🌹D𝙚𝙚𝙗𝙞𝙞 𝙢𝙪𝙨𝙞𝙡𝙞𝙢𝙤𝙩𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙥𝙝𝙚𝙚𝙣𝙭𝙚𝙚
2.61K subscribers
56 photos
3 videos
10 files
118 links
“Iyyesuus, ‘Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

ኢየሱስም ከፈሪሳውያንና ከሰዱቃውያን እርሾ ተጠንቀቁና ተጠበቁ፡ አላቸው። (ማቴዎስ 16:6)
Download Telegram
🌺Yohaannis 14:6 🖕🖕🖕
Deebi ➩
#pheenxeefi kename
Dogoggora pheenxee ilaala😄😄😄😜😜😜😜
📍sagalee(voice) gara oli dhageeffadhu🖕🖕
▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭
🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸
link waldaa keenyaa 👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭
🌺 kutaa _ 59 ffªª 🔳
▲▲▲▲▲▲▲▲▲▲▲
📍 Gaaffii fi Deebi
📍Musiliimota
Yohaannis 14:9
Iyyaasuus(Kiristoos) akkana jedheen: “Yaa Filiphoos, yeroo dheeraa hammanaatiif ergan isinii wajjin jiraadhee booda illee, isin amma iyyuu na
hin beeknee?
#Namni Ana arge hundi #Abbaas argeera. Maarree ati akkamitti, ‘Abbaa nutti argisiisi’ jetta?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
👉 Gaaffii isaanii
1= gonkumaa siila Namni Abbaa Argee hin jiruu , Kiristoos immoo akkamitti Namni Ana Arge Abbaa arge jedha
jedhuun ..
Ragan isanii immoo kuno👇
1=sera.Bau 33:20
#Namni fuula koo #arge jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo arguu hin dandeessu
2= 1ximotewos 1:17
Mootii bara baraa isa hin duune, isa
#ijaan hin argamne, Waaqayyo tokkicha sanaaf baruma baraan #ulfinnii fi #guddinni haa ta'u! Ameen
3= 1ximotewos 6:16
Waaqayyo duwwaatu hin du'u, inni
#ifa_homtinuu itti dhi'aachuu hin dandeenye keessa in jiraata; namni takkaa isa #hin_argine, isa arguus hin danda'u. Isaaf #ulfinnii fi #Aangoon bara baraa haata'u! Ameen
4=1Yohaannis 4:12
Yoom iyyuu taanaan namni
#Waaqayyoon_argee beeku hin jiru. Wali #jaallachuu keenya yoo itti fufne, Waaqayyo nu keessa ni jiraata, jaalalli isaas nu keessatti guutuu taa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
📍Deebi keenyaa
🔳
#Namni Waaqayyo Arge jira kan jedhu ta'a
🔳
#Ergamoonni Waaqayyo isa arganii jiruu.
    🌺 Namni Waaqayyo arge
         jirachuu isaa kunoo raga
         Keenyaa kitaaba Qulqul
👉sera Uumama 32:30
#Yaaqoobi , “Ani #Waaqayyoon #fuulleetti nan #arge, garuu lubbuun koo ooleera” jedhe; kanaaf maqaa iddoo sanaa “Pheeni'el” jedhee moggaase*; [“Pheeni'el” jechuun, “Fuula Waaqayyoo” jechuu dha]
👉Seera. Uumama 18:1
Abrahaam yeroo saafaa balbala dunkaana isaa dura taa'ee utuu jiruu,
#Waaqayyo qilxuu Mamree biraa isatti in #mul'ate
👉Sera.Bau 24:10-11
isaan
#Waaqayyo isa kan Israa'el in argan; miilla isaa jala wanta akka dhagaa Safiiros, isa qullaa'aa akka bantii waaqaatu ture*. Inni harka isaa gurguddoota saba Israa'el kanatti hin buufne; isaan Waaqayyoon in #argan, achitti walii wajjin in nyaatan, in dhuganis
👉1 motoota 22:19
Yommus Miikiyaas, “Waaqayyo teessoo isaa irra utuu taa'uu, macci waaqa irraas hundinuu gara mirgaa isaa fi gara bitaa isaa utuu dhaabatanii
#nan_arge; kanaafis wanta Waaqayyo dubbatu dhaga'i
👉iyyoobi 19:26_27
Gogaan dhagna kootii ana irraa qunca'ee, foonis dhagna koo irra hin jiru yoo ta'e iyyuu, ani Waaqayyoon arguuf jira. Ani ofii kootii
#isa_nan_arga; anumatu ija kootiin isa arga malee, kan biraa miti; ani garuu isa yaaduu irraa kan ka'e nan gaggabe

👉Raajii isayaas 6:3
Yommus ani, “Wayyoo kaa! Ani nama arrabni isaa xuraa'e, namoota arrabni isaanii xuraa'e gidduus kanan jiraadhu waanan ta'eef
#iji koos Waaqayyoon mootii maccaa waan #argeef nan bade!” jedhee nan iyye
👉Mul’ata Yohaannis 22:3_4
Magaalattii keessa kana booda abaarsi hin jiru. Kanaa mannaa teessoon
#Waaqayyoo fi teessoon #Hoolichaa magaalattii keessa taa, garboonni Waaqayyoos tajaajila
qulqulluu isaaf dhiheessu; isaan
#fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni barreeffama
   🌺 Ergamoonni immoo
       Waaqayyo arguu isanii
👉Maatewos 18:10
Dhuguman isiniin jedha, maleekonni(Ergamoonni) isaanii warri samii keessa jiran yeroo hunda fuula
#Abbaa koo isa samii waan #ilaalaniif, warra xixinnoo kana keessaa isa tokko akka hin tuffanne of eeggadhaa.
👉Luqaas 1:19
Maleekaan sunis deebisee akkanaan jedheen: “Ani Gabrieel isa
#fuula_Waaqayyoo dura dhaabatu dha; akka ani si haasofsiisuu fi misiraachoo kana sitti himuuf ergameera.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🌹 Kitaabni iddoo tokko irratti Waaqayyo hoomtuu hin argine jedha , iddoo tokko tokko irratti namni fi ergamoonni argaman jecha , kuni walii hin fakkaatu.
Dogoggora kitaaba moo mitii
      🔳 Deebi keenya
Lakki gonkumaa dogoggora mitii jennaa., Kanaaf akkamitti
Yoo, jette immoo............
➩ iddoo Waaqayyo hoomtuu hin arginee jedhuu irraa jechoota inni fayyadame qofa ilaala.👇👇👇
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🌺 itti fufi dubbisi 🌺
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
👉link kana xuqi
@haadha_Waaqa_naJaladha
🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸
Dubbisaa gaarii isiniif Haata’u 👇👇👇
🅰 Fakkeenyaaf
Ser.Bau 33:20. ➩Waaqayyoo ibidda ifa fakkatee yeroo mulatu hoomtuu hin arguu.
1 Xim 1:17* fi 1 Xim 6:16 ➩ifa Waaqayyo fi humna Waaqayyo namni arguu hin jiru jedhe.
kana jechuun Haaluma museen jedhee sana waliin tokkoo.

Yeroo Waaqayyo
#ibidda , #ifa, fi #humna/Aangoo, isaanii  guutuu dhufu namni arguu hin jiruu.
🔳Sera Bau 24:17
Yeroo kanatti
#ulfinni_Waaqayyoo akka #ibidda xaph godhuutti, fiixee tulluu sanaa irraa saba Israa'el duratti in mul'ata ture.
🔳Ibroota 12:29
Waaqayyo keenya
#ibiddaa gubee balleessuu dha.
👉 Fakkeenyaaf yero museen fuulli isaa ifa ibidda fakkatee dhufee sana nami isa argu hin dandeenye.
Seera.Bau 34:30
#Aaronii fi #namoonni Israa'el hundinuu gara Musee yommuu ilaalan, #fuulli isaa akka calaqqise arganii isatti dhi'aachuu in #sodaatan.

Seera. Bau 34:35
Yeroo sanattis namoonni Israa'el gara
#fuula_Musee ilaalanii, fuulli isaa akka #calaqqise argan; Museen hamma yeroo Waaqayyoo wajjin dubbachuudhaaf achi deebi'etti, fuula isaa in haguuggate*( 2Qor 3:7-18)
akkuma museen yeroo fuula ifa ta’en dhufu namni arguu hin dandeenye , Waaqayyo illee akkuma kana turee namni isaa hin arguu.
yeroo immoo fuuli Musee ifa hin ture namni arga turan , akkuma kana immoo yeroo inni ifa, ibidda ,humna/ Aangoo malee dhufee namni ni arga jechudha.

🔳 Yaada musiliimota
1Yoh 4:12 irraa jiruu immo👇
⬇️ 1Yohaannis 4:12
#Namni tokko illee Waaqayyoon takkaa #hin_argine; yoo wal #jaallanne, Waaqayyo nu keessa in jiraata, jaalalli inni ittiin nu jaallatus nu keessatti fiixaan ba'uu isaa ti
🔺➩Deebi keenya🔺
iddoo kana irratti.
Sababa namni Waaqayyo hin argineef jalalaa wani hin qabneef jedhee Yohaannis , garuu namni jalala yoo, qabatee immoo fuula fulaatti Waaqayyo fi Kiristoos ni arga.
🅰➩Yohaannis 14:21
Namni Ana jaallatu, isa ajajawwan koo fudhatuu fi eegu dha. Nama na jaallatu
hunda Abbaan koo ni jaallata, Anis isa nan jaalladha,
#isattis #ifatti of nan #mulisa.
🅱 ➩Yohaannis 14:23
Kiristoos akkana jedhee deebiseef: “Namni na jaallatu
#hundi dubbii koo ni eega, #Abbaan koos isa #jaallata, #nutis gara isaa dhufnee #bakka jireenyaa keenya #isaa wajjin godhanna.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
📍 dubbii kiristoos Namni Ana Argee Abbaa Argee jedhuu immoo immoo hiika akkamii qaban .
🅱🛄 Lamaan isaanii iyyuu Aangoo/Humna, ifa,ibidda tokko  wanii qabaniif
Namni Ana arge Abba arge jedhee
A.))👉Yohaannis 1:18
#Homtinuu #takkaa_Waaqayyoon hin argine, #ilma tokkicha isa abbaa bukkee ture sanatu waa'ee isaa hiikee beeksise malee
=hoomtuu erga Waaqayyo hin arginee Ilmi isa qofati immoo akkamitti isa biraa ture yeroo jennuu ,Ilmi isa Abbaa waajin Aangoo tokko wani qabuuf.
B))👉Ibroota 1:3
Inni(kiristoos)
#ulfina Waaqayyoo ni calaqqisa, eenyummaa isaas #sirriitti #bakka bua, akkasumas waan
hundumaa humna dubbii isaatiin jiraachisa. Inni cubbuu keenya erga qulqulleessee booda, iddoo oli aanaan mirgaa isaan Suurra Qabeessa sanaa taae.
C.))👉 2 Pheexiroos 1:16
#Nuti_humnaa fi argamuu #Gooftaa keenya Iyyaasuus Kiristoos kan isinitti beeksisne, #surraa isaa isa #guddaa ija keenyaan argineen malee,
oduu durii isa soba taee fi haxxummaadhaan uumame hordofnee miti.
D))👉Yohaannis 8:19
Isaanis, “Abbaan kee eessa jira? jedhaniin Iyyasus(Kiristoos) “Isin anas tae Abbaa koo hin beektan. Utuu ana beektaniittu taee, Abbaa koos ni beektu turtan” jedhee deebiseef.
E.))👉Maatewos 11:27
Abbaan koo wanta
hunda anaaf kenneera; Abbaa malee guutummaatti Ilma kan beeku tokko illee hin jiru; akkasumas Ilmaa
fi nama Ilmi isatti mulisuu barbaadu qofa malee, guutummaatti Abbaa kan beeku tokko illee hin jiru.
F.))👉Yohaannis 16:15
Wanti Abbaan qabu
#hundi kan #koo ti. Inni wanta kan koo tae irraa #fudhatee isinitti beeksisa kanan jedhes kanumaafi.
G.))👉Yohaannis 17:10
#wanti kan koo tae hundi kan kee ti; wanti kan kee tae hundis kan koo ti; anis isaan gidduutti ulfina argadheera.
😜  Yoh 14:9 irraa kan jiruu kunoo kana fakkaata,hiika isa
➩kutaa_2ffªª itti fufa.
Yoh 14:9irratti ammas hordofa.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
📍📍📍📍📍📍📍📍📍📍
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🌺Link waldaa keenya kana
Xuqa hordofa👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️
🌺👉 kutaa - 60-ffªª 👈🌺
=======//==========
🔺 Gaafi fi Deebi
🔺 Muslimoota
Yohaannis 14:9
Kiristoos akkana jedheen Yaa
#Filiphoos, #yeroo_dheeraa hammanaatiif ergan isinii wajjin jiraadhee booda illee, isin amma iyyuu na hin beeknee? Namni ana arge hundi Abbaas argeera. Maarree ati akkamitti, ‘Abbaa nutti argisiisi’ jetta
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
👉 gaaffii isaanii
1=Filiphoos Kiristoos argee malee yoomi Abbaa argee jedhuu.....
============
🔺 Deebii keenya.
1=Kiristoos namni ana argee Abbaa argee jechuun isaa Abbaan foonii nama qaba akkuma koo,kana argitee jechuu isa mitii
    Sababiin isaa.
A)). Abbaan gonkumaa foonii nama hin uffaanne Affuurra Qulqulluu wajjin iyyuu.
📍👉 Galatiyaa 4:4
Yeroon murteeffame sun yommuu gautti, Waaqayyo
#Ilma isaa isa #dubartii irraa dhalatee fi seera jala ture erge.
= Kanafuu kani nama irraa dhalate Kiristoos qofaa jechudha , iddoo kana irraa Abbaan akka hin dhalane ibseera.
📍👉Luqaas 1:35
Ergamaan (Maleekaan) sunis deebisee akkana ishiidhaan jedhe: “
#Affuurri_Qulqulluun si irra bua humni Isa Hundaa Oliis si golga. Kanaan kan,kaes mucaan dhalatu Qulqulluu
Ilma Waaqayyoo jedhama
====
➩Affuurri Qulqulluu sii, irraa bu'a,jedhee malee Affuurri Qulqulluun ni dhalataa hin jennee kanafuu Hafuurri Qulqulluun hin dhalane.

➩ ilma Waaqayyo jedhama jedhee malee ,Abbaan ofuma dhalatee ilma ta'a hin jenne.
Kanafuu Abbaan hin dhalane.
▬▬▬▬▬▬▬▬
🅾 gara mataduree keenya deebinaa amma immo.
👉 Kiristoos akkasii jedhe yaa,Filiphoos yeroo dheeraa hanga kana turee akkamitti Ana hin bare jedhe.

🆚 Kiristoos akkasi yoo, jedhuu dubbii hikaa kallattii dubbachaa hin jiruu , Sababiin isaa hiikaa kallattiin yoo,taee Filiphoos fi Kiristoos sirriitti wali beekuu
Kanaafuu Filiphoos wanti haara tae tokko illee hin jiru.

ragaa kitaaba
⓵➩Maatewos 10:3
#Filiphoosii fi Bartolomewos; Toomaasii fi Maatewos isa qaraxa sassaabu; Yaaqoob ilma Alfewoos; akkasumas
Taadewos
⓶➩Yohaannis 1:43
Kiristoos  guyyaa itti aanutti gara Galiilaa dhaquu barbaade.
Achiis
#Filiphoosiin argatee, “Duuka buutuu koo tai” jedheen.

⓷➩Yohaannis 6:5-6
Iyyaasuus(Kiristoos) namoonni hedduun gara isaa yommuu
dhufan oli jedhee ilaalee
#Filiphoosiin, “Daabboo(buddeena) namoonni kun nyaatan eessaa yoo bitne wayya?” jedhe.
Taus kana kan dubbate, Filiphoosiin
#qoruuf malee waan gochuuf yaade #beeka ture.

⓸➩Yohaannis 12:20_21
Namoota bakka ayyaanichaatti waaqeffachuu dhufan keessaa
#Giriikonni tokko tokko jiru turan. Isaanis #Filiphoos isa nama Beetasaayidaa ishii Galiilaa keessa jirtu sanaa dhufetti dhihaatanii, “Yaa
gooftaa, Iyyaasus(Kiristoos ) arguu barbaadna” jedhanii isa gaafachuu jalqaban

⓹➩Yohaannis 14:8
#Filiphoosis, “Yaa Gooftaa, Abbaa nutti argisiisi; kunumti nu ga'a” jedheen.
========||
👇kanafuu rakkoon Filiphoos maali ture yeroo jennuu
Akkuma Kiristoos foonii uffachuu isaa argee sana Abbaa illee akkuma kanatti arguu qaba jedhiti.nutti argisiisi jedhu Isaat akka yaada Filiphoosiit.
▬▬▬▬▬▬▬
Kanafuu Kiristoos qaaman osoo hin tanee Abbaa fi Kiristoos Waaqummaa isaanii tokko wani tannif « Namni
Ana argitee jechuun abbaa argitee jechuu ibsa.»
➩( kutaa -59-ffªª )) dubbisa
➡️ Namni Kiristoos arge Abba argee jechuun kara Waaqummaa qofaan akka ta’e ragaa keenya kuno👇

👉Yohaannis 1:1-3
Jalqaba
#Logos( Λόγος) ture; logos (Λόγος)  Waaqayyoo wajjin ture; logos( Λόγος) waaqayyo ture.Inni jalqaba Waaqayyoo wajjin ture. Wanti
hundi karaa isaa tae; wanta tae
keessaas isa malee wanti tae tokko illee hin jiru.
======
➩Jechi inni jalqabaa waajin turee ,wanti hundi karaa isa ta’e jedhuu ,wa'ee logos(Λόγος) dubbachaa jira, kanafuu Kiristoos hundumaa akka Uumee ibsee.
👉Yohaannis 1:9-10
Ifichi inni dhugaan akaakuu namoota hundaatiif ifa kennu, gara addunyaa dhufuuf jedha ture. Inni addunyaa keessa ture,
#addunyaanis_karaa isaa argame; taus addunyaan
isa hin beekne.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
👉 itti fufi dubbisi ammasi
Kunoo link kan xuqi👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
🌺📍yeroo tokko qofa
Duubisi ammas🌺📍👇

➩kanaa jechuu addunyaa kan Uumme Kiristoos jechuu isaatti.
Addunyaa karaa isaa argee jechuun qaamni bira akka hin jire ifa godhe.
➩addunyaan isaa hin beekne jechuun isaa immoo akkuma rajichi isaayaas jedhee turee.
👉Raajii isaayaas 1:2_3
Yaa samiiwwan, dhagaa
yaa lafaa, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu, Sababiin isaas
Waaqayyo akkana jedhee dubbateera Ani ijoollee nan kunuunse, nan guddises,
Isaan garuu na irratti kaasan.
#Qotiyyoon abbaa isaa,
#Harreenis gooftaa isaa akka gaariitti beeka #Israael garuu na #hin_beeku Sabni koo hubannaa hin qabu.”

👉1Qorontos 8:6
nuuf garuu isa
#wantoonni hundi biraa argamanii fi nutis
kan isaa taane Waaqa tokkicha
#Abbaa qofatu jira; akkasumas, #Gooftaa_tokkichaa isa #wantoonni_hundi karaa
isaa
#argamanii fi nutis karaa isaa argamne Iyyaasuus Kiristoos #qofatu jira

👉Qolosaayis 1:16-18
#wantoonni_samii keessa jiranii fi lafa irra jiran kaan hundi, wantoonni ijaan argamanii fi ijaan hin argamne, teessonis
tae gooftummaan, mootummaanis tae
#Aangoon hundi karaa isaa #uumaman. Wantoonni kaan hundi karaa isaa fi isaaf uumaman. Akkasumas #inni wantoota hundumaa dura dha; #wantoonni kaan #hundi karaa isaa #uumaman
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🌺👉linka waldaa keenya
kana Xuqaa hordofaa 👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➡️🌹kutaa _ 61 _ ffaa 🔳🌹
▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭
🌸 Gaafii fi Deebi
🔳 musiliimota 🚷
Yohaannis 14:10

#Ani Abbaa keessa, Abbaanis Ana keessa akka jiru hin Amantuu ree? Abbaa isa Ana keessa jiraatutu #hojii isaa hojjeta malee, dubbii ani isinitti #dubbadhu hundumaa #ofuma kootiin hin dubbadhu
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
👉 gaaffii isaanii.
1=hojii hundumaa Abbaatu hojjata malee Kiristoos mitii jedhu..
📍=Deebi keenya=
👉 kanafuu dubbii hundi kani Abbati jetuudha ree...

📍#⓵Matewoos 26:34

Iyyaasuus(Kiristoos)“Dhuguman siin jedha, halkan kana kormaan #indaaqqoo iyyuu isaa dura, sia sadii na ganta jedheen.
👉kanafuu dubbii kuni kani eenyuti
A))+ kani Abbaa moo,
B))+ kani Kiristoos.
Lakki kani Abbaa yoo, jette
Pheexiroos Abba gana jechuu keetii ,akkasumas Abbaan Yihuudotaa harka jira jechu keetii.😁

📍#⓶Matewoos 27:46

Gara saaatii sagaliitti Iyyaasus(Kiristoos) sagalee guddaadhaan,“Eelohe  Eelohe laamaa saabaaqtaanii?”
jedhee iyye; hiikni isaas “Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko maaliif nadhiiste?” jechuu dha.
👉dubbii kuni kani eenyuti
A)) kani Abbaa moo
B)) kani Kiristoos
👉Lakki Abbadha yoo, jette Abbaan yoomi
#fanoo irraa oole.
▬▬▬▬ akka dubbisa kanati Abbaani ana keessa ,Anis abba keessa ,hojji isaa kana,abbaatu hojjata, Dubbiin kunis kani isaati malee kiyyaa mitii .Kani jedhee
#Filiphoos Kiristoos mormee Abba nutti argisi jedhee wani dubbatefi . Kiristoos immoo Ani Abbaa keesa ,Abbaani Ana keessa jira
Dubbiin kuni kani isaatti jedhee itti himme (kunis namni ilma argee abba argee kani jedhuu turee)).
📍#⓷Yohaannis 14:8-11
#Filiphos immoo,Yaa gooftaa, abbaa nu argisiisi, kanaa achi nu ga'a” ittiin jedhe Iyyaasuus(kiristoos) deebisee, “Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii wajjin jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? #Namni ana arge abbaa arge; attamitti, ‘Abbaa nu argisiisi’ jetta ree*? #Ani abbaa #keessa, abbaanis ana keessa akka jiru hin amantuu ree? Abbaa isa ana keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta malee, dubbii ani isinitti dubbadhu hundumaa #ofuma kootiin hin dubbadhu*. Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru na #amanaa! Yookiis sababii #hojichuma kana hundumaaf #ana_amanaa
🌺Haaluma wali fakkaata Filiphoos Abba walale Kiristoos waliin dubbatu kana #yihudoota
Wajjin illee dubbate jira.
📍#⓸Yohaannis 5:36

Ani garuu Yohaannis caalaa dhugaa kan anaaf bau qaba; sababiin isaas #hojiiwwan
akka ani hojjedhu Abbaan koo natti kenne, jechuunis hojiiwwan ani hojjechaa jiru kun, akka Abbaan na erge mirkaneessu.
📍#⓹Yohaannis 10:24-25
Yeroo kanatti Yihudoonni isatti marsanii, “Hanga yoomiitti
#qalbii nu rarraasta? Ati Kiristoos yoo taate ifatti
nutti himi” isaan jechuu jalqaban kiristoos deebisee akkana isaaniin jedhe: “Ani isinitti himeera, isin garuu hin amantan
#Hojiiwwan ani
maqaa
#Abbaa kootiin hojjechaa jiru kun, waaee koo dhugaa ni bau
📍#⓺Yohaannis 10:37-38
Egaa Ani
#hojii abbaa koo hin hojjedhu yoon ta'e, anatti hin #amaninaa*. Ani hojii abbaa koo nan hojjedha yoon ta'e garuu, anatti yoo amanuu dhaabaattan iyyuu, hojii kanatti amanaa! Kanaanis abbaan ana keessa, anis abbaa keessa akkan jiru, ba'eessa gootanii in hubattu” isaaniin jedhe
📍#⓻Yohaannis 12:48-50
Nama Ana
#tuffatee, dubbii koo fudhachuu didetti kan faradu jira; dubbii ani dubbadhetu guyyaa isa dhumaatti isatti farada Abbicha isuma na ergetu ofii isaatii waanan dubbadhu na #abboome malee, ani ofuma kootiin hin dubbanne #Dubbiin inni na abboomes, jireenya bara baraaf akka ta'e ani beeka; egaa waanan jedhu, akka abbaan anatti himetta dubbadha” jedhe
👉 yaada xumura👈
Yeroo hundumaa Dubbiin kuni kani Abbaatti malee kiyyaa mitii
Yeroo jedhuu « namoonni yeroo dubbii Kiristoos fudhachuu diddaan akkasii jedhee malee caalise miti»
📍#⓼Yohaannis 1:3_4
Wanti
#hundinuus isumaan ta'e waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e #tokko_illee hin jiru Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture
🪀 erga wanti hundi karaa Kiristoos ta’e dubbii illee kani Isaati abbaa qofaafi miti.
🌼 link walda keenyaa
🌹
@haadha_Waaqa_naJaladha
🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸
🌺Photo kana irraa seeraan dubbisaa.
Afaanii Kitaabni Qulqulluun yeroo jalqabaa ittiin bareeffame Ibraayisxiitti yookiin afaanii Ibrootaa jechudha.
Afaanii Giriikii yookiin beektoota 70 kani hiikame irraa.
Afaani Aramikki irraa kani fudhatamee fi afaanii laatin kallattiin kani hiikame irraa.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Daniel 12:1
#በዚያም ዘመን ስለ ሕዝብህ ልጆች የሚቆመው #ታላቁ አለቃ #ሚካኤል ይነሣል፤ ሕዝብም ከሆነ ጀምሮ እስከዚያ ዘመን ድረስ እንደ እርሱ ያለ ያልሆነ የመከራ ዘመን ይሆናል፤ በዚያም ዘመን በመጽሐፉ ተጽፎ የተገኘው ሕዝብህ ሁሉ እያንዳንዱ ይድናል።
👉 Ayyaana gaarii isiniif Haata’u.
🔳 kutaa -62-ffªª...🔳
🔺gaaffii fi Deebi
🔺Muslimoota🚼
Yohaannis 14:12
Dhuguma dhuguman
isiniin jedha, namni
#Anatti amanu #hundi hojii ani hojjedhus ni hojjeta Ani gara Abbaa waanan dhaquuf inni hojii kana irra #caalus ni hojjeta.
======||
➡️ gaaffii isaanii
1=Kiristoos erga Waaqa ta’e namni akkamitti isaa amanuu isaa caala hojjachuu danda'u jedhuu...
========||×
📍Deebi keenya
Eeyyee inni Waaqa.
🔳 kaaku durii keessatti namoota Waaqayyo caala hojii dinqii hojjataani jiruu ,namoonni kunis Waaqayyotti wani amananiif.
📍Fakkeenyaaf
1➛Iyyaasu ilma nawe
2➛Eliyaas raajicha
3➛Isayaas raajichaa
⓵➩Kitaba iyyaasu 10:12-13
Yeroo waqayyon Israaelota duratti Amoorota injifatetti
Iyyaasuun Israaelota duratti waqayyodhan  akkana jedhe Yaa
#aduu, Gibeon irratti
dhaabbadhu Yaa
#addeessaa, Sulula Ayiloon irratti dhaabbadhu Kanaafuu, sabichi diinota isaa irratti hamma haaloo bautti aduun bakkuma jirtu ni dhaabbatte; addeessis iddoo ishiitii hin #sochoone. Kun kitaaba Yaashaari irratti barreeffameera mitii? Aduun sami #walakkaa bakkuma jirtu ni dhaabbatte; gara guyyaa tokkootiifis lixuudhaaf hin ariifanne Sana #duras tae sana
booda, akka guyyaa sanaatti
guyyaan Waaqayyon sagalee namaa itti dhagae hin jiru sababiin isaas, waaqayon Israaeliif lolaa ture.
⓶➩1motoota 17:1
Yeroo kanatti
#Eeliyaas
Tishbichi inni Giiliyaad keessa jiraatu Akaabiin waqayyo Waaqa Israael isa jiraataa
isa ani tajaajiluun nan
#kakadha, ajaja kootiin yoo tae malee waggoottan kanatti fixeensis tae #bokkaan hin jiraatu jedhe.
⓷➩2 motoota 20:8-11
Hisqiyaas Waaqayon akka
na fayyisuu fi guyyaa sadaffaatti gara mana waaqayyoti akkan oli bau mallattoon argisiisu
maali dha?” jedhee
#Isaayyaasiin gaafatee ture Isaayyaasis deebisee Mallattoon waaqayyo biraa dhufee fi waqahyon wanta dubbate akka raawwatu
argisiisu kana dha Gaaddidduun kortoo irra jiru tarkaanfii kudhan gara fuulduraatti akka deemu moo tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiu barbaadda?” isaan jedhe. Hisqiyaasis
#Gaaddidduun
sun tarkaanfii kudhan gara fuulduraatti deemuun isaa salphaadha tarkaanfii kudhan gara
#duubaatti deebiuun isaa garuu salphaa miti” jedhe. Kanaafuu, Isaayyaas gara Waaqayyotti ni #iyye innis gaaddidduun kortoo Akaaz irra jiruu fi gadi buee ture sun, tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiu godhe.
➡️ Iyyaasuun aduu fi dhabuu isaa,Waaqayyo isa duraa godhee hin beeku.
➡️Eliyaas Waaggaa fi jia 3 dhorkuu isa.
➡️Isayaas gadidduu dubbati tarkaanfii 12 deebisuu isa
🌺Haaluma wali faakataa
⓸➩Hooji duuka buoota 5:3-5
#Pheexiros garuu akkana
jedhe Yaa Hanaaniyaa, Seexanni hafuura qulqulluu akka sobduu fi qarshii laficha itti gurgurte keessaa hamma tokko dhoksitee hambisuuf akka ija jabaattu kan si godhe maaliifi? Utuma hin gurgurin iyyuu kanuma kee hin turree? Erga
gurgurtee boodas wanta barbaadde itti gochuu dandeessa turte mitii? Wanta akkasii gochuuf garaa
keetti maaliif yaadde? Ati namoota utuu hin tain Waaqayyoon sobde Hanaaniyaan yeroo kana dhagau lafa dhaee
#due. Namoonni kana dhagaan hundis guddaa sodaatan
⓹➩Hoji duuka buoota 8:39
Yommuu bishaan keessaa baanis
#hafuurri Waaqayyo battaluma sanatti #Filiphoosiin #fuudhee deeme; sana booda
xuaashichi isa hin argine; taus gammadaa karaa isaa irra buee deeme.
Pheexiroos afaanii isaa qofa dinqii kana raawachuu isa
Filiphoos Affuura Qulqulluun
Deemu barsiisuu fi cuphuu isa.
❤️⤴️ namoonni kuni 5 isaanii iyyuu Waaqayyoti wani amananiif Waaqayyo akka isaanii dinqii guddaa isaa caaluu kana akka hojjatani heyyamefi jira
▬▬▬▬▬▬
link waldaa keenya kana xuqaa hordoffa.
@haadha_Waaqa_naJaladha
🎋🎋🎋🎋🎋🎋🎋🎋🎋
↪️ 🔴 kutaa -63- ffaa 🟤🔲
🔇gaafii fi deebi
🔷Muslimoota
Yohaannis 14:13
Abbaan karaa
#Ilmaa ulfina akka argatuuf, wanta isin maqaa kootiin kadhattan hunda
ani isiniif nan raawwadha.
▬▬
➡️
#gaaffii isaanii Kiristoos ilma kani jedhamuu isaa akkuma namoota kanitti jedhuu
▭▭▭▭▭
➛Deebi keenya.
Jalqabaa duraa hiika ilmaa Kitaabni maali jedha laata isaa ilaala, isaa booda Kiristoos akkamitti ilma jedhama kani jedhuu ilaala.

🌺 ilma Waaqayyo yeroo jennee hiika gargaara qaba,
1 ffaan jalqabaa inni wani Uumeef ilma jedhamu
((sera Uum 1:1))
A)) ergamoonni Waaqayyo ilma Waaqayyo jedhamu
Iyyobbi 38:7
Urjiileen ganamaa yommuu
waliin ililchan,
#Ilmaan_Waaqayyoo hundis gammachuudhaan yommuu iyyan ati eessa turte?
(Iyoobi 1:6),

B)) Seexanni jalqabaa dura ilma Waaqayyo jedhamee ture.
Isayaas 14:12-13
Yaa urjii ibsitu nana, yaa
#ilma_barraaqaa, Ati akkamitti samii irraa;kufte! Ati inni saboota injifatte,Akkamitti muramtee lafa irra ciiste
Ati garaa keetti akkana jettee turte: ‘Ani gara samiiwwaniitti ol nan baa,Teessoo koo urjiilee Waaqayyoo gararraatti ol nan
kaasa,
C)) nifiloonni ilma Waaqayyo jedhamu ture jalqabaa duraa
Seera.Uum 6:4
Bara sanattii fi sana booda Nefiliimonni lafa irra jiru turan. Yeroo sanatti
#ilmaan_Waaqa
dhugaa ijoollee durbaa ilmaan
namootaa wajjin saalqunnamtii
ni raawwatan; isaanis ijoollee
dhiiraa isaaniif ni daan. Ijoolleen isaanii kunis bara duriitti namoota jajjaboo beekamoo taan turan
D)) namni jalqabaa adaami
Ilma Waaqayyo jedhama
Luqaas 3:38
Qaayinaan ilma Eenosh,
Eenosh ilma Seet,
Seet ilma Addaam,
#Addaam_ilma Waaqayyoo
Seera Uum 2:27
Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume*;


2 ffaa akka seera isaati yoo, bultee ilma Waaqayyo jedhamata.
▬▬▬▬▬
A))👉Ermiyaas 31:9
Isaan booaa ni dhufu Fudhatama argachuuf yommuu kadhatanitti deebisee
isaan nan fida Gara yaaaawwan bishaaniitti isaan nan fida Daandii wal qixa taee fi isaan hin gufachiisne irra isaan nan geggeessa.Sababiin isaas, ani Abbaa Israaeli, Efreemis
#ilma koo isa angafaa ti.
Sera Uum 48:13
Kana booddees
#Yoseef isaan lachuu fudhatee, #Efreem isa harka isaa mirgaa ture gara harka #Israa'el isa bitaatti, Minaasee isa harka isaa bitaa ture gara harka Israa'el isa mirgaatti dhi'eesse.
(Seera Uumamaa 46:20)
B))👉maatewos 5:45➛diina kee,yoo,jalate ilma Waaqayyo
C))👉Roome 8:14-15➛Afuura Qulqulluun yoo,jirate ilma Waaqayyo
D))👉2 Qor 6:17-18➛hojii hama dhiste hojii gaariin ilma Waaqayyo
E))👉 Ibroota 12:10➛Ajaja Waaqayyo yoo,fudhate ilma Waaqayyo
F))👉Yohaannis 1:12➛yoo,kani amanamu ta’e ilma Waaqayyo.
G))👉Yohaannis 12:36➛ilmaan ifa
▭▭▭▭
dabalataa👇
isaayaas 45:11,Ermiyaas 3:19*10:20*31:20*
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
👉 hiika biraa ilma jedhamuuf
A))➡️gara foonii dhalachuun
Ser.Uum 4:1
Addaam, Hewwaan haadha manaa isaa bira ga'e; isheenis ulfooftee
#ilma_Qaayeel jedhamu deessee, “Ani gargaarsa Waaqayyootiin nama tokko godhadheera” jette;
B))➡️ilma Seexanaa
Maatewos 8:12
#ilmaan_Mootummichaa garuu dukkana isa alaatti gatamu.
Achittis ni boou; ilkaan isaaniis ni qaru.” (HDB 13:10))
C))➡️ gara sanyiin ilma
Yoh 8:33-37
Isaanis deebisanii, “Nuti
#ilmaan_Abrahaami, eenyuuf iyyuu matumaa garboota taanee hin beeknu. Ati akkamitti ‘Bilisa baatu’ nuun jetta
ree?” jedhaniin
((Farfannaa 105:6))
D))➡️gara jalalaani ilma jedhamta
Yohaannis 19:26
Kanaaf Iyyaasus(Kiristoos) haati isaa fi barataan inni jaallatu achi dhaabatanii yommuu argu,haadha isaatiin
#Dubartii nana, ilaa #ilma kee!” jedheen
E)).➡️gara wadaan ilma jedhamata.
Hdb 3:25
Isin
#ilmaan raajotaa fi #ilmaan
#kakuu Waaqayyo abaabilii keessanii wajjin gale sanaa ti; Waaqayyo Abrahaamiin, ‘Maatiiwwan lafa irraa hundi sanyii keetiin ni eebbifamu’ jedheera.
F))➡️ yoo,guddiste ilma jedhamta
Hdb 7:21
Yommuu gatametti
garuu, intalli Faraoon isa fudhattee akka
#ilma_ishiitti isa guddifte.
G))➡️ gara amantii ilma jedhamta
Galatiyaa 3:7
Warri
#amantiidhaan jiraatan #ilmaan Abrahaam akka taan isin akka gaariitti beektu
1ximotewos 1:2
#Ximotewos isa karaa #amantii #ilma koo isa
dhugaa taeef Waaqayyo Abbaa fi Gooftaa keenya Kiristoos
Iyyaasus(Kiristoos)biraa gaarummaa guddaan, gara laafinnii fi nagaan siif haa tau
((Galatiyaa 4:6-7))
=========
🔳 link waldaa keenya xuqa hordofaa👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
⤴️⤴️⤴️⤴️⤴️⤴️⤴️⤴️⤴️⤴️
🔳 ⤴️ kutaa -64- ffªª ⤵️ 🔳
🔺 gaafi fi Deebi
🔺Muslimoota
Yohaannis 14:13
Abbaan karaa
#Ilmaa ulfina akka argatuuf, wanta isin maqaa kootiin kadhattan hunda
ani isiniif nan raawwadha
======"||
📍gaaffii isaanii
1=Kiristoos ilma kani jedhamuu akkamu namoota kani ilma jedhanii amanu dha jedhu
========||×
🌺 Deebi keenya.🌺👇
Kiristoos ilma kani jedhamuu kani isa kuni gonkuma adda‼️
⓵.)) Kiristoos qofaatu addunyaa Uumamuu ishee duraa jira
📍Yohaannis 17:5
Yaa Abbaa ulfina
#Ani addunyaan #uumamuu isaa dura si biratti qabu sanaan, ati of biratti ulfina anaaf kenni.
⓶.)) ilma Kiristoos qofatu Waaqayyo biraa turee
📍Yohaannis 1:18
Yeroo kamitti iyyuu
#namni Waaqayyoon arge hin
jiru
#ilma_tokkicha isa taee fi
Abbaa bira jirutu waaee Isaa nuu ibse.
⓷.)) Seexanni Kiristoos qofaan ilma Waaqayyo jedhee malee
📍Maarqoos 3:11
#Hafuuronni xuraaoon illee, yommuu isa argan hundatti isa duratti kufanii “Ati #Ilma_Waaqayyoo ti” jedhanii iyyu turan.
⓸.)) Kiristoos ilma Waaqayyo qofa malee eenyu ergamoota erge .namoota walitti qaba
📍Maarqoos 13:27
Innis yeroo sanatti Ergamoota(maleekota) ergee, warra isaaf
#filataman_andaara lafaatii hanga andaara samiitti kallattii arfanii #walitti ni qaba.((Mat 25:31)* luq 21:36
⓹.)) ilma Kiristoos isaa qofaatu samii irraa dhufee malee.
📍Yohaannis 6:62
#Ilmi namaa #bakka_dura turetti utuu oli bauu yoo argitan maal jettu ree?
⓺.)) ilma Kiristoos qofan jireenyi argama.
📍Yohaannis 20:31
Wantoonni kun garuu kan barreeffaman Iyyaasus(kiristoos) dhuguma inni Kiristoosii fi
#Ilma_Waaqayyoo tauu
isaa akka amantaniif, amantaniis karaa
#maqaa isaa jireenya akka argattaniifi.
⓻.)) ilmi Kiristoos illee ergamoota irraa adda akka ta’e
📍Ibroota 1:5
Fakkeenyaaf Waaqayyo maleekota keessaa isa kamiin, “Ati
#ilma_koo ti; ani hara #si #dhalfadheera,” akkasumas “Ani #abbaa isaa nan taa, innis ilma koo ni taa” jedhee beeka?
⓼.)) Kiristoos
#ilma waqayyo jechuu qabu namni hundinuu
📍1Yohaannis 5:5
#Addunyaa mouu kan dandau
eenyu? Isa Iyyasus(Kiristoos)
#Ilma_Waaqayyoo tauu isaa amanu sana mitii?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
👉Kiristoos karaa
#foonii ilma #Abrahaam ,ilma #Daawit,ilma Maariyaami jedhama( Mat 1:1)* (Rome 1:3)* (Ibrotaa 2:15).
🌲kanafuu iddoo kanatti gara foonii ilma isaanii jedhama malee gara Gooftummaa isaa fi Waaqayyummaa isaani ilma isaani miti.
📌Maatewos 22:41_46
#Fariisonni walitti qabamanii
utuu jiranii Iyyasus(Kiristoos)akkana jedhee isaan
#gaafate Waaee #Kiristoos maali yaaddu? Inni #ilma eenyuuti? jedhe Isaanis, #Ilma_Daawiti” jedhaniin Innis akkana jedhee isaan gaafate: Maarree, Daawit akkamitti #hafuuraan geggeeffamee #Gooftaa’ jedhee isa waama? Daawit #Waaqayyo_Gooftaa kootiin, “Ani diinota kee miilla kee jala hamman siif godhutti ati #mirga koo taai” jedheera’ jedhee dubbateera Maarree #Daawit Gooftaa jedhee
erga isa waamee, akkamitti ilma isaa taa? Sana booda namni tokko illee deebii isaaf kennuu hin dandeenye guyyaa sanaa jalqabees namni gaaffii kan biraa isa gaafachuuf ija
jabaate hin turre
🅰 akkuma Daawitif gara
#foonii qofaan ilma ta’e ,gara foonii ilma Abrahaami, ilma Maariyaami, ilma Nohii ni jedhama, garuu gara gooftummaa immoo ilma Daawit miti ,akkasumas ilma Maariyaami miti inni Waaqa fi Gooftaa Maariyaamitti ,Daawitii, Abrahaami malee.
===============
link waldaa keenya xuqa👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
=========//==========
Forwarded from Quality ButtonSCAM
ijoleen Orthodox tewahido hundii akkam jirtuu nagaan waqayyo isiniif haa bayatuu kotaa channeliwan kanaa gadii kessa maal barbaduu?.................👇👇👇
🌺⬇️ kutaa -65- ffªª ⬇️🔳
   📍gaafi fi deebi
   📍musiliimota
Yohaannis 14:16
Ani Abbaa nan kadhadha Abbaanis inni bara baraan akka isinii wajjin jiraatuuf kani isin jajjabeessu isiinif ni kenna

==================
📍gaaffii isaanii
1=kani jajjabeessu kuni
#muhammadi jedhuu.
=======*
🔳 deebi keenya
📍Lakki muhammadi miti , inni Affuurraa Qulqulluudhaa malee.
▲▲▲▲▲▲
➩ Fakkeenyaaf kuni sobaa ta'u isaa hubbachufi. Jalqabaa dura dubbii kana kani dubbate Kiristoos , Kiristoos immoo kani dubbate barattoota isaa 11 qofaatti , baratoonni Kiristoos immoo kani jiran iyarusalemi keessa yookiin
#Israa'el keessa
➩ muhammadi immoo kani jiratu biyya
#Arabaa keessa. Kanafuu eessaati walitti dhufuu ,laata
Biyyaa Israa'el jechuun biyya Arabaa jechudha laataa 😁

🔳 inni bira immoo barattooni Kiristoos bara34-100 jidduu barattoota jiracha turanii.
Muhammadi dhalate waggaa 40 tti barsisuu eeggale
Amanta musilima bara 610 tti ,
Isaa booda 700 irraa eeggale jedhee jedha seena Islaama
(ragaa kiyyaa .
#how_islama_started)) jedha Google irraa ilaala))

➩kanafuu baratoonni Kiristoos bara 34_100 erga jirtanii ,muhammadi bara 610 erga dhufee ,akkamitti wali argani muhammadi isaan jajjabdessu dandae laata....
👉yookaan gaaffii keenya sila Kiristoos barattoota isaatiin jedhee, barattoota Kiristoos keessa tokko immoo Pheexiroos ,kanafuu Pheexiroos fi muhammadi wali argamanii jiru jennee gaafana😁
Deebi gonkumaa hin jiru Kanaaf kuni soba.
▲▲▲▲▲▲▲▲▲▲▲
🔳 garuu Kiristoos kani jedhee afuurra Qulqulluudhaa malee muhammadi mitii
Yohaannis 14:16-17
Ani Abbaa nan kadhadha Abbaanis inni bara baraan akka isinii wajjin jiraatuuf kan isin jajjabeessu  isiniif ni kenna innis 
#Affuurra_dhugaa sia tau, #addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef fudhachuu hin dandau. Taus inni isinii wajjin waan jiraatuu fi isin keessa waan jiruuf #isin isa ni beektu.
👉 kanafuu Yohaannis 14:16* irraa kani jiruu Yohaannis 14:17 irratti qaamni kuni eenyu akka ta’e ifa godhee jira.
▲inni bira immoo Kiristoos abbaa nan kadhadhaa jedhe ture , Sababa maalif kadhata Abbaan hin beekuu mooRaajii iyyuel dubbate hin turee kana duraa ,Eeyyee dubbate jira.
Iyyuel.2:28
Waaqayyo ammas, “Bara booddeetti
#ani_hafuura koo #nama hundumaa irratti nan dhangalaasa #ilmaan keessanii fi #intaloonni keessan #raajii in dubbatu, maanguddoonni keessan abjuu in abju'atu, dargaggoonni keessanis mul'ata in argu
➩kanafuu Kiristoos Abbaa nan kadhadhaa jechuun isaa dubbii rajji kana akka rawwatamu ,
Nan godha jechuu Isaati maalee
👉akkuma Kiristoos yaa, abbaa hojji ati lafa irratti nati kinneete xumure jira jedhu, dubbi raji kana immoo isaa tokko turee Innis yaa, rawwatamuu jechu Isaatii.
Yohaannis 17:4-5
Ani hojii akkan hojjedhu anaaf kennite xumuree, lafa irratti ulfina sii kenneera.
Kanaaf, yaa Abbaa ulfina ani addunyaan uumamuu isaa dura si biratti qabu sanaan, ati of biratti ulfina anaaf kenni
Luqaas 24:49
#Ani wanta #Abbaan koo
#abdachiise isiniif #nan_erga Isin garuu hanga #humna gubbaadhaa dhufu uffattanitti magaalattii keessa turaa.”
👉kanafuu nan kadhadhaa jechuun isaa nan erga jechudha maalif yoo,jeetani kani humna kani jedhamee afuuraa Qulqulluu dha, kanafuu. Magaalaa kana keessa tura jedhee ture, afuurri Qulqulluu immoo guyyaa 50ffaa irratti buefi

🅰Inni bira immoo Kiristoos fakkeenya nuufi ta'uf ,Abba nan kadhadha akka Afuura isiniif kennuuf jedhee., malee Kiristoos ofuma isaa Affuurra Qulqulluu kennuuf Aangoo qaba.
Yohaannis 20:22
Erga kana jedhee booda
#Affuura isaanitti baafatee akkana isaaniin jedhe: #Affuura_qulqulluu fudhadhaa
🅾 Walumaagalatti waee muhammadi gonkumaa akka hin jire akkasumas, Kiristoos abbaa nan kadhadhaa jechuun isaa hojii Abba koo,nan rawwadha jedhu isaatti ,yookiin akkuma Abbaan Affuura Qulqulluu erguu anis nan erga jechuu isaa akka ta’e ni hubbanna, akkuma Kiristoos jedhe « akkuma Abbaan hanga amma hojjatu ,ilmi illee haluma kani hanga amma ni hojjata jedha.»
Yohaannis 5:17
#Abbaan koo hanga ammaatti hojjechaa jira;#anis nan hojjedha” jedhee isaaniif deebise.
🅱Kutaa -56- ffaa dubbisaa
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha/546
======//========