Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa
3.09K subscribers
356 photos
1 video
55 links
Traditional medicine
Download Telegram
'Seexana Ifatti Waaqessuun Jalqabamee Jira!!!

Galmi Seexanaa (The Satanic Temple) mootummaa US'tiin qaama seerummaa qaba. Ameerikaa, Awurooppaafi Awustiraaliyaa keessatti namoota adda bahanii seexana tajaajilanii fi galma itti waaqeffatan ifatti qabu.

Amerikaatti ifatti seexana waaqessuun baramaa dhufeera. Waanti dur golatti dhoksaan raawwatamu amma ifatti seera qabeessa ta'ee ija addunyaa duratti raawwatamaa jira.

Inumaayyuu beeksisa hojjatanii, barjaa maxxansanii koottaa nu wajjin seexana waaqessaa jechuu bira gahameera. Sagalee isaanii ol kaasanii "Galanni seexanaaf!" jedhu.


Ameerikaa Boostanitti walgahii guddaan seexana waaqessuu gaggeeffamee jira. Namoonni kun ammoo Satanists-Warra Seexana Waaqeessan jedhamuun beekamu.

Galma walgahii keessatti wantoonni sirna seexana waaqessuuf barbaachisan hundi qophaa'aniiru. Ibsaan shaamaa qabsiifamee jira. Galmicha keessa gara fuulduraa ammoo iddoon sirni garaa garaa itti gaggeeffamu wal-tajjiitu jira.

Bifa urjiitin kan hojjatame peentaagiraamii ykn rog-shaneen bifa adiin hojjatame wal-tajjicha fuuldura kaa'amee jira.

Yeroo sirna garaa garaa raawwatan ammoo mallattoo seexanaa fayyadamu: fakkeenyaf, yeroo gaa'ila raawwatan ykn maqaa haaraa moggaafatan.


Namoonni sirna waaqeffannaa seexanaa kanarratti hirmaatan wayyaa fuula isaanii dhoksuufi guraacha uffatu. Harki isaanii cancalaan erga hidhamee booda irraa hiikama. Akka namoonni achirratti hirmaatan jedhanitti walabummaa isanii labsachuu agrsiisa.

Waa'een Seexanizimii ifati sirriitti beekamuu kan eegale fiilmii bara 2019 hojjatame "Hail Satan" jedhu kan Peenii Leen waa'ee qajeelfama Galma Seexanaa keesatti ibse irratti ture.

Bara 2019 miseensonni isaanii 10,000 turan amma gara 700,000 tti guddataniiru.

"Akkana Hin Iftuu Hanga Dimimmiftu" jedhe maraataan jedhan!!!!!!🤔🤔🤔

Yaa Rabbi Tika Kee Keessa Nujiraachisi!

Odeeffannoo kana fuula BBC Afaan Oromoo irraa fudhanne.

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#follow_like_share_comment

#WhatsAppNo 092 879 5750
CIRRACHA AFUUFFEE HADHOOFTUU

Afuuffeen hadhooftu iddoo dhangala'oon cooma bulleessuf fayyadu ittii kuufamu ta'ee, nyaata akka coomaattii tajaajilu erga bishaan keessaa dhimbiibdee tottolchitee booda, gara mar'umaan xiqqaatti dabarsiti. Cirrachi hadhiiftuu afuuffee/qalqalloo dhangala'oo hadhooftuu baatu kana keessatti uumama.
---
Cirrachi hadhooftuu akaaku lama qaba:

1- Cirracha hadhooftuu daalatti: Inni kun yeroo hedduu haalluu boora kan qabuufi yeroo hedduu kan argamuudha.

2- Cirracha hadhooftuu gurraattii: kun ammoo halluu gurraacha cilee ykn magaala bifa biyyee kan qabu yoo ta'u innis kompawondii bilurubin Jedhamu kan dhigaa keenya kessatti argamuu irra uumama.
------
Cirracha Afuuffee Hadhooftuutiif wontoota nama saaxilan keessaa:
🔹Nyaata cooma hedduu qabu baayyinaan fayyadamuu.
🔹Fuduraaf kuduraa adda addaa fayyadamuu dhabuu.
🔹Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu
🔹Furdinnaa qaamaa gar malee dabaluu
🔹Sababa ulfaatiin kan dhufu
🔹Dhukkuboota dhiigaan wolqabatan qabaachuu fi kkf.
---

Mallatoolee dhukkuba Cirracha Hadhooftuu:

▵ Singiggoo laphee jalaa
▵Garaa keenya gubbaa gara harka mirgaatti ykn jidduu irratti dhukkubbiin badaa deebi'u namatti dhagahamu.

▵Nyaata zayitiin itti baay'ate yoo nyaannu miira dhukkubbii fi lolloojjii qabaachuu

▵ Dhukkubbii ceekuu mirgaa irratti namatti dhagahamuu.
▵ Lafee ceekuu lamaan jidduutti dhukkubbiin jiraachuu.

▵ Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu.
▵ Hoo'ii qaamaa jiraachuu
▵ Ijji keenyaa boora/keelloo ta'uu
▵ Gogaan namaa daalacha ta'uu
----

Furmaata Cirracha Hadhooftuu:

Mala 1
🔹Hundee diimaa firri giddug-galeessa 1
🔹Kaarotii firii giddu-galeessa 4
🔹Kiyaara(cucumber) firii 1
• waan sadan kana walitti makuun juusii gochuun guyyaatti yeeroo lama dhuguu.

• Mala kana torban lamaaf itti fuufnaan fedha Rabbiitiin cirracha Afuuffee hadhooftuu irraa fayyaa taatu.

Mala 2.
🔹Firii applii(apple fruit) giddu-galeessa 2 juusii goona.
🔹Kallii applii(apple cider vinegar) maankaa 1 juusii sanatti daballee guyyatti yeeroo tokko dhugna.

• Malli kun torbee 2 yoo itti fuufanii fayyadaman cirracha hadhooftuu haalaan fooyyessa.
• dhukkubbii sababa cirracha hadhooftiitiin dhufu daqiiqaa 15 keessatti itti woyyeessa.

Mala 3.
Baalaafi hidda Fujuul(radish) فجل dheedhii isaa akka salaaxaatti nyaachuu.

Mala 4
Loomii bishaanitti cuunfaa Irra deddeebiin fayyadamuu.

Hub: Maloota asii olitti eeraman keessaa yeeroo tokkotti mala tokko qofa fayyadamaa malee hunduma wal-bira hin fayyadaminaa

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#follow_like_share_comment

#WhatsAppNo 092 879 5750
FAAYIDAA SHAAYII DHUGUU
🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹
Shaayii Diimaa ykn Shaayii Magariisa dhuguun:
🔹 Carraa kaansarii sombaa, harmaa, fi piroosteetiitiin qabamuu ni hirdhisa
🔹 Carraa Istirookii (dhiigni sammuu keessatti jiguu hir'isa.
🔹 Lafeen keenya akka jabaatu godha.
🔹 Koolestiroolii qaama keessa jiru. hirdhisuu danda'a.
🔹 Dhiibbaa dhiigaa ol ka'aa ta'e gadi buusuu irratti faayidaa qaba.
🔹 Muraa garaa/ garaan yoo nama cinine namarraa laaffisu danda'a
🔹Bullaa'insa nyaataa gargaaruu danda'a: Gaazii (qilleensa) garaacha keessa jiru salphisuun nyaanni nyaanne akka salphaan nuuf bullaayuuf ni gargaara.
🔹 Fayyuuma fi jabinna ilkan keenyaaf
🔹 Foolii badaa afaaniis ni hirdhisa
🔹 Sirni ittisa qaamaa akka jabaatu godha
🔹 Carraa dhukkuba onnee akka tasaa (Heart Attack) saaxilamuu hir'isa.
🔹 Carraa dhukkuba Sukkaraa gosa lammeessoo (Type-II DM) tiin qabamu gadi buusa. Garuu namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban shaayii sukkara qabu haa fudhatanii hin gorfamu.
🔹 Dandeettii yaadachuu, qalbeeffachuu fi fulleffachuu ni dabala
🔹Fayyaa Sammuuf:shaayiin dalagaa hubannoo deeggaruun carraa dhukkuboota neurodegenerative hir'isuu danda'a.

Kanaaf shaayii wantoota garagaraa irraa qopheeffataa dhuguu amaleeffadhaa
©Dr. Nuredin
Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#follow_like_share_comment
#WhatsAppNo 092 879 5750
Umrii malee malaa’uu fi Furmaata Isaa
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻
Wantoonni umrii malee molaa’uuf nama saxilaan keessaa:

1 Dibata keemikaala adda addaa of keessaa qaban of-eeggannoo malee fayyadamuu, fkf kan akka paarmii fi jeelii 2. Dibata yeroon irra darbe dibachuu
3. Bishaan ashaboo qabu irra deddeebiin fayyadamuu.
4. Dibata bishaaniif haala qilleensaa xiyyeeffannaa keessa usuu hin galchin hojjatame dibachuu
5. Namoota uumamaan yaada humnaa olii qaban.
6. Hirriiba gaha rafuu dhabuu,
7. Ciree nyaachu dhabuu
8. Sooraata porotina fi cooma of keessaa qabaan humnaa ol sooraachuu.
9. Alkoolii bayyinaan dhuguu
10. Hirrina dhiigaa kan daddebi’uu.
11. m
Marataa fi waantoota mataattii yeroo maraa uffaatamuu kan ijaarsa gara garaa ykn haala qilleensaa dandamachuuf waan haguuggatamu.
12. Furdina garmaleef saxilamuu fi waan kana fakkaataniin rifewnsi namarraa dhumuu danda'a.
13. Fangasii akka forforiifi alaarjikoota adda addaa.
14. Qacee dhalootaan
¯¯­¯¯­¯¯¯¯¯­¯¯­¯¯¯

Maal ha goonure?
A).Sooraata cooma fi porotina gaha of kessaa qabaan torbettii al-lamaa ol hin sooraatinaa.
B).Alkoolii fi furdina humna olii irraa of-ittisuu.
C).Xiinsammuu fi aarii humnaa olii irraa fagaachuu.
D).Soochii qaama tasiisaa.

Mala yaalaa 1

mana keenyaatti bifa off eeggannoo qabuun dhadha /zeeytii qobboo fi killee lukkuu qophefadhaa.


Qajeelcha/instruction 1
1,Harka kee sirritti dhiqadhu
2, meeshaa qulqulluu/ fkn: mankaaf saanii qulqulluu qopheeffadhu.


Qajeelchaa /instruction 2ffa
🔸️Hanqaaquu/buphaa 1
🔸️Dhadhaa qobboo/zeeyiti qobboo ጎሎ ዘይት manka2

Meeshaa qulqulluu qopheeffatte keessatti sirritti wolitti maki
Erga sirritti wolitti makteen boodaa rifeensa keetiif iddoo rifeensii irra dhumaa jiru irratti sirritti wol geessi dibadhu.Erga dibateen booda rifeensa kee waan qulqulluu itti mari/ hidhadhu/(cover it).Yoo xiqqate sa’aati lamaaf/2 akkasumati turi.Sa’aa 2 booda rifeensa kee akkuma yeroo kaanitti dhiqadhu.Yoo xiqqate torbaanitti si’a 4 dibadhu.Bu’aa isaa sirritti arguuf hanga ji’a/baatii tokko eegi.

Mala yaalaa 2.

1. Hanqaaqu /puphaa/1
2. Zeeytii qobboo fallaana 2
3. Dhadhaa fallaana 3

Waliitti makuun yoo xinnaate turbaniitti guyyoota 2,3, iddoo moluun itti isiin qabeetti(mataa kessaan) sirriitti shanpoon dhiquu ergaas mataa kessaan dawa sanaan cupuun wal-gessiisuun haanga sa”aati 2 ol tursiisaa ergaas shanpoon dhiqaa.
Hubachiisa

Dibaata garaa garaa hin fayyadamiina.

Yeroo ofiirraa dhiqtaaniin booda wantii dibataamu qabuu:-Dhadhaa fi zeeytiin anti-dandruff, shaampo farra forforiif oolu qofa fayyadama.

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#follow_like_share_comment

#WhatsAppNo 092 879 5750
Hundee Diimaa/ቀይ ሥር(Beetroot)شمندر أحمر
Namoonni baay'een usuu hin beekin hundee diimaaf ilaalcha dogongoraa qabu. Yeeroo heddu soorata isaanii keessaa hundee diimaa cinatti maqsu. Anis waan namoonni godhan ilaalee akkas gochaa ture. Kuni dogongora ta'uu isaa waa'ee biqila kanaa erguma baradhee, qoradheen  hubadhe. 

Hundee diimaan soorata tuffatamaa usuu hin taane soorata kabajamaa fi qoricha ajaa'ibaati. Hundee diimaan faayidaa lakkaayamee hin dhumne qaba. Keessumattuu Tiruu fi Kalee keenya summii adda addaa irraa qulqulleessuuf biqila dorgomaa hin qabnee dha.
```````````````

Qabiyyee Hundee Diimaa
Vitaminoota vitamin C, vitamin B-6, riboflavin, and thiamine, pirootinii fi albuudota kanneen akka kaalsiyeemii, Ayiranii, soodiyamii, fi pootaasiyamii fa'an kan badhaadheedha
Faayidaa Hundee Diimaa

1. Bareedina gogaa qaama keenyaaf.
2. Kaansarii mar'ummaan furdaaf
3. Dhibee kalee nurraa ittisa.
4. Gartuu sochii dhiigaaf sirreessa
5. Hanga cholesterol qaama keessaa ni xiqqeessa.
6. Goginsa garaa nurraa ittisa.
7. Fayyummaa ija keenyaaf.
8. Rakkoo waa irraanfachuu bara dulluma keessaa nurraa ittisa.
9. Sirna ittisa dhibee qaama keenyaa ni dabala.
10. Carraa dhukkuba onneen qabamuu ni hir'isa.
Faayidaan hundee diimaa nyaachuu dhiibbaa dhiigaa gadi buusuu fi ga’umsa sochii qaamaa fooyya’aa akka qabaatan taasisuu fi kanneen biroo ta’uu danda’a.

```````

Hubannoo:
◦Hundee diimaa bilcheessanii nyaachuu caalaa dheedhii isaa ykn juusii isaa nyaachuun faayidaa irra qaba.
◦Hundee diimaan keemikaala 'oxalate' jedhamu baay'inaan of keessaa waan qabuuf Namootni dhukkuba jilbaa fi qubarratti isaanitti deddebi'e mula'atu(Rihii) qaban, Hundee diimaa baay'isanii soorachuun gaarii miti.

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#follow_like_share_comment

#WhatsAppNo 092 879 5750

#telegramchannel https://t.me/hikmaherbal
QORICHA MALEE DHUKKUBA IRRAA FAYUUF

Dhukkuba baay’eef qoricha hin barbaachisu. Qaamni keenya dhukkuba akka of irraa dhorkuu fi akka dhukkuba  injifatu uumamaan waan kennameef qaba.

Qaamni keenya kan dhukkuba  lolee injifatu dhalootaan of keessaa qaba. Qorichi dhukkuboota hamaa irratti loltuu qaama keenyaa kan uumaan nuuf kenne gargaaruuf itti dabalama malee, hojii guddaa kan hojjetu qaamuma keenya.

  Bakka qorichi hin jirre kan jiraattan iyyuu yoo ta'e, akkaataa dhukkuba of irraa ittisan yoo beektan dhukkuba baay’ee of irraa qolachuu ni dandeessan

Akka qaamni keenya dhukkuba of irraa faccisuu fi injifatugochuu akka danda'uuf waan shanan kana gochuu nu barbaachisa.

1   Qulqullina dhuunfaa keenyaa fi naannoo keenyaa sirritti eeggachuu. Kana jechuun:
◦Qulqullinna soorataa, qulqullina qaamaa, uffataa, eddoo ciisichaa fi Qulqullina yaadaatis ni dabalata. Naannoo keessa jiraannuu fi qulqullinna hariiroo hawaasummaas eeggachuuni

2 Boqonnaa gahaa argachuu.
Kunis hirriba gahaa rafuu, boqanna hojii fi boqannaa yaadaa gahaa barbaachisa.

3   Akka dansaatti nyaachuu fi bishaan baay’ee gahaa dhuguu. Soorata yeeroo fi sirna soorataa eeggate yoo kan nyaannu ta'e qaamni keenya dhukkuba lolee ofirraa qolata. Karaa sirrii ta’een akkaataa bishaan itti fayyadamtan yoo barattan bishaanumti qofaan dhukkuba hedduu irraa nama hambisa, nama fayyisas.

 4. Araada adda addaa irraa bilisa ta'uu. Tamboo xuuxuu, Alkoolii dhuguu, Caatii qaamuu fi kkf irraa bilisa yoo taane qaamni keenya qoricha malee dhukkuba irraa fayyuu danda'a.

5. Hariiroo gidduu keenyaa fi gudduu Rabbii jiru tolchuu: Kunis dhukkuboota hafuuraa(sheyxaana, jinnootaa fi tolcha adda addaa) irraa akka dandamannuuf ciminni amantii(iimaanni) akkaan barbaachisaa waan ta'eefi.

Rabbiin Dhukkuba Hamaa irraa Isin Haa Oolchu

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#follow_like_share_comment

#WhatsApp 092 879 5750