🌹D𝙚𝙚𝙗𝙞𝙞 𝙢𝙪𝙨𝙞𝙡𝙞𝙢𝙤𝙩𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙥𝙝𝙚𝙚𝙣𝙭𝙚𝙚
2.58K subscribers
54 photos
3 videos
10 files
117 links
“Iyyesuus, ‘Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

ኢየሱስም ከፈሪሳውያንና ከሰዱቃውያን እርሾ ተጠንቀቁና ተጠበቁ፡ አላቸው። (ማቴዎስ 16:6)
Download Telegram
Nageenyi Waaqayyo
isiniif Haata’u
#Baga_Geessaann🤲

@Ayyaanna||Fannoo

2Qor 12:10👇
Ani
#Kiristoosiif
jedhee
=1=dadhabinatti
=2=arrabsootti
=3=rakkinaatti/dhabati
=4=ariatamattii fi
=5=gidiraa/dhiphinati
guddaa nan
#gammada

🌻Sababiin isaas
ani yeroon
#dadhabu
yeroo sanatti
humna qaba
🌾 ስለ ክርስቶስ
=➛በድካም
=➛በመንገላታትም
=➛በችግርም
=➛በስደትም
=➛በጭንቀትም ደስ ይለኛል
#ስደክም ያን ጊዜ #ኃይለኛ ነኝና
➹=2 ቆሮንቶስ 12 :10

➢kanafuu akkamitti
AkkaJirachuu qabnuu
Ni hubbaanna

Filp 2:13-15👇
Waaqayyo wanta isa gammachiisuu wajjin
haala wal simuun
#fedha akka qabaattanii fi #hojiidhaaf akka kakaataniif humna isiniif kenna

Waani
#hundumaa
gungummii fi falmii
malee hojjedhaa

kunis
#dhaloota jalaa fi #micciiramaa kana
keessatti ijoollee
Waaqayyoo warra
mudaa hin qabnee fi Qulqulloota akka taataniifi

isaan gidduuttis
#addunyaa keessatti
akka
#ibsitoota ifaa
ni ibsitu

➛gorsi Phaawuloos
Kuni immoo lafee Nama
Jajjabeeessa........

Filp 3:7_8👇
#wantoota anaaf buaa
qaban
#Kiristoosiif jedhee
akka kasaaraatti lakkaaeera

Kana malees, waaee
#beekumsa Kiristoos
Iyyaasuus Gooftaa koo isa hunda caalaa
#gatii guddaa qabuuf jedhee wantoota hundumaa akka kasaaraatti nan lakkaaa

Ani isaaf jedhee
wantoota hundumaa
dhabeera wantoota
ani dhabe kanas
akka kosiitti nan
ilaala; kana kanan
godhus Kiristoosiin
argachuuf jedheeni

➛jireenya kan argachuuf
Waaqayyo laphee Qulqulluu
Nuuf haa,keennuu

➛Namoonni tokko
Tokko jireenya kan
Dhisani gara wantaa
Jalqaba dhisani turanitti
Deebi'ani jireenya lubbuu
Dhabanii jiru.......

Yoh 6:66-69👇
#barattoota isaa keessaa baayeen isaanii wantoota
#dhiisanii turanitti deebian

👉sana boodas isa
duukaa hin buune

Kanaaf
#Iyyaasuus warra
Kudha Lamaaniin(12)
isinis deemuu
barbaadduu jedhe

Simoon Pheexirosis
akkana jedhee isaaf
deebise Yaa Gooftaa
gara
#eenyuu dhaqna
Ati dubbii jireenya bara
baraa qabda

Nuti ati Ilma Waaqayyoo
Isa Qulqulluu akka taate
#amanneerra beekneerras

🌻qorumsa namoota
Baayee duubati
Deebise kuni akka
Nuu,irra hin geenye
Yeroo hunduma
Dubbi jireenyatti
Cimuu nu barbaachisaa

◈Kanaafuu jabadha
Waaqayyo isin fanna
Haata’u

1 Qor 16:13-14👇
Dammaqaa jiraadhaa,
#amantiitti cimaa
dhaabadhaa
Wanta hojjettan hunda
#jaalalaan hojjedhaa

🌹Hordoftoota channeel
Goonfoo Qulqulloota
=yaada bagaa geesse
Ibsachuu yoo,barbadan

=link lamaan kan
Fayyadama

➹1 =
@Gutema123
➹2 =
@leave_a_Comment

Kan jedhu bareeffama
Kan jalatti ni argatu isa
irratti Ni dandeessu

➛Ayyaanna_gaarii
Isinif || Haata’u
===||=====||====
🅱 kutaa-74-ffªª.🅱
👉gaafii fi deebi
👉Muslimoota
Yohaannis 17:8
Ani
#dubbii ati Anaaf #kennite isaaniif kenneera; isaanis kana #fudhataniiru; Ani akkan #sii_bira dhufes sirriitti beekaniiru; akkasumas akka ati na #ergite amananiiru.
ዮሐንስ 17:8
የሰጠኸኝን
#ቃል ሰጥቻቸዋለሁና እነርሱም ተቀበሉት፥ #ከአንተም_ዘንድ እንደ ወጣሁ በእውነት አወቁ፥ አንተም እንደ #ላክኸኝ አመኑ.
▬▬▬▬▬▬▬▬
➩gaaffii isaanii.
1👉 dubbii Kiristoosi Abbaa irraa fudhatee barattoota isaati keena, inni ofi hin beeku
jedhuu.
▬▬▬▬▬▬▬▬.
👉 Deebii keenyaa.
Lakkii Kiristoos wanta hunda beeka
⓵➸Yohaannis 16:30
Ati wanta
#hunda akka #beektuu fi #eenyu illee si gaafachuun akka isa hin barbaachisne amma beekneerra. Kanaanis ati #Waaqayyo_biraa akka dhufte #amanneerra.”
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻
👍gara hiika jechoota
ilaalaa Yohaannis 17:8 irraa
maali ibsaa
🍇A))👉 dubbii ati naafi keenite Ani isaanii keenera jedha.
=dubbii isaa kami kennefilaata Kiristoos.
👇deebii isaa idduma kanatti ibsee jira Kiristoos, dubbi kani jedhame isaa kana ❝Kiristoos Abbaa bira dhufuu
#beekuu fi Amanuudha, gara biyya lafaa eegame dhufu isaatti"❞
🤝 sababiin isaa Jechi
#Fudhatanii jiru jedhuu kanuma ibsa wani ta’ef.
👉kunoo Kiristoos jechoota sani dubbii kee,jedhee malee dubbi bira mitii, ❞
👆barattoonni Kiristoos isaa kana
#Amananii fudhatanii jiru jechuudha.
⓶➸Yohaannis 17:8
Ani
#dubbii ati Anaaf #kennite isaaniif kenneera; isaanis kana #fudhataniiru; Ani akkan #sii_bira dhufes sirriitti beekaniiru; akkasumas akka ati na #ergite amananiiru.
➩Ragaa Dabalataa.
⓷➸Yohaannis 16:27
isin waan na jaallattanii fi Waaqayyoon bira akkan
#dhufe waan #amantaniif, Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin ni jaallata.
➩Jechi
#Amanuu jedhuu immoo Yoh 17:8 irratti ibsamee jira. Kaayyoo inni *
⓸➸Yohaannis 11:27
 Ishiinis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, Ati Kiristoos,
#Ilma Waaqayyoo isa gara #addunyaa dhufu sana akka taate nan #amana” jetteen.
⓹➸Yohaannis 8:24
Ani cubbuu keessaniin ni duutu kanan isiniin jedhes kanumaafi. Sababiin isaas,
#inni dhufu sun ana taʼuu koo hin #amantan taanaan, isin cubbuu keessaniin ni duutu.”
⓺➸Yohaannis 6:68
Nuti ati Ilma Waaqayyoo Isa Qulqulluu akka taate
amanneerra; beekneerras.”
👉jecha
#beekuu 👆jedhu immoo ilma Waaqayyo ta'u beekuudha.
▬▬▬▬▬▬▬
🍇B))➩Jechi Ani Abbaa biraa dhufee jedhuu hoo,maali ibsa
👉Kuni immoo Kiristoos
#qofti Abba bira jirachuu ibsa.
⓻➸Yohaannis 6:46-47
Isa Abbaa biraa dhufe sana malee
#namni_tokko illee Abbaa hin argine; Abbaa kan arge isa #qofa dha.Dhuguma dhuguman isiniin jedha, Anatti kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba.
⓼➸Yohaannis 1:18
Yeroo kamitti iyyuu namni Waaqayyoon arge hin jiru
#ilma_tokkicha isa taʼee fi #Abbaa_bira jirutu waaʼee Isaa nuu ibse.
🌹kanafuu Kiristoos qofti erga Abbaa biraa turee ,inni Kiristoos Waaqa.
▬▬▬▬▬▬▬
🍇C))➩Kiristoos maalif Ergamee namoota fayyisuu.
⓽➸Yohaannis 4:42
isaanis dubartii sanaan, “Kana booda waan ati dubbatteef qofa amanna miti; nuti ofii keenyaa dhageenyeerra; namni kun dhuguma
#fayyisaa_addunyaa taʼuu isaas #beekneerra” jedhan.
▬▬▬▬▬▬
🍇D)➩Kiristoos erga namoota fayyisee booda hoo, eessa deemaa.
👉kara Tessoo isaa, isaa irratti dhufti deebi'a.
⓾➸Yohaannis 6:62
#Ilmi namaa bakka #dura turetti utuu oli baʼuu yoo argitan
maal jettu ree?
▬▬▬▬▬▬▬
▣◊ waligaltii dubbii kee, kani jedhamee Kiristoos Abbaa biraa dhufuu isa kani ibsu ta'u,hubbannee jira, fedhiin Abba namoonni akka fayyanii ,akkasumas
#fedhiin_Kiristoos namoonni akka fayyaniif fi du'a jala akka miliqanif.kunis fedhii Kiristoos isaa Kiristoos dhufee hojjin mirkaneenesse jira
🅾,Yohaannis 6:40
#fedhiin_Abbaa koo namni #Ilma_beekee isatti #amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi; Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”
▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣
➤ link waldaa keenyaa kana xuqaa hordofa👇👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣
🌺 kutaa-77-ffªª.🌺
        🥥.gaafii fi deebi
        🥥.Muslimoota
Yohaannis 17:14
#Ani_dubbii kee isaaniif kenneera; taʼus akkuma ani kutaa addunyaa hin taane, isaanis kutaa addunyaa waan hin taaneef addunyaan isaan #jibbe.
-----------------------
📍gaaffii isaanii.
1➪ Dubbiin kani Kiristoos mitii , inni Abba irraa fudhee dubbata jedhuu.
===========
Deebi keenya👇
Lakkii dubbii Kiristoos
illee jira kani jedhuu ta’a.
❶➛Yohaannis 8:51
Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni
#dubbii_koo eegu hundi matumaa hin duʼu (Mat7:26)👈dubbisi.
kanafi Jechi dubbii koo, jedhuu kani Kiristoos ta'u ibsa guutuummaatti =(my word)
jechi Afaani Girikki jalqaba kitabani kuni ittin bareeffame iyyuu akkasi jedha (ἐμὸν λόγον)    
#ἐμός_λόγος.
▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣
🌺 gaaffii Tokko Muslimoota gaafana " erga dubbii hundi kani Kiristoos miti jettanii dubbii kuni kani eenyutti 👇
❷➛Maatewoos 27:46
Gara saʼaatii sagaliitti Iyyaasuu Kiristoos sagalee guddaadhaan,“Eelii (אֵלִ֣י) Eelii(אֵלִ֣י) laamaa(לָמָ֣ה) saabaaqtaanii?” jedhee iyye; hiikni isaas “Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko maaliif na dhiiste?” jechuu dha.
👉 dubbii kuni kani eenyutti kani Abba mookani Kiristoos
🌺lakki kani Abbati yoo, jeete Abbaan yoomi dubbatee fannoo irratti.😁
▣➪kani Kiristoos yoo,jeete immoo dubbii Kiristoos akka ta’e hubbate jirta.
➪➪➪➪➪➪➪
Eli Eli  jechuun Afaanii Ibraayisxiitti אֵלִ֣י  אֵלִ֣י

Lama Sabaqatani jechuun Afaani Aramic fi Afaan Ibraayisxiitti wajjiin tokko
לָמָ֣ה שְׁבֻ֕קוּ
➪Afaanii Giriikiitiin immoo.
Ἠλὶ ἠλὶ λεμὰ  σαβαχθάνι
Kanafi yeroo dubbisa eloye eloye lama sabaqatan
*
Walumaagalatti dubbii kee,kennafi inni jedhu irratti.
Kiristoos dubbii isaa kami kennafi isaa jedhuu beekuu qabna.
📍dubbii Abbaa kani jedhamee.
1👉 Abbaan Kiristoos ergu isa beeku
2👉 Kiristoos ilma Abba ta'u
beekuu.fi amanu
3👉 Kiristoos nama fayyisuu isa beekuu dha.
isaanii sadan sanii dubbi abbaa kani jedhamee.
ragaa keenya
❸➛Yohaannis 17:8
Ani
#dubbii ati anaaf kennite isaaniif kenneera; isaanis kana #fudhataniiru; Ani #sii bira akkan #dhufes sirriitti #beekaniiru; akkasumas akka ati na ergite #amananiiru.
❹➛Yohaannis 6:69
 
#Nuti ati #Ilma Waaqayyoo Isa Qulqulluu akka taate #amanneerra; #beekneerras.”
❺➛Yohaannis 6:38-40
#Ani_samii irraa kanan dhufe, #fedhii isa na erge sanaa raawwachuuf malee, fedhii ofii koo raawwachuuf miti. Fedhiin isa na ergee immoo, warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti akka ani #duʼaa kaasuuf malee, isaan keessaa tokko illee akka na jalaa baduuf miti.  #Sababiin isaas fedhiin #Abbaa koo namni Ilma #beekee isatti #amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”
❻➛Yohaannis 11:27
Ishiinis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, ati Kiristoos, Ilma Waaqayyoo isa gara addunyaa dhufu sana akka taate nan amana” jetteen.
❼➛Yohaannis 16:29-31
barattoonni isaa akkana jedhan: “Kunoo, ati amma fakkeenyaan utuu hin taʼin ifatti dubbachaa jirta.  Ati wanta hunda akka beektuu fi eenyu illee si gaafachuun akka isa hin barbaachisne amma
#beekneerra. Kanaanis ati Waaqayyo #biraa_akka dhufte #amanneerra.” Iyyasus,Kiristoos deebisee akkana isaaniin jedhe: “Amma #amantaniif?
◉◉◉◉◉◉◉◉◉◉◉◉◉◉
➛ namoonni gowwaan tokko tokko Kiristoos dubbii Abba yoo, jedhuu wanta bira godhanii oddeesaa ooluu.
📍Haata’u malee osuma ta’e iyyuu Abbaan ilmaan deemi namoota fayyisi malee wani bira maali jechuun danda'a. Kiristoos immoo Tole deeme nan fayyise jedhee dhufee.
➑➛Yohaannis 3:35
 Abbaan Ilma ni jaallata, wanta
#hundumaas_harka isaatti dabarsee kenneera.
➒➛Yohaannis 10:28
#Ani_jireenya bara baraa isaaniif nan kenna; isaan matumaa hin balleeffaman; eenyu illee #harka_koo
keessaa isaan hin butatu.
🅾 amma iddoo kanatti Kiristoos afaani isaatin harka kiyyaa keessa hoomtuu hin basu jedhee jira. ❝ kanafuu Kiristoos Waaqa ❞ Sababiin
isa👇
➓➛Iyyoobi 12:9-10
#Harki_Waaqayyo kana akka hojjete,Wantoota kana hundumaa gidduudhaa kan hin beekne eenyu?  #Jireenyi_uumama jiraataa hundumaa, Hafuurri nama hundumaas #harka isaa_keessa jira
🍂🍂🍂🍂🍂🍂🍂🍂🍂
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼||⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
🅰 kutaa-11-ffaa
Gaaffii fi Deebii Islaama
𝙜𝙖𝙖𝙛𝙞𝙞 𝙞𝙨𝙖𝙖𝙣𝙞 « Kitaabni Maarqoos fi ergaa Yohaannis wali faalleessa jedhu

🎥 ragaa isaanii.
➊➻Maarqoos irratti yaa Qulqulluu Waaqayyo jedhani ragaa ba'u
Maarqoos 1:24
akkana jedhe; “Yaa #Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa #Qulqullicha_Waaqaa!”

➋ erga Yohaannis irratti immoo #Iyyaasus kiristoos foonii akka dhufe ragaa ba'u:⁠^⁠)
1 Yohaannis 4:2
Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka #Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti;
▬▬▬▬▬
🕹Deebii keenya hundinuu sirriidha kana jedhuu ta'a

➻jalqaba dura Seexanni ykn hafuura xuraawaan suni Ati Qulqullicha Waaqayyo kani jedhe eenyun jedhee
➻Iyyaasuusin jedhee =ok.
➻jalqaba sagalee turee(sagaleen immoo Waaqayyo turee)  sagalee sanu foonii nama uffaate.=ok.
➻Yeroo kanatti maqaa Iyyaasuus jedhamu argamee.

➊➻Maarqoos 1:23-24
Yeruma sana namichi mana sagadaa isaanii keessaa kan #hafuura xuraaʼaan qabame tokko iyyee akkana jedhe; “Yaa #Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu #balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa #Qulqullicha Waaqaa!

➋➻Yohannis 1:1
Jalqabatti #sagalee ture; sagaleen Waaqa wajjin ture; sagalee sunis #Waaqa ture.

➌➻Maatewos 1:21
#Isheen ilma deessi; atis #maqaa isaa #Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii.

➍➻Roome 8:3
Waan seerri sababii fooniitiin dadhabsiifameef hojjechuu hin dandaʼin, Waaqni #Ilma ofii isaa #bifa_foon cubbamaatiin aarsaa cubbuu akka taʼuuf erguun hojjeteeraatii. Kanaanis inni fooniin cubbuutti mure.

🛑 gara Yohaannis koota immoo yeroo tokkoo.

➎➻1 Yohaannis 4:1-2
Yaa michoota,  #hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa;  #raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru
Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma:  #Hafuurri akka #Yesuus_Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti;

➏➻Yohaannis 6:68-69
Simoon #Phexrosis akkana jedhee deebise; “Yaa #Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati #dubbii jireenya bara baraa qabdaa. Nu akka ati #Qulqullicha Waaqaa taate #amanneerra; beekneerras.”
▬▬▬▬
➐➻Maarqoos 1:25
#Yesuus immoo, #Calʼisii isa keessaa baʼi!” jedhee ifate.

Kiristoos maalif calisi keesa bai jedhan , sababa Seexanni hooji gaarii wani hin qabneef fi maqaa Kiristoos na fayyisee jedhe osoo hin tanee calisee iyyee

➑➻seera.Bau  20:7
#Maqaa Waaqayyo Waaqa keetii akkasumaan hin #dhaʼin; Waaqayyo warra #akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii.

➒➻Yaaqoob 2:18-19
Namni tokko garuu, “Ati #amantii qabda; ani immoo #hojii qaba” jedha.
Ati amantii kee hojii malee na argisiisi; anis hojii kootiin amantii koo sin argisiisa. Akka Waaqni tokkichi jiru ati ni amanta. Kun gaarii dha!  #Hafuuronni_hamoon iyyuu waan kana ni amanu; sodaadhaanis ni hollatu.

➓➻Luqaas 6:46
Isin waan ani jedhu hin hojjettan; yoos maaliif, ‘Yaa #Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jettu?
⓫➻Maatewos 7:21
Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa #raawwatu malee namni, ‘Yaa #Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa samiitti hin galu.

𝙭𝙪𝙢𝙪𝙧𝙖 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙖𝙩𝙞.
➻Kan Maarqoos irraa jiru illee Seexanaani Kiristoosif ragaa ba’e kunis Kiristoos Gooftaa hunda ta'u ibsuf malee ragaa Seexanaa barbachisaa ta’e miti.
(Uumamni hundi waee Waaqayyo beekuu ibsuuf)

⓬➻Hoji duka bu'ota 10:36
Isin ergaa Waaqni karaa Yesuus Kiristoosiin nagaa labsuudhaan saba Israaʼelitti erge sana beektu; #Yesuus Kiristoos kun #Gooftaa_waan #hundaa ti.👈

➻kan Yohaannis irraa jiru raajoota sobduu irraa ofii eega jedha raajonni sobduun immoo humna Seexanaa fi kayyoo dhunfaa isaanii fayyadamni nama wani dogoggorisaanif.

^⁠_gara telegrama_⁠^—⁠☆

👇👇
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha