🌹Dπ™šπ™šπ™—π™žπ™ž 𝙒π™ͺπ™¨π™žπ™‘π™žπ™’π™€π™©π™–π™– π™›π™ž π™₯π™π™šπ™šπ™£π™­π™šπ™šβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆ
2.37K subscribers
51 photos
2 videos
9 files
113 links
β€œIyyesuus, β€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅αˆ ከፈαˆͺαˆ³α‹α‹«αŠ•αŠ“ αŠ¨αˆ°α‹±α‰ƒα‹α‹«αŠ• αŠ₯ርሾ α‰°αŒ αŠ•α‰€α‰αŠ“ α‰°αŒ α‰ α‰α‘ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’ (αˆ›α‰΄α‹Žαˆ΅ 16:6)
Download Telegram
🌹➑️ kutaa-47 ffΒͺΒͺπŸ”ΊπŸ”ΊπŸ‘‡
          🚯Gaaffii fi Deebi
πŸ”³Muslimoota πŸ”³

✍ Yohaannis 11:41-42
isaan dhagicha irraa kaasan. Achiis Iyyaasuus(kiristoos) gara
#samii_ilaalaa akkana jedhe Yaa #Abbaa waan na #dhageesseef sin galateeffadha.
Dhugaa dha, ati
#yeroo hunda akka na dhageessu beeka;
haatau malee,
#namoonni as dhaabatan ati akka ana ergite akka #amananiifan kana dubbadhe.”
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ“Gaaffii isaanii
1=Kiristoos Alaazaari du'a kani kaase ofii isaa miti Abbaa kadhate malee jedhu..
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ”€ Deebi keenya
lakki akkasii miti kan jedhuu ta’u.
πŸ”˜ kanafuu Kiristoos sababa maalif Yaa, Abbaa akka ati na, dhageessu yeroo hunda beeka jedhe.

πŸŒΊπŸ”»sababa
#Tokkoffaa
Abbaan ilmi
ani jaladhu isaa dhaga'a jedhee namoota himme turee ,Haaluma wali fakkaata immoo Kiristoos Abbaan dhagau akka barbachisu ibseera.

β“΅=Matewoos 17:5
Utuma inni kana dubbachaa jiruu, duumessi ifa of keessaa qabu tokko dhufee isaan haguuge; duumessicha keessaas
#sagaleen
tokko, β€œKun Ilma koo isa jaallatamaa, isa
ani itti gammadu dha #isa #dhagaaa” jedhe

β“Ά=Yohaannis 11:42
Dhugaa dha, ati yeroo hunda akka na
#dhageessu beeka;
haatau malee,
#namoonni as dhaabatan ati akka ana ergite akka amananiifan #kana dubbadhe.”

πŸŒΊπŸ”˜ sababa
#lammaffaa
Abbaa fi Kiristoos yeroo hundaa akka garagari hin baanee ibsuuf

1=Yohaannis 8:16_18
Abbaan inni na, erge anaa wajjin waan jiruu fi
#Ani_kophaa koo waanan hin taaneef, utuma ani murteessee illee murtiin koo dhugaa dha.
Kana malees
#Seeruma keessan keessatti illee, β€˜Dhugaa baiinsi namoota #lamaa dhugaa dha’ kan jedhu
barreeffameera.
#Ani waaee ofii koo dhugaa nan baa; Abbaan inni na erges waaee koo dhugaa ni baa.”
➞kanafuu Kiristoos
kophaa isaa miti ,Kiristoos Akka Alaazaar du'a kaase Abbaan illee ragaa wani ta’ef, Kiristoos gara samii ilaalee dubbaate.

πŸŒΊπŸ”˜ sababa
#sadaffaa Kiristoos kan dura Ani nama du'a nan kasa #sagalee koo, qofan jedhe ture isaa dubbatee hojiin ibsuufi

β“΅=Yohaannis 5:25
Dhuguma dhuguman isiniin
jedha,
#saaatiin warri duan #sagalee
Ilma Waaqayyoo itti dhagaan ni dhufa; saaatiin sunis amma dha; warri xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatanis ni jiraatu

β“Ά=Yohaannis 11:43_44
Wantoota kana erga dubbatee booda
#sagalee guddaadhaan, β€œAlaazaar asi bai!” jedhee iyye. #Namni_due sunis miilli isaa fi harki isaa akka kafanametti #gadi_bae; fuulli isaas huccuudhaan maramee ture.
Iyyaasuus(Kiristoos)
β€œIsa irraa hiikaa haa deemu” isaaniin jedhe

πŸŒΊπŸ”Ίsababa
#afuraffaan
Dubbi raajoota raawachuuf
hojji gaarii nutti argisiisi jecha turan ,kuni immoo Kiristoos qofaa (lafaa kana irraa barsiisa Ana qofa jedhe *kanafuu barsiisa ergaa tokko ta’e kuni immoo Kiristoos

β“΅=Far Daawit 4:6
#Namoonni baay'een, β€œEenyutu waan gaarii nutti argisiisa?” in jedhu; yaa Waaqayyo, ati ifa fuula keetii nu irratti ol kaasi

β“Ά=Yohaannis 10:32
kiristoos deebisee, β€œ
Ani Abbaa biraa #hojiiwwan_gaggaarii hedduu isinitti argisiiseera. Maarree hojiiwwan
kana keessaa isa kamiif dhagaadhaan ana rukuttu?” isaaniin jedhe

β“·=Matewoos 23:8-10
#Isin garuu Barsiisaan
keessan tokko qofa waan taeef,
β€˜
#Rabbii’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin hundi keessan obbolaa dha.
Kana malees Abbaan keessan tokkicha isa samii qofa waan taeef, lafa irratti eenyuun iyyuu β€˜abbaa’ jettanii hin waaminaa.
#Geggeessaan keessanis #tokko, innis #Kiristoos qofa
waan taeef, β€˜geggeessaa’ jedhamtanii hin waamaminaa.

πŸŒΊπŸ”˜ sababa
#shanaffaa nuuf #fakkeenya ta'uf gara saami ilaale ,Akkasi jedhee kanafuu.
Kiristoos barsiisa erga jedhamee
#seeraa hunda sii,barsisuu qaba.

β“΅=Filiphisiiyus 2:5
Isinis
#ilaalcha Kiristoos Iyyaasuus qabu sana qabaadhaa
β“Ά=1Phexros 2:21
Dhugaa dubbachuuf isin jireenya akkasiitiif waamamtan; sababiin isaas, Kiristoos faana isaa
dhiheenyatti akka hordoftan fakkeenya isiniif dhiisuudhaan isiniif jedhee dhiphateera
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
🌺kutaa_13 ffaa DubbisaπŸ‘‡

https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha/224

--------------------------------------
🌺link kan xuqa hordofaπŸ‘‡
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
  =========//=========
πŸ…Ύ kutaa-71-ffΒͺΒͺ .🌺
     πŸŒ»βž›Gaaffii fi Deebi
     πŸŒ»βž›Musiliimota
✍Yohaannis 15:10
Akkuma
#Ani_ajajawwan Abbaa eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis ajajawwan koo yoo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
➩gaaffii isaanii.
1=Kiristoos Waaqayyo mitii inni ajajaa Waaqa eegga malee jedhu❓
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ“deebii isaa :
Jalqabaa Kiristoos Waaqayyo dha, ajajaa kani basuu Abbaa qofaa mitii ,Kiristoos illee ajaja ni baasa. Sababiin isaa Kiristoos akkasi wani jedheefi
Β« akkuma Abbaan hojjatu ilmi irree Haaluma walifakkaatan ni hojjata jedhee.
βœ…Fakkeenyaaf*
Ajajaa gosa tokko yoo,ta’e.
Kiristoos illee kani biraa hin fidu tokkummaa malee. Yoo,Lakki ajaja gargaara jedhete immoo dubbii Kiristoos faalleessaa deemta jechuudha, ❝ sababin isa Haaluma wali fakkataan hojjadha jedhee malee ,kani biratti(gosa birati) hin jennee  inni❞❌
β“΅πŸ‘‰Yohaannis 5:19
Iyyaasus(kiristoos) akkana jedhee isaaniif deebise: β€œDhuguma dhuguman isiniin jedha,
#Ilmi waanuma Abbaan isaa #yeroo hojjetu arge qofa malee, ofii isaatiin kakaΚΌee wanta tokko illee hojjechuu hin dandaΚΌu. Sababiin isaas waanuma #Abbaan hojjetu hunda, Ilmis haaluma
#wal_fakkaatuun
wantootuma sana hojjeta.
πŸ“kanafuu Kiristoos jalqabumaa ajaja Abbaa wajjiin basa malee
kophaa isaa mitii.
β“ΆπŸ‘‰Yohaannis 8:16.
Abbaan inni na erge
#Anaa wajjin waan jiruu fi #Ani_kophaa koo waanan hin taaneef, utuma ani murteessee illee murtiin koo dhugaa dha.
➩ erga Kiristoos ajaja basee immoo ajaja sana eeggu qaba.

β™ˆοΈ Jechi
Ani akkuma ajajaa Abbaa #eeggu jedhuu"
immoo Kiristoos nuufi
#fakkeenya ta'uf gadi ofi qabe hiyyeessaa ta’e. Akkasii jedhe.malee Wanta birafi miti.

β“·πŸ‘‰2.Qorontos 8:9
#Sababiin isaas, isin #gaarummaa #Gooftaa keenya Iyyaasus Kiristoos isa guddaa beektu; #inni_sooressa taΚΌus, isin karaa hiyyummaa isaa sooreyyii akka taataniif isiniif jedhee #hiyyeessa taΚΌe.

πŸ…± inni bira immoo
Ani jalala abbaa keessa, isin immoo jalala koo,keessa jiradha yero jedhuu immoo
*Fakkeenyaaf.
Yoo,Kiristoos jalate ,abbaa jalate jechudha Haaluma wali fakkaata yoo Kiristoos jibbitee Abbaa jibbitee jechudha.
➩qabxiiwwan nuuti hubbaannu jalali abbaa kana biraa ta’e ,jalali Kiristoos nuu,jalate  gosa kani biratti jechuu miti ❌.
β“ΈπŸ‘‰Yohaannis 15:23
Namni na jibbu hundi Abbaa koos ni jibba.

πŸ…° Kiristoos Abboommii yookiin ajjaja koo, eegga jedhe jira.
β“ΉπŸ‘‰Yohaannis 14:15.
 β€œIsin yoo na
#jaallattan #ajajawwan_koo(Abboommii koo) ni eegdu.
βš› ergaa akkasii ta’e immoo Kiristoos Waaqayyo jechudha. Yohaannis akkasi jedhee.jira Waaqayyo jalachu jechuun ajaja isaa yookiin abboomi isaa eeggudha jedhee.
β“ΊπŸ‘‰1 Yohaannis 5:3.
#Waaqayyoon jaallachuu jechuun #ajajawwan isaa #eeguu dha; ajajawwan isaa immoo baΚΌaa ulfaatoo miti;
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
waldaa keenyaa hordofuu
Yoo,barbada kan xuqiπŸ‘‡πŸ‘‡
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha