Wallaggaa lixaa AanaaGanjiitti project misoomaa jedhee Mootummaan Ummata buqqisuu jira .
Oromiyaa Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Ganjjii baakka jedhamutti mootummaan maqaa misooma Project Albuuda Warqee Tulluu Kappii jedhamuun ummata Oromoo gandoota sadii irraa buqqisuuf qabeenya uummataa dirqamaan tilmaamee gara qarshiitti deebisee uummata qe'ee isaa irraa buqqisuuf Beenyaa gahaa kaffaluu akka qaban jiraattotni gaafachaa jiru.
●kampaaniin TULLU KAPPII GOLD MINE jedhamuufi Mootummaan humna Waraanaa Poolisii Federaala, Raayyaa ittisa Biyyaa, Bulchiinsa aanaa Ganjii , Poolisoota aanaa Ganjii , Miliishota aanaa Ganjii, akkasuma Koree safartuu qabeenyaa fayyadamuun qabeenyaa ummataa marsaa marsaadhaan qe'ee isaanii irraa buqqisaa jiru tilmaamanii gara maallaqaatti jijjiirani xumura irraan ga'anii jiran Beenyaa gahaa akka kaffaluuf qabu jiraattotni gaafatan.:
●Gandooti ummati keenya mootummaanii fi Kaampaaniin TULLU KAPPII GOLD MINE jedhamu kun irraa ummata buqqisuuf jedhan kun Ganda Biqiltuu Ankorii ,Ganda Kappii Gurraachoo fi Ganda Gudayyaa Gujii jedhaman tahuu jiraattotni yaada sad dhaamaniin himaniiru.
●Misooma pirojeekttii Albuuda Warqee Tulluu Kappii kanaan wal qabatee akkaataa itti qonnaan bultootni gandoota sadan olitti ibsaman kun qe'ee isaanii irraa itti buqqifaman ykn kaafamuuf jedhan mootummaanii fi Kaampaaniin TULLU KAPPII GOLD MINE jedhamu kana waliin ta'ee irratti hojjetaa jiru baayyee kan nama gaddisiisudha jedhu jiraattotni naannichaa yaada SQf erganiin.
●Kaampaaniin Tulluu Kappii Gold Mine jedhamu kan keessatti hoji dhabaa ykn barattoota sadarkaa yuunversiitii ol aanootti baratanii hojii dhabanii Naannoo pirojeektichaa jiran illee hojii kana keessatti hirmaachisuu hin barbaadu jedhu jiraattotni naannichaa yaada SQf erganiin.
Uummata Oromoo dirqisiifamee qe'ee isaa irraa buqaafamaa jiruuf sagalee nuuf tahaa jechuun jiraattotni Wallagga Lixaa Aanaa Ganjii Gandoota baadiyyaa waarshaan Albuudaa Tulluu Kappii Gold Mine jedhamu irratti raawwachaa jiruuf dhaammataniiru.

❤8👎1🔥1
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Sirna PP jalatti qawween ummata dadhabnaan abiddaan qabeenya barbadeessu
😭5❤2
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa filannoo Marsaa 7ffaaf haala nageenyaa irratti paartiilee siyaasaa,Hogganoota naannoolee fi bulchinsa magaalotaa waliin mari'ate
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa kaleessa Amajji 25, 2018 miseensonni boordii shanan, bulchitoonni naannolee fi kantiibaa magaalota, hoggantoota dhaabbilee nageenya federaalaa fi naannoo, bakka bu’oonni paartilee siyaasaa biyyoolessaa fi dhaabbilee hawaasa siivikii haala nageenyaa naannolee filannoo waliigalaa 7ffaan itti gaggeeffamu ilaalchisee marii gaggeessee jira.
Haasaa baniinsa marii kanaa kan taasisan Dura Taa’aan Boordichaa, Melatwork Hailu; haasaa isaanii keessatti Boordichi muuxannoowwan filannoo waliigalaa 6ffaa irratti hundaa’uun qophii “filannoo duraa” filannoo waliigalaa 7ffaa irratti mari’ateera; akkasumas galteewwan marii adda addaa qooda fudhattoota waliin taasifameen argaman akka ka’umsaatti fudhachuudhaan; Fooyya’iinsa seeraa fudhachuu fi qajeelfama raawwii hojii qooda fudhattoota waliin mari’achuun bahuu dabalatee hojiiwwan fooyya’iinsa adda addaa filannoon bilisa, amanamaa fi dimokiraatawaa ta’e mirkaneessu irratti Boordichi hojjechaa akka ture bal’inaan ibsaniiru.
Haasaa baniinsaa Dura taa’aa hordofuun, Biruukii Wundesen, Hoggantuun Kutaa Hojii Boordichaa, haala nageenyaa, magariisa, keelloo fi diimaa jedhamuun ramadame, kan Boordichi mootummoota naannoo fi bulchiinsa magaalotaa, akkasumas dhaabbilee nageenyaa irraa walitti qabe bal’inaan ibsaniiru; odeeffannoo dhiyaate bu’uura godhachuun paartilee siyaasaa hirmaatan fi jaarmiyaalee waldaalee siivikii irraa yaadonni adda addaa kennameera.
Hoggantoonni biyyoota naannolee, kantiiboonni bulchiinsa magaalaa, fi qondaaltonni dhaabbilee nageenyaa yaada kennameefii irratti ibsa kennaniiru. Melatwork hojii filannoo Boordiin gaggeeffamaa jiruu fi akka waliigalaatti yaada Boordicha ilaalchisee kenname irratti ibsa kennaniiru.
Melatwerk haasaa xumuraa isaanii keessatti hoggantoota naannoo fi kantiibaa magaalotaa, dhaabbilee nageenyaa federaalaa fi naannoo, paartilee biyyoolessaa fi dhaabbilee hawaasa siivikii marii kana irratti hirmaatan galateeffataniiru, mariitiin waliigaltee irra gahuun akka danda’amu amanu; mariin kun ilaalcha adda addaa walitti fiduun waliigaltee “filannoo dimokiraatawaa” kaayyoo waloo tokkoof hojiirra oolchuu dandeessisu akka fidu marii guyyaa kana gaggeeffame irraa ifa ta’uu ibsaniiru.
Mariin kun dhimma nageenyaa irratti kan jalqabaa ta’uu ibsuun, nageenyaa fi hojii filannoo waliigalaa irratti mariin wal-duraa duubaan ni taasifama jedhan.

😁3❤1
Abbootiin Boondii Itoophiyaa harkaa qaban sirreeffama kaffaltii liqaa Doolaara Biiliyoona tokkoo ilaalchisee gara seeraatti darbuuf akka jedhan gabaafame.
Abbootiin qabeenyaa Boondii Idila Addunyaa Itoophiyaa harkaa qaban liqeesitoonni fooyyessa liqii Biiliyoona tokkoo diduu isaanii hordofee murtee gama seeraa fudhachuutti darbuuf akka jiran ibsan jechuun Rooyitarsi gabaaseera.
Koreen Ad Hoc kan Boondii kana harkaa qabu, dhimma kana gara mana murtiitti geeffachuuf akka jedhu ibsee jira. Kunis kan ta’e, Koreen Liqeessiteetootaa Chaayinaafi Faransaayiin gaggeeffamu liqii biyyattii fooyyessuuf yaada qophaaye kuffisuu hordofeeti.
Koreen kun, “murteen Chaayinaafi Faransaayiin fudhatame kan sababa hin qabnedha” jechuun mormuu Rooyitarsi ibseera.
Itoophiyaan Muddee 2023 Yuurooboondii doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 kaffaluu dhabuun kufaatii liqaa keessa ka seente yoo ta’u, bara 2024 asitti bu’uura walii-galaa garee biyyoota sooreyyii digdamaa (G20) jalatti liqaafi dinagdee biyyattii irra deebiin gurmeessuuf mariin eegalame turuun nii yaadatama.
Ji’a bitootessaa 2025 ‘tti Itoophiyaan liqeessitoota (Official Creditors Committee – OCC) waliin walii-galtee jalqabaa irra ga’uun, invastaroota dhuunfaa (abbootii boondii) waliin mariidhaaf karaa bane.
Haa ta’u malee, wixinee waliigaltee invastarootaa fi mootummaa gidduutti qophaa’e komiteen liqeessitootaa (OCC)’n diduun falmii jabaa fideera.
Abbootiin boondii Itoophiyaa, gurmaa’insa liqaa Yuurooboondii doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 irratti mootummaa Itoophiyaa waliin taasifamaa ture irratti wal-dhabdeen gadi jabaachaa waan jiruuf, tarkaanfii seeraa fudhachuuf karoorfachuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Koreen abbootii boondii ibsa baaseen, Koreen Liqeessitoota Ofiisaa (OCC) Itoophiyaa qajeelfama biyyoota sooreyyii digdamaa (G20) kan “liqaa yeroon deebisuu” jedhu kabajuu dhabuu isaa himateera.
Gareen abbootii boondii, murtoon Koreen Liqeessitoota Ofiisaa (OCC) kan dura taa’oota waliinii Faransaayii fi Chaayinaa jala jiru sababa quubsaa hin qabu jechuun mormii isaa ibseera.
Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaa gama isaatiin, waliigalteen abbootii boondii waliin amajjii 2026 irra ga’ame qajeelfama “liqii yeroon deebisuu ” fi kaayyoo sagantaa Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) waliin akka wal-simu madaalamee, garuu Koreen Liqeessitootaa ulaagaalee kana guutuu dhabuu isaa beeksisuu ibseera.
Haala kanaan walqabatee, Fandiin Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) tilmaama isaa galii al-ergii fi kuufama maallaqaa alaa Itoophiyaa irratti gara oliitti fooyyessee, galiin warqee fi buna irraa argamu kan eegame caalaa cimaa ta’uu hubachiiseera.
Xalayaan madaallii kana ibsu mootummaa Itoophiyaatti dabarfamuu Ministeerichi dabalee ibseera. AS

😭6❤2
Warshaan Sukkaaraa Finca'aa wixata Amajji 25, 2018 irraa eegalee guyyoota 45f walitti aansuun Oomisha akka dhaabu beeksise.
Waarshaan Sukkaara Finca'aa kun sababaan guyyoota 45f Oomisha dhaabu yoo himu hanqina dhiyyeessii Shonkoraa irraa kan ka’e tahuu beeksise.
Hoggansi warshichaa kanaan dura waggaa guutuuf Oomisha sukkaaraaf Shonkoraa gahaa akka qaban korporeeshinii Dhaabbata Sukkaaraaf gabaasee ture. Haa ta’u malee, walakkeessa waggaatti dhiyeessiin shonkoraa warshichaa akka dhumee fi warshichi guyyoota itti aanan 45 walitti aansuun hojii dhaabuuf akka dirqame maddeen warshichaa arganne nuuf himaniiru.
Waarshichi guyyoota 45 booda Shonkoraan amma misoomaa (oomisharra)jiru kun oomisha sukkaaraaf ni gaha jedhanii tilmaamuun warshaan Sukkaara Fincaa'aa kun yeroo sanatti hojii isaa ni eegala jedhameera.
Warshaan kun bara hojii bara 2018tti sukkaara kuntaala miiliyoona 1.3 oomishuuf karoorfachuu isaa kan hime madfi keenya hanga ammaatti sukkaara kuntaala kuma 410 oomishuun gabaaf dhiyeessuu isaa maddeen keenya nuuf himaniiru.

😢3