaa dhuunfaaf jettanii saba keessan irratt

i shira hamaa dalagaa jirtan hatattamaan gocha akkasii irraa akka dhaabbattan Qeerroon Bilisummaa Oromoo cimsee isin beeksisa.
© Waamicha Dhaabota Siyaasa Oromoof:
Dhaabotni Ssiyaasaa Oromoo dantaa uummata keenyaa tiksuuf dhaabattan hundi ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo kana akka deeggartan waamicha isiniif dhiyeessina.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo abdii Oromoo fi oromiyaa; akkasumas abdii saboota hundaati. Kanaafuu, garaagarummaan ilaalchaa qabdan utuu isin hin daangessin imala qabsoo Oromootti xumura gochuu irratti akka nu waliin dhaabbattan cimsinee gaafanna.
Dhaabonni Siyaasaa Oromoo garaagarummaa ilaalchaa isin gidduu jiru dhiphisuun rakkoo uummata keenyaa furuuf jecha Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin dhaabbattanii aarsaa barbaachisu kaffaluun falma hadhooftuu akka gaggeessinu jabeessinee dhaammanna.
Uummata keessan waliin taatanii gaaffii uummata keenyaa galmaan gahuu fi boru uummata Bilisummaatti jiraatu arguuf Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo jabaa uummachuun akka hojjettan waamicha keenya dabarsina.
© Waamicha Hawaasa Oromoo Biyya Keessaa fi Alaaf:
Gochi gara-jabeenyaa amma mootummaan uummata keenyaa fi sabboontota irraan gahaa jiru daraan hammaataa waan jiruuf:
Tokkummaa dhugaan kaayyoo jaallan itti wareegamanii har’aan ga’an galmaan gahuuf waliin hojjechuu fi tumsa qabsoon gaafatu akka taasiftan cimsinee gaafanna.
© Abbootiin Qabeenyaa Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jirtaniif:
Qabeenyaa qabdaniin qabsoo Oromoo tumsuun Mirga Hiree Murteeffannaa saba keenyaa fiixaan baasuu keessatti qooda keessan akka baatan waamicha isiif goona.
Beektonnii fi Namoonni Ogummaa garaagaraa qabdan gita isin ilaallatu hundaan hawaasa keessan cinaa dhaabbachuun akka deggartan jabeessinee gaafanna.
Ilmaan Oromoo caasaalee Mootummaa garaagaraa keessa hojjettan hundi kaayyoo fi akeeka haadhaa fi abbaa Keessanii yaadachuun Saba keessan tumsuun QBO cina dhaabbachuun sirna garboomfataa kanatti xumura akka gootan waamicha isiniif goona.
Walumaa galatti, Mootummaan waan jedhame kana hatattamaan hojiiirra oolchuu baannaan rakkoo deddeebi’ee mul’atuuf itti gaafatamaan mootummaa ta’uu cimsinee hubachiifna.
“Gumaa Isa Kufee Isa Jirutu Baasa!”.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Finfinnee
Hagayya 21/2020

Odeeffannoo nuuf erguufi nu qunnamuu kan barbaaddaniif:
Telegram: +353892478105