Sagalee Wangeela Ortoodoksii Tewaahidoo
9.05K subscribers
490 photos
36 videos
1.24K files
1.12K links
Sagalee Wangeela Ortoodoksii Tewaahidoo
+ድምፀ ወንጌል ዘኦርቶዶክስ ተዋሕዶ+
©Kunoo Wangeela Mootummaa
ነዋ ወንጌለ መንግስት።
:- Lallaba Wangeelaa= ስብከተ ወንጌል
:- Kitaaboota garagaraa= የተለያዩ መፃሕፍት
:- Deebii Shakkitootaaf= ለመናፍቃን መልስ
፡-Hubannoo amantii kennuu
Download Telegram
Forwarded from TULLUU MISIRAACHOO
Barumsa Afuura Qulqulluu( SPRITOLOGY).pdf
1.4 MB
#BARUMSA AFUURA #QULQULLUU( SPRITOLOGY)

"Afuurri qulqulluun
Qaama sadumma keessaa tokkodha.
Abbaa irraa qofa kan argamu(bahu)dha.
Waaqummaan abbaa fiilma wajjin tokkodha.
Amantootaaf kennaafi jireenya kan kennudha.
Afuurris dubbii waaqayyoodhoksaanillee osoo hin hafiin hundani qora;nuyiif
waaqayyo karaaa fuuraisaa nuui bse."1Qor.2:10


#pdf Kan Waliif sher Taasisa.
👇Sher @John👇
https://t.me/Tulluu_Misiraacho
😁1
.📖 THE SEVEN “I AM” STATEMENTS OF JESUS

“Knowing Christ Through His Divine Declarations”

INTRODUCTION

The Gospel of John presents seven great "I AM" statements spoken by the Lord Jesus Christ. These declarations revealed His identity to Israel and demonstrated that He is Jehovah God manifested in the flesh (John 8:58).

From a Dispensational truth, these statements were spoken during Christ's earthly ministry to Israel (Romans 15:8). While their primary audience was Israel, they still reveal eternal truths about the Person of Christ that the Body of Christ can appreciate today.

The focus is not merely what Jesus gives, but who Jesus is.
📖 Colossians 2:9 "For in him dwelleth all the fulness of the Godhead bodily."

1️⃣ THE PROVIDING SAVIOUR
"I AM THE BREAD OF LIFE"
📖 John 6:35
"I am the bread of life: he that cometh to me shall never hunger."

A. Bread That Satisfies
📖 John 6:35
Earthly bread satisfies temporarily.
Christ satisfies spiritually.
True fulfillment is found in Him.
B. Bread That Sustains
📖 John 6:51
Christ gives life to believers.
He nourishes the inner man.
His Word strengthens faith.
C. Bread That Saves
📖 John 6:47
Eternal life comes through faith.
Salvation is found in Christ alone.
Grace provides what religion cannot.

2️⃣ THE GUIDING SPLENDOR
"I AM THE LIGHT OF THE WORLD"
📖 John 8:12
"He that followeth me shall not walk in darkness."

A. Light Reveals Truth
📖 John 8:12
Christ exposes spiritual darkness.
Truth is found in Him.
Error is exposed by His Word.
B. Light Removes Blindness
📖 John 9:5
He gives spiritual understanding.
He opens blinded eyes.
He reveals God's purpose.
C. Light Redirects Lives
📖 Ephesians 5:8
Believers are to walk in light.
Christ becomes our direction.
His Word guides daily living.

3️⃣ THE GRACIOUS GATE
"I AM THE DOOR"
📖 John 10:7
"By me if any man enter in, he shall be saved."

A. Entrance Through Christ
📖 John 10:9
No other way exists.
Religion cannot save.
Christ alone grants access.
B. Security Through Christ
📖 John 10:28
The believer is safe in Him.
His salvation is secure.
His grace is sufficient.
C. Provision Through Christ
📖 John 10:9
He leads to spiritual pasture.
He supplies every need.
He cares for His own.

4️⃣ THE GENTLE SHEPHERD
"I AM THE GOOD SHEPHERD"
📖 John 10:11
"The good shepherd giveth his life for the sheep."

A. Shepherd Who Sacrificed
📖 John 10:11
He laid down His life willingly.
His death was substitutionary.
His love was demonstrated at Calvary.
B. Shepherd Who Seeks
📖 Luke 19:10
He came to save the lost.
He pursues sinners.
He extends mercy.
C. Shepherd Who Secures
📖 2 Timothy 1:12
He keeps His redeemed.
He preserves believers.
He guards His own possession.

5️⃣ THE GLORIOUS RESURRECTION
"I AM THE RESURRECTION AND THE LIFE"
📖 John 11:25
"He that believeth in me, though he were dead, yet shall he live."

A. Victory Over Death
📖 John 11:25
Christ conquered the grave.
Death lost its sting.
Resurrection proved His deity.
B. Validation Of His Claims
📖 Romans 1:4
Resurrection declared His Sonship.
It confirmed His authority.
It authenticated His ministry.
C. Vision Of Our Hope
📖 1 Thessalonians 4:16-17
The Body of Christ awaits the Rapture.
Resurrection is our expectation.
Glory awaits believers.

6️⃣ THE GUARANTEED WAY
"I AM THE WAY, THE TRUTH, AND THE LIFE"
📖 John 14:6
"No man cometh unto the Father, but by me."

A. The Only Way
📖 Acts 4:12
Salvation is exclusive.
Christ is sufficient.
No alternative exists.
B. The Absolute Truth
📖 John 17:17
Truth is not relative.
God's Word is final authority.
Christ embodies truth.
C. The Eternal Life
📖 Romans 6:23
Eternal life is God's gift.
Grace provides salvation.
Faith receives it.

7️⃣ THE GROWING VINE
"I AM THE TRUE VINE"
📖 John 15:1
"I am the true vine."

A. Vine Of Genuine Life
📖 John 15:1
Christ is the true source.
All spiritual life comes from Him.
He is God's perfect provision.
B. Vine Of Fruitfulness
📖 John 15:5
Fruitfulness comes through dependence.
Service flows from fellowship.
Spiritual growth requires abiding.
C. Vine Of Fellowship
📖 Philippians 3:10
Believers grow in knowing Christ.
Communion strengthens faith.
Grace motivates service.

🎯 CONCLUSION

The seven "I AM" statements reveal the greatness of the Lord Jesus Christ:
🍞 Bread that satisfies
💡 Light that guides
🚪 Door that saves
🐑 Shepherd that protects
🌅 Resurrection that conquers death
🛣️ Way that leads to God
🌿 Vine that produces fruit

These declarations prove that Jesus is not merely a teacher, prophet, or miracle worker. He is God manifested in the flesh and the only Savior.
📖 Colossians 1:18 "That in all things he might have the preeminence."

📢 CALL TO ACTION

A. RECEIVE CHRIST
📖 1 Corinthians 15:1-4
Believe the gospel.
Trust Christ's finished work.
Rest in grace alone.
B. RELY ON CHRIST
📖 Colossians 2:6
Walk by faith.
Depend upon His strength.
Live through His sufficiency.
C. REFLECT CHRIST
📖 2 Corinthians 5:20
Represent Him faithfully.
Proclaim the gospel boldly.
Serve Him wholeheartedly.

💭 FINAL THOUGHTS

The seven "I AM" statements are not merely theological titles; they are divine testimonies of who Jesus Christ is.

He is the Bread for the hungry.
He is the Light for the lost.
He is the Door for the sinner.
He is the Shepherd for the sheep.
He is the Resurrection for the dead.
He is the Way for the seeker.
He is the Vine for the believer.

📖 Philippians 1:21 "For to me to live is Christ, and to die is gain."
Knowing the "I AM" changes everything because when you know Christ, you possess everything you truly need. 🙏✝️📖
2
#Maalif_Naxalaa_Uffanna

Namoonni tokko tokko yemmuu Naxalaa adii uffannee gara mana amantaa keenyaa deemnu akka waan miidhaginaaf, qorraaf... uffannu itti fakkaachuu mala ta’a. Nuti Naxalaa adii kana kan uffannuuf bareedinaafis ta’e qorraafis miti. Sababiinsaa, bareedinaaf osoo ta’ee kan Naxalaa caalaa miidhagu uffanni ammayyaa mimmiidhagoo hedduu jira; qorraafis yoo ta’e akkasuma. Utuu dhuguma qorraaf kan uffannu ta’ee ganama qofa kan uffannu yoo ta’u, nuti garuu guyyaas yemmuu mana kiristiyaanaa deemnutti uffanneema deemna!

Jalqaba rraa yoo kaane, uffatni waan bu’uura dhala namaatiif barbaachisan keessaa isa ijoo dha. Waaqayyos gaafa Addaam fi Hewaan yakkanii turanitti, utuu Jannata keessaa gara dachee kanaatti hin ari’in duratti hojiin isaa uffata laachuufii ture. Kanaafuu, yemmuu dacheerra dhufanitti waaqayyo qullaa isaanii isaan erge osoo hin taane uffata gogaa irraa tolchee isaaniif laateera. “Waaqayyo gooftaan Addaamii fi haadha manaa isaatiif uffata gogaa irraa hojjetee isaanitti uffise.” (Uma.3:21).
Namni uffata inni uffatuun maalummaa fi hojii isaa adda baasuu dandeenya. Fakkeenyaaf, “... ‘kun uffata ilma keetii ti moo yookiis isa miti?’ Innis isa bare, ‘Kun uffata ilma kootii ti,’...” (Uma.37:32-33) jedheera.

Uffatni gaddaa fi gammaachuu ibsuuf ga’ee ol aanaa qaba. Gadda ittiin ibsuuf: “Yaa’iqoob ... uffata gaddaa mudhii isaatti hidhatee, ilma isaatiif guyyaa baay’ee gadde.” (Uma.37:34); “Dhuga-baatonni koo lamaan uffata gaddaa uffatanii, ... raajii akka dubbataniif ani karaa nan kennaaf.” (Mul.11:3)... Uffatni gammaachuu ibsuudhaaf: “Dafaatii uffata isa keessaa caalu fidaatii itti uffisaa!” (Luq.15:22); “... nama uffata cidhaa hin uffatin tokko arge... ‘Uffata cidhaa malee attamitti asitti ol lixe?’ ” (Maat.22:11-12) kkf jedhamee bakka hedduutti kitaaba qulqulluu keessatti uffatni waan baay’ee ibsuuf akka oolu barreeffameera.

Egaan bara amma jirru kana keessattis haaluma wal fakkaatuun ergaa uffatni dabarsu salphaa miti. Fakkeenyaaf waajjiraalee ykn hojii tokko tokko keessatti uffata namootni wal fakkaataa uffatan ilaallee hojiin isaanii maal akka ta’e osoodhuma hin gaafatin uffatni isaanii qofti nutti himuun [ilaaluun] beekuu dandeenya. Keessattuu mana barumsaatti ga’ee inni barattoota wal qixxeessuuf qabuufi halaalatti akka barataa ta’an beeksisuuf olaanaadha. Erga dabarsu kana cinatti faayidaan isaa inni biroon, namni waan wal caaluu waan maluuf dhiibbaa gama ilaacha walcaalmaan akka hin jiraanneef inni qabus inni hin qabnes akka tokko ta’ee kaayyoo deemeef barumsa qofa akka hordofuuf ga’ee ba’achuu mala. Fakkeenyaaf inni qabeenya qabu yerootti jijjiiree yoo uffate yaada barattoota sanaa hatuu danda’a. Uniform yoo ta’e garuu dhimmi kun hafee barumsa qofa hordofuu danda’u.

Namni naxalaa uffatee jiru eessa akka adeemuu fi eessaa akka galu uffatni kun ibsuuf gaaffii tokko malee nama hin dhibu. Akkuma kana mana kiristiyaanaatti namoota wal qixxeessuuf hiyyeessis dureessis akka kana fayyadamee kaayyoo dhufeef, [galateeffachuu, faarfachuu, barachuu,... ] malee akka yaadni isaa kanatti hin qabamneef, akkasumas inni sooressis akka of hin ibsineef kun uffata seeraati. Lammatas, “... uffata qajeelaa fakkaatu akka ta’utti uffachuudhaan maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis haa ta’u!” (1Xim.2:9) akkuma jedhame.
Egaan irra caalaatti Naxalaa uffatanii bataskaana deemuun ergaa inni qabu kan beeknu yoo ta’e mana kiristiyaanaa kana kan ajaa’ibsiifachiisudha. Kan isheen gochaa gooftaa keenyaa lallabdu afaaniin waltajjii qofarratti osoo hin taane carraa argame hundaan, [uffannaan, nyaataan, aadaan, jireenyaan,...] lallabuu isheetiif ishee galateeffachiisa. [Fuulduratti maalif akka uffannu ilaalla]. Nuti uffata Naxalaa adii kana kan uffannuuf oolmaa gooftaan keenya nuuf oole ittiin ragaa ba’uuf malee uffannee yoo mana kiristiyaanaa adeemuu dhiisne mootummaa Waaqayyoo hin dhaallu, yoo uffannemmoo sababa uffanneef qofa mootummaa waaqayyootti galla jechuu keenyas akka hin taane ifa galeessatti hubatamuu qaba!
6
Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos barattoota isaatiin, “Isin raga-baatota koo dha” (Yoh.15:27) jedheera. Isaanis, “Nuti kan ija keenyaan agarree fi kan gurra keenyaan dhageenye hunda ragaa ba’uuf duubatti hin jennu” (H.D.B.4:20) jechuun addunyarra adeemanii ragaa ba’uun isa lallabaniiru. Kanas, “Nuti Iyyesuus Kiristoos isa nuuf jedhee fannifame lallabna” jechuun rakkoo adda adda simataniiru (H.D.B.10:39). Duuka bu’ootasaa kudhaa lamaan qofa osoo hin ta’in kan isaan sagalee Waaqayyoo lallabanii fi amansiisaanii maqaa Kiristoosiin cuuphaa turanis, “Hundi keenya ragaa isaati” (H.D.B.2:32) jedhaniiru.
Gooftaan keenya fakkeenyaan akkuma barsiise, har’a bataskaanni keenyas fakkeenyaan nu barsiisti. Uffata kana uffachuun keenyaa Gooftaan nuuf fannifamee du’ee du’aa ka’umsa isaa ibsuuf, ergamoota, qulqulloota fakkeenya godhachuun malee calliftee lafaa kaatee waan kana hin goone! Maalif adii ta’eree? Uffata bifa biroo maalif hin uffanne? Uffata adii ta’uun isaa bareedinaaf osoo hin ta’in dhugaa jiru ragaa ba’uufidha.

Gooftaan duuka bu’oota lsaa keessaa duuka bu’oota iccitii warra jedhaman Pheexiroos, Yohaannisii fi Yaa’iqoobiin fudhatee gara tulluu Taaboritti ba’ee osoo duuka bu’oonni isaa isa ilaalanii uffatni isaa adii ta’ee ture. “Fuula isaanii durattis jijjiirame, fuulli isaas akka aduu ife; uffanni isaas akka ifaa adii ta’e.” (Maat.17:2). Gooftaan nu barsiisuuf, fakkeenya nuuf ta’uuf nama ta’e fakkeenya godhannee Naxalaa adii uffannee gara mana Kiristaanaa ishee fakkeenya Tulluu Taabor taate kanatti walitti qabamna. Qooda uffata biraa uffannu fakkeenya gooftaan keenya raawwate kanaan naxalaa adii uffannee yoo mana kiristiyaanaa deemne maal cubbu qaba?

Gooftaan keenya fedhii isaatiin lubbuu isaa foon isaa irraa adda baasee guyyaa sadaffaatti Maariyaam isheen Magdallaa gara awwaala isaa yommuu deemte ergamoonni du’aa ka’umsa Gooftaa misiraachoo himan lama, uffata adii uffatanii du’aa ka’umsa isaa isheetti lallban argitee dhageesseetti! “Ergamoonni lamas uffata adii uffatanii bakka foon Iyyesuus ture, tokko karaa mataa tokko immoo karaa miilaa taa’anii argite.” (Yoh.20:12).
Kanaaf nutis Ergamoota waaqayyoo kana fakkeenya taasifachuun wiirtuu du’aa ka’umsa keenyaa kan taate mana Kiristiyaanaatti walitti qabamna.
Kanumaafuu, ergamootni waaqayyoo erga du’aa ka’umsa gooftaa uffata adii kana uffatii lallabaniitii, nuti immoo yoo naxalaa adii uffannee mana kiristiyaanaa deemne mee dogoggorri keenya eessumattidha? Uffata adii kana uffannee deemuun keenya addatti kan calaqqisiisu “Iyyesuus kiristoos du’a mo’ee ka’eera” jedhee akka lallabuufi! Kanaaf ergamootni mo’icha inni du’a irratti galmeessise lallabuuf adii akkuma uffatan, nutis kan adii uffannuuf du’aa ka’umsa fi mo’amuu du’aa lallabuufi! Kitaaba qulqulluu keessattis, “Isa mo’utti uffata adiitu uffifama.” (Mul.3:5) jedheera.

Kanaafuu mo’icha kana afaan qofaan osoo hin taane akkuma ergamoota kanaa adii uffannee du’aa ka’uu isaa uffannaa keenyaanis labsina! Nuti ergamoota kana ergamoota kana fakkeenya godhannee yoo uffata adii kana uffachuun du’aa ka’umsa isaa lallabne maal ta’a? Qooda uffata biraa uffannu, uffata hiikkaa guddaa hanga kana ga’u qabu yoo fayyadamne cubbuu maali qaba? Maalummaa isaatu qeeqamuu danda’a?
Inni kan biraan immoo: “... Waa’ee jecha Waaqayyoo fi waa’ee dhugaa ba’uu isaanii fi lubbuuwwan namoota qalamanii aarsaa jalattin arge. ... ‘Yaa Gooftaa dhugaa fi Qulqulluu! Hamma yoomiitti nuuf hin murteessitu? Dhiiga keenyoo hamma yoomiitti warra lafa irra jiran irratti haaloo hin baatu?’ jedhan. Tokkoo tokkoon isaaniifis uffata adiitu kennameef...” (Mul.6:9-11) jedhameera. Itti dabalees, “... kan lakkaa’uun hin danda’amne ... Uffata adii uffatanii meexxii harka isaaniitti qabatanii hoolichaa fi teessuma isaa dura dhaabatan” (Mul.7:9).
Kanaafuu, qulqulloota jireenya addunyaa kanaa mo’anii isa bira deemaniif kan kenname kunoo uffata adii kanadha. Wareegamtootni kunis kan isa fuuldura dhaabatan uffata adii kanaa uffatanidha. Nutis qulqulloota kana fakkeenya godhachuudhaan adii uffannee mana kiristiyaana deemnee hoolicha dura dhaabanna.
5
Kan isaan achitti uffata kana uffatanii isa fuuldura dhaabachuun kan isa galateeffatan erga ta’ee, nutimmoo yoo naxalaa adii uffannee asitti isa fuulfura dhaabannee galateeffanneef, waan sirrii hin taaneef qabaa?
Inumaayyuu uffatni adii mallattoo mo’ichaa, abdii fi gammachuudha. Kiristaanummaan immoo of keessatti mo’amuu biyya lafaa fi abdii samiin kan guutame, jireenya ifaa waan ta’eef abdii keenya kana yaaduun Naxalaa adii uffanna. “Nama mo’utti akkasuma uffata adiitu uffifama; ani maqaa isaa kitaaba jireenyaa, isa warri jireenya argachuuf jiran keessatti barreeffama keessaa hin balleessu; abbaa koo duratti, ergamoota isaa durattis maqaa isaa waamee kan koo ta’uu isaa nan beeksisa.” (Mul.3:5).

Walumaagalatti, naxalaa sababni uffannuuf kana yemmuu ta’u, irra caalaatti cubbuu keerraa qulqulloofnee adii taanee argamuutu caala. Naxalaan keenya adii ta’ee keessi keenya cubbuudhaan akka bifa biraa hin taaneef waaqayyo nu haa gargaaru!
Xumureera.

Gaallaanii waqaaayyoof haatahuu...🙏💯💖💪
5👏1
Forwarded from Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa (Misganu Mulatu)
Qulqulluu Baahiraanii fi Oolmaa Angafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’el

🎉 Baga geessan 🎉 🥰

Join: @abdiimaariyaamiifinjira

https://telegra.ph/Qulqulluu-Baahiraan-06-18
3
Forwarded from 𝑮𝒖𝒕𝒆𝑴𝒂𝒓𝒊𝒂𝒎 21❤️💯🆗
Forwarded from 𝑮𝒖𝒕𝒆𝑴𝒂𝒓𝒊𝒂𝒎 21❤️💯🆗
𝑮𝒖𝒕𝒆𝑴𝒂𝒓𝒊𝒂𝒎 21❤️💯🆗
Photo
Hayyuu Qulqulluu Yaa’iqoob phaaphaasii Siruug, (451-521, B.A):-
Waa’ee gadaameessa dubree Maariyaam keessa buluu gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos yoo ibsu, “Inni siragallaa Kiruubeel sochoosa, (Hizq. 1÷12), Inni hidda foon qaamaa tokkoomsa, (Yoh. 1÷14), Inni hunda biratti argama. Ajajoonni ni ariifatu, kanneen hiriiran ni jeeqamu, jaboonnii gammachuun iyyu. Yaa’iiwwan ni unkuramu (jeeqamu). Aangaa’oonni ni haguuggatan, Faarfattoonni hoo jedhanii iyyu, ni qulqulleessu, Isaanii olitti kan dhokate eenyummaa isaa ni barbaadu. Inni garuu kan lafa irratti uumamee fi foon samii kan ta’e gadaameessa keessa dha. Inni luugama ishee lafaa fi aangoo isaanii harka isaa keessatti qabate (1Moot. 8÷27). Qunnamtii saalaa malee inni gadaameessa dubree keessatti ulfa ta’e (Maat. 1÷18). Bal’inni lafaa guutuun harka ganaa (barruu) abbaa keessa dha, foon xiqqaan tokko (Maariyaam) isa daa’imummaan ulfaa’ee baate. Humni isaa uumamoota jiraattoota hunda irratti kan diriiree dha. Inni garuu giiftii keenya keessa dhokatee jira. Olka’iinsawwan fi dakeewwan hunda irratti aangoon kan isaati, garuu inni haadha isaa keessa bula. Inni gadaameessa keessatti uumamoota sammuu qaban tolchaa haguuggama. Garuu gadaameessa haadha keessatti eenyummaa ofii isaa dhokate qaama foonii ni qooddata. Inni dubaroota keessatti bocoota yaadachuu (sammuu) kan qaban ni tolch (Faar. 21÷10). Garuu dubree Maariyaam keessatti immoo qaama foonii lubbuu qabu ofii isaatiif qooddatee xiqqoo xiqqoon ni guddatta (Yoh. 1÷14). Inni dhoksaan fakkeenya namaa tolcha, ni dhaabas (Isa. 49÷5). Garuu nama ta’ee ilma namaa irraa dhalachuuf, foon ni qooddata. Inni tokkummaa gaa’elaa keessatti, hidda qaamaa hunda walitti qabee ni tokkoomsa (Iyyo. 10÷8-12). Garuu dubrummaa keessatti immoo kan miira foonii ( lafaa ) ofii isaaf ni tokkoomsa. Inni qunnamtii fooniin (gaa’elaan) keessatti qaamoota walitti qabsiisa. Garuu kabaja isaaf hariiroo gaa’elaa kam iyyuu malee tokkooma. Inni gonkummaa lubbuu irratti dandeettin itti hafuufee jira (funyaanin). (Se. Uum. 2÷7). Inni garuu qaama jiraataa ofii isaaf qooddate keessatti ulfa ta’e, inni ishee irraa akka bule, yaadoonni dubartii amantuu (Maariyaam) ifan. Isheenis ifa baatte, Innis bareedina mucayyoo xiqqoo ifse. Masaraa mootummaa kan taate isheen gara ishee kan seenee fi ishee keessa kan bule mootii moototaa keessummeessite. (Milk. 3÷1). Dubreen qulqulleetti qulqullootaa itti baatteen gooftaa gammachiiste. Dinqisiiffannaaf kan taate akka ta’u isheen, kan iftu, gadi of qabduu fi kan kabajamte, fi kan jabaattee of eeggattuu turte, Sodaan kan irraa adda hin baane taatus isheen garuu onnattuu, kan bohaarsitu, qulqulleett fi kan of bitte turte…. Yaa gooftaa koo akka heeyyama kee yoo ta’e samiin iyyuu siif xiqqaadha. Akkana akka ta’u ati waan heeyyamteef, gadaameessi Maariyaam si gahe. Akkana akka ta’uuf ati waan heeyyamteef gadaameessi si baate. Akka ta’uuf heeyyamuu dhabuu malee baroonni kamuu si mootii addunyaaf ilma abbaaf gahuu hin danda’u (Mul’. 1÷17-19). Baay’ee guddaa taatee osoo jrtuu waan si gammachiseef gadaameessa keessa bultee jirta. Kana irraa kan ka’e si kan beekan hundaaf ati dinqiidha (Isa. 9÷6). Gadaameessi Maariyaam waan si gammachiiseef sun yeroo si baate iyyuu ati tokko ta’uu kee baroonni hundi siin kan guutaman turan. Qarqara lafaati hanga qarqaraattin iddoon siin hin guuttamne yoo hin jiraannes ati heeyyamuun qaama fooniin bal’ina murtaa’aa keessa bultee jirta. Iddoo hangam bal’aa ta’e qabachuun kee gahaa miti. Achi akka taatuuf iddoon xiqqoo ta’e si hin ittisu. Bu’uura heeyyama keetiin samiin xiqqoodha, mucayyoo xiqqoon (Maariyaam) garuu guddoodha. Inni sun kan hin geenye, isheen kun ati waan jabeessiteef firii qabdi. Ulfa Maariyaam ajaa’ibsiffachuun na guuta, ajaa’ibsifannaa ibsamuu hin dandeenyeen yoo ta’e malee seenaa ishee dubbachuuf ani hin danda’u. Maariyaam keessa kan ture ani isaan akkamittin hin ajaa’ibsiifanne? Inni guutumaan guututti haammata (iqqif) abbaa ture, garuu hin murtoofne ture, Haammata abbaa keessa ture, daa’ima ta’ee gadaameessa keessatte ulfa ta’e. innis isuma tokkicha mataa isaati.
3
Forwarded from 𝑮𝒖𝒕𝒆𝑴𝒂𝒓𝒊𝒂𝒎 21❤️💯🆗
𝑮𝒖𝒕𝒆𝑴𝒂𝒓𝒊𝒂𝒎 21❤️💯🆗
Photo
Haalli isaa hundi siragallaa ariifataa irra taa’a Haalli isaa hundi fooniin gadaameessa keessa bula. Innis isuma sana mataa isaati. (Hizq. 1÷26), Yoh. 1÷14,). Haalli isaa hundi saiidhan dhokatee abbaan kabajamee jira. Haalli isaa hundi lafatti fakkeenya daa’imaan jira. Inni isuma sana mataa isaati. (Luq. 2÷10-14). Eenyummaa (amalaan) kan dhokate, guddinni isaa kan dhokate, laboobaan haguuggamee, ibidda boba’u uffate teessoo isaa irratti ayyaana qabeessa. Siragallaawwan jidduutti ayyaana kan qabuu fi kan bareede dha, Kiruubeel sochoosaa Suraafeeliin kabajamee hoogganummaan ol jedhee uffanni isaa ifaa, haguuggiin isaa hunda oliidha, ibiddis ni marsa laboobni ibiddaan sochii isaan ni raafama. Ni sodaatas, (Isa. 6÷1-4, Daan. 7÷13-14, Mul’. 2÷1-11). Haati isaa mucayyoo xiqqoon garuu ni ulfoofti, ni baatiis inni xiqqeenya guddaa hin hir’annee dha. Akka hir’atu kan sodaatu osoo ta’e guddaa hin ta’u ture. Gadameessi Maariyaam xiqqoon osoo baachuu baatee, samiin guddaa ta’e ni qaba ture. Kanaaf kan murtaa’e kan ta’e ture. Gadaameessa ishee keessa wan buleef daangaa akka hin qabne ni beekama. Keessa buluuf samii fi lafti isaan ni hir’atu. Iddoo xiqqaan kan dhiphatu, jabaanis kan bal’atu osoo ta’ee iddoo xiqqoo keessatti kan murtaa’uu fi inni guddaa kan hin taane ture. Samii jabaa fi gadaameessi xiqqaan isaaf waan ta’aniif kana keessatti guddina isaa hin qabamne ifa godhe. Haammata abbaa keessatti isaan iddoon hin guutamne hin jiru. Gadaameessa keesa yeroo bules sana irraa hafee gara alaa hin baane. Sababani isaa guutumaan guututti guutee ture. Bal’inni samii isaaf kan bal’atanii miti. Inni hunda ol jabadha (Isa. 66÷1) . Mucayyoo xiqqoon isaaf kan hir’attuu miti. Sababni isaas inni murteeffamaa fi murtee kan hin qabne gochuu ni danda’a. Yeroo ishee keessa buletti samii fi Maariyaam isaaf wal qixa turan, garuu wal qixa miti , ishee kan ilaallatu Maariyaam kan caaltu jabduu turte. Samiin teessoo isaati. Maariyaam garuu haadha isaati. Kanaaf lamaanuu walqixa miti. Teessoon isaa akka haadha isaa miti, Haati isaa teessoo isaa ni caalti. Samii fi lafa lamaanuu mataa isaaniin filatee jira. Tokko teessoo kan biraa haadha taasise. Haadha mootii maqaa teessoon akka hin salphisnee fi innis akka naan hin lolle samii Maariyaam jedhee hin waamu. Ati yaa nama ogeessa taate hanga ammaa dhugaa madaalii murteessi. Naaf hin liqimfamu kan jettu yoo ta’e immoo kan caalu ati nu hubachiisi. Samiin haadha mucayyoo xiqqoo fi ilma ilaalata. Lamaan keessa kan caalu eenyudha? Irra caalaa isaaf kan dhiyaatee fi irra caalattis isaaf jaalatamaa kan ta’e eenyudha? Irra caalaa kan kabajee fi irra caalaa hundaa tokkoomsee kan qabate eenyu? Daa’ima ta’ee kan dhufe samiin aannaan hin kennine. Haadha kan taate laphee Maariyaam irra kan jiru harma ishee qabate, Samiin isa hin ulfoofne, hin deenye, hin hoosisne. Garuu isheen deesse, haammatte, guddistee jirtis. Kanaafuu eebbi ni ta’aaf. Yaa Maariyam ati dubartoota keessaa kan eebbiffamteedha, eebbanis kan guuttamteedha. Jechoonni koo dinqiisiisoo kee iccitii ta’an haguuganii dhoksuu fi ittisuun hin ta’u. Gaa’elaa oli kan taate ati, qulquleettii, dubree haadhas, kennaan afaan kumaatama kitila ta’an hin geenyen (hin dubbanneen) guuttamtee jira. Ulfi gadaameessa kee keessa jira. Dubrummaan qaamota kee keessa jira, aannaan harmaa kee keessa jira, gadaameessi kee garuu qunnamtii gaa’elaaf cufamaadha, dhiphuun qunnamtii dubartii heeruman irra jiran si irra gonkumaa hin jiru, dhalatee jira, garuu gadaameessa kee keessa firii haadhoota hunda gammachiisu ni jira, qaamni kee sirna qunnamtii saalaa irraa bilisa. Garuu ati yaa warra dahan irra jaalatamte, gadaameessi kee daa’imaan guuttameera. Dhiirri gonkumaa hin jiru, garuu gaa’ela malee qunnamtii saalaa malee dahuun ni jira. Kana irraa ka’uun beektonni moo’aman, si hubachuun hin danda’amuuf” jechuun haala Iyyasuus Kiristoos gadaameessa dubree keessa ittiin bule fakkeenyaa fi ibsa guddaan ibsee jira.

Maddi:- Jacob of Serugh,On the Nativity page 61-62

Galanni Waaqayyoof yaa ta'u.
6
Forwarded from Mana Tewaahidoo ቤተ ተዋህዶ (F/taa Qananiisaa)
"Wanti ati goote kun maalidha?" Uum. 4÷10

Lallaba Viidiyoodhaan kunoo irraa baradhaa. B/saa F/taa Dn Asheetuu Waaqjiraatiin(Dr) seenaa buufadhaa hiriyoota keessaniifis share godhaa. Jajjabina keenyaaf #like #share #Subscribe gochuun nu gargaaraa.

👇👇👇
https://youtu.be/gUF-MBdrPBc?si=5H4sq_qDLqw_tHWe
Ergamaan Gabri’eel Dubree Maariyaamitti Yeroo Sadi Maaliif Mul’ate ?

Ergamaan qulqulluu Gabri’eel yeroo sadi gara dubree deemuun itti mul’atee ture ergaa missiraachoo itti hime. Yeroo sadeen kunis

1ffaa Yeroo isheen bishaan boollaa buutee deebitu

2ffaa Yeroo isheen hubboo ofirraa buustee mana Yooseefitti fagaatee ni ulfoofta jedheen.

3ffaa Mana qulqullummaatti yeroo isheen haarrii fi warqee sirreessitu
Deeddeebi’e mul’achuun ergamaan waaqayyoo yeroof seexanni al tokko qofa mul’atee waan baduuf, qulqulluun Gabri’eel ergamaa ifaa waan ta’eef yeroo sadi mula’te. Dhumni isaa garuu dubreen bultoo sillaasee ta’uu ishee ibsuudhaaf . Luq. 1÷33

2.2.2. Ergamoota Keessaa Qulqulluun Gabri’eel Maaliif Ergame ?
Waaqayyoon guyyaa jalqabaa ergamoota lakkoofsaan kan jedhamani hin beekkamne baay’ee uumeera. Isaan baay’ee kanneen keessa kanneen akka hangafa ergamootaa qulqulluu Mikaa’el, qulqulluu, Raagu’eel, qulqulluu Faanu’eel, qulqulluu Uraa’eel, qulqulluu Rufaa’eel, qulqulluu Sadakaa’eel, qulqulluu Salataa’eel, qulqulluu Kiruubeel, qulqulluu Suraafeel…. Fa’an osoo jiranuu ergamaan qulqulluu Gabri’eel sababni inni gara dubree Maariyaam ergameef abboonni mana amantaa haala gadi fageenya qabuun barsiisaniiru.

1ffaa Hiikni Maqaa Ergamaa Gabri’eel Ergamiinsa Ibsa.

Maqaan qulqulluu kamiyyuu hiikkaa mataa isaanii kan qabuudha. Maqaan namoota qulqullootaas hiikaa mataa isaanii qabu. Fkn
Abrehaam jechuun “Abbaa namoota baay’ee” jechuudha
Saamu’eel jechuun “Waaqayyoon dhagahee jira’ jechuudha
Yoonaas jechuun “Gugee, Handarii..” jechuudha
Maqaan Ergamoota Waaqayyoo hundis hiikkan isaanii,
Mikaa’eel jechuun, “eenyu akka waaqaa” jechuudha
Uraa’eel jechuun “ifa waaqaa” jechuudha.
Gabri’eel jechuun afaan Ibraayisxiin “ Gabri ykn Gaaboor” kan jedhu yoo ta’u,
Jabaataa ykn nama jechuu yoo ta’u, “Eel” jechuun “maqaa waaqayyoo” jechuudha. Bakka tokkotti Gabri’eel jechuun “ Waaqaa fi Nama” jechuudha. Hiikni iccitii maqaa keessatti qabame iccitii waaqayyoon nama ta’uu ( Tewaahidoo) ibsuudhaaf ergamaa qulqulluu Gabri’eel gara dubree Maariyaam erge.

2ffaa Himaa Missiraachoo Ulfaa Waan Ta’eef.

Duubatti deebinee kakuu moofaa yoo ilaalle ergamaan gammachuu waa’ee ulfaaf missiraachoo himu qulqulluu Gabri’eel ture. Fkn hojjiettuu Abrehaam, Aggaar haadha Ismaa’eliif, Abbaaf haadha qondaala Saamsooniif ergaa missiraachoo himee ture. Ki. Abb. Fird. 13÷21. Bara kakuu haaraa keessattis hangafa luboota Zakkaariyaasiif ergaa missiraachoo himee ture. Luq. 1÷1-20. Ergamaan Gabri’eelis Dubree Maariyaam osoo hin ergamin dura namoota birootti ergamee ergaa gammachuu ulfaa waan himaa tureef waaqayyoonis ergamoota keessaa yeroo baay’ee ergaa gammachuu ulfaa himaa akka ture waan beeku deessuun waaqayyoos akka ulfoofte qulqulluun Gabri’eel akka itti himu taasise.

( Abbaa Efreem Sooriyaa;- kitaaba galata Maariyaam irratti “ዐብይ ውእቱ ክብር ዘተውሕበ ለከ ኦ ገብርኤል መልዓክ ዜናዊ ፈሡሐ ገጽ ሰበከ ለነ ልደተ እግዚእ ዘመጽአ ኀቤነ ወአብሠርካ ለማርያም ድንግል ዘእንበለ ርስሕት ወትቤላ ተፈሥሒ ኦ ምልዕተ ጸጋ፤ ( Gammadaa taatee missiraachoo kan himte yaa ergamaa Gabri’eel kabajaan siif kenname guddaadha dhalootaa gooftaa gara keenya dhufe dubreetti himte, dubree Maariyaaminis kennaan kan guuttamte Waaqayyoon si wajjiin jiraa gammadi jette itti himte” jechuun ibse

3ffaa Ergamaa Tasgabeeessaa Waan ta’eef.

Waaqayyoon guyyaa Sanbata Kiristiyaanaa ergamootaa uumuudhan hoogganaa fi hooggantoota qomoowanii filee magaaloota ergamoota irratti addan qoodee amnataa isaanii ilaaluuf jecha jalaa yeroo dhokate. Ergamootaa yeroo sanaa keessa amma diyaabiloos kan jedhame yeroo sana Saaxinaa’el kan jedhamu, hoogganaa isaanii ture. Ergamoonnis “eenyutu nu uume? Isa nu uumeef galataa fi sagadaa dhiyeessina” jechuun yeroo Saaxinaa’el gaaffatanitti isaa ol yoo ilaaluu waaqayyoon waan dhokateef arguu dadhabee of gadi ilaallan ergamoonni hunduu isaa gadiitti waan bulaniif waan jedhuun dhabee “anatu isin uume jedhuu” jechuun yaade. Waan garaatti yaades akkuma yaadetti osoo hin dhiisne afaaniin baasee “anatuu isin uumee ana galateeffadhaa” jedheen. Isa. 14÷12-15, Hiz. 28÷13-19.
1
Yeroo Saaxina’eel ykn diyaabiloos oftuulummaan akkana jedhu qomoon ergamoota bakka saditti qooddame. Muraasni eeyyeen dhuguma situ nu uume jedhan, muraasni immoo miti ati nu hin uumne jedhan, muraasni kan nu uume si ta’inna moo kan biro ta’inaa? Jechuun yaada lama qabatanii tokkotti goruu dadhaban. Samii ergamootaa irratti lollii fi jeequmsi hamaan garee Saaxinaa’el fi isaan morman gidduuti ka’ee ture. Yeroo kana Ergamaan waaqayyoo qulqulluun Gabri’eel qomoo ergamootaan, “Uumaan keenya kanaa miti kan nu uume hanga arganutti bakka jirutti yaa dhaabbannu” jechuun ergamoota tasgabbeesse. Waaqayyoos itti mul’atee garee qulqulluuGabri’eel fi qulqulluu Mikaa’el waliin ta’ee Saaxinaa’el aangoo irraa kuffise. Waaqayyoonis qulqulluu Gabri’eel afaan ergamoota tasgabeesse kanaan dubree Maariyaamitti ergaa missiraachoo himee saba Addaam cubbuun jeeqame tasgabbeesse.

4ffaa, Addaam fi Hewaan Gannatii Keessatti Waan Walitti Araarseef.

Diyaabiloos bofa irra bulee Addaam dogongorsiisuun muka gannatii keessatti hin nyaatina jedhame erga nyaattee, Addaamis akka nyaatu ajajje. Badii isaaniif Waaqayyoon murtee isaan lamaanuu gannatii keessaa ari’u, Addaam Hewaaniin, “Si Waaqayyoon si gargaarti jedhee anaaf si uumetu, na dogongorsee, du’a natti fide, ana irraa fagaadhuu” jechuun akka ishee irraa fagaattu taasise. Ergamaan Waaqayyoo Gabri’eel, gara Addaam deemuun “ Yaa Addaam hin gowwoomiin ishee du’a keetiif sababa taate kanatuu fayyina keetiif sababa ta’aa” jechuun Addaam qabee gara Hewaan geessun walitti isaan araarsee jaalalaan akka jiraatan godhe. Waaqayyoos qulqulluu Gabri’eel erguun Addaam tokkoffaa gara Hewaan tokkoffaatti geese walitti araarse, dubbii Kiristoos Addaam lammaffaan gara dubree Maariyaam Hewaan lammaffaatti himuun Waaqayyoo fi ilmaan namaa jidduutti araarri akka dhufe ergaa gammachuu hime.
Galatni Waaqayyoof yaa ta'u.
5👍2
Forwarded from TULLUU MISIRAACHOO (Dn Maatiwoos T)
Audio
"KATTAA IRRATTI MANA KOO NAN IJAARA" Mat.16:18

Hangafa barsiisotaa B saa.Tarbinoos Tolosaa

mana lubummaa shawaa bahaatti miseensa yaa'ii hayyootaa fi magaalaa Adaamaatti kaateederaala tulluu ifaa qulqulleetti Maariyaamiitti barsiisaa hiikkoo maacaafilee qulqullaa'oo kan ta'an Hangafa barsiisotaa bsa.Tarbinoos Tolosaatiin

╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮          https://t.me/Tulluu_Misiraacho
https://t.me/Tulluu_Misiraacho
╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══
Forwarded from Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa (Misganu Mulatu)
Duuka Bu’aa Qulqulluu Phaawuloos

Baga geessan 🥰

Join: @abdiimaariyaamiifinjira

https://telegra.ph/Qulqulluu-Phaawuloos-07-09
1👍1
Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluu Phaawuloos keessaa ergamoota Gooftaa Iyyasuus Kiristoos beekamoo fi mootummaa Wangeelaa babal'isan keessaa lamaan gurguddoo dha.

1. Seenaa Qulqulluu Pheexiroos
Maqaan isaa jalqabaa
Maqaan isaa jalqabaa Simoon ture. Inni hojii qurxummii qabu (qurxummii qabaa) ture.
Akkamitti Iyyasuus isa waame?
Akka Maatewos 4:18–20 fi Luqaas 5:1–11tti, Yesuus Simi'ooniin akkas jedhe:
"Na duukaa bu'i."
Simi'oonis yeroo sana hojii isaa dhiisee Iyyasuus duukaa bu'e.
Amantii isaa
Akka Maatewos 16:16tti Pheexiroos akkana jedhe:
"Ati Kiristoos, Ilma Waaqa jiraataa ti."
Kanaaf Iyyasuus maqaa isaa gara Pheexiroos ("Dhagaa" jechuudha) jijjiire.
Iyyasuusin yeroo ganee
Iyyasuus qabamuu isaa dura Pheexiroos yeroo sadii "Isa hin beeku" jedhee gane (Maatewos 26:69–75). Booda garuu baay'ee boo'ee qalbii jijjiirrate.
Erga Iyyasuus ka'ee booda
Akka Yohaannis 21:15–17tti Iyyasuus akkana jedheen:
"Hoolota koo tiksi."
Kunis itti gaafatamummaa tajaajila Wangeelaa isaaf kenne.
Guyyaa Phanxaqoosxee
Akka Hojii Duuka Bu'ootaa boqonnaa 2tti, Pheexiroos Wangeela lallabee namoonni kuma sadii ol Kiristoositti amanan.
Du'a isaa
Duudhaa Kiristiyaanaa akka ibsutti, yeroo mootii Nero Roomaa turetti fannifamee du'e. Ofii isaa garuu "Akka Gooftaa koo fannifamuun naaf hin malu" jedhee mataa gadiin akka fannifamu kadhate jedhama.

2. Seenaa Qulqulluu Phaawuloos
Maqaan isaa jalqabaa
Maqaan isaa jalqabaa Saawul ture. Magaalaa Tarsees keessatti dhalate.
Kiristaanota ari'aa ture
Jalqabatti Kiristaanota ni ari'a ture. Yeroo Qulqulluu Isxifaanos ajjeefamees achi ture (H.D.B 7–8).
Gara Kiristoositti deebi'uu
Akka Hojii Ergamootaa boqonnaa 9tti, yeroo gara Damaasqoo deemaa turetti ifni guddaan isa marse. Iyyasuusis akkana jedheen:
"Saawul, Saawul, maaliif na ari'atta?"
Sana booda ija isaa yeroo muraasaaf dhabe; boodas cuuphamee ergamaa Kiristoos ta'e.
Tajaajila isaa
Phaawuloos:
Aasiyaa Xiqqaa,
Maqedooniyaa,
Giriik,
Roomaa fi naannolee hedduutti Wangeela lallabe.
Waldoota hedduu hundeesse.
Ergaawwan hedduu barreesse; isaan keessaa baay'een isaanii Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu.

Gidiraa irra gahe
Akka 2 Qorontos 11tti:
ni reebame,
ni hidhame,
dhagaan rukutame,
doonii itti cabe,
rakkoo hedduu keessa darbe.
Dubbii isaa isa dhumaa
Akka 2 Ximotewos 4:7tti:
"Qabsoo gaarii nan qabsaa'e; fiigicha koo nan xumure; amantii nan eege."
Du'a isaa
Duudhaa Kiristaanaa akka ibsutti, yeroo Nero mootii Roomaa turetti billaan morma irraa muramee du'e.
Barumsa isaanii
Pheexiroos: Namni kufee qalbii jijjiirrate deebi'ee Waaqayyoon tajaajiluu akka danda'u agarsiisa.
Phaawuloos: Namni hamma balleessaa guddaa hojjete illee, yoo gara Waaqaatti deebi'e, Waaqayyo isa jijjiiree hojii guddaa hojjechiisuu akka danda'u agarsiisa.
Lamaan isaanii iyyuu Wangeelaaf amanamoo ta'anii hamma du'aatti dhugaa Kiristoos dhugaa ba'an; kanaafis qulqullootaa fi mootummaa Waaqaa keessatti fakkeenya amantii ta'anii kabajamu.
"Kun yeroo dha, kun yeroo miti osoo hin jedhin qophaa'ii argami" 2ffaa 4፥2

------------------------------
🅼/🅼/🅐🅑🅑🅐🅐 🅖🅔🅑🅡🅔 🅜🅔🅓🅔🅗🅔🅝 🅝🅘🅖🅤🅢🅔 (🅠🅞🅞🅜🅞🅢)
ⓗⓞⓙⓘ_ⓖⓐⓖⓖⓔⓔⓢⓢⓞⓞ ⓞⓛ_ⓐⓐⓝⓞⓞ ⓑⓘⓨⓨⓐ ⓛⓐⓛⓛⓐⓑⓐ ⓕⓘⓝⓕⓘⓝⓝⓔⓔ
-------------------------

Jecha kana kan dubbate barnoota isaatiin dukkana adunyaa hunda kan ibse qulqulluu phawuloosi dha.

Jechi kun kan dubbatameef ammoo ilma afuuraa isaa qulqulluu ximootewosiif kan dubbatame dha.

Guutuun jechichaa, 1 Waaqayyo duratti, Kristos Yesus isa warra jiranii fi warra du'anitti faraduuf jiru dutattis, maqaa isa deebi'ee mul'atee, mootummaa isaas argisiisu sanaan cimsee sin gorsa.

2 Dubbicha lallabi, "Kun yeroo dha, kun yeroo miti" utuu hin jedhin qophaa'ii, argami! Nama balleessaa isaa hubachiisi ifadhu! Obsa hundumaan gorsi barsiisis.
5 Ati garuu waan hundumaatti gara itti gortu beeki! Dhiphina obsaan baadhu! Hojii lallabaan wangeelaa hojjechuun ta'uuf hojjedhu, hojii itti ergamte guutummaatti raawwadhu!

Jaallatamtoota ijoollee kiristoos baga guyyaa yaadannoo wareegamummaa ifoota adunyaa phawuloosii fi pheexroosiin isin gahe.

Guyyaan kun waggaa waggaan adoolessa 5 wareegamummaa abboota keenya guyyaa itti yaadannu dha.

Seenaa isaanii gaggababisinee haa ilaallu,

Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluu Phaawulos

Guyyaa kana duuka bu’oonni lamaan Qulqulluu Pheexiroosi fi Qulqulluu Phaawuloos guyyaa itti wareegaman kan itti yaadatamu dha. Qulqulluoonni kuni lamaan kitaaba qulqulluu irratti baldhinaan seenan isaanii fi hojiin isaanii ni beekama, kitaabotni akka ergaatti barreessanis baay’e dha.

#Qulqulluu_Pheexiroos

Qulqulluu Pheexiroos Beetasaayidaatti Galiilatti dhalate (Yoh 1:45). Gosti inni irraa dhalates Gosa Roobeel jedhama. Yeroo ijoollummaa isaattis seera Yihudootaa baratee guddate. Boodas mana ijaarratee haadha manaa horatee qurxummii kiyyeessee jiraachaa ture. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos garuu qurxummii kiyyeessuu gachisiisee duuka bu’aa isaa taasise. “Kana booda qurxummii miti nama kiyyeesita” jedheen. Sana boodaas duuka bu’oota waliin Gooftaa irraa baratee hanga guyyaa Gooftaan fannifamuuttis biraa hin dhabamne ture. Gooftan ol ba’uu isaan durattis erga du’aa ka’ee booda, gara Galaana Xibriiyaanoos cinaatti itti muldhatee “Pheexiroos ilma Yoona na jaalattaa?” jedhee yeroo sadi irra deddeebi’ee gaafateera. Kanaanis “da’aa koo eegi, hoolota koo bobbaasi” jedhee akeekakchiisee adaraa itti kennee jira.

Qulqulluu Pheexiroos tajaajila lallaba wangeelaa baldhaa taasise. Roomaa deemuun duratti Iyyaruusaaleemi fi Samaariyaatti,Lidaa fi Iyyoopheetti, Eeshiyaa Xiqqootti, Phanxoosi fi Qephedooqiyaatti, Galaatiyaa fi Biitaniyaatti akasuma biyyoota biraa heddu keessa deemuun wangeela barsiisee kiristoosiin lallabeera. Boodas gara Roomatti ce’eera. Roomattis wangeela barsiise dhukkubsattoota fayyisee sababa ibidda Roomaa keessatti ka’ee Roomaa balleesseen, bara Neeroon Qeesaar kiristaanotni hedduun dhumaa waan turaniif innis qabamee wareegame. Yemmuu fannifamus “ ana akka Gooftaa ol na hin garagalchinaa gadi na gombisaatii na finnisaa” jedhee gadi gara galee fannifame.

#Qulqulluu_Phaawuloos

Akkasumas guyyaa kana Qulqulluu Phaawulosis kan itti wareegame dha. Qulqullu Phawulos biyyi isaa Israa’el gosa Biniyaam irraa iddoo magaalaa Tarsees jedhamtutti dhalate. Lammummaa Roomaa qaba tures. Kunis Room dur bulchiinsa ishee jala jiraniif lammummaa kennaa wan turteef. Qulqulluu Phaawulos waggaa 15 yemmuu guutu Tarseesii gara biyyatti deebi’ee Gamaaliyaal irraa seera Yihudootaa hanga waggaa 30tti barate.

Innis jalqaba yemmuu Gooftaan barsiisu Iyyaruusalem waan tureef seera Yihudota fi Ooritiif hinaafa waan tureef kiristaanota ari’aa baqachiisaa,ajjeesas ture.
Kana boodaas hinaaffaa isaa kana cimsuun waraqaa eeyyamaa kan kiristaanota hunda akka ajjeesuf kennameefis waggaa 32 isaatti argatee Iyyaruusalemii gara Damaasqoo deemee uummata kiristaanaa ajjesuufis karoorfate karaa eegale. Gara Daamasqo deemee yemmuu magaalatti seenuuf dhiyaatutti garuu Gooftaan sagalee Isaa itti dhageessise. “Saawul saawul Maaf na baqachiifta(ari’atta)?” ” jedheen.
Hojii duuka bu’ootaa 9:1.
Phawulosis “ ati eenyu” jedhee yoo gaafatu “ani Iyyasuus Isa Naazireet” jedheen. Yeroo kanas kufee maal godhu jedhee kadhate. Sana booda ijji isaa arguu dadhabdee abbaan Hanaaniyaa jedhamu tokko kadhateef cuuphame kiristaana ta’e.

Sana booda gocha isa duraa sanatti hin deebine. Gal 1:12 iratti erga cuuphamee booda Qulqulluu Phawulos gara biyyooya Arabaa deemuun isaa ofumaaf dubbateeyyu. Biyyoota gara garaatti barsiisee,hidhamee waa heddu argee ergaawwan kitaaba qulqulluu 14 barreessees jira.
Boodas bara 65 yemmuu sababa gubachuu magaalaa Roomaatiin Neeroon Qeesaar kiristaanota ajjeesaa turetti magaalaa Niqoophiliyoon jedhamtutti yemmuu barsiisu qabamee mana hidhaa gale. Waggaa lamaa fi baatii jaha mana dukkana keessati erga hidhamee booda wareegame.

Jireenya afuurawaa qabsuura guddaadhaan jiraate, nuyiifillee akka amantaa keenyatti hanga dhumaatti jabaannuuf yeeroo hundumaa qophofnee akka jiraannu nu gorse jira.

Guyyaa kana Adoolessa 5 Qulqulluu Pheexiroos waliin wareegamummaa fudhataniiru, goonfoo ulfinaa waaqayyoo biraa argatanii jiru.

Hanga xumuraatti akka jabaannee jiraannu waaqayyo nuu haa gargaruu!

Maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu. Sugni qulqulloota kanaa nu waliin haa ta’u.
Ameen.

👉 Yaa qulqulleettii biyya koo itiyoophiyaa....

🙏 Ijoolleen kee sirraa dhalatan sii haa dhalan.

🙏 ijolleen kee siif haa morman malee siin hin mormin.

🙏 ijolleen kee godaansa irra jiran eebbaan siif haa galan.

🙏 dangaa kee ibidda, jidduu kee jannataa taatee, booqochiistuu adunyaa sii haa taasisu!!

AAMEEN

✍️✍️✍️ 🅜🅔🅛🅐🅚🅔 🅜🅘🅗🅡🅔🅣 🅐🅑🅑🅐🅐 🅖🅔🅑🅡🅔🅜🅔🅓🅘🅗🅘🅝 🅝🅘🅖🅤🅢🅔🅔 (🅠🅞🅞🅜🅞🅢)
🄷🄾🄹🄸_🄶🄰🄶🄶🄴🄴🅂🅂🄰🄰 🄾🄻 🄰🄰🄽🄾🄾 🄱🄸🅈🅈🄰 🄻🄰🄻🄻🄰🄱🄰 🄵🄸🄽🄵🄸🄽🄽🄴🄴✍️✍️✍️