Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
Ameerikaa kutaa Kaalifoorniyaa keessatti Ibiddi Ka’e yoo xiqqaate lubbuu nama 31 galaafate
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
November 12, 2018
Balaa Ibiddaa kanaan namoota du’aniin alattis kanneen biroo 200 ammoo achi buuteen isaanii kan dhabame tahuu poolisiin beeksise. Ibiddi bosona Kaalifoorniyaa naannawa maagaalaa Thousand Oaks keessatti Khamiisa dabre ka’ee, gara magaalotaa ce’uun manneen jireenyaa fi daldalaa heddu kan barbadeesse tahuu gabaafame. Walumaa galatti balaa kanaan hanga ammaatti lafti heektaara kumaatamaan shallagamu kan barbadaaye yoo tahu, manneen jireenyaa fi daldalaa 6,700 ol gubatanii jiru.
Jiraattonni nannichaa 300,000 ol tahan qe’ee fi qabeenya isaanii gatanii balaa kana jalaa kan baqatan tahus, qondaaltonni Kutaa Kaalifoorniyaa bubbee fi hoo’a naannichatti dabalaa dhufeen walqabatee Ibiddi ka’e hammaataa waan jiruuf, ammas jiraattonni magaalota naannoo balaa kanaa akka jalaa baqatan akeekkachiisan.
#Balaa_ibiddaa #Ameerikaa #Kaalifoorniyaa

Ameerikaan lammiilee Sa’uudii 17 kanneen ajjeechaa Jamaal Khaashoqjii keessaa harka qaban jetteen irra qoqqobbii keette
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
November 15, 2018
Ameerikaan Itti gaafatamaa qonsilaa Istanbul kan duraanii Muhammad Al-Uteeybii dabalatee namoota 17 ajjeechaa gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii keessaa harka qaban jedhaman irratti qoqqobbii kan keette tahuu ibsite. Qoqqobbii qondaaltota Sa’uudii irra kaahame jidduu, qabeenyi isaanii akka hin sochoone, namoota kanneenii fi dhaabbilee isaanii waliin walii galteen kamiyyuu akka hin godhamnee fi namoonni kunniin gara Ameerikaa akka hin seenne kan jedhu keessatti argama.
Gama biraatiin ammoo Khamiisa har’aa Abbaan Alangaa mootummaa Sa’uudii ibsa kenneen,namoota ajjeechaa Jamaal Khaashoqjiitiin shakkaman jiddu shan du’aan akka adabaman mana murtii kan gaafate tahuu beeksise. Mootummaan Sa’uudii ibsa har’aa kanaan , “gareen qondaaltota tikaa Jamaal Khaashoqjii gara biyyaatti akka deebisuuf ergame” jedhe. Ibsa mootumaa Sa’uudii kana hordofuun ministeerri haajaa alaa Turkiyaa yaada kenneen, “Sa’uudiin ammas qondaaltota ol’aanoo ajjeechaa kana ajajan dhoksuuf jecha ibsa waldhahaa kennaa jirti, nama lubbuun gara biyyaatti deebisuudhaaf meeshaalee ittiin qalan qabatanii bobba’uun dubbii hin fakkaanne” jechuun qeeqe.
#Ameerikaa #Sauudii #Jamaal_Khaashoqjii

Qondaaltonni Poolisii Ameerikaa namoota wiirtuu Islaamaa tokko irratti haleellaa raawwachuuf karoorsaa turan qabuu beeksisan
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
January 24, 2019
Qondaaltonni poolisii kutaa Niwuyoork ibsa kennaniin akka jedhanitti, namoonni afran too’annaa jala kan oolan, wiirtuu hawaasa Islaamaa kutaa Niwuyoork kan magaalaa Niwuyoork irraa kilomeetra 150 fagaatee argamu haleeluudhaaf qophaayaa jiraachuu isaanii, odeeyfannoo barataa tokko irraa argame hordofuun qorannoo geggeessaniin kan irra gahan tahuu beeksisan.
Namoota afran too’annaa jala oolan jidduu tokko barataa sadarkaa lammaffaa kan umriin isaa waggaa 16 yoo tahu, karoora haleellaa kanaa hiriyyaa isaa tokkoof eega himee booda odeeyfannoon poolisii kan dhaqqabe tahuu gabaafame. Poolisiin akka jedhetti, nannaawa mana jireenyaa namoota afranii keessatti sakatta’iinsa geggeesseen qawwee fi shugguxii 23 akkasumas bombiiwwan sadi kan qabe tahuu beeksise.
#Ameerikaa #Kutaa_Niwuyoork

Mariin nageenyaa Ameerikaa fi Xaalibaan jiddutti geggeeffamaa ture bu’a qabeessa tahuu gabaafame
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
January 27, 2019
Lola Afagaanistaan keessatti waggoota 17 dabran Xaalibaan fi Ameerikaa jiddutti geggeeffamaa jiru dhaabuuf, mariin nageenyaa Qaxar keessatti geggeeffame bu’a qopheessaa tahuu gabaafame. Mariin magaalaa Dohaa keessatti guyyoota jahaaf geggeeffamaa ture Sabtii kaleessaa kan xumurame yoo tahu, Afgaanistaanitti bakka bu’aan addaa mootummaa Ameerikaa Zalmay Khalilzaad marii kana ilaalchisee gama Twitter isaatiin yaada kenneen, “mariin Dohaa keessatti geggeessine mariiwwan kanaan dura godhaman hunda caalaa bu’a qabeessa kan taheefi, dhimmoota gurguddoo jidduu keennatti danqaa turan hiikuu irratti fooyya’iinsi guddaan kan argame” jechuun ibse.
Haaluma wal fakkaatuun qondaaltonni Xaalibaanis yaada kennanin, marii Dohaa kana irratti humnoota biyya alaa hunda Afgaanistaan keessaa baasuu dabalatee, dhimmoota gurguddoo heddu irratti wal hubannaan cimaan kan uumame tahuu beeksisan. Dubbi himaan Xaalibaan Zabihullaah Mujaahid Aljaziiraaf akka himetti “maricha irratti ejjannoon Emreeta Islaamaa Afgaanistaan ifa ture: Kunis, hanga humnoonni biyya alaa hundi Afgaanistaan keessaa bahanitti walii galteen tokkolle hin geggeeffamu kan jedhu yoo tahu, haaluma kanaan gamni kuunis ejjannoo kenna kana hubatee jira” jedhe.
Haa ta’u malee Ameerikaa fi Xaalibaanis dhuma wal gahii kanaa irratti walii galtee dhukaasa dhaabuu tokkollee kan hin mallatteessin tahuu ibsuun, dhimmoota hafan kanneen biroo goolabuudhaaf marichi dhiheenyatti kan itti fufu tahuu ibsan.
Gama birootiin ammoo prezdaantiin Afgaanistaan Ashraf Ghaanii, mariin Ameerikaa fi Xaalibaan jiddutti geggeeffamaa jiru kun, mootummaa biyyattii bulchaa jiru hirmaachisuu qaba, jechuun komii mootummaa isaa ibsee jira. Gareen xaalibaan ammoo, mariin kallattiidhaan gantoota humnoota alaatiin deeggaramuun taayitaa qabatan waliin geggeessinu tokkollee hin jiru, jechuun beeksise. Ameerikaan gama isiitiin, Xaalibaan waliin walii galtee mallatteessuun duratti, mootummaan Afgaanistaanii fi gareen Xaalibaanis kallattiidhaan marii jalqabuun murteessaadha, yaada jedhu kan deeggartu tahuu gabaafame.
#Afgaanistaan #Xaalibaan #Ameerikaa

Bulchiinsi Traamp ammas loltoota dabalataa 1500 gara Baha Jiddu Galaa erguuf murteesse
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
May 25, 2019
Ameerikaan torbaan lamaan dabran keessa Markabootaa fi xiyyaarota waraanaa akkasumas loltoota hedduu gara naannichaatti erguu isii gabaafamee ture. Ammas prezdaant Traamp loltoonni 1500 dabalataan gara naannichaatti erguuf kan murteesse tahuu CNN gaabase.
Gabaasa kana hordofuun ministeerri haajaa Alaa Iiraan Javaad Zaarif Sabtii har’aa ibsa kenneen, Ameerikaan waraana dabalataa gara naannichatti erguun isii, nageenya naannichaa booressuun alatti bu’aa tokkollee hin qabu jedhe. Zaarif itti dabaluudhaanis, “biyyoonni addunyaa Ameerikaan sochii hamaa kana hatattamaan akka dhaabdu godhuu yoo hin dandayin, Traamp addunyaa guutuu balaa keessa galchaa jira” jechuun akeekkachiise.
Khamiisa dabre Prezdaantiin Iraan Hasan Ruhaanii, Ameerikaan meeshaalee biyyi isaa ala irraa galchitu ugguruu yoo kan itti fuftu tahe, Iraan Sulula galaana Hormuz kan cuftu tahuu hime. Akeekkichiisa kana hordofuun Traamp fuula Twitter isaa irratti, “Iraan gocha hamaa akkasii keessa kan galtu yoo tahe, tarkaanfiin Ameerikaan Iraan irratti fudhattu ammoo kan seenaa addunyaa keessatti kanaan dura hin mul’atin taha” jedhe.
#Iraan #Ameerikaa #Baha_Jiddu_Galaa

Iiraan Droonii Ameerikaa daangaa cehuun basaasa irra turte kuffisuu beeksiste
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
June 20, 2019
Humni addaa waraana Iiraan IRGC jedhamu, xiyyaara/Droonii Ameerikaa daangaa biyyattii gama Kibbaa kutaa Hormuzgan jedhamu seenuun basaasaa turte rukutee kuffisuu beeksise. Drooniin humni waraana Iiraan kuffise tun RQ-4 Global Hawk kan jedhamtu tahuu Ejensiin Odeeyfannoo Iiraan gabaase.
Naannichatti dubbi himaan Waraana Ameerikaa Captain Bill Urban “Drooniin Ameerikaa rukutame ni jiraa?”, gaaffii jedhuuf deebisaa osoo hin kennin, “Drooniin gara daangaa Iiraan ce’e hin jiru” jechuun AP’tti hime.
Xinxaltoonni Siyaasaa akka jedhanitti, walitti gaarrifannaan Ameerikaa fi Iiraan yeroo hammaataa dhufe kanatti drooniin Ameerikaa rukutamuun yoo mirkanaahe, baha jiddu galaa keessatti balaa hamaa kaasuu mala jechuun ibsan.
#Iiraan #Ameerikaa

Seeneetiin Ameerikaa karoora Traamp meeshaa waraanaa Sa’uudii fi Emreetitti gurguruuf baase uggure
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
June 20, 2019
Prezdaant Traamp hayyama Seeneetii Ameerikaatiin alatti meeshaa waraanaa Dolaara biiliyoona 8tti shallagamu Sa’uudii gurguruuf karoorfatee ture. Prezdaant Traamp gurgurtaan meeshaa waraanaa kun qophii waraanaa Iiraan naannichatti godhaa jirtu waliin kan wal qabatu tahuu ibsuun, murtii Seeneetii malee seeraa yeroo muddamaatti fayyadamuun ajaja isaa qofaan dabarsuuf yaalee ture.
Haata’u malee miseensonni Seeneetii Ameerikaa heddu murtii Traamp kana mormuun koroora kana guyyaa har’aa mana mareetti dhiheessanii sagalee irratti kennan. Haaluma kanaan sagalee caalmaa taheen karoora prezdaantichaa kan ugguran tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Haaluma wal fakkaatuun karoorri bulchiinsi Traamp meeshaa waraanaa Emreetiif gurguruuf baase ugguramee jira.
Miseensonni Seeneetii Ameerikaa akka jedhanitti, Sa’uudiin meeshaa waraanaa kana Iiraan ofirraa ittisuuf osoo hin taane, lola Yaman keessatti geggeessaa jirtu irratti fayyadamuu malti soda jedhu kan qaban tahuu ibsan. Dabalataanis, ajjeechaa Gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii irratti raawwatame ilaalchisee mootummaan Sa’uudii qorannoo gahaa hin geggeessine jechuun komatan.
Odeeyfannoo wal qabateen, gareen ogeeyyota UN ajjeechaa Gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii qoraataa ture guyyaa kaleessaa gabaasa kan baase yoo tahu, ajjeechaan qonsilaa Istanbul keessatti raawwatame ajaja Muhammad Bin Salmaaniin tahuu ragaa kan argate tahuu ibse.
#Ameerikaa #Sauudii

Mootummaan Chaayinaa, Ameerikaan meeshaa waraanaa Taaywaaniif akka hin gurgurre gaafate
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
July 9, 2019
Ameerikaan meeshaa waraanaa Dolaara Biiliyoona 2.2tti shallagamu Taaywaanitti gurguruuf qophii tahuu eega ibsitee booda, Chaayinaan karoora Ameerikaa kana balaaleffataa jirti.
Waajjirri Ministeera haajaa alaa Chaayinaa har’a ibsa kenneen Ameerikaan walii galtee gurgurtaa meeshaa waraanaa kana akka haqxu gaafate. Dubbi himaan ministeera haajaa alaa biyyattii akka jedhetti, karoorri Ameerikaa kun dhimma Chaayinaa keessa harka naqachuun birmaddummaa fi nageenya Chaayinaa kan miidhu jechuun ibse. Itti dabaluudhaanis, mootummaan Chaayinaa qaama birmadummaa biyya isaa cabsu kamuu kan hin obsine tahuu akeekkachiise
Taayiwaan bara 1950 Chaayinaa irraa fottoquun of dandeettee sirna dimokraasiitiin kan bulaa jirtu yoo tahu, Chaayinaan garuu hanga har’aatti beekkamtii hin kennineef.
Mootummaan Chaayinaa dhimma Taayiwaan irtti qajeelfama “biyya tokko, sirna lama” jedhu kan qabu yoo tahu, kunis Taayiwaan fedhiidhaan gara biyyattiitti yoo kan deebitu tahe, naannawa sirna dimokrasii hordoftu taatee mirgi ofiin of bulchuu bal’aa tahe kan kennamuuf tahuu ibsa. Taayiwaan ammoo biyya walaabaa fi dimokraatawaa tahuu isii ibsuun, qajeelfama Chaayinaa kana kan birmadummaa kiyya cabsuuf dhihaate jechuun kuffiste.
#Ameerikaa #Chaayinaa #Taaywaan

Faransaay Dhaabbilee teeknoolojii gurguddoo irra kaffaltii gibira dabalataa keette
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
July 11, 2019
Paarlaamaan Faransaay Google fi Facebook dabalatee dhaabbilee teknoolojii irratti dabalataan gibira 3% kan labse yoo tahu, Ameerikaan murtii Faransaay kana mormaa jirti. Prezdaant Traamp murtiin Faransaay kun iftoomina kan hin qabnee fi dhaabbilee Ameerikaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsuun, dhimmicha irratti qorannoon akka adeemsifamu ajaja dabarse.
Faransaay gama isiitiin dhaabbileen kunniin sirna taaksii idil addunyaa darbaa jiru jechuun daballiin gibiraa kun sirrii tahuu mormite. Kaampaaniiwwan teknoolojii galii waggaa Yuuroo miiliyoona 750 ol argatan tahanii, yoo xiqqaate galiin isaanii yuuroon miiliyoona 25 Faransaay keessaa kan maddu yoo tahe labsiin kun kan isaan ilaallatu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Faransaay labsii kanaan bara 2019 keessa qofa Yuuroo miiliyoona 400 walitti qabuuf karoorfatte.
#Faransaay #Kaampaaniiwwan_Teeknolojii #Ameerikaa

Ameerikaa fi Xaalibaan marii araaraa marsaa saddeetaffaa Dohaa keessatti jalqaban
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
August 5, 2019
Lola Afagaanistaan keessatti waggoota 18 dabran Xaalibaan fi Ameerikaa jiddutti geggeeffamaa jiru dhaabuuf, mariin nageenyaa Qaxar keessatti ji’a kudhan dura jalqabame hanga ammaatti hin goolabamne. Haaluma kanaan mariin marsaa saddeettaffaa Sabtii kaleessaa magaalaa Doohaa keessatti kan jalqabame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Afgaanistaanitti bakka bu’aan addaa mootummaa Ameerikaa Zalmay Khalilzaad gara Islaamaabaad imaluun, muummicha ministeeraa Paakistaan Imraan Khan waliin eega mari’atee booda Jum’aa dheengaddaa Doohaa seene. Mr Zalmay Khalilzaad marii ammaa kana ilaalchisee gama Twitter isaatiin yaada kenneen, “Kaayyoon marii Dohaa keessatti geggeessinuu walii galtee nageenyaa gama hunda fayyaduu dandahu irra gahuudha, hoggantoonni Xaalibaanis ejjannoo wal fakkaatu kan qaban tahuu hubannee jirra” Jechuun ibse.
Dubbi himaan garee Xaalibaan waajjira Dohaatti argamuu Suheel Shahiin ammoo “mariin ammaa kun yoo kan milkaahu tahe, humnoonni biyya alaa hundi yeroo gabaabaa keessatti Afgaanistaan keessaa ni bahan” jechuun Twitter irratti barreesse. Dabalataanis qondaaltonni Xaalibaan AFP’f akka himanitti, marii marsaa kanaa booda bakka bu’aan mootummaa Ameerikaa Zalmay Khalilzaad, hogganaa damee siyaasaa Xaalibaan Mulaah Bardaar waliin kallattiidhaan wal arganii akka mari’atan haalli ni mijaawa jedhan.
Mootummaan Afgaanistaan gama isaatiin mariin Ameerikaa fi Xaalibaan jiddutti geggeeffamaa jiru kun, mootummaa biyyattii bulchaa jiru hirmaachisuu qaba jedha. Gareen xaalibaan ammoo, mariin kallattiidhaan gantoota humnoota alaatiin deeggaramuun taayitaa qabatan waliin geggeessinu tokkollee hin jiru, jechuun beeksise.
Ameerikaan gama isiitiin, Xaalibaan waliin walii galtee mallatteessuun duratti, mootummaan Afgaanistaanii fi gareen Xaalibaanis kallattiidhaan marii jalqabuun murteessaadha, yaada jedhu kan deeggartu tahuu gabaafame.
#Ameerikaa #Xaalibaan #Afgaanistaan

Ameerikaa fi Kooriyaan kibbaa shaakala waraana waloo jalqaban
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
August 5, 2019
Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa akeekkachiisa Kooriyaa kaabaa moggatti dhiisuun wixata har’aa shaakala waraana kan jalqaban yoo tahu, shaakalli waraanaa kun dandeettii waraana Kooriyaa Kibbaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate tahuu ibsame.
Qondaaltonni Kooriyaa Kibbaa akka jedhanitti, shaakkalli waraanaa kun qaama walii galtee nageenyaa biyyoota lamaan jidduuu turee yoo tahu, kunis humni waraana Kooriyaa Kibbaa weerara tasa irratti aggaamamuu dandeettii qolachuu cimsuu irratti kan xiyyeeffate tahuu beeksisan.
Kooriyaan Kaabaa torbee dabre Shaakala waraanaa Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa kana mormuun marii Niwkilarii Ameerikaa waliin jalqabde keessaa bahuuf akeekkachiisaa turte. Piyongiyang mormii isiitis torbee tokko keessatti yeroo sadi misaa’ela Niwukilarii dhukaasuun ibsatte.
Ameerikaan loltoota 28,000 ol Kooriyaa Kibbaa keessaa kan qabdu yoo tahu, Kooriyaan Kaabaa loltoonni US kunniin naannichaa akka bahan barbaaddi.
#Kooriyaa_Kibbaa #Ameerikaa

Prezdaantiin Iiraan hanga Ameerikaan qoqqobbii biyya isaa irra keette kaastutti Traamp waliin kan hin mari’anne tahuu ibse
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
August 28, 2019
Prezdaantiin Iraan Hasan Rohaanii Prezdaant Traamp yoo marii nu waliin jalqabuu barbaade, uggura Iiraan irra kaa’e hunda kaasuuf tarkaanfii jalqabaa fudhachuu qaba jedhe. Prezdantichi itti dabaluudhaanis, “Iiraan meeshaa waraanaa niwklarii oomishuuf fedhii hin qabdu, kanaafuu uggurri biyya keenna irra kaa’ame seeraan alaa fi kan haqaatii miti” jedhe.
Donald Tramp wixata dabre ibsa kenneen, “torbeewwan dhufan keessa Rohaanii waliin wal arginee sagantaan niwklerii Iraan hamma murta’ee ol akka hin dabrine gochuuf, walii galtee haaraya irratti mari’achuuf carraa gaariitu jira” jedhe ture.
Tramp kora garee biyyoota dinagdeen duroomanii G-7 jedhamu kan torbe dabre Faransaay keessatti geggeefame irratti, Iiraan dhimma sagantaa Niwkilarii isii irratti marii jalqabuu barbaaddi jedhe. Traamp ibsa isaa kanaan, uggurri bulchiinsi isaa Iiraan irra kaa’e biyyattii miidhuun mootummaan Iiraan mariidhaaf akka qophaahu kan dirqisiise tahuu hime.
Gama biraatiin ammoo ministeerri haajaa alaa Iiraan Javaad Zariif torbee dabre gara Faransaay imaluun, kora garee biyyoota G-7 cinatti Prezdaant Imaanu’eel Makaroon waliin sagantaa Niwkilarii Iiraan irratti kan mari’atan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Hombomboleettiin Bahamas rukute saffisaan gara Ameerikaa kan dhiyaataa jiru tahuu ibsame
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
September 5, 2019
Hobomboleettiin cimaan Haarikeen Dooriyaan jedhamee moggaafame biyyoota Kaaribiyaan kan rukute yoo tahu, keessumattuu Bahamas keessatti lubbuu namoota saddomaa ol kan galaafate tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Muummichi ministeeraa Bahaamas Hubert Minis balaan hobomboleettiin cimaan kanaan biyyattii keessatti muudate bal’aa tahuu ibsuunn hawaasni addunyaa akka birmatuuf gaafate,
Haaluma kanaan Prezdaant Doonaald Traamp waardiyyaalee humna galaanaa Ameerikaa tattaaffii baraarsaa akka deggeraniif gara Bahamas kan erge yoo tahu, humni galaanaa Briteen, waldaan fannoo diimaa fi dhaabbanni mootummootaa gamtoomaniitis midhaan nyaataa, dawaa fi gargaarsa barbaachisu kanneen biroo hatattamaan gamasitti ergaa jiran.
Akka Wiirtuun qorannoo Haarikeen Ameerikaa beeksisetti ammoo, Haarikeen Dooryaan yeroo ammaa kana Ameerikaa bulchiinsa Joorjiiyaa irraa fageenya kiiloomeetira 100 irratti kan argamu tahuu beeksise. Hombomboleettiin kun naannawa Kaaribiyaan keessatti saa’aa tokkotti kilomeetra 290 kan imalaa ture tahus, saffisni kun gara kilomeetra 185tti kan hir’ate tahuullee ibsame.
Haata’u malee Dooriyaan kallattii isaa gara Kibba Bahaatti jijjiiruun saffisa dabaluu akka danda’uu fi balaa lolaa dabalatee lubbuu namaa irratti miidhaa dhaqqabsiisuu mala sababa jedhuun lammiilee Kibba Ameerikaatiif akeekkachiisni kennamee jira. Haaluma kanaan, jiraattonni Ameerikaa kutaa Filooridaa gara Varjiiniyaatti kan baqataa jiran tahuus odeeyfannoon ni addeessa.
#Hobomboleettii #Ameerikaa

Qondaaltonni Xaalibaan Moskoo keessatti mootummaa Raashiyaa waliin mari’achuu gabaafame
Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
September 15, 2019
Dubbii himaan Waajjira Xaalibaan Dohatti argamuu Suheeyl Shahiin akka jedhetti, qondaaltonni Xaalibaan Jum’aa dheengaddaa gara Moskoo imaluun, mariin nageenyaa Ameerikaa fi Xaalibaan jalqabanii turan, haala itti fufuu dandayu irratti mootummaa Raashiyaa waliin kan mari’atan tahuu ibse.
Mariin Xaalibaan fi Ameerikaan ji’oota 11 dabran Qaxar magaalaa Dohaa keessatti geggeessaa turan, walii galteedhaan xumuruuf kan dhihaate tahuu ibsamee ture. Haa ta’u malee haleellaa torbee tokko dura Afgaanistaan keessatti raawwatame hordofuun, Prezdaant Donald Tramp Alhada dabre marii nageenyaa walii galteen goolabuun duratti, hoggantoota Xaalibaan waliin iccitiin wal arguuf karoora qabatee ture haquu beeksise.
Gareen Xaalibaan gama isaatiin marii addaan cite kana itti fufuudhaaf ammas fedhii akka qabu mootummaa Raashiyaatiif kan ibse tahuus odeeyfannoon argame ni addeessa. Dubbi himaan garee Xaalibaan Suheeyl Shahiin “Ameerikaan marii nageenyaa xumura irra gahe, kan mallattoon qofti hafe addaan kutuun isii hedduu nu dinqisiise” jedhe. Dabalataanis qondaaltonni Xaalibaan Ameerikaa keessatti Traamp waliin wal arguun duratti, Qaxar wixinee sanadii walii galtee qophaahe ifa akka gootu kan barbaadan tahuu ibsame.
#Ameerikaa #Xaalibaan