HIREE KOO
27 subscribers
6 photos
10 links
Download Telegram
Yeroon deemee dhufu

Waan tookko naan jedhi
Miirri kee maal hima
Jecha tokko naa baasuu
Akkamitti sitti cimaa

Dheebuu qalbii kootii
Gocha keen obaafadhu
Beeluu miira kootii
Laphee koo boraafadhu

Hawwii koof bohaartii
Kudhaama jaalalaa
Koottu na dhungadhu
Ganamaaf galgalaa

Sin eega sin nuffu
Yeroon deemee dhufu
Sin beeka sin jaal'a
Yeroon ciisee kufu
👇Garaa na Raafta👆

Urjii samii keessaa
Lakkaa'een dadhabe
Qaroo durba leensaa
Wadarookee na qabe
Boontuu warraaccaa
Siifan jecha dhaba
Utuun si barbaaduu
Akkamittan si dhaba
Guyyaa tokko jettee
Maaf garaa na raafta
Onneekoo na seente
Yoom dharraa na baafta?


Gaaffiidha?

Mee Telegram keessan kana hiriyyoota keessan maraan ga'aa.!
Eessa ga'e Faannikee?

Jaalalli dhugaa hamma bu'aatti utuun taane hamma du'aatti kan aarsaa ta'uudha.


Eessa ga'e faannikee
Maaf hin shokoksu
Utuu Jaalalli jiruu
Maaf jibbaan si bokoksu


Suuraan kan waggaa Shanan baranaati.
"Dubartoonni yeroo baallamaa maalif yoo jalalleen isaanii ture dafanii aaran?"

Gaafin kun gaafii keessan gaafatame. Uumamaan, dhiirti dhalaa caalaa obsaan iddoo beellamati eeguu danda’a. Dubartoonni garuu, yoo dhiirti isaan beellaman jalaa ture, dafanii aaran. Inumaa boo’uu danda’an. Kun uumama isaaniti. Fakkeenya kana salphaatti akka hubannuuf, Uumaan fakkeenya jireenya sanyii kormaa fi dhalaa hanqaaquu nuuf kaa’ee jira. Sanyiin kormaa hanqaaquu lubbuudhaan hanga guyyaa shanii eeguu danda’a, hanqaaquun garuu guyyaa tokko qofa eeguu dandeessi. Guyyaa kana yoo dabre, sanyiin kormaa osoo hanqaaquun eeyduu yoo jalaa ture, hanqaaquunis boo’icha ishii bifa laguutiin ibsatti. Kanaafuu, dubartoota beellamtanii jalaa hin turinaa; obsaan, amanamummaan, fi yeroo beellamaa kabajaanii argamuun dirqama.
JECHA KANA GUDUUNFADHA

1. Bishaan guute fi nama quufe dhaabbadhuu dabarsi.
2. Walitti dhufeenya nama waliin qabdu irra caalaatti
cimsuudhaaf cimaa, jabaataa fi namaan walii galaa ta'i.
3. Beekaa kan si jechisiisu dubbisuu osoo hin taane Kan dubbifte yaadachuu keeti.
4. Yeroo hundaa ofirratti amanamummaa guddaa qabaadhu.
5. Dubartii dubartiin malee rasaasaan hin ajjeesin.
6. Kan koo qofa fudhu (dhagayi) kiyyatu sirriidha doofaa siin jedhu hubachiisii biraa fagaadhu malee waliin hin mormin.
7. Seenaa kaleessa raawwatteef dogongora Kan deebisu xiiqii sammuu keetiiti.
8. Namni hundi qabaachuu kan barbaachisu maqaa gaariidha.
9. Beelarra kajeellaatu nama miidha
10. Hiriyummaan burqaa bishaanii maddi isaa hin beekkamneedha.
11. Hiriyaan yeroo rakkoo fi dararaa humna.
12. Hiriyaan dhugaa yeroo dukkanaa ifaadha.
13. Hiriyaan dhugaa madda gammachuuti.
14. Hiriyaaf kan dhukkubsatuu fi ofirra nama hiriyaaf yaadu ta'i.
15. Hiriyaan dhugaa daawwitii dha. Rakkoo kee kan qooddatu waan ta'eef ilaaltu hin fagaatin.
16. Jecha caalaatti kan dubbatu gocha.
17. Nama jalaa dheessuun salphaadha, sammuu ofii jalaa miliquun garuu ulfaataadha.
18. Maalummaa ofii cimsanii beekuun gaarummaa loogii hin qabneedha.
19. Namni obsa qabu ganama cirracha nyaatee galgala aannan dhuga.
20. Galma gahumsi fedhii keetii kan madaalamuun milkaa'ina keetiin Kenneen biroo jiraachuu yoo danda'aniidha.
21. Oonnee kee qulqulluu godhi! Maaliif jennaan
foddaa ala ittiin ilaaltudha.
#Anatu_akkas_hin_taane

Gahe koo gad Dhiise
gandaa labee
Achi of buusee bakka
koo malee ifaaje dadhabe

Eenyumaa koo gate
akka hormaaf dhimee
Isaa namaaf jedhees
yoon ofiin gidirfamee

Naaf hin tahu dindillii
isaa nan baatu
Akka koo malee akka
nama naaf hin taatu

Anatu akkas hin
taane ofi kiyya malee
Ofumaa koo diige
hin tahuu akka namalee

Naaf beeki dafii Hubadhu
Yaadaan qalbiin qabadhu
Anatu akkas hin taane of
gane nama hin fakkadhuu

Akka abalun sirbaan
morma nama jallisa
Anatu akkas hin taane
Anatu ofi kiyya ibsa
"#Maaliin_nayaadatta?
“Mucaa hiyyoomee beelaan dararamu tokkotu naannoo balfi itti gatamu keessaa nyaata barbaaddata. Gidduutti mucaan maatii sooresaa irraa dhalate tokko itti dhufee “Nyaanni balfa keessaa baakteeriyaa akka qabu hin beektuu? Dhibee sitti ta’ee si ajjeesuu danda’a bar!” jedhaan.

Mucaan hiyyeessis ol jedhee ija keessa ilaalaa “Yoon balfa kana keessaa barbaaddadhee hin nyaadhu ta’e nan du’a. Beelli na ajjeesuu irra jedheen akkas ta’a. Abbaa koo ijaan argee hin beeku! Haati koo osoo balfa keessaa nyaata nuuf barbaadduu qaama hin beekamneen rukutamtee duute” jedhee imimmaan qabachuu dadhabe.

Mucaan sooressis baay’ee rifatee, wajjin erga boo’ee booda, fiigee manaa nyaata reefuu qophaa’e fidee kenneef. Nyaachisee obaasee boodas, gara naannoo mana warra isaatti isa geessee “Yeroo hundumaa ganama ganama bakka kanatti wal argina! Nyaata si barbaachisu asittan siif fida! Elaa kunoo gamoon ati gamatti argitu kun, konkolaattonni argitu sun hundi kan keenya dha! Homaa hin yaadda’in!” jedhee mucaa gaggeessee deebi’e.

Mucaan hiyyeessi kun nyaata sirrii erga nyaatee yeroo dheeraa lakkoofsisee waan tureef, gammachuu isaa imimmaan dhangalaasaa ofirra deebi’e. Akkuma walii galtee isaaniittis nyaata, dhugaatii, uffannaa, kanneen biroos fiduufii eegale. Baay’ee hiriyooman.

Guyyaa tokko garuu mucaan hiyyeessi kun bakkuma barame deemee mucaa warra sooressaa kana eeguutti ka’e. Garuu namni nyaata fideef hin turre. Sa’atii dheeraa eegus mucaan hin dhufne. “Maalan godha? Maalan nyaadha? Balfattan deebi’a jechuudhaa?” jedhee osoo inni imimmaan dhangalaasuu namichi tokko ariitiidhaan konkolaachisaa ( konkolaataa oofaa) dhufe. Mucaa hiyyeessa kana bira ga’ees dhaabe. Ariifatee nyaata hoo’aa reefuu qophaa’e tokko gadi baasee kenneef. “Nyaata kana kan siif erge mucaa kooti! Nyaadhu!” jedhee of-irra deebi’uuf jarjare. Abbaa gurbichaa ti.

Mucaan hiyyeessi kun garuu “Maaloo! Mucaan kee eessa jira?” jedheen. Namtichis “Akkuma tasaa qabamee mana yaalaa jira. Nyaata geessinaafiin ‘Hamma gurbaan achi taa’ee na eegu sun nyaatutti hin nyaadhu!’ naan jennaanan siif fide!” jedhaan. Gurbaan hiyyeessi kunis “adaraa kee si waliin deemeen ijaan isa arga!” jedhee kadhataan. Tole jedhees fudhatee deeme.

Hospitaala ga’aniis mucaan sooressaa sun sagalee laafaadhaan, “Nyaata ani siif erge si ga’ee? Dhiifama guddaa naaf godhi, ganamaan si qaqqabsiisuu dadhabuu koof! Doktorri akka jedhetti, haalli koo gaarii miti. Tarii wal dhabuu dandeenya.” jedheen. Mucaan hiyyeessi kunis imimmaan toora meeqaan dhangalaasaa “Siree dhukkubaa irra ciistees hamma kana naaf dhimmitaa?” jedhaan.

Mucaan dhukkubsachaa jiru kunis, isa dhaabsisee, gaaffii tokko gaafateen. “Yoo lammata wal hin arginu ta’e maaliin na yaadatta?” jedheen. Mucaan hiyyeessi sunis,
“Ani gamoo isin qabdaniin miti. Konkolaattota isin qabdaniin miti. Nyaata babbareedaa isin qabdaniinis miti. Ani gaarummaa kee fi gara-laafina keetiinan si yaadadha! Kun hamman jiraadhutti yaadannoo ta’ee na waliin hafa!” jedhee isumaa xumuru, mucaan sooressaa kun xiqqoo seeqatee achumatti lubbuun keessaa baate jedhama.

🌟 Yeroo xiqqoo fudhadhuutii akkamitti namoota waliin akka jiraattu itti yaadi. Yeroo nama dubbistu yoo xiqqaate kolfitee simattaa? Jechoota gaggaarii fayyadamtee warra siin gadii dubbistaa? Warra hamma kee hin qabneef garaa laaftaa? Akkas goota taanaan waan gaariin yaadatamta!

Osoo har’a deemtee maaliin yaadatamtaa?"
Maddi Fuula fb Heran Gamessa Baraka ti

Asumaan wantoota akkanaa argachuuf add, follow taasisuun hordofaa.”
Jaalalli Qoosaa Miti

Tabbaaf gaarren ol ba'ee
Dhagootas babbaqaqsee
Hongee hamaan na dha'ee
Aduun sammuu na baqsee

Si argachuuf muddamee
Gufuu dhibbaan gurgamee
Gaarris daktis nan hafne
Jilba buusee naaf gamee

Dhangaa callaa jaalalaa
Onnee keetti calleessee
Gatiin siif baase malee
Maalan sitti balleessee

Ganna laaqiin na lixee
Bona awwaara dhugee
Barbaacha keefis labee
Karaa gubbaattis mugee

Jaalalli bar qaaliidhaa
Jaalalaan hin qoofamu
Meeshaa ammayyaa miti
Kalaqaan hin soofamu

Jaalalli badhaasadha
Kennaa hiree ganamaa
Onnee tokkoon cufamee
Onnee tokkoon banamaa

Erga deemtee haa ta'u
Karra koo banaa dhiiftee
Maaltummoo sitti argama
Yammuu ilaaltu ciiftee

Hundaafuu fedha rabbii
Eeggachuun hunda caala
Miidhaaf miidhamaan eenyu
Eyyee taa'een si laala
Oolmaa kee laalladhu,nama si marsee jiraatu adda baasi,hiriyaa barnoota jaalatu,saahiba hujii jaalatu, nama daaangaa namaatiifi daangaa Rabbii tikfatu wajji jiraataa jirta moo,isa ganamaafi galgalallee dhimma nama dhuunfaa hujii taasifatee alanshaa oolu,kan garaa ufii qofa hinjifatuu dadhabe wajji jiraataa jirta? uf sakatta'i.

Eeee.
Yeroo garii namatu na barbaachisa jettee laga meeqa ceetee itti geettee,yeroo kamuu akka namni si hin barbaachisne kan si agarsiisutu sitti dabalamuu malaa beeki,kanaafuu nama akkamii tahuu akka barbaaddu ufiifuu uf gaafattu malee hin cehinii uf argadhu..

Jaaloo
Hayyuu namni jettuun garriin isaa,maatii isaatuu hiyyuu taasisaa laali,dureessa namni ati jettuun gariin isaa,maatii isaa hiyyeessa bondaa gaditti deebisaa laali,goota namni jettuun gariin,ilmaan isaa luuyina taasisaa taajjabi,jaarsa biyyaa namni ati jettuun garriin,finna ufiii jaamsee kashlabbee taasisaa hubadhu,sheeka namni ati jettuun gariin ilmi isaa doofaa taasisee waliin dhama'aa xiinxalli, gariin namaa,namaaf raaga malee ufitti hin raaguu hubadhu.

Obbolaa
Mee cal-jedhii,al-tokko namarraa siqii baasii ufitti baasii laali,deemii ittiin baradhu,deemii hojjadhu, deemii ittiin nyaadhu,deemii ittiin uffadhu,deemii ufii soomii salaatii nama gorsuu dursa uf gorfadhu deemii mi'aa jiruu dhuunfaa keetii dhandhamii, sana booda namaaf ibsi,ufiifuu jiraadhuu waa'ee jiruu sana booda namaaf ibsi.

Ekaa
Dureessa hiyyummaan male garii isaa yoo agarte duniyatu si jibbisiisa,beekaa doofummaan isaan male garii yoo argite barnootatu si jibbisiisa, goota makkala garii yoo agarte gootummatu si jibbisiisa,jaarsolii manaan malte garii yoo alatti agarte jaarsummatu si jibbisiisa,sheeka qe'een male garii yoo hawaasa duratti agarte hedduu si gaddisiisa,bakka isaatiin ala wanti hunduu fokkuudhaa beeki.

Haloo
Sheyxaanni sadihii beeki,inni jalqabaa isa yoo Aayatulkursiyyii itti qara'an nama biraa fiigu sanii laali,inni lammaffaan isa kursii irra taa'ee waliin dhahuu dandahuu beeki,inni sadaffaan isa kursii irra jiru sana sodaatee kan sujuudu sanaa xiinxalli.

Yooo
Waswaasa qalbii teetii irraa bilisa bahuuf,dursa kophaa bahii uf argadhuu,sana booda jiruu tee gurraan osoo hin taane ijaan argi santu sihii.
Qofaa ta'uun Koo gonkumaa na sodaachisee hin beeku sababni isaas miidhaamni qofa ta'uun natti dhufu Isa namoonni hamoon na fakkataanii na miidhan hin caalu waan ta'eef.

If only God weren't with me my life is alone, But We are not Alone! You are not Alone!

Somebody says I'm not Alone
Isin qaroo keenya
Qaroo ittiin arginu
Abdiin nu coolagee
Kan ittiin marginu

Mogoleen Kan bu'e
Dhufee Wallanama
Abdiisaa Horatee
Fayyee  Baraarama
Nyaatni sammuu
Jira Qaroo Waamaraa-ti
Deemaa irraa sooradhaa
Jireenya foyya'aas
Achirraa Argadhaa

Daawwitii keeti innii
Of ilaallee jiruu
Miidi'aan Akkasaa
Eessumayyuu hin jiru


Telegram
👇👆👇👆👇👆👇
╔════════════╗
➡️HIREE _KOO***💌
╚════════════╝
Namoota biroo mo’achuun humna dha. Ofii of mo’achuun garuu aangoo dhugaa dha.”

Aangoon dhugaan namoota biroo to’achuu irraa hin dhufu; ofii keenya to’achuu irraa madda. Yeroo baay’ee yaada, miira fi gocha keenya to’achuu caalaa namoota biroo qajeelchuu, ceepha’uu ykn dhiibbaa irratti gochuun salphaa ta’a. Of-moo’achuun garuu of-eeggannoo, obsaa fi of-beekumsa barbaada.
Namni yeroo rakkoo keessatti tasgabbaa’ee turuu fi dhiibbaa keessa murtee sirrii kennuu danda’u, humna gadi fagoo qaba. Humni alaa yeroo muraasaaf jiraachuu danda’a; humni keessaa garuu jireenya guutuu nama waliin jiraata.
Yeroo of hubannu, sodaa, aarii ykn of-tuulummaa akka nu to’atu xiqqeessina. Guddinni dhuunfaa of qorachuu fi of madaaluu dhugaa irraa jalqaba. Injifannoowwan gurguddoon yeroo baay’ee sammuu keenya keessatti argamu.
Ofii keenya yeroo mo’annu, kaayyoo fi amanamummaa waliin jiraachuuf dandeettii arganna. Hogganummaan dhugaan of hogganuu irraa jalqaba. 💫


“harkaa kan sii fudhee hundi gaarii kee yaada miti; yeroo tokko tokko keessaa isaa ilkaan dhokate kan sii cininutu baay'ata.”
“Fuulli isaanii siif kolfaa ta’a; hilkan isaanii garuu si cininaa.”
“Diina ifatti mul’atu irraa of eeggachuun salphaadha; kan garaa keessa dhokatu irraa of eeggachuun garuu ulfaatadha.”
“Namni siif harka diriirsu hundi siif gaarii yaada jechuun hin danda’amu.”
“Harka isaanii nagaa fakkaata; keessaa isaanii garuu ilkaan nama nyaatu tu jiraa.”
“Jireenya keessatti nama hunda amanachuun dura qalbii isaanii dubbisi.”
“Namni tokko si waliin hariroo qabaachuu danda’a; keessa garuu kufaatii kee hawwa.”

Jireenya keessatti waanti nuti akka karooraatti qabannu waanta lamatu jira.Inni jalqabaa waanta barbaannu argachuu yoo ta’u,Inni lammaffaan immoo waanta argannetti gammaduudha.Namoonni karoora isa lammaffaatti gammadan garuu beektota qofa.
Irra deddeebi’anii yaaluun salphina miti.Carraa gaarii ta’uusaatu ittiin safarama.
Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan osoo hin taane,yeroo kufanis tattaaffii gochuudhaan ni madaalama.
Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa.Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha.

Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mul’achuu hin danda’u.

Cabbii caalaa yoo addaattees, urjii caalaa yoo calaqqiftees,aduu caalas yoo ifte komii namaa jalaa bahuu hin dandeessu.
Maqaa diinota kee fi hojii isaan si irratti hojjetan hin irraanfatin.Balleessaa isaaniif garuu dhiifama godhi.”

*Waan itti yaadaa jirtu hin dubbatin.
*Jireenya dhugaa keessatti yaada badaa hin baatin.
* Hiriyummaa qabaadhu, garuu daangaa gadhee ta’uu hin danda’in.
* Hiriyoota kee warra qorte qabi, cancala sibiilaatiin hidhi, hiriyoota haaraa warra hin qoramin wajjinis hin aarin.
* dogongora keessa galuu irraa of eeggadhu, yoo goote garuu, akka mo’ataa ta’ee as ba’a, akka morkataan kee si ajaa’ibsiifatee as ba’uuf.
*Hunda dhaggeeffadhu, muraasa waliin dubbadhu.
*Yaada namoota hunda dhaggeeffadhu, garuu itti hin murteessin.

Hundaa ol: of ta'uuf dhugaa ta'i... Kanaaf kophaakee, eenyuufiyyuu sobduu hin taatu!

Namoonni sooressa kennaa qaban daawwatu, isaan garuu hiyyeessa gorsaan daawwatu. "
Dallaan tokko tokko nu qooduuf hin ijaaraman — hammam akka geenye nu yaadachiisuuf ijaaraman. ” ”
Namni hundi ija wal fakkaataa qaba garuu ilaalcha wal fakkaataa miti.❤️

Namoonni qulqulluun gowwoota miti, akka namni hundi onnee gaarii qabutti yaadu. "
Namoonni yeroo waliin hin jijjiiraman, dhugaa hubatanii jijjiiramu malee. "

Yeroo sitti cimu, maaliif akka eegalte yaadadhu.

Jireenyi qabsoo isaan lamaan gidduu jirudha. "
Onnee fi Sammuu yommuu ta,u

Yeroo gaarii namaaf hawwitu, wanti gaariin siif deebi'a. Kun seera uumamaati.
Namni si miidhee waan injifate itti fakkaatu, dhugumaan seera yeroo hin beeku. 🖤
Namni si hubatu bokkaa keessa Imimmaan kee arga!
Gammachuu fi shittoo Osoo namaaf biifanii ofiifis urgeeffatu.
Mul'ata hanga du'aatti gatii si baasisu hin qabdu yoo tahe jiraachuun kee bu'aa hin qabu!
Namoota dhufanii si miidhaniif deebii hin qabaatin! Deebistee miidhuuf yaada hin qabaatin jechuukooti🧎🏻‍➡️🧎🏼‍♂️‍➡️🧎🏻‍♀️‍➡️
Baay’ee yaaduun sababa guddaa gammachuu dhabuuti.

Gufuulee Milkaa'inaa...
*******
1. Ofittummaa.
2. Sodaa kufaatii.
3. Karoora qabatamaa qabaachuu dhabuu.
4. Galmaawwan beekamoo qabaachuu dhabuu.
5. Jijjiirama haala jireenyaa.
6. Waan har'a hojjechuu qabnu yeroo biraatti dabarsuu.
7. Hanqina karooraa/qarshii.
8. Ittigaafatamummaa maatii.
9. Waan tokko irratti xiyyeefachuu dhabuu.
10. Faayidaa yeroof jennee mul'ata ykn kaayyoo keenya dagachuu.
11. Qofaa keenya hedduu hojjachuu.
12. Humna ofiitii ol yaaduu.
13. Kutannoo qabaachuu dhabuu.
14. Leenjii barbaachisaa qabaachuu dhabuu.
15. Sabrii/obsa dhabuu.
16. Filannoo beekkamaa ykn qabatamaa dhabuu.
Gaafa rakkinni sitti dhufu hin laafiin...
********
Jireenyi Addunyaa kanaa akka Ati yaaddetti osoo hin taane akka fedhii isatti si jiraachisuu danda'a. Jireenya jettee ati addunyaa kanarratti jiraattu kun yeroo hundaa akka ati feete siif hin taatu. Wanti ati har'a of harkaa qabdu guyyaa tokko akka dhabdu beekuu qabda. Mee fakkeenya tokkon siif fudhadha:- Nama ati hedduu jaalattu yeroo hundaa of biraa dhabuu hin feene yoo dhabdemmoo jireenyi kee hiika akka hin qabnetti fudhattee ija kee irraa buqqisuunillee si sassachiisu, osoo of biraa du'aan dhabdehoo?? Ykn namni sun akka ati isa jaalatutti si jaalachuu dhiisee onneekee madeessee osoo deemehoo?? Argitee jireenya kana gaafa jiraattu dhiphinaaf, dhabaaf, gaddaaf, rakkinaaf qophaa'aa ta'uu qabda. Sababni isaas yeroo hundaa gammachuun hin jiru gaddi ni jiraata, jaalalli akkuma jiru jibbis ni jiraata, wal arguun akkuma jiru gargar bahuunis ni jiraata. Nama jaalatturraa gargar bahuu yaaduun ulfaataa ta'us guyyaa tokko dirqama nama sanirraa adda ni baata kun seera uumamaati! Kanaaf gammachuun yeroo hundaa waan hin jirreef gaddaaf of qopheessi. Gaafa rakkinni sitti dhufu hin laafiin, jireenyi rakkina kanaa booda akka waan hin jirreetti fudhattee mataa gad hin qabin jabaadhu. Boru guyyaa addaa ta'uusaa bari.

Jireenya addunyaa kanaa salphisuus ulfeessuus kan danda'u suma mataa keeti. Al tokko tokko rakkinoota nu quunnamanirra rakkinichaaf deebiin nuti kenninu hedduu nu miidhu kanaaf jireenya kee salphistee jiraachuu yoo feete wanta har'a argite boru akka hin jirre, akkasumas adda bahuu namni ati hin feene guyyaa tokko akka irraa adda baatu beeytee yeroo hundumaa qophaa'aa ta'uu qabda. Halkan akkuma jiru bariinillee dhufee halkanicha akka seenaatti ni haasofta, hin dabru wanti ati jette dabree boqonnaa haaraatti ni ceeta guyyichas seenaa gootee dubbatta. Amanuun nama dhiba. Eenyu akka amanan beekuun caalaa ulfaataadha kanaaf ammaafillee tahuu baatu
Gamoon dheeraan akka Afrikaatti gamoo dhagaan ijaarame osoo hin taane gamoo namoonnii fi gaggeessitooni oftuulummaan ofirratti ijaaraniidha
Bishaan utuu dhagaan karaa isaa irra jiraachuu baatee sagalee bareedaa muuziqaa caalu sana hin dhageessisu ture.

Atis warra si gufachiisanitti hin gaddiin! Si bareechuufi
Namoonni akka nu jaalataniif dirqisiisuu hin dandeenyu, garuu jaalachuuf dirqamneerra.
Yaadamtuu koo har’aa
Jaalallee koo boruu
Isheen barbaacha isheef
Halkan guyyaa jooruu
Yaa isheen waliin
Iftaan bultii ijaaruu
Cinaa jireenya koo
Isheen waliin ilmaan horu

Bakka jirtu wallaalus
Ati inuma jirta
Baga geesse hundaafuu
Bor na bira jirta


Telegram
👇👆👇👆👇👆👇
╔════════════╗
➡️HIREE _KOO***💌
╚════════════╝
Kennaa koo ✉️
●•
Qabbaneessitu qaama koo
Badhaasa onnee kootii
Jaalalli kee na mootee
Onnee koo keessa lootii

Ijaan sin argun gammada
Na ifa qaamni kiyyaa
Kan akka kee na mararus
Barbaadeen dhabe biyyaa

Sin quufu sin hawwa
Arga kee dharra'ee
Onneen koos yaada keen
Si faana rarra'ee

Addunyaa kooti ati
Kan keessattu of ilaaluu
Bareeddun kumni otoo dhuftee
Eenyuyyu si naa caaluu

Ati anaaf hunda kooti
Mi'eessitu jaalalaa
Daawwiti koos sumadha
Si keessattan of ilaalaa

Oonnachistu kootis
Jaalallee koo yeroo maraa
Dhugaan si jaaladha
Homaa hin qabu dharaa !

Telegram
👇👆👇👆👇👆👇
╔════════════╗
➡️HIREE _KOO10💌
╚════════════╝