🌹Dπ™šπ™šπ™—π™žπ™ž 𝙒π™ͺπ™¨π™žπ™‘π™žπ™’π™€π™©π™–π™– π™›π™ž π™₯π™π™šπ™šπ™£π™­π™šπ™šβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆ
2.38K subscribers
54 photos
2 videos
9 files
113 links
β€œIyyesuus, β€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅αˆ ከፈαˆͺαˆ³α‹α‹«αŠ•αŠ“ αŠ¨αˆ°α‹±α‰ƒα‹α‹«αŠ• αŠ₯ርሾ α‰°αŒ αŠ•α‰€α‰αŠ“ α‰°αŒ α‰ α‰α‘ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’ (αˆ›α‰΄α‹Žαˆ΅ 16:6)
Download Telegram
πŸŒΊπŸ‘‰ kutaa - 60-ffΒͺΒͺ πŸ‘ˆπŸŒΊ
=======//==========
πŸ”Ί Gaafi fi Deebi
πŸ”Ί Muslimoota
✍ Yohaannis 14:9
Kiristoos akkana jedheen Yaa
#Filiphoos, #yeroo_dheeraa hammanaatiif ergan isinii wajjin jiraadhee booda illee, isin amma iyyuu na hin beeknee? Namni ana arge hundi Abbaas argeera. Maarree ati akkamitti, β€˜Abbaa nutti argisiisi’ jetta❓
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ‘‰ gaaffii isaanii
1=Filiphoos Kiristoos argee malee yoomi Abbaa argee jedhuu.....❓
============
πŸ”Ί Deebii keenya.
1=Kiristoos namni ana argee Abbaa argee jechuun isaa Abbaan foonii nama qaba akkuma koo,kana argitee jechuu isa mitii ❌
    Sababiin isaa.
A)). Abbaan gonkumaa foonii nama hin uffaanne Affuurra Qulqulluu wajjin iyyuu.
πŸ“πŸ‘‰ Galatiyaa 4:4
Yeroon murteeffame sun yommuu gautti, Waaqayyo
#Ilma isaa isa #dubartii irraa dhalatee fi seera jala ture erge.
= Kanafuu kani nama irraa dhalate Kiristoos qofaa jechudha , iddoo kana irraa Abbaan akka hin dhalane ibseera.
πŸ“πŸ‘‰Luqaas 1:35
Ergamaan (Maleekaan) sunis deebisee akkana ishiidhaan jedhe: β€œ
#Affuurri_Qulqulluun si irra bua humni Isa Hundaa Oliis si golga. Kanaan kan,kaes mucaan dhalatu Qulqulluu
Ilma Waaqayyoo jedhama
====
➩Affuurri Qulqulluu sii, irraa bu'a,jedhee malee Affuurri Qulqulluun ni dhalataa hin jennee kanafuu Hafuurri Qulqulluun hin dhalane.

➩ ilma Waaqayyo jedhama jedhee malee ,Abbaan ofuma dhalatee ilma ta'a hin jenne.
Kanafuu Abbaan hin dhalane.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ…Ύ gara mataduree keenya deebinaa amma immo.
πŸ‘‰ Kiristoos akkasii jedhe yaa,Filiphoos yeroo dheeraa hanga kana turee akkamitti Ana hin bare jedhe.

πŸ†š Kiristoos akkasi yoo, jedhuu dubbii hikaa kallattii dubbachaa hin jiruu , Sababiin isaa hiikaa kallattiin yoo,taee Filiphoos fi Kiristoos sirriitti wali beekuu
Kanaafuu Filiphoos wanti haara tae tokko illee hin jiru.

ragaa kitaaba
β“΅βž©Maatewos 10:3
#Filiphoosii fi Bartolomewos; Toomaasii fi Maatewos isa qaraxa sassaabu; Yaaqoob ilma Alfewoos; akkasumas
Taadewos
β“Άβž©Yohaannis 1:43
Kiristoos  guyyaa itti aanutti gara Galiilaa dhaquu barbaade.
Achiis
#Filiphoosiin argatee, β€œDuuka buutuu koo tai” jedheen.

β“·βž©Yohaannis 6:5-6
Iyyaasuus(Kiristoos) namoonni hedduun gara isaa yommuu
dhufan oli jedhee ilaalee
#Filiphoosiin, β€œDaabboo(buddeena) namoonni kun nyaatan eessaa yoo bitne wayya?” jedhe.
Taus kana kan dubbate,
Filiphoosiin #qoruuf malee waan gochuuf yaade #beeka ture.

β“Έβž©Yohaannis 12:20_21
Namoota bakka ayyaanichaatti waaqeffachuu dhufan keessaa
#Giriikonni tokko tokko jiru turan. Isaanis #Filiphoos isa nama Beetasaayidaa ishii Galiilaa keessa jirtu sanaa dhufetti dhihaatanii, β€œYaa
gooftaa, Iyyaasus(Kiristoos ) arguu barbaadna” jedhanii isa gaafachuu jalqaban

β“Ήβž©Yohaannis 14:8
#Filiphoosis, β€œYaa Gooftaa, Abbaa nutti argisiisi; kunumti nu ga'a” jedheen.
========||
πŸ‘‡kanafuu rakkoon Filiphoos maali ture yeroo jennuu
Akkuma Kiristoos foonii uffachuu isaa argee sana Abbaa illee akkuma kanatti arguu qaba jedhiti.nutti argisiisi jedhu Isaat akka yaada Filiphoosiit.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
Kanafuu Kiristoos qaaman osoo hin tanee Abbaa fi Kiristoos Waaqummaa isaanii tokko wani tannif Β« Namni
Ana argitee jechuun abbaa argitee jechuu ibsa.Β»
➩( kutaa -59-ffΒͺΒͺ )) dubbisa
➑️ Namni Kiristoos arge Abba argee jechuun kara Waaqummaa qofaan akka ta’e ragaa keenya kunoπŸ‘‡

β“ΊπŸ‘‰Yohaannis 1:1-3
Jalqaba
#Logos( Ξ›ΟŒΞ³ΞΏΟ‚) ture; logos (Ξ›ΟŒΞ³ΞΏΟ‚)  Waaqayyoo wajjin ture; logos( Ξ›ΟŒΞ³ΞΏΟ‚) waaqayyo ture.Inni jalqaba Waaqayyoo wajjin ture. Wanti
hundi karaa isaa tae; wanta tae
keessaas isa malee wanti tae tokko illee hin jiru.
======
➩Jechi inni jalqabaa waajin turee ,wanti hundi karaa isa ta’e jedhuu ,wa'ee logos(Ξ›ΟŒΞ³ΞΏΟ‚) dubbachaa jira, kanafuu Kiristoos hundumaa akka Uumee ibsee.
β“»πŸ‘‰Yohaannis 1:9-10
Ifichi inni dhugaan akaakuu namoota hundaatiif ifa kennu, gara addunyaa dhufuuf jedha ture. Inni addunyaa keessa ture,
#addunyaanis_karaa isaa argame; taus addunyaan
isa hin beekne.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ‘‰ itti fufi dubbisi ammasi
Kunoo link kan xuqiπŸ‘‡
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
πŸ”³ kutaa -62-ffΒͺΒͺ...πŸ”³
πŸ”Ίgaaffii fi Deebi
πŸ”ΊMuslimoota🚼
✍Yohaannis 14:12
Dhuguma dhuguman
isiniin jedha, namni
#Anatti amanu #hundi hojii ani hojjedhus ni hojjeta Ani gara Abbaa waanan dhaquuf inni hojii kana irra #caalus ni hojjeta.
======||
➑️ gaaffii isaanii
1=Kiristoos erga Waaqa ta’e namni akkamitti isaa amanuu isaa caala hojjachuu danda'u jedhuu...❓
========||Γ—
πŸ“Deebi keenya
✍Eeyyee inni Waaqa.
πŸ”³ kaaku durii keessatti namoota Waaqayyo caala hojii dinqii hojjataani jiruu ,namoonni kunis Waaqayyotti wani amananiif.
πŸ“Fakkeenyaaf
1βž›Iyyaasu ilma nawe
2βž›Eliyaas raajicha
3βž›Isayaas raajichaa
β“΅βž©Kitaba iyyaasu 10:12-13
Yeroo waqayyon Israaelota duratti Amoorota injifatetti
Iyyaasuun Israaelota duratti waqayyodhan  akkana jedhe Yaa
#aduu, Gibeon irratti
dhaabbadhu Yaa
#addeessaa, Sulula Ayiloon irratti dhaabbadhu Kanaafuu, sabichi diinota isaa irratti hamma haaloo bautti aduun bakkuma jirtu ni dhaabbatte; addeessis iddoo ishiitii hin #sochoone. Kun kitaaba Yaashaari irratti barreeffameera mitii? Aduun sami #walakkaa bakkuma jirtu ni dhaabbatte; gara guyyaa tokkootiifis lixuudhaaf hin ariifanne Sana #duras tae sana
booda, akka guyyaa sanaatti
guyyaan Waaqayyon sagalee namaa itti dhagae hin jiru sababiin isaas, waaqayon Israaeliif lolaa ture.
β“Άβž©1motoota 17:1
Yeroo kanatti
#Eeliyaas
Tishbichi inni Giiliyaad keessa jiraatu Akaabiin waqayyo Waaqa Israael isa jiraataa
isa ani tajaajiluun nan
#kakadha, ajaja kootiin yoo tae malee waggoottan kanatti fixeensis tae #bokkaan hin jiraatu jedhe.
β“·βž©2 motoota 20:8-11
Hisqiyaas Waaqayon akka
na fayyisuu fi guyyaa sadaffaatti gara mana waaqayyoti akkan oli bau mallattoon argisiisu
maali dha?” jedhee
#Isaayyaasiin gaafatee ture Isaayyaasis deebisee Mallattoon waaqayyo biraa dhufee fi waqahyon wanta dubbate akka raawwatu
argisiisu kana dha Gaaddidduun kortoo irra jiru tarkaanfii kudhan gara fuulduraatti akka deemu moo tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiu barbaadda?” isaan jedhe. Hisqiyaasis
#Gaaddidduun
sun tarkaanfii kudhan gara fuulduraatti deemuun isaa salphaadha tarkaanfii kudhan gara
#duubaatti deebiuun isaa garuu salphaa miti” jedhe. Kanaafuu, Isaayyaas gara Waaqayyotti ni #iyye innis gaaddidduun kortoo Akaaz irra jiruu fi gadi buee ture sun, tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiu godhe.
➑️ Iyyaasuun aduu fi dhabuu isaa,Waaqayyo isa duraa godhee hin beeku.
➑️Eliyaas Waaggaa fi jia 3 dhorkuu isa.
➑️Isayaas gadidduu dubbati tarkaanfii 12 deebisuu isa
🌺Haaluma wali faakataa
β“Έβž©Hooji duuka buoota 5:3-5
#Pheexiros garuu akkana
jedhe Yaa Hanaaniyaa, Seexanni hafuura qulqulluu akka sobduu fi qarshii laficha itti gurgurte keessaa hamma tokko dhoksitee hambisuuf akka ija jabaattu kan si godhe maaliifi? Utuma hin gurgurin iyyuu kanuma kee hin turree? Erga
gurgurtee boodas wanta barbaadde itti gochuu dandeessa turte mitii? Wanta akkasii gochuuf garaa
keetti maaliif yaadde? Ati namoota utuu hin tain Waaqayyoon sobde Hanaaniyaan yeroo kana dhagau lafa dhaee
#due. Namoonni kana dhagaan hundis guddaa sodaatan
β“Ήβž©Hoji duuka buoota 8:39
Yommuu bishaan keessaa baanis
#hafuurri Waaqayyo battaluma sanatti #Filiphoosiin #fuudhee deeme; sana booda
xuaashichi isa hin argine; taus gammadaa karaa isaa irra buee deeme.
✍Pheexiroos afaanii isaa qofa dinqii kana raawachuu isa
✍ Filiphoos Affuura Qulqulluun
Deemu barsiisuu fi cuphuu isa.
❀️‴️ namoonni kuni 5 isaanii iyyuu Waaqayyoti wani amananiif Waaqayyo akka isaanii dinqii guddaa isaa caaluu kana akka hojjatani heyyamefi jira
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
link waldaa keenya kana xuqaa hordoffa.
@haadha_Waaqa_naJaladha
πŸŽ‹πŸŽ‹πŸŽ‹πŸŽ‹πŸŽ‹πŸŽ‹πŸŽ‹πŸŽ‹πŸŽ‹