🌹D𝙚𝙚𝙗𝙞𝙞 𝙢𝙪𝙨𝙞𝙡𝙞𝙢𝙤𝙩𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙥𝙝𝙚𝙚𝙣𝙭𝙚𝙚
2.5K subscribers
54 photos
2 videos
9 files
113 links
“Iyyesuus, ‘Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

ኢየሱስም ከፈሪሳውያንና ከሰዱቃውያን እርሾ ተጠንቀቁና ተጠበቁ፡ አላቸው። (ማቴዎስ 16:6)
Download Telegram
🅱 kutaa-69-ffªª🌺
▲➩ gaaffii fi Deebi
▲➩ Muslimaa
Yohaannis 15:1
Ani muka wayinii isa dhugaa ti, kan dhaabe immoo
Abbaa koo ti.
▬▬▬▬▬▬▬
1=gaaffii isaani Kiristoos muka waynii malee Waaqayyo miti jedhuu...
▬▬▬▬▬//
➩Deebi keenya.
➛jalqabaa duraa hiika waynii ergaa xumuree booda gaaffii isaanii deebi itti kennina.
============
🅰➩hiikaa waynii
1))➛waynii
#biqiltuu lafa biqiltuudha.
Ser.Uumama 9:20-24
2))➛wayni kana
#dhugamu dha.
Sera.uumama 9:24 * ser.Uumama 27:25
3))➛wayni muka
#guddaa ,kani humna qabuu
seera.Uumama 40:11
*49:11,seera.Bau 23:11
4))➛Wayni
#Aarsaaf kani dhiyyatu.
Sera.uumama 14:18
sera Bau 22:29
ser.lakkoofsa 15:5-10 .
1Samu'eel 1:24
5))➛Wayni kani nama
#macheessu.
seera Lewwota 10:9
sera.lakkoofsa 6:3
Kitaba-fakkeenya 20:1* 21:17 * 23:20*
6))➛waynii
#Dimaa ta'u isaa
Sera.keessa.deebi 32:14 , kitaba-fakkeenya 23:31.
7))➛guyyaa
#Ayyaana kani dhugaanii
Kitaaba-murtii 9:27
8))➛waynii
#nyaatafi ni fayyada
1sena.bara 12:40 *
1sena.bara 16:3* isayaas 16:7 * hoose 3:1
9))➛waynii
#gosti_gargaara jirachuu isaa.
Kitaba-Nahimiiyaa 5:18
10) waynii
#dhanga'an jirachuu isaa.
Ruuti 2:14 *Ermiyaas 31:29 , Hisqi'el 18:2, Maatewos 27:48, Maarqoos 15:36
Luqaas 23:36 ,Yohaannis 19:29
11))➛waynii
#garaa_Qulqulluun dhuguma ,kitaaba-lallabaa 9:7
12)➛Waynii nama
#gammachiisaa
Kitaaba-Aster 1:10
Farfannaa104:15
kitaaba-lallabaa 2:3
13)➛
#uffaanni waynii jiraachuu isaa
isayaas 63:2
14)➛
#Naaziroonni waynii gonkumaa hin dhuganii.
Amosi 2:12 * ser.lakk 6:2-3
15)➛waynii
#qorichaf ni fayyadamuu.
Luqaas 10:34
1ximotewos 5:23
▬▬▬▬▬▬▬▬
🅱,fakkeenya waynii
⓵)➩
#namni jalaan waynii ni fakkaata.iyyoob 15:33* 24:18
isayaas 5:2 * iyyuel 3:13
⓶)➩
#Rakkinni wayni fakkaata
Farfannaa 60:3
⓷)➩
#dheekkamsi Waaqayyo wayniin ni fakkeeffama.
Farfannaa 75:8 , Ermiyaas 25:15
Mul’ata 14:10
⓸)➩
#sabni Israa'el waynii ni fakkeeffama .
Farfannaa 80:8 ,hoose 10:1
⓹)➩
#dubartiin ykn haati mana wayniin ni fakkeefati
Farfannaa 128:3 *Hisqi'el 19:10
⓺)➩
#jalali waynii ni fakkeefama
Kitaaba-weddu 1:4
⓻)➩
#namni waynii ni fakkaata
Isayaas 5:4_7 * Ermiyaas 2:21
Ermiyaas 8:13 * hoose 14:7
sefoniyaa 1:12.
Maatewoos 21:34-41
⓼)➩
#Seexanni wayniin ni fakkaata.
Isaayaas 34:4
⓽)➩
#cubbuun wayniin ni fakkata.
Ermiyaas 51:7 Mul’ata 14:8_10
Mul’ata 17:2* Mul’ata 18:3.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
waldaa keena hordofuu yoo,barbade link kana xuqaa
👇👇👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺
🅱kutaa-70-ffªª.👇🅱🍃
=👉gaaffii fi deebi
=👉Musiliimota
Yohaannis 15:1
Ani muka wayinii isa dhugaa ti, kan dhaabe immoo Abbaa koo ti.
===================
#Gaaffii isaanii.
1➩Kiristoos Waaqayyo mitii muka waynii tti malee jedhuu
🏥 Deebii keenya.
Lakki kuni fakkeenya malee dhuguma muka wayni isaa lafaa biqiluu sana mitii kani jedhuu ta'a.
📍Fakkeenyaaf sabnii Israa'el waynii ni fakkaata. Ture.
👉Farfannaa.Daawit 80:8-9
#Mukti_wayinii #Gibxii keessaa akka baʼu goote. #Saboota(Uumata) #ariitees isa dhaabde Ati iddoo isaaf ni qopheessite, Innis #hidda godhatee biyyattii guute
➛𝑘𝑎𝑛𝑎𝑎𝑓𝑖 𝑘𝑖𝑟𝑖𝑠𝑡𝑜𝑜𝑠 𝑚𝑢𝑘𝑎 wayni 𝑘𝑎𝑛𝑖 𝑗𝑒𝑑ℎ𝑎𝑚𝑒 # 𝑓𝑎𝑘𝑘𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎𝑓i male 𝑤𝑎𝑛𝑡𝑎 𝑏𝑖𝑟𝑎𝑓 𝑚𝑖𝑡𝑡𝑖.
🅱 musiliimonni lakki fakkeenya mitii yoo, jedhan immoo .nutti gaaffii qabna Kiristoos samii irraa dhufee (Yohaannis 3:13) kanafuu wayni samii irraa ni biqila jenne gafana
Eeyyee yoo,jedhanii raga fidi
Ragaa hin qabdu yoo,ta’e immoo ni sobda
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➩gara mata duree keenya yeroo deebinu « Kiristoos maalif muka waynii ofiin jedhee »
🌺Sababaa
#Tokkoffaa(-1ffªª)
Kiristoos waaee malummaa isaa yeroo ibsu Fakkeenyaaf wani fayyadamufi.
➩Ani bishaanii jireenya kenuu ofin jedha
👉Yohaannis 7:37-38
#Guyyaa xumuraatti jechuunis guyyaa ayyaanichaa isa guddaatti #kiristoos dhaabbatee sagalee isaa olii kaasee akkana jedhe: “Namni #dheebote yoo jiraate, gara #koo dhufee haa dhugu. Akkuma Kitaabonni Qulqulluun jedhan, anatti kan amanu kam iyyuu, #Lagni_bishaan jireenya kennuu isa keessaa ni yaaʼa.’”
(Yoh 4:13-14)
➛akkuma bishaanii jireenya kenuu jedhuu kana immoo Ani waynii dhugumaati ,ana malee jireenya hin qabdiin jedha.

👉Yohaannis 15:5
#Ani_muka wayinii ti,isin immoo dameewwan isaa ti. Namni Anaa wajjin tokkummaadhaan jiraatuu fi anis isaa wajjin tokkummaa qabu hundi #firii hedduu ni godhata sababiin isaas isin Ana #irraa_gargari baatanii matumaa homaa gochuu #hin dandeessan
➩akkuma namni bishaanii malee hin jiraanne halumma kana Kiristoos malee jirachuu hin danda'u.
Kiristoos ana malee hoomaa gochuu hin dandeessani ergaa jedhe kuni enyuu laata
A=Waaqa moo
B=Nama laata
deebiin isaa Kiristoos Waaqa ta'u isa ibsaa kuni.
Akkuma jalqabaa waynii jirate isaa booda immoo damee wayni jiruu. ❝ kuni immoo Kiristoos malee namni kamiyyuu jireenya akka hin qabnee ibsaa.❞
👉Efesoon 2:12
isin yeroo sanatti saba Israaʼel irraa fagaattanii, kakuu abdichaa sanaaf keessummoota taatanii
#Kiristoos_malee jiraachaa turtan; addunyaa keessattis abdii malee fi #Waaqayyo_malee jiraachaa turtan.
🌺Sababa
#lammaffaa(-2ffªª.)
Kiristoos wayni kani fakkaatee .
Jalali Kiristoos akka wayni kani mi’aawaa wani taeef.
👉Farfannaa.Daawit 34:8
Waaqayyo
#gaarii taʼuu isaa #dhandhamaa ilaalaa; Namni isatti kooluu galu gammadaa dha.
👉1Pheexiroos 2:3
isin
#Gooftaan_gaarii taʼuu isaa dhandhamtaniittu.
👉Roome 8:35
#Jaalala_Kiristoos irraa gargar nu baasuu kan dandaʼu eenyu? Rakkina moo, dhiphina moo, ariʼatama moo, beela moo, daaruu moo, balaa moo goraadee dha?
🌺sababa
#sadaffaa(-3ffªª)
Akkuma Ani Qulqulluu ta’e isaan immoo Qulqulloota ta'a akkuma jedhamuu.(1Phex 1:15)
kana yeroo jedhuu jalqabaa Qulqulluu ta'u qaba,
hasluma wali fakkata jalqaba dura kiristoos wayni tau qaba isaa booda namooni kuni damee wayni ta'u( Yoh15:4
▬▬▬
Jechi immoo wayni kani dhabee Abbaa kooti jedhuu ,immoo Kiristoos Ani Abbaa irraa dhaladhe jedhee jedhu ibsaa.
👉Farfannaa 2:7
Labsii Waaqayyo nan labsa Inni akkana naan jedhe: “
#Ati_ilma koo ti; Ani harʼa si #dhalcheera
(Ibroota 1:5-6).
erga kiristoos Abbaa irraa
#dhalate dhufe Kiristoos fakkeenya waynii  ta’e #Abbaan illee fakkeenya #wayni ni jedhama.ta'a
Sababii isaa Kiristoos fi Abbaan Tokko wani ta'aniif.
👉Yohaannis 10:30
#Anii fi #Abbaan tokko dha.
akkuma Kiristoos jireenya kenuu Abbaan illee jireenya keena ,kanafis Yohaannis akkasii jedhee.
👉1Yohaannis 5:11-12
Wanti inni ragaa baʼes isa kana,
#Waaqayyo_jireenya bara baraa nuu kenneera, jireenyi kunis #Ilma isaa keessa jira Namni Ilma sana qabu jireenya kana qaba namni Ilma Waaqayyoo hin qabne jireenya kana #hin qabu.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
▲link kana xuqaa qabxiiwwan jiran hordofuu dandeessu.
@haadha_Waaqa_naJaladha
▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭
🅾 kutaa-71-ffªª .🌺
     🌻➛Gaaffii fi Deebi
     🌻➛Musiliimota
Yohaannis 15:10
Akkuma
#Ani_ajajawwan Abbaa eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis ajajawwan koo yoo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu.
▬▬▬▬▬▬▬
➩gaaffii isaanii.
1=Kiristoos Waaqayyo mitii inni ajajaa Waaqa eegga malee jedhu
▬▬▬▬▬▬
📍deebii isaa :
Jalqabaa Kiristoos Waaqayyo dha, ajajaa kani basuu Abbaa qofaa mitii ,Kiristoos illee ajaja ni baasa. Sababiin isaa Kiristoos akkasi wani jedheefi
« akkuma Abbaan hojjatu ilmi irree Haaluma walifakkaatan ni hojjata jedhee.
Fakkeenyaaf*
Ajajaa gosa tokko yoo,ta’e.
Kiristoos illee kani biraa hin fidu tokkummaa malee. Yoo,Lakki ajaja gargaara jedhete immoo dubbii Kiristoos faalleessaa deemta jechuudha, ❝ sababin isa Haaluma wali fakkataan hojjadha jedhee malee ,kani biratti(gosa birati) hin jennee  inni❞
👉Yohaannis 5:19
Iyyaasus(kiristoos) akkana jedhee isaaniif deebise: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha,
#Ilmi waanuma Abbaan isaa #yeroo hojjetu arge qofa malee, ofii isaatiin kakaʼee wanta tokko illee hojjechuu hin dandaʼu. Sababiin isaas waanuma #Abbaan hojjetu hunda, Ilmis haaluma
#wal_fakkaatuun
wantootuma sana hojjeta.
📍kanafuu Kiristoos jalqabumaa ajaja Abbaa wajjiin basa malee kophaa isaa mitii.
👉Yohaannis 8:16.
Abbaan inni na erge
#Anaa wajjin waan jiruu fi #Ani_kophaa koo waanan hin taaneef, utuma ani murteessee illee murtiin koo dhugaa dha.
➩ erga Kiristoos ajaja basee immoo ajaja sana eeggu qaba.

♈️ Jechi Ani akkuma ajajaa Abbaa
#eeggu jedhuu"
immoo Kiristoos nuufi
#fakkeenya ta'uf gadi ofi qabe hiyyeessaa ta’e. Akkasii jedhe.malee Wanta birafi miti.

👉2.Qorontos 8:9
#Sababiin isaas, isin #gaarummaa #Gooftaa keenya Iyyaasus Kiristoos isa guddaa beektu; #inni_sooressa taʼus, isin karaa hiyyummaa isaa sooreyyii akka taataniif isiniif jedhee #hiyyeessa taʼe.

🅱 inni bira immoo Ani jalala abbaa keessa, isin immoo jalala koo,keessa jiradha yero jedhuu immoo
*Fakkeenyaaf.
Yoo,Kiristoos jalate ,abbaa jalate jechudha Haaluma wali fakkaata yoo Kiristoos jibbitee Abbaa jibbitee jechudha.
➩qabxiiwwan nuuti hubbaannu jalali abbaa kana biraa ta’e ,jalali Kiristoos nuu,jalate  gosa kani biratti jechuu miti .
👉Yohaannis 15:23
Namni na jibbu hundi Abbaa koos ni jibba.

🅰 Kiristoos Abboommii yookiin ajjaja koo, eegga jedhe jira.
👉Yohaannis 14:15.
 “Isin yoo na
#jaallattan #ajajawwan_koo(Abboommii koo) ni eegdu.
ergaa akkasii ta’e immoo Kiristoos Waaqayyo jechudha. Yohaannis akkasi jedhee.jira Waaqayyo jalachu jechuun ajaja isaa yookiin abboomi isaa eeggudha jedhee.
👉1 Yohaannis 5:3.
#Waaqayyoon jaallachuu jechuun #ajajawwan isaa #eeguu dha; ajajawwan isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti;
▬▬▬▬▬▬▬▬
waldaa keenyaa hordofuu
Yoo,barbada kan xuqi👇👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
🅰 kutaa-72ffªª. 🌺
      🪴➛Gaaffii fi Deebi
      🪴➛Musiliimota
Yohaannis 15:15
Garbichi tokko wanta Gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef,
Ani kana booda garboota jedhee isin hin waamu. Kanaa mannaa,
#Ani wantan #Abbaa koo irraa #dhagae_hunda waanan isin beeksiseef michoota jedhee isin waameera.
▬▬▬▬▬▬
➛ gaaffii isaanii
1= Kiristoos wanta dubbatu hunda Abbaa irraa fudha malee ofii hin beekuu jedhanii
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
1️⃣ Deebii keenyaa.
Lakki Dubbiin kani Kiristoos. Tau irree ni mirkaneessina
Yohaannis 6:68
Simoon Pheexirosis akkana jedhee isaaf deebise: “Yaa Gooftaa, gara eenyuu dhaqna? Ati
#dubbii_jireenya bara baraa #qabda.
👉 akka dubbisaa kanatti dubbii jireenya eenyutu qabadeebii isaa Kiristoos jechudha. Erga,dubbii jireenya Kiristoos irraa argamee maaali sii,barbachisaa ree. Kana oli.

Yohaannis 6:63
Jireenya kan kennu
#Afuura  foon faayidaa tokko illee hin qabu. #Dubbiin ani isinitti dubbadhe Afuura, akkasumas #jireenya.
Yohaannis 6:27
Nyaata baduuf hin
#hojjetinaa; kanaa mannaa nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisuuf, isa #Ilmi_namaa isiniif #kennu sanaaf hojjedhaa; sababiin isaas, Waaqayyo Abbaan chaappaa isaa Ilma irratti godhee #mirkaneesseera.”
Matewoos 7:24.
namni
#dubbii_koo kana dhagaʼee hojii irra oolchu, nama hubataa mana isaa qarsaa irratti ijaarrate fakkaata.
👉osoo Dubbiin kuni kani Kiristoos ta'u baatee maalif dubbii koo jedha ree?, dubbii Abbaa koo,jedhu didee ?
👉Walumaagalatti dubbiin Kiristoos illee akka jiruu ni ibsaa.
▬▬▬▬▬▬▬▬
🅱 gara mataduree keenya yoo,deebinu
Kiristoos maalif dubbii Abbaa irraa dhagaee hunda isinitti nan himma jedha ree, isaa jedhuufi

A))➩Sababa,Tokkoffaa(-1ffaa)
=Dubbiin Abbaa fi ilma Tokko wanii ta’efi. ❝ kani Abbaan qabuu kani ilma ,kani ilmi qabuu hundi kani Abbaatti ,kanafuu kani Abbaas yoo,jedhe rakkina hin qabu❞.
👉Yohaannis 17:10
wanti kan
#koo taʼe #hundi kan kee ti; wanti kan #kee taʼe #hundis kan koo ti; Anis isaan gidduutti ulfina argadheera.

B))➩Sababa lammaffaa(-2ffaa)
Kiristoos akkasii kani jedhee kabaja isaa ibsuuf turee. kunis dhugaa Kiristoos akka ta’e mirkaneessuf turee
👉Yohaannis 7:17-18
Namni fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadu kam iyyuu, barumsi kun Waaqayyo biraa akka dhufe yookiin
#Ani_ofii kootiin kakaʼee kanan dubbadhe taʼuu fi dhiisuu koo ni beeka. #Namni ofii isaatiin kakaʼee dubbatu hundi ulfina mataa isaa barbaada; namni ulfina isa isa erge sanaa barbaadu hundi garuu, inni #dhugaa dha;  #jalʼinnis isa keessa hin jiru.

C))➩Sababa sadaffaa(-3ffªª)
Kiristoos akkasii kani jedhee Abbaan biraa gara namoota  dhufu isaa mirkaneessuf.kunis yeroo abba biraa turee kani arge dubbachuu isaatti
👉Yohaannis 8:38
#Ani wantoota yommuun Abbaa koo #wajjin turetti #argen dubbadha; isin garuu wantoota abbaa keessan irraa dhagessan hojjettu.”
👉iddoo kana irratti Kiristoos Ana qofatu Abbaa arge malee kani bira hoomtuu hin jiru jedhee jira.
👉Yohaannis 6:46
#Isa_Abbaa biraa dhufe sana malee #namni tokko illee Abbaa #hin_argine; Abbaa kan arge isa #qofa dha.
▲kanafuu kuni eenyu ree, Kiristoos qofaa jechudha,erga akkasii ta’e Abbaa wajjiin ture inni dhuguma Kiristoos Waaqa.

D))➩Sababa afuraffaan(-4ffaa).
duuka bu'oota keesaa tokko tokko jechunis obbolota,Kiristoos,yihudoota keessa
,Fariisonni keessa dubbii Kiristoos fudhachuu irratti dubbati jedhu turee yookiin akka salphaatti ilaalu yookiin itti hin amanani ture yeroo kan immoo Kiristoos dubbiin kani abbati jedha.
👉Yohaannis 7:5.
#Obboloonni isaa illee isatti hin #amanne turan.
👉Yohaannis 7:47-48
#Fariisonni immoo deebisanii akkana jedhan: “Isinis ni gowwoomfamtanii?  Bulchitoota yookiin Fariisota keessaa tokko illee isatti kan #amane jiraa?.
👉Yohaannis 10:24-25
#Yihudoonni isatti marsanii, “Hanga yoomiitti qalbii nu rarraasta? Ati Kiristoos yoo taate ifatti nutti himi” isaan jechuu jalqaban Iyyasus(Kiristoos) deebisee akkana isaaniin jedhe: “Ani isinitti #himeera, isin garuu #hin_Amantan. Hojiiwwan ani maqaa Abbaa kootiin hojjechaa jiru kun, waaʼee koo dhugaa ni baʼu.
👉Yohaannis 12:48-49
Nama Ana
#tuffatuu fi dubbii koo hin fudhannetti kan murteessu tokko jira. Dubbii ani dubbadhetu guyyaa dhumaatti isatti murteessa. Sababiin isaas, wanta Ani jedhuu fi wanta Ani dubbadhu #Abbaa isa Ana erge sanatu na #ajaje malee, ani ofii kootiin kakaʼee hin dubbanne.

E))➩Sababa shanaffaa(-5ffaa)
gadi ofii qabuu isaa, ibsuuf
👉Yohaannis 8:54
Iyyaasus(kiristoos) deebisee akkana jedhe: “Ani yoon
#ulfina ofiif kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Inni ulfina anaaf kennu, #Abbaa koo isa isin Waaqa keenya jettan sana dha.
👉yeroo inni dubbii kuni kani Abbaati jechuu ofi gadi qabe,
Abbaan immoo ilmaf ulfina keenna.
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻
🅾 𝑤𝑎𝑙𝑑𝑎 𝑘𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎 ℎ𝑜𝑟𝑑𝑜𝑓𝑢𝑢 𝑦𝑜𝑜,𝑏𝑎𝑟𝑏𝑎𝑑𝑒 𝑘𝑎𝑛𝑎 𝑥𝑢𝑞𝑖👇👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼||⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
🅰 kutaa-73-ffªª .🅰
     👉 gaaffii fi deebi
     👉 Musiliimota
Yohaannis 17:3
Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa
#Waaqa dhugaa #tokkicha taatee fi #Iyyaasuus_Kiristoos isa ati #ergite sana beekuu qabu.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
gaaffii isaanii 👇
1= Waaqa Tokkicha jira ,Kiristoos immoo Eegamadha jedhuu.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼//⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
Deebii keenya.
🌾 Lakki lamanuu isaanii iyyuu Waaqa kani jedhuu ta'a.
Fakeenyaf Kiristoos iddoo itti waaqa jedhamee. Ilaala.
⓵➧Yohaannis 20:28
Toomaasis deebisee, “Gooftaa ko,
#Waaqa koo!” jedheen.
👉Abbaan immoo iddoo itti Waaqa jedhamee.
⓶➧Yohaannis 8:54
Iyyaasuus Kiristoos deebisee akkana jedhe: “Ani yoon ulfina ofiif kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Inni ulfina anaaf kennu,
#Abbaa koo isa isin #Waaqa keenya jettan sana dha.
🌺 Kanaafuu Abbaa fi ilmi Waaqa =ok.☑️
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
🧣gara mataa duree keenyaatti yeroo deebinuu immoo.
🪖
#Hiika Yohaannis 17:3 jecha tokko tokkoon ilaala.

📍A))👉⁼Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa
#Waaqa dhugaa #tokkicha taatee fi #Iyyaasuus_Kiristoos isa ati #ergite sana beekuu qabu.
👉 jireenya bara bara kani keenuu eenyu Abbaa mooKiristoos
Deeebi isaa akka dubbisa kanatti Abbaa fi Kiristoos ibsa Sababiin isaa " waliqabisisuutu
#fi yookiin afaanii Ingiliffaatiin #and * Afaanii Giriikiitiin (καί)  seeri afaanii kuni fi yeroo hunda yaada dabalataa ibsuuf fayyada.
⓷➧Yohaannis 20:31
Wantoonni kun garuu kan barreeffaman Iyyasus kiristoos dhuguma inni Kiristoosii fi Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa akka
#amantaniif, amantaniis karaa #maqaa isaa #jireenya akka argattaniifi.
⓸➧Yohaannis 6:40
fedhiin
#Abbaa_koo namni #Ilma_beekee isatti amanu #hundi_jireenya bara baraa akka qabaatuufi; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”

🌺 kanafuu jireenyaa bara bara kani kennuu Abbaa fi ilma,erga ta’e ,Abbaa fi Kiristoos Tokko jechudha.😁

📍B))👉⁼ hiika bira immo ❝ sii, isa
#Waaqa dhugaa #tokkicha taatee ❞
👉iddoo kana irratti Waaqa tokkicha kani jedhamee
Eenyuu
=deebi isaa👉 Abbaa dha.
Kanafuu abbaa meeqatu jira Abba tokkicha.
Kitaaba keessatti Abbaan jechuun waaqa isaanii jettanii sani jedhe Kiristoos dubbatee jira
⓹➧Yohaannis 8:54
Iyyaasuus Kiristoos deebisee akkana jedhe: “Ani yoon ulfina ofiif kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Inni ulfina anaaf kennu,
#Abbaa koo isa isin #Waaqa keenya jettan sana dha.
🌺 Abbaa=Waaqa jechudha

« kanafuu nuutis Abbaa
#Tokkicha qofa jira jenne
amana » ,"akkasumas ilma tokkicha qofatu jira jenne amana",Akkasumas Affuurra Qulqulluu tokkicha qofatu jira jennee Amana.
⓺➧Yohaannis 3:16
“Isatti kan
#amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, #Waaqayyo(Abbaan)  #Ilma isaa isa #tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera.
⓻➧1 Qorontos 12:4
Kennaan garaa garaa jira,
#Afuurichi garuu #tokkichuma sana.
👉 Abbaa
#Tokkicha qofaa
👉 ilma
#Tokkicha qofaa
👉 Affuura Qulqulluu
#tokkicha qofa.
🌺 nuuti warri orthodoksi kanitti Amana.

📍C))👉⁼ Musiliimoonni Kiristoos ergamadha jedhu. Yeroo kana nutti gaaffii qabna kani ergamee kuni eenyu jennee gaafana
⁼yeroo kana immoo Kiristoos jedhuu ,Kiristoos kuni eenyu jennee gaafana ilmaa Waaqayyo nuun jedhuu.
Kanafuu " kani ergamee dhufe kuni ilma Waaqayyo jedhi amani kaa. Yaa, Muslimaa.
⓼➧Yohaannis 11:27
Ishiinis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, ati
#Kiristoos, #Ilma_Waaqayyoo isa gara #addunyaa dhufu sana akka taate nan amana” jetteen.

📍D))👉⁼ kiristoos maalif abbaa tokkicha fi ilma tokkicha ergamee dhufe beeku qaban jedhee.
Sababiin isaa Abbaa fi Kiristoos wani hin beekneef, akkasii jedhe,
⓽➧Yohaannis 16:3
isaan wantoota kana kan godhan
#Abbaas taʼe Anaan waan #hin_beekneefi.
⓾➧Yohaannis 8:19
Isaanis, “
#Abbaan kee eessa jira?” jedhaniin Iyyaasus Kiristoos “Isin #Anas taʼe #Abbaa koo hin #beektan. Utuu Ana beektaniittu taʼee, Abbaa koos ni beektu turtan” jedhee deebiseef
kanafuu jireenyi bara bara kani argamuu Abbaa fi Kiristoos beekuu qabuu jedhe,akkekachisee jira.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
link kana xuqa hordofuu dandeessu👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼||⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
🅱 kutaa-74-ffªª.🅱
👉gaafii fi deebi
👉Muslimoota
Yohaannis 17:8
Ani
#dubbii ati Anaaf #kennite isaaniif kenneera; isaanis kana #fudhataniiru; Ani akkan #sii_bira dhufes sirriitti beekaniiru; akkasumas akka ati na #ergite amananiiru.
ዮሐንስ 17:8
የሰጠኸኝን
#ቃል ሰጥቻቸዋለሁና እነርሱም ተቀበሉት፥ #ከአንተም_ዘንድ እንደ ወጣሁ በእውነት አወቁ፥ አንተም እንደ #ላክኸኝ አመኑ.
▬▬▬▬▬▬▬▬
➩gaaffii isaanii.
1👉 dubbii Kiristoosi Abbaa irraa fudhatee barattoota isaati keena, inni ofi hin beeku
jedhuu.
▬▬▬▬▬▬▬▬.
👉 Deebii keenyaa.
Lakkii Kiristoos wanta hunda beeka
⓵➸Yohaannis 16:30
Ati wanta
#hunda akka #beektuu fi #eenyu illee si gaafachuun akka isa hin barbaachisne amma beekneerra. Kanaanis ati #Waaqayyo_biraa akka dhufte #amanneerra.”
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻
👍gara hiika jechoota
ilaalaa Yohaannis 17:8 irraa
maali ibsaa
🍇A))👉 dubbii ati naafi keenite Ani isaanii keenera jedha.
=dubbii isaa kami kennefilaata Kiristoos.
👇deebii isaa idduma kanatti ibsee jira Kiristoos, dubbi kani jedhame isaa kana ❝Kiristoos Abbaa bira dhufuu
#beekuu fi Amanuudha, gara biyya lafaa eegame dhufu isaatti"❞
🤝 sababiin isaa Jechi
#Fudhatanii jiru jedhuu kanuma ibsa wani ta’ef.
👉kunoo Kiristoos jechoota sani dubbii kee,jedhee malee dubbi bira mitii, ❞
👆barattoonni Kiristoos isaa kana
#Amananii fudhatanii jiru jechuudha.
⓶➸Yohaannis 17:8
Ani
#dubbii ati Anaaf #kennite isaaniif kenneera; isaanis kana #fudhataniiru; Ani akkan #sii_bira dhufes sirriitti beekaniiru; akkasumas akka ati na #ergite amananiiru.
➩Ragaa Dabalataa.
⓷➸Yohaannis 16:27
isin waan na jaallattanii fi Waaqayyoon bira akkan
#dhufe waan #amantaniif, Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin ni jaallata.
➩Jechi
#Amanuu jedhuu immoo Yoh 17:8 irratti ibsamee jira. Kaayyoo inni *
⓸➸Yohaannis 11:27
 Ishiinis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, Ati Kiristoos,
#Ilma Waaqayyoo isa gara #addunyaa dhufu sana akka taate nan #amana” jetteen.
⓹➸Yohaannis 8:24
Ani cubbuu keessaniin ni duutu kanan isiniin jedhes kanumaafi. Sababiin isaas,
#inni dhufu sun ana taʼuu koo hin #amantan taanaan, isin cubbuu keessaniin ni duutu.”
⓺➸Yohaannis 6:68
Nuti ati Ilma Waaqayyoo Isa Qulqulluu akka taate amanneerra; beekneerras.”
👉jecha
#beekuu 👆jedhu immoo ilma Waaqayyo ta'u beekuudha.
▬▬▬▬▬▬▬
🍇B))➩Jechi Ani Abbaa biraa dhufee jedhuu hoo,maali ibsa
👉Kuni immoo Kiristoos
#qofti Abba bira jirachuu ibsa.
⓻➸Yohaannis 6:46-47
Isa Abbaa biraa dhufe sana malee
#namni_tokko illee Abbaa hin argine; Abbaa kan arge isa #qofa dha.Dhuguma dhuguman isiniin jedha, Anatti kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba.
⓼➸Yohaannis 1:18
Yeroo kamitti iyyuu namni Waaqayyoon arge hin jiru
#ilma_tokkicha isa taʼee fi #Abbaa_bira jirutu waaʼee Isaa nuu ibse.
🌹kanafuu Kiristoos qofti erga Abbaa biraa turee ,inni Kiristoos Waaqa.
▬▬▬▬▬▬▬
🍇C))➩Kiristoos maalif Ergamee namoota fayyisuu.
⓽➸Yohaannis 4:42
isaanis dubartii sanaan, “Kana booda waan ati dubbatteef qofa amanna miti; nuti ofii keenyaa dhageenyeerra; namni kun dhuguma
#fayyisaa_addunyaa taʼuu isaas #beekneerra” jedhan.
▬▬▬▬▬▬
🍇D)➩Kiristoos erga namoota fayyisee booda hoo, eessa deemaa.
👉kara Tessoo isaa, isaa irratti dhufti deebi'a.
⓾➸Yohaannis 6:62
#Ilmi namaa bakka #dura turetti utuu oli baʼuu yoo argitan
maal jettu ree?
▬▬▬▬▬▬▬
▣◊ waligaltii dubbii kee, kani jedhamee Kiristoos Abbaa biraa dhufuu isa kani ibsu ta'u,hubbannee jira, fedhiin Abba namoonni akka fayyanii ,akkasumas
#fedhiin_Kiristoos namoonni akka fayyaniif fi du'a jala akka miliqanif.kunis fedhii Kiristoos isaa Kiristoos dhufee hojjin mirkaneenesse jira
🅾,Yohaannis 6:40
#fedhiin_Abbaa koo namni #Ilma_beekee isatti #amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi; Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”
▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣
➤ link waldaa keenyaa kana xuqaa hordofa👇👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣
🅱 kitaabota kana Waldaa #Goonfoon_Qulqulloota Maariyaamidha jedhuu keessa ni argatuu.
◊➸kanafuu waldaa kana gara oli xuqaa isaa booda kani isin dhufu.
➸Media
➸ files 👈
➸ links
➸ music
➸ voice
▣▣▣▣▣▣▣▣▣
xumura irratti #files kani jedhu sana xuqaa, yeroo isaa xuqan kitaabota sana isaa jalatti ni argatuu.
1➻Torbee 7
2➻Torbee 5
3➻Torbee 4
4➻ Torbee 3
5➸kitaaba Ayyaana
6➻kitaaba Gizxawee.
▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣
▹isaa booda bilbila keessan ni bana wani ta’ef dubbisa.
▱▱▱▱▱▱▱▱▱▱▱
➻waldaa Kitaabni keessa jiruu barbadani kuno link kan xuqa👇👇👇👇👇👇
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
🅾 kutaa-75-ffªª.🌺
       ➻ gaaffii fi deebi
       ➻ Muslimoota fi
      👉 pheenxee
Yohaannis 17:9
Ani waaee isaanii sin
#kadhadha kan Ani si kadhadhu waaee #addunyaa utuu hin tain, waaee warra ati Anaaf kennite sanaa ti; sababiin isaas isaan kan kee ti
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
◊➻gaaffii isaanii.
1= warri Muslimaa akkasii jedhuu erga Kiristoos Waaqayyo ta’e maaliif kadhachuu barbaachise jedhuu😁
2=warri pheenxee akkasii jedhuu Kiristoos nuuf kadhata jedhuu😁
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
◊ Deebi keenyaa.👇
Kiristoos Ani isiniif hin kadhadhu jedhe jira kani jedhuu ta'a.
⓵➸Yohaannis 16:26.
Guyyaa sanatti isin
#maqaa kootiin Abbaa #ni_kadhattu; kana jechuun koo garuu #Ani isiniif nan kadhadha jechuu
koo
#miti.
◊➛ Muslimaa fi pheenxee iddoo kana irratti immoo maali jeetu ree ?siila Kiristoos Ani isiniif hin kadhadhu jedhe jira.
Yaa
#Muslimaa maali siif
waya re
Yaa
#pheenxee maali siif
waya re
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼||⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
➛Amma immoo hiikaa jechoota sana ilaala (Yoh 17:9) irraa kani jiruu maali ibsaa.

A))◊➛Ani siin kadhadhaa jedha Kiristoos eenyu kadhata. jennee yeroo gafanu immoo Muslimaa fi pheenxee ,akkasumas amantooni tokkoo tokko Kiristoos Abba kadhata nuun jedhuu.
➛yeroo akkasii immoo nutti orthodoksooni Abbaan ofii isaa iyyuu hin beekuu kani geena kadhadha barbaduu jennee gaafana😁 .
👉 yeroo kana immoo
deebin hin jiru 🙈
➻amma garuu Kiristoos isiniif nan kadhacha yeroo jedhuu barattoota sanatu cubbuu hojjatee moo? Jenne gaafana Lakki barattoonni(11) Kiristoos gonkumaa cubbuu  hin hojjanne.
⓶➸Yohaannis 13:10-11
Iyyasus Kiristoos “Namni qaama isaa dhiqate hundi guutummaatti
#qulqulluu waan
taeef, miilla isaa dhiqachuu qofatu isa barbaachisa.
#Isin qulqulluu dha,garuu #hunda keessan miti” jedheen Kana kan jedhe, nama dabarsee
isa kennu waan beekuuf ture. “Qulqulluu kan tae hunda keessan miti” kan jedhes kanaaf ture.
◊➛ kanafuu barattoonni Kiristoos Qulqulluu dha, yihudaa Qofti Qulqulluu miti inni cubbuu qaba. Kiristoos darbarse kenne jira wani ta’ef.
⓷➻Maatewos 26:24-25
Dhugaa dha, Ilmi namaa
akkuma waaeen isaa barreeffame
ni deema; isa Ilma namaa
#dabarsee kennu sanaaf garuu #wayyoo! Namni sun utuu hin dhalanne taee isaaf
wayya ture.”
#Yihudaan inni dabarsee isa kennuuf jedhus deebisee, “Rabbii, ana tainnaa laata?” jedheen. Iyyaasusi “Atumti iyyuu jette kaa” jedhee deebiseef.
⓸➻Yohaannis 18:11
Iyyasus kirjstoos  “Waaqayyo biraa utuu siif hin kennamne taee, Ana irratti
#Aangoo tokko illee hin qabaattu turte. #Namichi_dabarsee sitti na
kenne,
#cubbuu_guddaa kan qabu kanaafi” jedhee deebiseef
🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺
Walumaagalatti barattoota 12 keessa tokko qofatti cubbuu hojjate jira
➪ barattoonni 11 Qulqulluudha
➪barataa 1 immoo Qulqulluu miti.
👉erga akkasii ta’e immoo Yohaannis 17:9 Ani isiniif nan kadhadhaa kani jedhanii Kiristoos barattoota 11 malee yihudaa miti. Sababiin isaa yihudaan achi bahee deeme jira.
⓹➻Yohaannis 13:30
Kanaaf, Yihudaan
#buddeena daabboo cabaa sana erga #fudhatee booda, yeruma sana #gadi_bae.Yeroon isaas halkan ture.
👉 yihudaa erga gadi bahee hin deebinee ,kanafuu Kiristoos barattoota 11 qofaa wajjin dubbachaa akka jiruu ibsa (Yohaannis 17:9) irratti.
🅰 amma immoo Kiristoos Ani Qulqullootaaf hin dhufnee cubbamaa fayyisuuf jedhee jira.
Kanafuu Barattoonni isaa immoo 11 Qulqulluudha kadhannaa maali isaanii barbachisaa reejennee Musiliimota fi pheenxee gaafana.🙈😂
⓺➻Matewoos 9:13
Kanaaf dhaqaa, ‘Ani aarsaa utuu hin tain gara laafina nan barbaada’ jechuun maali jechuu akka tae hubadhaa. Sababiin isaas Ani namoota Qulqullota
#utuu hin tain, #cubbamoota
waamuufan dhufe.”
➪kana booda Kiristoos barattoota isa 11 isin Qulqulluudhaa erga jedhee ,Lakki isaan Qulqulluu miti jedhe kani mormuu gonkumaa hin jiruu.=ok.

B))◊➛ amma immoo qabxiiwwan gara oli irraa maali hubbanna ree.
Kadhannaa inni jedhame akka dibbisa kanati cubbuu isaanii dhisii ,jedhu miti ,yookiin Ani Aarsadha jedhu miti.
Haala dubbii Kiristoos fi Abbaa jidduu jiru ibsuuf malee.
Fakkeenyaaf seera Uumama 1:26 irratti akkasii jedha ❝ koota nama akka bifaa keenyaa fi fakkeenya keenyaatti yaa, Uumanu jedha.
👉 akka jecha kanati qaamni tokko qaamaa biraattin koota yeroo jedhuu , wani qaamni tokkichi suni qaama biraa kadhatuu fakkaata, garuu iddoo kanati kuni kadhannaa irree hin ibsu Sababiin isaa qaamni tokko kadhate, qaamni immoo biraa kadhatama yoo,ta’e
Xumuraa irratti nama Aangoo tokkoo ,yoo, uumamni, erga Aangoo isaanii wali qixxee ta’e immoo maali kadhachuu hin barbaachisuu " kanafuu jedhi koota jedhuu maali ibsa ree, waliin dubbii qofaa ibsa jenne Amana.

Haaluma wali fakkata Kiristoos immoo ani Abbaa isiniif nan kadhadhaa yeroo jedhuu. Waliin dubbii isaanii qofaa ibsuuf.
Ragaa kitaaba Qulqulluu
kunoo 👇
⓻➻Yohaannis 14:13-14
#Abbaan karaa Ilmaa #ulfina akka argatuuf, wanta
isin maqaa kootiin
#kadhattan hunda Nni isiniif nan raawwadha. Wanta akkamii iyyuu #maqaa kootiin yoo
kadhattan ani nan raawwadha.
➛kanafuu Ani isiniif nan rawwadha jedhe jira ,Qaamni raawatu kuni immoo Waaqa
⓼➻Yohaannis 14:16
Ani Abbaa nan
#kadhadha Abbaanis inni bara
baraan akka isinii wajjin jiraatuuf gargaaraa kan biraa isiniif ni kenna.
➝kuni illee waliin dubbii Kiristoos fi Abbaa ibsa Ilmi Abbaan Afuurra Qulqulluu ergi jedhanii
⓽➻Yohaannis 15:7
Anaa wajjin tokkummaadhaan yoo jiraattanii fi
#dubbiin koos isin keessa yoo jiraate,
wanta barbaaddan
#kadhadhaa, innis, isiniif ni raawwatama.

⓾➻Yohaannis 15:16
Anatu isin filate malee, isin ana hin filanne; ani isin deemtanii firii godhachuu keessan akka itti fuftanii fi firiin keessanis akka jiraatuuf isin muudeera;
kanas kanan godhe, wanta
#maqaa kootiin Abbaa kadhattan hunda inni
akka isinii kennuuf jedheeni.
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
itti fufa......
👉link waldaa keenya kunoo isaa kana xuqaa👇👇
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
=========||========
🌹kutaa-76-ffªª🧉
       👉gaaffii fi Deebi
       👉Muslimoota
        👉 pheenxee
Yohaannis 17:9
Ani waaee isaanii sin
#kadhadha kan Ani si kadhadhu waaee #addunyaa utuu hin tain, waaee warra ati Anaaf kennite sanaa ti; sababiin isaas isaan kan kee ti
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
👇gaaffii isaanii.
1= Muslimoonni akkasii jedhuu  Kiristoos erga Waaqayyo ta’e maaliif kadhachuu isa  barbaachise jedhuu😁
2= pheenxee akkasii jedhuu Kiristoos nuuf kadhata jedhuu😁
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
Deebii keenyaa.
👉 Lakki Kiristoos Akkasii jedhee dubbatee ❝ Ana na kadhadhaa jedhee jira Afaanii isaattin ❞.
❶➪Maatewoos 9:37-38
barattoota isaatiin, “Dhuguma iyyuu,
#midhaan sassaabamu baayʼee dha, #hojjettoonni garuu muraasa. Kanaaf #Gooftaan makarichaa, hojjettoota gara makara isaatti akka ergu #kadhadhaa” jedhe.
👇 hiika jechoota kana
1➻midhaan sassaabamu kani jedhamee «namoota Addunyaa kanatti»
2➻Hojjatoota kani jedhamee «Barattoota» isaatti
3➻ Gooftaa makaricha kani jedhamee « Kiristoos »
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼*
kanafuu Kiristoos barattoota isaatiin ❝ Gooftaa makaricha kadhadha hojjatoota akka erguuf jedhee " hiikin isaa Ana kadhadha akka Ani barattoota erguuf jedhee »❞

👉 kanafuu Kiristoos Ana kadhadha jedhe jira.
Yaa Musiliimaa maali
siif wayya
Yaa, pheenxee maali
siif waya
▱▱▱▱▱▱▱▱▱
👉Amma Yoh 17:9 irratti maali hubbachisa laata.
❷➪Yohaannis 17:9-10👇
Ani waaʼee isaanii sin kadhadha; kan ani si
#kadhadhu waaʼee addunyaa utuu hin taʼin, waaʼee warra ati anaaf kennite sanaa ti sababiin isaas isaan kan keeti.
#wanti_kan_koo taʼe hundi kani keeti, #wanti_kan_kee taʼe hundis kan koo ti; anis isaan gidduutti ulfina argadheera.
🪷 akka dubbisa kanatti Namni kani Eenyuti.
A)) kani Abbaa moo
B)) kani Kiristoos
=Deebii isaa
kani lamaan isaanii iyyuutti.
" Sababiin isaa Kiristoos akkasii jedhee jira « kani kee hundi kani kooti,kani koo hundi immoo kani keetii wani jedheef »
👆erga immoo namni kani Kiristoos ta’e,wanta ofii harka qabuu irratti maaliif kadhachuu barbaachise reejennee pheenxee fi Muslimaa gaafanna =deebi hin jiruu 😁 jedhuu.
▱▱▱▱▱▱▱▱▱▱
➻ Walumaagalatti Kiristoos dhala namaa hunda bilisa basuuf wani dhufeefi " akkuma inni afaanii isaanii Ani bilisa yoo, isin base malee isin Garboota jedhe.
❸➪Yohaannis 8:36
#Ilmi_bilisa yoo isin baase, isin dhuguma bilisa ni taatu.
❹➪Galatiyaa 5:1
#Kiristoos_bilisa kan nu baase bilisummaa akkasii akka argannuufi. Kanaafuu, jabaadhaa dhaabbadhaa; deebitaniis #waanjoo garbummaa jala of hin galchinaa.
▣➛ kanafuu bilisa kani sii,basuu Kiristoos erga ta’e ,waee Kiristoos immoo isayaas akkasii jedhee inni ba'a isaanii baate kadhatee jedhee jira , kadhannaa kani jedhamee immoo amma bilisa basuu kana Seexanaa jala.
❺➪Raaji-Isayaas 53:12
namoota hedduu gidduutti gaʼee isaaf nan kenna, Innis namoota jajjaboo wajjin boojuu ni hirata, Sababiin isaas,
#inni_lubbuu isaa hamma duʼaatti illee dabarsee kenneera, #Yakkamtootaa wajjinis lakkaaʼameera #Cubbuu namoota hedduu ni baate, Yakkamtootaafis ni #kadhate.
▣➛ amma Kiristoos ni kadhate inni jedhuu bakka namoota bu'ee cubbuu namoota bachu isaatti , kunis ofii isaa dhifama godhee rawwate, dhifamni Abba akka beekamuu gochuuf akkasii jedhee malee Kiristoos wanta gochuu barbade ofii isaa iyyuu beeka.
👉 dhiifamni Kiristoos akkamitti beekamayoo,jedhamee Kiristoos gara namoota dhufuu isaa fedhii isa ibsa.
👉dhiifamni Abbaa akkamitti beekama ilma isa ergu isaatti (Yohaannis 3:16).
🌺 yaada bira immoo Kiristoos Abbaa kadhadha jedhee barsisee turee amma immoo akkamitti antu isiniif kadhata jedhu danda'a yaa, Muslimaa ,yaa,pheenxee deebii nutti himma kaa😁
▱▱▱
❻➪Maatewos 6:9
 “Egaa, isin akkana jedhaa
#kadhadhaa: “‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu.
❼➪Maatewos 6:6
#Ati garuu yeroo #kadhattu, gara kutaa kee seeni; balbala kee cufadhuutii Abbaa kee isa iddoo dhoksaa jiru kadhadhu. #Abbaan kee inni dhoksaatti ilaalus gatii kee siif ni deebisa.
▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣
link waldaa keenya argachuuf kana xuqaa 👇👇👇
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
▱▱▱▱▱▱▱▱▱▱
Audio
🅰 orthodoksi fi pheenxee.
           🌺Rakkoo pheenxee kana ilaala kuno👇👇👇
⓵➩pheenxee kuni
#maqaa #Kiristoos jedhuu eessaa akka dhufee gonkumaa hin beekani
⓶➩maqaa
#Iyyaasus jedhu jecha irraa dhufee gonkumaa hin beekani.
⓷➩pheenxee kuni kitaaba #66 gonkumaa hooma hin beekuu.
⓸➩pheenxee maqaan
#Waaqayyo jedhu jalqabaa eessa akka dhufee hin beeknani
kanafuu ergaa Kiristoos hin beekne, Waaqayyo hin beekne, kitaaba hin beekne . Maaliif guyyaa guutuu iyyaa oltuu laataa

nuuti warri
#orthodoksi kunoo akkanatti pheenxee #afaanii ishi cufaan.

#Orthodoksi (Gutema Gelana)
#pheenxe paasterii (Abdi)
..............................
pheenxee yaaduma iyyaasus Kiristoos jecha olu malee isaa gonkumaa akka hin beeknee hubbadha.