🌹Dπ™šπ™šπ™—π™žπ™ž 𝙒π™ͺπ™¨π™žπ™‘π™žπ™’π™€π™©π™–π™– π™›π™ž π™₯π™π™šπ™šπ™£π™­π™šπ™šβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆ
2.51K subscribers
54 photos
2 videos
9 files
113 links
β€œIyyesuus, β€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅αˆ ከፈαˆͺαˆ³α‹α‹«αŠ•αŠ“ αŠ¨αˆ°α‹±α‰ƒα‹α‹«αŠ• αŠ₯ርሾ α‰°αŒ αŠ•α‰€α‰αŠ“ α‰°αŒ α‰ α‰α‘ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’ (αˆ›α‰΄α‹Žαˆ΅ 16:6)
Download Telegram
Forwarded from Gutema Gelana
🌼 kutaa =1=ffaa
=Yoh 1:3
(Wanti hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru...
✍ wanta hundumaa jechuun kan ijan Mul’atan,akkasumas ijaan kan hin mulane,akkasumas Waaqayyo qofti,kan beekuu
=hundumaa kan qopheesse, kan uumee Kiristoos ta'u ibsa
πŸ‘‰ Mat 26:64(dubbisi)

=yaada kee,ibsu dandeessa

=Farfannaa Daawit
102:25-27πŸ‘‡.
πŸ‘‰Bara duriitti ati hundee lafaa in keesse, bantiiwwan waaqaas hojii harka keetii ti. Isaan baduuf jiru, ati garuu haftee in jiraatta; isaan hundinuu akka uffataa in ciccitu, ati akka uffataatti baaftee isaan in gatta, isaanis in dhidhimu! Ati garuu isuma sana, waggoonni kees dhuma hin qaban
++++++++++++++++++++
kutaa =2=ffaan
Raaji_Daani'el 7:13

πŸ‘‰β€œKunoo,
#ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqaatiin dhufuu isaa halkan mul'ataan nan arge; yommus inni gara isa bara baay'ee dheeraa jiraate sanaa dhaqee isa duratti in dhi'eeffame*. Warri #saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa #waaqessaniif, gooftummaan, ulfinni, mootummaan isaaf in kenname; gooftummaan isaa kan hin darbinee dha, inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti”
=Jechi ilma nama jedhuu foonii uffachu Kiristoos ibsa
Mootummaan isaa kan hin darbinee waaqa ta'u ibsaa
. =kanaafu Waaqayyo qofa akka hin jennee, dhala nama jedhee dubbata,foonin tokko ta'u Waaqayyo ibsaa
=yoo,imoo Kiristoos nama jette immoo, akkamitti sabni qooqa gargaara qabu isaaf bitamaa ykn waaqaffachu danda'an ree?

Kanaaf Kiristoos gonka nama, gonka Waaqa
amala lama irraa amala Tokko isaa jennuu dha
=kanafuu Kiristoos waaqa